KUSH ILAALCHISEE AKEEKA WAAQAYYOOkeessaan walitti hidhata saba Kuush fi uummata Oromoo: Malkamuu Jaatee

Kuush ilaalchisee akeeka Waaqayyoo keessaan walitti hidhata saba Kuush fi Uummata Oromoo

Malkamuu Jaatee

Konfirensii (walgayii) waldaa warra wangeelaa afaan Oromoo irratti kan dhiyaatee barruu (caaffata)
Hermansburg, Jarmanii, Muddee 10 bara 2016

Seensa
Adeemsa jireenya seenaa keessatti rakkinooti walixaxoon saba Kuush qunnaman fi gidiraa hamtuun Iyoobi (Waaqayyo kabajuun nama jiraate) mudatee ture sababii wal fakkaataniif gara mata-duree kanaatti Iyoob 42:2 keessaan seena: “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru.”
Waaqayyo uumama uume hundaa keessaa akeeka isaa jirenya ilmaan namaa keessatti raawachuuf saganteefate. Akeekichi muudaa hin qabu. Ilmaan namaa akeeka Waaqayyoo beeku fi hubachuu hin dandenye, sababii ogummaa fonii fi biyya lafaa irratti hundaawun akeeka Waaqayyoo baruu fi beekuu yaalanif. Akeeki Waaqayyoo fi yaadi namaa akkuma waaqaa fi lafaa wal irraa fagaataa adeeman. Kanaafuu, dhalooti namaa fi namee ogummaa isaanii qofaan akeeka Waaqayyoo beekuu hin dandenye.
Waaqayyotti amanuu kessaan akeeki Waaqayyo jirenya ilmaan namaa keessatti raawatama. Waaqayyo kennaa adda ta`e kennun nama uume. Fedha walaba ta`etu Waaqayyo biraa namaaf kenname. Jechunis, walabummaa hundinuu namootaaf kan kenname Waaqayyo biraa ture. Kanaafuu Waaqayyotti amanuun akeeka Waaqayyoo keessa jiraachu yookin Waaqayyo ganuun akkuma barbaadantti jiraachuu keessaa filachuun ga`ee (qooda) namaa ti. Garuu namni keennaa kanatti sirnaan fayyadamuu hin dandenye. Kanuumaaf dhalooti namaa fi namee cubbuutti kufuun jireenya qulqullawaa dhaban.
Waaqayyo jireenya namaa (maatii), sabaa (uummataa), fi biyyaa keessatti yeroo hundaa akeeka isaa raawachuu feedha. Saboota akeeki Waaqayyoo jirenya isaanii keessatti akka raawatamuuf filaman keessaa sabi Kuush warra tarree jalqabaa irra jiran keessaa tokko.
Saba Kuush ilaalchisee akeeka Waaqayyoo qabu seenaa saba Kuush ijoo ta`e wajjin walitti qabsisuun ragaalee macaafa qulqullu fi barrulee seenaa adunyaa keessatti galmaawan hanga tokko wabeefachuun (ragoomfachuun) kuutaalee gabaabadutti addaan qoodee dhiyeessa:

(1) Kuush bara dur-durii,

(2) Furtuu adabaa fi araaraa (lakkoofsa 40),

(3) Saba Kuush fi kakuu Waaqayyoo,

(4) Kuush fi saba Oromoo bara haaraa, fi

(5) Xummura.
1. Kuush bara dur-durii
Dhaloota Kirstosi dura (KD) barreesitooti seenaa biyya lafaa barressaa turan akka galmeessanitti: “Qaroominni saba Kuush waggoota kuuma kudha shan (15000) fuula-dura labuu galaana Abbayyaa keessatti jalqabame; qaroomini Kuush hundee aadaa fi qaaromina Misir (Gibxi) ture”.Kushitic civilization began on the banks of the Nile over 15,000 years ago and setteled at least 55,000 years perior (Taneter. Org 2016). Macaafa qulqullu keessatti wa`een Kuush yeroo 58 oli kallattiin ibsameera. Fakkenyaaf qaroominni Kuush bara durii sadarkaa guddaa irra jiraachuErmiyaasi 46:9 irratti ibsameera: “…yaa abboota fardeeni ka`aa, warri konkolaataa ooftanis ariitiidhaan fiigsisaa! Isin warri gaachana baattan, yaa gootota Kuush, yaa Fux, isin warri iddaa qabattan, yaa gootota Lud, isin warri iddaa qabachuuf ittiin hojjechuu, beektan ka`aatii fiigaa!”jedhe. Kuush warra konkolataa kaachiisu fi ogummaa lolaan beekamoo turan.
Namoti dhunfaa fi jaarmiyaleen amantii kiristinnaa tokko tokko kanneen kiristinnaa akka meeshaa siyaasaa fi daldalaatti fayyadaman “macaafa qulqullu keessatti wa`een Kuush (uummata Afrikaa) hin barrefamne” jechuun haalu. Fakkenyaaf jaarmiyaan kiristinnaa fi gosummaa (Christianity & race) jedhamu akka yaadutti macaafa qulqullu keessatti waa`een Afrikaa hin barrefamne. “Despite what Afro ethnic theologian might wish, black Africans are almost never mentioned in the Bible (www.christianityandrace.org).” Garuu ragaan macaafa qulqullu keessatti barrefame akka mirkaneessutti biyya lafaa kana keessatti biyyi jalqaba hundeefame biyya Kuush (ardii Afrikaa) ti. Kuush hundee uummata Afrikaa ta`uu macafi qulqullun ifatti mu`llisa.
Kuush ituu hin dhalatin baroota dheeraa dursee biyyi Kuush uumamuu Seera Uumamaa 2:10 – 14keessatti ibsameera: Iddoo dhaabaa sana obaasuudhaaf Eeden keessaa bishaan in burqe; bishaanichis achii ba`ee, gargar hiramee, laga afuur in ta`e. Maqaan isa duraa Phiishon, innis guutummaa biyya Hawiilaa lafa warqeen jirutti naanna`ee in yaa`a. Warqeen biyya sanaasi ba`eessa; hapheen urgaa`u, Sardoniiksis achii in argamu. Maqaan laga isa 2ffaa Giihon, innis guutummaa biyya Kuushitti nanna`ee in yaa`a. Maqaan laga isa 3ffaas Xegros, inni immoo fuulleemandara Asor gara ba`a-biiftuutiin in yaa`a; lagni inni 4ffaan immoo Efraaxiis jedhama.Akkasumasi ergii Kuush horee uummata guddaa ta`een booda biyyi Kuush maqaa Gibxi jedhamutti hiramuun waamamu jalqabeera. Fakkenyaaf Seera Uumamaa 13:10: Loox, gara harka olii ilaalee, dachaan Yordaanos bishaan ba`eessa akka qabu, hamma mandara Zo`aarittis akka lafa dhaabaa Waaqayyoo, akka biyya Gibxiis akka ture in arge…
Bishaan badiisaa booda ilmaan namaa ijoollee Nohi sadan irraa wal horuun biyya lafaa akka gutanSeera uumamaa 9: 18 fi 19 keessatti barrefamera: Ilmaan Nohi warri markabicha keessaa ba`an, Seem, Kaamii, fi Yaafet turan; Kaam abbaa Kana`aan ture; isaan kun sadan ilmaan Nohi turan; namoonni isaan kana irraa argamanii guutummaa lafaa irraa in tamsa`an. Kuush ilma angafa kan Kaam (ilma Nohi), irraa dhalatee dha. Uummata guddaa Kuush irraa argamsisuu waan akekeef (sagantesseef) Waaqayyo durse biyya Kuush hundesse. Seera uumamaa 10:6 – 12: Ilmaan Kaam: Kuush, Misraayiim, Fux, Kana`aan turan. Ilmaan Kuush immoo Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra`imaa, Sabtekaas; ilmaan Ra`imaa, immoo Sheebaa fi Dedaan. Kuush, Naamrudin dhalche; Naamrud kun biyya lafaa keessatti nama jabaa isa duraa ture. Inni Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa ture; kanaaf jechi, “Akka Naamrud isa Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa sanaa” jedhamee dubbatamuun beekama ture. Innis

2. jalqabatti mandaroota biyya Shiinaar isa “Baabilon” jedhamee beekame keessaa Baabel, Akaadii, fi Kaalne irratti in mo`e. Biyya sanaa ba`ee biyya Asor dhaqee mandaroota Nanawwee, Rehobot-Irii fi Kalaa in ijaare; dabalees mandaroota Nanawwee fi Kalaa gidduutti Resen mandarattii guddittii in ijaare. Garuu ilmaan Kuush warri kaan qe`ee (biyya) Kuush irraa fagaatanii gara biyya biraa deemuu waan ibsame hin jiru. Kanaafuu gutummaa biyya Afrikaa keessatti sabooti argaman hundeen isaanii Kuush ta`uu ifaa dha akka macaafa qulqullu keessatti ibsamee fi akkasumasi ogeessoti seenaa bara durii akka barreesaa turanitti.
Saba Kuush bara dur-durii ilaalchisun maacaafa qulqullu keessatti warra kuutaalee Seera lakkoobsaa, Hisqi`el, fi Farfannaa keessatti barrefaman daballee ilaalla. Seera lakkoobsaa 12: 1:Miiryaamii fi Aaron sababii Museen intala warra Kuush fuudheef isa irratti ka`an… Hisqi`el 30: 3 – 5: Guyyaan sun dhi`aateera, guyyaan Waaqayyoo dhi`aateera, guyyichi guyyaa duumessaa ti, yeroon sun yeroo saba lafa irraatti faradamu in ta`a; biyya Gibxii irratti faradamun in ta`a; biyya Gibxii irratti billaan in dhufa, biyya Kuush irras naasuun in bu`a; yommuu biyya Gibxiitti namoonni rukutamanii kufan, badhaadhummaan ishee yommuu jalaa fudhatamu, hundeen ishees yommuu jalaa jigu, biyyi Kuush, biyyi Fux, biyyi Lud, tuuti saba garaa garaas, biyyi Kubii fi ilmaan biyya sanaa warri ani dur isaanii wajjin kakuutti galee biyya Gibxii wajjin billaadhaan in dhumu jedhe. Farfannaa 68: 31: Sooressonni biyya Gibxiitii in dhufu, Itoophiyaan ariifattee harka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti!
2. Furtuu adabaa fi araaraa (lakkoofsa 40)
Mallattoon adabaa fi araaraa lakkoofsa 40 ta`ee macaafa qulqullu keessatti mull`ata. Guyyaa 40 fi alkan 40 osoo wali irraa hin citin bokkaa roobeen dhaalooti ilmaan namaa kanneen bara Nohi dura turan bishaan badiisaan mancaafamu (dugugamanii dhabamuu) Seera uumamaa 7: 4 fi 5 keessatti ibsameera: “…Ani guyyaa torba booddee guyyaa fi halkan 40 lafa irratti bokkaa nan roobsa; uumama lubbuu qabu ani uume hundumaa lafa irraa nan haxaa`a!” jedhe.
Guyyaa 40 fi halkan 40 sagantaa somaa (laguu) fi sagadaan (kadhataan) Musee fi goftaa Yasuus fuula Waaqayyoo dura lafa onaa keessa erga turaniin booda labsiin kakuu araaraa ilmaan namaaf labsame. Seera keessa deebii 9: 9 fi 10: Yommuu ani gabatoota dhagaa, gabatoota kakuu isa Waaqayyo wanta sii wajjin kakuutti gale irratti caafe sana fudhuudhaaf gara tullichaatti ol ba`e, guyyaa 40 fi halkan 40 tullicha irra nan ta`e; yeroo sana ani buddeena hin nyaanne, bishaanis hin dhugine. Matiwoosi 4: 2: Inni guyyaa 40 fi halkan 40f erga soomee booddee beela`e. Waaqayyo yeroo kakuu araaraa gara ilmaan namaatti erge guyyaa 40 fi halkan 40 bokkaa robeen barbaadawuu sanyii namaa yaadachaa ti fakkaata.
Dhaloota abbootii fi harmoolii irraa gara dhaloota ilmaanitti darbuun waggaa 40 ta`uu Seera lakkofsaa 14: 33 – 36 keessatti ibsameera: “…Ijoolleen keessan waggaa 40 lafa onaa kana keessa in jooru, hamma isin hundi keessan lafa onaa keessatti duutanii dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniif achitti in rakkatu. Akkuma guyyaa 40 biyyicha gaaddan, akkasuma guyyaan tokko akka waggaa tokkootti lakkaa`amee waggaa 40f yakka keessaniif in rakkattu; yommus isin anaan mormuun maal akka fidu in bartu. Ani Waaqayyo kana dubbadheera; waldaa jall`aa walii galee ana irratti ka`e kana irratti kana nan fida; isaan as lafa onaa kana keessatti du`anii in dhumu” jedhe.

3. Uummati Oromoo bara durii irraa jalqabee lakkofsa waggaa 40 sirna siyaasaa (mootummaa) keessatti fayyadamaa ture. Abbootiin gadaa (geggesitooti mootummaa Oromoo) waggaa 40ffaairratti mallattoo (bokkuu/ulee) angoo motummaa gara ilmaanii dabarsu. Iyyaasuun waggaa 40ffairratti bokkuu (ulee) motummaa Musee irraa fudhachuun saba Isra`el gosoota 12 irratti hundaawe geggessee gara biyya Waaqaayyo abdachiise, Kan`aan, galche. Lakkoofsi fi mallattoon angoo motummaa Oromoo fi kan saba Isra`el bara Musee akkuma carraa wal hin fakkaanne. Maatiin Yaqoobi (Isra`el) waggoota 400 nannoo Gibxi, ardii Kuush (Afrikaa) keessa jiraatanii wal horuun gara sabaatti ol guddatan. Baroota dheeraa kana keessatti aadaa, sirna bulchiinsaa, fi amantii Kuush irraa waan tokkoyyu hin fudhanne jechuun hin amansiisu.
Ilmaan Yoseef lamaan, Efreemii fi Minaaseen, goosoti Isra`el lamaan ta`un moggaafaman sun harmeen isaani warra Kuush (Afrikaa) turte. Seera uumamaa 41: 45: Mootiin Gibxii, “Zaafenoot-Phane`aa” jedhee Yoseefiif maqaa in kenne; Asenaat intala Phoxii-Feraa luba On immoo isatti in heerumsiise; kana boddee Yoseef biyya Gibxii irra in nana`e. Seera uumamaa 48: 5 fi 6: Ammas ilmaan kee lamaan warri utuu ani as si bira hin dhufin, ati biyya Gibxii kanatti godhatte kan kootti haa lakkaa`aman; Efreemii fi Minaaseen akkuma Ruubenii fi Shimi`oon haa ta`an! Warri ati isaan kana booddee godhatte immoo kan kee haa ta`an! Dhaala isaanii immoo maqaa obbolaa isaanii Efreemii fi Minaaseetiin haa argatan. 

Gosotiin kun lamaan sanyii harmee isaanii wajjin karaa fuudhaa-herumaa wal makuun isaanii hin shakkisiisu. Akkasumasi hadhi warraa Musee lammii Kuush turte. Kun hundinu Kuush akka Waaqayyo biraa kakuu qabuu fi saba bara dur-durii irraa jalqabee Waaqayyoo waaqessu ta`uu mirkaneessu.
Seeroti macaafa qulqulluu keessatti bara Abrahaam fi Musee barreefaman hangi tokko fi seeroti amantii waaqeffannaa wal fakkaatu. Fakkenyaaf Seera uumamaa 17: 9 – 11: Waaqayyo yammus Abrahaamiin “ atimoo karaa kee kakuu koo eegi, sanyiin kee dhaloonni si boddeedhaan dhufu kakuu haa eegu! Ammas kakuun koo inni anaa fi si giddutti, namoota kee giddutti, si boddeedhaanis sanyii kee giddutti eeguun isniif ta`u, `Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu! isa jedhuu dha. Isiin gogaa foon keessan haguge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin guddutti dhaabateef milikkita in ta`a.” Seera Makkoo Bilii Bisil Osolee tume keeyyata 2ffaa:“Jireenyi namaa akka hin midhamne, qabeenyi namaa akka hin miidhamne buttaan Abbaa “qundorroo”inni waggaa waggaatti tahaa ture hafee buttaan bara saddet saddetitti haa ayyaaneffamu, dhagna qabaan (kittaanuun) immoo buttaan qalamuu boddee waggaa afur afuritti haa ta`u, masqallimmoo waggaa waggatti haa ayyaneefamu Muree seera. Seeroti kun fi kanneen biroo maaliif akka wal fakaatan deebii itti kennuuf; qorannoon haayyulee amantii fi ogeeyyii falaasifaan bara tokko geggefamuu mala.
3. Saba Kuush fi kakuu Waaqayyoo
Kuush ilma abbaan abaare (Kaam) irraa waan dhalateef abaraamera jechuun namooti fi jaarmiyaaleen adda addaa ni ololuu. Baroota dhiyenya kana ammo tilmaama kanaan wal qabsisuun ba`laa waraanaa, iyyummaa, beelaa, dhukubaa, fi jirenya gadadoo ardii Afrikaa irratti babalatee adeemaa jiru ibsuu warri yaalanis jiru. Uummati guraachii sababii aadaa qaroomee fi amantii hin qabneef gidiraan itti baayyata warri jedhanis hedduu dha.
4. Garuu biyya lafaa kana irratti namni yookin uummati kamuu akka hin abaaramin Seera uumamaa 8: 21 fi 22 irratti Waaqayyoo dubbateera. Nohis iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi`eessu ijaaree, horii qe`ee warra qullaa`ootti ilaalaman hundumaa, horii baal`eedhaan ka`an warra qullaa`ootti ilaalaman hundumaa keessaas fuudhee, iddoo aarsaa sana irratti aarsaa qalmaa in dhi`eesse. Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffatee yaada isaa keessatti, “Wanti nami mucummaa isaa tii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa yoo ta`e iyyuu, sababii namaatiif ani deebi`ee laficha matumaa hin abaaru, deebi`ees akkan kanaan dura godhe uumama jiraatu hundumaa matumaa hin balleessu. Egaa hamma bara lafti kun itti jiraatutti, midhaan facaasuuni fi sassaabuun, dhaamochinii fi ho`i, bonnii fi ganni, guyyaanii fi halkan ittuma fufu malee hin dhaabatan” jedhe. Uummati Kuush eebbifamee uumamuu fi Waaqayyo biraa kakuu qabaachuu macaafa qulqullu keessa ragaaleen jiru. Eebbi kunis karaa gurguddoo sadan armaan gadii kanaan Waaqayyo biraa gara uummata Kuush ergameera.
1ffaa eebbifamu Nohi keessaan Kuush eebbifame. Seera uumamaa 9: 1, 6 fi 7: Waaqayyo Nohi fi ilmaan isaa in eebbise; inni isaaniin, “Horaa, baay`adha, lafas gutaa!… Ani Waaqayyoo nama akka bifa kotti waanan uumeef, namni dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin in dhangalaafama. Isin immoo horaa, baay`adhaa, lafa guutaa, irratti baay`adhaa, lafa guutaa, irratti baay`adhaas!” jedhe.
2ffaa kakuu Waaqayyoo amanee fudhachuu Abiraam keessaan uummati Kuush eebbifame.
Seera uumamaa 12:1 – 3: Waaqayyo gaaf tokko Abraamiin, “biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba`iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi! Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhe.
3ffaa sagaleen kakuu Waaqayyoo foon uffatee mu`llachuu keessaan Kuush eebbifame.
Yohaanis 3: 16 – 21: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaajaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti! Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee. Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera. Ifichi gara biyya lafaa dhufeera, namoonni garuu hojiin isaanii hamaa waan ta`eef, ifa irra dukkana jallatan; firdichis akkuma kanatti in raawwatama. Hamaa kan hojjetu hundinuu ificha in jibba, hojiin isaa akka irratti hin beekamneef gara ifichaatti hin ba`u. Dhugaatti kan jiraatu garuu, hojiin isaa, inni akka jaalala Waaqayyootti hojjetame, haa mul`atuuf gara ifichaatti in ba`a” jedheen.
4. Kuush fi saba Oromoo bara haaraa
Lakkofsi yeroo bara haaraa, bara dhaalota Kirstoos booda (KB) jiranii dha. Mata duree kana jalatti enyummaa (afaan, aadaa, fi seenaa) Kuush duguguu/dhabamsiisuu keessatti shoora siyaasi sirnoota gabirummaa fi amantii xabachaa turan ergii xuxuqaman booda adeemsa kana keessatti akeeka karaa Waaqayyoo raawatamaa turani fi jiran warri gurguddoon ni tarrifamu.
Jaarraa 1ffaa fi 2ffaa keessa beektooti motummaa impaayera Romaa magalaa Aleksanderiyaa keessa jiraataa turan seenaa Kuush akkuma gutummaa seenaa Afrikaatti barreessaa turan
5. (Taneter. Org 2016). Jaarraa 7ffaa keessa beektoti Bezaantiin (Girik) ammoo biyyi jalqaba byya lafaa irratti hundaawe biyya Kuush jechuun barreessan. Akkasumas sirna waaqefannaa fi seera biyya-lafaa irratti dursee kan hundesse saba Kuush jechuun barressaa turan (Taneter. Org 2016). Ogeessoti kun seenaa saba Kuush ilaalchisuun caaffatooti (barruuleen) barreessaa turan waa`ee Kuush kan macaafa qulqulluu keessatti barrefameen wal simatu.
Bara 600 KB sochiileen sirna waaqeefannaa (amantii) yeroo fi bakka adda addaatti siyasaa fi daldala hundee godhachuun geggefamaa turan fi bara kanas haaluma wal fakkaatun fufaniru. Sochileen kun dhiibbaa kallattii fi alkalattii fayyadamuun mallattoolee saba Kuush kanneen akka afaan, aadaa, fi seenaa aguguun owaaluu hojii godhatan.
Kabi Afrikaa baroota dheeraaf motummoota alagaa [300 – 65 dhaalota kirstoos dura (KD) motummaa Girik, bara 65 KD – 640 KB motummaa impaayera Romaa, fi bara 640 KB irraa jalqabee motummaa Arabaa)] jalatti bitaman (Harms 2005). Motummoota alagaan baroota dheeraa gabiromuun kun akka afaan, aadaa, fi seenaan Kuush gutummaatti kaaba Afrikaa keessaa dhabaman godhe.
Jalqaba jaarraa 7ffaa keessa sirni waaqeefannaa islamaa ergii saganteefameen booda gara waggoota dhibba tokko keessatti gutummaa giddu galeessa baha Asiyaa , Kaaba Afrikaa, golee Asiyaa hedduu, Baha Awuropaa, fi Baha Afrikaa dhunfachuuf milkaaweera (Gascoigne 2016). Adeemsa baroota gabaabduu keessatti enyummaan (afaan, aadaa, fi seenaa) gosoota Kuush kaaba Afrikaa jiraatan gara enyummaa (afaan, aadaa, fi seenaa) Arabaatti jijjiruu irratti amantiin islamaa shoora guddaa xabate. Akkuma kanaan gosoota Kuush baha Afrikaa keessaa warri akka Afaar, Kunaamaa, Nubaa, Somalee, fi kkf enyummaa isaanii (hidda dhalootaa) Arabaatti hidhuun kasaaraa enyummaaf saaxilaman.
Walakkessa jarraa 1ffaa keessa amantiin Kirstinnaa kutaa Kuush kan kaaba baha Afrikaa seenuuHojii ergamoota 8: 34 – 38 irratti barrefameera. “…Namichi Itoophiyaa sun yommus Filiphosiin, “Raajichi waa`ee eenyuutiif kana dubbata? Hadaraa anatti himi? Waa`ee ofii isaatii moo yookiis waa`ee nama biraa ti? jedhee gaafate. Filiphos kutaa macaafa kanaatii jalqabee, waa`ee Yesus misraachoo itti himuutti ka`e. Utuma karaa sana adeemanii, bishaan tokko bira ga`an; namichi immoo Filiphosiin, “Bishaan kunoo ti, akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa? jedhe.Filiphos yommus, “Garaa kee hundumaan yoo amanteef”, siif in danda`ama” jedheen; kana irratti inni, Yesus Kristos ilma Waaqayyoo akka ta`e nan amana” jedhee deebise. Namichi immoo konkolaatichi akka dhaabatuuf abboome; Filiphosii fi namichi bishaan keessa lixanii, Filiphos isa in cuuphe.
Jaarraa 4ffaa fi 5ffaa keessa caasaan waldaa Kirstinnaa kaaba baha Afrikaa keessatti babalifamu jalqabe. In the 4th century Ethiopia was further Christianized and toward the end of the 5thcentury, nine monks from Syria are said to have encouraged the translation of the Scriptures into the Ge`ez language (Encyclopaedia Britanica 2016). Mandara Aksuum irraa jalqabee amantiin Kiristinnaa fi afaan Gi`izii gara kaabaatti, lixaatti, fi kibba lixaatti babalachaa adeemuun dhalachuu afaan Amaharaa, Tigraayi, fi Tigree argamsiise. Geʿez is a Semitic language to which the South Arabic dialects and Amharic belong. Subsequent inscriptions found in the ancient Ethiopian capital, Aksum, were written from the 4th through the 9th century (Britannica.com). Jaarraa 12ffaa irraa eegale afaan Amaharaa waan afaan waajjira motummaa Habashaa ta`eef afaan Gi`iizii dadhabaa fi hawaasaa gidduudhaa dhabamaa
6.  adeeme. Although the Ge`ez ceased to be spoken popularly sometime between 900 and 1200 BC, it continues as a liturgical language of Ethiopian church (Britannica.com).
Dhalachuun uummata Habashaa (Amaharaa, Tigraayi, fi Tigree) sababilee gurguddoo lama irratti hundaawee ti. 1ffaa dhalachuu fi baballachuu afaanoota Amahariffaa, Tigiriffaa, fi Tigreeffaa wajjin kallattiin walitti hidhama. Amharic, Tigrinya and Tigre are all descended from the earlier Ge`ez, one of Semitic language group like Arabic, Aramaic, and Hebrew (Orville, 2012). Naannoo jarraa 9ffaa keeessa loqodoota afaan Gi`iizii irraa Amahariffi, Tigiriffi, fi Tigireeffi dhalatan. Afaanoti haaraan kun sutaan afaanoota uummatoota Kuush kanneen akka Agawoo, Daamoti, Kunaamaa, Oromoo, fi kkf dhabamsiisun baba`llachaa adeeman. 2ffaa Kiristinnaan magaalaa Aksuum keessatti hundeefamee ergii baba`llateen booda aadaa fi seenaa Kuush kaaba baha Afrikaa gara dabarsaa adeeme. Kanaafuu, adeemsa yeroo keessa gosotiin Kuush afaanoota haaraa dhalatan fudhachuu fi gara amantii Kirstinnaa hordofuutti geeddaraman malee uumamaan kaaba baha Afrikaa keessa Habashaan hin turre.
Jaarraa 12ffaa keessa hogganooti amantii Kiristinnaa magaala Aleksandariyaa jiraataa turan barruulee kibire-mangisti (Ulfina mootii) fi fitaha-mangisti (Hikkaa mootii) jedhaman barressuun gara waldaa kirstaana Itoophiyaatti ergaa turaniin enyummaa (afaan, aadaa, fi seenaa) Kuush gutummaatti dhabamsisuuf duula qora-qalbii sadarkaa olii banan. Kaayyoon barrulee kanaas: hogganummaa mootummaa fi waldaa Kiristaanaa irraa Agawoo (warra Kuush) fageessuun warra Seemi jedhamee fi idda Solomon (mootii Yiwudii) fakkeessuun barressan ergachuudhaan burqaa gaalana Abbayyaa to`achuun gutummaa biyya Kuush to`achuuf ture. The Agew seized control of Aksum for over 130 years (1137- 1270), however the Tigrean & Amhara struggled against the Agew to gain power for themselves that in 1270 they were played on the ethnic and religious identities of the Agew being alien, i. e not being descendants of the legendary Solomonic dynasty (Arthur 1984). Akkuma enyummaan Kuush kaaba Afrikaa dhiibbaa amantii islamaan gara Arabaatti jijjirame, enyuummaan Kuush kaaba baha Afrikaa dhiibbaa amantii kirstinnaan gara Habashaatti jijjirame.
Jaarraa 15ffaa irraa eegaluun ergamtooti motummoota Awuropaa gara ardii Afrikaatti (biyya Kuushitti) deddeebiyaa turan bu`aa fi ba`laa argamsiisan qabu. Bu`aan argaman gurguddoon: 1ffaodeefannoo tamsaasuun sagaleen (barnooti) Waaqayyo barrefamaan keessumaa uummata Oromoo biraa akka ga`uf daandiin tolchamuu jalqabe; 2ffa barnooti baraneen akka uummata Afrikaa qaqabuuf karaan saaqame. Ba`laan dhalatan gurguddoon: 1ffaa ilmaan namaa ardii Afrikaa irraa gabra taasifamuun sadarkaa addunyaatti gurguramu fi 2ffa qabeenyaa Afrikaa saammachuf mootummoti Awuropaa karaa sirna gabirummaa daandii tolchatan.
Ba`laa jaarraa 15ffaa irraa jalqabee dhalateen wal qabatee uummati Kuush (Afrikaa) akka uummata gadi-galoo kan seenaa, aadaa, fi amantii hin qabneetti lakkaawamuun tuffatame. Bara 1876 –1914 mootummoti Awuropaa kan akka Faransaayii, Ingilizii, fi Xaaliyanii ardii Afrikaa qircachuun qabeenya uumamaa (uummata, lafaa, fi albudaa lafa keessaa) dhuunfatan. Afaan fi aadaan alagaa afaan fi aadaa uummatoota Afrikaa ukkaamsee dhabamsiise.
Bara 1945 (xummura waraana adunyaa 2ffaa) booda sirna gabirummaa jalaa kallattiin yoo bilisoomannillee, uummatooti Afrikaa hedduun gabirummaa alkalattii kanneen akka afaan fi aadaa Afrikaatti bonuu hanqachuu, gidiraa iyyummaaf saaxilamuu, fi ba`laa waraanaa irraa bilisomuu hin dandenye. Kanaafuu bara ammaa gabiromfattoti toftaa jijjirachuun, alkalatiin
7. sirna gabirummaa itti fufuun geggessaa jiru. Meeshaalee dhokatoo kanneen akka iyyummaa fi waraana fayyadamuun sirna gabirummaa abshaalawe ardii Afrikaa irratti hogganaa jiru.
Bara 1517, baruuma ergamtooti sharriin gutaman Awuropaa irraa gara Afrikaatti deddebiyaa fi hojii basaasaa geggessaa turan, sochiin kiristinnaa haareessuu sadarkaa warraaqsaatti ol guddachuun giddu-galeessa Awuropaa keessatti geggefamaa ture. Sochiin kun hundeefamu damee amantii kiristinnaa isa 3ffaa, waldaa warra wangeelaaf, daandii tolche. Gartuleen waldaa kirsitinnaa warri gurguddoon Ortodoksii, Katoolikii, fi Evanjelikal (warra wangeelaa) jedhamu. Karaa sochii wangeelaa kana misirachoon fayyinaa barrefamaan akka uummata Kuush qaqabuuf kan sagantesse Waaqayyo ta`u isaa jaarraa 19ffaa keessa mu`llachuu jalqabe.
Bara 1839 irraa eegalee karaa ergamoota wangeelaa gara biyya Kuushitti imalaa turaniin hojiileen raawatamaan akeeka Waaqayyo mirkaneessuu jalqaban. Seenaa jallate qajeelchuuf haala rakkisaa fi baayyee waliin xaxamaa keessatti Waaqayyoo karaa Afuura-qulqulluu ergamoota wangeelaa dadamaqsuun misiraachoo fayyinaa gara biyya Kuush erge.
Bara 1870 – 1900 motummaan Habashaa duula jabaa uummata Oromoo irratti baneen gutummaatti enyummaa (afaan, aadaa, fi seenaa) saba Oromoo dhabamsisuuf saganteefate. Qajeelfama mootii motoota Habashaa, Yohaanis ( Minliki, mootiin Shawwaa, Encyclopedia Britannica 2016).
Bara 1972, baruma dulli gabirummaa uummata Oromoo irratti baname, irraa eegaluun macaafi qulqullu gutummaan gara afaan Oromootti hiikamuuf biyya Erteriyaa keessatti qopheen sadarkaa 1ffaa jalqabame. Bara 1899, baruma mootuummaan Habashaa gutummaatti biyya Oromoo weerare dhunfate, gutummaan macaafa qulqulluu gara afaan Oromootti hiikamee maxxanfame. Bara rakkinaa (dukkanaa) keessatti afaan Oromoo fayyadamuun ibsaan jirenyaa, Waaqayyoo biraa, saba Oromoof kennamuu jalqabe. Afaan Oromoo meeshaa godhachuun barnoota amantii barsisuun afaan Oromoo tiksuu keessatti shoora guddaa xabate (Jaatee 2016). Akkaataa wangeelli uummata Oromoo qaqabee fi baba`llataa adeeme gutummaa biyya Kuush (Afrikaa) keessatti fakkenya sadarkaa olii ti. Waaqayyo daandii kana irraan ardii Afrikaa irratti walabummaa gutuu argamsisuuf hojii bu`raa waan jalqabe fakaata.

1872–1889), irratti hundaawuun daangaa mootummaa Habashaa gara kibba Itoophiyaatti (Arusii, Harargee, Jimmaa, Kafaa, fi Wallaggaa) baba`llise (
Bara 1870 irraa eegalee waraana motummaa Habashaan irratti labsame ofi irraa deebisuuf uummati Oromoo qabsoo bilisummaa geggessaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo (QBO) gara waggoota 150f geggefamaa jiru kun golee shan walitti hidhaman qaba.

Isaanis:

(1) qabsoo aadaa Oromoo tiksuu fi kunuunsuu,

(2) qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu fi guddisuu,

(3) qabsoo seenaa Oromoo fi oromummaa ifatti baasuu,

(4) qabsoo hawaasummaa fi dinagidee Oromoo dagaagsuu, fi

(5) qabsoo siyasaa saba Oromoo aangoomsuu ti (Jaatee 2014).

Qabsoon bilisummaa Oromoo rogaalee shanan keessaan hoogganamaa jiran martuu wal tumsuun QBO injjifatnoo xummuraan ga`u, gargaarsa Waaqayyo biraa kennamaa jiruun.
QBO gara waggaa 120 (bara1872 – 1992) geggefame keessatti injjifatnoleen galmaawan warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamaniru:
1. Waxabajjii 10 bara 1899 macafi qulqullu gutummatti afaan Oromootti hiikamuu
2. Caamsaa 15 bara 1904 ergamoonni wangeelaa afaan Oromoo fayyadamuun biyya
Oromoo keessatti sagalee Waaqayyoo barsiisu jalqabuu fi mana barnootaa sadarkaa 1ffaakan afaan Oromoon barnoota kennu hundeessuu (Danuu 2004)
3. Bara 1959 waldaa warra wangeelaa Makanee Yasuus (WWWMY) hundeefamtee Bitootessa 13 bara 1969 seeraan galmaawuun sadarkaa adunyaatti beekamuu
4. Bara 1960 Waldaa Afran Qalloo (WAQ) hundeefamuu
5. Bara 1963 Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (WMT) hundeefamuu
6. Bara 1973 Addi Bilisummaa Oromoo hundeefamuu
7. Bara 1992 irraa eegalee daangaan biyya Oromoo, Oromiyaa, waraqaa irratti
sararamuun sadarkaa adunyaatti beekamuu, afaan Oromoo afaan barnotaa fi waajjiraa ta`uu, fi qorannoon afaan, aadaa fi seenaa Oromoo ba`llinaan jalqabamuu.
Oromoo rakkisuu fi dhabamsisuun akeeka seexanaa ti. Oromoo ijaaruudhaan jiraachisuu fi eebbisuun akeeka Waaqayyoo ti. Jaarmiyaalee fi motummooti adda addaa sanyii Oromoo lafa irraa duguguuf hedduu akka yaalan ragaalee baayyeetu jira. Bara kanas sanyii duguggaan akka itti fufee jiru saamichii qabenyaa fi lafa Oromoo tarsimaawee motummaa Habashaan hogganamaa jiru ni mirkanessa.

Garuu sabi Waaqayyo eebbise haala kamuu keessatti ni injjifata malee hin injjifatamu. Kanaafuu, qabsoon bilisummaa Oromoo waggoota 140 oliif gargaarsa Waaqayyoon geggefamaa jiru saba Oromoo dhabamuu irraa gara jiraachuutti ceesiseera. Saba kana fayyadamuun Waaqayyo akeeka ardii Afrikaa (biyya Kuush bara dur- durii) irratti raawachuuf adeemu akka jiru ragaalee mirkaneessan hedduu keessaa warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamaniru:
1. Bara 1580 geggessaa amantii waaqeefannaa Makkoo Billii Bisil jedhamu Waaqayyo dibee kaase. Bara 1580 Makkoo Billii hogganaa Macca Oromoo turuu isaa ragaalee heddutu jira; garuu abbaa-gadaa, abbaa-seeraa, ykn abbaa dulaa keessaa kam akka ture hin beekamu (Bokkuu 2008). Seerri Makkoo Billii hangi tokko seera Muse barresseen wal fakkaatu. Fakkenyaaf: S4: Biyyi fuula keessan dura jiru kan keessan: baddaa baddaa isaa qabadhaa; qotadhaa, irratti horsiifadhaa; ijaaradhaas. S5: Biyya itti galtan kana keessatti lolli diinaa yoo iyyame walitti birmadhaa, wal gargaaraa. S8: Obo akkuma Cooraaf safuu ta`e, ilmi abbaadhaaf safuu haa kennu. Saalfii fi ulfina intalli haadhaaf haa kennitu. S34: Nammni otuu beekuu nama ajjeesee qabamee, fuula seeraatti dhihaatee akka ajjeesetti haa du ́u. Yoo firri isa du`ee araaramuu fedhe, saawwa dhibba gatii baasee haa araaramu. Araara sana Abbaa Bokkuu fi salgeetu araarsa. S36: Balleessaan gantummaa caalu hin jiru: biyya eeguuf abbaan bokkuu fi salgeen mariyatanii kan tumanii qadaadan, namni dhoksaa kana yoo diinatti himee fi iccitiin kun yoo beekame, namni gantuun kun qabamee yakka gantummaan adabama. Adabni kunis: dhagaan dugdatti hidhamee bishaan buufama, manni isaas ni gubama.
2. Bara 1839 Dr. J. L. Krapf biyya Jarmanii irraa gara biyya Oromoo ergamuun jaarraa 15ffaa irraa jalqabanii ergamtooti motummaa Awuropaa fi daftarooti Habashaa seenaa Oromoo jallisuun barresaa turan saaxile. Bara 1839 – 1842 giddu-galessa Oromiyaa keessa jiraachuun seenaa Oromoo qoratee barressuun adunyaatti beeksise, Macca Oromoo giddutti hundeefamuu waldaa warra wangeelaaf daandii saaqe, Macaafa qulqullu kakuu haaraa gara afaan Oromootti hike, fi Saba Oromoof firoota argamsiise.
3. Onkoloolessa bara 1870: Werner Münzinger gabirummaa irra Hikaa Awaaj bilisa baasuun dabarsee ergamoota wangeelaa warra Suweediniitti kenne. Bitootessa 31 bara 1872, guyyaa ayyaana faasikaa, ergii cuphamee booda Oneesimos (Dhimma-baasi)
9. Nasib jedhamee moggaafame (Hirphoo 1999). Seenaan barsisaa wangelaa, Hikaa, maaliif seenaa Yoseef waliin wal fakaate? Yoseef kan gurgurate obbolota isaa ti. Hikaa kan gurgure ammo motoota Macca Oromoo bara sana naanno laga Gibeetti mootummaa gandaa bulchaa turanii dha.
4. Bara 1950: Walaloolee fi barnooti aadaa Oromoo sheek Bakrii Saphaloo dhiyessaa (barressaa) ture uummata Oromoo baha Oromiyaa dammaqsuun qabsoo bilisummaa Oromoof hiriirsuudhaan bara 1960 Waldaa Afran Qalloo hundeessuuf milkaaweera. Sheeki barruu fayyadamee falmuun toftaa fi tarsiimoo mootummaan Habashaa afaan fi aadaa Oromoo dhabamsiisuuf saganteeffate saaxilee, akkuma ilmaan Amaharaa afaan Amaharaan barnoota barachuuf mirga qaban, akka ilmaan Oromoos afaan Oromoon barnoota barachuuf mirga qabaatanif qabsaa’e: akkasumas akkuma sagantaan raadiyoo afaan Amaharaan dhiyaatu, akka sagantaan raadiyoo afaan Oromoonis dhiyaatu falmee (Hassan fi Maatii 2008).
5. Bara 1969: Motummaan Habashaa sochii QBO hogganummaa waldaa Maccaa fi Tulama jalatti karaa nagaa geggefamaa ture sodaachuun qindessaa qorannoo aaddaa fi seenaa Oromoo, obbo Maammoo Mazammir (1936 – 1969), muuka irratti fannisee ajjese. Gooti dhugaaf wareegamees seenaa dhiigaan barresseen ergaa kana nuuf dabarsee darbe: “Duuti koo gar-malee miti: Dhiigni koo QBOf hundee tahee firii argamsiisa, Warri har ́a du`a ana irratti murteessan, mootichaa fi qondaalota isaa dabalatee, yakka narratti raawwatan kanaaf murtoo adabaa uummatoota Itoophiyaa biraa akka argatan hin mamu; Ni tura ta`a, garuu uummatni Oromoo mirga sarbame dhiiga ijoollee isaatiin akka deebisee gonfatu shakkii hin qabu” (Hassan fi Maatii 2008).
6. Bara 1972 luuba Guddinaa Tumsaa diibee kaase Waaqayyo: Xalayaalee bara 1972 fi bara 1975 lubi barresse keessatti akeeki Waaqayyo kan saba Kuushiif saganteefame ifee mu`llata. Waa`ee hawaasa fayaalessa Itoophiyaa fi Afrikaa keessatti ijaaruun baba`lisutu xalayicha keessaan akkanatti ibsame: “Sadaasa 4 bara 1972 marii (yaa`ii) Villach irratti hirmaachuu kiyya dursee namoota Swudinii fi Jarmanii tokko-tokko wajjiin yeroon haasaweetti “waa`ee guutummaa dhala-namaa tajaajiluu ilaalchisee yaadi WWWMY irraa dhiyaate yaada warra dhihaa irraa waan maquuf yaadicha ni raajeffatan, akkasumas ilaalchi waaqefannaa akkasii WWWMY irraa dhihachuun namoota marii Villach irratti hirmaatan fi ana wajjin haasawan hedduu isaan raaje. Anis karaa koo raajefachuu isaanii nan raajefadhe, Innis yeroon kun yeroo waldaaleen Afrikaa daandii WWWMY wajjin wal simatu ijaaruun ilaalcha waaqefannaa ilaalcha Afrikaa irratti hundaawe (African World View) hundeesinu ta ́uu waan amanuuf … Yaada-maddistooti Afrikaa tokko- tokko ilaalcha waaqefannaa warra dhihaa (Awuroopaa) yookin kan bahaa (Ashiyaa) irraa fedha hin qabnu… Afrikaaf (Kuushif) ilaalchi waaqeffannaa Afrikome (Kuushome) ni barbaachisa … tokkichi Waaqayyoo ilmaan-namaa tokko qamoota hedduutti addaan qodee waan uumeef… yoo hawaasa fayaalessa ijaaruuf saganteefame, jireenya namaa guutummaan ilaaluudhaan tajaajilli roga maraa kennamuufii qaba. … Waldaan amantii kiristaanaa hawaasa iyyome keessatti waan dhalatteef,“ofi kennuu fi isaaniif jiraachuun”, afuraa fi foon namaa guutummaattii tajaajiluu qabdi (GTF 2001 fi 2003). Hogganummaan luba Guddinaa maalif hogganummaa Phaawulos wajjin wal fakkaate?

7. Bara 1999 barsiisaa wangeelaan, jiraachuu saba Oromoo kan hin beekiniin, waldaa warra wangeelaa Itoophiyaa magalaa Berlin, Jarmanii, jirtu keessatti; ergaan Waaqayyo biraa saba Oromoof karaa Afuura-qulqulluu kenname dubbatame. Ergichis cunfaan isaa akkas ture:“Oromoon saba koo bara dur-durii na waaqessaa ture waan ta`eef karaa saba koo kana ardii Afrikaa eebisuuf ka`eera jedha Waaqayyo” kan jedhu ture.
Uummatoota saba Kuush irraa latan hedduu keessaa mallattoole saba Kuush bara dur-durii gutummaatti qabatee kan jiru Oromoo qofaa dha. Qabsoon bilisummaa Oromoo baroota dheeraaf gargaarsa Waaqayyoon golee adda addaan geggefamaa jiru: afaan, aadaa, seenaa, ilaalcha waaqeefannaa (amantii), fi sirna bulchiinsa (mootummaa) Oromoo badiisa irraa baraaruun Oromummaa fi Kuushummaa deebisee ijaaruu jalqabeera.
Kanaafuu jaarmiyooleen siyaasaa, amantii, fi haawasummaa biyya Oromoo keessatti fi biyya hormaatti maqaa saba Oromoon hogganamaa jiran marti adeemsa QBO keessatti akeeka Waaqayyoo siriittii hubachuudhaan hojii guddaa Waaqayyoo isaan waameef qophaawanii argamuun hedduu barbaachiisaa dha. Namaa fi saba Waaqayyo waamee, akeeka (sagantaa) isaa ittiin raawatu, irra dirqama guddaatu jira. Innis wal jibbuu, wal sobuu, wal hamachuu, wal shakkuu, wal hatuu, wal irratti duluu, diinatti dabarsanii wal kennuu, fi kanneen fakkaatan amaloota xuraawoo irraa gargaarsa Waaqayyoon qulqulaawanii argamuu gaafata.
Waaqayyo dhaalotaa gara dhalootaatti hojii gurguddaa biyya Oromoo keessatti raawachaa jiruuf bara baraan galati guddaan Isaaf haa ta`u. Fakkenyaaf: biyya Oromoo keessatti waajjirri jaarmiyaa tokkummaa Afrikaa hundeefamuu, biyyii (Oromiyaa) fi uummati Oromoo adunyaa irratti beekamuu, qorannoon Afaan, Aadaa, fi Seenaa Oromoo baba`llachuu, amantiin saba Kuush bara dur-durii karaa amantii Waaqeefannaa haareefamuu jalqabuu, fi
5. Xummura
Akkuma nama Iyoob jeedhamu, madaallii Waaqayyoon qajeelaa ta`ee ilaalamee sana, sharrii seexanaan qabeenyi uumamaan sabi Kuush horate jalaa fudhatameera yookin barbadaaweera. Garuu akeeki Waaqayyo deebisee saba Kuush ijaaruuf sagantessee fi haala adda addaan hogganamaa jiru, daandii QBO fi ilaalcha Oromummaa keessaan fixaan ba`uf abdatameera.
Waa`ee saba Kuush ilaalchisee akeeka Waaqayyoo ibsuuf, karaa barruu kanaa hanga tokko yaalame: Fakkeeya 19: 21; Isaayaas 61: 8 – 9, fi Gara warra Romaa 8: 28 xuquun xummura.
Fakkeenya 19: 21: Yaada namaa keessa akeeka baay`eetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheesetu jabaatee dhaabata.
Isaayaas 61: 8 fi 9: Ani Waaqayyo, “Firdii qajeelaa nan jaalladha, saamichaa fi jal`ina garuu nan jibba; ani amanamummaa kootiin saba kootiif gatii hojii isaanii nan kenna, isaaniifis kakuu bara baraa nan gala; sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti beekamaa in ta`a, ijooleen isaaniis namoota giddutti beekamoo in ta`u; namni isaan argu hundinuu, isaan sanyii isa ani Waaqayyo eebbise sanaa ta`uu isaanii in beeksisa” jedha.
Gara warra Romaa 8:28: Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.

Sirni gadaa (dimokirasii) Oromoo sadaasa 30 bara 2016 dhaabbata Motummoota Gamtaawan damee Barnootaa, Saayinsii, fi Aadaa (UNESCO) jalatti galmeeffamuu.

Wabeefannaa (Ragaalee)

1. Arthur G., 1984. The Horn of Africa. Marine Corps Command and Staff College. Subject area, strategic issues.
2. Bokkuu D. Dirribii, 2008. Ilaalcha Oromoo (Kitaaba Aadaa, Seenaa, fi Duudhaa Oromoo. Oromia Publishing LLC: Atlanta, Georgia, USA.
3. Britannica.com. Geʿez language. https://www.britannica.com/topic/Geez-language
4. christianityandrace.org. Was bibilical Kush /Cush black African?
http://www.christianityandrace.org/p/area-in-black-designates-areas-called.html
5. Danuu G. 2004. Wangeelli Kiristoos Attamitti nu bira ga ́e (1899-1991). Najjoo, Itophiyaa.
6. Encvcloprdia Britanica. www.britannica.com/EBchecked/topic/540208/Shewa
7. Encyclopaedia Britanica, edition 2016. Ethiopian Orthodox Tewahedo Church.
https://www.britannica.com/topic/Ethiopian-Orthodox-Tewahedo-Church
8.
9. Gudina Tumsa Foundation (GTF), 2001. The life and ministry of rev. Gudina Tumsa, general secretary of the Ethiopian evangelical church Mekane Yesus (EECMY). Mekane Yesus theological seminary Makanissa, April 18 – 21, 2001
10. GTF, 2003. Witness and discipleship, leadership of the church in multi-ethnic Ethiopia in a time of revolution (The essential writings of Gudina Tumsa, general secretary of the EECMY (1929 – 1979). GTF, Addis Ababa.
11. Harms F. Hartwig, 2005. Seenaa waldaa Kiristaanaa gabaabaatti (kutaa 1ffaa). Yerusaalemii jalqabee guddina waldaa Kiristaanaa gaafa ayyaana pheenxeqosteetii hamma 1500 KB. Hog-Barruu Asteer Gannoo, Aayira.
12. Hassan M fi Maatii D., 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC. Atlanata Georgia, USA.
13. Hirphoo T., 1999. Abbaa Gammachiis, Oneesimos Nasib nama Biyya Oromoo, ergamaa wangelaa (1850 – 1931). Mana-maxxansaa Bolee, Finfinee.
14. Jaatee M., 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, har’aa fi borii. Kyagaba & Sons graphics, Kampala, Uganda
15. Jaatee M., 2016. Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo.Waligayii marii afaan fi aadaa Oromoo irratti barruu dhiyaate. http://www.ayyaantuu.net/qabsoo-bilisummaa-afaan- oromoo-waligayii-marii-afaan-fi-aadaa-oromoo-irratti-barruu-dhiyaate/
16. Orville B. Jenkins, 2012. Origin of Amharic, Tigrinya and Tigre Languages.http://orvillejenkins.com/languages/tigretigrinyageez.html
17. Orr James M.A. D.D. (General Editor), 1915. “Entry for ‘Ethiopia'”. “International Standard Bible Encyclopaedia”
18. Taneter. Org, 2016. Ancient Kush or Ethiopia. www.taneter.org/ethiopia.html

Gascoigne Bamber, 2016. “History of Islam, History World. From 2001, ongoing.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa