KUDHAAMA SEENAA I fi II (Kitaaba Obbo Leellisaa Aadaa) tiin-Kitaaba seenaa Kuush, Afriikaa, Duudhaa Waaqeffannaa Oromooofi Aadaa Mara qabatee ba’e

KUDHAAMA SEENAA I fi II (Kitaaba Obbo Leellisaa Aadaa) tiin-Kitaaba seenaa Kuush, Afriikaa, Duudhaa Waaqeffannaa Oromooofi Aadaa Mara qabatee ba’e.

 Kitaabni Seenaa, Oromoo, Kuush, Afrikaa kan jedhu, Barreessaa  Leellisaa A.Bantiin kan katabame yoo ta’uu qorannoo bal’aa kan irratti godhameedha.

Barreessan Kun kanaan durasa kitaabaa KUDHAAMA SEENAA jedhuun, seenaa, aadaa, duudhaa fi amantii Oromoo durdurii fii kan ammaa kan of keessatti ammate, bara 2013 ummata isaaf dhiheessee dinqisiifannaa argateera. Keessuu Ilmaan Oromoo kolleejji fi yunbaristii garagaraa keessa jiran qorannoo bal’aa deemsisuuf akka bu’ura isaaniif tahe karaa adda addaa beeksisaa turaN. Fakkeenyaf aadaa ilaalchisaa, Sirna Gumaa (baasuu, dubbachuu fi gumaa laachuu,), Guddifachaa, Moggaasaa, garaagarummaa guddifachaa fi moggaasa, Ayyaanoota gurguddoo Oromoon kabaju, Aadaa lola Fardaa, qabsoo ummanni Oromoo jaarraa tokko oliif deemsise KKF of keessaa qaba ture.

Kitaabnni Seenaa inni lammaffaa kun, madda dhaloota Oromoo eessa irraa  garamitti akka dagaagaa deeme kan agarsiisu tahee, akkuma maddi isaa Afrikaa keessaaa sanyii kuush tahe, qaroomina kuush durii, amma illee akka harkaa qabu kan ibsu, fakkeenyaf DHAHAA  Oromoo, kan astiroonomin walitti hidhate,, Jechootaa warra kuush durii kan amma illee of harkaa qabaachuu isaa agarsiisaa. Akkasumas maqootiin mootota Kuush/Itoophiyaa Durdurii keessa maqaan Oromootaa akka jiru.

fakkeenyaaf Amanaa, Amansiisaa, Amantee, Tutamoosis, Marawwaa, Kandaake, Baasee, Kuusaa kan jedhaman faa akka jiranii fi Siidawwan Merowwee/Meroe fi Nuubiyaa keessa maagaalota durduurii garagaraa keessatti aragaman irraa kan garagalfame tu’uu agarsiisa.

Qaroominni addunyaa kana ainni jalqabaa Kuushota akka ta’e kan agarsiisu ragaalee baayyeen dhihaatera, Isaan keessaa tokko, qubee jalqabaa kan tolche kuushota Keessaa warra kKemet/ kamat jedhaman yoo ta’u isaan irraa warri Feenqaa fudhachuu achii Giriikitti achii Laatiniitti cehuu kan agarsiisu ragaan qabatamaan kitaaba kana keessatti dhihaatee jira.

Bineensotaa madaksuu fi midhaan naannoo ofitti madaksuun kuushotaan keessaahuu Oromootan ta’uu isaa yoo agarsiisu, fakkeenyaf sangaan jalqabaaf akka Oromoon madaqse FAO mirkaneessee jira. Akkaataa Itophiyaan ammaa kun itti uumamte, Seenaa asoosam Warra gibxii “Giiftii Saabaa fii Solomoon” ilaachisee, “Fitiha nagastii fi kibira nagaastii” itti uuman.

Akkaataa, itti maqaan Oromoo Oraam/Horo irraa kaasee jijjiramaa as gahe, akkaataa itti maqaan lafa Oromoo jijjiramaa dhufe hunda kan ibsu kitaabni lammataa qopheeyee jira. Kudhaama jechuun , jecha Oromoo durdirii yoo tahu, hiikni isaa Kitaaba, Kuusaa, qoricha/Daawaa jechuu akka tahes, asumaan hubadhaa.

Kanaaf kitaaba Kudhaama Seenaa lammaffaa kana akka dubbiftanii firaaf illee kenna kennitanii itti gammaddaan  afeerraa keenya. Kitaabni seenaa  kun akka isin hin baane ammumaan itti yaadaa.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa