HIRQINFUU HIRBUU kutaa 1ffaafi 2ffaa-Lalisaa Indiris Adam -Asoosamoota gagabaaboo..itti kan fufudha..!!

HIRQINFUU HIRBUU

kutaa 1ffaafi 2ffaa-Lalisaa Indiris Adam

-Asoosamoota gagabaaboo..itti kan fufudha..!!

Namni hirqinfuu koo ammaa amma dhaga’u hunduu waanan dhukkuba garaachaa dhukkubsadhu se’a. Anaanis dhimmi hirqinfuu koo kun gaaffii natti taanaan mana yaalaas dhaqee ilaalamee akkan dhibee garaachaaf hin irqinfanne natti himameera. Ta’us garuu, dubbiin irqinfuu koo kun ogeessa yaalaa jala dhokachuunsaa maalummaa fi sababa irqinfuukoo sanaa akkan qoradhuuf na dirqe. “Hiq, hiq, hiq…” irqinfuu walitti aanee hafura nama kutu; HIRQINFUU HIRBUU…
.
Yeroo kaan gaafan hirqinfadhu: maqaa jaalallee koo “Beektuu” jedhee yoon waame xiqqoo natti tasgabbaa’a ture. Har’a garuu hirqinfuu koo kana bishaanis itti dhugee, maqaa Beektuus irra dedeebi’ee waameen dadhabe. (Innan ooluuf jedhee maqaashee waamuyyuu bakka isheen jirtuu ishees hiqinfachiisuu hin oolu) Hiq hiq hiq hiq….
.
Hirqinfuun har’aa na yaaddesseera. Caalmaattimmoo abjuun eda galgala abjoodhes na jeeqaa jira. Keessi koo silaas erga nagaa hiyyoomee bubbuleera; har’ammoo baddubaasan nagaa sarbameyyuuti.
.
Beektuu kootu dhufee fuula dura na dhaabbata. Dhooqa maddiishee isa yeroo isheen kolfitu keessatti achi dhooqu sana; Adii ilkaanshee isa akka aannan goromsaa ija nama waraanu sana; dheerina hojjaasheen isa mormashee takkuu akka guutuuf sababa ta’e sana, Furdina qaamashee isa yoo hammatan akka ispoonjii Kangaroo nama qabbaneessu. Beektuukoo… Yoona kana Beektuun akkam ta’aa jirti laatan jedha. Dhiphinaa fi gidiraa isheen Oromummaaf jettee argaa jirtuu sanatu boqonnaa na dhowwate.
.
Jaalallee koo naaf taatee anis isheef jaalallee ta’ee jaalala utuu waliif kenninee hin quufin jaalala dirqamaaf jaalalarraa gaadi’amne. Beektuun har’a mana hidhaa (hudhaa) jirti. Gola dukkanaa Qiliinxoo keessa. Beektuukoo…
.
Ganama kanaan utuun siree kiyyarraa hin bu’in yaadi akkas natti baayyachuun isaa naaf galaa hin jiru. Sanuu dabalta hirqinfuu, dhiphinaa!
Dhibee kana jalaa of dhoksuufan sireema kiyyarra ciiseen facebook ilaaluuf kompitara koo banadhe. Fb koos saaqee akkuman takka ilaalee booda, waanin argaa jiru kana amanuun dadhabe.Harkikoo na roqomee, imimmaanni utuun hin beekin maddiikoo na dhiqee, nan jonja’ee. Hirqinfuukoo ammaa fi abjuu koo eedaatu “Lalisaa akkam jirtaa?” Jechuun na dubbisee.
.
Sardama sardamaan uffatallee hin hufanne, waanin arge mirkaneeffachuufan isan ittiin buleenan fiigee ba’ee.
Yaa waaqayyoo lubbuu Beektuukoo oolchi jechaan, daandiitti ba’ee taaksii eeggachuu eegale. Waaqayyos waan hundaan nama hin gatu, utuu hin turinan taaksii argadhe. Garuu waan sana mirkaneeffachuuf nomootin bilbilee gaafadhu hunduu, waan abdii na kutu natti himu. Utuu konkolaataan keessa jiru sun harka kootinan oofa ta’eetii silaa, yoona kana akkan itti oofu natu beeka ture.
.
Nuti dafnee achi ga’uuf saffisi konkolaataa tirattus, Oduun saffisaan nu bira ga’uu hin dhiifne! Mana hidhaa QILIINXOOTU gubate. Beektuun koos labooba ibiddaa sana keessa jirti. Taaksii keessa taa’ee yeroon bakkee ilaalu Konkolaataan balaa ibiddaa dhaamsu wal hari’aa garasitti fiiga jiru. Uummati daandiirra deemus miira gaddaan jeeqamaa jiraachuusaa haalumti fuulasaanii ni hima. Sagaleen Ambulaansii “uuuuuuuuuuu” jedhu sun gurra namatti duuchuu ga’aa. Kana hunda ilaaleen, Beektuu fi fakkaatota ishee warra yakka malee hidhaarratti ibdaan gubatan sanaaf bo’icha sagalee hin qabneenan imimmaaniin of dhiqaa deemuu itti fufe. Daandiin sunis dhumuu dide. Yoomin achi ga’a jedheen onneekoo sekoondii keessatti sagal utaalu sana gad afuufachaan karaa fuuldura koo ilaalaa adeemaa itti fufe. “Beektuu koo beektuu waan maraa…” jechaan imimmaan…
……
Kutaa 2ffaa

Foddaa taaksiirraan hiixadhee waan bakkee sana keessatti ta’aa jiru hubachuuf utuun yaaluu, haasaa dargaggoonni fuuldurakoo ta’an tokko haasa’aantu gurra na hooqe “Obsa, obsa jenna; obsinees gowwummaa keenya mirkaneessinaaf ec!” Jedhetuu miira haarii fi abdii kutannaan sagaleesaa ol kaasee odeessa. Dhaggeefataansaa sunis dubbiima kansaa hirphu irra buuseef. Ani garuu gara isaanii ilaalaan akkas ittiin jedhe “obboleessoo haasaa keessan keessa seenuu kootiif dhiifama! Garuu, waan hundaa dura bu’aan beekaa ykn qaroomaa ta’uu Obsuu, Arjoomuu, irra darbuu fi wal danda’uu akka ta’e hin dagatinaa! Nuti sabni Oromoo obsi fi callisuun keenya har’aa gowwummaa ykn barnoota dhabuu kenyaaf utuu hin taane, qaroomaan hunda dursuu keenyaaf ragaadha. Abbootiin keenya kaleessa sababa qaroomeef waan hunda irra darbee, amma diinni mana dhuftee harkaa fi harma irraa murtee doofummaa isheef ragaa ofitti baatutti ilaalaa ture. Har’as nama ajjeesuun yakka doofummaadhaan hojjetamu jedhee waan amanuuf dhiisee obsaa jira. Diinnis akkuma kaleessaa doofummaa keessaa waan hin baaneef, nama ajjeesanii lubbuun dorsisanii teessoo irra taa’uu hin dhiifne. Ta’us egaa obsi daanga qaba; Oromoonis isa wallaalee miti amma rakkoon isaa fi qaroominni isa wal gitutti callise. Egaa amma kunoo warra itti himanis, itti hidhanis doorsisaa fi ajjechaa akka gootummaatti ilaalan kana balleessee qixa qaroomina isaa itti agarsiisurra ga’eera. Inni qaroome lubbuu olchuuf daawwaa uumaa. Inni doofaan immoo lubbuu balleessuuf daawwaatti summii naqaa” yeroon jedhu, Dargaggoonni sun ni callisan; homaa natti hin deebisne. Kanaan utuu jirruu, qaroon koo foddaarraan bakkee millateetu raajii arguu eegale.
.
Haarri ibiddaa akka hurruu ji’a arfaasaa samii dhaaleera. Fagotti yoo achi ilaalan haarri mana hidhaa qilinxoo keessaa gara samitti didichaa jiru abdi nama kutachiisa. Qarookoo as deebisee haala na biraas yoon ilaalu, kunis waan haaraadha. Isa dur konkolaataan walitti gobbatee karaa cufuun deemsa wal dhowwu, har’a daandii kan ukkaamsee jiru baay’ina namootaadha. Seerri tiraafikii ni cabe jechuurra utuu ni daakame jennee gaaridha! Xiqqaa, guddaa, jaarsa, jaartii, qeerroo, qarree gosti namaa hunduu karaa konkolaataarraa wal dhiibaa garaasitti wal cabasa fiigu.
.
Konkolaachisaan taaksii ani keessa jiruu bilbilaan haala karaa gaafatee ka’ee “ani kana caala hin deemu, asumattin isin harcaasa” nuun jedhe. Namootni kaan dubbii kana mormuuf konkolaachisaa faana moorkii eegalan; ani garuu taaksiin dhaabbachuuyyuu dhugaa hin seene, haala Beektuun koo keessa jirtu baruufan uummata karaarraa sanatti dabalamee kaachuuf fiigee gad bu’ee. Namni dubbii nuti fiignuuf hin dhageenye yoo jiraateef, waan wal dorgommiin figichaa jiru se’a. Keessumaa anaa fi warra akkakoo uffata halkanii, jalatti qunxaa, irraanis qomee uffanne jirru yoo ilaalan isuma dhugaa dorgommii fiigichaadha se’u.
.
Namumatu tarkaanfataafan tarkaanfachaa jira malee, qalbiin koo gola ibiddaa Beektuunkoo keessa jirtutti godaaneera. Iyya beektuukootu gurrarraa na iyyaa. Qilleensi Qiliinxoo qalaadii (qe’ee) Abeebee Tufaa sana keessaa bubbisu Waan Beektuun “Laloo koo nan gubadheem, uuuuuu… fayyaattin waadameem, qabbanan hawweem… uuuuu…” jettee caraanaa jirtu fakkeessee sagalee beektuu koo fidee gurratti na naqaa jira. Anis imimmaan utuun hin yaadin fuula na dhiqu kana barruu harkakoo bitaan haxaa’achaan nama faana fuuldurumatti haxiixe.
.
Amma naannoo marfata Qiliinxoo kan barteedhaan Hospitaala Beejing jedhamee waamamu sana geenyeerra. Garuu akka silaa fuulduratti deemuu hin dandeenye; daandiin namoota uffata buraanburree ufataniin cufameera. Namni kamuu olis gadis darbuu akka hin dandeenyetti ittifamneerra. Waan nama raaju humni ittisa balaa ibiddaas nu faana dhorgame. Konkolaataan ibidda dhaamsuuf wal guuree dhufellee, waan ittifameef bishaan baatee abiddarraa siqee callisee dhaabbataara. Anis haallichi na raajnaan, humni maqaaf nagaa eegsisa jedhamee beekamu nagaa namarraa eeguu eegaluusaan mirkaneeffadhe.
.
Warri abbaa humnaa qaamaan akkan itti siqee Beektuu hin hubanne yoo na ittisanis, qalbii koo Beektuurraa ittisuuf hin dandeenye. Ani yaadaan Beektuuf dirmachuu hin dhiifne. Bineenssillee al tokko tokko garaa laafee, nama miidhuu ni dhiisa. Kan jarittii bineentii kanaa garuu…
.
Haadholii akkuma koo dhala, fira, aantee, lammii isaaniif birmatanii, dhiiga isaanii ibidda keessatti gubachaa jiruuf furmaata ta’uu utuu danda’aanii nama ibidda baatuun ittifamanii alaalatti aara dhiiga fi lafee boba’uu kan qilleensi samiitti afarsu ilaalaa “wayyoo dhalakoo, wayyoo gootakoo, wayyoo caalaa koo, wayyoo Nageessoo koo,…” jechuun sagalee mararteedhaan ilmaansaaniif gadoodan ilaaleen anis kan silaa caalaa harqee bo’uu eegale. Beektuun koo maal ta’aa jirti laata? Jedheen Alaalarra dhaabadheen aara mana gubataa jiruu achi ilaale gaddatti harka laadhe.
.
Humni ibidda dhaamsuuf dhufan, erga daqiiqaa 40 ol nu faana dhorgamanii booda, akka darbanii ibidda dhaamsaniif iyyama argannaan ujummoo bishaan isaanii qajeelfachaa garasitti kaatan. Garuu hojiin waaqa raajidha mitiiree? Utuu isaan hin fagaatin mootorri innibsamiirra ka’e. Bokkaan sila hin jirre olii gad fuudhee tume. Lolaafi qilleensa jiidhaatu bubbise. Aarri Qiliinxoorraas ni dhaabbate. Garuu…
.
Bokkaan yoo caamu anaanis xiqqoo sammuun koo of argachuu eegale. Ogummaa koon yaadadhe. Ajaa’ibaam lubbui Beektuu koof raafamaa utuun jiruu lubbuun beekaa borii meeqa Hospitaalaa na eeggachaa akka jirun yaadadhe. Ani Dokteriidha, ogeessa yaalaa!
.
Hiriyaan koo Dr. Turaan bilbilee namoonni mana Hidhaa Qiliinxoo keessatti gubatan hedduun hospitaala an keessa hojjedhutti ambulaansiin akka geeffaman natti hime. Anis Jaroota sana keessa Beektuu koo barbaaddachuuf deemuu akkan qabun of amansiise. Manan jala dhaabbadhee bokkaa dabarse jalaa ka’ee yeroon ba’uuf ariitiin daandiitti qaxxaamiru, waanin hin eegne gurra koorratti xurumbaan konkolaataa natti iyyee. Konkolaataa…
Itti fufaa…

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa