FAYYISAA LEELLISAA, ILMA OROMOO KUTANNOO QABUUFI SABASAAF QUUQAMUDHA-Yaazoo Kabbabaa Hordofaatiin

FAYYISAA LEELLISAA, ILMA OROMOO KUTANNOO QABUUFI SABASAAF QUUQAMUDHA

Yaazoo Kabbabaa Hordofaatiin

Dubbii tanatti xiyyeeffadhaa! 

Fayyisaa leellisaa mootii moototaa, jagna bara seenaa, goota umuriin hin geeddarre ta’uu beektuu? Fayyisaan bu’aa inni qabsoo seenaa oromoo keessatti buuse safaramee kaa’amuu hindanda’u! Dhugaan isaa kana. Jagni kun bakka dorgome maratti, tana booddee sadarkaa qabates qabachuu baates injifataadha; mootidha!
Fayyisaan gaafa Ri’ootti deeggarsa qabsoo Oromoo argisiise san qabsoo Oromoo kan habashoonni jaarraa tokkoof duubatti butuu yaalan san jaarraa tokkoof duratti ceesise. Haqa tokko.
Fayyisaan gaafa deeggarsa qabsoo san godhu miidiyaan TV heyyama argatanii waan san dabarsaa turan 164 akka ta’aniifi isaan kun ammoo “local sell” of jalaa qabaniin waan inni godhe san ijaa gurra addunyaatin gahan.
Akka daily viewers jedhutti wayita inni deeggarsa san argisiisutti kallattiidha kan daawwachaa jiran namoota miiliyoona 16.86 ta’uu gabaase. Alkallattiidhan ammoo namoonni waan san ilaalan biiliyoona 1.2 oli jedhama.
Staadiyeemii inni waan san keessatti godhe keessaa qofa yeroo sanitti namoota kuma saddeettama (80,000) tu ture.
Jagni kun egaa kana hundatti altokkoon gaffii, qabsoo,eenyummaafi rakkoo Oromoo dhiyeessee, beeksisee,mormee, cimsee bahe.
Gocha kanaan fayyisaan namoota addunyaa kanarratti dhageettii qaban keessaa isa tokko ta’ee jira. Hundarraahuu wanti adda isa godhu garuu hunda caalaa daawwataa hedduutti altokkoon dhagahamuutti hunda caala. Namoonni dhimma akkanaa altokkoon addunyaa cufatti dhiyeessanii dhagahaman muraasa. Atileetonni Ameerikaa bara 1968 waan kanaan walfakkaatu garuu loogii sanyiitirratti mormii mul’isan ni jiru. Yaa ta’u malee kan Fayyisaa adda. Isaan san godhanii biyyumatti deebi’u; Fayyisaan garuu biyyatti deebi’uu akka hin dandeenye beeket godhe. Kun kutannoo guddaadha; jagnummaa addaati.
Fayyisaan waan kana gochuu isaatin Oromoofi Oromiyaa walumaa galatti gaaffii sabni kun qabu addunyaatti hime. Amma Oromoofi gaaffii oromoo addunyaan quba qaba.
Gaaffii:
-Oromoon waa’ee jagna kanaa beeksisuufii irratti hojjechuurratti hangam deemee jira?
-Namoota akkanaa argachuun hiree altokko tokko qofa dhufu ta’uu isaahoo meeqa keenyatu hubatee waan kana leellisaa jira?
– Gaazexeessitoonnifi namoonni siyaasaa naannessaa mucaa kanaatti wanti hojjechuuf maltan hin hafnee?
-Fayyisaan odoo saba biraa ta’e yona maal jedhu jettanii yaaddu?
Akka yaada kiyyaatti waa’ee jagna kanaa miidiyaaleen keenya waan guddoo dalaguu qabun jedha. Kabajniifi ulfinni godhamuufii qabu ammallee itti deemmamuu qaba. Waa’ee isaa sagantaan bal’aan hojjetamee farfamuufi galateffamuutu irra jira. Har’a yoo kana goone bor kan biraa arganna.
Gaheen isaa kun qoratamee, namoota gahee alfakkaatoo qabaniin walbira qabamee ilaallamuun bu’aa gaaroma( positive) inni buuse qaaccessuun dhiyeessuun waraana xiinsammuu gaggeessuun gahee keenya.
Fayyisaan waan hundumaa nuuf godheera; nuti garuu gamasiin waa jalaa qocachaatii akka hin jirre natti dhagahama.
Fayyisaan nama gaafuma moo’e faarsinee gaafa kaan callisnuunii miti.kanaan booddee moo’es moo’uu baatus mootidha. Inni hirmaachuu isaatin qofa gooba oromoo baatee waan deemuf kabajaafi jaalala,ayyaana injifannoot qaba-mootidha!
Irratti hojjechuurratti yaa yaadnu!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa