Dhiigni saba keenyaa dhangalahee hin hafu! Baarentuu Gadaa Irraa

Dhiigni saba keenyaa dhangalahee hin hafu!
Baarentuu Gadaa Irraa


Dhiigni saba keenyaa dhanagalahee hin hafu, inni dhiiga ilmaan Oromoo dhagalaasaa turee fi jiruus kan harka isaa argachuun hin oolu.

Eenyuyyuu jireenya isaa keessatti kan harka isaa, bu’aa hojii isaa argachuun waan hin hafne ta’uu ifatti argaa jirra. Kan gaarii hojjete akka gaarummaa isaatti, kan  haangoon qaba, barri naaf kenne jedhee yaraa ykn yakka dalages akkuma hojii isaatti  adaba isaa malu, dhumarratti salphina keessaa hin baane akka haguggatu shakkiin hin jiru.  Dhugaan addunyaa kanarratti  muldhachaa turee fi jirus kanuma raga nuuf baha. Hunduu  bu’aa hojii isaa oolee haa bulu malee numa sassaabbata.

Keessumaa warri abbootii irree, warri qawwee fi humna yeroof qabanitti fayyadamanii oftulummaan yakka namarratti hojjetan, dhiiga ilma
namaatiin harka dhiqatan deebi’anii harka namaatti kufuun waan hin oollee dha; dhugaan akkasii ammoo biyyoota gara garaa keessatti
muldhateera, muldhataas jira.  Abbaan irree ummattoota biyya isaa daangaa malee fixaa ture Saadaam Huseen, dhumarratti namootuma fixaa tureen bollaa hantuutaa keessatti qabamee du’a hin taane du’e.

Ardii keessa jirru Afrikaa keessattis  abbaa irree isa dhumaa ta’uun inni ilma namaa akka tiitisaatti ilaalaa ture kan waggaa 40 ol biyya
Libiyaa dhiitee bitaa ture haaluma wal fakkatuun bo’oo bishaanii keessatti reebamee karaarra butamee du’e.  Pireezidaantii
Laayibeeriyaa kan ture abbaan irree nama fixuun beekamu Chaarlas Teelaris kunoo yakka ummata Laayibeeriyaa irratti  raawwachaa tureef mana murtii idil addunyaan himatamee the heeg jira. Xumurri Wayyaanee har’a haangoo fi qawween harkaa qaba jettee  ummata Oromoo, akka waliigalaatti ammoo sabaa fi sablammoota impaayera Itophiyaa keessaa jumlaan fixaa jirtus kanumaaf deemti.

Wayyaaneen waggoota 25n darbaniif keessumaa ammo waggoota 2n darbaniif FXG fiiniinaa jiruun wal qabatee yakki Oromoorrattii hin raawwatin hin jiru.  Haa ta’uutii yakka  waggoottan 25n darbaniif raawwachaa turte kana maraawuu akka   itti gaafatamtu, xumurri ishiis akka Saadaam Huseen, akka Chaarls Teeleer, akka  Mahaammad Gaadaafii ta’uun ishee shakkiin hin jiru.  Kan yakka hojjete hunduu yeroof  nama biraa miidhaa itti fakkaatuus deebi’ee akka isa waraanu muldhachaa ture, muldhachaa jiras waan ta’eef kan wayyaaneettis deemaa jiru kanuma.

Eenyuyyuu qabeenyaa fi haangoo abdatee, qawwee harkaa qabuun  nama miidhuu, ajjeesuu saamuu  roorrisuu danda’a. Akkuma wayyaanee harraa jechuudha.  Wayyaaneen har’a Oromoo ajjeesaa fi saamaa jirti boru garuu kan harka ishii, ummanni Oromoo ammoo dhiiga ilmaan isaa, isa dhugaaf jigee fi jigaa jiru kanaan numa bilisummaa isaa gonfata.

Abbootiin irree yeroo qawwee harkaa qaban, yeroo nama ajjeesuu, hidhuu fi dararuu danda’anitti  aangoo isaaniitti aduun waan dhiitu itti hin fakkaatu. Inni qawwee harkaa hin qabne nama isaanitti hin fakkaatu. Daangaa malees yakkoota hedduu dalagu. Wayyaaneen waggoota 25n darbaniif ummata Oromoo mankaraarsaa turte har’as  maqaa labsii yeroo atattamaatiin itti bobbaatee saamaa fi ajjeesaa jirti.  Waraanni wayyaanee nama  nagahaa dhukaasee ajjeesuu, reebee qaama hirrisuun alatti saamichaa fi dubartii abbaa qabdu humnaan qabee gudeeduu baldhinaan gaggeessaa jira.

Wayyaaneen ofii ishiitiif dhukaaftee nama ajjeesuu, hiitee dararuu fi saamuun alattis saboota biyyattii keessa jiran walitti buusuun
shiroota hedduu dalagaa turteetti.  Ummattoota biyyattii keessumaa ummata Oromoo mirga isaaf qabsoo geggeessu ammoo addatti irratti
xiyyeeffattee yakki ishiin waggoottan 25n darbaniif  hin raawwatin hin jiru. Yakkii fi shirri ishii kamuu garuu qabsoo ummattoota cunqurfamoo keessumaa kan Oromoo laaffisuus ta’e dhaabuu hin dandeenye. Hin danda’us. Oromoon kalees har’as qabsoorra jira. Qabsoon kunsi amma Oromoon bilisummaa isaa argatutti kan dhaabbatuu miti. Wayyaaneen jaallattees jibitees irree cunqurfamtootaatin akka boolla bu’uuf jirtu  haallii qabatamaan yeroo ammaa kana Oromiyaa akka waliigalaatti ammoo impaayerattii keessa jiru ifatti muldhisa. Wayyaanee har’a  haangoo fi qawween harkaa qaba jettee yakkoota dalagamanii hin dhumne nurratti dalagaa jirus haree akka boolla buusu shakkiin hin jiru.  Hunduu kan harka isaa numa argata waan ta’eef.

Ummanni Oromoo dhugaa isaa, mirga abbaa biyyummaa gaafii haqaa gaafachaa tureef yeroon deebii itti argatu akka biiftuu ganamaa dhiiga ilmaan isaatiin qarreerraan anga’aa jira. Goonni tokko yoo wareegamu goonni kumaa kitilli biqilaa akkuma muldhachaa jiru, anatu ummata kootiif dursee wareegama kan jedhee qabsoo bilisummaa  Oromoo finiinsaa jiru lakkoofsa hin qabu. Oromoon qabsoo ilmaan isaatiin yeroon inni mirga abbaa biyyumaa isaa gonfatus fagoo miti.

Murni weeratuun gabroonfattuu fi saamtuun waggoottan 25 darbaniif hidhaa, ajjeechaa, dararaa fi saamicha gaggeessaa, dhiiga ilmaan
Oromoo dhugaa malee dhangalaasaa turte Wayyaaneenis hojii ishii, isa waggoottan 25n darbaniif facaasaa turte, haammachuu eegalteetti;
yeroon itti isa dhumaa haammattus fagoo hin jiru.  Wanti yeroo ammaa kana murna gabroonafattuu tana ofirraa buqqisuuf nu hafe waa  xiqqoo qofa; innis ibidda itti qabate, FXG gutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru kana caalaatti afarsanii guyyaa xumuraashii
gabaabsuudhaan akka summii  faacafatte yeroo dhumaaf haammattu godhuu dha. Ummanni keenya akka gabrummaa jalaa dafee bahuuf qabsoo eegalle, qabsoo hidhannoo, FXG, qabsoo dipiloomaasii keenya bakka jirrutti jabeessinee itti fufuu dha. Hundi keenya sababa walirra barbaaduu dhiifnee essattuu, haala kam keessattuu waliin dhaabbachuu, afaan tokko haasa’uu dha.  Dinnee didaa jechuun fincila jabeessuu dha. Qabsoo keenya qabsoo haqaa, qabsoo bilisummaa dhiigaa fi lafee gootoota meeqaa itti dhangalaafnee fi cabsine galmaan gahuuf cichoominaa fi murannoon qabsaawuu dha!  Haala kanaan caalaatti sochoonaan  nus  sanyii  dhiiga keenya gadi naqnee, lafee Kenya itti cabsinee facaafne, bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa keenya ni gonfanna. Kanaafuu qabsoo keenya haa finiinsinu!  Harka wal qabannee diinarrtti haa fulleeffannu. Abbaa irree qabsoo malee falli gateettii ummataarraa buusu hin jiru waan ta’eef  oduurra hojiin iddoo marattuu haa cimu jenna.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa