Dhimma “Bobbaa Birmachuu Biyyaa” Irratti Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame. Seenessaa Qeerroo’tiin

Dhimma “Bobbaa Birmachuu Biyyaa” Irratti Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame. Seenessaa Qeerroo’tiin

Dhimma “Bobbaa Birmachuu Biyyaa” Irratti Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame.
============
Qophiin Addaa “Bobbaa Birmachuu Biyyaa” Jedhu ABO’tiin Biyyota Alaa Bakkeewwaan Qubsumni uummata Oromoo itti argamuu cufaatti gaggeeffamuu egalee jira. Qophiin #Bobbaa_Birmachuu_Biyyaa Uummata Oromoo, BeektootaOromoo, Abbootii Qabeenyaa Oromoo, Diasporaa Oromoo, Actiivistoota Qaroo Oromoo , Gurmuu Hawaasa Oromoo bakka hundaa Kan ilaallatudha. Qabsoo fi Kaayyoo uummata tokkoo galiin gahuuf ‘Tumsii uummatichaa’ murteessadha, uummata waltumsu, walirra tumsu, Waliif tumsuu, walirratti tumsuu, kaayyoo fi akeekaa tokkicha ittin gara bilisummaa fi walabummaa isaaf hiriiruutu barbaachisaadha. Roga Fedhee kamiin iyyuu akkuma ciminni guddaan jiruu, hir’inootni xixiqqoo sabichi furachuu hin dandeenyee tokko illee hin jiru. Adeemsaan wal hubachaa fi kaayyoo fi akeekaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraa kanneen fallaa hiriiran irraas of eeggachaa kallatti bilisummaa saffisiisuu fi umrii abbaa irree gabaabsuu irratti fuulleeffachuun waan fardiiti. Kayyoo tokkicha fi akeekaa bulisummaa keenyaafi walabummaa biyyaa keenyaaf aburraannee kaane irratti cichuun; ammas deebinee kan dhaammannu wal tumsuu, waliif tumsuu fi waliin tumsuun uummata Oromoof dhimma Murteessaa ta’uu Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadii jabeessee hubachiisa. Ijoon Qophiin Bobbaa Birmachuu Biyyaa

———

1. Qabsoo Bilisummaa Oromoo roga hundaan jiruu Dinagdeen jabeessuuf,

2. Oromoof WBO Caalatti Hidhachiisuufi Humna Ittisa Uummataa Oromiyaa keessa Socho’uu jabeessuun Qabsoo Hidhannoon utubuun Oromoo Humneessuuf,

3. Waraanaa maqaa Liyuupoolisii Somaalee jedhuun mootummaan Wayyaanee Banaa Oromiyaa fi Kibba bahaa Oromiyaan uummata Oromoo irratti baname dura dhaabbachuuf

4. Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa FXG Qeerroo Bilisummaa Oromoon durfamuu finiinfamuu turee fi jiruu daranuu jabeessuufi waliin hiruuruuf,

5. Sochii Sagalee Uummata keenyaa Biyya Keessatti Waraana Komaandii Poostii Wayyaaneen ukkanfamaa jiruu fi Sagalee Ilmaan Oromoo badii tokko malee humna waraanaan ukkanfamanii hidhamanii himata somaan himatamaa jiranii Addunyaatti dhageesisuuf Qophii bu’uura ijoo qabsoo keenyas of keessatti qabatee jiruu ta’uu Qeerroon bilisummaa Oromoo ummata Oromoo hundaa hubachiisa. Kanaafuu Bakkeewwaan Walgahiin “Bobbaa Birmachuu Biyyaa” Gaggeeffamuu Kamittuu ilmaan Oromoo argamtaniifi Kanneen Fageenyarra jirtan toora ittiin Qophii Bobbaa Birmachuu Biyyaa Irraa Qooda Fudhattan Ammuma irraa Eegaluun akka tolfattan ammumarraa isin hubachiifna. Injifannoon uummata Oromoof!! Hooggansaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Guraandhala 25/2017

AADAA OROMOO KEESSATI GUYYAA CIDHAA JAARSOOLIIN BIYYAA AKkAS JEDHAANIi EEBBA ISA DHUMA A EEBBISU! Anis akka jaarsooli keenyataan isiin eebisa!

QABTTANIITTU


Nagaa qabadhaa
Halkan abjuu qabadhaa
Guyyaa yaada qabadhaa
Coqorsa ta’aa lafa qabadhaa
Urjii ta’aa waaqa qabadha
Aannanii fi garaa ta’aa
Mucha fi okolee ta’aa
Faanaa fi lafa ta’aa
Daadhhdhaaf mataa ta’aa
Handoodee garee ta’aa
Bonaaf ganna lalisaa
Ibicha ballee ta’aa
Bonaaf ganna daraaraa
Ibsaa gaara irra ta’aa
Iddoo hundaatti mul’adhaa
Biiftuu ganamaa ta’aa
Ol adeemaa guddahaa
Cirracha abbayyaa ta’aa
Hamartuun isin hinfixin
Galaana abbayyaa ta’aa
Waraabduun isin hinfixin
Horii horaa
Nama horaa
Horaa keessa taa’aa
Horii nama qabu horaa
Nama qalbii qabu horaa
Kan hortaan keesssa oola bulaa
Bobbaaniif galli naga isinii haa ta’u
Adi furdaa uffadhaa
Adii furdaa unaadhaa
Ilkaan baalciitiin nyaadhaa
Harriin daashoo irratti isin haa harca’u
Ilmaaf durba wal irraa horaa
Akka soogidda walitti mi’aawaa
Akka qumbi walitti urgaa’aa
Afaan keessaniif garaan keessan tokko haa ta’u

kun YEROO KAMITTIYYUU QABEENYAA OROMO dha, kanaaf seeraan kan eegame dha)

SABABOOTA SIRRII HIN TA’IIN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN: Lati Hirpha Hunde

SABABOOTA SIRRII HIN TA’IIN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN: Lati Hirpha Hunde

SABABOOTA SIRRII HIN TA’IIN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN.
——–

Namni sababoota adda addaaf gaa’ela dhaabbata. Sababoonni tokko tokko gaarii dha; tokko tokko garuu gaarii miti. Yeroo ammaa kanatti Kan gaa’elli baayy’ee fiixaan ba’umsa dhabeef, sababa namni kaayyoo gaa’eelaa sirriitti hubachuu dadhabeefidha. 

Namni kam iyyu gaa’ela godhachuun duratti, gaafii maaliif gaa’eela godhachuun na barbaachise Kan jedhuuf deebii kennuu qaba. Maaliif gaa’ela godhachuun akka isa/ ishee barbaachise sirriitti hubatanii, beekanii itti seenuun; akka gaa’ela milkaa’ina qabu godhannu nu taasisa. Fiixaan ba’umsa argachuuf beekumsi baayy’ee barbaachisaadha. Wanta hunda dura sababoota sirrii hin ta’iin gaa’elatti nama seensan adda baasanii beekuun gaarii dha. Sababoonni dogoggoraa kun akka armaan gadiitti jiru:

1- MAATII AARSUUF GAA’ELATTI SEENUU

Namoonni tokko tokko amma yoomitti maatiin koo akka kanatti na acuucu, akka ani hiriyyaa hin qabanne maaliif seera natti baayy’isu, maaliif natti dheekkamu jedhanii aarii maatii irraan Kan ka’e gaa’elatti seenu. Namoonni akkasii hubannoo gaa’elaa qabaatanii osoo hin taane, acuuccaa fi seera maatii jalaa ba’uuf jecha gaa’elatti seenu. Kanaaf ani eenyu akkan ta’e maatii kootti agarsiisuun qaba jedhanii bifa aariin gaa’elatti seenu. Gaa’elli akkasii iddoo tokko ga’ee rakkina godhachuu mala. Namni aariin ka’ee nama aarsuuf gaa’ela godhatu, nama waliin gaa’ela godhatu kana ija jaalalaan, ija hiriyyummaadhaan ilaaluu dhiisuu mala.

2- jeequmsa maatii baqachuuf gaa’elatti seenuu

Namoonni tokko tokko maatii jeeqamoo keessatti Kan guddatan jiru. Tarii maatiin isaanii sababa adda addaan wal rakkisuu danda’u. Yeroo hunda maatiin mana keessaa walitti iyyu, wal jeequ, wal abaaru yoo ta’e, ijoolleen isaanii amma yoomittin akka kanatti jiraadha, gaa’ela godhee mana kana sokkuun qaba jedhanii gaa’elatti seenu. Rakkina tokko baqachuuf jennee otuu hubannoo gaa’elaa hin qabaatiin yoo itti seenne rakkina biraaf nu saaxiluu danda’a. Kun immoo gowwummaadha. 

3- MIIDHAMA KALEESSA HIR’ANFACHUUF

Namoonni tokko tokko hariiroo ykn jaalala keessatti yoo miidhamaniiru ta’e, miidhama isaanii kana hir’anfachuuf jecha dafanii gaa’elatti seenu. Miidhama keenya kaleessaa irraa fayyuuf jennee hubannoo malee yoo dafnee gaa’elatti seenne, milkaa’uu dhiisuu dandeenya. 

4- yeroon nurra darba jedhanii waan sodaataniif

Dhiirotas haa ta’u shamarran yeroo umuriin keenya ol guddachaa adeemu, Otuu ani gaa’ela hin godhatiin umuriin koo darbaa jira jennee yaadda’uu eegalla. Keessumaa wanti akka kanaa irra caalaa shamarran mudata. Yeroon narra darbaa jira waan ta’eef nama na gaafate yoon argadhe gaa’ela dhaabbachuun qaba jenne sammuu keenya qopheessina. Yeroo kanatti nama dhufee natti tolta, sin jaalladha jedhee fedhii nutti agarsiise; waa’ee amala isaa/ ishee otuu gadi fageenyan hin bariin dafnee tole jennee gaa’elatti seenna. Yeroon narra darbaa jira jenne namuma amala isaa hin beekne waliin mana ijaarrachuun gaarii miti. 

5- SODAA QOFUMMAA KEESSAA BA’UUF

Namoonni baayy’een maatii isaanitti hirkatanii waan guddataniif, maatii isaanii irraa yeroo adda ba’an nama itti hirkatan barbaachaaf jecha dafanii gaa’elatti seenu. Maatiin tokko tokko yeroo ijoollee isaanii guddisan, wanta hundumaaf  ofii isaanii itti gaafatamummaa fudhatu malee akka ijoolleen isaanii itti gaafatamummaa baran sirriitti hin barsiisan. Ijoolleen akkasii hirkatummaan gudatu; ofitti amanamummaa hin qaban. Gaafa maatii isaanii irraa adda ba’an wanti hundi waan itti dukkanaa’uuf ykn qofummaan waan itti dhaga’amuuf qofummaa kana keessaa ba’uun qaba jedhanii otuu hubannoo gaa’elaa hin qabaatiin dafanii itti seenu. Namni hirkatummaa bare gaa’elaaf qophaa’aa miti. Gaa’elli qofummaa keessaa ba’uuf ijaarratan yeroo baayy’ee milkaa’ina hin qabu. 

6- NAMA MIIDHUU WAAN SODAATANIIF

Namoonni lama wal jaallatu haa jennu. Otuma wal jaallachaa jiranii, isheen shamarree waa’ee gaa’eela itti kaasti. Isheen baayy’ee isa jaallattee jirti. Inni dhiiraa garuu jaalala dhugaa qabaachuu dhiisuu mala. Isheen shamarree garuu garmalee waan isa jaallattuuf; yoo ati na dhiiste ofin ajjeessa, ani si malee jiraachuu hin danda’u isaan jetti yeroo baayy’ee. Kanaaf yeroo isheen gaa’ela godhanna jettu, yoon dide ni miidhamti jedhee waan sodaatuuf tole jedha otuu jaalala dhugaa isheef hin qabaaatin. Miidhama yeroo gabaabaaf jedhanii dhukkuba yeroo dheeraa walitti horuun gaarii miti.

7- SABABA ULFAAF GAA’ELATTI SEENUU

Namoonni tokko tokko hiriyyummaan otuu jiranii wal qunnamii saalaa raawwatu. Kana gidduutti intalli ni ulfoofti. Haa ta’u malee, jarreen kun gaa’elaaf qophii miti. Ulfaa’uun ishee karoora isaanii jijjiiree dafanii akka isaan gaa’ela godhatan godhe. Karaa biraa immoo isheen shamarree garmalee yoo isa jaallatte hiriyyaa ishee sana qabachuuf jettee daftee ulfoofti; akkasumas inni dhiiraa baayy’ee waan ishee jaallatuuf tarii na dhiisti jedhe yoo yaade, ittiin qabachuuf jedhee dafee ulfeessuun gara gaa’eelatti seenu. Gaa’elli akkasii iddoo tokko ga’ee rakkina godhachuu danda’a. Kanaaf of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.

Madda: Kan dubbise irraan gara Afaan Oromootti hiike. 

Hub: sababoota sirrii gaa’elatti nama seensan Yeroo dhiyoottin maxxansa.

Odaa Oromoo

SABABOOTA SIRRII TA’AN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN!: Lati Hirpa Hunde: Dargaggootaaf Gorsa Gaariidha!!

SABABOOTA SIRRII TA’AN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN!: Lati Hirpa Hunde: Dargaggootaaf Gorsa Gaariidha!!

SABABOOTA SIRRII TA’AN KAN GAA’ELATTI NAMA SEENSAN!
—–
Yeroo ammaa kanatti waa’een gaa’elaa kun namoota baayy’eetti bitaacha’eera. Ija namoota baayy’ee duratti gaa’elli akka waan gatii hin qabnetti ilaalamaa jira. Keessumaa jaarraa 21 ffaa kana keessatti yeroo itti qajeelummaan, kabajni, amanamummaa, fi of kennuun akka aadaa duriitti lakkaa’amaa fi tuffatamaa jirudha. Namni heedduun akkuma qophee jijjiiru, hiriyyaas jijjiiraa oola.

Namatti bitaacha’uun waa’ee gaa’elaa kun kan nama ajaa’ibsiisu miti. Yeroo ammaa kanatti kitaaboleen tokko tokko, Gaazexaan, agarsiisni TV tokko tokko, Diraamaan adda addaa waa’ee haati manaa abbaa manaa ishee dhokattee ykn abbaan manaa haadha manaa isaa dhokatee nama biraa waliin ciise/ciiste, isaan wal dhiisan kan jedhu dubbachaa oolu. Ilaalchi keenyas isa dhageenyu fi arginu kanaan liqimfamaa oola.

Namni akkuma gabaa deemee uffata bitatu, hiriyyummaas bitachaa jira. Uffata yeroo bitannu, uffannee ilaallee yoo nutti ta’uu dide baasne Kan biraa uffannee ilaalla. Jaalallis ykn wal fuudhuunis bara kana akkas ta’eera. Tokko fuunee yoo ta’uu dide deebisnee ariinee Kan biraa fuuna. Uffata tokko bitannee erga sinsinniin isaa nurra darbee booda golatti ishee gannee kan biraa bitanna. Jaalallis sinsinnii ta’eera. Erga wal fuutee booda wal sinsinnooftee; yoo ta’uu dide wal dhiistee Kan biraa barbaaddatta.

Wanta nuyi ija keenyaan ilaalaa oollu fi gurra keenyaan dhaga’aa oollu sodaa gaa’elaa keessa nu galcheera. Garuu, wanta nuyi hubachuu qabnu gaa’elati sirrii miti osoo hin taane, akkaataa itti namoonni gaa’ela kanatti seenanti sirrii miti. Kanaaf hubannaa ga’aadhaan gara gaa’elaatti seenuun balaa bara kanaa irraa nu baraara. Gaa’elli yaada fi akeeka waaqayyooti. Akkas jechuun gaa’ela Kan hundeesse waaqayyodha. Kanaaf gaa’elli yaada waaqayyoo waan ta’eef, baayy’ee gaarii dha.

Namni sababoota sirrii hin taane qabatee waan gaa’elatti seenuuf milkaa’ina dhaba. Kanaaf akka milkaa’ina argannuuf sababa sirrii fi qajeelaa ta’een; hubannaa sirriin gaa’elatti seenuu qabna. Fiixaan ba’umsa kan nuuf kennu wanta nutti dhaga’amu osoo hin taane, wanta nuyi beeknudha. Hubannoo sirrii qabachuun kufaatii irraa nama oolcha. Egaa sababoota sirrii gaa’elatti nama seensan akka armaan gadiitti ilaalla:

1- SABABA FEDHA WAAQAYYOO TA’EEF
Gaa’ela kan hundeesse waaqayyo waan ta’eef; namni gaa’ela dhaabbachuun fedha isaati. Waaqayyoti hundeesse waan ta’eef isa caalaa Kan beeku hin jiru. Kanaaf gargaarsa waaqayyoo fi akka fedha waaqayyootti gaa’elatti seenuu qabna. Fedhii waaqayyoon alatti wanta nuti goonu hundi bu’aa hin qabu. Kanaaf ogummaa fi hubanna waaqayyoo keessa ta’anii yeroo gaa’elatti seenan ni milkaa’u.

2- JAALALA WALIIN QOODDACHUUF
Gaa’eelli kan abbaan manaa fi haati manaa walitti dhufanii jaalala isaanii waliif qoodanidha. Jaalala isaanii kana bifa adda addaan waliif ibsu. Karaa isaan ittiin jaalala waliif ibsan keessaa wal qunnamtiin saalaa isa tokko dha. Haa’u malee jaalalli isaan waliif ibsan ykn qoodan kun haala irratti kan hundaa’e miti. Waliif yaaduu, wal kabajuu, fedhii walii guutuu dhaan jaalala isaanii waliif ibsu. Jaalalli dhugaa maal akka ta’e, akkamiin jaalala dhugaa kana waliif ibsina, akkamiin jaalala dhugaa kana keessa bara keenya guutuu waliin jiraanna jedhanii sirriitti hubatanii gaa’eelatti seenuun fiixaan ba’umsa namaaf kenna.

3- HAWWII MAATII GODHACHUU
Ijoollee godhachuuf hawwuun fedha waaqayooti. Garuu, sababa ijoollee godhachuu qofaaf gaa’elatti hin seennu. Filannoo isaaniin haa ta’u; sababa adda addaan Kan ijoollee malee gaa’ela gammachuu qabu qaban jiru. Gaa’elli keenya gammachuu fi fiixaan ba’umsa qabaachuuf dirqama ijoollee irratti hirkachuu hin qabu. Haa ta’u malee ijoolleen eebba waaqayyooti. Kanaaf eebba waaqayyoo kana irraa hirmaachuuf fedha maatii horachuu qabaatanii gaa’elatti seenuun sababoota sirrii gaa’elatti nama seensan keessaa isa tokko dha.

4- HIRIYYUMMAAF
Hiriyyummaaf wal hawwanii gaa’elatti seenuun sababa sirriidha. Otuu gaa’ela hin godhatiin walitti hiriyyoomuun inuma danda’ama. Garuu, kan akka hiriyyummaa abbaa manaa fi haadha manaa namatti miyaa’u hin jiru. Abbaan manaa haadha manaa isaa hiriyyaa gita hin qabne godhachuu qaba. Haati manaas akkasuma hiriyyaa gita hin qabne abbaa manaa ishee goadhachuu qabdi. Waaqayyo dhiira uumee kan inni dubara itti dabaleef, akka isaan wal gargaaraniif, akka isaan hiriyyaa gaarii waliif ta’aniifidha. Namoonni baayyee otuu wal hin fuudhiin dura hiriyyaa gaarii waliif ta’anii erga wal fuudhanii booda immoo hiriyyummaa isaanii kana hir’isaa adeemu. Gaa’elli akkasii milkaa’ina hin qabu. Erga wal fuutee booda “your best friend must be your husband or wife.” Period. Akkas jechuun isheen hiriyoota ishee warra dubaraa dhiisti ykn inni hiriyyoota isaa warra dhiiraa dhiisa osoo hin taane, “best friend” kee haadha manaa kee/abbaa manaa kee ta’uu qaba.

5- WANTA HUNDA WALIIN QOODDACHUUF
Dur jecha “Yeroo gadda keenya waliin qooddannu, gaddi keenya baayy’ee hir’ata; yeroo gammachuu keenya waliin qooddannu, gammachuun keenya harka lamaan dabala” jedhuti jira. Gaddi fi gidiraan jireenya keenya mudatu yeroo nama jaallannu waliin qooddannu baayy’ee nutti salphata. Hiriyyaa dhugaa waliin gammachuu keenya qooddachuun baayy’ee nama boqochiisa. Jaalala dhugaa fi kabaja dhugaa waliin qooddachuun bara isaanii guutuu waliin jiraatu. Jaalallis, kabajnis wal qixa ta’uu qaba. Abbaa manaa qofa ykn haadha manaa qofati jaalala dhugaa ykn kabaja dhugaa agarsiisa taanaan, gaa’elli keenya iddoo tokko ga’ee rakkina godhata. “It has to be mutual love and mutual respect.”

6- WAL- GUDDISUUF
Namni qofaa isaa ga’aa miti. Karaa adda addaa fi haala adda addaa keessatti wal gargaarree wal guddisna. Yeroo baayy’ee “fiixaan ba’umsa abbaa manaa duubaan kan jiru haadha manaa cimtuudha” jedhama. Jechi kun dhugaadha. Fiixaan ba’umsa haadha manaa duubas Kan jiru Abbaa manaa cimaadha. Namni amma Nama dhugaan jaallatuuf dafee jijjiiramu eenyuuf hin jijjiiramu. Sababa dhugaan wal jaallattuuf daftee wal jijjiirtee wal guddifta. Wal gorsuu, wal jajjabessuu, waliif kadhachuu, wal kakaasuu fi wal wajjin hojjechuudhaan wal guddisu. Nama waliin guddachuun danda’a jettee yaaddu sirriitti ilaallattee walii  gaa’ela godhachuun fiixaan ba’umsa siif kenna.

7- HAFUURATTI WAL GUDDISUUF
Maddi gaa’elaa waaqayyo waan ta’eef adeemsa ofii akka fedha waaqayyootti godhachuun heedduu barbaachisaadha. Lubbuun nama hundaa hafuura waaqa barbaadu of keessa qaba. Yeroo kanatti waliin kadhatanii gara amantii tti wal guddisuun gaa’ela keenyaaf bu’aa guddaa qaba. Namni gaafa akka fedha waaqayyotti gaa’ela dhaabbatu gara hafuuratti wal guddisa. Hafuuratti wal guddisuun keenya immoo sodaa waaqayyoo nu keessatti horaa adeema; akkasumas gaa’ela keenya tiksa.

Carraa gaarii isiniif hawwa!
Galatoomaa!
Madda: Kan dubbise irraan gara Afaan Oromootti hiike!

n

Gummii Hooggansa Oromoo Lammaffaa; Ilaalchafi  Dhaamsa Mataa Kootii Hiwi Elona – Gur. 2017 ——————————-

Gummii Hooggansa Oromoo Lammaffaa; Ilaalchafi  Dhaamsa Mataa Kootii Hiwi Elona – Gur. 2017 ——————————-

Gummii Hooggansa Oromoo
Lammaffaa; Ilaalchafi
Dhaamsa Mataa Kootii
Hiwi Elona – Gur. 2017
——————————-

Gumiin Hooggansa Oromoo marsaa tokkoffaa jalqabaafi dhumni isaas uummata keenya biratti /bukkeetti miira garagaraatiin goolabame. Qeeqa Aktiivistoonni Oromoo garagaraa kaasaniin qalbiin uummata keenyaa yeroofis ta’u gaaga’amus walgahichi gaggeeffameera. Gumiin cufaadhaan guyyoota sadihiif gaggeeffamee dhumarratti uummataaf banaa ta’e akkaataan goolaba isaa kan nama hunda gammachise jennee yaadnee turre. Haa ta’u malee akkuma gumiin goolabameen gareen gumicha akka malee qeequfi gatii dhabsiisuf yaalii guddaa godhe tokko as baye. Kunis uummata biratti miira biraa uume. Walumaagalatti gumiin marsaa tokkoffaa Uummata Oromoo Diyaaspooraa jiru kan kallattii garagaraatiin haala faffaca’een qabsoo gaggeessaa ture walitti fiduu danda’us guutumaan guututti uummata keenya biratti hubannoo gahaafii miira walfakkaataadhaan kan xumurameedha jechuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. 

Kanumarraan kan ka’e qindeessitoonni gumichaa dhimmoota gaafii kaasisan tokko tokko irratti deebii laatanii turan. Deebii yeroo sana laataman keessaa inni tokko Gumiin inni jalqabaa Uummata Oromoof carraa walitti dhufuutiif kan karra saaqe malee riqicha qabsoofi qabsaawota Oromoo jidduu jiru guutumaan guututti ijaaranii xumuruuf kan itti karoorfame akka hin taane ibsanii turan. Sababa kanaafis Gumiin Marsaa lammaffaa akka gaggeeffamu waadaan galamee ture. Akkuma qindeessitoonni sagantichaa waadaa galan, Gumiin Hoggansa Oromoo marsaan Lammaffaa Bitootessa 10 – 12 ( March 10 – 12th) Biyya Ameerikaa Magaalaa teessoo mootummaa Ameerikaa kan taate Waashingtan DCtti akka gaggeefamu ibsameera. Gumii kanarratti namoonni hirmaannaa akka godhaniifis xalayaan affeerraa bittinnaaweera. Namoonni dhuunfaadhaan hirmaachuu barbaadanifis balballi saaqameera. Walumaagalatti, yoo jidduu kana wanti biraa hin uuumamin gumiin hoggansa Oromoo marsaa lammaffaa akkaataa karoorfameen kan gaggeeffamu ta’a jechuudha.

Anis akka dhuunfaa kootti akkuma gumii marsaa tokkoffaa irratti yaada koo ibsachuuf yaale ammas uummata koof, hoggantoota dhaabbilee siivikiifi hawaasummaa garagaraaf, dhaabbilee siyaasaa Oromootiifi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf dhaamsafi ilaalcha mataa kootii dabarsuun barbaada. Kaayyon barreeffama kanaatis Lammiin Oromoo itti gaafatamummaan ( Responsibility) itti dhaga’amu kamiyyuu gumii kanarratti akka hirmaatufi tokkummaa Oromootiif tumsa barbaachisu godhuudhaan irreen saba keenyaa akka cimuuf dhaammachuudha.

Akkuma hundi keenya beeknutti Qabsoon Uummata Oromoo har’a hin eegalamne, har’as hin xumuramu. Qabsoon waggoota shantamaan dura bifa qindaawaadhaan eegalame akka fiigicha gareenii ( Relay Run) dhalootni tokko dhaloota biroo irraa fuudhee gahee dhuunfaa isaa bahatee isa itti aanutti kan dabarsuudha. Akkuma dhalootni tokko waan isarraa eegamu hunda qabsoodhaaf gumaachee dabreen dhalootni biroos harkaa fuudhee kan itti aanutti dabarsa. Jalleen qaqqaalin keenya qabsoo bilisummaa eegalan haala eenyummaa isaanii ifatti baasanii dubbachuuf itti qaanfatan, haala afaan ofiitiin dubbachuudhaaf sodaatan, aadaa ofii ibsachuudhaaf itti dhoorkamanii ukkkaamaman keessatti ture. Sirni bulchiinsaa keessatti qabsoo eegalanis sirna dhiiga ilmoo namaa akka silmii dhuguuf ija babaasee saa’aa 24 too’annaa cimaa gaggeessaa ture keessatti. Sana biras dabree qabsoon isaan gaggeessaa turan gammoojii hamaa beelaafi dheebun isaan hiraarsee, hedduu isaanii karaatti nyaatee hambise keessatti ture.

Eeyyen dhaloonni kaleessaa sun gufuu hammana hin jedhamne keessa dabreet haala amma irra jirru kanarraan nu gahe. Har’a hundi keenya sadarkaa kamirra akka jiru ni beekna. Har’i yeroo waa’ee afaan, aadaa, eenyummaa keenyaa akka kaleessaa itti cinqamnu keessa hin jirru. Amma yeroon kan hiree ofii mataa ofiin murteeffachuuti; mirga dhimma ofii irratti murteeffachuudhaaf aangoo qabaachuti. 

Mootummaan ADWUI/ ABUT ( EPRDF/TPLF) waggoota 25nan dabraniif uummanni Oromoo waadaa sobaatiin sobamee, shira hamaadhaan qabsoon isaa laaffatee guutumaan guututti harka isaa maratee sirnicha jalatti akka gabraatti akka buluuf wanti hin godhamin hin turre. Jaarsi tuffatamee, beekaan hidhamee, tumamee, ajjeefamee eddoo hin beekamnetti awwaalamee, jaartin sarbamtee, shamarri gudeedamtee gidiraan hammana hin jedhamne irra gahaa ture. Qabeenyi isaa haala tarsiimawaa ( strategic) ta’een saamamee, gurguramee, qotee bulaan keenya osoo ijji isaa imimmaan dhangalaasu lafa isaa irraa dhiitamee, manni isaa doozaraan diigamee jireenya gadadoo keessa akka jiraatu itti murtaa’e. Haata’u malee hamileefi kutannoon uummata keenyaa akka sirnichi yaade cabee hin hafne, qabsoon isaas hin fashaloofne. 

Dhalootni Oromoo har’aa ( dhalootni qubee) yeroo qabsoon waan qabbanoofte fakkaattee turte bifa haarawaan waggoota muraasa dabran keessatti eegalamte, tasumaa Mootummaa wayyaaneetiif waan yaadame hin turre. Yeroo qabsoon eegalus waan hammas hunda bal’atee eddoo hunda waliin ga’u itti hin fakkaanne. Haa ta’u malee yeroo gabaabaa keessatti qabsoon Uummata Oromoo waan qabataniifi gadi lakkisan isaan wallalchise. Ofitti amanamummaan qawweefi dinagdee harkaa qabanis isaan hin fayyadane. Osoo ijji isaanii argitu, qeerroon dheebun bilisummaa keessoo isaa balballeessee Invastmantii dharaa lafa Oromoo irratti ijaarame daaraa godhan, Maastar Pilaanii dharaa Uummata Oromoo handhuura isaa irraa buqqisuuf xaxame onnee guutun dura dhaabbatee eddoodhuma ka’etti hambise, Oftuultummaafi nu malee kan biraa hin jirtuu isaanii duwwaatti hambise. Kuni seenaa qabsoo biyyattii keessattis waggoota shantamaa ol keessatti taatoo addaa ( Unique Struggle for Freedom) ta’uudhaan galmeeffame. Yeroo Adduunyaan guutuun gurraafi qalbiidhaan sagantaa Olompiikii guddaa daawwataa turtettis yaadannoon addaa Sagantaa Olompiikii sanarraa qabatanii galanis Qabsoo Oromoo ture. Torbee tokko keessattis yoo xinnaate Miidiyaalen lakkaawamanii fixuun hin danda’amne waa’ee Uummata Oromoofi qabsoo bilisummaaf gaggeessaa jiruu hubachuu danda’an. Kuni taatoo waggoota muraasaa, yaadannoo barabaraa qeerron Oromoo diina isaa irratti galmeessiseedha.

Injifannoon kuni hundi garuu ammas taanan hin goolabamne, daandin bilisummaaf irra adeemaa jirru galma isaa hin geenye. Qabsoon kun har’as Irreef gurmuu isa deeggaru, qaama kunoo anatu siin deema jedhee qabatamaan, hojii ifatti mul’atuun isa sochoosu eeggachaa jira. Kanaaf immoo akkuma kaleessa qalbii guutudhaan eeggachaa ture, hayyuun, luubni, sheekni, abbaan gadaafi dhaabbileen siyaasaa Oromoo maalumatti nuuf jiru yaadni jedhu qalbii tokkoon tokkoo Oromoo keessa faffaca’aa jira. Ilkee wayyaanee garmalee socho’ee kaballaa takka qofa eeggatuuf qaamni kuni baay’ee murteessadha. Har’as Uummatni Oromootifi Qeerron Oromoo isaan eeggachaa jira. 

Kaayyofi Galmi sabaa eenyuyyuu oli. Eenyumtuu dhimma dhuunfaa, garee, gandaafi siyaasaa qabaatus qabaatuu baatus, tokkummaa Oromoo milkeessudhaan irreen Oromoo akka cimu godhuudhaaf dirqama qaba. Hundi keenyaa biyya keenyaaf tumsuu malee dhimma dhuunfaa keenyaa yookin ilaalcha siyaasaa keenyaa qofarratti rincicnee hafuun dogongora guddaadha. Tarsiimofi ilaalchi siyaasaa ittiin masakamtan hanguma fedhes addaan fagaatus mul’atni sabaa garuu tasumayyuu sababa kanaan gufachuu hin qabu. Qabsaa’an sabaaf malee ofiif hin qabsaa’u. Jiraadheet qabsoo sana irraa akka dhuunfaatti wanta kana argadhaa osoo hin ta’in anis du’u Biyyikoo galma sana ni dhugoomsiti moo hin dhugoomsitu yaada jedhutu nu yaaddessuu qaba. Kanammoo Uumanni Oromoo eddoo jiru hundaa isinitti lallabaa akka jiru ni wallaaltu jedhee hin yaadu.

Walumaagalatti qaamni dhimmi ilaallatu. kan haalli mijateef kamiyyuu gumii kanarratti akka argamuuf amaanaa guddaa dabarsuun barbaada. Eenyumtuu maandhee keessatti gaadi’ame keessaa ba’ee, tumsa tokkummaa keessatti dheeratee akka mul’atuuf dhaamsa keenya dabarsina. Akka Doonaald Waltersin jedhe ‘ Leadership is an Opportunity to serve. It is not an Opportunity to trumpet call to self importance.’ – Hoggansi carraa Uummata Ofii tajaajiluuf fayyadu malee kan caluma jedhanii maqaa hoggansaa ittiin argatan qofaa miti. Kanumaafuu, hundumti keenyaa dhimma sammuu keenya xaxee, qabsoo sabaa duubatti harkisu keessaa baanee, qaamafi qalbii abjuu bilisummaa arguuf onnatee ka’en gumii kana mirkaneessinee tokkummaa qabss oabaa haa dhugoomsinuun dhaamsa kooti. Gumiin kunis gumii milkii, kan gammachuu, kan waligalteef jaalalaa akka nuuf ta’u hawwii kooti.

Kabaja Waliin
Hiwi Elona

DIINQA OROMOO Kutaa 9ffaa-Leellisaa Aadaa Bantiifaana Kutaa 1ffaarratti Dhimma Aadaafi Seenaa oromoorratti mariyanne.

DIINQA  OROMOO Kutaa 9ffaa-Leellisaa Aadaa Bantiifaana Kutaa 1ffaarratti Dhimma Aadaafi Seenaa oromoorratti mariyanne.

LEELLISAA A BANTII ASTUQUUNDHAGGEEFFADHAA

CAALAA H ABAATAAFI MUUSAA DAAWUD AS TUQAA DHAGGEEFFADHA

DIINQA OROMOO Kutaa 8ffaa-Leellisaa Aadaa Bantii

Barreessaa Seenaafi Balaliisaa Xiyyaaraa-Ardii Afriikaarraa

Leellisaa Aadaa Bantii kan dhalate Jidduugala Oromiyaa, Konyaa JIbaati fi Maccaa Aanaa Dandii kan ta’e ganda qonnaan bulaa keesati dhalate, jireenya ijoollummaa isaa aadaa Oromoo keessatti yoo tahu, xaba aadaa hunda xabachaa keessahuu Gugsii fardaa, waldhaansoo hiriyaa waliin, fiigichoo fi jimnastikii garagaraa biyyattis mana barmootatiis shaakalaa ture. Akka sirna Gadaatti loon fuudhan darabaa galuu, qonna qotuu, fi darkaa sirna gadaa keessatti cehamuu qabu hunda keessa dabruun. bara 2002 aangoo sirna gadaatti seenuun bara 2010 karaa nagaa Aanguu warra itti aanuf dabarsee, Amma yuba jalqaba akeessa jira.

Karaa barnootaa isaa, Saayinsii uumamaa, yoo baratu hogummaa garagaraas baraachaa ture,  akka hojii makaanikaa, Elektirikaa, hojii Sibilaa fi mukaa irraa waan garagaraa tulchii. Booda keessa immoo Akka carraa tahee, humna qilleensaa seenun, barnoota xiyyaa balaliisuun biyya Alaa yeroo sana Soviet Union (Rashiyaa)jedhamu keessatt xiyaarota akaakuu garagaraa baratee biyyatti deebi’e. Biyya keessatti xiyaarota akkaakuu garagaraa  jeettii (supper sonic) irraa kaasee hanga Helikoptaraatti balali’aa ture. Yeroo hojii kana irra jiru egaa, ummata Oromoo kutaa garagaraa keessa kan jiruun wal bare. akkasumas Seenaa Oromoo qorachuufi eenyumaa ofii barbaaduu kan jalqabe. Kan irraa ka’uudhan baroota 90moota keessa kitaaba Seenaa Oromoo tokko maxxansuuf qophaayee otoo hin milkaayin hafe. bara 2013 kitaaba jalqabaa KUDHAAMA Seenaa jedhu afaan Oromootin yoo maxxansiisu, bara kana immoo Kitaaba lammataa afaan Oromootin maxxansee ummata Oromoof dhiheessee jira


Dhaggeeffatoota Qophii ‘’DIINQA OROMOO’’Gaaffilee kana gadiirratti xiyyeeffateera.

Nagaan haa dursu
Gaaffiilee xiyyeffataman
1. Leellisaa Aadaa Bantii eenyudha? Kudhaama jechaan maal? Kitaabnikee maal irratti xiyeyeffata?
Kudhaama= Kitaaba, Kuusaa, Dhaamsa Abbaa, Qoricha/Daawwaa kan jedhuu hiika durduurii qaba.
2, Kitaaba  baarreesuu kana na kakkaase fi baran calqabe.
Barreesitoonni habashaa, seenaa oromoo jallisanii barreessuu, warri biyya alaa tokko tokkos isuma fuudhanii hafarsuu, madda Oromii Afrikaa ala gochuu, tasa akka hawwaaniisaa ta’anii dhufuun biyya isaanii weerreretti dhiheessu. An immoo biyya Itophiyaa jedhamtu, kana daangaa hanga daangaa (kutaa 14 duraan qabdu) hunda keessa deemuu carraa waanan argadheef, bakkan deeme hundatti  waan qalbii koo na arkisu fi na raajeffachiis waanan argaa turee, qabiyyee qabachuu fi jaarsolee haasofsiisuu itti fufe, gaaffii garagaraa dhiheessef. akkasumas bakka seena ajedhamanii turistiin daawwatan biyyattii keessa jirtu hunda, seenaa Oromooti hidhate (Kuush/Kuusaa) kan ibsu ta’ee waanan argeef. hunda isaa akka carraa tahee irra deddeebi’ee argee jira. Maqootii lafaa Empaayeritii guutuu keessa jiru. jechoota saboonni garagaraa dubbatan, kan Oromootiin tokko tahuu isaatu baayyee na booji’e. Biyyoota Ollaa itophiyaa haaraa kanaas biyya tokko tokko arguunis baayyee, yaada koo naaf ballise. Biyyattii keessatti immoo keessahuu waan Raayyaa Keessatti dhagahee fi argee. Tigraay keessa tanbeen bakka jedhamuttu waanan argee fi dhagahee,Akkasuma dhiha tigraay keessatti waanan argee fi dhagahe hundi, yaada koo na booji’e.
kana hunda irraa ka’een kitaabota barbaaduutti jedhe, kaan bitee kaan ergisaan, kaan kennaan hanga tokko argadhee kuufadhe, nootii harkka kootii, alkaan alkaan mana ciisa koo taa’ee qindeessen wal bira qabee ilaalaa dubbisaa ture.

Kitaab akka kitaabatti barreessuu kanaan eegal, Gorsa Oromootatiin, bara 1994ti. yoo tahuu 1996ti kitaaba seena atokko barreessee fixuun, nama naaf maxxansiisu tokko Oromoo Abba qabeenyaa argadhe. numaa kitaabicha maxxansiisuuf qophaayuu, nama kan hidhan. wagga lama booda 1998 Anas na hidhan kanumaan, waantichi hafe.

Boodaa, carraa  bakka biraa taa’ee kitaabota argachuu fii waan tokko tokko argachuun bira taree, kitaabota durii electironic irratti kan qophaaye 320 namni naaf kenne (Ingiliffaa fi Afaan Amaaraa). Akkasumas hogannooni qabsoo Oromoo kan duran, yaada fii kitaaba tokko tokko naaf kennan. Baayyee isaanii qaaman argadhee dubbisuun, waan baayyee isaani irraa hubadhee.

Akka kanaan bara 2002 irraa kaasee hanga 2010 barereffama guddaa tokko qopheesse. akkasumatti website garagaraa irratti dhimma oromoo (Aadaa, amantii seenaa ilaalchisee ) waanan barreessaa tureef, namoonni baayyeen akka kitaabatti akkan qopheessu na gorsaa turan. kana irraa ka’uun, warri Waldaa Waqeffanaa Oromoo Addunyaa na gargaaranii, keessahuu namoonni muraasin, gargaarsa naaf godhanii bara 2013 Kitaaba Jalqabaa KUDHAAMA SEENAA jedhuu ija ummataa biraan gahe.

Kitabni 2ffaa kunis itti fufiinasa kitaab asanaa yoo tahuu, carra maxxansiisuu dhabuun yoona gahe.
3, Gaaffii Aadaa. Seenaa, Amantii ilaalchisee, dhiheessuu dandeessa.
4, Seenaa,Aadaa Oromoo habashootan butaman ilaalchisee, Ibsaa Saddeettaa, Dubartii “Ileenii” jedhamtuun hasoosama tolfame ilaalchisee, ibsa qaba.
5, Amatii fii Seenaa habashaa, Salamooni Fii Ortodooksii ilaalchisee seenaa dhugaan qaba,
Keessahuu Amantii jalqaba kan uumame, bara Ameen-RA jedhamu, tahuu isaa, jechi Amma addunyaa irrati amantii hundaan fayyadamu “Ameen” jedhu maqaa isaa irraa dhufe, Inni immoo Mootii kuush isa jalqabaa, Ayyaantummaa fii motummaa waliin qabee deemaa ture. “Ra” jechuun biiftudha. Amen Ra ilam biftuu jechaadha. Oromoon, isa irraa ka’ee maqaa Amanaa, Amansiisaa, Amantee, kan jedhuu baafachaa dhufe.

Inni biraa Abiriham mataan isaa Kalaadiyaa irraa biyya Kuush gibxi dhufee Waaqa bare, duraan dhagaadhumaa fii waan adda ddaatti amana ture. Dhagan qabaas Achitti bare waggaa 110 dhagna qabate. Gibxit inni sadafaan irraanfatame immoo Qubee warra habashaa kan tolche Firemeinaaxos Abbaasalaama,  qubee Kushi fi warra Feenqaa irraa tolcheef. jaaraa 4ffaa keessa. egaa, kan gaafa tokko itti deebina. kitaabicha keessas waan jiruuf achii argatu.

6, Qaroomina Kuush Keessaa Qubee jalqabaa, uumuu, qubeen warra Habashaa illee, kan Kuush, irraa fudhatamuu, isaayyuu, nama dhaloota Girikkii Naggaadee/Daldalaa biyya Soriyaa kan tahe, Fireeminaaxosi fi eksoodoos jedhamnii tolfamuu (Phaaphasii habashaa jalqabaa, Abuna Salaamaa) jedhamuun tolfamuu. Kitaab Lammaffaa keessa jira.
7, Akkaataa Amantiin biyya Kuush Keessatti uumamee, gara biyya hundaatti baba’latee, Akkaataa isaan itti qoqqodamaa tura., Akkaataa Abirihaamii biyya Kuush dhufee, Waaqa bare 9duraan waan adda addaatti Waaqeffataa turuu), Akkaataa Waggaa 110 isaatti jalqabaaf biyya kuush keessatti argee dhagna qabate , Akkaataa musee, Seera fi Heera mana farhonotatti barachaa turee, gara amantiitti geeddaree, Isiraa’elota itti barsiise. hunda, ragaa waliin dhiheessuu dandeenya.
8,Qaroominni Kuush irraa gara biyya Feenqaa, Giriiki fii gara biratati babal’ate,
9 umamuu Kalandarii Amma Adunyaan itti fayyadamtu lameenuu(Girigoori fi juliyaanoo,) fi kan Oromoo Ammaa Booranatti itti fayyadamaa jiranii. Guyyaan dhaloota kiristoos jedhamu dhuguma Mudde 25 (Xmas) jedhamu,? guyyaa dhaloota Kiristoos otoo hin taanee, aadaa durdurii warri awuroppaa keessahuu warri Roomaa, guyyaa dhaloota Biiftuu jedhanii yeroo biiftun kibba 23.5 degree geesse yeroo deebihuu jalqabdu, guyya jalqaba ishiin quuxu. akkuma ji’a kara dhihaa baatuu sana itti eega aturaniidha. bara Biiftun Shofeera ishiiti Piluto jedhamiin fardeen afuriin Addunyaa naannawaa turte jedhanii yaadan sana. lafti akka naannooftu, hanga ammatti seera kaatolikii keessaa hin haqamne.
10, Sababa, Oromoon Alaa dhufe, (Indii, Faransaayi, Isiraa’el) jedhamee fi seenaa dhugaa jiru, Aadaa fii Afaan jara kana waliin hidhata qabu ilaalchisee.

Waraabeecha/(Bineensa) Biyya Bineesummaan Isaa Beekamutti Itillee Naaf Afaa Jedhu Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee Hin Beeknu! Baarentuu Gadaa Irraa//

Waraabeecha/(Bineensa) Biyya  Bineesummaan  Isaa Beekamutti  Itillee Naaf Afaa Jedhu Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee  Hin Beeknu!  Baarentuu Gadaa Irraa//

Waraabeecha/(Bineensa) Biyya  Bineesummaan  Isaa Beekamutti  Itillee Naaf Afaa Jedhu Mammaaksa Oromoo Keessatti Dhageeyee  Hin Beeknu!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Wayyaaneen waggoottan 25n darbaniif  waliin dhahaa, kan ishii morme hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi saamaa as geechee jirti.  Haata’uutii gochi yakkaa ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota Oromoo irratti raawwachaa turtee fi jirtu  kun akka ishiin  yaaddeetti qabsoo ummanni Oromoo mirga isaaf taasisaa jiru; FXG gama kamiinuu dhaabuu hin dandeenye. Dhaabuu hin danda’usii. Keessumaa haali waggoottan 2n darbanii as impaayeera ityoophiyaa murna tanaan bulaa jirtu keessa jiru  dhugaa kana ifatti  eenyufuu mirkaneessaa jira.

Hidhattoonnii fi basaastoonni sirnichaa ajjeechaa hidhaa fi dararaa sukanneessaa saba Oromoorratti raawwachaa jiranis sochiin ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa deeffachuuf taasisaa jiru ittuu finiinaa jira malee akka wayyaaneen yaadde hin qabnoofne, ykn hin dhaabbanne. FXG fi qabsoon hidhannoo yeroo ammaa kana gutummaa Oromiyaa keessatti diina dhiphisaa jira.  Akka ummanni Oromoo yeroo dhihoo keessatti mirga isaa humnaan mulqame humnaan deeffatus mallattooleen ifatti muldhatan danuudha. Diinni Oromoo waggoota 25n darbaniif goolaa turte Wayyaaneen yeroo ammaa kana dhiphuu fi sodaa guddaa keessa jirti.  Sochii ummanni Oromoo taasisaa jiruunis baaragdee yakkoota hedduu wal duraa duuban ummata Oromoorratti keessumaa sabboontoota ilmaan Oromoo qaroo ta’anirratti raawwachaa jirti.

Akkauma muldhachaa fi dhagahamaa jiru murni  gabroonfattuun tun dhiibbaa qabsoon Oromoo irraan gahee fi gahaa jiru kana  tarii yoon  jala hulluuqe jettee   toftaan moofaan yeroo ammaa kana itti jirtu holola fokkisaa fi fakkeessii gaggeessuu, ajjeechaa hammeessuu dha.  Haata’uutii  yakki ishiin raawwachaa turtee fi jirtu ittuu fincila Oromoo hammeessaa deemaa jira malee gongumaa dhaabuu hin dandeenye. Kanarraa ka’uunis jireenyi ishee hammaachaa deemaa jira malee tasgabbii argattee bulchaa hin jirtu. Kun firii qabsoo Oromooti.

Yeroo ammaa kana Wayyaaneen  ergamtoota ishii miseensoota OPDO kanneen garaaf  bulanii fi waggoottan 25n darbaniif murna tana dura deemuun ummata Oromoo ficisiisaa fi saamsisaa turanii fi jiran kanneen akka  Lammaa Magarsaa, Bakar shaalee,  Abbaa Duulaa Gammadaa ykn Minaasee Walda Gorgis, Dagifee Bulaa, Hiruut Birraasaa, Warqinaa Gabyyoo, Dammallaash Gabramikaa’eel, Birahaanuu Hayiluu…Abdulaaziiz Mahaammad fi  ergamtoota  biroo garaaf jiraatan  bobbaaftee afan faajjii uumuu bira dabartee soba barte  afuufaa jirti.  Oromoo ajjeestee, darartee, saamtee akka waan gadditeefii fakkeessaaf  ergamtoota ummanni jibbee xireeffatee gate kana bobbaaftee holola fudhatama hin qabne gaggeessaa jirti.Oromoon  garuu Wayyaanees kan ishiin bobbaafatte ergamtoota miseensoota OPDO xurii qayee Oromootii dhiqamanii baduu qaban ta’uutti amanee fincila isa agaggeessaa jira.

Dabballoonni OPDO erganmoonni Wayyaanee kunneen  waggoota 25n darbaniif ummata Oromoo darasaa turuu isaanitirra  yeroo ammaa kana  gareen wal qoodanii gara magaaloota Oromiyaa adda addaa bobba’uun ilmaan  Oromoo xiqqaatulleen osoo sirnicha keessa jiranuu quuqamni itti dhagahamu kan  baratanii waan hojjetan dhabuurraa dirqamanii bulchiinsa sirnichaa keessa  civil servant ta’un tajaajilaa turan yeroo ammaa kana mirgi Oromoo dhiibamuu fi dhiitamu, keessumaawuu babballina M.Pilaanii finfinneetiin wal qabatee sagalee mormii, gaafii kaasuu isaanitiin  maqaa malaammaltuummaa fi bulchiinsa gaarii jedhuun sobaan yakkanii hojiirraa hariyaa, hidhaattis guuraa jiru.

Keessumaa  ilmaan Oromoo  magaalota daangaa Finfinnee  jiran  kanneen akka Buraayyuu, Sulultaa, Sabbataa, Laga Xaafoo, Galaan, Dukam, Adaamaafi Shashimannee keessatti hojjechaa turan “isintu ummata nurratti kakaase” jechuun haloo itti qabatanii   magaalaa tokkotti ergamtoota miseensoota OPDO  farra ummata Oromoo ta’an  30 gahan bobbaasuun maqaa malaammaltummaa fi bulchiinsa gaaritiin  daragaggoota Oromoo quuqama saba isaanii qaban hojiirraa hariyaa, kaaniis hidhaatti guuraa jiru.

Keesssumaa ergamtoonni  Wayyaanee  Birhanuu  Hayilu  fi  Ittafaa Tolaa  jedhaman  kanneen Wayyaanee waggoota 25n darbaniif tajaajilaa turan ammas  adda duree ta’uun ummata Oromoo goolaa akka jiran raga bahaa jiru ni muldhisa. Jirreen kunii fi waayiloonni isaanii kalattii hundaanuu bobba’uun yeroo amma kana ergama Wayyaaneerraa fudhatan hojiirra olchuuf ummata Oromoo goolaa jiru. Duula ballaa ummata Oromoorratti gaggeessaa jiru.

Wanti baayyee nama ajaa’ibu gama tokkoon ergamtichi Wayyaanee  maqaaf pireezidaantii naannoo Oromiyaa jedhamu  Lammaa Magarsaa  afaan mi’eeffatee  akka waan miidhaan ummata Oromoorra gahaa turee fi jiru isa dhukkubseetti ennaa of dhiiheessu gama biraan waayiloota isaa  kanneen akka Dammallaash Gabramikaa’eel komishanarii polisii Oromiyaa ta’uun kan biyya fixaa ture, Ittafaa Tolaa hogganaa waajjira nageenyaa Oromiyaa hogganaa  ta’uun waggoota 25n darbaniif ilmaan Oromoo dharaan yakkee goolaa ture bobbaasuun Wayyaanee gammachiisuuf  Oromoo goolaa jiraachuu isaati.  Ergamaan kun yoo dubbatu akka nama wanti Oromoorra gahaa turee fi jiru haaraa  itti ta’ee fi quba hin qabneetti. Garuu Lammaa Magarsaa  ofuma isaatii fi  nama kaabinee wayyaanee hogganaa polisii Oromiyaa tureedha. Biroolee akka dhimma nageenyaas ajajaa fi yeroo achi jirutti nama sabboontoota Oromoo fixaa tureedha. Yayyii goggaa holaa uffatteen isa kana!

Haasaan  har’a Lammaa Magarsaa afaan mi’eeffatee haasawaa jiru akka summii dammaan makaa ta’e Oromoon kamuu ni hubata, ni beeka. Hojiin isaas bara bittaa Wayyaanee dheereessuuf akka carraaquu ta’e eenyfuu ifaa dha. Tarii yoo kan isa hin beekne jiraateef ammoo namani Lammaa Magarsaa jedhamus ta’ee waayiloonni isaa dabballoonni OPDO ergamtoota Wayyaanee ummata Oromoo fixaa turanii fi jiranii dha malee akka waltajjiirraa haasawa jiran quuqamtootaa fi aantummaa Oromoo warra qabuu miti. Kalees har’as tajaajiltoota wayyaaneeti. warruma Rakkoo ummata Oromoorra gahaa tureefis itti gaafatamoodha. Kanarraa ka’uun namoonni muraafni  beekaas haa ta’u osoo hin beekin  “Lammaa Magarsaa akkas jedhe, akkana jedhe” jettanii akka waan  yakkamtichi kun sabboonummaa qabutti afarsitan Osoo dhiiga Oromootti qoosuu baattanii dansaadha.!

 Lammaas t’ee ergamtoonni biroon nama yakka  wayyaaneen ummata Oromoorratti raawwachaa  turtee fi jirtu hin beekne  fakkaatanii of muldhisuuf yaalanis  Oromoon  tolcheet  isaan beeka. Yoo dadhabuu baatan dansaadha!  Keessumaa  Lammaa  Magarsaa  har’a akka waan roorroon ummata Oromoorra gahe isa gaddisiisee fakkaatee dubbataa fi muldhachaa jiru kun osoo Pireezidaantii hin ta’in duras hojii raawwachiiftuu OPDO ergamtuu Wayyaanee  ta’ee nama tajaajilaa ture waan ta’eef yoo dhuguma quuqmni itti dhagahame waggaa 25n guutuu issa dhaqe,  kan darbe dhiifne hara’a yoo ummanni Oromoo Aga’aazii, komaandi postii fi  liyyuu hayilii waraana jedhamuun dhumataa jiru maaf dhiisaa hin jenne..? kkkkkkkkkkqqiqiiqiqiq” …. Bineensi biyya hin beekne dhaqee …..” yoo jedhamee mammaakamu dhageenye malee akka Lammaa Magarsaafaa  bineensa biyya bineensummaan isaa ifatti beekamutti Ittillee naaf afaa  yoo jedhu hin dhageenye! Kkkkkkkkkkkkqkqkqkqkq…. …..kanaafuu hololli amma innis ta’ee waayiloonni isaa itti jiran  yoo ofuma gowwoomsuu ta’e malee  Oromoo kam birattuu fudhatama hin qabu. Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn finiinaa jirus sakondiifilleen  hin gufachiisus.Gufachiisuus hin danda’u. Kan nurraa eegamu holola diinaatiif gurra kennuu dhiifnee  bakka jirrutti qabsoo keenya finiinsuu qofaadha!

TPLF’s war effort to suppress the Oromo voice By Rundassa Asheetee Hundee

TPLF’s war effort to suppress the Oromo voice By Rundassa Asheetee Hundee

TPLF’s war effort to suppress the Oromo voice
By Rundassa Asheetee Hundee

The Tigre government of Ethiopia denial about the existence of the Oromo Liberation Front,  and it’s direct military involvement in helping the Somali’s to take over the Eastern and Southern parts of Oromia, and it’s empowering of the OPDO to freely echo the Oromo frustration in public, is a demonstration that strategic wisdom is best reflected in a correct combination of military power and political process. 

There is no doubt that the Tigre military campaign in Oromia and Amhara region during the anti Tigre colonialism movement in 2016 saved the Tigre regime from downfall and helped them to remain in power and continue to leverage the dynamics of empire Ethiopia’s politics. 

The TPLF involvement in inciting conflict between the Somali and the Oromo, between Gabra, Garrii, Gujii, Borana and many other groups has been going on since the TPLF conquest of Oromia in 1991 and it continued to date.  Since then the TPLF maintained its hold on power mainly thanks to the Bush and Obama governments deals, the expansion of Chines interest in Africa, the presence of American military advisors and the representatives of western countries intelligence agencies. America viewed empire Ethiopia as its last stable Africa’s military base and reliable strategic stronghold after it had lost it to the Russians during the cold war era. 

Although the Tigreans have sold the empire to many countries around the world, America is taking calculated risks in supporting the TPLF so that it could fight the Islamic movement in Somalia and maintain it’s position as a world power.   Since America made Finfinnee the headquarter of it’s political and military base for the African continent, it increased it’s funding of the Tigre military while it’s intelligence units continue to do more from Finfinnee.  Further more, the American military cargo planes and drones have landed at the Arba-Minch and Djibouti airports so many times and hundreds of soldiers were sent to train the TPLF and prepare it for a long war against the Oromo liberation movement. 

To reassure America’s full support to the minority Tigre tribe,  Mr. Obama surprised the people of the empire by announcing that the TPLF was a democratically elected legitimate regime qualified to assist it in fighting whom they called the “terrorists.”   America’s foreign policy makers believe that as long as it is someone that is doing the dirty job, everything they do is nothing but an act of advancing their long term strategic interest. For that reason, America’s indirect intervention in the ongoing civil war in empire Ethiopia is justified in the name of fighting extremist Islamic terrorist groups and they don’t have to re-examine their  foreign policy.   Instead, they help their puppet countries such as empire Ethiopia that they now gave a VIP seat at the global political game arena known as  the “UN” and the TPLF  feels like it is a key player essential to the resolution of international issues, although it failed to resolve a steadily exacerbating problem in Oromia.  Mean time, America’s older brothers, the Europeans, have tried to apply pressure on the Tigre regime but they lacked power to impose sanctions following the jailing of Baqalaa Garbaa, Marara Gudinaa and many others.  Of course,  someone must have negotiated the release of Andargachew Tisge, who now driving around Finfinnee and lives in the house provided to him by the Tigre regime.   

Today, the TPLF seem to suffocate the Oromo voice albite temporarily, it is trying to divert the public attention from the grave economic and social problems plaguing empire Ethiopia: economic challenges due to the enclave economic policy and lopsided power control responsible for the tensions that is now raging between the Somali and the Oromo propelled by the TPLF itself.  To do so, it is launching  vicious attacks on the Oromo people by using the Somali regional army in east and southern parts of Oromia, while encouraging patriotic sentiments in the Oromians minds so that the conflict will continue and boost the TPLF capabilities through time.  

When it comes to the diaspora politics, TPLF’s success is unequivocal. The emergence of new Amhara party that rejects everything that the pro Ethiopian unity had been preaching for sure will lead to the brink collapse of a larger Amhara/Oromo collaborative efforts led by Bagaashaaw,  Diimaa and Leencoo Lata, while it will destroy the long history of cooperation between the Amhara, Ginbot 7, and of those Amharic speaking minority Kambataa or Walayitas. 

It is also important to note that the TPLF has already crippled home based opposition groups whose leaders are languishing in prisons today. At the peak of the Oromian onslaught, all Oromo student association leaders were killed at Maqale, Wallagga, Ambo, Haro-Mayaa, Maddaa Walabuu and other universities and their bodies were discarded on the street.  When the opposition to the Finfinnee master plan intensified, more and more people were killed and intensive attacks were launched against the Oromo people every day, and in total, more than 7,000 Oromians were killed, which was seen as great achievements by the TPLF killing squad. The goal was to destroy OLF’s political infrastructures and yet that didn’t save the TPLF from the lose of revenues generated by the burned down foreign companies.

During the Bishooftuu massacre, the TPLF helicopters sprayed nerve gas on the people who attended Irrechaa and thousands were killed. Yet all these killings and military campaigns didn’t change the course of  the Oromo protest until the Tigre army known as Agazii took over Oromia and started targeting the Oromo youth who were determined to fight without effective defensive cover.  Ultimately, the Tigrean rulers turned offices, military bases and party members homes into prisons and jails, and that resulted in the jailing of over a quarter of a million people in Oromia alone. At least quarter of this number have been arrested in the Amhara region and elsewhere in the empire. 

After such heavy price was paid by the people of empire Ethiopia, the Tigre rulers didn’t bother to presented any justification for the killing because changing the course of the revolution was their immediate objective. If there was any justification, they lied saying that the Egypt and Eritrea governments played central role in causing the protest while also admitting that joblessness and corruption contributed to the serious anger that engulfed the rotten empire.  Provided all these actions were taken, it is proven that all the Tigre colonist left with is the military force that they used to effectively suppress the Oromo voice.  

Yet notwithstanding the actions taken, it appears that everything that is taking place is more of a rotation and adjustment of empire Ethiopia’s dark political tradition that camouflages itself in accordance with the changing nature of global politics.  Empire Ethiopia, which has a complicated history with the Oromo people does not want to see the Oromians taking a legitimate role in designing the empire’s future. This is why the Abyssinians vehemently opposed to the birth of Oromo region. The Tigre colonists, like the Amhara rulers before them promote the unity of empire Ethiopia with its current bureaucratic structure as a precondition of any future solution, and do not agree on the nature of a future arrangement between the Oromo and the rest.  One way to suppress the Oromo voice is to widen the gap between the Oromo and the rest ignoring the fact that this will ultimately lead to the collapse of empire Ethiopia.

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir’isuun hin dandayamu: Jawar Mohammad’n;(ከእሬቻ ለአሸንዳ የተፃፈ ደብዳቤ) የሳምንቱ ምርጥ ደብዳቤ!:Bareentuu Gadaa

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir’isuun hin dandayamu: Jawar Mohammad’n;(ከእሬቻ ለአሸንዳ የተፃፈ ደብዳቤ) የሳምንቱ ምርጥ ደብዳቤ!:Bareentuu Gadaa

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir’isuun hin dandayamu: Jawar Mohammad’n

Haasaan Obbo Lammaa Magarsaa jidduu kana godhe ijoo marii tibbanaa tahee alaa manattis irraa dubbatamaa jira. Sababni isaa ifa. Hogganaan dhaaba OPDO tokko ifatti ummanni Oromoo gabrummaa jala jiraachuu yeroo dubbatu dhagahuun isaa waan hin eegamne fi haaraa waan taheefi. Lammaa fi OPDOn haasaa akkanaa maalif eegalan? Wayyaaneen hoo maalif itti dhiifti? Qabxiilee kanniinirratti kana jechuun barbaada:

1) Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuudhaafi xureessuun Oromoo injifachuun akka hin danda’amne waan hubataniifi. Tooftaan Oromoo xureessuufi xiqqeessuu waan kufeef amma tooftaa filatan, Oromoo faarsuun erga firoomfatanii booda deebisanii too’achuufi.
2) Yeroo dheeraaf Wayyaaneen Hogganoota jibbaafi ilaacha farra sabboonummaa Oromoo qabaniin fayyadamaa turte. Tooftaan sun waan kufeef amma namoota sabboonummaa Oromoo hubataniifi afaan sabboonummaa dubbachuu danda’an as baasan. Yoo hogganoonni haaraan kun haasawa bira darbanii tarkaanfii qabatamaa fudhachuutti cehan humna waraanaa waan harkaa qabnuuf ni rukanna jedhanii daguun eeguuf murteessan.

Waa haalleefuu waan Obbo Lammaan dubbate keessaa waan tokkorratti waa jechuun fedha. Obbo Lammaan xiyyeeffannaan guddaan isaa dargaggoo Oromoo diinaggeen humneessuu akka tahe haasaa isaa yeroo adda addaa irraa ni hubanna. Diinaggee irratti fuulleeffachuun kun qalbii dargaggoo gaafii siyaasaa irraa gara diinaggeetti deebisuun warraaqsa kana dhaamsuufi xiinxalli jedhu dhihaataa jira. Sirri ta’uu mala. Akkasuu ta’ee siyaasaan haa hafuuti yoo dhugaan rakkoo diinaggee kana furuuf barbaade akkaataan amma itti deemaa jiran bu’aa barbaachisaa san akka hin buufne beekuu qaba.

Rakkoo hoj-dhabdummaa yeroof furuuf maallaqa itti facaasanii jiruu yeroo gabaabduu (temporary employment) kumaatamaan uumuun ni danda’ama taha. Hiyyummaa hiddaan buqqisuuf garuu sababa hiyyummaa sanii hiddaan buqqisanii gogsuu barbaachisa.

Hubannoon dogongoraa inni guddaan Ummanni Oromoofi Oromiyaan hiyyeeyyiidha yaada jedhu dha. Lakki ummanni kun ni hiyyoomfame (impoverished) malee uumaan hiyyeessa (poor) miti. Kan hiyyoomfames weerara, saamicha, imaammatafi tarsiimoo alagaatiini. Ammatti OPDO fi Lammaan sirna alagaa Oromoo hiyyoomsu guutumatti haa fonqolchan jennee gaafachuun of hin sobnu. Haaluma keessa jiranittuu tarkaanfiilee madda hiyyuummaa kanatti caama buusaniifi akeeka hojii uumuu kana gargaaran fudhachuu danda’u.

Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hoji-dhabdummaa kana sirnaan furuudhaaf hunda dura qabeenya Oromiyaan qabdu guutumaan guututti dhuunfachuu danda’uu qaba.

Qabeenya Oromiyaa yoo dhuunfate hawwii imaammataa hiyyummaa hirdhisuu galmaan gahuudhaaf, imaammata bilisa ta’eefii baajata ni qabaata jechuudha. Itoophiyaan galii waggatti argattu keessaa yoo xinnaate 60% Oromiyaa irraa dhufa.( Warshaaleen biyyattiin qabdu harki 80% Oromiyaa keessa, meshaan alatti ergamu kan akka bunaa 70%, jimaa 100%, albuuda 85%, loon, kal’ee kkf). Faallaa kanaatiin ammoo baajatni Oromiyaan mootummaa federaalaa irra agattu ( budgetary subsidy) kan Itoophiyaa guutuun yoo walbira qabamu 28% caalee hin beeku.

Kana jechuun Oromiyaan madda galii Itoophiyaa taattus qabeenya kana dhuunfachaa hin jirtu. Fakkeenyaaf galiin mootummaan Oromiyaa naannoo san keessaa ofiif fudhatu gibira qonnaatifi daldala xixiqqaati. Kun ammoo galii waggaatti Oromiyaa keessaa argamu irraa yoo guddate 25% taha. Kana jechuun galii waggatti Oromiyaa keessaa argamurraa 75% federaalatu fudhata jechuudha.

Akka seera feederaalizimiitti baajatni naannolee waan lama gurguddaa irratti hundaaye qoodama; baay’ina ummatataatifi gumaata galii naannoon biyyattiif galchuudha. Akkuma statistics mootummaa saniittuu Itoophiyaa keessaa ummanni 35% Oromiyaa keessa jiraata ( dhugaan garuu 50% akka hin hanqanne namuu beeka). Diianagdee biyyatti keessaa ammoo harki 42% Oromiyaa irraa dhufa jedhanii amanu jarrinuu. Maarree shallaggii kamiini Oromiyaan ummata 35%, galii 42% qabaattee gaheen baajata federaalaa 28% kan ta’uuf? Wanni ani asitti kaasuu barbaade qabeenyi Oromiyaa dhuunfannaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala waan hin jirreef, hanga wanti kun hin jijjiramnetti Lammaan faan hamma fedhanis yoo wixxifatan rakkoo hoji dhabdummaa furuuf madda galii argachuu hin dandayan.
Dhimma diinaggee biyyatti sanii yeroo haasayamu wanni yeroo baay’ee hin dubbatmane isa kana. Wayyaaneen karaa lamaan Oromiyaa irraa galii argatti. Karaan tokkoon diinaggee Oromiyaa daldaltoota Tigree harka itti galchanii jiran. Kunis daldala naannoo Oromiyaa sadarkaa qabeenya paartii ( EFFORT) akkasumas daldaltoota dhuunfaatiin too’achiisanii jiran. San qofaa miti. Bu’uraalee misoomaa Oromiyaa keessatti jaaraman kontiraanni kubbaaniyyaalee Tigreetiif akka kennamu gochuuni. Karaan lammataa ammoo akkuma armaan olitti tuqame kan mootummaa federaalaa dahachuudhaan maddeen galii ( warshaalee, oyyruu qonnaa, albuudaa kkf) Oromiyaa keessa jiran kallattiidhaan too’achuun galii sassaabbatani. kana jechuun mootummaan federaalaa maddeen galii gurguddoo Oromiyaa keessaa too’chuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa hagabsee fudhata.

Bara 1995 yeroo caasaan federaalaa dhaabbatu warashaaleen gurguddaan (kan akka warshaalee sukkaraa, simintoo, huccuu, dhugaatii), qonni midhaanifi bunaa babal’oon, lafti albuudaa, hoteelonni kkf ‘qabeenya ummanni Itoophiyaa waliin hore waan ta’eef naannoo tokkoof kennamuu hin qabu jechuun federaala jala galche. Hubadhaa qabeenyi mootummaa (state owned enterprises) kan federalaaf kennaman dhibbentaan 80% Oromiyaa keessaa, muraasni Kibbaa, xiqqoon wayii naannoo Amaaraati. Galii Oromiyaa irraa waggatti galu keessaa enterprise mootummaa federaalaa jala galan kun harka 40% akka tahe ni tilmaamama.

Mootummaa federaalaan kan too’atummaa kubbaaliyyaalee mootummaa qofaa miti. Kubbaniyyaalee dhuunfaa ( private limited Companies LLC, Kobbaaniyyaalee waloo ( share companies) akkasumas kubbaaniyyaalee biyya alaa ( foriegn companies) cufa kan gibira galii irraa guuruu mootummaa federaalaati. Labsii heera mootummaa cabsu baasuun kubbaaniyyaaleen biyya keessaafi alaa mootummaa federaalaa jalatti akka galmaayan gochuudhaan aangoo heeraan mootummaan naannoo Oromiyaatif kenname hoongessanii ofiif too’tan. Bifa kanaan gibirri Oromiyaan guurtu kan qonnaan bulaafi enterpirsii xixiqqaa qofatti daangeffame. Galiin Oromiyaan gibira kanarraa argattu dargaggootaaf hojii uumuu dhiisi mindaa hojjattoota mootummaatuu kaffaluu hin danda’u.

Kubbaaniyyaalee mootummaa fi dhuunfaa kanarraa Oromiyaan gibirumallee waa takka hin argattu. Akkuma namuu beeku kan biraa dhiifnee hojjataanuu naannoo biraatirraa fidama. Afaan hojii isaanii afaan Oromoo miti. Hubadhaa kubbaaaniyyalee kana dhuunfachuudhaaf mootummaan federaalaa bu’ura seeraa tokkollee hin qabu. Sirna federaalizimii keessatti fi akka heera mootummaa Itoophiyaatti mootummaan federaalaa goojjoo naannoleen walitti baasanii jaarratani. Buusii naannoleetin ijiraama.

Wantoota gurguddoo bu’ura seeraatin kannamaniif kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, maallaqa biyyolessaa (national currency) maxxansuu, dantaa alaa qajeelchuu akkasumas daladala alaa too’achuun alatti qabeenya naannoolee dhuunfachuuf bu’urri seeraa aangoo kennuuf hin jiru. Akkuma beekamu kubbaaniyyaalee kana erga dhuunfatee boodaa mootummaan federaalaa maqaa piraayvetaazashiiniitin gurgurataa jira. Kana gochuuf garuu aangoo heeraa tokko hin qabu. Qabeenyi mootummaa Oromiyaa keessa jiru, kan mootummaa naannoo Oromiyaati. Kanaaf qabeenya akkasii gurguruu, kireessuu, girbira guuruuf aangoo kan qabu Oromiyaadha.

Bara 1995 as mootummaan federaalaa seerota qabeenya Oromiyaa suduudaan saamuudhaaf dandeessisu hedduu baafate. Kana keessaa labsiileen gibiraat, kan liiziifi invastimantii warra hangafaati. Bifa heera mootummaa cabsuun kubbaaniyyaaleen dhuunfaa galiin isaanii guddaa ta’e gibirri isaanii mootummaa federaalaatiif akka galu labsiin bahe bu’ura federaalizimiifi heera mootummaa federaalaa kan diiguudha. Akka seera federaalizimitti kubbaaniyyaan tokko galii hamma fedheetuu yoo qabaate gibira galii mootummaa naannoo saniitiif kenna malee mootummaa federaalaafi miti. Seerri liizii kan mootummaan federaalaa lafa naannolee ‘moogiziitiidhaan’ akka bulchu kennus shira bu’ura heeraa hin qabneedha. Akka seeraatti lafti kan ummataati, mootummaan ummata bakka bu’ee bulcha. “Mootummaan” sun garuu mootummaa naannoti malee kan federaalaatii miti. Mootummaan federaalaa seeraan lafa taakkuu takkas hin qabu. Sababni seeera liizii kanaaf dhihaachaa ture “naannoleen invastaroota hawwatanii keessummeessuuf gahuumsaafi qindoomina hin qaban” kan jedhuudha. Dadhabinni akkasii osoo jiraateyyuu humna naannolee ol guddisuudha malee aangoofi mirga heeraan laatameef mulquun gonkumaa sirrii ta’uu hin danda’u. Sababni dhugaa garuu lafa Oromiyaa akka fedhanitti gurguratanii galii ofii guddifachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa laafiisuuf yaadameeti.

Kanaafuu Obbo Lammaafaan yoo dhuguma hidda rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggoo Oromoo hir’isuudhaaf fedhii qabaatan, tarkaanfiin dura fudhachuu qaban qabeenya Oromiyaa keessa jiru harka mootummaa naannootti galchuudha. Kubbaaniyyaalee kanniin harkatti galfachuun hojii uumuu keessatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan lama fayyadama. Gara tokkoon gurgurtaafi gibira kubbaaniyyaa kanneenirraa galii naannoo ol guddisuun bajata hojii uumuuf isaan dandeessisu argatu. Har’a birri biliyoona 6 qofaan hojii miliyoona tokko uumna jedhanii wixxifatan. Kubbaaniyyaalee kana osoo dhuunfatanii garuu maallaqa eerame kana dacha dachaan waggatti irraa galfatan.

Faaydaan lammaffaa kubbaaniyyaalee kanniin too’achuun kan gargaaru, kubbaaniyyaaleen sun lammilee Oromiyaa keessa jiran sadarkaa jalaa hamma gubbaatti akka mindeessan gochuun dargaggootaaf hojii haaraa uumuu danda’u. Akkasumas invastaroonni biyya keessaafi alaa mootummaa Oromiyaa jalatti akka hojjatan gochuun galiin Oromiyaaf akka galu gochuu qofaaf osoo hin taane tarsiimoon isaanis dantaa ummataatin akka wal simatu dirqisiisuuf fayyada. Haaluma kanaan lafa Oromiyaa keessaa guututti yoo too’atan miidhaa qonnaan bulaarra gahu hirdhisuuf, dargaggootaaf lafa kennuuf akkasumas invastaroonni bifa ummata naannoo fayyaduu danda’uun akka hojjatan gochuuf isin dandeessisa.

Walumaagalatti rakkoo hoji-dhabdummaa Oromiyaa keessatti muldhatu sababni guddaan tokko qabeenyi naannichaa alagaadhaan dhuunfatamuu isaati. Akka afaanii (afaaniin dubbatan) kana onnee yoo qabaatan heerumaafi seera amma lafa jirutti fayyadamuun qabeenya Oromiyaa dhuunfaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala akka galu falmachuu danda’u. Caffeen Oromiyaa labsiilee mirga ofiin of bulchuu (autonomy) heera mootummaa federaalaatiin kaayame diigan hunda labsii mataa isaatiin haquu danda’a. Kun aangoo Caffeeti. Murtii Caffee kana miseensonni Oromiyaa bakka bu’anii mana marii bakka bu’uutaafi federeeshinii keessa jiran sadarkaa federaalaa geessuun falmachuu danda’u. Pirazidatichiifi kaabineen naannoo qajeelfama baasuudhaan kubbaaniyyaaleen Oromiyaa keessa jiran suduudaan biiroolee naannichaatiin akka too’ataman gochuu danda’an. Akkuma Lammaan jedhe aangoon guyyaa muraasaafis taatu harka nama gallaan jijjirama hamma tokkoo fiduun ni danda’ama.

Kun garuu daadhannoon qofa osoo hin taane murannoo gochaan muldhatuun agarsiifamuu qaba. Afaaniin qofa osoo hin taane tarkaanfii qabatamaatiin asitti mirkanaa’uu qaba. Tarkaanfilee armaan olii kana fudhachuun akka dhuunfaafi dhaabaatti gaaga’ama (risk) akka qabu shakkiin hin jiru. Qabatamaan hojjachuuf yoo murannoon jiraate aarsaaf of qopheessunis jiraachuu qaba. Lammaafi OPDOn aarsaa kana fudhatanii dhaadannoo afaanii kana hojiitti ni jijjiiranii laata? Ana natti hin fakkaatu; garuu haatee bareeddii jennaan….akkuma jedhan ittuu dhufnaa ni agarra.

Hammasiifuu wanni irra deddeebinee ummata keenya yaadachiifnu wabiin mirga siyaasaafi diinaggee isaa, qabsoo isaa qofaa ta’uudha.

Bareentuu Gadaa

(ከእሬቻ ለአሸንዳ የተፃፈ ደብዳቤ)
የሳምንቱ ምርጥ ደብዳቤ!

“ከመይ ከመይ፠ አቦይ እንዴት ነህ አሸንዳ? …
አወከኝ ወይ ጓዴ? … ኦቦ እሬቻ ነኝ የኦሮሞው ልጅ የዛ የኣባ ገዳ !
አይተ አሸንዳ ባለፈው ያከበርከው በዓልህ ደመቀ? …
ጥይት ሳይፈነዳ ደም ሳይንቦጫረቅ በደስታ አለቀ? ..
. እንደምነው ጮማው? .. እንዴት ነው ፍሪዳው? ..
እንዴት ነው ኮካዎች? .. ሰላም ነው ሚሪንዳው? …
ዳሽን ቢራ አጀበህ ራያ አጠመቀህ?
ስንት ሚሊየን ብር ለባዕል ተሰጠህ? …
“ፅቡቅ ደሀን ፅቡቅ ጥኡም ደስ ብሎናል ! ..
. በልማታዊ መንግስትህ በጣሙን ኮርተናል!! …
“ቧ ወዲ እሬቻ አንተስ እንዴትነህ?” ስትል ሰማሁ ልበል? …
እኔማ እሬቻን በደስታ ውያለሁ ፤
ከሰላም ወንዝ ወርጄ ደሜን ጠጥቻለሁ ! …
ከቢሾፍቱ ሀይቅ ከሞት በቀር የለም …
አንተ ጋራ ያለው ከኛ ጋር አልመጣም።
የለም ያንተ ውስኪ ! የለም ያንተ ቢራ !
ያንተ ጮማ የለም የለንም ዳንኪራ !! …
ግና ካንተ ጋር የለሌ እኛ ጋር ሞልቶናል .
.. ካንተ ስለሌለ እኛም ደስ ብሎናል!! …
አንተ በርችት ነው ፎቶ ‘ምትነሳ ! ..
. እኛ በጥይት ነው ፎቶ ‘ምንነሳ ! …
አንተ ፈንዲሻ ነው በድስት ‘ምትቆላ …
እኛ በስናይፐር ነው በእሳት ምንቆላ !! ..
. የአንተ ወንዝ ንፁህ ነው ሰላም አጠጥቷል ..
. የኛ ወንዝ ደፍርሷል ክፉኛ ነስሮታል።
አንተ ጨፍረሃል እኛ ኣልቅሰናል
ይሄዉ ነው ታሪኩ ይህንን አይተናል።
ታዲያ ኣቦይ አሸንዳ ኣንተ ስትደንስ እኛስ ምን ይለናል?
ካንተ የተማረንውን ይሀው ጀምረናል
የቀምሰነዉን ቅመስ ፈንጅሻ ይዘናል።
ቆልተ እንዳስተማርከን መቁላት ጀምረናል!
ከፈጣሪ ጋራ በመጪው መስከረም እንደሬቻ ሁሉ ላንተም ይበታናል።
-የግዜ እንጂ የሰዉ ጀግና የለዉም ና መቼም አንረሳዉም!!
መታሰብያነቱ በእሬቻ ላይ ለተሰዉ ሁሉ!