Skip to content

IBSAA GUUTAMAA:

Oromoon jija hanga yoonaa galmeeffatan dafqaa fi dhiiga saaniin eeggachuu qabu!
=========
Ibsaa Guutama

Qubeen qabeenya sabaawaa Oromo fi boona saaniiti. Addatt dhuunfaa murna kamiiyyuu utuu hin tahin kan saba Oromooti. Las gahuuf lubbuu hedduutu itt baafame, nama hedduutu irratt qooda fudhate. Kanaaf Oromoo jiruu fi jireenya adda addaa qaban, mooraa walabaa fi hirkataa keessa jiran hundaaf namooti biraa Oromoott qubee saa akka itt dhimma bahatu himuuf eenyuu hayyama akka hin qabne dura dhaabbachuu ejjennoo akka fudhatan waamicha haa goonu. Yoo Oromoo dha ofiin jettan Qubeen eenymmaa keessan kan gosoota Barintuu fi Booranaan walitt isin hidhu. Sun meeshaa afaan keessanii taasisaa tokkicha badii irraa isin olche; yeroo lafti keessan samamu, aadaa fi dudhaan keessan akka hin shakalamne dhowwame, bulchi keessan dimshaashatt halagaan dhuunfatamee fi seenaan keessan haqame, afaan waloon qabdan qofatu walitt isin hidhe. Lubbuu jaalbiyyoota keenyaa biyya abbaa ofii irraa hamaa ittisuu fi eenymmaa fi ulfina keenyaaf wareegamanii booree nurra kaahanii darbanii yoomu irraanfachu hin qabnu. Sana waan yaadannuuf qabsoo hadhaawaatt bobbaane biyyi keeny Oromiyaan maal akka fakkaatu, eeyummaa keenya hundi akka baru fi daa’imman keenya afaa ofiin akka barattu mirkaneeffannee ture. Haa tahu malee bakka akeekkanne hin geenye. Biyya keenya guutummaatt hin deebifanne, seelkoo seetu nu harka jirra. Halagaan eenyummaa ofii nurratt fe’uuf karaa halle afaan kaa’aa fi uleen nu tuttuqaa jira.

Dhiheenyuma qeyee akaakilee keenya irraa nu buqisuuf yaalii godhame Boranaa fi Barintuun waliin kaanee sagalee guddaan baroodne hamajaajii rommisiifnee, fira malalchiifnee jirra. Garuu qophii gahaa mudannee yeroof dheessinee turre. Nyaaphi sanaan nu dhiisuu didee Qubee dhiiga ilmaan keenyaan arganne roga dhabsiisuu fi balleessuuf aggaamaa jira. Ammaaf tartiiba qubee jijjiiree, hammam akka wal irra gorru nu qoraa jira. Achitt hin dhaabbatu kan raafne utuu hin buqqisin yoo of irratt dhiifne, deebi’ee hundee dhinsachuun eenyummaa keenya borcee, biyyaa fi afaan keenya bakka turanitt deebisuun nu balleessuuf adeema. Kana hubannee diddaa keenyaa haa jabeeffannuu. Dhaaloti haaraan soda abboliin saanii jala turan ofirraa kaasanii, yartuun salphatanii jiraachuu manna du’a wayya jedhanii hojiin agarsiisani jiru. Dhiigi Manguddoo, beeran fi daa’mman keenyaa booree nuuf haa tahu. Qajeeltuun gara isa miidhamee gortii, waliin kanaan tulluuyyuu ni buqisna. Kanaa gaditt yaadannoo keenya keessa wan jiruu fi hala keessa jirru gabaabsinee haa laallu.

Yaadannaa Barumsa Itophiyaa fi Haala Si’ana
Itophiyaa keessatt hacuuccaaf barbaachisummaan barumsaa kan hubatame erga qabattuun Xaaliyaanii Britishiin ari’amanii Amaarri deebi’ee asi. Tajaajilli noolaa hedduu fi barcumooti Gaaddisaa namoota alaan qabaman bakka buusa barbaadu turani. Kanaaf sirna barumsaa uumamu yeroo gabaabduu keessatt sana kan fiixan baasuu tahuu qaba. Firomsattfedha koloneeffataa qofa utuu hin tahin kan imperiyalists qubsuun waan irra tureef sadarkaan barumsi tibba sanaa kanneen ittaanan hunda akaakun ni caala ture. Garuu nokkorrooti eenyuun barsiifne eenyuun dhiisuun jedhan hanga yoonaa ittuma jiru. Eggus ijoollee qoteebulaa akka waabariitt hin ergine abboolii Nafxanyaa fi gooftoliin fuudal irraa mormii ifaatu ture. Mormiin sun hin dhaabbanne garu inni si’anaa walxaxaa fi lafjalee dha . Yeros kan carraa barumssa argatan hundi Afaan Amaaraa malee barnoti hundu Inglishiin kennamu turan. Sun dargaggoo kolonotaa ayyaana argataniif saaqaa hojii mootummaa fi yoo maqaa saanii kan Amaaraatt jijjiran wabarimmaa itt argatan uumee ture. Nammi waabarii sadarkaa jalqabaa eebifame afaanota Amaaraa fi Inglishii tokkoo kan biraatt furuu ni dandaha ture. Barumsi mataan fulliffawuutt kan eegale yeroo kan barumsi ittiin kennamu afaan Amaaraatt jijjiramee 1992/93 booda; barreessan kun baras barsiisaa wabarii sadarkaa tokkffaa ture. Waa’een sirna barumsichaa barsiisotaan wal hin barsiifamne. Barattooti hawaasa Oromoo keessaa dhufan wanticha hin jaallanne kanaaf guutummatt qayyabataa hin turree. Karaa biraammoo sirni barumsaa 7ffaa fi 8ffaa akkuma turett hafe.

Barnooti Inglishii jalqabaa, barattoota barumsa sadarkaa itt haanutt Inglishiin kennamuuf hin qopheessine. Akkanatt ijoolleen Oromoo rakkoo lamatu isaan mudate; waan afaan Amaaraan baratan rimsatachuu fi beekumsa hamma hin jirreen waabarii sadarkaa tokkoffaa argatan qofaan Inglishiin barachuun dirqii tahu. Barattooti akkasitt baratan barsiisota sadarkkaa tokkoffaa fi barattoota waabarii olhaanaa egeree tahuuf kan deemani. Jarri kun kan barsiisuu dandahanis waan baratanii, barumsa olhaanaas kan hordofan beekusa hammatiima asii argataniin. Ijoollitii keessaa dubbisa dabalataatt saaqaa qabachuuf ayyaana kan argatanii fi barachuuf dharraa caalaa kan qaban turan. Si’anammoo, jara kana biyya keessaa fi alaaf wabarimmaa argatan; garuu barsiisutt yartuutu deebi’a ture. Yerooma kanaa dilormaan guddataa; lakkoofsi ijoolee galmeeffamuu dhihataniis gituma sanaan guddataa dhufe. Bayyina daree jiruu; waatattaa barumsaa fi lakkoofsa barsiisotaa waliin waabarooti wal hin gitne.
Akka 1991/92 barreessaa kanatt gabaafamett daree tokko keessa hanga ijoollee dhibbaatu ture. Kun kan beekoti barumsaa labsan irraa hedduu guddaa dha. Haala kana keessatt barsiisa/barsiiftuun tokko hojii daree fi mana kennanii sirreessuu dandahuun waan hin yaadamne. Yoo fakkeessaa tahe malee sun karoora barnootaa barsiisotaa keessaa bahanii jiruAbba abbaan barattootaa yeroo kennuun hafee maqaanuu beekuun rakkisaa tahe. Dareen ijoollee heddummaatu, keessaayyuu sadarqaa duraatt qayyabannoo barnoota ijoollee suutessuu dandaha. Ijoolleeen sirnuma kana jalatt baratanii kudha lammaffaa kufan suduudaan “barsiisaa diggomaa” jedhamanii qaxaramuu dandahu. Mootummaan akaakuu barumsaa fi barsiisaa ol kaasuuf homaa itt baasaa hin jiru. Mindaan saanii yartuu waan taheef barsiisoti waan uffatanii fi nyaataa fi bashananaaf bakki itt argaman kan fakkeenya tahuu dandahu miti. Barsiisaan tokko qaamaan barattoota saa dura ijaajus, sammuun waan galgala kana galee ijoolleesaa laatu ni yaadda’a taanaan akaakuu barumsaa wayyeesuuf akkamiti yero argata jedhamee hedama? Egaa, dharraa bahachuu fi oguma dhabuun barsiisaa, bakki daree gahaan, meeshaan barumsaa gahaan dhibamuu fi dhalootaa dhalootatt barumsaaf hubannoo gahan empayiricha keessatt kennamuu
dhabuun bututa saaf gumaachee jira. Barumsa empayericha keessaa fooyyessuuf warraaqsa malbulchaa demokraatawaa gaggeesuun barbaachisaa dha.

Barattoota hoomaan daree dabarsuun, jeequmsa sodaachuun akka ijoolee karaa irratt hin argamne gochuuf dhimma baasaa jira. Daree fi barsiisota qaata dhisamanii jiran irratt ba’aa dabaluu manna ijoolleen kufte hubannoon kennameefii yeroo wabarii ala yk yeroo boqonnaa qayyabannoon saanii akka itt ol kahu gargaaruu barbaachsaa ture. Barumsi ummata leeyu dandahuf bu’uura irratt ijaaramu. Kutaa hunda irra durfannon kennamuufii qaba. Utuu daree gahaa hin qopheessin fedha manii jijaa UNICEF guutuuf galmeessa bartuu olkaasuu xarfamuun caalaatt haleellaa barumsa irratt gaggeefamu gargaaruu taha. Kiisa hunda too’atootaa gabbisuuf barumsii deebii ariitii waan hin qabneef hubannoo barbaachisu hin arganne. Yoo wajjirbulchootaa bu’aa kenne malee kan ilmaan namaaf jedhanin wanti hojjetan waan hin jirreef hamilatichaaf (ptojektii) horii kumkumoota hedduu US irraa argame hammamtu kiissaa abba tokkootaa keessa lixe hin beekamu. Hamilaticha ifaajjee bilisummaa fi of aangessa Oromoon godhu hankaasuuf dhimma itt bahuus yaala jiru. Beekoti kana keessatt qooda fudhataa jiran dogoggora ofii baranii duula bararama saba saanii irratt godhamu keessaa utuu hin abaaramin akka of baasantu abdatama. Qubee roga dhabsiisuu fi balleessuun eenyumaa saanii balleessuu tahuu hubachuu qabu.

Mudaan kanaa olitt kaafne hundi sirna barumsaa empayerichaa bututuuf kan gumaache qaba. Tartiibi qubee yk fidalaa waan komatamu hin qabu. Jeequmsii fi waan halle haaluun si’ana jiru “sadarkaa jalqabaa dubbisaa” fedha wayyeesuuf utuu hin tahin qubee dadhabsiisanii sana duuba balleessuufii. Ummata Oromoo malee uumaa Qubee keessa lixee tutuquuf kan aboo qabu hin jiru. Qabsoota waggoota dhibbaa olii fi laga dhiigaa jalbiyyootaa lola’een jija kana gahanii. Qubeen Oromoo qubee Laatin seenaa dheeraa qabu, kan biyyooti addunyaa hedduun dhimma itt bahan irraa maddee. Afaan Oromo barreeffamuu kan eegale yoo dhihaate jaarraa 19faa as miti. kanaaf hojooti Ceruli Enrico, Tutschek fi Ludwig Krapf dhahamuu dandahu. Murni baratoota Oromoo Awuropaa tokko kanneen Haayilee Fidaa qindeessaa saanii tahe moor seerfaanii afaan Oromoof qopheessanii qubee laatiniin maqaa “Hirmaata Dubbii” jedhuun barlabsanii turan. Sochiin Oromo lafa jala ture hojii kanaaf barataa Mitikkuu Tarfaasaa akka ergame miseensota saa beeksisee ture. Latiniin kan barressan hundi sagaloota “dh, c, ny, ph, fi shf” danaa adda addaa yaala turan. Inni amma hojii irra jiru qubee laatiin kan Inglish dhimma itt bahu irraa hedduu hin fagaanne, Adda Bilisummaa Oromoon guddifamee dirree qabsoott dhimma baasaa ture. Sanatu 1992 keessa hojii irra ifaan oolee. Kanneen afaan Oromoo barachuu barbaadaniif sana caalaa salphaan akka hin jirre mirkaneefamee jira.
Itophiyaan federeeshina sobaatii: garuu akkuma isaan jedhan “federeeshina jennee haa laallu. Oromiyaan miseensa federeeshinichaatis jechuu dha. Iseenis afaan, aadaa, seenaa fi dudhaa ofii qabdi. Sanneen kan misuu dandahan barumsa qofaanii. Kanaaf Oromiyoon sirna barumsa saanii ofiin too’achuu qabu. Halagaan barumsa saanii yoo ni too’ata tahee kan inni dhimma baasu dantaa halagicha qofaafii. Kanaan biyyichi federeeshina fakkaatee finnaa unkaa tokkeett gad bu’a. Silaas kolonummaa fi federeeshinummaan waliin hin deemanii. Rakkinni dhaloota qubee finiinsee kaasee roorroo ifaa akkasii kan gola moo’aa, keessaayyuu TPLFiin irra gahuu. Imaammati saa lafa saamuu, diddaa ummata Oromoo kanaan dura argamee hin beekne gadaa hunda hamate, dhaloota Qubeen hogganamu bara 2015 fi 2016 afeere. Gaaffii saaniif deebii kennuu manna labsa hatattamaa Onkoloolessa 2016 labsee Bitootesa 2017 dheeresse. Empayerri Itophiyaa 1991 kaasee bulcha lolataa biraa jala jira. Amma santu saaxilamee.

Dubbiin diddaaf kaasaa tahan hedduutu yeroo eeggatee dhoowuuf kuufamee jira. Mootummaa koloneeffataa haaraan demokraatawaa fakkachuuf heera labsee addunyaa fi daallicha karaa irraa ceesisuu yaalaa jira. Anga’oota gurguddoof fedha addaa eeganiif waan qabaniif, halletoo’atoo akkasii qacefixiisaa fi saamicha isaan tolchan hunda argaa irra ilaalu. Garuu kanneen midhaman sichi roorroo irra gahu ofirraa faccisu malee callisanii irra hin darbani. Amma Wayyaanee jija Oromoon garaa mararfatu qubee saaniitt dhufaa jira. Dhimma Oromoo keessa galee si’ana borcaa kan jiru yoo shororkaaf kakaasuu tahe malee kaasaa biraa tokko illee hin qabu Sanaan TPLF sammuu qaroo dhumiisa darberraa hafan qela’uuf carraa argata. Dilii ni mooha taha malee waraanicha hin moo’atu.
“Sector Review” n mootii moototaa fi hamilati afaan Amaaraa guddichi Mangistuu, qaama nokkora eenyuun barsiisnee eenyuun dhiisnu gubbaatt ka’eeti. Hamilati lachanuu Oromoo dukkanatt ruuqanii akka inni qotummatt hafu gochuuf karoorfamani. Ingilishiin hundaaf qixxee waan taheef eenyuu barumsaan anjaa kan biraa irratt hin argatu ture. Haatahu malee, ijoolleen Habashaa moorotaa fi waatataa barumsaatt saaqaa wayyaa qabu turanii. Afaan barumsaa tahuu Inglishii hambisanii bakka saa Afaan Amaaraa buusan. Ergasii kanneen qooqa Amaaraa tokko illee hin dubbannee fi hin dhageenye Amaarotaan walfaana waanuma tokko, daree tokko keessa tahanii baratu.

Kutaa torbaffaatt Inglishiin giddeessa afaan barumsaatii. Akkuma jalqabaa kaasanii barachuu ture. Hedduun kufanii dadhabdoon isaan irra wayyaa tahan waabarii lammafaatt darbu. Kudha lama gahanii kanneen kufan barsiisummaaf suduudaan qaxaramu turan; akkasitt dadhabinni deebi’ee hojii irra oolaa. Kanneen kudha lama darbanii dipiloomaaf kooleejii galuu hin dandeenye waabarii leenjisaa barsiisaa seenu. Beekumsi jara kanaas kanneen kufan irraa fagoo hin jiru. Kan taahitaa qabanii fi dureeyyiin ijoollee ofii waabarii dhuunfaa fi manyaa gamatt barsiifatu. Barumsi hiyyeeyyii akka laasha’u beeka waan karoorfameef waa’een dandeett barsiisotaa hin gaafatamu. Sana beekaa barnooti afurii fi shan barsiisaa tokkoitt ramadama. Kutaan ijoollee afurtamaa ol hin teessisne hanga dhibbaatt akka fudhatan dirqamu. Daree afuuraa fi dafqaan ukkamaman sun hammam barumsaaf akka kakaasan heduun nama hin dhibu. Jijjiirammi kolfaa caasaa Qubee jijjiiruutt geese mudaa dadhabina ijoolleef sababa tahan olitt kaafne irraa dheessuuf sirna barumsaa bututee jirutt xaaxoo dabaluun badduu baasuufii. Ijoolleen Oromoo qaroo dhaa; waanti halle guutnaaniif qubee saaniin bakki itt qaban hin jiru. Sanatu hamajaajii naasisee ababbaraan guddina Oromoo dhaabuuf tarkaanfii fudhachiisa. Kun Oromummaa mallatoo saa hunda waliin barbadeessuuf aggamsa abdi kutannaa dhumaa tahaa. Innis isaanumatt deebi’ee hubuu dandahu beekuu qabu. Oromoon akka lamuu hacuuccaa battala kamiifuu obsa danda’ee darbuu hin qabne taliilessee agarsiisee jira. Oromiyaan rakkina “Dubbisa sadarkaa jalqabaa” fi sana achis jiru kan irra haantu yeroo sabichi sirna barumsa saa too’annoo ofii jala oolchuu dandahu qofa. Jija hanga yoonaa galmeeffanne dafqaa fi dhiiga keenyaan eegganna! Oromiyaa bilisaa fi walabni haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2017

Published inOROMO STRUGLE