W A A ‘ E E M A A L I I Y A A D D A?—-Latii Hundee’tiin: Nagaan siif haa ta’u beekan. Mee barreeffama kana ilaali maxxansi Yoo gaarii jettee yaadde. Yeroo baayyee ani xiyyeeffannaan koo namni akka gara hubannaa isa sirrii tti akka dhufu dha. Kanaaf yaada akkasii barreessa.

Nagaan siif haa ta’u beekan. Mee barreeffama kana ilaali maxxansi Yoo gaarii jettee yaadde. Yeroo baayyee ani xiyyeeffannaan koo namni akka gara hubannaa isa sirrii tti akka dhufu dha. Kanaaf yaada akkasii barreessa. 

—W A A ‘ E E  M A A L I I  Y A A D D A?—-Latii Hundee’tiin

Wanta nuyi yeroo hundumaa irra deddeebinee yaadnu jireenya keenya dhaala. Hamaas haa ta’u gaarii, wanta namni irra deddeebi’ee yaadu guyyaa tokko gara gochaati jijjiramuudhaan jiraanya keenya ni dhaala. Wanti hundinu dura kan dhalatu sammuu keenya keessattidha. Sammuun keenya akka dirree waraanaati. Yaadni hamaa fi gaariin nu keessatti dhalatan kun otuu gara gochaatti hin jijjiiramiin akkuma dirree waraanaa wal lolu. Yaada isa kam keessumeessita? Isa kamiif bakka ol aanaa laattee gara hojiitti akka inni jijjiiramu goota?

Yaadni nu keessatti uumamu kun irra caalaan isaa akkaataa nuyi itti waa ilaallu irraa dhufa. Ilaalcha jechuun, akkaataa nuyi itti waa ilaallu, waa madaallu, waa hubannnu ykn xiinxallu jechuudha. Ilaalcha keenya kana immoo kan dhaalle, Maatii keenya, hawwaasa keessa jiraannu, Hiriyoota waliin oollu, barumsa baranne, kitaaba dubbisne, marsaa hawwaasa fayyadamnu fi Amantii keenya irraati. Egaa ilaalchi keenya maal fakkaata isa jedhuuf waantota keessa oollu fakkaata. Namni hiriyyaa gaarii yaadu waliin oolu, ilaalcha isaa/ishee irraa dhaalee, ofiis gaarii yaaduu jalqaba; akkasuma namni hiriyyaa hamaa waliin maxxana qabu, ilaalchuma nama kanaa fuudhatee gara yaadatti geddera. “Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti” jedhu mitiree. 

Ilaalcha gaarii qabaachuudhaaf hiriyyaa ilaalcha gaarii qabu filadhuu yeroo kee duukaa dabarsi. Yeroo hundumaa namoota gaarii dha jettee yaaddu waliin haasa’i. Kufaatiin kufaatii caalu yaalanii kufuu otuu hin taane, deebi’anii yaaluu dadhabuudha waan ta’eef kufaatii fi dogoggora keenya irraa barachuun akka ilaalcha gaarii horachaa adeemnu nu taasisa. Namni gaafa ilaalcha gaarii horachaa adeemu; jireenya gaarii jiraachuu jalqaba. Ilaalcha gaarii yoo qabaanne wanta hundumaa irratti ni injifanna. Egaa amalli
Keenya akkaataa nuyi waa ilaallu irratti hundaa’a.

Yeroo tokko Phaawos akkas jedhe: “Ammas yaa obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’e, waanuma galata qabuu yaadaa” jedhe. Wanta gaarii namni nu gorse, wanta gaarii nama irraa baranne, wanta gaarii dhageenyu hunda yoo ganamaa galgala waa’ee isaa yaadne nuyis nama gaarii taana. Namni yeroo hundumaa irra deddeebi’ee kufaatii yaadu, hammeenya gochuu yaadu, sichi ani eessa iyyu hin ga’u jedhee yaadu akkuma yaade ta’a; waanuma yaade godha. Kanaaf yaadni keenya akka inni wanta gaarii qofa yaadu gochuun ykn shaakalsiisuun ni danda’ama. Ani nan danda’a waaqayyos na gargaara jennee yoo amanne ilaalcha keenya jijjiirannee jireenya gaarii jiraachuun ni danda’ama.

Yeroo ammaa kana odeeffannoo gaariis haa ta’u Hamaan akka salphaatti addunyaa kana irraa dhufee gara sammuu keenya seena. Odeeffannoo isa kamiif qalbii keenya laanna? Isa kamiif bitamna? Kan jedhu filannoo keenya. Yeroo tokko namichi tokko “Akka simbirroon mataa kee gararraa hin balaliine dhorkuu hin dandeenyu. Garuu, akka isaan mataa keenya irratti godoo hin ijaarranne dhorkuu dandeenya” jedhe. Yaadi gaariinis hamaanis gara sammuu keenyaa dhufuu hin dhiisan. Garuu kan nuuf ta’u, kan nu guddisu, Kan gara fuul duraatti nu deemsisu filachuu qabna. 

Egaa yaada koo xumuruudhaaf ganamaa galgala wanta nuyi yaadnu jireenya keenya irratti dhiibbaa qaba. Waan yaadnu haa filannu.
               Galatoomaa!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa