Seenaa

asli (2)Beekan Guluma Erena.

Instructor, Researcher, Author, Editor and Translator.


 

Baga Gammaddan; Nooruu Harka Fuune!

  • Akkam jirtu Oromoo guutummaa biyya lafaa kanarra jiraachaa jirtaniifi firoota Oromoo hundumaaf?
    •Ani Maqaankoo Beekan Gulummaa Irranaan jedhama. Kanin dhaladhee guddaadhe biyya Oromoo, Oromiyaa lafa lalistuufi magariituu gootota, hayyootaafi atileetota hedduu biqilchite keessatti. Afaan Oromoo Afaan dhalootakooti; Afaan Ingiliziifi Afaan Amaaraas hanga tokko nan dubbadha.
    •Gulantaan barnootakooti; digirii jalqabaa Yunivarsiitii Jimmaattin Afaan Oromoofi og brruu baradhe. Digirii lammataa Yunivarsiitii Finfinneettin Afaanuma Oromoofi ogbaruu baradhe. Digirii sadaffaa yookaan dooktorummaakoof muummee ‘Xiinqooqaafi Olkaa’aa Aadaa’ seeneen waggaa sadiif baradheen utuun hin xumuriin dhiibbaa gama mootummaa TPLF narra geessifameen addaan kutee carraa barnootaafi qorannoo biroon biyya Amarikaa keessaa,Yunivarsiitii Harvard gaafa Hagayya 16, bara 2015 kaaseen as seenee jira.
  • Kitaabota Afaan Oromoo hedduun barreesse. Qabiyyeewwan kitaabotakoos, Afoola uummataa walitti qabuun xiinxaluufi barreeffamaan olkaa’uu, kan ittiin akka wabiitti gargaaramuun afaan Oromoo barsiisan, asoosamoota dheeroofi gaggabaaboo, Kitaabota walaloo, kanneen ilaalcha saba Oromoofi xiinsammuu sabichaa faana hidhata qabanidha. Hanga ammaatti kitaabota 33 barreesseera. Barruulee Oromoo biyya keessa jiran kanneen akka “SIIFSIIN, SAFUU, fi SIMBIRTUU GADAA keessatti gumaachikoo guddaa ture. Keessumattuu ‘’SIIFSIIN’ barruu jedhamuuf gulaalaa olaanaafi barreessaan ture. Kitaabota barnootaa Afaan Oromoo kutaa 5- 8 manneen barnootaa Oromiyaa keesaaf gumaacha guddaa kenneera. Kan kutaa 5ffaaf ammoo barreessaan ana. Dargaggoota Oromoo dhibba tokkoo ol lakkaa’aamaniifis bilisaan kitaaba isaanii gulaaleera.
  • Ammas barruuleefi joornaalota Afaan Oromoon sadarkaa addunyaatti yeroo yerootti maxxanuu qaban dhaloota haaraa kanaaf hundeessuuf hiriyootakoo faana marii guddaarran jira.
  • Kitaabonni Oromoo bal’inaan Oromiyaa keessatti raabsamaa jiru. Warra fageenyarra jiraniifis toora miidiyaa hawaasaa kanneen akka Amazon.com, http://gibetube.com, http://www:borofa.comfi http://www.jiituu.com irrattis ni argamu.
  • Yeroo ammaa kanatti qorannoo ‘Dhimma diddaafi Sochii barattoota Oromoofi gaaffii abbaa biyyummaa’’ jedhurrattan hojjetaa jira. Qorannookoon cinatti silabasii barnoota Afaan Oromoof ta’u hojjedhee Yunivarsiitii Harvard damee Afaanota Afriikaaf galcheen Afaan Oromoo akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennaamuuf eeyyamsiifadheen jira. Barnoonni kunis gulantaa sadiin; jechuunis Gulantaa duraa yookaan bu’uuraa, giddu galaafi olaanaan qoodamee akka kennamu taasisaan jira. Kanaafis bu’uurarraa eegalee barsiisuurran jira. Kitaabota barnoota kanaaf ta’anis afaan lamaan walmaddii qopheessuurrattan argama.

Afaan kana Yunivarsiitii keessatti barsiisuun maddiitti gama sararoota miidiyaalee hawaasaa garaagaraan barsiisuuf qophii hunda xumureen jira. Kanaafis barumsa Afaan Oromoo toora garaagaraarratti barachuufi daa’imman keessan akka baratan kan barbaaddan biyya kamirrayyuu teessanii marsariitii www.beekanguluma.org kan jedhurra seentanii kallatumaan na argachuu dandeessu.
Walumaagalatti, Afaan Oromoo barachuun maaliif barbaachise?
1.Addunyaan addunyaa af lammeessoo (af-heddee) waan taateef,
2.Afaan dabalataan barachuun hubannaafi ilaalchaafi aadaa saba afaanicha dubbatu sanaa akka bal’inaan beekaniif waan nama gargaaruuf,
3.Saba Afaanicha dubbatu sana faana hariiroo uumuun carraawwan ajaa’ibsiisoofi waan haaraa ta’an waliin qooddachuuf,
4.Afaan dabalataa qabaachuun dandeettii xiinxala nuti waa tokkorratti gadi fageenyaan raawwannurratti bu’aa guddaa argannu waan ta’aniif,

5. Afaan dabalataa qabaachuun afaanota biroollee dabalataan barachuuf daandii namaaf saffisiisuun cinatti saayinsii xiinqooqaa biroo salphaatti waan gonfannuuf,
6. Addunyaa kana keessatti eenyuufi maal faana akka jiraachaa jirruuf hubannoo dabalataa nuuf kennuu danda’a waan ta’eef,
7. Afaan Oromoo biyya Oromoo kan ta’e, Oromiyaa keessatti ittiin waliigaluuf, ilaalcha ofii ibsachuuf, daldala, hojiifi hariiroo uummataa kamiyyuu keessatti fayyidaafi fayyadamaa ta’uuf nama dandeessisa
8. Afaan Oromoo barachuun dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa biyya Oromoofi biyyoota Oromoon jiran maraa keessatti waliin hojjechuuf daran nama gargaara.
9. Afaan Oromoo barachuun of ta’uudha, sabboonummaadhaa, guddinaafi dagaa horadha!

10. Afaan Oromoo barachuun injifannoofi milkii uummanni Oromoo itti adeemaa jiru kana keessatti qooda fudhataafi abbaa carraafi milkii nama taasisa!
Hub.
Ani yeroo ammaa kanatti lafti ani jiraataa jiru: Biyya America, Kutaa Massachusetts, Magaalaa Cambridge Yunivarsiitii Harvard’ keessadha. Yeroo dhihoon boodammoo injifannoofi milkii guddaan Oromiyaa biyya abbaa keenyaarratti hundumti akka wal arguuf jirru abdiinko irra dhangala’aadha!
Ulfaadhaa; hora bulaa deebanaa, Ija keessanirraa na hambisaa; na ofkolchaa!

 


©Beekan Guluma Erena, Adoolessa 30, 2016