OROMO BOOKS (KITAABOTA OROMOO 200 OL)Kitaabni maali? Kitaabota kana iddoo isaan jiran maratti barbaadaa dubbisa!!–Beekan Gulummaa Irranaa’tiin

OROMO BOOKS (KITAABOTA OROMOO 200 OL)

Kitaabni maali? Kitaabota kana iddoo isaan jiran maratti barbaadaa dubbisa!!–

Beekan Gulummaa Irranaa’tiin 

Haalli jiruufi sochii ilma namaa har’aa kitaaba keessatti argama.Dubbisaaf hubataatu furmaata dhalootaaf argamsiisa! Kitaabni malkaa irreessaafi ciisa yaada namaati.  Burqituu yaada namaatu muummee muuxannootii ol burqee bilchina sammuun gabbatee, onnee dhisee manii dhoosee madda maddisiisee margisiisuun malkaa ta’ee ciisa.  Burqituutu walcoree yaa’ee wal haree malkaa obaa ta’a.  Malkaan obaa bakka ciisa bishaanii horiin irraa dhuguudha.  Kitaabni kuufama beekumsaafi muuxannoo kan sammuun irraa sooratuudha. Kan hayyuun kalaqamee wallaalan unatudha.

Barreessaan quphaan alumatokkotti qalmaan waraqaa koobee takkaan irraa hinka’u. Yookiinis ammo amma daakee amma laaqee eelee irratti hin dhoobu. Amma shooquufi amma mooquun caariggii (benii) tolchuufi. Garaa obsaaf miidhame keessaa burqaa dho’e; lafee cabeef sanyii dho’e keessaa miciree; garaa lafaa bokoke keessaa albuuda. Kana malees, yaadni barreeffama tokkoo muuxannoo umurii ofii keessa jiruufi jireenya irraa kan horan ta’uu ni mala. Madaa’uufi madeessuutu madda ta’ee tajaajila. 

Cabsamuuf cabsuutu godaannisa ta’ee mul’ata. Oduu ta’ees dubbatama; seenas ta’ee gadhiifama.Yookiin ammo gadaa darbe abjoochuun, akka hoodduu yookiin qaalluu kan egeree manaabaa qaqqabuun, galmeeffamee kuufama. Sanumatu hurrii ta’ee aaree duumessa ta’ee samii gadii aguugee shora (tiifuu) ta’ee dhahaa rooba.  Bokkaa ta’ee yandisa.  Garba ta’ees yaa’ee ciisa. Achii ka’ees addunyaaf bubbisa; dhoobotaas dheebuu baasee kan of dagate dammaqsa. Namni kitaaba barreessu quunnama isaa guyyaa guyyaatti dura galmeessee kuuseetu ragaalee addaa addaanis isa kuuse tumsa. Dhimbiibee sukkuumeetu dhadhaa keessaa baasa. Waliin rigee walittis buusee abidda keessaa baasa.  Kanaaf kitaabni isa kaan akka dhadhaatti yoo qabbaneessu, kaan ammoo abidda godhee waada.

Haqa irratti hundaa’ee yookiin ammo nita’e  jechuun funyoo manaaba isaa asiif achi yaasa.  Takka gudunfeetu takka ammoo hiika.  Takka ijaareetu takka ammo diiga.  Haaluma kanaan egaa barreessaan, xiyyeeffannaa barreeffama isaa erga adda baafatee, quunnama isaa galmeessee kuusee ragaan tumsa jechuudha.  Booda ammo yaada isaa tartiibaan galmeeffatee abjuu isaa mirkaneessuuf qophaa’a.  Ciniinsifachaa guyyaa da’umsaa isaa eega.  Gaafa yeroon geesse, ija foonii osoo hinta’in ija sammuu isaatu banama.   Akka ayyaanaa irraa waa hima.  Dalaga isaa itti fufuu jalqaba.  Inni duraawoo quunnama galmeessuufi kuusuudha.  Manaaba diriirsuu, muuxannoo gabbisuufi yaada isaa gurmeessuudha.  Amma immoo nibarreessa.  Soofeetu walqixxeessa, boceetu mimmiidhagsa. Maqaa boca isaa kan duraatti moggaasee yoona  ifa baasa. Eela qabus of keessaa baasa.

Walitti qabaatti, akkasumaan ka’ee coreen  malkaa hinta’u.   Shooratu yandisee burqituun bubbisee galaana ta’ee ciisa.  Dheebotaan dhugee dheebuu ba’a, xuraa’aan itti qulqullaa’a. Karaa deemaan ededasaarra boqota.  Kan qofaa ta’e ammo nigalateessa.  Barreessaan malkaa isaatti irreeffata, maddatti dhibaafata.  Kitaabni malkaa irreessaa kuufama mudannoo jireenyaati!  Ogeessa qaree qara baasa; bulchitootaafi oggantootaaf qajeelfama. Nama itti firoomeef obboleessa gaariidha. Kitaabni daawwitii jireenyaa dhalli namaa keessatti of ilaaludha. 

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa