ANAAFI DINSIRII’ KUTAA 1-9 -ABDIISAA BALACHOO:WAANUMTI_HOJJAAKOO_GABAABSEE_HAMBISE_BARUMSI_NAAF_GALUU_DHABUUSAATI-Seenessoo Dubbisamuu qabu!!

ANAAFI DINSIRII’ KUTAA 1-9 -ABDIISAA BALACHOO:WAANUMTI_HOJJAAKOO_GABAABSEE_HAMBISE_BARUMSI_NAAF_GALUU_DHABUUSAATI-Seenessoo Dubbisamuu qabu!!

ABDIISAA BALAACHOO

Kutaa 1ffaa



Akkuma itti ergaa wayii ta’ee dur barnootni naan galu ture. Anatu isaaf hin galu ta’ee, isatu naan galu ta’ee garuu adda hin beeku. Kanumti hojjaa kiyya gabaabsee hambiseyyuu barumsa yoon jedhe tarii soba sitti fakkaachuu mala. Garuu dhugaadha. Rukuttaa barsiisotaafi maatiin kiyya mataa gubbaan narratti geggeessantu akkan hin dheeranne godhee na hanbise. Gaafuman xiqqoomallee latuu jalqabu gad na deebisu. Sitti hin agarsiisuuf malee, waan qonxoxxaan isaanii luka kiyya gara oliifi mudhiin gaditti na godhee jiru utuu argiteemmoo mataa qabattee naaf boossa. Ani maaluman hin taanee garuu..!?

Kan si dhibu! Mana barumsaatti gaaffii gaafatamu deebisuuf namni ana dursee harka kaasu hin jiru. Garuu deebiin kiyya mataa keessa na rukuchiisa malee harka waliin naaf dhoofsisee hin beeku.. Fakkeenyaaf gaaftokoo barsiisaan Ji’oogiraafii akkana jedhee gaafate.
“Sararri guddaan galaana diimaa addaan kutee darbu maal jedhama?” ani qaxaleen kee harka baasuuf sekandii hin turre. Carraanis naaf laatame.
Bakkan taa’ee ol ka’een boonaa “Ulee museeti.” Jedhe. Osoon gadi hin taa’in garuu harki barsiisichaa aboottifatee mataa kiyyarra ga’ee ture. Amman maalan balleesse…? “Ati qoosuu dhiisi jennaan ni didde mitii.. ?” jedhee amman seentimeetira kurnan tokko hir’isutti gad na tumate.
Gaafa biraammoo Baayoloojii barachaa turre. Waa’ee baakteeriyaan ijaan argamuu dhabuufi shifguddistuu/microscope malee akka hin mullanneefaa akkasumas, caasaaleefi kutaalee isaa hunda erga nu barsiiseen booda fakkii baakteeriyaa kaasuun akka itti fidnu nu ajaje.
Hundumtuu waraqaa kutatee itti gadi taa’e. Ani garuu waraqaa kuteen maqaa kiyya qofa barreessee itti geesse. “Ni qoostamoo.. fakkii baakteeriyaa kaasaan isiniin jedheem!” aariidhaan
Anis ija hooqqataa “Maali barsiisa baakteeriyaan ijaan hin mullatu hin jennee shifargaa malee.. ? kaaseeraam” yoon jedhuun akka inni itti na kabale har’allee hin yaadadhu. Anatu lafaan mareefi lafatu naan mareellee hin hubatinin hafe. Lafumatti diriiree of arguu malee. Har’a gaafan taa’ee yaadu.. anamoo isaantu sirrii hin turre jedheen of gaafadha. Kana rabbi haa beeku
Keessumaamoo herregi naan galtu. Lakkoobsa waliin baayyisuu hiruufi eda’uun toe jettee sammuutti nan cobdu, narra dhangala’uu malee. Garuu Xiqqooshee hir’isuu kanan nan yaala. Isayyuu kiisa abbaa kiyyaa keessaa saantima hatee hir’isuurrattin shaakale.
Gaaf tokkoyyuu kutaa herregaatti.. barsiistuun keenya tokko, eenyuun ture amma maqaanshee….? Dagadheera… garuu gaaffiishee hin irraanfanne.
“Adurree lama qabda haa jennu, yoon adurree tokko itti siif dabale adurree meeqa siif ta’a?”
“Adurree Afur”
“Yoo siin galle fakkeenya biraanan siif hima.. yoo harka kee keessa burtukaaniin lama jiraatee animmoo tokko itti siif dabele meeqa qabda jedhuudha?”
“Burtukaana sadii”
“Adurre lama qabaattee yoon tokko irratti siif dabale akkamitti afur ta’aree?”
“Tokko manaan qabaka”
Deebiinkoo qoosa itti fakkaannaan hamma na reebdu erga na reebdeen booda, maatii akkan fidu na ajajje. Anis abbaa kiyya waanin sodaadhuuf haadha kiyyan geese. Akka herregi naan galleefii.. deebii dalgaa malee sirreessee akka hin deebisnefaa itti himte barsiistuunkoo.. haatikoos akka na abboomtuufi herregas akka manatti na barsiistu waadaa galteefii manatti deebite.
Galgalichas of bira na teessistee herrega na barsiisuu eegalte. Haatikoo.
“Lama baayyisuu sadii ja’a. lama eda’uu sadiimmoo shan. Akka waliin sin dhoofne.”naan jette irra deddeebitee. Anis ishee faanan irra deddeebi’ee jechaa ture. Achiis akka naaf gale hubachuuf irra deebitee na gaafatte.
“Lama baayyisuu sadii meeqa?” “Sadii” deebiikoo ture
“Lama eda’uu sadiihoo” “Ja’a”
“Sitti hmuuurra dhagaatti fincaa’uutu salphata.” jettee mataa keessa asii gad….. gurra kiyya qabdee asii ol…. Waan isheen na goote mee atumti tilmaami.!
Isheenis akkuma barsiisota kootii, gaafa sanaa eegaltee gabaabbachuu kiyya keessatti ga’ee mataashee taphachuu eegalte.

KUTAA 2ffaa


Barreeffama kiyya kutaa 1FFAA keessatti yaadota an kaaseen akka bohaartan inbox fi comment isin naaf laattan irraa hubadheera. Warra homaayyuu itti hin fakkaanneef immoo dhiheenyatti mana manarra deemuun tajaajila hidhii gargar qabani ilkaan agarsiisuu waan laannuuf hagasitti kutaa 2ffaa isaa dubbisaa nu eegaa. Inni itti aanu kunooti.

Silaa an harka kaasuu hin dhiisu.. rukittichis deebii kiyya faana narraa hin hafne. Kutaa barnoota Afaan Oromoo ture. Kan nu barsiistummoo dubartiidha. Sirna tuqaalee erga barsiisteen booda akka nuu gale hubachuuf gaaffilee nuuf dhiheessite. Ana qaxalee kee dura namni harka baasuu akka hin jirre atuu ni beekta mitiiree?
“Hudhaan maaliif fayyada?”
“Of ajjeesuuf”
“Hin arganne.. gaaffii dhumaan siif eda’a.. Qoodduunoo maaliif fayyada.. ?“
“ihh… abbaa manaaf haadha manaa, sabaaf saba..hiriyyoota.. akkasumas gosa addaan baasuuf”
Dubbiin kiyya waanuma amaleeffatame sanaan xumuramte. Gaafa biraasmmoo gilgaala dubbisa keessaa jechuun gaaffii nuuf qopheessitee dhiheessite.
“Kan isa dhaggeeffachaa jiru akka itti hin tolle osoo beekuu namni oduu utuu addaan hin kutin callisee odeessu eenyuudha?”
Har’a garuu dura harka baasuyyuu carraan naaf hin laatamne. Erga barattoonni kaan waan isaanitti fakkaate deebisaniin booda na gahe malee.
Anis dabaree argadheen bakkan taa’ee ol ka’uun “Gaaffiin kun deebii lama qabaachuu danda’a.” yoon jedhu, mataa raastee akkan itti fufu na akeekte.
“1ffaan barsiisota.. 2ffaan immoo namoota siyaasa oofan..keessattuu bulchitoota gandaaafi aanaafaa… ol darbeemmoo mootummaa.. akkasumas diyaaspooraa”
Utuun deebisee hin fixin barattoonni martuu harka waliin naaf rukutan. Anis gammadaan gara teessookootti deeebi’e. barsiiftuun garuu tasuma utaaltee ‘ “Tapharran jira seetee ?” isa jettu lukakoo tokko fannistee qilleensa gubbaa dhaabde. Na qonxoxxe hin se’in.. qabaa tafkii na qabde malee. Qonxoxxaan gaafa sanaa ammallee qalbiitti na hafee yeroo heedduu rifaatuudhaan irribaa na dammaqsa.
Adabbiinkoo osoo kanaan dhaabbatee maal nama dhiba “Ati kophaatti qormaata qoramuu qabda jechuun barattoota kaanirraa kophaatti adda baastee moggaa na keesse.. achiin boodas gaaffilee barsiistuu Afaan Oromoo ta’uushee ishee shakkisiisan tarreessuun na jala keesse.
Walii galteen wucaalee eessatti mallatteeffame
“Waraqaarratti”
Abbaa manaafi haati warraa akka wal hiikaniif sababni isaanii inni guddaan maali?
“Wal fuudhuu isaanii”
Ababbaan Biqilaa yoom dhalate
“Gaafa haatisaa miixattee isa deesse”
Namni maalif bishaan dhuga?
“Akka buddeenaa alanfatanii nyaachuun waan hin danda’amneef.”
Imimmaan kiyya haxa’ataan gaaffi isheef deebii ni maadaala jedhu barreessee itti kenne. Isheenis na harkaa fuutee erga ilaalteen booda seeqaa, “Ammati namaa?” jettee na gaafatte.
“Eeyyee” lafa lafa ilaalaa
“Ati nama natti hin fakkaattu… an namuma akka keetii tasumaayyuu argee hin beeku… namni maalirraa akka uumame ni beektaa ammati?
“Eeyyee.. abbaaf haadhasaarraa” ammas rukuttaa biraa…
Namni abbaaf haadhasaarraa hin uumamne moo gaaffiin jedhu ergan rukutameen booda mataa keessa na naanna’uu eegale. Amman mana ga’ee haadha koo gaafadhuttis dhugaa hin seene. “Harme har’a barsiistuun namni maalirraa dhufe jennaan, abbaaf haadhasaarraa jedheen deebise..isheen garuu sirrii miti jettee na rukutte… ani sirraa hin dhufnee..?” muumma’amaan gaafadhe.
Isheenis erga kolfiteen booda.. “Anarraa dhufte sareeko.. garuu akka walii galaatti.. namni biyyoorraa dhufe. Waaqni biyyoo dholondholee hafuura itti baafannaan, foon uffatee hafuura horatee Addaam ta’ee uumame. Nus isarraa baayyannee uumamne.” naan jette. Gogaa kiyyan ialaale.. foon malee dhoqqee miti.. utuu dhuguma biyyoo ta’ee gaafa na qonxoxan maafin folloqee hin dhumu tureree?
Deebiin ishii na amansiisuu didnaanin gaafa abbaan hojiirraa galu eegee gaaffii walfakkaataa gaafadhe.
“Namni jaldeessarraatii dhufe. Waggoota dheeraan dura miila afuriin utuu deemuu jijjiirama dhawaataan yeroo keessa… suutuma ol jechaa dhufuun sadarkaa har’aarra ga’e. namni addunyaa kanarra jiru marti waggoota miliyoona hedduun dura jaldeessa ture jechuudha.” Jedhee eenyummaa koo bita natti galche. Anis akkuman deebiisaa dhagaheen gara harmeetti fiigeen… harme maalif sobde jechuun waan abbaan naan jedhe himeef.
“Akkas siin jedhee?” jeettee na gaafatte akkuman deebiisaa narraa dhageesseen
“Eeyyee.”
“Maarree hin dogoggorre, inni akkaataa dhufaatii maatii isaatii sitti hime.. animmoo akkaataa dhufaatii maatiikoo” jettee yaadasaanii lamaan walitti araarsite
Anis gaafa bari’ee mana barumsaatti deebi’u , gaaffii barsiistuttii deebisuuf jarjareen, akkuma isheen kutaa seenteen harka kaase.
“Maalimmoo feete? Naan jette dheekkamsaaf jarjaraa.
“Gaaffii ati kaleessa waa’ee namaarratti na gaafatte deebiisaa himuuf jedheeni..”
“Tole mee deebisi.”
“”iiii.. akkuman kaleessa jedhe, namni abbaaf haadhasaarraa dhufa.. an garuu karaa abbaa koo jaldeessarraa.. karaa haadha koo immoo biyyoorraan uumame”
Kana natti himuuf osoon ol hin galin jarjartee isa jettee qulqulleessituu gabatee gurraachaa natti darbattu…….
*********
Yoo kutaa sadaffaan akka itti fufu barbaadde.. kutaa sadaffaa jechuun bakka koomentii keessatti naaf katabi… yoo dhiistes ni dandeessa. Nagaa Waaqaan

KUTAA 3FAA


Egaa akkuma amaleeffanne har’as kolfuuf walitti dachaaneerra. feetu kolfitee feetu dhiistu garuu dhimmakoo miti. Yoom naaf kaffalte?.. kanin tola barreessee siif fidetti isayyuu….

*****
Dubbisuu jibbuun waan an ofirraa balfe. Qarshiima karameellaa ittiin bitadhu, kanin hatee fudhullee erga isaan dabtara kiyya keessa dhossuu eegalanii ijaan argee hin beeku. Kanarrattimmoo “Wallaalaa” jechi jettuufi “Ati gowwaadha.” arrabsoon jettu amaleeffannaa bultoo kootii naa ta’ani.
Ani garuu gaafachuu hin dhiisu… rukuttaa mataa keessaa dhiisii du’iyyuu irraa nan hanbisu. Mirgakoo gaafachaa du’uun du’amoo… waan namaa hin liqimfamne liqimsanii jiraachuuniyyuu du’a hoo…..
“Wallaalaa” jechuurraammoo “Gowwaa” jechi jedhummoo caalaa dhufuu eegale.. amma fakkeenyaaf kun gowwummaadhaa..
Abbaa kiyyatu waldorgommii maraatonii TvO gubbaatti daawwachaa ture. Gara jalqabaarra namoota hedduutu fiigicha jalqabe.. achiis hir’ataa dhufanii nama muraasatti galuu argeen “Abba maalif namni kun hundi fiiga?” jedheen gaafadhe.
“Inni !faa ba’e qarshiifi medaaliyaa badhaafama kanaafi.” naan jedhee ilaaluusaatti fufe.
“Erga nama 1ffaa ba’etu badhaafama ta’ee warri kaan maalif rakkaturee?” gaaffii koo kan biraa ture.
“Dorgomuufika!” akkan irraa calllisu fedhaa.
Ani garuu hin callisne.. gaaffii biraan dhiheesseef
“Garuu isuma 1ffaa ba’u malee warri kaan ni mo’amu mitii..?”
“Aboo narraa callisi.. ! Ati maal akka gowwaa wayii haasofta ?“ jedhee ofirraa na darbachuun sa’atii lama umuriisaa keessaa dorgommii kana ilaaluuf aarsaa godhe. Inni fiigu lubbuusaafi, bultoosaa jijjiiruuf rakkina baqata.. abbaan kiyya garuu ofii taa’ee isa injifatuuf harka rukuta. Mee anamoo isatu gowwaadha?
Dirqamaan akka namni ta’e ta’uun qabaa an.? Yoo sitti bulluqe anattis bulluquutu jiramoo? Natti qorruu hin danda’uu? Akkamumatti bokkaa keessa dibaabee qabattee biqiltuu bishaan obaasta jedhameen reebame guyyaa tokkofaa. Gaafa biraamoo akkamiin aduu saafaa keessa bullukkoo uffatta jedhamee. Kunis gowwummaa natti maxxanse.
Fakkeenyaaf qarshii abbaa dhibbaafi abbaa tokkoo yoo walbira qabanii natti kennan an abbaa tokkoo malee hin fudhu. Kuni garuu isaaniif gowwummaadha.. ani garuu abshaala isaan caalu. Sababa kanaaf gaafa namni mana keenya dhufu qarshii lameenuu walbira qabanii natti kennu. Gowwummaa koon bashannanuuf.. anis qarshiittiima tokkoo sanan fudha. Yoon qarshii dhibba altokkotti fudhe, lammata qarshii argachuu akkan hin dandeenyen beeka an.. qarshii tokko garuu yeroo dhibbaan ol fudhachuu nan danda’a. anamoo isaantu gowwaadharee…
Arrabsoon isaanii garuu yeroo keessa morma na ga’ee dandamachuu na dhowwe. Ganamaaf galgala wallaalummaafi gowwummaan arrabsamuun na aarsinaanin jiraachuuma jibbee funyoo bitadhe. Imalan dachee kanarri jalqabe muka gubbaatti fannisee kaa’uuf. Akkuman funyoo bitadheenis suufii abbaa kiyyaa uffadhee, rifeensa kiyya filachuun fuulatti vaasiliinii dibadhee anumaa funyoo mormatti galfatu haati kiyya narra baatee.. iyya kuukkuu gadhiiste…. “Maali dhalakoo maaltu sitti hir’ate..? maali ani iddookee du’a malee..” waanuma jettee nama hind dirmachiisiin hin qabdu. Ollaan yaa’ee erga nagaan bu’een booda.. maalif akkan vaaziliiniin cululuqee ee suufiin of miidhagsee odu’uuf ka’e na gaafatan.
“Bor gaafan du’e gaazexaarratti ba’uu kootu oolaaree.. maraatuu akkan hin fakkaadnneefika”
“Hummm!” jechaa mana manatti deebi’an.
Erga gaafa sanaatii akka fedha koo ta’uun jalqabe. Martuu “yoo aare of fannisa “ waan jedhuuf waanti an barbaadu marti naaf ta’uu jalqabe. Kanuman maqaa dha’etu naaf bitama… mootiiman ta’e. parsantii dhibbaan hin mo’anne malee. Dubbisuu dhiisuufis mirgan argadhe.
Haaluma kanaan gaaf tokko qormaatni ga’e. Ani garuu dubbisuudhaan orma ta’een ture. Haala kana garuu abbaan kiyya hin jaallanne. Anaa qo’annaa dhiisee kubbaa faana utaalaa oolu akkanumaan ilaaluus hin jaallanne. Ganama gaafa hojii deemu fuula shan akkan dubbisee isa eegu na ajajee deeme. Galgaa gaafa inni galu garuu an sarara shan gubbaarrayyuu hin geenye ani..
Gaafa kana abban koo aariidhaan “Si dhiisnaan keessa hin baanee ammati? Yoo barbaadde of fannisuu dhiistee maaf abiddaan ofin gubin” akkuma jedheen arcummee fudhachuu balbalaan gadi ba’e. Animmoo boroonin baqadhe.
Abbaan koo akkuma ol deebi’een mana keessaa na dhabee, haadha kiyya gola keessaa bukoo bukeessuutti jirtu gaafate. Isheenis akka nan argin itti himte. An garuu hundee muuzaa boroo mana keenyaaa jiru keessa dhokadheen isaan dhaggeeffachuutti jira. Dukkanni gurraachi lafa dhuunfateera.
“Abdiisa..!” irra deddeebi’ee na waame
“Wayyoo mucaakoo waraabessi nyaatte” jettee rifaatuudhaan darbatamtee gadi baate haati koo
Abbaa kootti garuu homaayyuu hin fakkaanne.
“Amala isaa wallaaltee atimmoo.. innuu gaafan sadii waamu ni owwaata.” jedhee al sadii irra deddeebi’ee na waame.
Ani garuu jalaa callisee ergan dhaggeeffadheen booda muuza gidduu bakkuman jiru turee,
“Owwaadheeraaree?” gaafan jedhu utaalee bakkan jirutti gurra kiyya rarraasee ol na galche.
*******
Waan na godhe erga na godheen booda, manatti osoo hin taane mana kitaabaatti akkan qo’achuu qabu murteessan.
Mana Kitaabaa ga’ee kitaaba fudhachuun iddoo barbaaddachuu eegale. Bakki marti barattootaan guuteera. Bakki huuba buusanuu hin jiru. “Amma kun hundi akkana dhama’ee kan dubbisu, dhumni isaa IMX dhaan gurma’anii shaayiidanfisuu akka ta’e dagataniitiilaa?” anaafuu gaaffiidha. Gaaffii yeroofi kan bara bade ture.
Yeroo xiqqoo ergan ijaan barbaadeen booda bakka duwwaa argeen taa’uuf deeme. Mucayyoon tokko fuuldura teessumichaarra teesseetti. Furdinnishee fageenyarraa mullata. Rifeensi mataa ishii ishiin humnaan harkistee walitti hiite sun akka hin hiikamneefin se’a, gaafan bira ga’ee teessumichi butaa “Bakka kana namni jiraa?” ittiin jedhu , dalga na ilaaltee dubbisuuttii deebite.
“Obboleettii ko siinan jedhaam!” ammas hasaasaa. Isheen garuu tasa sagalee ol kaastee “Si faana buluu hin barbaadun jedhe” naan jette. Bakkuman dhaabbadhettin haadha manaa loox ta’ee hafe. Nan dilallaa’e. iji barattoota hundaas anarra buufate.
Bakkicha dhiiseen hollataa gara duddubaatti darbee bakka duwwaa argadhee taa’e. Gaafas akka waan abbaa kiyya na salphiseetti abaarsan abaare, har’aan isa hin ga’u ture. Edaa arrabnikoo gurraacha miti. Bagumayyuu diimate. Dudduuba taa’een akkanumaan fedha abbaa koo guutuuf kitaaba galagalchaan ija diimeffadheemmoo gamatti intala ilaaluu eegale. Hudhee ajjeesuutu na qirqidaa ture.
Utuu hin turin garuu bakka teessuu kaatee gaafa ishiin kallattii kiyyatti dhuftun arge. Ana bira akkuma geesseenis gad natti jettee “Argitee an saayikooloojiin barachuu fedha. Kanaafuu sammuu dhiirotaa salphaattin dubbisuu danda’a.” yoo naan jettu sagalee kiyya ol kaasaa
“uuuuuu.. halkan tokko si wajjin buluufillee qarshiin kuma sadii ni heeddummaata.” jedheen… dabareeshee iji barattoota maraa irra buunaan rifatte. Achiis ofiitti gadi qabeen hasaasaa..
“Argitee ani injiinaringiin barachuu barbaada.. eenyummaa koo namni diige ijaaruu sirriittan danda’a.” ittiin jedhe.
akkami dubbiin keenya kun.. yoo guduunfinemoo.. hiiknee itti fufne deemsisa. deebiinsaa keeti.

Kutaa 4ffaa

Erga isheen na biraa deemteen booda mullata qaamashee irra deebi’ee yaadachuu yaale.

Furdunni ishii lafa raasu sun sangaa harargee gabbataa sanaan wal gita. Rifeensi ishii gaggabaaboon qabsiistuu keessaa bittinna’anii mullatan ijakoo dura jiru. Akkaataan dubbii ishii, hidhii isii diboo hoolaa xiqqoo hanqatu keessaan ayyaana narraa fuudhan ammallee gurra keessaa na bilbilu. Fuulashee tolchaa buddeena xiqqoo/boddoshee fakkaatu keessaa wanta lama qofatu ifee mullata. Ijashee gurguddaafi hidhiishee furdatee gubbaaf goodatti qoodamee taa’u. Funyaan ishii garuu waan bakka jiru hin fakkaatu. “Kuni funyaani!” jettee yoo barreessitee itti hin maxxansinuu adda baasuun nama dhiba.
Harmi ishii kan fagoorraa ishee millateef nama buna cirtee lapheetti baattu isii fakkeessa. Furdina isii isa an tokko arfaffaa ta’uuf sanatti edaa’amuunis tulluu tuulamee taa’uun wal dorgomsiisa.
Taa’een yaade, namnumti carraa ishee jala ciibsee ofiin irra ba’uu argate, yoo dhagaa ka’atee irraa bu’a ta’e malee, ol ba’anii gad deebi’uun salphaa hin ta’u. Yooma akka tasaa irraa kufuun dhufte.. Lafa ga’ee yoo hin caccabin hafuun waan hin yaadamne
********
Galgala sana rafuuf akkuman ciiseen bilbilsochii/mobilephone kiyya baneen facebook ilaalaa ture. Kaleessumtii saree ollaa keenyaa tokko faana suuraa ka’ee maxxansee waanan tureef waan namni comment naaf barreesse ilaaluu ture kaayyoon koo..
“Utuu dhiira taatee leenca haammatta..walfakkaattiin walbarbaaddiif malee” naan jedhe tokko.
Garuu leencamoo saree wayya. Inni hin beekne malee, leenca haammachuu dhiistee haammachaa ooltee yoo bulte, gaafa beela’u sumaan soorata godhata. Sareen garuu beeloftuyyuu deemtee bakkeerraa barbaaddatti malee sitti hin galagaltu. Ani michuu dhugaa ta’uu isheen beeka. Kunimmoo saree ishee miilla lamaan osoo hin taane, luka afuriin sochootu sana ilaallata.
“Obboleessa kee hangafamoo isa quuxisuudha” naan jedhe namni biraanimmoo
“Jaalallee keetii….?” Kunimmoo yaada kennamee kan dhibiiti
“Harreekeerra ni caalti” n jedheen
Akkanumaan komentiiwwan heedduu ergan dubbiseen booda gaaffii namni Dinsirii Garafaa jedhu na gaafatte tokkottin qalbii butame.
“Ati isa kami? Jedha gaaffichi. Deemeen piroofaayilicha ilaale. Amman amanuu dadhabuttin irra deddeebi’ee ilaale. Edaa Dinsiriin mucayyoo hidhii diboo..kan rifeensi gabaabaa… furdoo ija addeessaa na salphistee salphatte sanadha.
Dafeen gara koomentiitti deebi’ee deebiisaa barreesseef.
“Sitti hin mullannemoo. Ani isa siin haammatee jiru sanadha.”
*******
Erga guyaa sanaa mana barumsaa keessatti akka carraa yoo walitti dhufne walgaarreffannee walbira dabarra. Isiinis dalga na millatti.. Anis akkasuma. Haallishee kunimmoo xiiqiitti na galchaa dhufe… jechaan wal waraanuufi ijaan wal coqqoluun ishii faanaas araada natti ta’aa dhufuun ofirratti bare…
Guyyaa gabaa ture. Anaaf Dinsiriin tasuma kan walitti baane… Re’ee tokko funyoon harkisaa fuuldura buutee jirti. Re’een harkaa ba’uuf wirriiqqatti.. Ishiinimmoo of faana demsisuuf gototti. Egaa anis kanuma gidduuttin fuulduraan itti ba’ee jecha tasa afaanitti na dhufe itti darbadhe.
“Hoolaa kana faanammoo eessa deemaa jirta? ”
“Uuuu.. Ati wallaalaadhuma wayiitii.. ? Nama hoolaaf re’eellee addaan baasuu hin dandeenye…” miira tuffannaa of keessaa qabuun..
“Dhiifama siin osoo hin taane re’ettii faanan haasa’aa jira natti fakkaata..” yoon jedhuun ciccirtee na alanfachuutu ishee dhibe.
**********
Akkas akkasittiin osoo jirruu yeroo keessa wal baraa dhufne. Tasumas ishee yaduufi dubbiishee dharra’aa osoon deemuun of arge. Yooman ittiin hin haasa’inillee ijaan arguu dhabuun waan hin yaadamne ta’e. Waa’eeshee yaaduu hin qabu jedheen yaaduu dhiisuu dadhabe. Ijumashee arguufis mana kitaabaatti deddebi’uu baayyise. Abbaan kiyya “Amma daandii qajeelaarra buuteetta” naan jedha yoo anaa yeroo mara dabtara qabatee “Mana kitaabaan deema.” jedhu na argu. Ani garuu achi deemee kanin kitaaba kiyya gubbaatti argu.. Mucayyoo mullati qaamashee kaaniin faallaa jiru tokko.
Yeroo keessa akkan jaalala ishiin qabamen of amansiise. Itti himuuf garuu onnee eessaa bitu… ? itti himuu barbaadeen itti himuu sodaadha… bira ga’een deebi’a… deebi’eemmoo afitti aareen itti deebi’a.. Dubbisuuf aggaameen callisee bira kuta.
Gaaf tokko garuu ergan fuulaaf fuulatti himachuu dadhabee bilbiluufiiin qaba jedhee bilbilashee barbaadee argadhe. Achiis…..

KUTAA 5FFAA
Dhiha aduu galgalarra. “Bilbiluu?” “Dhiisuu?” yaada jedhuun osoon muddamuu sa’aatiin sadii darbe. “yoo kaaste hoo… ? amma dhuguma seeraan na haasofsiistii?” “Hin haasofsiistu!”. Of gaafadheen ofiif deebisa. Dhumarra garuu bilbiluurra ergaa barreessee itti erguun akka wayyaa’un of amansiise. Achiis yaada kiyya sassaabbadhee gumbii jechootaa keessaa hamma humnakoo yaadota waraabuu eegale.
“Akkam jirta Dinsiri? Nagaadhaa? Tarii bilbilakoo eessaa argatte jechuu dandeessa… akkamitti naaf barreessuu danda’e yaadni jedhus qalbiitti si dhufuu mala. Bilbila dhiisiitii.. waaqayyuu yoo barbaadan ni argu mitiiree? Dinsiriiko dhugaa dubbachuuf haalli ittiin wal argine kan walitti nu mufachiisee ture ta’us, turtiiman si argaa.. siin wal dubbachaafi gaarreffachaa dhufeenin, utuu ati ana keessaa bakka qabattuun si arge. Adaraakee akkamitti akkas naan jette naan hin jedhin..! maalifis jettee nan gaafatin! An si jaalladheen jira. Fuulduratti tsagabbiidhaan wal arginee akka haasofnus abdiin qaba. Ergaa koo erga dubbistee akka naaf barreessitu abdii godhachaa.. yeroo gaariin siif hawwa. Abdiisaarraa… nagaatti!”
Jechoota funaanee ergan walitti hidheen boodan hammaaree itti erge. Achiis bilbila kiyya teessuma gubbaa godheen rafuudhaaf huccuu baafachuu eegale. Battaluman qomee kiyya gubbaa ofirraa mulqutti garuu ergaan bilbila kiyya keessa seenuu sagaleefi kirkira bilbila kiyyaarraa hubadhe. “Maaluma jettee naa deebistelaa…!?” bilbila kiyya kaasee dubbisuuf yaadeen deebiseemmoo dhiise… tarii yaada gaarii kaasuu malti.. ykn immoo akkuma amalashee jechaan na waraanuus dandeessi.. kanaafuu yoon amma dubbise sa’a hirribaa heedduu fuuldura kiyya jiru ofitti dheeressuu ykn gabaabsuu waanan danda’uuf ganama gaafa bari’u akkan dubbisuu qabun murteesse. Galgalicha guutuus waan isheen jettee deebisuu dandeessu tilmaamaa..
“Anis yaada walfakkaataa akka keen qaba.. ballinaan wal arginee haasa’uu dandeenya.”
“Bad asii deemii saree akka keetii barbaadadadhu.. erga yoomii sareen nama jaallachuu jalqabe? hoolaamoo re’ee abbaa kee na seete?
“Xiqqoomallee hin saalfattuu ammati.. ? akkamuma na tuffatteeti sin jaalladhe kan naan jettu?”
“Bareedaako.. akkamitti yaadakoo dubbiste garuu? aniyyuu siif bilbiluu sodaadheeni malee lakkoobsa kee ergan argadhee bubbuleera”
Waanin hin yaadne hin jiru. Halkan guutuu as galagaleen achi galagalaa yaadaan walfalmaa bule.
Ganama akkuman dammaqeenis mana fincaanii ga’e deebi’uun fuula kiyya dhiqadhee, ergan uffata kiyya uffachuun qoqophaa’een booda bilbilsochii kiyya kaase. Achiis baneen ergaa eda naaf gale saaqe. Ergichi garuu
“Hafteen herrega keessanii ga’aa waan hin taaneef , ergaa kana erguu hin dandeessan. Maaloo herrega keessan guutaatii irra deebi’aa yaalaa!” kan jedhu ture. Kan sodaan onnee koo gufuu natti ta’erra, innaafaa Teelee Itiyooppiyaatu na waxale. Abjuufi yaada kiyya halkan guutuus bishaan nyaachuu aariidhaan na dhuunfateen osoo ciree hin nyaatin gara mana barumsaatti kute. Qaamumaan itti himuun qaba xiiqii jedhuun dhuunfatamee..fuulduratti.. gara mana barumsaatti.. kara facebook isheen barreessuufii waan na dagachiise garuu hibboo natti ta’e.
*******
Akka itti ergaa ta’ee wayita barnootaa erga xumurreen booda boqonnaarratti akkuman kutaa barnootaarraa gadi ba’een, Dinsirii qofaa ishii muka jala teeessun arge. “Dhaquu..? “Dhiisuu?” jedhee ergan yaada koon yeroo muraasa walfalmeen boodas , laphee kiyya jabeesseen fuulduraan gara ishiitti miilla fuudhe. Isheenis anaa itti deemu argitee utuu nan baqatin bakkuma jirtu teessee turte.
Amma bira ga’eera..
“Iiii.. akkam jirta naga keetii?” akkuman bira ga’een gaaffii an jalqabarratti dhiseessseef ture..
“Na dhukkuba siin jedhanii?” deebii dalga galaadhaan na eegaluu ishiiti.
“ii.. lakki garuu … nagummaami si gaafachuufi?”
“Hin maraanne obboleessa ko nagaa ta’uun koo hin mullatuu??”
“Dhiifama.. yeroo darbemmoo…oo..”
“Amma narraa deemtamoo hin deemtu….?” Waan bokoktee utaaltu natti fakkaatte. Silayyuu silaa….ittumaa dhiita’aa..
“ohooooo..” jette miira dheekkamsaa keessaa baateemmoo. Fuullishee lafumama dukkana bariirraa gara ifa ganamaattii deemaa jirutti yoo jijjiiramun arge. Miirrishees neetiwoorkii biyya kanaa isa altokko badee dhufuun wal natti fakkaate. Ifti fuulashee akkuma asphaaltii biyya kanaa ammuma ijaaramee diigamuu.. ifuun amma.. dukkanaa’uun amma.
“Qarri qara in muraa?” tasuma miira biraan gaaffii naaf dhiheessite.
“Hin muru garuu wal riga.”
“Hummm ati hin danda’amtu abboo!”
“Yoom na baattee argite?” ergan jedheen boodan ofitti aare. Dubbii kiyya collee godhee haasa’uu akkan qabus waadaan ofiif seene.
Ishiin garuu bakka teessee ol ka’aa “Achii na funaani ilaa.. edaa baatamuus ni feeta?” jettee ol kaatee dhaabbatte.
“Waan fedheefuu eessa jiraatta garuu”
“Haadhi kiyya faana”
“Haadhi kee hoo eessa jiraatti?”
“Abbaa kiyya faana.”
“Abbaan kee hooree eessa jiraata?”
“Anaaf hadha koo faana”
“Tole eessa jiraatturee isin”
“Mana keenya.”
Bakkan jirutti na dhiistee gara kutaa ishiitti kutte. Anis bakkuman jiru tureen haga ishiin fagaattee ija kiyya duraa baddutti ilaale.
********

maaltu sitti dhaga’ama? sagalee akka naan hin jenne… garuu yaadakeen barbaada. dubbisanii dhiisuun yakka. hiriyyaa ofiif share gochuu garuu mirga osoo hin taane dirqama. yoo ofiikeef jalqaba itti gammaddeedha garuu.. dubbisa gaarii..

KUTAA 6FFAA
Aariidhaanin daree barnootaa seene. Garuu waan barsiisaan Baayoloojii keenyaa barsiisaa ture tokkollee qalbiitti nan cobne. Aarii isheetu sammuu na dhuunfatee ammaa amma akkan waa’eeshee yaadu na godhe. Akkaataa dubbii jecha isheetii utuun yaaduus waamamuu maqaa kiyyaa dhaga’e. Rifadhee gaafan qalbiitti deebi’u barsiisaan narra dhaabbatee ture.
“Maal yaadda?” Naan jedhe erga irra deddeebi’ee na waameen booda.
“iiii.. yaada.. yaadan yaada..” arrabnikoo na mucucaate..
“Maal akkan barsiisaa ture quba qabdaa ammati?”
“eeyyee… dhaggeeffataan jira..”
Tole.. erga dhaggeeffattee.. gaaffiin si gaafadha!” erga jedheen booda xiqqoo yaadee..
“Mucaan hin dhalatin reefuu gadameessa keessatti uumamu maal jedhama?
“Dhiiramoo durba mucichi?”
“Argitee na faana hin jirtu…” erga jedheen booda gabatee gurraachatti galagaluun seeqee deebi’eemmoo as galagaluun,
“Addaan hin beekamu..” naan jedhe
“iiii.. pheexiroos.. utuu mucaan hin dhalatin maqaan pheexiroos jedhan jetti haatikoo…”
Kabalee erga gad na baaseen booda.. “Fiitesiimoo pheexiroosiin jedhe barattootaa?” jedhee isaan gaafate.
Yaa dinsirii hojii kee nyaadhun jedhe garaa kootti…
*****
Lammata maqaashee hin kaasu… waa’eeshees hin yaadu jedheen waadaa ofiif seenus hin dandeenye. Osooman hin fedhin dhuftee na fuuldura naannofti. Tasuman qalbiidhaan uumama furdittii sana ilaala.
Borumtaasaa osoo keessi kiyya naan wallaansoo qabuun utuun hin argin oolee gale. Guyyaa itti aanus aakanumaan turee galeen galgala facebook gubbaatti ergaashee arge.
“Akkam jirta.. nagaa keetii? Maalif badde?” kan jedhu.
Amanuun dadhabe, kun dinsirittiidhamoo nama biraa ta’a? isayyuu nagaa na gaafattee ni badde naan jetteem… ! na ajaa’ibe. Hmmm.. ni baddee?
Aarii keessas ta’u gammachuudhaan jecha “badde” jedhu yoon dubbisuufi dhaga’u mudaannoo an bar tokko Gannarra Finfinnee dhufee na mudaten yaadadha. Erga manni barumsaa cufameen booda adaadaa kiyya bira Finfinnee dhufna ture. Akkanumaan ganna tokko dubartiin afaan amaaraa qofa beektu tokko, kan hiriyyaa adaadaa kootii taate mana dhuftee waan hin beekneefin karaa gubbaatti argee
“Aanchii baddee.. lemindinnoo baddee.. aaatti bad’ ishii” jedheen.. Afaan Amaaraa haasa’uu kooti.
Dubartittiin, kan sila fuula ifaadhaan na dubbisuuf harka ballistee gara kootti dhufaa turte akkuma dubbiikoo dhageesseen battaluma jijjiiramtee harkashee na dubbisuuf natti aggaamaa turte kaballaa gootee maddii koo gubbaa boqochiifte. Imimmaanni iyyuu koo dursee akkuma dhangala’uu eegaleen mana keessaa dhaga’anii gadi ya’an maatiin adaadaa koo.
“Maal inni.. maal taate… ? jechaa ariifattee gad baate dhufte adaadaan.
“Aanchii…. Min aayinet baalagee lijnoo..?” jetteen hiriyyaanshees gaaffiidhaan
“Min aargoonoo…?” adaadaankoo itti mufatteetti. Anis akkuman bo’ettin jira
“Baddeenesh aalenyi?” jetteen dubartittiin, jennaan gara kootti dhuftee dheekkamsaan
“Maal jetteen ati..?Maalif jette?” jechaa qonxoxxaaf natti qaxxiste..
“Ani.. isa isheen.. dhuftee hin beekneefin.. maalif badde ittiin jedhe malee…. Maalan balleesse… lafumaa kaatee na kabalte mitii…?” bo’uudhaaf hudhamaa.. muumma’aan dubbadhe. Amma of to’achuu dadhabdutti kolfite adaadaan koo.. mar’ummaan qabattee gad teessee ol ka’aa…
**********
Guyyaa tokkommoo limmoo biti jettee bakkeetti na ergite. “Marfee aallee? Jettee gaafattamoo” jettee natti himuun.. amman suuqii ga’uttin irra deddeebi’aa jedhe. Biyyuma an kiyya jedhu afaan wallaa ofii orma ta’ee. Gaafan dubbachuuf jedhu garuu dagadheera. Xiqqoo yaadeen waan afaanitti na dhufe gaafadhe
“lilmoo aallee”
“Yellem”
Ammas suuqii biraa deemeen gaafadhe. “Yellem” qofa natti gurguru malee limmookoo naan laatan.
Suuqii muraasarra ergan deemee dhabeen booda, limmoo amaariffaan akkan dogoggore hubadheen ammammoo irra deebi’uun “Lilm” jechuun gaafachuu eegale. Garuu bitee galuuf hin carroomne. Gaafan manatti galee waanin jedheefi ta’e manatti himu garuu natti kolfame. “Ni dagatte malee akkana jedhama ture” naan jechuurra.. waan dirqamni natti fideen wallaalummaa natti moggaasu. Silaa kan bo’uu qaban natti kolfan..
*******
Ergaan Dinsirii badde jedhu.. mudanno koo an ganna gaafa Finfinnee dhufu erga na yaadachiisee kan biraas ittan siif dabala.
Hanqaaquu bitin jedhame guyyaa biraa..
Anaaf garuu barumsan afaan kiyyaan baruyyuu siin galu utuu jedhanii afaan namaatti waan isaan na rakkisaniif naan hubatamu. “Inqulaal” jettee gaafatta naan jennaan akkuman fiigaa ba’een suuqii gaafan ga’u jechichi na keessaa hurkeera.
Suuqii ga’een “Ye dooroo fas aallee?” gaafan jedhu abbaan suuqiis natti kolfaa “Min maaletnoo issuu… ? yellem” naan jedhe
Xiqqoo yaadeen “hanqaaqnohaa” jedheen
“yiqirtaa algebbaanyim” naan jedhe ammmas kolfaa… kan isaammoo kan isaanii kan caalu.
Akkanni na hubachaa hin jirre beekeeen mallattoodhaan itti agarsiisuuf harka kiyya lamaaniin akka koochoo lukkuutti of tumachaa..
“Bat..bat.. dooroo… hanqaaquu…. Guguroo a’adii..” yoon jedhu narratti beekee hanqaaquu baasee natti kenne. Inni akka bashannanaatti gammadee kolfa. An garuu Finfinnee isaaf hiree laattee anatti Ormoomtetti gaddaan manatti deebi’e.
Adaadaankoo sagal gaggalagalchiteee na dhungatte gaafan fuudhee galu. Akka waan amaariffi beekumsa isa dhumaafi dirqama ta’eettis “Ishoo kanaan booda ji’uma tokko as teenyaan ni fixxa>” naan jette. Akkan itti fide quba hin qabdu isheen. Yoon itti himes muka kolfaa waan na godhaniif “Xis ximbaa” hin jenne.
******
Maal jedheefii deebisuu akkan qabun yeroo muraasaaf yaade. Jechuma hin dhabu seetaa!
“anis akkumashee maal ni maraate siin jedhanii yoon jedheenoo?” hin ta’u
“Ani nagaadha galata rabbi.. atis nii badde jedhee deebisuufiilaa?.. yoo badi si haa balleessuu naan jette hoo”?
Utuuman qubakoo barreessuuf akkuman aggaametti yaada koon wal falmuu.. ergaaan kan biraa isheerraa naaf seene.
“Anatu of rakasiise ati maal balleessite..!? boonuudha moo maali waansaa kan dubbistee callistuuf. Silaayyuu isin dhiironni kun yoo akka eegee of duuba isin deddeebisan malee.. Ani Dinsiriin dhiira miti tolee… lammata yoon si faana dubbadhe taa’een finca’a!” barreeffama jedhu dubbiseen dafee deebisuu dhiisuu koof of qonxoxaa… waan isheen jettemmoo gaaffii natti ta’e. “An Dinsiriin dhiira miti…” kan isheen jetteefi “Taa’een finca’a” jechuunshee saalashee na shakkisiise. Silaayyuu waa male uumama namarraa adda ta’e hin qabaanne. Tarii ce’umsa dubartummaarraa gara dhiirummaatti gochaa jirtiilaa..?
Yaadaa ooluun garuu gatii waan nama baasisuuf ariitiidhaan deebisuufiif jechan akkana jedhee barreessee ergeef……

KUTAA7FFAA


“Amanuu dadhabeen irra deddeebi’ee dubbisaa turee dhiifama. Ani nagaadha dinsirii ko… akkam ati jirtaa?” jedheen nafa nafa katabe.
“Anoo isan suuta dubbisu narratti bartee, suuta naaf barreessaa jirtan se’e… har’a sin argine maal taateeti. Hin dhufnemoo?”
“Lakki dhufeera.”
“Maalif akka kaleessaa dhuftee naan hin haasofneree?”
Deebiishee dhiiseen “Bor wal argina mitii?” jechuun gaaffii biraa dhiheesseef.
“Dhugaadha hedduu natti tola.”
“Sa’a meeqatti nuuf haa ta’uree”?
“Sa’a saddeet.”
“Tole nagaan naa buli bareedduu ko!”
“Atis bareedaa ko”
Hafuura dheeraan baafadhe. Hammam akkan gammadeyyuu utuu na gaafattee sitti himuu hin danda’u. galgalichas hamileedhaan hojii manaa hojjedhee wiixataaf qophaa’uu akkan qabu murteesseen gaaffii herregaa nuuf kennamte haadha kiyya gaafadhe. Haatikoo hojii manaa yoon ishee gaafadhu argitee waan hin beekneef hedduu ajaa’ibdee hamileeedhaan natti himuuf gaaffichi maal akka ta’e na gaafatte. Anis nan dubbiseef
“Muuza tokko sekoondii afurtamii shaniif yoo nyaattee xumurte, muuza digdama nyaattee fixuuf daqiiqaa meeqa siti fudhata.?” Jedha.
Haatikoos erga xiqqoo yaaddeen booda, “Sa’aatiin sadii hin taane mitii…?”
“Eeyyee.”
“Akkas taanaan dhaqiitii mana dubartittii daabboofi muuza gurgurtu sanaatii muuzii digdama bitii kottu!” jettee qarshii natti laatte. Anis qarshii harkaa fuudheen ba’uun suuqii deeme. Achi ga’ees muuza digdama akka naaf kennitu dubartii gurgurtu gaafadhe.
Isheenis lakkooftee naaf kennaa, “Daabboommoo hin bitattuuree… kan ittiin nyaattummoo?” naan jette
“Lakki muuza qofa barbaadeeni.”
“An kanin jedhu.. isin daabboo erga narraa bituu dhiistanii turtaniittu.. maali daabboon koo isinitti hin tollee..?”
“Akkam hin tolleree.. daabboon keessan gaariidha dhugaa.. daabboon keessan baayyee mi’aawa.” yoon jedhu gargaartuun isaanii achi jirtu tokko kolfite. “Maaltu si kolfisiisa intalaa.. daabboon koo hin mi’aahumooree…?”
“Abbaa rifeensaa waanin jedhe seeteetim.. diraatuun kun.” jedhe anis gidduun. Jartiifis dubbbiin kolfa intalaa gallaan “Bad asii dira’aa mucaa!” jettee na ariite.
Muuzii digdamaanuu fuudheen haadha koo biraan barrulee kiyya of dura godhee taa’e. “Dhuftee?.. egaa amma an daqiiqaan siif qaba.. muuza digdamaanuu hammamitti akka nyaattee fixxu ilaalla.” jettee tokko quncistee natti laatte. Anis tokko.. lama.. sadii jechaa gaafan kudhan ga’u, kaasaan jalaan..haqqisaan irraan na mudde. Tasuma qaamni kiyya hollatee dafqa danfuu eegale. Haati koos hedduu rifatte.. waan qabduuf gadhiistu wallaaltees.. na jalaa haxaa’uuf muddamaa… “Amma gaaffii akkanaa ijoolleef laatuu.. yookin qarshiitti hin hafne.. yookin mucaa kootti hin hafne..” jetti oliif gadi mana keessa naanna’aa na tajaajilaa. An garuu beellama kiyya boriifin yaadda’e. dhukkubsadhee Dinsiriirraa hafinnaalaa isa jedhu malee.. waan kaasaaf baasaan na godhaa jiru homaattuu hin lakkoofne. Xiqqoo turee akkuma natti wayya’aa dhufeen “Lammata yoo ishiin gaaffii akkanaa isinii laatte hin hojjedhu jedhiin.. beekumsa argachuufi malee du’uuf baratta moo.. ? ohoohoo!” na biraan teessee akkan wayyaa’e ilaaluuf harka ishii adda koorra keesse. Haadhi moo…!
******
Ganama akkan yaadda’e osoo hin taane.. fayyeen ka’e.. guyyaan sanabata. Yeroon immoo yeroo itti beellama Dinsirii sa’a saddeetiitiif sa’a lamatti qophaa’uu eegalani.
Wantootan gochuu qabun lafa ka’adhe. Rifeensa kiyya kutachuun qaba. Huccuu kiyya bareedina isa dhumaa naaf kennu ergan miiccadheen boodas gara mana rifeensaa deeme.
Akkuman mana rifeensaa ga’eenis namtichi rifeensa kutu sun maamila isaa faana wal falmiitti ture. Maamilichi “Akkamittin warra rifeensa qabaniin qixa siif kaffala?” jedhaan. Inni immoo “Keetuyyuu caaluu qaba.. rifeensa faffacaatee teessu funaaananii sirreessuun salphaa sitti fakkaatee?” jedhaan..
Ol seenee teessuma gubbaa akkuman taa’een, sareen fuuldura teessumaan cinatti quphantee jirtu arge. Akka waan foolii foonii fuudheetti eegee raasaa taa’eera. “Sin dhibuu.. namni kun altokko tokko ajaa’ibaam. Anatu moluu isa godhee… sanuu akkamittin guutuu kaffala naan jedha..” odeessaa rifeensa naa kutuu eegale. Sarittiin quphantee jirtu sun xiyyeeffannaan harka isaa ilaalaa.. utaaluuf aggaamtee deebiti. Haallishee kunimmoo bita natti gallaanin,
“Sareen kun maalif callisee harkakee ilaala.. ?” jedheen “Iii.. sareen koo moo.. kan si dhibu altokko tokko.. utuuman haasa’uun tasa gurra namaa muree buusa. Sarittiinis isa nyaachuuf as teessi malee hamaa yaaddee miti.” naan jedhuun lubbuu natti mi’eesse. “Callisuun qaba jechuudha” n jedhe qalbii kootti…
“Maqaan kee eenyuu ture amma?” cal
“Siiniim.. eda kubbaa ilaaltee maancheen akkam taaate?” cal
Duudaan ta’e.. gowwaatu jiramoo? Kanan kaasaaf albaasaarraa hafe gurra muree na hambisuufiim Dinsirii koorraa.
****
Sa’aan ga’ee uffadhee bareedee daawwitii fuuldura dhaabbadheen jira amma. Waanin qabadheefii dhaqun yaade. Garuu qarshii an qabu xiqqoo waan ta’eef tarii yoo akka carraa waldhungachuun dhufte hin beekamu waan ta’eef, Gaafa ishiin na dhungattu akka dhandhamni koo itti mi’aawu qabun amane. Kanaaf immoo chokoleetii baayyisee nyaachuun qaba.. “Dammakoo” naan jechuu qabdika.
Sa’atiin ja’a ta’eera. Chokoleetii kudhanimmoo biteen giphii/kiisa keewwadheen qaba. Akkuman konkolaataa seeneenis chokolaataa tokko qalam godhee ergan fixeen booda ammas lammaffaan dabale… jennaan dubartiin na biraan teessee jirtu tokko erga irra deddeebitee na hubatteen booda,
“Maal dhala koo maalif waan mi’aahu heddummeessita ilkaan kee hin balleessuu?” Naan jette na gorsuuf arraba qajeelfataa..
An garuu sababa kiyya waanin beekuuf dubbiishee utuu homaattuu hin lakkaa’inin callisee kan biraa dabaladhe.
“Siinin jedhaam ilma koo?” naan jette ammas irra deebitee..
“Akaakaan koo waaggaa 160 jiraatee du’e harme.” Yoon jedhu ammas gaaffii dubbii biraa natti darbite.
“Argitee waan mi’aawu heddummeessuu dhiisuurraatika.. akaakaan kee”
“Dogoggortaniittu sababa kanaaf miti…”
“Maalifiree?”
“Waan isa hin galchine keessa utuu hin galin waan jiraateefi.”
“Humm.. raajiidha abbookoo… ijoolleemtu si’anaa kuni…” garuu hin xumurre callisteedhuma hanga bakka buutu geessutti deemte malee.
Ergan konkolaataarraa bu’een booda kanan dhufuu kiyya Dinsiriitti bilbilee hime.
“Asuman jiraam!” naan jette
“Eessa?”
“Bakkuma itti konkolaataarraa bu’an”
Ol deemee gad deebi’us garuu Dinsirii arguu hin dandeenye. Dubartii furdoo akka isiitii kan rifeensi dheeraa arguyyuu garuu ishiidha se’ee hin tilmaamne… harka ballistae na waamte.. Dinsirii ta’uu isheeti. Waan akka haaraatti uumamte fakkaattee mullatti. ijatti golgaa godhattee, rifeensi asii dhufeen isaa hin beekamne tokkos duddarraan jigeera. Hidhiiwwan isii sun diimataniiru. Guutummaan guutuutti waan akka haaraatti namaan tolfamte fakkaannanin of duuba deebi’ee…

Kutaa 8ffaa

Of duuba akkuman tarkaanfii lama deebi’eenin dhaabbadhe. Dinsiriin fuulduraan kolfaa natti dhufaa jirti. Golgaa ijaa ammaa amma ol butaadha kan natti deemtu. Akkuma natti dhihaachaa dhufteenis funyaan isheetti qabateefii akka hin teenyen beeke… silaas funyaanshee…
Amma na bira geesseetti. Guutummaan qaamashee natti mullata.. Furdinni ishee hin jijjiiramne.. Rifeensi ishiifi hidhiin ishii garuu kan duraarraan adda. “Amma hidhiin kun ni nyaatamamoo..ni dhungataman jedhe qalbii kootti..” Maalif jennaan guddina isaarraan kan ka’e afaan na guutee qaaruu kiyya bokossuu waan danda’uufi. Yoon sadarkaa sanarra ga’eef jechuu kooti.
“Baga nagaan dhufte?” jechaa erga harka lamaan natti ballisteen booda, haammattee ofitti na maxxansite. Mormi koo mormasheerra qaxxaamure. Lapheen koo harma isheetti maxxane. Harki ishee lamaan maramee na hidheera. Hidhaa laafaa.. Hidhaa lubbuu kan jaalalaa.. kan sakandoota muraasaaf addunyaa biraatti na godaansise. Fira fagoo turee wal arge fakkaata akkataan dubbisa ishii. Anis of irraanfadhee harmashee gidduutti maxxanee yeroo muraasaaf ergan boqodheen booda gaafa ishiin na gadhiistu, miira mirqaaneenin wal walirratti gaaffii nageenyaa dhiheesseef.
“Atis nagaadha mitii?”………. “Nagaa”
“Fayyaadha mitii?”………“Fayyaa”
“Maatiinkee nagaadha mitii?”……. “Nagaa”
“Abbaan kees”…….“Nagaa”
“Haadhi kees “…….”Nagaa”
“Akaakaan kee guddatanii?” ………. “Inuma muuxatu”
“Gaariidha egaa” jedheen waan dubbadhu dhabee callise dhumarra. Ishiin garuu “Bakka tokko teenyee shaayii buna jechaa yoo haasofnu hin wayyuuree?” Naan jette hoteela fuuldura keenyaan karaa gamatti mullatu ilaalaa…
“iiiiiii”n jedheen akka nama hin dhageenyee. yaadaan garuu qarshiin giphii kiyya keessatti lakka’aa ture. Ja’atu jira. 
*****
Harka kiyya qabattee shaayii buna jechuuf gara hoteela jalqaba millatteetti akkuma miila fuuneen… mana suuraa tokko bira gaafa geenyu “Yaadannoo gaarii akka nuuf ta’utti yoo suuraa kaane hoo?” Yaada jedhu dhiheessite. Anis hin mormine. Daqiiqaa shan gidduutti akka ba’u nutti himamnaan yeroo tokko tokko kopha kophaan kaanee, si’a lamammoo walfaana kaane. Akkuma waan fuudhaaf heerumaaf qopha’aa jirruu fakkaata haalichi. Daqiiqaa shanan suuraan itti ga’u eeguuf akkuma gad teenyeenis “Garuu nama dhibaam!” Jette miira ajaa’ibsiifannaatiin. “Maaltu?” “Waa’een koof waa’een kee ka… kan si dhibu kanaan dura dooktorri na gaafannaanin dide.. Injiinarri na gaafannaanin dide… sooressi meeqaaf meeqallee utuu na kadhatiin tole hin jenneef.. Siif garuu taateema tasaatiinan of keessatti si arge… sin dhibuu?” Golgaa ijaashee funyaanitti hin qabanne sana ol deeffataa.
“Baayyee nama dhiba malee!”n jedheen akka isheen jara maqaa waamtu faana wal bira qabdee na tuffataa jirtu utuuman beekuu. “Nama waaqni utuu uumee hin raawwatin gidduutti irraanfatee dhiise ta’uushee waan hin beekneefis ta’an” jedheeman dhiise qalbii kootti. Kana gidduutti suuraan keenya akka ba’e nutti himame. Bakka teenyee kaanee akkuma suuricha ilaaluuf qaroo keenya itti aggaamneenis.. “Kunimmaa ana miti.” jettee of haalte Dinsiriin.
“Kan eenyuutiree situ ka’e mitii?” Jedhe namtichi suuraa nuuf kennu. An callise dhaabbadheera.
“Maal an jaldeessan fakkaadhamooree?
“Erga dhalattee reefuu har’a suuraa kaaten se’a.. Garuu jaldeessa ta’uu kee suuraa ka’uun dura beekuutu sirra ture.. Kaameraan waanuma ati qabdu kaasee..an waanin itti eda’es..irraa hir’isees hin qabu obboleettii ko.. “ erga ittiin jedheen booda.. “Mitiiree obboleesso?” Jedhe na millata. Ani garuu deebii hin qabun ture.. Maalan jedhasimmoodha. Akka nama homaa argaafi dhaga’aa hin jirreettin haga ishiin suuraa fuutee ni deemna jettutti keeyyan manichaarra suuraalee jiran daawwataa ture. 
********
Amma hoteelicha geenyeerra. Teenyeerras. Kuusummeessaan dhufee fuuldura keenya dhaabbachuun maal akka feenu nu gaafate. “Anaaf keekii isa abbaa qarshii kudha lmaafi miriindaa.” Hin jettu seetaa Dinsiriin. Qarshichan eda’e. Herregni dur naan galin amma nan didne. Akkamuu ta’u qarshii kiyyarra caaleera. “Atoo?” naan jedhe keessummichi anattis galagaluun… xiqqoo yaadeen “iiii.. Utuun laaqana nyaadheellee natti tola.. Garuu yoo irbaatni ga’eera ta’e ciree naa fidi.” Yoon jedhuun bita itti galee.. “Maal jechuudha naan galle” jechuun na gaafate. “Homaa hin barbaadu jechuudhaka.” “Ajajadhu malee.. Maal jechuudha?” jetti dinsiriin. Ani garuu mormaa citu malee “Amman nyaadhee dhufe .” jedheen dide. Mi’aa chokolaataa afaan kiyya keessa jirun of jalaa balleessaka.
“Isammoo haga afaan qullaa teessu hoodhu maastikaa/haancaa alanfadhugaa!” jettee natti hiixatte. “Dhugaa anoo amman nyaadhee dhufe” “Maastikaasmoo?” “Eyyee quufeera..dhugaa amman nyaadhee dhufeef malee.. Utuun fedhee maal rakkoo qaba.” “Haa ta’uka.” Jettee isheemaa maastikcha deeffatu kadhattuun tokko dhufee nurra dhaabbachuun “Sila dingil..sila baataa.. Sila takila haayimaanot.. Sila igzaabiheer.. Sila kuukyellesh maariyaam.. Sila abbboo” jechaa maqaa sagaltama nutti lakkaa’uu eegale. Silaa biyya kanatti.. Kadhattuu, poolisiifi udaanni bakka itti hin argamne hin jiru. Bakka ta’aniifi dhaabbatan maraatti arguun waanuma amaleeffatame. “Ammati umurii kanaan gaafa kadhattu hin qaanoftuu.. Maal qaba yoo hojjettee nyaatte?” jetteen dinsiriin qaama fayyaafi ga’eessa marata xurooftee lafa fakkaatu ofirra buusuee dadhabaa of fakkeessuun harka diriirsu ta’uusaatti aaruun. “Warri ati maqaa dhoofte kun hundi erga si dhowwatanii.. Nutimmoo maal qabnaaf sii laannan” jedheen anis..hamma humnakoo. Kadhatichis akkuma deemuuf qophaa’een dubbii kiyya jibbuusaa fuula isaa jijjiiree na agarsiisaa “Hojii biraa jettee.. Gosti hojii kan biraan carraa itti dubartoota babbareedduu akka keeti faana haasa’an namaa hin kennu. Kanaafin kadhadha malee hojjechuu jibbee miti obboleetti ko” jedhee Dinsirii ilaalaa nu biraa sokke. Ishiin homaayyuu hin dubbanne. “Bareedduu akka keetii” isanni jedheen waan gammadde fakkaatti. Anaaf garuu jechaan akka inni waraanaa jiru naaf gale. Kadhattuun illee kan akkanaan ishee ibsu an maaluman irraa jaalladhen jedheem.
Waan ishiin ajajatte dhufee erga gargaaramteen booda .. “Mana kiyya bartee yoo galte’oo yaada jedhu kaaste.
Achiis….

KUTAA 9FFAA
Anis…. isheenis callisneema teenyee wal ilaaluu eegalle. “Mana bari naan jettee?” jedheen gaafadhe. “Eeeyyee.. maal sitti hin tolle moo..? Yoo hin feenes dhiisuu dandeessagaa.. gaaf biraa akka hin rakkanneef jedheetan malee waan biraa sitti fakkaatee..?” 
“Lakki.. mana fincaanii ga’ee deebi’uuf jedheeni.” Waan gargaaramte akka isheen kaffaltuuf mana fincaanii deemee turuu akkan qabun amane.
“Tole ga’ii kottu.. hin turin immoo aduun sitti dhi’aa?” jettee na geggeessite. 
Mana fincaanii seeneen taa’e. fincaan malee garuu waan jajjabaan sagal ittanuyyuu gadi hin siqne. Silas kaayyoon koo isa waan hin taaneef ta’aaman ture. Taa’ee akkuman xiqqoo tureenis, balballi rukutame alarraa. “Namatu jira” jedheen callise… ammas xiqqoo turee rukutame. Deebiin koo kanuma duraati. akkanaan marsaa shanaffaarratti namtichi alarraan rukutaa ture aaree “Maal obboleesso marsaa shan guutuu dhufee… daqiiqaa digdamii shan irra teessaa.. ohoo..!?” naan jedhe sagalee dheekkamsaafi ajaa’ibsiifannaansaa walii hin beekamneen. Anis hagas mara turuu kootti nuffee balbala banadhee yoon ba’u.. namtichi garaan fuulduraan tulluu ta’ee jiru tokko bishaan qabatee ol seenu budduqfachaa ture. Kan jalqabatti marsaa shan deddeebi’ee na eegaa ture ta’uusaati. 
Anis akkuman ba’een dubbiisaaf “Warri marsaa shaniin waggaa digdamii shan ta’anii ka’uu didanuu ni dandeessee ana ka’uuf jiru dadhabdaaree obboleesso. !” yoon jedhu, “Ohooo.. mee deemimee ati dubbii qabdaa..!” jedhee ol seene garaasaa of dura oofaa ofiin duuba bu’ee…
Akka nama gargaaramee ba’een mudhii koo jebeeffachaa ba’e. kutaa manichaa keessa qaxxaamuree akkan alatti dinsirii milladheen yoo isheen gadi ba’uu koo ol eegaa jirtun arge. Keessumsiisicha qabeen “eeee.. herregi kaffalameeraa….? Jedheen akka nama qarshii baasuu qaqqabachaa. 
“Kan keessani moo?.. maaal ture ammanni…?” 
“Keekiif shaayii..” 
“hin deebisneef malee kaffalteetti..” yoonni jedhu hafuura guddaan baafadhe…. 
******
Mana Dinsirii deemuuf konkolaataa biraa koruutu nurra jira. Akkuma hoteelicha jalaa kaaneenis konkolaataa qabachuuf xiqqoo erga eegneen booda taksiin tokko nu fe’uuf dhuftee dhaabbatte. Sababa furdinasheef garuu miilla kaastee yaabbachuun salphaa hin turre. An duuba isheen dhaabbadheera. Isheeni immoo fuulduraan yaabuuf qabsootti. Jennaan dubartiin konkolaataa keessa teessee jirtu yaabuuf rakkachuushee argitee itti kolfinaan Dinsiriin aaruun “Maal natti kolfitaree.. utuu nama guutuu taatee kaatee na gargaarta turte” yoo jettuun jaartiinis deebistee “Atis utuu walakkaa namaa taatee hagas hin rakkattu turte.” jetteen. Akkumasaatti yaabbattee erga seenteen booda jaartiima afaan keessa walba’an biraan teesse. Ishiin foddaatti aantee jirti. Dinsiriin immoo moggaarraan. Animmoo teessuma duubasheen jirurraanin ol darbee taa’e. konkolaatittiin ka’uun duras, namtichi keeshaa baatu tokko dhufee …
“Anaaf meeshaa kana meeqaan feeta?” jechuun gargaaraa konkolaatichaa gaafate. 
“Ati qarshii lama kaffalta. Meeshaa kee garuuu akkanumaanuu siifan fe’a…” yoo jedhuun namtichi deebisee 
“Akkana taanaan meeshaakoo naa fuudhii deemi ani lafayyuu dhufuu nan danda’aa.” jedhee deebiseef. Namni hundinuu walfaana kolfe. Akkuma konkolaataan deemsa eegalee martinuu kolfarraa deebi’een garuu Dinsiriifi jaartiin cinashee teessee jirtu wal morkiitti seenan. Dinsiriin hiixattee foddaa gaafa bantu jaartittiin deebbistee cufte. Dinsiriin ammas ni bante.. isheenis ni cufte.. 
“Natti bulluqaa waan jiruuf mormaan cita malee inuma banama. naa bani.. !” jetti Dinsiriin.
“Mormaan cita malee.. qilleensatu na rukuta hin banamu” jettee mormatti jaartiinimmoo. Wal morkiin isaanii baballatee sadarkaa wal rukutuurra ga’uuf deeme. Yooma hamaan dhufeyyuu irraa eeguudhaaf ga’umsakoon tilmaame. Irreen koo muka shaxee/arcummee ittiin abbaan koo na reebu geessi har’allee. 
Mormiin isaan lamaanii taaksiima keessattis garee lama uume. gareen tokko haa banamu.. kaan immoo hin banamuu Gidduutti wal falmiin dhalate. Akkamumatti namni yaada gatii hin qabnerratti walnyaatan jedheem an.. amma banamuufi banamuu dhabuun waan nama wal dhabsiisuu!… 
Kanuma gidduutti Jaarsi duubarraan taa’ee jiru tokko sagalee ol fudhatee “Al tokko banamee , al tokkommoo haa cufamu egaa… lameenuu akka mormaa citanitti… nus haara galfannee deemnaa gaafas” yoo jedhu martinuu ni kolfe. Dinsiriifi jaartittiin garuu akkuma wal gaarreffatanitti aariidhaan jiru ammallee… an “Dhiisi ittiin jechuuf nan sodaadhe. Deebiishee isa akka dhagaa ulfaatu sanaan nama gidduutti na gonbistinnaa jedheen arrabakoo adabachuun waan maraaf daawwataa ta’e. 
“Fidi.. deebii koo.. saantima shanin qaba” jettee jaartittiin… morkii keessaa baateemmoo gargaaraa konkolaatichaatti harka aggaamaa. 
“Hin qabu dhiifama…. Yoo santima shan qabaattan immoo kudhanin isiniif kennaa” 
“Isa naan glchu.. deebii koon barbaada an.” gaafattee dhiisuu didde.. namni biraan duubaan taa’ummooo.. “Maal qaba amma yoo dhiisteef.. saantima shan mitii?” jedhe. “Siinimmoo maaltu si galche.. waan kiyya gaafachuuf mirgan qaban se’a.. yoo feete kee kenniif.. an garuu dafqa namaas hin nyaadhu kiyyas hin nyaaachisu. Waan sin galchine keessa hin galin!”
“Saantimni shan waan sitti hir’isus, siif dabalus qabaa amma.. maal qaba yoo dhiistee nagaan deemne?” dubartii kan biraa
“Gaafachuun mirga ishiiti.. isiniin waan galchu qabaa.. fudhadhu ati giiftiiko.. mirgakee hin laatin” dargaggeessa kan biraa fuuldura taa’ee jiru.
“Mirga keessan taaksiima keessatti qofa yaadattu mitii isin uummanni biyya kanaa.. utuu hanga nurratti mirga keessan falmattan iddoo sagaltama udduu keessa dhiitamtanitti yaadattanii silaa yoona taaksiiniyyuu hin deemtan.. konkolaataa mataa keessanii ooftu… mirga…. Mirga… biyyayyuu laattanii utuu teessanii.. saantima shantu fudhatameedhaaf dhukee kaastu..” jedhe gargaaraan konkolaatichaa aariidhaan.. deebii ishii kiisa isaa keessa haalaan sakatta’aa… dubbiin isaa garaa annnan na obaase…
Bakka tokko akkuma geenyeen akka dhaabamuuf ajaja dabarsite. DINSIRIIN. Kanuma gidduunis ergaan tokko bilbila kiyya seenuu kirkiraafi sagalee bilbilsochii kiyyarraa hubadhe. Abbaa kiyya ture. “Haati kee haalaan dhukkubsattee waan jirtuuf dafii hospitaalatti nu qaqqabi!”

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa