Skip to content

Guddina Wayyaanee Uummata Mli.10 ol Beelaaf Saaxile. Baarentuu Gadaa

Guddina Wayyaanee Uummata Mli.10 ol Beelaaf Saaxile.
Baarentuu Gadaa
Abbootin irree,saamtonni fi koloneeffattoonni hunduu waan ofii haasa’an malee isa namni biraa jedhuuf gurra hin qaban. Dhugaa kamuu arganii dhagahanis hin amanan, ykn hin fudhatan. Beekaan isaanuma, kan dhugaa dubbatuu fi ummataaf yaadus isaanuma. Isaaniin mormuun, kun sirrii mitii, sirreeffadhaa isaan jechuun isaanif du’a. Dogongora amanuu akka gadaantummaatti fudhatu. Nama dogongora itti himee fi qeeqe ammoo diina taasifatu. Akka diinaattis hirriigun haloo itti qabatanii holola adda addaa irratto oofu. Ni hidhu, ni dararu, ni ajjeesus. Walumaa galatti abbootin irree ijas gurras hin qaban. Odoo ofis,ummatas,biyyas hallayyaatti oofaa jiranuu daandii sirrii fi qajeelarra jirra jedhanii mormatu. Dhaadatu. Kan Wayyaaneerraa waggoota 26n darbaniif muldhachaa turee fi itti jirtus dhugaa kanaa fi kana fakkaatudha.
Wayyaaneen nama hidhaa, dararaa fi ajjeesaa sirriin jira, osoo ummanni mili.10 ol beelaan dhumaa jiruu misoomaa fi guddinarra jirra jettee mormataa turte, mormataas jirti. Kana bira darbees yakka raawwachaa turte mara hin goone jettee kakatti,Haalti.
Wayyaaneen waggaa waggaan ummattoota biyyattii mil.10 ol osoo beeleessaa jirtuu guyyaatti 3 nyaattuu obsaa, guddinaratti guddinni dhufeera jettuu kunoo waggoonni 26 darbaniiru. Immaatta guddinaa fi misoomaa ummata fi beektoota biyyattii hin hirmaachisin, kan ummattoota biyyattii gadadoo caaluuf saaxile qabattee daaqaa jirti. Namni na caalaa beeku hin jiru jechuunis hololatti. Har’a Itiyoophiyaan biyyoota beelaa fi dhibee adda addaan dararaman keessaa 1ffaadha. Namni nyaatee bulee oolu muraasa, irra jiraan namaa qamadii kadhaadhan dhufeen lubbuu bulfataa jira. Biyyattiin saamichaan, imaammata misoomaa fi guddinaa dogongoraa ta’een irraan gadee sigigaachaa jirti. Ummattoonni biyyattii kan irra jiraan isaa Oromoo ta’e namni mil. 10 ol beela hamaa keessa jiraachuu addunyaatu irraa dubbachaa jira. Oromiyaa, Sumaalee,Affaar,fi kibba keessaa namni beelaa fi dheebuun dararamee qayee isaarraa buqqa’ee gara magaalotaatti godaanaa jira. Keessumaa bakkoota beelli kun miidhaa guddaa itti dhaqabsiisaa jiru Oromiyaa gama bahaa fi kibbaa, akkasumas, Baha Shawaatti miidhaa gahaa turee fi jiru hammaatadha. Namnii dhumaa jira. Miidhaa gahaa jiru kana ilaalchisuunis dhaaboleen akka FAO, tola oltonnii fi kanneen mirga namoomaaf falaman, midiyaalee fi tola oltonni balaa as deemaa jiru hamaa ta’uu akeekkachiisaa jiru. Kan duraan dhoksaa turtee murni saamichaa fi ajjeechaadhaan ummattoota biyyattii deegaa fi dararamaaf saaxilte Wayyaaneenis har’a osoo hin jaalatin beelli nama mil.10 ol balaaf saaxilaa jiraachuu ibsitee kadhaa egaltee jirti. Bakka qabdee dhoksitu wallaaltee karaa komishina ittisa balaa fi qophaa’inaa ishii watwaatti. Guddinni jechaa turtes echa buuten isaa dhabameera.
Wayyaaneen erga midhaan nyaataatin of dandeenye, gargaarsa hin kadhannu, rakkoon yoo dhufellee ofiif of dandeenya jechaa turteetti. Dijitii 2n guddachaa jirraa fi tarree biyyoota guddatanii seenuuf jirraanis akkasuma holola waggaa 20 ol lakkoofsiseedha. Haa ta’uutii oduu fi hololli kun martuu qabatamaan as bahuu dadhabee kunoo Itiyoophiyaan bayya kadhattuu sadarkaa kadhaatin addunyaa kanarraa dorgomaa hin qabneedha. Itiyoophiyaan tarree biyyoota guddatanii gahuu mitii, 3 fi 4 guyyaatti nyaachuu mitii takkaa’uu dhabdee kunoo namani mil.10 beela’ee balaan uumamaa jira. Gargaarsi odoo kennamuuyyuu saamtoota Tigraayiin karaatti nyaatamee namani mil.10 ol kan nyaatu dhabee mankaraaraa jira.
Hololli waggaa waggaan dijitii lamaan guddachaa jirra jedhu sun eessa…? Inni guyyaatti 3 fi 4 nyaanna jedhamee bara mallasirraa kaasee akkasuma hololamaa ture sun hoo meerre….? Eecha seene………? Inni tarree warra guddatanii seenaa jirra jedhamaa ture sun hoo waggoota 20 oliif meerrere bubbee maaltu haxaayee fudhate….? jedhee namni gaafatu yoo jiraate deebiin sirriin akka Wayyaanee biraa hin argamne beekamaadha. Yoo deebiin argames deebin argamu Wayyaaneen murna qaanii hin beekne waan taateef kan beelaa fi dararama kana nutti fide guddina dijitii 2n guddachaa jirruudha akka jechuu dandeechu shakkiin hin jiru. kun dhugumatti sirna kanaaf qaaneessaadha. Qaanii qofas osoo hin taane kufaatiin sirnichaa saffisaa jiraachuu ifatti argisiisa.
Dhugaan har’a Itiyoophiyaa keessa jiru kan ifatti muldhisuu fi ragaa bahu ummattoonni biyyattii hedduun beelaan dararamaa jiraachuu, koleeraan nama fixaa jiraachuudha. Wayyaaneen waggoota 26 darbaniif caasaa saamichaa diriirsitee hundumaa qophxeessitee ofumaa saamaa, sooramaa turuu ishiitiin hojiin misoomaa hin turre. Olaantumma ishii mirkaneessuf jecha qabeenya biyyattii qawwee fi rasaasa bituutti, basaastoota leenjisuutti fixuu ishiitiin biyyattiin rakkoof saaxilamte. Waggoota 2n darbanii as ammoo ittumaa waraana Aga’aazii jedhamuu bobbaaftee waan ummattoota biyyattii keessumaa ummata Oromoo goolaa turteef Oromiyaa keessatti lafti hin qotamne, kan qotame hin facaane, kan facaafame seeraan hamamee hin galle. Tola oltonnis akka ummata beela’e dafanii hin dhaqqabne seeroota adda addaa itti baasuun ugguraa turan. Kun walitti dhufee ummattoota biyyattii beelaaf saaxileera. Kanumarraa ka’uun dhugaan Itiyoophiyaa keessa jiru kan muldhisu Wayyaaneen rasaasaan, beelaan, dhibee koleeraatiin ummattoota biyyattii fixaa jiraachudha. Keessumaa ammoo ummanni Oromoo addatti murna tanaan miidhaa dachaan irra gahaa ture, ammas itti jira.
Mootummaan Wayyaanee mootummaa sobaan jiraataa ture, sobaanis jiraachuuf wixxirfachaa jira. Haata’uutii sobni daangaa qaba, namnis namatta dammaqaa deema waan ta’eef har’a wanti hunduu ifa baheera. Wayyaaneen kunoo addunyaa duratti salaphifamaa jirti. Guddinni irraa hololaa ture achi buuteen isaa dhabameera. FAOn, Ochaa fi Tola oltonni addunyaa martuu karaa midiyaalee adda addaa ummattoonni Itiyoophiyaa beelaa fi koleeraan dhumaa jiraachuu ibsaa jiru. Itiyoophiyaan har’as biyya hiyyeetti, biyya ummannii ishii gadadoon, dhibeen, rasaasaan keessattii draramanii fi dhumaa jiran ta’uu gabaasaa jiru. Dhugaan lafarra jirus kanuma mirkaneessa. Midhaan,Bishaan hin jiru, dhukkubnis nama fixaa jira.
Impaayeera Wayyaaneedhaan bulaa jirtu keessa kan jiru hidhaa, ajjeechaa fi saamicha. Kan isa raawwatu fi raawwachiisu ammoo Wayyaanee abbaa misoomaa, abbaa nageenyaa, abbaa dimookiraasii ofiin jettee waggoota 26n darbaniif hololachaa turtee fi jirtuu dha. Nagaa fi mirgi jedhamu hin jiru. Kan jiru hidhaa fi ajjeechaa dha. Ilmi namaa karaa kamiinuu biyya isaa keessatti nagahaan bahee galuu qaba. Nyaataa-dhugaatii, uffataa fi bakka jireenyaa argachuunis kennaa osoo hin taane dirqama mootummaa biyyan bulchaa jira jedhuuti. Kun garuu biyya Wayyaaneen bulchaa jirtu keessa hin jiru.
Ummattoonni biyyattii keessumaa ummanni Oromoo erga gabroonafattoonni biyya isaa qabatanii kaasee lola hin dhaabne. Biyya isaa bilisa baasuuf falamataa,lolachaa jira. Sirnoota impaayera Itiyoophiyaa bulchaa turanirratti qabsoo gaggeessaa ture, gaggeessaas jira. Keessumaa Wayyaanee hara’a isa goolaa jirtu irratti qabsoon gaggeessaa turee fi jiru qabsoo hadhooftudha. Saboonni biroos akkasuma. Qabsoon kun cimee itti fufuudha qaba. keessumaa ummanni Oromoo qabsoo isaa saboota cunqurfamoo biroofillee fakkeenya ta’e kana caalaatti finiinsee itti fufuun diina qabeenya isaa saamatee isa beelaaf saaxilte wayyaanee ofirraa kaasuu qaba. Oromoon odoo qabuu beela’uun, beelaanis dhumuun dhaabachuudha qaba. Inni kun kan dhugoomu ammoo Awwaala wayyaaneerratti ta’uu beekee qabna. Kana hubachuunis namuu qabsoo isaa bakka jirutti finiinsee itti fufuun dubbii fardii fi dirqama lammummaati. Dhimma yeroon kennamuufii hin qabneedhasi.///
Published inOROMO STRUGLE