BALAA DHIIRUMMAA OFIITTI FAYYADAMUU DHABUU DHIIROTAAN UUMAMEE FI HIREE DUBARTOOTA EEGGATU.Galaanaa Kiisiitiin

AKEEKKACHIISA DHUMAA – OF KABAJAA !!!
_______________ ITTIIN LIXA _______________

Waaqayyo dubartiidhaan dubartii godhee yoo uumu, namittiin kun #dubartiiyoo taate ba’eessa jedheetu akkas godheen. Dhiiraanis akkasuma.
Filannoo saalaatti namni hirmaate hin jiru – Isumatu
ofumaan itti yaadee akkana godhee lafa nu naqe. Garuummoo, filannoosaa keessa dogoggorri homtuu hin jiru, ani amanee fudhadheera- bagan dhiira ta’ee uumame. Dubartoonnis dubartii taatanii uumamuu keessaniif waan gaabbitan tokkoyyuu hin qabaatiinaa. Mee koottaayyuu dubartii ta’uu keessanitti gaabbitan haa jennu. Gaabbitan……. Maal ta’uufiree? Amma dhuguma isintu danda’ee dhiira ta’aa? Dubartii ta’uuniyyuu isinitti ulfaachaa jira silaa akkamitti danda’ama kun? Po…
Kanaafuu, hundi keenya saala Waaqayyo filannoo gaarii
godhee nuuf laate kana kabajnee itti fayyadamuu qabna. Dhiirri dhiirummaa kee; dubartiin ammoo dubartummaa kee kabaji- isuma keessa jira wanti si quubsu!
Kutaa 1ffaadhaan ammoo, “Balaa dhiirummaa ofiitti fayyadamuu dhabuu dhiirotaan uumamee fi hiree dubartoota eeggatu” qabadheen dhufa, na eegaa !!!

BALAA DHIIRUMMAA OFIITTI FAYYADAMUU DHABUU DHIIROTAAN UUMAMEE FI HIREE DUBARTOOTA EEGGATU… K- 1FFAA

Kan isin naaf hubachuu qabdan, yeroo hunda, dubbiin koo dubbii wayyabaati – wanta akka budaa baaqelaa dhibba keessaa tokko argamu mata duree godhadhee hin haasa’u. Wanti akka tasaa argamu yoomuu dhabama jettanii hin yaadiinaa- isa kaan miti, durbummaanuu darbee darbee jira. Anuu beeka iddoonni jiru…
Dhimmi koo ammaa kun kan dhiira irra jireessaati malee dhiira hunda bakka hin bu’u.#This_article_in_no_way_commits_a_fallacy_of_hasty_generalisation !
Walii galleerra mitii? Akkas ta’uu baannaan, hin dubbisiinaa-burraaqaa galaa mana warra keessaniitti!
••••••••• === •••••••• === ••••••••
Amala dhiiraa keessaa inni baay’ee fokkisaan, yeroo mara dubartii caalee argamuu (olaantummaa irratti argachuu) barbaaduu isaati. Dubbiidhaan, beekumsaan, qabeenyaan, gootummaadhaan, fala barbaaduudhaan, yaada kennuudhaan…
Taatonni barreeffama kana keessatti ani itti fayyadamaa jiru, dhiiraa fi dubartii fedhe utuu hin ta’iin, warreen jaalala keessatti waliin kufanii fi kufuuf mucucaachaa jiran qofa.
Egaa akkuman jedhe inni isheerra caalee argamuu jaallata. Iddoon inni akka isheen isa caaltee argamtu barbaadu, bareedina irratti, jaalala irratti, amanamummaa irratti, gaarummaa fi arjummaa irrattifaa dha. Kana kanaanhoo yoo isheen baay’ee isa caalte gammadee du’uu ga’a, garuummoo utuu du’ee hin du’u. Kunillee waan isa komachiisu hin ta’u, haala uumama keenyaa ilaalcha keessa galchina taanaan!
.
Mee gaaffii xiqqoon isin gaafadha: harka baasuun
barbaachisaa miti, achumatti mataa keessan raasaa itti
yaadaa ofiif deebisaa.
Dhiirri tokko jaalalleesaa durbaa beellamee buna yoo
affeeruun, maaliif humnasaan ol, waanuma qabatamaan isa hin ibsine ta’ee isheetti mul’ata? Maaliif yeroo hunda herrega kaffaluu barbaada? Maaliif haala maatiisaa, sadarkaa barumsa isaa, haala hojiisaa, karoorasaa fuulduraa fi amalasaa hammaan ol mimmiidhagsee itti hima? Maaliif kan dur hin qabne liqeeffateellee ta’u bitee kophee haaraa kaa’atee, uffata namaas ta’u miidhagsee uffatee bira deema? Maaliif waan ofii hin qabne jaalalleesaaf bitee kennaa kenna? Maaliif iddoo dur
ofii irraa hin dhugne geessee hiriyootashee waliin buna
affeeraan? Dhiira meeqatu akkuma jirutti giiftiisaatti mul’ata? Maaliif of jijjiiree itti mul’achuun kun barbaachise?
.
Mataa raasaa jirtu mitii? Arrabas cicciniinaakaa…
.
Isin dhiba egaa kun hundi dhimma olaantummaa barbaaduuti- akka isheen ilaalcha olaanaa qabaattuufiif kana godha. Maal barbaachisa egaa kun hundi? jennaan, “na tuffatti, ilaalcha gaarii naaf hin qabaattu” sodaa jedhu waan qabuufi. Ee akkasuma!
Olaantummaa barbaaduun dhiiraa kun dur, bara ilmi namaa holqa mana godhatee itti galu, bara qonni hin jirree fi maddi soorataa bineensota bosonaa adamsamanii ajjeefaman sana ture kan eegale.
Barreefaman kitaaba “The 7 secrets of men all women should know” jedhu tokkorraa dubbise keessaa waan xiqqoon isiniif qoodamee:
Abbaan bosona keessa labaa oolee, bineensa adamsee maatii soora. Adamsituun ammoo yeroo hunda hin milkaa’u – gaaf tokko quufa, gaaf biraammoo beela jechuu dha. Soorata argatanis, dhabanis egaa halkan maatiin abidda qabsiifatee itti nanaanna’ee qaammata. Kan keessa jiraatan holqa – holqa balballi isaa cufantaa jabina hin qabneen cufame dha. Diinni halkan dhufee balbala kana cabsee itti seenuu danda’a. Abbaan egaa maatii isaaf mataa waan ta’eef, qixa balbalaatiin
hirkatee abidda qaammata. Yoo wanti sodaachisu dhufe, isatu dursee itti ba’a jechuu dha maatiisaa oolchuuf. Akka tasaa gaaf tokko bineensi faana ulfaatu, sossokoksaa gara holqa isaan keessa jiraniitti qaxxisaa jira. Haadha dabalatee maatiin hundi sodaa guddaa keessa galeera. Abbaas garaan sodaachaa jira. Fuula isaarraa garuu miirri sodaa hin dubbifamu… “Sodaachuu koo yoo argan maatiin koo kana caala sodaatanii miidhamu” jedheetu utuma garaan isaa baay’ee sodaachaa jiruu goota waan tokkoof “shish” hin jenne
fakkaatee taa’a. Sodaa ofii maatiitti mul’isuun isaaf du’a
guddaa dha.
.
Ahaaaaaa… jechaa jirtu mitii?
.
Abiddi xiqqoon yeroo sana onnee dhiiraa keessatti qabatte, bifa jijjiirrattee giimii guddaa taate malee ammas hin dhaamne – boba’aadhuma jirti. Ammas taanaan dhiirri hin du’a malee utuu waa ofitti hin ida’iin durbatti argamuu hin danda’u. Lugni lugnummaasaa, hiyyeessi hiyyummaasaa, wallaalaan wallaalummaasaa dhoksuutti barri dhumaa jira.
.
.
Kutaa itti aanu keessatti, “Kiyyoo olaantummaa dhiiraa miilla shamarranii xaxee kuffisee fi hulaa miliqqee” dhimma jedhuun bifa madaalawaa dhiirri ittiin utuu hin kiyyeessiin durba kuffifatu, akkasumas tooftaa fooyya’aa shamarran dhiira sirrii argachuuf itti fayyadamuu qaban qabadheen dhufa… Ammas maamiltummaan keessan itti haa fufu!

KIYYOO DHIIRAA MIILLA SHAMARRANII XAXEE GOMBISEE FI
HULAA MILIQQEE… K- XUMURAA
================= ||| ===================
Egaa akkuma jiranitti durba/dubartiitti of mul’isuu dadhabuun dhiiraa sodaa ilaalcha gad-aanaa isaaf qabaachuu malturraa akka madde kutaa darbe keessatti caqaseen ture. Sodaa…
Eenyummaasaa isa qabatamaan lafa jiru himachuu namni sodaatu, eenyummaa biraa kan isa caalu himachuuf garuu goota – ayi dhiiraa!
Mee fagoo hin deemiinaatii asuma “facebook” kanarratti dhiira eenyummaasaa beektan tokkorratti qorannoo haa goonu: #Profile isaa keessa galaatii bakka inni itti barate/
barachaa jiru dubbisaa! #Addis_Ababa_University , #Harvard_University ,#Massachusetts_Inistitute_of_Technology faa
waan jedhu hin agarree? Dhuguma achitti barachaa jira
taanaan rakkoo hin qabu. Mirkaneessaa! Yuunivarsiitota
fooyyee qabanitti barachuun waan itti isaaniif dabalu qaba ta’aa?
Darbaammoo, Yuunivarsiitii ykn Koolleejii hin galle yoo ta’e namni sun, calluma jedhee bira darbuu hin danda’u turee? Namni digirii hin qabne durba jaallachuu hin danda’uu?
Mee nama “profile”n isaa akkanni #Waardiyyaa ta’e ibsu
argitanii beektuu? Waardiyyummaanis akkuma isa kaanii hojii dha mitii, maayinni rakkinnisaa? …. Sodaa ilaalchaati.
Walumaagala, wantoonni dabalataa dhiirri eegeetti hidhatee mirmirsaa oolu baay’eensaa kiyyoo durba ittiin qabuuf diriirsu dha – maamiltoota horachuuf omisha inni gabaaf dhiyeessu.
Kana hundaaf ammoo sababni guddaan shamarran
mataasaaniiti. Wantoonni sobaa kunneen
shamarran biratti soba hin fakkaatan. Maaluman jedheem ani shamarran kun? Waa shakkuun tokko bira hin jiru. Mee hin sobiinaatii, dhiirarratti qorannoo eenyummaa godhanii beekuu erguma dhalatanii? Onneensaanii banaa, garaansaanii waan dhiyoo… Qoosaa hin jiru, garaansaanii homaarraayyuu
fagoo miti – Meerkuriitti dhiyoo, Piluutootti dhiyoo! …
Mee amma garaan Piluutootti dhiyoo jiru maalirraa fagoo jira jettanii yaaddu?
Ilaa argitanii? Balaa dhiirri buusetti yeroo baay’ee durbi itti gaafatamummaa kan fudhattu kanaafiim…
Egaa inni eenyummaasaa isa sirrii dhooqa #Daalool keessa dhoksee isa sobaan cuccululuqse gaara #Everestitti baasee itti agarsiisa. Ammagaa oomishasaa kanaaf maamila soquu eegala – durba!
Yeruma inni nagaa gaafachuunii eegalu isheen
#profile isaa bantee sakattaatee, “Gurbaa dinqii akkamiiti kun?” jechuu eegalti. Akkasheetiif lafattuu hin hambifne sakattaatee duuteetti, isuma sobaan diddibame sana lapheetti barreessitee ol kaa’atti. Anaani giiftii ko!
Innigaa waan godhee goggodhu isinuu beektu, torbee
tokko keessatti kiyyoosaa keessatti kuftee argamti. Sana
booda, dhiirri akkasaa hin jiruuf: hin laata, hin obaasa, hin baata, hin raffisa, hin miica… Bultiif akka ishee barbaadufaa itti haasa’a yeroo hunda. Sassataadhammoo – dafee waa harkaa fudhachuu barbaada. Sobee sossobee onneeshii 4tti dhoosa. Takka takkammoo akka dhadhaa baksayyuu. Si’a baay’ee hin didduunii, otuma diduu yaaltees “maal ati nan jaallattumoo?, boris taanaan aniif ati kan waliiti maal rakkina qaba?” “An si malee… ” jedhee lafa ciree, marga ciniinee, kakatee sobuma kana haqa fakkeessee harkaa fudhata. Dhiirri kakaa sodaatamoo silaa!?
Tokkicha hulaan baanaanimmoo salphaa dha – itti
deddeebi’ama. Intalli egaa dhugaama itti fakkaata, waa’ee cidhaa haasa’uu eegalti; innimmoo kan intala biraa dhandhamuuf abuurraa haaraa eegala. Asii galaafata, achii galaafata… Anoo aareyyuu, koottaa kana booda dhiiraaf maqaa biraa moggaafna: #galaafataa (nyaatee galee) haa jennuunii.
Ittan ho’isee laata dubbii kana? Mee haqaaf dubbanna, durbi tokko dhiira meeqa waliin erga turteeti kan isheen heerumtu? Heerumuudhumasheeyyuu
Waaqatu beeka malee. Barbaaddee mitiim isheenuu,
galaafataniima jalaa badu… Maal gootiree?
Galaafataa, Waaqayyo siif haa dhiisu… Ameen jedhi!
.
.
.
Mee dhiironni shira keessan kanneen dhiisaatii akkas naaf godhaa amma:
– Amanamummaan baay’ee gatii qaba – nama birattis ta’e
Waaqa biratti. Dhaqaama waan sirrii itti afarsaa: jaalala
keessatti waan jirurra diddibanii cuccululuqsuun badaa rakkoo hin qabu. Kophee keessan maaliif dibsiifattu isin? Qalamni kopheen ittiin dibamu qaama kophee sanaa turee? Hi’ii – haa cululuqsuufi. Yoo cululuqe nama hawwata mitiiree? Soba garuu wanti hafe illim jedhee haa hafu malee cululuqsuu hin yaaliinaa!
– Abdii hin kutatiinaammoo- ittuma deddeebi’aa itti afuufaa malee irraa hin fagaatiinaa. Ganama abidda qabsiiftanii biraa deemtanii galgala deebitanii yoo dhuftan boba’aadhuma isin eegaa? Deddeebi’anii xu’aarsuu gaafata.
– Gaa’elaaf malee fedha foonii ba’uuf qofa durba hin
#baalageessiinaa!
– Tokkicha jaallattanii harka keessa erga galfattanii,
miidhaginni durba biraa isheerraa isin hin kaachisiin!
– Ofumaa akka qilleensaa bubbisaa hin ooliinaa. Dhiira
tasgabbaa’aa jaallatu isaan.
– Onnee keessaniin jaalladhaanii malee badaa hin faarsiinaa. “Baayee miidhagda, durbi akka kee hin jirtu, moodeelistii dha ati yaa eenyuu koo!” hamma jettaniin, calluma jedhaa of- ilaalee (daawitii) bitaa kennaafii – ofumaa of haa ilaaltu. #Seeing_is_believing !
.
.
.
SHAMARRAN AMMOO:
Ani badaa isin hin gorsu, gorsi isin fayyisus hin jiru. Garuu akkas naaf godhaa: Yeroo dhiiratti dhi’aattan, suutuma jedhaa. Ogummaa bitadhaa! Kan keessan kanuma keessani, eenyuyyuu isin hin saamu. Ilaamee, Waaqayyo gaafuma isin uumu lafee cinaachaa gurbaa tokkoorraa lafee cinaacha kee fottokse. Ati kanumasaati dhugaa Rabbii. Garuu ogummaa bitadhu: hin ariifatiin, garuu carraa argattetti yeroodhaan fayyadami. Buusii baasi, madaalarra kaa’i; abiddaan qori… Waan dandeessu hunda godhi.
Waaqayyoon kadhadhu: wanti si’iif hin danda’amne isaaf ni danda’ama! Xumureera, hora bulaa!!!
.
HUNDUMA KEESSANIIF GAA’ELA EEBBIFAMAAN HAWWA!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa