Beekan Interview

HUMNA BARREESSUU KEESSA JIRUUN GALAANA GUDDAA SOCHOOSUU DANDEENYA!!

Beekan

Beekan Gulummaa Irranaa jedhama. Lixa Oromiyaatti dhalate. Barnoota digirii jalqabaa Yunivarsiitii Jimmaatti xumuree isumaan barsiisummaaf Yunivarsiitii Amboo seenee barsiisaa turuun barnoota digirii lammataatiif Yunivarsiitii Finfinnee seene. Digiriisaa lammataa xumuree Yunivarsiitii Ambootti deebi’ee ammas takka barsisee digirii sadaffaa (dooktorummaasaaf) Yunivarsiitii Finfinneetti deebi’ee waggaa lammaffaa barataa jira. Nama umuriin 29 yoo ta’u, yeroo ammaa kana kitaabota Afaan Oromoo 19 kan barreesseefi kitaabota 50 oliif gulaalaa kan ta’ee jiruuf dhaloota qubee keessaa barreessitoota hedduu of duukaa hiriirsee hojjechiisaa kan jiru Beekaniif SAFUUn akka armaan gadiitti gaaffiif deebii godheefi jira.

SAFUU: Maqaakeefi bakka dhalootakee yoo nutti himtewoo?

BEEKAN: Beekan Gulummaa Irranaan jedhama lixa Oromiyaa, godina wallagga bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa jedhamuttan dhaladhe.

SAFUU: Mee haala guddinakee nuuf himi.

BEEKAN: Ani ilma qotee bulaati. Rakkoo guddaa keessattan guddadhe. Abbaankoo dubartoota sadii qaba ture. Isaan keessaa haatikoo ishee sadaffaa yoo taatu, abbaakoof nama lama (dhiira tokkoof shamarraa tokko qofa) deessee boqotte. Ani ammayyuu haadha hinqabu. Abbaankoo garuu jira. Innis ijoollee 17 waan horeef carraa barnootaa nama muraasatu arganne. Kaan qonnaarra jiru; Sababa baay’ina keenyaa haata’u hinbeeku, waliigalteen nugidduu hagas mara hinjiru. Sababiinsaa lafarratti waan yeroo mara loltaan jiruuf. Kanaafuu ani hamman Yunivarsiitii galetti gidiraa gurguddaa dabarseera. Mana barnootaas karaatti kuteen ture. Sababa waliigalteen maatii keessa hinjirreef gargaarsa maatii maleen baradhe. Gabaa keessa foqoquun kan akka ashaboo, buna, loomiifi kan biroollee bitee gurguruun akkasumas midhaan garaagaraa kan akka KM 20 ol mataatti baadhee fiduun bu’aa isarraa argamuunan sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa baradhe. Ergan Yunivarsiitii galees Kaameeraa ‘YAASHIKAA’ jedhamu namni naabiteetu, yeroo boqonnaakoo Yunivarsiitii Jimmaa keessa suuraa kaasee dhiqsiisee gurguruunan baradhe. Kaamerattiin ammayyuu jirti.

SAFUU: Barnootakeetti nama akkamii turte? Barnoonni siif maali? Mee gumaacha gama kanaan goote mudannoo qabdu faana nutti himi.

BEEKAN: Giddu galeessan ture. Sammuu (potential) qaba; garuu sababan rakkinaarraa kan ka’e ijoollummaatii ka’ee yaadniif yaaddoon naxuuxaa tureef, dandeettiin yaaduukoo yeroo yerootti gadi bu’aa deema ture. Ta’us qabsoo barnootaatiin kellaan hiyyummaa akka diigamu jala mureen beeka ture. Barnoonni humna dhokataa keessoo keenyaa karaa itti ifa goonudha. Barnoonni bifa lama qaba. Idilaawaafi miti idilaawaa. Barnootni miti idilaawaan maatiirraaf naannoorraa yeroo argamu, idilaawaan ammoo mana barnootaatii argama. Ilmi namaa kallattii hedduun barnoota gonfata. Maatiirraa, naannoorraa, mana barnootaafi muuxannoo/mudannoo jiruufi jireenyaa keessaa isa walitti qabame ta’uu danda’a. Uummanni Oromoo bara dheeraaf barumsa karaa miti idilaawaa ta’e waan dubbatamaa/oral ta’een muuxannoo bara dheeraa walitti dabarsaa tureera. Har’a garuu maddi beekumsa/barumsa irraa argatan baay’ataa jira. Isuma dur afaaniin darbaa ture sanatu gara barruutti dhufuu danda’e/a. Saayinsaawaa ta’eetu falaasamni keessaa waraabama. Qabeenyumti uummatichaayyuu falaasama!

Kanaan duras warri qoqqoodaniii bulchuun jiruu isaanii taate sun akka Oromoon baratee, dubbisee seenaa qoratee as hinbaafne ukkaamsaa turan. Oromoon barachuun dhukkuba sammuu isaanii ture. Bara Hayile Sillaaseen Oromoo cabsaa ture sanatti Habashichi ‘Akiliiluu Habte Woldi’ muummeen ministeericha yerosii Taaddasaa Birruutiin akkana jedha ture; “Taaddasa! Eega duula kana oogganuu jalqabdee asitti waa’een kee waanuma barnootaati. Barsiisuun gaarii. Garuu eenyuun akka barsiisuu qabnu siif gale hinfakkaatu. Fakkeenyaaf, Yoo [Oromoon] barate, qaroome galaanam bari; nuliqmsam! Nuti, beektaa jaarraa tokkoon saba kana boodatti hambifneeti kan bitaa jirru” jedha ture. Akiliiluun Taaddasaa Amaara se’e iccitii qabu sodaasaa isa isaaf hin oolle faana gadi jijjigse. Akka yoo Oromoon kun barate galaanummaasaa kanaan lafa kana dhuunfatu diinni Oromoo har’as taanaan beeka. Meeshaan guddaan barnoota jedhamu kun kan ittiin jireenyi dhuunfaa guddatu, intalli/gurbaan maatii hiyyeessaa ittiin hayyuu beekamaa; ilmi qotee bulaa bulchaa biyya guddaa ta’udha. Yaada kana kan jabeessu hooggantichi Afrikaa Kibbaa, Nelson Mandela, “Education is the great engine of personal development. It is through education that the daughter of peasant can become a doctor, that a son of mine worker can become the head of the mine; that a child of farm workers can become the president of a nation” jedha.

Namni barate oguma gadi fageenyaan yaaduu, jijjiirama amalaa, ofirra darbanii dhalootaaf yaaduu gonfachuu danda’a. Barumsaa keessatti obsa, naamusa, kabaja, cimanii hojjechuu, waliif yaaduufi waldanda’uutu horatama. Barnoonni jireenya dhuunfaarraa ka’ee, maatiis darbee hanga biyyaatti faayidaa hedduu qaba. Jireenyi dhuunfaa nama tokkoo gaafa guddataa deemu, hawwiin namni tokko biyya guddisuuf qabu keessasaatti guddataa deema. Kanaafuu barnoonni qaama dhuunfaa tokko dandeettii uumamaan namni qabu namaa qaruuf, amala qajeelaa ta’e horachuuf, mul’ata guddinaa akka argatuuf, jiruufi jireenya fuulduraaf qophaa’uuf, beekamtummaa argachuufi haala itti naannootti of madaqsanii waliin jiraataniif nama dhuunfaas ta’e guutuu biyyaa tokko gargaaruu danda’a.

Barnoonni hawaasa tokko akka inni of kabachiisee jiraatuuf, muuxannoo hawaasa biroo qooddachuuf, jireenya waliinii guddifachuuf, mirga ofiif falmachuuf, haqa jal’ate deeffachuuf, sodaa keessaa gara gootummaatti akka ce’anuuf daran gargaara. Barnoonni akka biyyaatti dirqama itti gaafatamummaa, hooggansaafi bulchiinsa gaarii horachuu, sabaafi sablammii garagaraa faana waldanda’anii jiraachuu, guddina kallattii hedduu gonfachiisuufi walirraa barachuuf balbala dorgommee hinqabnedha.
Hawaasni barate mirga hiree ofiisaa ofiin murteeffachuu, of beekuu, waan naannoosaatti dalagamu beekee qooddataa ta’uu, namni ofiisaatti araaramee mul’ata qabu soroorfachuufi itti gaafatamaafi adaraa akka maatiif biyyaatti namarra jiru fiixaan baasuuf nama dandeessisa.

Karaa barnootaatiin odeeffannoon, ogumni, muuxannoon, walii galli jiruufi jireenya aadaa keessa jiruuf kan biroo addunyaarra jiran saffisaan addunyaarra tamsa’uu danda’a. Namni hinbaranne; dubbisuus barreessuus hindadeenye tokko gowwummaa hundumaaf saaxilamaadha! Namni barate mana foddaansaa addunyaa maratti qaa’u keessa jiraata jechuun nidanda’ama. Karaa foddaa sanaa guutuu addunyaa kanaa daawwachuu waan danda’auufi. Kanaafuu anaaf barnoonni meeshaa ammayyaa guddicha ittiin hiyyma cabsan, doofummaa awwaalan, garbummaa hunkuteessan, bilisummaa finiinsaniifi walqixxummaa dagaasanidha.
Egaa gumaachaafi mudannoo isa jette ilaalchisee ammoo gumaachan taasise qaba; mudannoos qaba. Gumaacharra yoon ka’e, yeroon kutaa 9fi 10 baradhu naannaa dhalootakoo lixa Oromiyaa keessaa Kattaa iddoo jedhamtutti, mana citaa dhundhuma afur taatu tokko ijaareen dallaa mana jireenyaa keessa jirru keessatti barnoota barsiisuu jalqabe. Kanan barsiisus humni ibsaa lafa sana waan hinqaqqabneef faanosii tokko bitadheen isumatti gaazii naqadheen ganama abbooroo sa’a 11-12:30 suubiidhaan barsiiseen, isaan booda gara aramaafi hoiiwwan garaagaraatti bobbaana ture. Yeroo jalqabaaf nama 78 kan carraa barnootaa tasumayyuu hinarganne walitti qabee barsiisuun gara nama 40 ol ta’an gara daree kutaa lamaatti dabarsiiseera. Kanas waajjirri barnootaa aanichaa dhaga’eetu kitaabotaafi boronqii nagargaaraa ture. Waraqaan raagaa yeroo sana al lama naaf kennamellee amma naharka jira. Suuraa baratoota sanaas muraasa isaanii qabadheen jira. Yaadnikoo sunis gaafan mana barnootaa sadarkaa lammaffaaf gara Arjoo jedhamutti ani ol darbu ni dhaabate. Mudannoonkoos gaafa waajjira barnootaarraa namoonni deddeebi’anii na ilaalanii hojiikoo ajaa’ibsiifachuu jalqaban abbaankoo lafakoo mootummaa najalaa fudhachiisuufi jedhee anas barattoota sanas iddoo sanaa nu ari’ee akka nuti lammata deebinee wal hinbarsiifne nugodhe. Ijoollonni ani barsiisaa ture sunis namoota umuriin isaanii mana barnootaarra darbeefi jajjabo waan ta’aniif gurbaan kun ijoollee keenya hojiirraa fuudhee mana barnootaatti naquuf jedha jedhanii natti guguungumuu jalqaban. Ammallee humna dhabaaf malee mana barnootaa daa’immanii adda ta’e tokko utuun hundeessee baay’een dheebodha. Namni barate nama kamiifuu garba hinta’u!

SAFUU: Egaa akkuma amma namni baay’een beekutti, ati barataa, barsiisaafi barreessaadha. Mee kun akkamiin ta’e.

BEEKAN: Mul’anni dhalootumaan uumaa biraa siif kennamu jira. Ani kutaa 7 ka’een akkan barsiisaa ta’u beekan ture. Yoo namni hawwakoo fuula duraa nagaafate, barsiisaa sadarkaa olaanaan ta’a jedha ture. Kunoo isas milkaa’eera. Sadarkaa olaanaarraa barsiiseera. Ammas kan kanarra caaluttan deemaa jira. Barreessuunis mul’atakoo ture. Mana barnootaa sadarkaa gadi aanaatti yeroon gaddutti walaloowwan garaagaraafi waanuma gara sammuukoo dhufe mara waraqaarratti barreesseen olkaa’aa ture. Waanan barreessaa ture sana baay’eesaa itti deebi’ee argachuu hindandeenye. Waan barreessan gara kitaabaatti dhufuu akka danda’u reefan dhiyoo kana hubadhe waan ta’eef. Amma garuu bokokni keessakootii futtaafachuu jalqabeera.

SAFUU: Hanga ammaatti kitaabota meeqa barressite yookaan gulaalte? Qabiyyeen isaaniiwoo?

BEEKAN: Kitaabota 19 barreesseen jira. Kitaaba 9 kan ta’u ammoo xumuramee guaalliisaa qofatu nahafee jira. Kitaaba Afaan Oromoo shantamaa ol gulaaleen jira. Kitaabota barnootaa biroos qopheesseen jira. Baay’een kitaabota kanaa kan dhaloota qubee ammaatiin barreeffamanidha. Qabiyyeen kitaabotakoofi ani gulaalee akka waliigalaatti asoosamoota, kitaabota walaloo, kitaaba seenaafi kan barnootaadha. Keessumattuu kitaabotakoo harka caalaas sababa dhabinsa maallaqaatiin tola nama maxxanfatuufan kennaa ture. Kaayyoonkoo guddaanis maallaqarra utuu hintaane, qaawwaa ogbarruu Oromoo namudataa ture duuchuuf ture. Kanas kankoofi kan hayyoota gulaaleefi faana karumakoo qofaa kitaabonni gara kooppii 130,000 ol ta’an Oromoo biyya keessaaf alaa qaqqabanii jiru.

SAFUU: Dargaggoota hedduu of duukaa hiriirsitee jirta. Keessumattuu namni sifaana gaaf tokko gadi taa’ee haasa’ellee barreessaa ta’a jedhama; kun dhugaadhaa? Dargaggoonni kun eessa eessarraayii?
BEEKAN: Barreessitoonni kun guutummaa Oromoiyaafi kanneen laga gamaallee jiru. Dhugumaaf taanaan namni ana waliin hiriyaa ta’u baay’eensa wa barreessa. Kanammoo ergan nama sana faana takka haasa’een booda yoo nama yaadaan bilchaataa ta’uusaa argadhe akka inni barreessuufan jajjabeessa. Beekumsi hammi qabnu akka ukkaafamee nu keessa taa’u ani hinbarbaadu. Hamma dandeenyu dhalootaaf qooduun bu’aa malee dhiibbaa hinqabu. Keessumattuu dhaloonni amma ka’aa jiran kun hedduu nama boonsu. Oromiyaan hayyoota amma ka’aa jiran kanaan boonuu qabdi. Ijoollee kanaaf ogummaa tolaafi gargaarsa hayyuummaakootii yeroon qooduuf gammachuunkoo daangaa hinqabu. Qabeenyikoos isaanumadha.

SAFUU: Mudannoo yookaan gufuuwwan gama barruulee kana maxxansuutiin siquunnaman dubbistootaa keenyaaf qooduu dandeessaa?

BEEKAN: Gufuun yookaan mudannoowwan hedduutu jiru. Muraasa isaanii yoon maqaa dha’e, kanneen akka rakkoo ilaalchaa tokko tokko (namni kitaaba afaan Oromoo bitus ta’e gurguru doorsifamuufi reebamuu), rakkoo mana maxxansaa Oromoo bal’inaan dhabuufi qaala’uu gatii maxxansaa, rakkoo raabsaan walqabate, rakkoo qeeqxota barruuwwan kanaa dhabuu, rakkoo imaammata afaaniifi sirna barnootaa faana walqabate, rakkoo deggarsaa dhabuu, dhaabbata giddu gala waa’ee afaan, seenaafi aadaa Oromoo qoratu tokko dhabuu, rakkoo waan hojjetamaa jiru kana miidiyaan fuudhee sabaan ga’uu dhabuu, rakkoo Oromoofi Oromoodhumti walhubachuu dhabuufi aadaan dubbisuu saba keenya gidduutti akka mucaa reefuu daa’imtuu ta’uuti.

 
SAFUU: Gufuuwwan kanaaf falli maali jettaree? mee kan irratti sirnoota mootummaa darbanii kan Tafarii (Obbo Hayile Sillaasee) hanga ammaatti kan jiruun nuuf dhugoomsi.

BEEKAN: Egaa kana kanaf fala kan barbaaduu qabu uummata Oromoo mara. Afaan tokko duubaan kan dhaabatu hawaasa afaan sana dubbatudha. Har’a afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa tii hanga dhaabbilee barnoota olaanaa biyyaalessaa keessatti barsiifamaa fi qoratamaa jira. Haa ta’u malee, afaan Oromoo sadarkaa abdi qabeessa irra yeroo ga’etti og-barruun isaa Ongee hamaatiin rakkachuun isaa nama rifachiisa. Kanarraa wanti hubatamu, afaan Oromoo yeroo ammaa kanas hamma ta’e guddatee haa jiraatuyyu malee gama guddina og-barruu afaanichaan yoo ilaalame ammas rakkooleen hedduu akka jiran nu hubachiisa. Hayyoonni ammas itti fufuun barreessuudha qabu; abbaan qabeenyaafi mootummaan ammoo cina isaanii dhaabatee haamileefi maallaqaan tumsuun barbaachisaadha. Warreen doorsisaafi sodaachisa garaagaraa namarratti dhiyyeessan ammoo danda’amnaan seeratti dhiyeessuudha. Seerriifi heerri biyya kanaa afaan saba kamiifuu mirga walqixxee laateera. Kana ilaalchisee heerri mootummaa biyya Itoophiyaa keewwaata 5 lakk 1 qooqni Itoophiyaa kamiyyuu mootummaa biratti beekamtii walqixxee qabaatu “All Ethiopian Languages shall enjoy Equal state recoginition” jedha. Dabalataanis Heerri Mootummaa Riippaabliika Dimookiraatawaa Itoophiyaa keewwata 39 lakkoofsa 2 irratti akka ibsametti, Sabni, Sablammiin, uummanni Itoophiyaa kamiyyuu mirga qooqa isaatiin dubbachuu, barreessuu, qooqa isaa guddisuufi aadaa isaa ibsuu, babal’isuu akkasumas seenaasaa kunuunsuu qaba jedha waan ta’eef mirga heerri kun nuuf laateen diina afaan keenyaafi seenaa keenya akk hinkunuunfanne taasisu dura ciminaan dhaabbachuuti qabna. Dhimma rakkoo gama wiirtuu qorannoofi qo’annoo afaanii ilaalchisee ammoo humnasaa kan qabu mootummaadha. Kanarratti mootummaa naannoo Oromiyaa ijaarsa amma jalqabeefi waajjiroolee dhimma afaaniif seenaa Oromoo ilaallaturratti ogeeyyii hojicha gitan ramaduufi xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechuuti qaba. Barreessitoota ka’aa jiran kanallee sadarkaa biyyoolessaatti ijaaree jajjabeessuufi waajjiraalee meeshaalee barreessuuf gargaaraniin cinaa dhaabbachuu qaban jedha ani. Kanarraa kan hafe ammoo Oromoon abbaan afaaniifi seenaa falmachuudha qaba.

Seenaafi waan galmaa’ee jiru akka nutti himutti, sirnoota darban keessa, keessumattuu Labsii bara 1944 hojiirra oole yoo fudhannee ilaalle, afaan Amaaraatiin ala afaan biroo akka ittiin hin baranne, ittiin hin hojjatamne, akkasumas akka ittiin hin dubbatamne dhorkamaa ture. Akkasumas afaan barnootaa, hojii mootummaafi og-barruu hundi afaan Amaaraa qofa akka ta’uuf kan murtaa’e ture. Bara eerame kanatti Afaan Oromoo qofa osoo hintaane Afaan sabaaf sab lammoota hundaa bara itti hacuucamaa turedha. Labsiin bara 1944tti ba’e kun afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan hojiifi miidiyaa akka hin taane kan dhiibbaa irraan ga’aa ture ta’uu ibsa.

Egaa seenaan hiyyeesa hinqabuuti, yoo kan bara Tafarii dugduuba deebi’ee kaasuun barbaachises; Obbo Hayile Sillaaseen mooticha impaayera Itoophiyaa bara 1930-1974’biyya kana bulchaa turedha. Mootichi kun akkuma mootota impaayera biyyattii kanneen biroo aangoon waaqa biraa samii gadiitti daangaa malee akka isaaf kennametti kan amanu ture. Ilaalchi isaa kun immoo uummattota impaayeratti jalatti bulaniif quufa mormaa tahee ture. Keessattuu caasaan bulchiinsa isaa kan uummata Oromoo isa walakkaa impaayerattii tahuuf qabu itti fufiinsa aangoo isaaf gufuu itti tahee, dhumti isaa akka itti gabbaabbatu taatee sanuu kursii (teessoo) isa baataa turte waliin dabaree akka wal baataa hafan isa taasifte. Keessumattuu mootin kun uummata Oromoo kana akkuma uummata impaayerattii keessa jiraatan kanneen biroo salphaatti garboomsuun waan hin dandaa’mne ta’usaa erga hubatee booda tooftaalee ittiin uummaticha gita bittaasaa har’aafi garbummaa hidda isaatii jalatti barabaraan hambisu dursee baafatee ture. Kaayyoo isaa kana galmaan ga’achuudhaaf xiyyeeffannoon isaa inni duraa ogbaruu sabichaa balleessuufi ukkaamsuun saba hambaafi duudhaa, seenaa mataasaa hin qabne taasisuu ture. Ogbarruu Oromoo kana hundeen akka barbadooftu gochuufis mala gurguddaa sadii ol gargaarameera. Inni jalqabaa yeroo wareerraa Xaaliyaanii keessatti gaafa sabni Oromoo afaansaan dalagaalee hunda gargaaramuutti ka’u, labsii Afaan Oromoo eessattu akka hin dubbatamneefi afaanicha dubbachuun immoo seera mootichaa duratti yakkamaa kan nama taasisu dambii tumsiise. Kun immoo manneen amantaa kam keessattiyuu afaanichi akka hin dubbatmneefi ambaan afoola sabichaa olkaa’amee akka dhaloota itti aanuuf hindarbine taasise. Qabxiin inni lammataa, mo’atamuu warra adii (1941)’n booda Sirni daldala garbaa impaayerattii keesaa dhaabatus, mootichi garuu bifaafi haalaa adeemsa gochichaa jijjiiruun uummata impaayeratti keessa jiru keessaa addaan qoodee gara uummata Oromoo irratti sirna gabrummaa haaraa diriirsuun Oromoofi Oromoo walnyaachise. Inni sadaffaan ammoo caasaa siyaasaa isaa kan Kiristaanummaa, Amaarummaaniifi Oromummaa doomsuu giddugaleessa godhate irratti hundaa’uun mootummaa giddugaleessa tokko hundeesse. Kunis duudhaa, safuu, aadaafi amantaa uummata Oromoo hudhuufi daran balleessuuf shira xaxamaa turedha. Dhimmi guddaa nama gaddisiisu ammoo uummatni Oromoo sirna bittaa kana jalatti kan mulqame mirga Afaan isaan barachuu qofa osoo hin taane, mirga Afaanuma kamiiniyyuu barachuu dhabuu isaati. Kunis uummaticha doofummaa keessatti hambisuun qabeenya namaafi uumamaa isaa bifa salphaan saamuufi garboomsuuf immoo haal duree tahuu danda’a jedhamee kan raawwatamedha. Dhukkubi sammuusaa inni guddaanis baay’ina uumma guddaa kanaati.

Sirna nama nyaataafi garboomfataa abbaa irree Habashaa kana jalatti uummanni Oromoo akka galaa, lammii lammaffatti yoo ilaalamu uummanni Amaaraafi Tigiree garuu akka abbaa biyyaafi lammii biyyichaarratti murteesso ta’eetuu yaadama. Aadaa, duudhaafi Afaan Oromoon immoo akka mallattoo doofummaa, boodatti hafummaa, kan hin baranne, kan hin qaroomne, kana qofas osoo hin taane, qaroomuullee kan hin dandeenyeetti waan lakkaa’amuuf daa’imman Afaan Amaaraa barachuuuf dirqamaa turan . Har’as harcaatuu sum’ii kanaa keessatti kan argaman hindhabamne.
Ittifufees sirni bulchiinsa Hayile Sillaasee aangoo gadhiisuus barsiifata badaafi hammaataa kana lafa qabsiisee ilaalcha hawaasa impaayeratti keessa jiraatu immoo daba seenaan bokoksee Hantuuta Jawwee liqimsitee eegee baasuuf wixifattu godhee waan darbeef Oromummaa laaffisuu qofa utuu hin taane, lammiin Oromoo hedduun eenyummaa isaa akka wallaaluufi ogbarruufi duudhalee isaallee akka dagatuuf gumaacha hammeenyaa kana gumaacheera. Kun immoo lakkoofsi ogbarruu Oromoo maaliif baay’ina dhabee? dhalootni Oromoo hammana baay’atan maaliif fedhii og barruu Oromoo dubbisuu dhabaniifi afoolonni Oromoo yeroo ammaa maaliif akkuma afoola sabaafi sablammilee biroo haalaan baay’atanii maxxanuufi raabsamuu dadhaban kan jedhuu waan baay’ee nama yaachisudha. Keessumattuu dhaloota Qubee amma ka’aa jiranillee wayya malee Oromoon sum’ii jaraatiin laaqame hedduunsaa kitaaba Oromoofi aartii Oromoo baay’ee hin leellisan. Egaa dubbiin akkanaa Oromoorratti fe’amaa turte. Bara mootummaa Dargiis yoo ta’e afaan ofii barachuufii afaan ofiin barachun carraansaa hinturre. Mootummaa dargiis yoo ta’e, qaroowwan Oromoo hedduu dararsuufi dhabamasiisuu malee homaa hu hintolle. Gootota akka addunyaatti beekaman bara sana keessa dhabneerra.

Kanarraa kan ka’e Afaan saba guddaa kun bara dheeraaf hacuucamaa tureera. Kessumattuu labsiin bara Tafarii ture kun labsii Afaan tokko, biyya tokko, amantii tokko jedhu waan tureef ukkaamsaa guddaatu ture. Amma garuu kun waan xiqqoo furame fakkaata. Haata’u malee hayyoonni Oromoon sodaa bara duraa sanaan waan hidhamani jiran fakkaatu. Ammaan kana harcaatuun dhiibbaa tokko tokko jiraattus injifachuun waanuma danda’amudha. Hayyoota baay’eetu waa barreessee ammayyuu maxxansuu sodaatee jira. Warra akkasii kana seenaan isaan gaafata. Dhaloonni qubee amma ka’aa jiran garuu yoo sirriitti qabamaniif jijjiirama amansiisaa argamsiisaati jiru. Galaanni sodaachisaan kun olaantummaasaa mirkaneeffachuun mirkana.

 
SAFUU: Siyaasarratti ilaalcha akkamii qabda? gareenkees kami? Oromummaa yookaan sabboonummaa haala kamiin ibsita?

BEEKAN: Barreessaan gartuu siyaasa kamiiyyuu miti. Giddu gala taa’ee waan haqaafi dhugaa ta’e loogii tokko malee barreessuutu irraa eegama. Egaa sadarkaa yaadaan ammoo gama haqaaf hojjetu cina hiriiruun dirqama sammuu taati. Haalli qabsoo guyyuu namni guyyaa guyyaatti keessa jiraatuyyuu siyaasadha. Namni siyaasarra bilisa ta’ee kan hinjiraanne yoo ta’es, siyaasa walqixxummaafi haqaa akkasumas jijjiiramaaf hojjetu nan ajaa’ibsiifadha. Gama Oromummaatti yoo deebine ammoo eenyummaan Oromoo Oromummaa isaati. Oromummaatu saba keenya saba biraa irraa adda godhee, Oromoo akka jedhamnu nu taasise. “Nuti Oromoodha.” kan ofiin jennu, yookaan Ormi “Isaan Oromoodha.” kan nuun jedhuuf Oromummaan keenya ibsituu eenyummaa keenyaa waan ta’eefidha. Kun ammoo kan itti dhalannedha. Kan Oromummaa isaatiin hinboonne garbicha, bitamaafi isa wallaalchifamedha. Amantii, kutaafi gosaan, gargar ba’uu malla. Oromummaan maqaafi qabeenyaa Oromoon marti waliin qabdudha. Namoonni tokko tokko humnumaan abashoomuuf yaalu. Isaan akkasii kun jiraatti warra raata’anii jiranidha. Afaaniifi aadaa ofii duubatti gatanii kan Ormaa leellisuu caalaa garbummaan hinjiru. Kanaafuu Oromummaan Afaan, aadaafi seenaa ofii jaallachuufii kunuunsuurratti kan ijaaramudha. Oromummaafi sabboonummaan dhuunfaarraa jalqaba. Yaada kana Baxter, (1996:101) “The Oromo will never become good Ethiopians before they become good Oromo” jechuun Oromoon dursee of akka beekuu qabu ibsa. Sabboonummaa kan jedhus yoo ta’e, Sabaan-boonuu kan jedhurraa dhufa. Saba ofiin boonuu jechuun saba biraa hacuucuu jechuu miti. Of ta’anii kan biraafis kabaja kennuudha malee. Oromummaafi sabboonummaa dagaagsuudhaaf ammoo dhiigni Oromummaa inni hidhaa jaalalaan walitti nama qabu xiyyeeffatamuu qaba. Sabni tokko tokkummaa qabaachuuf yookaan eenyummaa isaa waliin dagaagsee guddisuuf, dirqama kutaa tokko keessa jiraachuu hin qabu. Dirqamaan amantii tokko hordofuunis isa hin barbaachisu. Akkasumas dirqama ilaalcha siyaasaa tokko qabaachuun irra hin jiraatu. Amantii, kutaaniifi ilaalchi siyaasaa garaagarummaa bu’uuraa osoo hin taane, ilaalchaafi jireenya dhuunfaati. Sababa adda addaanis jijjiiramuu ni danda’u. Kanaafuu Oromoon dhugaatti Oromoorraa dhalate Oromummaasaa jabeessee qabateetu sabboonummaa ijaara!

SAFUU: Waa’ee barruuif galaalchaa Oromoorratti waan jettu qabdaa? Mee Afaan Oromoo isa ittiin barattee as geesserraa nuuf ka’i.

Afaan Oromoo afaan uummata miliyoonota hedduun dubbatamu ta’ee osoo jiruu hacuuccaa fi cunqursaa waggoota danuu oliif humna koloneeffattootaan irra gaheen, akka ittiin hin baratamneefi hin hojjetamne godhamee akka baduufi afaan amaaraan akka liqimfamu gochuuf warra yaalamaa ture keessaa isa tokkodha. Haata’u malee qabsoo uummati Oromoofi ilmaan cunqurfamoo kan biroo waliin godhaniifi injifannoo bara 1991 argameen afaan Oromoo, Oromiyaa keessatti afaan barumsaafi hojii akka ta’uuf carraa yookaan hiree argate. Haala kanaan bara 1991 yeroo ABOn handhuura Oromiyaa Finfinnee seene irraa kaasee Qubee Afaan Oromoo barachuufi barsiisuun duula guddaatu godhame. Kitaabonni barumsaa kumaafi kitilaan maxxanfamee manneetii barumsaaf raabsaman. Barruuleefi galaalchonni hedduun bahuu jalqaban. Barruulee yeroo sana dhalataniifi maxxanfamuun uummata bira gahaa turan keessaa, kanneen akka Qabee, Madda Walaabuu, Gadaa, Ichimaafi Biiftuun kan yaadataman yoo ta’an, galaalchota yeroo sana turan keessaa ammoo kan akka Bakkalcha Oromiyaa, Madda Walaabuu, Urjii, Coqorsa, Seyfe nebelbaal, Risaafi Irreecha kan jedhaman ni yaadatamu. Haa ta’u malee barruuleen kunneen akka jalqabanitti itti fufanii guddachuufi babl’achuu hin dandeenye. Hidhaafi dararama namoota waan kana hojjetan irraan gaheen qopheessitoonni galaalchotaafi barruulee kanaa hojii isaanii itti fufuu hindandeenye. Artistoonni yeroo sana kessa mul’atanillee gariin ni ajjeefamani kaan ammoo biyyaa baafaman. Naasisuufi sodaachisuu akkasiirraan kan ka’e gidduutti waa’ee barruu Oromoo kan iddoodhaa kaasu dhibee barruu Oromoof bara dukkanaatu ture. Yeroo ammaa kanammoo keessumattuu waggaa lamaa aaitti waan abdii namatti horu hedduun mul’achuu eegalaniiru. Kitaabonni dhibbaan lakaa’amanis amma gabaarra jiru. Barruuleen kanneen akka SAUU, SIIFSIIN, GADAA, ARSADIIFI kan biroonillee yeroo ammaa kana hawaasa keessa jiru. Dhiibbaan amma jiru akka yeroo darbee sana ta’uu baatus, ammas waan kan Oromoo ta’e kanarratti dhiibbaan taasifamaati jira. Kunoo ijoolleen barruu Oromoo gurguraa jiran reebamanii kaan hidhaa kaan ammoo doorsifamaati jiru. Haata’u malee kana booda waa’ee dhimma afaan Oromoo ukkaamsuurratti qaamni hojjetu Oromoo milyoonota 50 olitti tilmaamamu kana tuffachuu waan ta’uuf irraa of qusachuu qaba. Kana booda galaana guddaa kana dura goruun ittiin dhidhima buufamuuf yoo ta’e malee, haala kamiinuu luugama garbummaa jalatti deebisuun akka hinyaadamne diinni Afaan kanaa beekuutu irra jiraata.

 
SAFUU: Waa’ee barnoota dooktorummaa amma itti jirtuufi bu’aasaa nuuf himi.

BEEKAN: Ani amma barataa waggaa lammaffaati. Carraa barnootaa argadhetti gammadeera. Afaan Oromoo sadarkaa dooktorummaatti banamuu dhabuusaaf gadda guddaa qabaadhus, Afaanuma Ingiliziitiin dhimma Afaaniif aadaa Oromooratti qorachuu eegaleera. Mata dureen qorannookootiis ‘DOCUMENTATION AND SEMANTIC ANALYSIS OF OROMO ORAL POETRY’ kan jedhudha. Mata duree kanaan waa’ee sabakootii argannoo guddaa tokko bira akkan ga’u nanbeeka. Waan Oromoon dubbatama afaaniin keessasaa ibsachaa tureefi jiru keessaan hiika dhokatoo barbaaduudha xiyyeeffannaankoo. Kanaafuu waggaa dheeraa nafudhatus gargaarsa Waaqayyoon galma nan gaha. Waa’ee maqaa dooktorummaa argachuuf utuu hintaane, waan dhokatee jiru ifa gochuu danda’uutu nama boonsa. Baay’een namaa waraqaa dooktorummaa harkaa qabaatus mataasaaf malee, sabasaaf utuu hinjiraatiin du’eera; kan jirusillee jira.

 
SAFUU: Oromoof dhaamsa akkamii qabda? Abjuukee fuula duraas tarii yoo nutti himtes gaaiidha. Mee kaayyoo barreessuuf ati ammas fuuladuraaf qabdu maal akka ta’e ifa nuuf godhimee.

BEEKAN: Oromoon tokkummaan ijaaramuu qaba. Kutannoo, murannoofi obsi ammoo akka callee aadaatti morma nama keenyaatti rarra’uuti qaba. Keessumaa dhaloonni amma ka’aa jiru kun jijjiiramaaf banbanaadha. Kanaafuu hubannaan oogganamuu qaba. Abjuunkoo Oromiyaa dagaagdee ilmaanshee jalaa faffaacaate dachaafattee nagaafi tasgabbii guddaadhaan ijaaramte arguudha. Kaayyoo barreessuun walqabate ilaalchisee ammoo barreessitoota Oromoo dhokatanii jiran ifatti baasuu, jajjabeessuufi karaa agarsiisuu akkasumas ‘waldaa barreessitoota Oromoo addunyaa-International Oromo writers association’ hundeessuudha. Waldaan hundaa’u kun ammoo Afaanota addunyaa hedduu baratee ilaalcha, falaasamaafi duudhaa Oromoo addunyaatti akka agarsiisuu danda’uuf qabsaa’uudha. Dabalataanis Afaan Oromoo afaan mana barnootaa sadarkaa olaanootti gosa barnootaa kamiyyuu ittiin baratan ta’uu mirkaneessuufi biyya kana keessatti afaan hangafummaasaa mirkaneeffatu ta’uusaaf tumsaafi wareegama narraa eegamu mara taasisuudha.

 
SAFUU: Hayyoonni baay’een gaafa baratan jennu gara biyya ambaatti godaanu. Kanarratti yaada akkamii qabda? Kankeewoo kaayyoon gama kanaan maal fakkaata?

BEEKAN: Namni kamuu biyyasaa nijaallata. Akki inni itti biyyasaa gadi lakkisee adeemus garaagara. Kaan garaafi kaan ammoo dararfameeti. Hata’u malee isa hayyoonni Oromoo baay’ee nuu baratan jennu kun biyya faranjiitti godaanan kana ani nan morma. Biyya ormaa taa’anii jireenya dhuunfaa qofa fooyyeeffachuurra saba ofii faana gidiraa arguutu filatamaadha. Waan mormamuu qabullee keessuma taa’anii mormuutu gaariidha. Hayyoota qaroo ta’an ofirraa dhabuun hiyyuma hiyyuma caaludha. Akkakootti ammayyuu mootummaan naannoo Oromiyaa hayyoota Oromoo Yunivarsiitii addunyaa kamirrayyuu barsiisaa jiraniif haala hunda mijeessee Yunivarsiitii Oromiyaa keessa jiru kanatti yoo dachaase, yeroo dhiyoo keessatti argannoowwan dhokatoo ta’aniifii guddina sadarkaa addunyaatti dhaga’amuu danda’u ijaan arguu dandeenya. Ani gamakootiin biyya Ambaa keessa barakoo guutuu jiraachuu hinfedhu. Barnoota dabalataa baradhee yoon deebi’e garuu nanjaalladha. Oromiyaarraa fagaadhee jiraachuu garuu hindanda’u. Gaman danda’en ammoo hayyoota ala jiranuu gara biyyaatti dachaasuuf carraaqqii dhuunfaakoo nantaasisa. ‘Waanuma abbaa dhibetu abbaaf dhibeedha’ jedhu mitiiree?

 
SAFUU: Lammiilee biroon afaan keenya barachuu qabu jettaa? yoon dogoggoruu baadhe yaalii akkasii Yunivarsiitii Amboo keessatti jalqabdee turte jedhama. Mee yaada kana gadi fageenyaan naaf ibsi. Mudannoon gama kanaan ati qabdu jiraa?

BEEKAN: Dhugaadha yaaleera. Ijasaas arguu jalqabeen ture. Kun akka L. A. tti bara 2011 ture. Jaarmiyaa lama jalattan dhimma kana qindeessee ture. Innis barsiisotaafi barattoodha. Innis ‘Afaan Oromoo for communication-afaan Oromoo waliigalteef kan jedhuufi Afaan Oromoo for health students-Afaan Oromoo barattoota waa’ee fayyaa barataniif’ kan jedhuun ture. Egaa kaayyoonsaa barsiisonni akka afaan keenya baranii ijoollee keenya gargaaraniif yoo ta’u, warreen fayyaa ammoo yeroo shaakalaaf hoospitaalota naannoo Ambootti ba’an afaan Oromoon saba Oromoo waan gargaaruu dadhabaniif ture. Barsiisota yunivarsiitii Amboo keessaa nama 48 galmeeffadheen yeroo hojii isaanii idilee alaa barsiisuu jalqabee akka baatii sadii barsiiseen jijjiirama gaarii irratti arguu jalqabeen ture. Barattoonni ammoo hamma iddoon nuhanqatutti galmaa’anii turan. Kana kanan jalqabee tureef waa gurguddaa sadiifi. Inni jalqabaa barattoonni Oromiyaa bal’oorraa gara Yunivarsiitootaa galaa jiran baay’ee heddumatoodha. Haata’u malee sabab ibsi daree keessaa sababa Afaan Ingilizii gahaa ta’e dubbachuu dadhabuu barsiisota yunivarsiitii tokko tokkoorraan kan ka’e ibsi kennamu marti Afaan warra Amaaraatti caalaa ture. Kana keessatti ammoo ijoolleen keenyaa keessumattuu dhaloonni qubee afaan Oromoon barannee as geenye kun miidhamoodha. Kanaafuu barsiisota lammii biraa ta’an kana yoon afaan kana sadarkaa waliigalteetiinillee isaan geessise ijoolleen keenya fayyadamoo ta’uu laata jedheeni. Inni lammataa ammoo mul’atikoo sun Yunivarsiitii biyya keenya keessa jiru marattillee akkasiin yoo barsiifame, waajjiraaleefiii dhaabbilee mara keessatti Afaan Oromoo haala ga’umsa qabuun yoo ciminaan barsiifame, tariiti Afaan keenya kun afaan biyya kanaa isa tokkoffaa ta’uurrayy darbee kan ardii Afriikaa guddichallee ta’a laata jedheeni. Inni sadaffaan ogeeyyiin fayyaa leenji’anii bahan kun haala salphaa ta’een hawasa keenya akka gargaaraniif ture. Haata’u malee mudannoo ta’en itti qaba ture. Ini jalqabaa sabumakootu afaan kenya halagaa maaf barsiifta jedhanii akka ani lammata hinbarsiifne kan na akeekkaschiisan turan. Inni lammataa ammoo gaafan barnootaaf Yunivarsiitii Finfinnee galu namni waa’eesa lafaa kaasu nidhibe. Ammas taanaan utuu haalli naamijaa’uu jiraate uummata Finfinnee keessa jiraatan kana Afaan Oromoo barsiisuuf fedhii guddaan qaba. Kana ilaalchisees kitaaba sadarkaasaa eeggate tokkon qopheessaa jira.

SAFUU: Dhaamsa akkam akkamii dhaloota kanaaf qabda? Mee kana booda Oromoon sirraa maal haa eeggatu?

BEEKAN: Dhaloota amma ka’aa jiru kanaaf hagas mara dhaamsa dhaamuufiinuu waan barbaachisu miti. Humni amma ka’aa jiru kun waa’ee ofiisatii jala muree beeka. Halgaafi fira, diinaaf lammii gargar kan baafatedha. Dhaloota amma kana keessa lbooba mul’ataa kan akka abidda saafaa keessa isaaniitti guuranii kan yaa’aa jiran lakkoofsaan xiqqoo miti. Kanaaf ammoo iji amma bubu’uu eegale kun ragaadha. Akka saba cunqurfamaa tokkootti ammoo Oromoon hoj-mannee isaa waan xumurate hinfakkaatu. Aggaammii fuulduraaf tarkaanfiin jalqabaa kun bu’uura ta’us, waan ifa ta’erra waan dhokatee jirutu madaala caala… Oromoon Oromummaan isaaf gale tokko ciisee hinboqotu; nyaatee hingabbatu; biftis hinfurdatu… Dhaloonni haarawaan Oromticha borii, Oromummaatiif wabii ta’u kan danda’u seenaa Oromoo, nagaa Oromoo, hawaasa Oromoo, jireenyaafi jiruu Oromoo akka gaariitti qoratee, xiinxalee yoo galmeeffatee dhalootaa gara dhalootaatti dabarfatedha. Gama kanaan barreesitoonni qodni qaban guddaadha. Qodni isaanii kun wanti guddaa ta’uuf ammoo, rakkoo jiruufi jireenyi uumuuf osoo hinjilbeenffanne, yoo dhugaafi nagaa Oromoo, akkasumas dhugaa dhala namaatiif dalagu ta’e bu’aan isaan galmeessan hunde guddina hawwinuu ta’a. Namni waa barreessu akka aduufi ji’aa dukkana fageessee ifa tamsaasa. Guutummaatti uumaafi dhala namaaf waan tolu leellisee, wan badaa qeeqa; tulluu wallaalummaa diiga. Kana gochuun ammoo itti gaafatama guddaadha. Siidaa seenaa har’a dhaabaterra taa’ee dhaloonni borii gaara birmadummaa ijaara. Yoo seenaa hin hojjenne, seenaatu nurratti hojjeta. Kan afaaniin dubbannu caalaa kan barreessinutu sammuu qara; du’as dandamata. Oromoon tokkummaafi jaalalasaa cimsachuuti qaba. ‘Warra wal jallaatu dhiyaanni hin hanqatu’ jedha mammaaksasaatiinis. Tariiti sum’ii kaleessa halagaan sammuu dhalootaa keessa tamsaase sun numiidheera ta’a; har’a garuu haaromsa haaraa labsuu qabna. ‘utuma gubannuu kolfina jette akaayiin’ jedhu mitiiree…? gubannaan daangaarra darbe garuu…Waliin taanee utuu qabsoofne gaara hiyyumaafi garbummaa mara hundeedhaan garagalchuu dandeenya. ‘Moluu cabbii dandeesse bakakkaaf abdatu’ jedhan. Yoo bilchaataafi hangafarraa gorsa fudhanne, wallaalaan keenyas xiyya bilisummaa finiinsa. Beekumsiifi qilleensi galgala dhufa’ jedhu mitiiree? Beekumsi ammoo bishaanis miti lagaa hinwaraabamu; garuu muuxannoofi mudannootu walitti dhufee galaana beekumsaa hundeessee doofummaa dhidhima buusa…

Aartiin saba Oromoo barreeffama qofaan guddata miti. Inni weellisus, inni geerarus ta’e yeelalus, inni doyii barreessus ta’e inni oogganus, inni baratus ta’e barsiisu, kan qotus ta’e daldalaan gama gamasaatiin waan gumaachu qaba. Oromummaan kan waliiniiti ! Biyya tokkicha walitti qabna; innis Oromiyaa; maqaa tokkicha waliin qabna; innis Oromoo-dha. Waaqa tokkicha waliin qabna; innis gurraacha garaa garbaa leemmoo garaa taliilaati! Sirna ittiin bulmaataa guddicha qabna; innis sirna Gadaa-ti! Mee maali inni Oromoo gargar qoodu kun? yoo baay’ina keenya goomatame ta’e ammoo ammayyuu ganaa Afriikaarra dabarree addunyaa dhuunfanna! Kanaafuu ammallee kan Oromoon hirribaa hindammaqne yoo jiraate salphina guddaa keessa jira. Egaa akka nama dhuunfaa tokkootti anarraa Oromoon kan eegu ittuman jira. Barruulee sabakoo bakka bu’anii dubbatan hedduu isaanii gadhiiseen jira. Kitaaba kooppii kuma 40 oltu Oromookoof tamsa’ee jira. Dabalataanis Dargaggoota akkakooti ani gara barressuu kanatti fideen ammoo kitaabonni gara kooppii kuma 100 ol ta’an hawaasa Oromoo qaqqabanii jiru. Ammas qabsoon gama ogbarruun finiinaa jiru kun akka qaanqeensaa guutuu addunyaarratti xaxxaaxa’uutti qabsoon gama kanaan eegale kana ittuman fufa. Dargaggoota Oromoo murannoo, kutannoofi obsa qaban faana ammoo hanga dhumaatti waliin hojjechuukoo ittuman fufa.

SAFUU: Odeeffannoo gadifagenya qabu kana nuuf laachuukeef galatoomi.

BEEKAN: Gumaacha uummata bal’aa kanaaf gochaa jirtaniif galata argadha!

B1

Beekan Guluma Erena
Harvard University
Email: beekanguluma@gmail.com

Face book: Beekan Gulummaa Irranaa
Twitter: @beekanguluma
Skype: hayyuubeekan1

Website: www.beekanguluma.org

Tel. No +1 (617) 319 44 98

 


©Beekan Guluma Erena, 2016