OMN tamsaasa Afaan Arabaa ~ Jawar Mohammed -#HiwiElona- Dr. Solomon Ungushe-Yaada Babbaareedoofi Falmisiisoo!!

OMN tamsaasa Afaan Arabaa ~ Jawar Mohammed-HiwiElona- Dr. Solomon Ungushe


“OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira. Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN ‘Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.’ Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
– Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta’uu ammoo ummanni Arabaa kun waa’ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa’ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
– Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan…baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa’ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa’imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
– Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal’isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
– Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda’u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
– Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka’ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari’achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo’amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fi Hollywood ta’uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma.
Tasgabbiin mar’idhaa.
Marii keessatti wal eeggadhaa.
Wal hin madeessinaa.
Yaada waliif ulfeeffadhaa.
Yaada Oromoof ta’uu waliin gabbifadhaa.”

#HiwiElona-OMNn Afaan Araabaatiin

OMNn Afaan Araabaatiin

Tamsaasa Eegaluusaa
Ilaalchisee Ilaalacha
Mataa Kootii
Hiwi Elona – Mudde 2016
————————–
Guyyoota muraasa dabran keessatti miidiyaalee Oromoo keessaa tokko kan ta’e OMNn tamsaasa isaa duraan afaan sadihiin ( Afaan Oromoo, Ingili aafi Afaan Amaaraatiin) dabarsaa ture irratti afaan Arabi aatiin tamsaasa eegaluuf qophii xumuruu isaa beeksisuun isaa ni yaadatama. Kanumaan walqabatee yaadni kuni kallattii garagaraatin ilaalamaa jira. Kanneen murtee kana deeggaraniifii qeeqanis sababa mataa isaanii dhiyee achuudhan yaada isaanii dabarfachaa jiru. OMNn kan Uummata Oromooti, sababa kanafis uummatichi yeroo barbaadefi akkaataa barbaaden adeemsafi murtee dhaabichaa irratti yaada kennuuf mirga guutuu qaba. Hoggansi dhaabbatichaas dhimma hawaasa keessatti ka’u xiyyee annaa keessa galchee deebii laachuf dirqama qaba. Haaluma kanaan hoggansi OMNn gama miidiyaa hawaasaatiin yaadota ka’aniif deebii kennee jira.

Akka hubannoo kan kootitti Afaan Arabaa Afaanota adduunyaa keessatti uummata hedduudhaan dubbataman keessaa isa tokko. Afaan kun Afaan biyyoolessaa ( O cial Language) biyyoota hedduuti. Afaan Ingili aafi Faransaayi aatitti aanee afaan hojii mootummoota gamtoomanii ( United Nations) fi Gamtaa Afrikaati ( African Union). Kana jechuun afaan kun afaanota baay’ee murteessoo ta’an keessaa isa tokko jechuun ni danda’ama.Uummatni Oromoo hedduun Afaan Arabaa akka gaaritti haasa’u. Hireen midhaanif bishaan isaaniis biyyoota Arabaa garagaraa keessa kan ta’e lammiilen keenya hedduutu jiru. Hamma argiinuufii dhageenyuttis isaanis ta’ee ilmaan isaanii hamma danda’an hundaan qabsoo uummanni keenya gaggeessaa jiru irraa altokkos ofduuba jedhanii hin beekan. Jarreen kunneen dhimma biyyaafi uummata isaanii afaan ofiitiin akka dhaga’aniif carraa banuun yoo milkii ta’e malee badiin isaa natti hin mul’atu.

Gama biraatiin dhiibbaa siyaasaa biyyoonni Arabaa yeroo ammaa biyya keenyarra qabsiisaa jiran ilaalunis baay’ee barbaachisaadha. Biyyoota mootummaa wayyaanee waliin hidhata uumachuudhaan lafa uummata keenyaa salphaatti harkatti galfatan keessaa gariin isaanii kanneen Afaan Arabaa haasa’aniidha. Gama Invastmantiitiin yoo ilaalles biyyoonni biyya Itiyoophiyaa keessatti Invastmantii hedduu irratti hirmaataa jiran biyyoota Arabaati. Biyyoonni kunneen yeroo Invastmantiif gara Itiyoophiyaa dhaqan haala siyaasaaf nageenya naannoo sanaa qorataniit gara hojiitti galu. Yeroo kana odee anno barbaaddatu, hamma danda’aniin haqni lafa jiru maal akka ta’e hubachuuf yaalii godhu. Kanaaf immoo Afaan Arabaatiin tamsaasni eegalamuun qaawwa kana akka gaaritti cufuu ni danda’a jedheen amana.

OMNtti Afaan tokko dabalachuun humna guddaadha, humni keenya dabalaa dhufuu isaa kan ragaa ba’uudha. Ofduras humna keenya daran gabbifachaa adeemutu nurraa eeggama. Miidiyaalen gurguddoon akka BBC, Aljazeera, CNN, VOA, CCTVfi kkf afaanota hedduun kan tamsaasaniif faaydafi kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf malee afaan tokkoof ilaalcha gaarii qabaatanii afaan tokko waan jibbaniifii miti. Kanaafuu, nutis humna keenya dagaagsinee ofdura adeemuu malee dhimmicha kallattii biraatti harkisuun eenyumayyuu hin fayyadu.

Akka dhaloota jaarraa 21ffaafi ilmaan sirna gadaatitti ilaalchi keenya hamma danda’ameen yaadota garagaraa ( gaaris ta’ee badaas) keessummeessuudhaaf qophii ta’uu qaba. Mariin hawaasni taasisu kamiyyuu kallattii gaaridhaan yoo kan gaggee amu ta’e yoo faaydaa nuuf qabaate malee miidhaan inni nurraan ga’u hin jiru. Dhimma tokko irratti dhimmammanii, yaadda’anii, yeroo fudhatanii mari’achuun qaroomina, keessattuu immoo mariin akkanaa kun akkaataa safuu walii, kabaja walii, aadaa walii eegeen kan gaggee amu yoo ta’e bilchina uummata keenyaa dabaluun qabsoo uummanni keenya godhu sa saan ofduratti tarkaanfachiisa. Haa ta’u malee mariin keenna daangaa dabree, kaayyoo dhumaa sabni keenya qabsaawaafii jiru irraanfatee atakaaroo hin barbaachisne keessa galuun gufuu qabsoo nutti fida. Gochi akkanaa kun uummata keenya qawwee diinaatiin lafarraa akaayamaa tureefii akaayamaa jiru kan gatii dhabsiisu dha. Ilaalcha siyaasaa uummatni keenya qabus kan duubatti harkisuufii egeree keenyaafiis kan baay’ee nama yaaddessuudha.

Waaqni Faallaa Walitti
Nu Hin Garagalchin!
#HiwiElona

Waa gadi dhufa jette jaartiin daha wal’aaltee!-Dr. Solomon Ungushe

Miidiyaa fi diplomasii maaltu walitti fide? OMN Oromiyaa dhaaf ministeera haajaa alaati jechuudha? Akkas yoo ta’ee imaamati haajaa alaa Oromiyaa maali? Eenyutu barreesse? Eenyutu raggaassise? Dayrektarri OMN ministira haajaa alaa Oromiyaati jechuu keessanii? Eenyutu muude? Ambaasadaroota hojii diplomasii hojjetan sana kan ramadu eenyu? Madaala maal fakkaatuun filatamu?

Ambaasadaroonni Oromoo hojii diplomasii nuuf hojjetan warra akka Nasiboo Abdallaa hogganaa OMN-Kaayrootii? Warra baqattoota Arabatti gurguratan sanaa? Warra lilmee dhaan nama waraanan sanaa? Oromoon hojii diplomasii namoota akkasiitiin hojjetamu barbaada natti hin fakkaatu.

‘Statistics’ ammoo bobaa keessan jalaa luqqiftanii Facebook irratti hin maxxansinaa. Oromoon 500,000 biyya Arabaa keessa jiraachuu akkamiin bartan? Dhaqxanii lakkooftan moo mootummoota biyya sanaatu isinitti hime. Lakkoobsa ummata biyyoota Arabaa interneta irraa qoradheera. Oromoon meeqa akka ta’e, namni Africa meeqa akka ta’e kan ibsu hin jiru. Lakkoobsa keessan eessaa akka fiddan ifa godhaa.

Gaafataa: Maaliif waa’ee OMN yeroo hunda dubbatta?
Deebii koo: Yeroo hunda hin dubbanne, gaaffii kee sirreessi.
Gaafataa: Si’a 1000 dubbatteetta?
Deebii koo: Hin baaya’ate, dhidhiibi.
Gaafataa: Tole, torban kana si’a 10 dubbatteetta?
Deebii koo: Dhuguma.
Gaafataa: Maaliifree?
Deebii koo: OMN keessaa ‘O’n Oromoo jechuu waan ta’eefi. Yoo akkan waa’ee isaa hin dubbanne barbaaddan O keessaa baasaa.
Gaafataa: O baafnee maal ha galchinu jettaa?
Deebii koo: Yoo barbaaddan JJMN jedhaa waammadhaa.
Gaafataa: Kunoo Jawaariin jibbita jechuudha.
Deebii koo: Lakkii an maqaa isaa hin dhoofnee.
Gaafataa: JJMN jechuun maal jechuudharee?
Deebikoo: Isa dhugaa moo isa sobaa baruu barbaadda?
Gaafataa: Isa dhugaa dura natti himi.
Deebii koo: Jinni-Jaankaa Media Network jechuudha.
Gaafataa: Inni sobaa maaliree?
Deebii koo: Dhaqii sobduu gaafadhu.

“Meeshaan sab-qunnamtii bilisa baaftuu otuu taatee faaggaan Masgiida Anuwar fi Bataskaana Sillaaseetii ganama ganama gurra nama duuchan Finfinnee waggaa dhibba dura bilisa baasanii turani.”
~ Simbirroo Daalotee

“Rakkoo jiru miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu dhiiftanii maaliif waliin teessanii hin mariyatne?”
Gaaffiin kun yeroo baay’ee kallattii dhaan natti ergama. Gaaffii gaariidha. Garuu haala dayaasporaan Oromoo waggoota sadan darbaan keessa ture hubachuu dadhabuu irraa madde. Mareen xiqqaatu gareen mariyachuuf fedha qaban lama jiraachuu gaafata. Gareen akkasii dayaasporaa Oromoo keessa hin jirani. Gareen jiran hundi kan isaanii nama obaasuu barbaadu malee wal dhagahuu hin fedhani. Dhugaa kana mirkaneeffachuuf tamsaasa OMN dhaggeeffachuun gahaadha. Kan guyyuu muldhatan ilaalcha tokko qabu, nama tokkooon filatamu. Haalli amma argaa jirru yaalii hojimaata qoqqooddii sana kan ummata Oromoo taasissuuf abbalame jiru malee waan kan biraa miti. Falmiin jiru qoqqooddii dagaagsuuf dhabamsiisuu gidduutti. Gareen tokko miidiyaa dhuunfatu waan hin qabaanneef miidiyaa hawaasaatti dhimma bahaa jira.

Girmaa Xurunaa, VOAn akka saaxilee ture niyaadatama. Gabaasi ammaa kunis shira Kaayroo keessa jiru saaxilee dhugaa ifa baasa.

1- Nasiboo Abdallaa (hogganaa OMN-Kaayroo)
2- Ahmed Somaalee
3- Ahmed Kamil
4- Nabil …. “kan jedhaman baqqattoota Arabatti gurguratanii irbaata qurxummii galaanaa taasisani” jedha Oromoon ilmaaf niitii isaa dhabee du’a irraa hafe tokko.

Baqataan tokko seeraa ala Kaayroo dhaa gara Awrooppaatti imaaluuf Arabaaf $1800 kennuu qaba. Namni kumni tokko $1,800,000 (doolara miliyoona tokkoof kuma dhibba saddeet) kennu jechuudha. Namoota kana dallaalaa ta’anii Arabatti kan gurguratan Nasiboo Abdallaa fi hiriyoota isaati. Abdallaa Nasibo fi hiriyoottan isaa, jiruu ilmaan Oromoo gurgurachuu kanaaf %10 akka komishiniitti argatu yoo jenne $180,000 (doolara kuma-dhibba-tokkoof-saddeetama) argatu jechuudha.

Lilmeen waraanamuu Yaazoo Kabbabaa wajjin walqabatee maqaan Nasiboo Abdallaa ka’ee akka ture ni yaadatama. Dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbatti. Dhaggeeffadhaa

As Tuqaa dhaggeeffadha!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa