Skip to content

HARIIROO DHAANGA’OOTA OMN (USA) FI TVO (OROMIYAA): TAAJJABBIIN AMMALLEE QORANNOOTTI JIRA…

HARIIROO DHAANGA’OOTA OMN (USA) FI TVO (OROMIYAA)

Seensa

Miidiayan saba tokkoof wabii bilisummaa ta’uu baatullee sagaleedha. Sagalee uummata bal’aa kallattii hedduun fedhii uummataa bakka bu’ee dubbata. Fedhiin uummataa maali?…OMN miidiaya waggaa sadii as arganne qixa hedduun Oromoof tajaajila miidhagaa kennedha. Garuu rakkoorraa bilisa jechuun hindanda’amu. Jaarmiyaan hojjetu kamuu dogoggora qaba; wan hojjetuuf. Haata’u malee dogoggorri dafee cituu baannaan manicharra darbee guuttuu sabaa karaa hedduun gaaga’a. Kutaa itti aanu kana keessatti Waa’ee OMN, Waa’ee Dr. Birhaanuu Olaanaa (Nama OMN fi TVO) hojjetu xiqqoo irraa xiinxala. Kaayyoon barruu kanaas nama dhuunfaa yookaan jaarmiyaa dhuunfaa tokko miidhuuf utuu hintaane, yaadakoo guaacheefi qajeelchuufidha. Nama dhuunfaa yookaan miidiyaan olitti ammoo uummata guddaa miliyoonotaan lakkaa’amaniifi qabsoo bal’aatu jira. Sana eegguufi tiksuun, dhaloota biyya keessaa qabsoo cimaatti jiruuf of eeggannoo taasisuun waan hundarra waan caaluufan waa tokko tokko bifa Taajjabbiin sabaaf ifa gochuu barbaade. Namoonni hedduunis hubannaa hedduu akka argataa jiran beekeetin jira.

ETV/TVO fi Dr. Birhaanuu Olaanaa

Dr.  Birhaanuu Dirbaabaa Olaanaa  dahlataa  Shawaa Lixaati dhalatee Shawaa bahaatti guddate.  Hojii gaazexeessummaatiin dippiloomaarraa ture. Bulchiinsa barnootaas BA qaba. MA sadarkaa Koomunikeeshinii qaba. Mootummaan sun Biyya Awustiriyaaliyaa tti PhD saa akka bartuuf ergite.  Ergasiiwoo? Itti deemna.   Yeroo ammaa hojii dhuunfaa gorsaa gaazexeessummaarra jira.  Barsiisaafi Gaazexeessaas ture. Talvashiiniii Itoophiyaa keessatti qophii Afaan Oromoo keessa dalgaa ture. Sirna Impaayera Xoophiyaa keessatti nama bu’aa guddaa buuseefi iddoo gaarii qabatedha. Qophii Gaazxeessummaasaa darban keessatti Qophii dinagdee kan jedhurratti dalagaa ture. Sochii sirni sun taasisaa ture keessatti baadiyyaa keessa naanna’uun waan kana gabaasa. Karooraafi sirna mootummaa sanaatiinis hawaasa dadammaqsaa nama turedha.  Hojiinsaa hedduun proppogaandaa kan baayyatuufi Godina Harargee keessaa akka tutturaa ture innuu qophii ‘anaa dhufuu’ ofii gaafatamerratti dubbatee jira.  ETV keessaa waggaa 10 hojjeteera. Dokmentarii waa’ee Baddannoo wayyaaneen ittiin A.B.O yakkites isatu ooggane jedhama. Isa booda STVO oogganuuf, hooggaansa sub-quunnamtii keessa ture. Hangaa ammaatti dhaabbata TVO keessatti gahee guddaa qabaataa jira. Ammallee gorsaa olaanaadha.
OMN fi Dr. Birhaanuu Olaanaa
Dr. Birhaanuun erga barnootasaaf gara biyya Awustraaliyaa dhufeeti ammas hojii ogummaasaatiin OMN maallaqa guddaan kaffalameefii gargaraa ture. Waggaa tokkoof walakkaaf gulaalaa olaanaa ture.  Keessumattuu Daayirakteera OMN Obbo Jawar Mohammed faana hariiroo guddaa qaba. Dr.  Birhaanuun waa’ee naamuusaafi Duudhaa (himmaammata)  OMN katabeera. Maallaqa $4000 n akka katabes nibeekama.  Naamuusa kanallee qofumasaa barreessee OMN f galii taasisera.  Gaafa Dr.  Solomon Ungasheefi Gaazexeessaan Mohaammed Ademo OMN gadi lakkisanii ba’an Jawar Mohhamed Dr.  Birhaanuu Olaanaa gulaalaa olaanaa godhachuun muuddateera.  Kanaan walqabatee bakka bu’ummaa oogganaa boordii yeroo Sanaa bakka bu’uun mallattoon mallattaa’ee ittiin ajaji kennameera (Kanatti nan deebi’a, eenyutu eenyuun fakkeessee mallatteessee? Eenyuunis ajaje?…kan jedhu bal’inaan itti deebina)
Dhimma Dr.  Birhaanuu Kanaan walqabsiisee gaazexeessitoota yeroo sana OMN keessa tajaajilaa turan Jawar irratti guungumaa turan.  Guungummiin kunis maaliif aanga’aa OPDO kana as keessa galchuudhaan akka nufaana dalagu goota? Kan jedhu ture. Deebiin kennames, nuti nama barate haata’u malee dhimmi akkanaa hinqabnu ykn ilaalchi siyaasaa namni kun hordofu irraa dhimma hinqabnu  jechuun gartummaasaa OPDO qabu calaqqisiise.   Dr.  Biraanuun Marsariitiifi ‘Youtube’ OMN kallattiin Austraaliyaa taa’ee timeviwer dhaan to’ataa ture. Wantoota iccita takinooloojiin walqabatan akka waliigalaatti iccitiin OMN Dr.  Birhaanuu Olaanaa harka ture. Ammallee hariiroo guddaa OMN faana qaba.   Dr.  Biraanuun gara waggaa tokkoof erga ogummaasaan OMN gargaaree, ittis hamma tokko erga gargaarameen booda ofumasaan hojicha dhaabe. Booda keessa barnootasaa xumureetu guyyaa Ayyaana Diyaasfooraa Mootummaan Wayyaanee biyya keessaa qopheessitetti namoota Oromoota biyya keessatti lafa argachuuf waadaan isaaniif galameefi Invarstimantiitiif kaadhimaman hunda oogganuun fudhatee gale.  Ofiisaatis amanamummaa gonfate. Maatiinsaas asuma biyya alaa kana jiru. Gaafa barbaade nidhufa; gaafa barbaadee Oromiyaa keessa dalaga. Sirna sanaaf lafee dugdaati. Oogganaa OMN faanas hiriyaa addaati. Waan barbaadan alaaf keessatti walumaan qindeessu. Durumaatu Dr.  Birhaanuun sirna sanaan biyya alaatti waan ergameef, waan OMN dalagus ta’e waan biyya keessaa dalagamu hunduu mootummaa Wayyaanee biratti iccitaa miti.  Yeroo biyya seenanis waa’ee diyaasfooraa qabatee biyya galeetiif gaazexeessaan Dr. Biraanuuf gaaffiifi deebii taasisuu barbaannaan akka dide bira gahameera.  Kunis OMN faana utuu dalaguu waan biyya seeneef yeroof mataa dhokfachuuf ture. Icciiti kunis otuu Dr.Biraanuun galma walgahii sana keessaa hin ba’in nu Oduunsaa Diyaasforaa gahe.  Har’a garuu xiqqoo barri gaafa dabartu qophii anaa dhufuurratti as ba’ee dubbataa jira (Hidhaa itti aanu kana ilaali)
Dr.  Biraanuun yeroo ammaa kana abbaa qabeenyaati. Oomisha abbaa qabeenyaa biyya Sanaa daqiiqaa muraasatti dabarsuufiin galii koomishii argatus qaba. Kan duudhaan manichaa kaffalchiisuun cinatti namoota gara sanatti dhiyeessuun waa baayyee argachuun nama duroomedha. Oomisha abbootiin qabeenyaa daqiiqaa muraasa TV gubbaatti maallaqa guddaa baasuun beeksifatan inni karaa boroo maallaqa fudhatee Gaazexeesitoota ergee akka sagantaatti ballisee dabarsuun moggaan qarshii guddaa argata ture.  Sirna sana keessattis hojjetaa amanamaadha.  Gaazexeessitoota OMN amma dalagaa jiran, keessumaa warra sagantaa Afaan Amaaraan biyyoottan lammanirraa dabarsanillee Dr.  Birhaanuutu OMN keessa akka dalaganiif yaada kenneef. Biyya keessattis ta’e ammas hariiroo cimaa waan waliin qabaataa turaniifi waan waliin dalagaa turaniif oolmaa ta’uu isaati.
Har’aan kana utuu Gaazexeessaan OMN tokko biyya galee guyyaa tokkoof lubbuun jiraachuu danda’a laataa? Dr.  Birhaanuun garuu hojjetaa OMN sanumayyuu ooggana ol aanaa tureetu har’aan kanammoo biyya sana keessatti muudama guddaas qaba; gorsaa miidiyaa TVO tis. Kun akkamiin ta’a jettanii yaaddaniittuu?  Yeroo har’aa kanatti oduun TVO biyya keessaati darbu maaliif dafee Daayirakteera OMN qaqqaba? OMN otuu TVO oduu hin dabarsin maal akka darbu akka beeku beettuu?  Yeroo darbe waa’een qubee Gaazexeessaa TVO Abirhaam Birruutiin yeroo qindaa’ee gadi ba’u maqaan kitaabonni qophaa’an namoota 50 oliin ta’ee utuu jiruu nama lamaaf sadii hincaallee maaliif tarreeffamuun akka oduu ammee (breaking News’tti gadi ba’e? Hariiroon TVO fi OMN maalii?  Hariiroon akka jaarmiyaatti harka walkeessa naqachuun dalagu kun maali?  Oromoon hundi kana beekaa? Waa’ee hojjetaa amanamaafi abbaa qabeenyaa amanamaa injiiner Elyas Ibsaas seenaa dheeraa qaba (kana yeroo biraan itti deebi’a) Inginer Elyas Ibsaa ajajaafi to’ataa saatilyaatii OMN akka ta’e namni hundi beekna laataa? Kun seenaa dheeraadha…..
Yeroo tokko Prof. Asfaw Beyyenee dabalatee miseensoti Boirdii OMN rakkoo mana OMN keessa jiru xiinxaluuf gaaffilee raabsan. Gaazexeessitoota hedduus dhuunfaa dhuunfaan dubbisan. Qorannoo sana kan oogganaa turan ammoo maatii haadha manaa Jawar  Arfaasee turan. Kunis akkuma Dr. Hamzaan dhaabbaticha gadi dhiisanii ba’aniin ture.   Qorannicha sana keessattis gaaffileen ‘namni haga har’aatti bakka isaa malee iddoo isaaf hinmalle taa’aa jiru jira jettanii yaaddan jiraa?”  Kan jedhu ture. Deebiiwwan gaazxessitoonni manichaa nama tokkorraan kan hafe deebisan hundi ‘Jawar Mohaammed’ kan jedhu ture. Yeroo sana Jawar karaa Dr. Biraanuu hojimmaata OMN hunda ooggana malee aangoo tokkoyyuu hin qabu ture. Kanumaan walqabatee maallaqni dhaabbatichaa lafa sadii akka jiru beektuu laataa? (Yeroo biraan itti deebi’a). Yeroo ammaa kana Najat maqaaf bakka buutus maallaqni namoota miindaan kaffalamuuf ala caalaa itti kennamuu hindanda’u. Maaliif?…itti deebina.  Maallaqni OMN f galu yeroo baayyee  calla (Cash) dha. Kun maaliifi? Eenyutu kaashii kana qindeessee namoota kana harkaa fuudha? Waan gargaarsa tolaa (welfare) walqabatee jiru iccinni danuun ala kana jira. (Sanas booda itti deebina).  Waan calla (cash) ta’eef ammoo hamma kennamuufi ba’u beekuun to’annaan ala.  Yeroo ammaa kanatti namoonni keessumattuu Xiinxalummaan OMN keessatti akka amanamootaatti bobba’an Jawar jala adeemu? Kan jedhu iccita qaba.  Isa kanas barruu biraanan itti deebi’a. Yeroo Abbaan Duulaa Gammadaa gara Minesota’ dhufetti iccitiiwwan ta’an maal maalfaadha? Suuraawwan guutummaatti argamaniifi viidiyoo argine sana boroo dubbii akkam akkamiifaatu ture? … Obbo henok gabbisaa ilaaltuu seeraa OMN kan ture akkamiin ari’amee ammoo itti deebifame? Yoom? Maaliif? Kanas gadi fageenyaan yeroo biraan itti deebi’a. OLC’n adeemsa keessa maaliif as bahe? Kaayyoofi mul’anni inni qabatee ka’e hariiroo inni biyya alaafi keessatti qabu maali?  Kanas ittan deebi’a.   Miidiayan aadaafi afaan keenyaa nubarsiisiisaafi guddisaa ture OBS n biyya keessa jirullee akkamiin baname? Hariiroo inni OMN faana qabaataa turewoo?  Gaazxessitoonni TVO 17n akkamittiin ariyamani? Eenyutu harka keessaa qaba? Kan jedhuufi kan kana fakkaataniif barreeffama dheeraan boodarra qaba. Gaazxeessitoonni sun battaluma ariyatamanitti akkamitti hojii argatani? Waggaa tokkoon booda akkamitti hojii dhabeeyyii ta’an? …kun hundi iccita fagoo qabu.  Jawar Mohammed yeroo gabaabaa keessatti akkamitti garaa namootaa keessa gale? Dubbii uummanni barbaadu filatee as ba’uun miidiyaarratti dubbachuun battaluma tokkummaa Habashootaa keessaa waggaa sadan dura as deebi’ee asitti akkamiin beekamtiinsaa dafee saffise? Kun hundumti barruu dheeraa nabrbaada.
 Hanga yeroo dhihoo kanaatti (baatii 4 dura) dhimmoota saatilaayitii fe’uu (up load) gochuu keessatti Dr. Birhaanuu Olaanaa qooda qabaataa ture. Waan ijoon Oromoon beekuu qabu tokkommoo appllikaashiinii muldhistuu (time viewer) kan jedhmatutti gargaaramee Dr. Birhaanuun kompiitera istuudiyoo OMN keessa jiru mara to’ataa tureera. Applikashiniin takinooloojii kallaattumaan addunyaa barbaadanirra taa’anii ittiin gola to’achuu barbaadan sana to’ataniifi ittiin waan barbaadan gulaalanidha. Odeeffannoo barbaachisaa ta’e kuusaa olkaawwannaa (drop box) jedhamuun fudhachuun gulaaluufi gara kompiitera ofiitti dabarfachuun nidanda’ama. Haaluma Kanaan namni kun har’as Adaamaa/Finfinnee lafa taa’ee miidiyaa biyya keessaa oogganaa jiru keessaa taa’ee dhimmi inni galmeefi iccita mana OMN keessaa hinsakattaaneef homtuu ragaan tokkichi hinjiru. Namni kun hojiin kamiyyuu keessumattuu dhimmi warraaqsa qabsoo oromoon walqabatu akka hindabarreef anam wayyaaneefi OPDO faana walta’uun ugguraa turedha. Fakkeenyaaf, maaliif sirboonni qabsoofi qabsaa’onni ABO miidiyaa kanarratti olba’uufi carraa argachuu dadhaban jettanii yaaddanii beektuu laata? Har’as taanaan ooggantummaa injiner Elyas Ibsaa jalatti namoonni saatiliyaatiirratti waa tokko olfe’uu (upload) gochuu danda’an, Dr. Birhaanuu Olaanaa (Oromiyaarraa-OPDO amanamaa), Feuad Siraaj (Minesota) fi Ferhan Abdusalam (London) irraati. Hundisaaniitu galata qabu.
 Miidiaya keenya jaallatamaa kana keessatti yeroo tokko tokko waan lafarra qabatamaan hinjirretu dubbifama. Akkuma miidiyaa biyya keessaa, yeroo hedduu oduu bilaashaa/fake news akka dubbifamaa ture ragaan jira. Keessumaa erga Qeerroon biyya keessaa oduu iccitaa dhorkachuu eegaleeti as oduun kijiboonni hedduun as bahaa jiru. Yeroo tokko tokkommoo yaada waldhahaatu as ba’a. Fakkeenyaaf, tibba darbe ABO ooggansasaa jijjiireera jechuudhaan caasaa olii haga gadiitti nubeeksisan. Gaafa qorachuutti gadi teenyu dubbiin bilaasha malee ABO isa hojiirra jiru hinturre. Kanarraa kan ka’e ABO Jaal Galaasaa Dilboo jechuun ABO kan Jaal Daawud Ibsaa n jiru akka waan dhabameetti beeksisanii namoonni hedduun ala kanaa rifataniiru. Yeroo hedduu oduu bilaasha (Fake news) manatti qopheeffachuun akkanumaan odeeffannoowwan ho’aa utuu hintaane, kan duriirraa as fiduun gaazexeessaan dubbisu tokko jira. Ammaaf maqaasaa hindha’u. Mata duree biraa keessatti garuu waa’eesaafi iccita guddaa inni daayirkteera miidiyichaa waliin q abu gadi fageenyaanan siniif dhiheessa. Gaazexeessitoonni OMN gaafa eebba OMN jalqabaa eebbasaarratti waa sadii waadaa galanii turan. Cubbuu hinhojjennu, Soba hindubbaannu; Obsaan sabakeenyaaf sagaleesaanii dabarsina. Oduuwwan utuu lafarra hinjiraatiin akka wan jiruutti dubbataman keessaa muraasni, Istudiyoo keenyaa Kaayiroo jedhu (maaltu akka jiruufi akka hinjirre ragaatu naharka jira), OMN afaan shaniin tajaajilasaa jalqabeera (Kana gaaf biraan gadi fageenyaan kataba), Mana istuudiyoo maqaa abaluutiin binnaafi kkf…(Kanas ittan deebi’a). Egaa barruu kana keessatti waa hunda xumuruu waan hindandeenyeef, kutaa kutaadhaan iccitiiwwan mana sana keessaa adeemaa jiran ifa isiniif godha.
Gaaffilee bu’uuraa kanarraa ka’anii gaafatamuu danda’an:
1. Dhimmi yeroo darbe waa’ee qubeef jecha istuudiyoo TVO Adaamaa jirurraa darbee uummata gooleefi haala jalqabbii Taajjabbii maal hubanna?
2. Maallaqni ilmaan Oromoo karaa toora interneetiin ji’a ji’aan buusaa jiruufi yeroo ayyaana addaa addaatti gadi yaa’ee buusaa jiru mana eenyuu jiraachisaa jira? Al kallattiin OPDO n ittii gargaaramaa hinjiruu?
3. Hariiroon Jaarmiyaa OMN fi aanga’oota OPDO biyya keessa jiranii maal fakkaata?
4. Shororkeessummaadhaan iyyatamuun Daayirektera OMN haqamoo bilaasha (fake) dha? (Kana gadi fageenyaanan katabuunkoo hin oolu)
5. Ajajoonni diyaasofooraa kanarraa akka jaarmiyaa siyaasaatti biyya keessatti dabarfamaa oolamu hundi sabboonummaafi quuqamarraa kan maddee? Ilmaan haadha hiyyessaa tapha (game) siyaasa bilaashaa keessatti dhumuunshee qajeelaadhaa?
6. OMN yeroo hedduu sabboontotaafi qabsaa’ota gameeyyii ABO lellisaniifi hayyoota sabboonummaa qaban maaliif miidiayarraa dhiibbata? Maaliif Sirboonni qabsoo ciccimoon agarsiifamuu dhabu?
7. Gaazexeessitoota of keessaa ari’uudhaan OMN fi TVO n akkam akkamiin walfakkaatu? Umuriin kamtu caalaa? Hayyoota bebbeekamoo addunyaafuu bu’aa buusan hedduu of keessaa darbachuudhaanoo? Kun maaliifi? Kkf
Odeeffannoofi oduu bal’aaf yeroo biraa walitti deebina-Taajjabbiin itti fufa.
Suuraafi Viidiyoon armaan gadii Dr. Birhaanuu Olaanaati dhaggeefachuum(ilaaluu) dandeessu.
TAAJJABBII-Kutaa 137ffaa

TAAJJABBIIN AMMALLEE QORANNOOTTI JIRA…
1. Obboleessi Dr. Birhaanuu Olaanaa (Gulaalaan olaanaa OMN fi DHRTVO) dhaabbata poolisii Oromiyaa keessatti nama iddoo guddaa qaudha. Akka basaastuu olaanaatti tajaajilaas ture. Gaafa Obbo Lammaa Magarsaa gara pirezedaantummaatti dhufu ammoo innis Basaasaa olaanaa Federaalaa ta’uun (Security/Intelegence) federaalaa kan mootummaa Wayyaanee ta’ee amma iddoo guddaarra jira. Kanaafuu, nageenyii Dr. Biraanuu Olaanaan daran biyya sana keessatti eegamaadha. Gaafa Dr. Solomon fi Gaazexessaan Mohammed Adamo OMN keessaa dhiitamanii gadi ba’aman Dr. Biraanuun Gulaalaa olaanaa OMN ta’uufi katabbii oduu (News writing’ ta’anii muudamani (Dr. Biraanuun ogummaasaan nama jabaadha). Dr. Biraanuun Carraa Wayyaaneen kenniteefiin gara biyya Austraaliyaa waan dhufeef waan inni hojjetu hunda Barakat Simooniifi Abbaa Xaayeen sirriitti beeku. OMN keessa yeroo inni galee dalages eeyyamuma isaaniitiinidha. Daayirekteerri OMN s lafuma maatiin Dr. Biraanuu jiran gara Austraaliyaa jiran deemuun waan hunda waliin buluun mariyataa akka ture, innuu dubbateera. Caasaan jiru OMN….TVO…OPDO….Wayyaanee= Isaan kun waluma keessa jiru; waliinis hojjetu. Daayirekteerri OMN wayyaanee waliin akka hindalagne ragaa nuti qabnu hinjiru. Waa’een shororkeessummaadhaan himatamuu kunis dhimmuma waliigalteen taatedha (Kana yeroo biraan baldhinaan isiniif kataba). Gaafa xiinxalli wayyaaneefi OPDO abaaru Karaa Raabaa doorii nuuf kennamu, ijoolleen biyya keessaa dhugaa seetee harka qullaa yaatee dhumaa turte. Kana iyyinee dadhabne. Gaafa dubbataa turres akkuma ammaa kana abaaramaa turre.
Utuu dubbannuu, gaazexeessitoonni OMN namicharraa leenjii ogummaa fudhachuun yakka miti. Hundumti keenyaa yeroo biyyatti barachaa turre, barsiisiaan keenyaa ilaalcha siyaasaa kamillee yoo hordofe dantaa keenyaa hinturre. Kan gaafatamuu qabu Daayirekteera nama kanaiccita gola keessaa haga saatilaayitiin harca’aa jira jechuutti shira xaxamaa turedha.
Hariiroo jaarmiyaan miidiyaa keenyaa kun diina faana dalage hedduutu jiru. Kanatu qabsaa’ota keenyaa akka jibban taasise. Taajjabbiin qorannootti jira.
Gaaffii
1. Siyaasa jechuun diina faana waliigalanii uummata qulqulluu daguuguudhaa?
2. Utuu Oromoon ogeeyyii hedduu qabuu maaliif nama diina Oromoo faana hiriire duukaa dalaguun barbaachise?
3. Oromoon maallaqasaa Qabsoo oromoofmoo Wayyaaneef gumaachaa jira?

2. Waan jiru hubachaa deemuun gaariidha. Namni OMN jibbu hin jiru, namni diiguuf yeroo isaa itti balleessus hin jiraatu diina yoo ta’e malee. OMN bu’a QBOti. Ammas taanaan OMN dafqa Oromootiin argame uummatichaa fi QBOtiif ooluu dadhabeedha male dantaa fi bu’aa nama tokkoo ykn murnaaf akka inni tajaajiluuf miti. Waan kana ta’eef, dhaadhessa qabsoo Oromoo fi WBOn jabaatee akka loluuf sagalee tu’uufiitu irra ture. Sun hafee as fakkaatanii achi fakkaatanii, qbasaawonni har’aa hafanii qabsaawota durii leellisaa, ABO irratti ABO ijaarsisaa “Media coverage” kennaafii qabsicha akka diiguuf hin dhaabbanne. Jaarmayaa Oromoon maallaqa isaatiin gadi dhaabbate gareen OPDO akka hooggantu gochuun mediyaan keenya jedhamu qabsoo keenyaa fi WBO akka lagatu taasifame. Kun oolee bulee har’a bakkee adiitti gadi ba’uu dande’eera. Kanaafuu murtiin kan uummata Oromooti, Miidiayaan sun kiyya yoo jedhame haati Oromoo kaleessa sabbata itti hiikkatte, maanguddoon Oromoo itti dhama’an, beektonnii fi walumaa galattuu uummatichi bakka dadhabina miidiyichaa dhidhiibbachuu ni danda’a. Kanaa alatti rakkoon jiru yoo jiraate abbumaaf gadhiisuudha. Kanaa achi osoo hin butan diinaaf harka rukutuu ta’a. Har’ammoo kaleessa diina jedhanii kan balaleeffatan adda duree OPDO faana akka dalagaa jiran ifatti ibsatan. Raabaa Doortiin as bahanii OPDO abaaraa oolu; ammoo gadi ba’anii faarfatu; …yeroo abaaran kana dhaloonni biyya keessaa gadi yaa’uun dhumaati jira. Maallaqni kiisii’ Oromoo keessaa gadi jige kana nurratti ijaare!…Daayirakterri keenya kun aanga’oota olaanoo OPDO faana dhoksaafi ifatti dalagaati gidduutti ilmaan Oromoo dhumaati jiru. Lubbuun wal hincaalu. Haqa Oromoo sabaaf balbaloomsuun ittuma fufa. Iccita gurguddoo dhagna namaa suukkanneessanis isin biraan ga’uun hin haftu!

 

 

Published inOROMO STRUGLE