ABDII HINKUTATIIN/Never give up!!-Gorsaafi Beekumsa Xiinsammuu kan nama Hundaaf ta’u! Beekan Gulummaa Irranaa’tiin bara 2017

Abdii Hinkutatiin/Never give up!

Beekan Gulummaa Irranaa’tiin

Addunyaan irra jiraannu kun addunyaa wal’aansooti. Injifachuufi injifatamuun walcinaa adeemti. Carraanis akkasuma. Takka ol nama baasti; takkammoo gadi nama buusti. Namoonni mul’ata isaanii bira dafanii kan hingeenyeef sababa dafanii abdii kutataniifidha. Jireenya keessatti yeroon gara milkiitti ittiin tarkaanfatan yeroo qormaanni namatti heddumatudha. Jireenyi qormaataan guutuudha. Akkuma mana barumsaatti namni qormaata qoramee qabxii gaarii galmeesse badhaasa guddaafi ramaddii guddaa argatu; dhaalli namaa qormaata keessa darbee galma gahinsa mul’atasaa bira dafee gaha. Biyya lafaa kanarratti namoonni maqaan isaanii yeroo mara faarfamaa jiraatan warra utuu abdii hinkutiin jabaatani hojjetanidha. Fakkeenyaaf, Thomas Edison’ lammii biyya Amarikaa kan humna ifaa, har’a dinagdeefi wantoota hedduu itti argaa jirru kana kalaqedha. Steve Jobs’ kan jedhamu nama meeshaalee amma namni hedduu itti gargaaramaa jiru kan ‘Apple’ jedhamu kalaquun addunyaa kana ajaa’ibsiisedha. Bil Gates’ nama ‘maayikiroosoftword’ jedhamu uumee yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa kanaa keessaa tokko ta’edha. Benjamin Franklin’ kan jedhamus nama siyaasaan beekamaa, barreessaafi dhimmoota ifaafi humna elektiisiistiitiin beekamti qabu ture. Dubartiin beekamtuun ‘Marie Curie’ jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa beekamaa kan argatteefi elementoota mataasheeti nama argattedha. Galalileo Galilei nama biyya Xaaliyaaniiti. Innis nama ‘abbaa saayinsii ammayyaa’kanaa jedhamuun beekamudha. Hayyoonni hojii isaaniitiin biyya lafaa kana ajaa’ibsiisan hedduutu turan. Dhimmi guddaan hayyoota kana walfakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul’ataafi abjuu dhalootaaf qaban sanatti cichuusaaniiti.

Fakkeenyaaf, Thomas Edison’ lammii biyya Amarikaa kan humna ifaa, har’a dinagdeefi wantoota hedduu itti argaa jirru kana kalaqedha. Steve Jobs’ kan jedhamu nama meeshaalee amma namni hedduu itti gargaaramaa jiru kan ‘Apple’ jedhamu kalaquun addunyaa kana ajaa’ibsiisedha. Bil Gates’ nama ‘maayikiroosoftword’ jedhamu uumee yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa kanaa keessaa tokko ta’edha. Benjamin Franklin’ kan jedhamus nama siyaasaan beekamaa, barreessaafi dhimmoota ifaafi humna elektiisiistiitiin beekamti qabu ture. Dubartiin beekamtuun ‘Marie Curie’ jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa beekamaa kan argatteefi elementoota mataasheeti nama argattedha. Galalileo Galilei nama biyya Xaaliyaaniiti. Innis nama ‘abbaa saayinsii ammayyaa’kanaa jedhamuun beekamudha. Hayyoonni hojii isaaniitiin biyya lafaa kana ajaa’ibsiisan hedduutu turan. Dhimmi guddaan hayyoota kana walfakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul’ataafi abjuu dhalootaaf qaban sanatti cichuusaaniiti.

Saayintistiin beekamaan ‘Albert Einstein jedhamu, ‘jireenyi akka nama saayikilii oofuutti’ jedha. Madaalakee eeggachuuf sochiikee itti fufuu qabda jechuusaati. Jireenyi adeemuudha. Jireenya keessatti nama jabaa ta’uu qofa utuu hintaane, qormumsa dura dhaabbachuutu hammam akka nuti geenyu ibsa. Namni waa guddaaf akeekamu waa xiqqoon danqamee booda hin deebi’u. Kufaatiin mallattoo injifatamuu miti. Kufa ka’uun garuu abshaalummaa hayyummaati. Dogoggora keessatti kufuu utuu hintaane, dogoggora ofiirraa baratani fuulduratti adeemuutu kallattii injifannooti.

Namni abdii kutatu kaayyoosaarraa fagoo jira. Waan qalbii ofiitti guutummaan abdatani itti seenaan akka yaadanitti yoo milkaa’uu dadhaban gufannaa uuma. Gufannaa kanarra tarkaanfatani kaayyoo qabatani ba’an ilaaluun abdii horannaadha. Namni abdii qabu yeroo hedduu mo’ataadha. Fakkeenyaaf, daldala ta’e jalqabdee jalqabarratti kasaaraa jalqabaatiin dhaabbachuunkee abdiii kutachuuke ibsa. Qormaata tokko qoramani naasuu sanaan barumsa dhaabuunis akkasuma. Dorgommii fiigichaa jalqabarratti injifatamuun itti deebii dadhabuunkee mallattoo kufaatiikeeti Waraqaa iyyannoo dorgommii hojiitiif barnootaaf galfattee ulaagaa calallii darbuu dhabuukeen dugduuba kan deebitu yoo taate ati milkaa’inarraa fagoo jirta. Abdii kutannaan diina abjuuf mul’ata dhala namaati.

Abdii kutannaa injifachuu nidandeessa. Dhibaa’ummaafi abdii kutannoo injifachuuf malli guddaan ‘Nan danda’a’jechuudha. Sammuun dhala namaa waan hojjechiisan hojjeta. Namni kamuu bu’aa amantii yaada qalbiisaati. Nan hojjedha jennaan ni hojjeta. Namoonni yeroo ammaa kana xiyyaara hojjetanii qilleensarra nuun adeemanis ta’e doonii kalaqanii bishaanirra nuun adeeman dhaluma namaati. Warreen lafa kanarra darbanii pilaanetii biraarra qubatanii waan haaraa uumuuf qorannoorra jiranis dhaluma namaati. Kanneen konkolaataa tolchanii iddoo nubarbaanneetti nufuudhani deemaniifi warshaalee gurguddaa uumanii nama nyaachisanii obaasan dhaluma namaati. Isaan takinooloojii ammayyaa kana kalaqanii sagaleen dhala namaa daangaa hanga daangaatti dhaga’amuun akka namni walquunnamtii taasisu tolchanis dhaluma namaati. Nandanda’a warreen jedhan, danda’aniiru; atis nidandeessa.
Tooftaa kan biraan ittiin abdii kutannaa mo’atan injifannoowwan naannoo ofiitti raawwataman irraa barachuudha. Yeroo yaadni bal’aan tokko gara sammuu ofiitti dhufutti naannoo jireenyaa ofiitti namoota waa dalagani milkaa’ina gonfatan ilaaluun barbaachisaadha. Wantoota naannoo keenyaatti arginu sana kan dalagan namootumadha. Sochiin xiqqaan nama tokkoon jalqabee guutummaa biyyaa akka raasuu danda’u quba qabdu laata? Daldallii tokkichi qofaan nama tokkoon eegalee kaampaaniiwwan hedduun namichumaan akka damee hedduu qabaatan hinbeeknu ta’aa? Manni barumsaa nama tokkichaan bu’uureeffamee kolleejjota hedduufi namoota hedduu oomishuusaa aka naannoo keenya jiran quba qabna laataa? Dorgomaan tokkichi hawaasa tokko keessaa ba’ee guutummaa biyyasaati addunyaarratti kan beeksise naannoo keenyaa quba qabna laataa? Maarree namni tokkichi qofti addunyaa kana geddaruu nidanda’a. Atiis isaan sana keessaa nama tokko ta’uu akka dandeessu beekuun naannoo jireenyakeetti wantoota mul’atanirraa baraachuukee dhugoomsuu qaba.
Dhalli namaa gaara rakkinaa kamillee qaxxaamuruu nidanda’a. Balbala itti cufame banee lafa bal’aa qaqqabuu danda’a. Kun ammoo kan ta’u, sammuusaatiif yoo amanameefi nama kamuu faana hojjechuuf yoo jaalala qabaatedha. Jaalalaan jibba mo’achuun walakkaa hojii akka xumurachuutti lakkaawama. Dabalataanis, haala keessa jiran keessaa ba’uun barbaachisaadha. Haalli guyyaa guyyaan dhala namaa mudatu kan nama hingammachiifne yoo ta’anillee mul’anni ofii garuu sana darbee deemuu qaba. Mul’anniifi abjuun dhala namaa geddaru haalaan danqamee karaatti hinhafu.
Walumaagalatti, galma akeekkatan bira ga’uuf abdii kutannaan ala ta’uu qabna. Namoonni milkaa’an bu’aa ba’iifi yaalii hedduun booda malee karaadhaa itti adeemanii miti. Milkaa’inni tolaan gabayaarraa namaaf hinhiramu. Hojiif kutannoo gaafata. Warreen bara jireenya isaanii miidhamanii seenaa hinbanneefi hinbabbanne lafa kaa’anii darban warra abdii kutannaan ala carraaqqatanidha. Mammaaksa warra Jaappaan’ keessaa tokko ‘Si’a Torba kuftus Sadeeffaatti ka’i’ jedha. Oromonis, kan mataa nagaa qabu akka bubbee saffisa’ jedha. Kanaafuu, biyya lafaa yeroo gabaabduuf keessa jiraannu kana keessatti waa tokko buufnee darbuuf abdii kutannaa tokko malee carraaqqachuun farjiidha!

Beekan Gulummaa Irranaa-University of Massachusetts Boston
Email address: beekanguluma@gmail.com

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa