Dhiigaa fi Dafqa Sabboontoota Oromootin Bu’aa siyaasaa Argachuuf Hololuun Of Gowwoomsuudha. Baarentuu Gadaa Iarraa///

Dhiigaa fi Dafqa  Sabboontoota Oromootin Bu’aa siyaasaa Argachuuf Hololuun Of Gowwoomsuudha.

Baarentuu Gadaa Iarraa///

Ummanni Oromoo aadaa, seenaa, afaan  fi duudhaa isaa dhiigaa fi  dafqaisaatiin tikfataa as gahe. Funduraafis dhiiguumaa fi dafqa isaatiintikfataa jiraata. Ni guddifatas.

Weertoonni  ummata  Oromoo  weeraranii  qayee isaarra jiraachaa
turanii fi jiran Waggoota 130n darbaniif aadaan, afaan,  seenaa fi
duudhaa  isaa  walumaa galatti  eenyummaan isaa balleessuuf  hedduucarraaqan. Weeratoonni kun amma Wayyaanee har’aattis   toftaa  haajijjiratan malee duulli Oromoorratti taasisan hin dhaabbanne.   Aadaa,seenaa, afaanii fi duudhaa walumaa galatti abbaa biyyummaa isaarrattikalees har’as yakka raawwachaa jiru. Ummanni Oromoo biyya isaakeessatti akka lammii lammaaffaatti  hacucamaa, biyya isaarratti mirga wal qixummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhabeemankaraarfamaa jira.
Oromoon  saba guddaa, saba seenaa, aadaa, afaanii fi dhuudhaa
addunyaaf fakkeenya ta’u qabuu dha. Ummanni  aadaa bonsaa, sirna waliin bulmaataa  baayyee ammayyoome kan akka  Sirna Gadaa qabu kun guyyaa Habashoonni “Nafxanyoonni” qawwee warra lixaatirraa argataniin itti duulaniirraa kaasee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa isaa, walumaa galatti biyya isaa weertootarraa  bilisa baasuuf, akka hinbannee eeguuf wareegama ulfaataa safaramee hin dhumne baasee jira.

Baasaas jira.  Aadaa, aafaanii fi duudhaa  akkasumas  biyya isaaf
jecha wareegameera,  cabeera,  dararameera, itti salphifameera, biyyaa itti godaansifameera. Walumaa galatti jiruu fi jireenyi isaa itti dhabeera. Ilmaan isaa qaqqaalii danuun  itti  dhiiganiiru,  Ammalleen eenyummaa isaa tikfachuu fi biyya isaa deeffachuuf  ilmaan isaa baddaa gammoojjitti  wareegama gurguddaa kaffalaa jiru. Akka  dhiiga isaanitiin  mirgi abbaa biyyummaa Oromoo milkaawus shakkiin hin jiru.

Akkuma eenyuyyuu quba qabutti  Habashoonni ilmaan nafaxanyootaa kaleessaas  ta’ee Wayyaaneen har’aa  aadaa, afaan , seenaa fi duudhaa Oromoof jaalalas at’e kabaja hin qaban.  Lafa Oromoo malee, qabeenya Oromoo saamaa jiran malee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoof kabajaa fi jaalala hin qaban. 

Kabajuu, Jaalachuu fi akka qabeenya saboota  Impaayeera  sana keessa jiranii keessaa isa tokkootti  ilaaluun hafnaan akkuma  aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa saba addunyaa kanarra jiru isa tokkoottuu fudhachuuf fedhii hin qaban. Waan Oromoo Jibbaan guutamanii ilaalu. Aadaa fi duudhaa isaatii mitii Oroomoodhumaawuu akka abbaa biyyaa biyya isaatti hin fudhatan.

Kanarraa ka’uunis barootaaf karaa walirraa hin cinneen Oromootti
duulanii  lafa isaa qoofa odoo hin taane, aadaa, seenaa, afaanii fi
duudhaa  isaa balleessuuf carraaqaniiru. Carraaqqii isaanii kana
milkeessuufis hayyoota Oromoo, Abbootii Gadaa, qabsaawoota Oromoo hedduu hidhaniiru,ajjeesaniiru, dararaniiru.  Lafa safuu; Ardaa aadaa fi duudhaa Oromoo  mancaasanii balleessuuf tattaaffii guddaa taasisaniiru. Qaaluu Oromoo galma irratti diiguu fi gubuuniis
yakkoota seenaan hin daganne raawwataniiru.

Wayyaaneen har’aas  Abbaa Gadaa hidhaa, irreecharratti dhukaasa bantee nama  ajjeesaa jirti. Ilmaan Oromoo qaroo guddina aadaa, seenaa fi duudhaa saba Oromootif halakanii guyyaa hojjetan  kumoota hedduun lakkaawwamanis hidhaa, ajjeesaa fi biyyaa godaansisaa jirti. Walumaa galatti kalees har’as yakkoonni danuun aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoorratti raawwachaa jiru malee wanti bu’uurrarraa fooyya’e hin jiru.  Haata’uutii garuu wayyaanee har’aas ta’e weerartoonni kaleessaa akka yaadanii fi barabaadanitti milkaawuu hin dandeenye.

Galanni gotota Oromoo dhiiga isaanii dhangalaasaa turanii fi jiraniif haata’uutii eenyummaan Oromoon  guyyaarraa gara guyyaatti akka biiftuu ganamaa calaqqisaa jira. Ummanni Oromoo qabsoo isaatiin aadaa,afaan, seenaa fi duudhaa isaa guddifachaa jira.

Murni har’a impaayeera itiyoophiyaa  afaan qawweetiin bitaa jirtu tun waggoota 25n darbaniif  yakka meeqa akka ummata Oromoos ta’ee  saboota cunqurfamtoota kaanirratti raawwachaa turtee fi jirtu eenyu jalaawuu dhokotaa miti.  Maqaa sabaa fi sabalammootaatiin siyaasa hattummaa gaggeessaa jirtuun akka waan aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa sabootaa ishiin deebifteetti hololataa turte. Hololataas jirti. Odoo saboota mirga isaaniif qabsaawan keessumaa ammoo ilmaan Oromoo manneen
hidhaa keessatti kumootaan hiitee darartuu, ajjeeftuu fi biyyaa
godaansiftuu  anatu mirga keessan isinii kabachiise jechaa  turte,
jechaas jirti. Waggaa waggaaniis guyyaa 1 ergamtootaa fi gaaraaf
bultoota walitti qabdee, kaanis humnaan  hiriirsitee  sirbiisiisuun
akka waan mirgi sabootaa kabajameetti  irraa hololatti. Dhugaan
lafarra jiru garuu bara Wayyaanee  keessa sabni mirgi isaa kabajameef hin jiru. kan aadaan, seenaa fi duudhaan isaa seeraa fi sirnaan akka ofii beekuu fi barbaadutti deebi’eefis hin jiru.  Toftaa fi tarsiimoon isaa gara gara  haata’u malee  kalees bara wayyaanee har’aas dhiittaa mirgaa, hacuccaan aadaa fi seenaa, saamichi jiru tokkuma.   

Keessumaa ummanni Oromoo kalees har’as hacuccaa hanga hin qabne keessa jiraachuun eenyufuu ifaadha. Wayaaneen safuu, maal naan jedhanii hin beektu. Sobduudha, fakkeesituudha. Gara jabeettidha.  Akkuma waggoota 25n darbaniif dhimmoota gara garaarratti kijibaa fi fakkeessaa baate  ammas soba hin
fakkaanne sobaa jirti.  Kunoo “guyyaa sabaa fi sablammootaa” jechuun hololli  gaggeessaa  turtee fi jirtu itti  hanqannaan tibba kana ammoo waan itti hin dhiigiin waan itti hin dafqin qabattee abbaa itti ta’uuf Oromoo sobuu fi sossoobuuf hololaa jirti.  Soba afarsaa jirti.Garuu itti hin milkooftu.

Akkuma hunduu quba qabu  Sirni Gadaa Oromoo sirna waggoota dhibboota hedduu lakkoofsise, sirna Oromoon addunyaa kanaaf gumaacheedha.  EegaaSirna Gadaa, sirna akkanaa sirna dhiheenya kana qabsoo ilmaan Oromootiin yuniskootti galamaawe wayyaaneen butattee kaatee hololaa jirti.  Sirnichi  dhiigaa ilmaan Oromootiin tikfamee kan as gahe ta’uun osoo beekamuu ishiin akka waan ofii uumtee, ofii kuniinsitee, kakka’umsa ishiitiin yuniskootti galmeessiteetti holola irraa tolfattee of faarsaa jirti.  Holola fokkisaa fudhatama hin qabne gaggeessaa jirti. Dhugaan jiru garuu  gadaan kan galmee yuniskootti galmaawe dhiigaa fi dafqa ilmaan Oromoo, ifaajjii hayyoota Oromootinii.
 

Murni tun  afaaniin aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa  akkasumas mirga sabootaa  kabajee kabachiisaan jira jettus qabatamaan garuu takkaawuu muldhatee hin beeku. Inumaawuu  dalgaan ishii martuu kan kanneen duubatti harkisuudha.  Kan fakkeessiif hojiirra olanis  qabsoo ilmaan sabootaa taasisaniin kan dhufe malee kan wayyaaneen jaalattee goote ykn hojiirra olchitee miti. Yuniskootti  hambaa  ilma namaa addunyaa kanaa ta’ee Galamaawuun  sirna Gadaa Oromootis bu’aa qabsoo Oromoo,
dhiiga gootoota kalee fi har’aa  malee kan wayyaanee Oromoo fixaa
jirtuun hojiirra oolee miti.

Hololli har’a wayyaaneen  Anatu gadaa yuniskootti galmeesise, anatuu dimookiraasii isiniif fide, sirna kiyyatu  aadaa, seenaa, duudhaa fi afaan ummattootaa deebiseenis waan fakkaatuu miti. Holola dharaa akkasii bara kana keessa gaggeessuunis of gowwoomsoo yoo ta’e malee bu’aan siyaasaa inni ishiif fidu hin jiru.

Oromoon  wayyaaneen diina innikaa aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa isaa akkasumas eenymmaa isaa ta’uu tolcheet beeka.  Diina isa balleessuuf hojjechaa jirtu ta’uus  himtuu hin barbaadu. Waan  diinummaa wayyaanee beekufis kunoo qabsoo waliraa hin cinne, FXG fi qabsoo roga maraa irratti gaggeessaa jira.  Eenyu akka itti dhiigee, itti cabee Gadaa asiin gahe waan  beekufis Holola bu’a hin qabne wayyaaneen anatu yuniskootti galmeesisee jettuufis gurra hin qabu. Amma Guyyaan sabaa fi sablammii inni dhugaa, abbaan biyyummaa, mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu milkaawuttis qabsoo isaa kan itti fufu ta’uu dhugaan har’a impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru ifatti mirkaneessa. Kan
ta’uu qabus isuma kana.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa