JI’OOMEETRII OROMUMMAA: OROMUMMAA IJA OGUMMAA HEREGAATIIN:Professor Moosisaa Galataa Aagaa’tiin!- Oromoo kan ta’eef ta’uu barbaadu marti barruu kana dubbisee nama biraaf dabarsuun Dirqamasaati!!!

J i’oomeetrii Oromummaa

Xiinxala Herregaa

Barsiisaa Moosisa Galataa Aagaatiin (PhD)
Waxabajjii, bara 1994 – Instituutii Leenjii Barsiisota Adaamaatti barreeffame.

1. Seensa
Barruu kana keessatti maalummaa Oromoo ilaalchisee hiikoon (definitions) adda-addaa kennamaniiru. Jechootni haaraan, pooschuleetotnii (postulates) fi tiyeeramootni (theorems) kennaman hundi kanneen barreessaa barruu kanaatiin moggaafamani dha.
Akka amantee bareessaa kanaatti, namni tokko “ani Oromoo dha” ofiin jechuun duratti, ulaagaalee barruu kana keessatti kennaman kan guutu ta’uu isaa mirkaneeffachuu qaba. Oromoo guutuu ta’uudhaafis ulaagaalee kennaman keessaa kan jalaa hir’atan yoo jiraatan dafee of sirreessuuf isa gargaara. Kana malees fira isaa fi diina isaa akka adda baafatuuf gorsa gaarii ta’a.
Barreeffamni kun ilmaan Oromoo of dagatanii jiran of barsiisee tokkummaa Oromoo Oromummaa irratti hundaa’e akka jabeessu hawwii barreessaa kanaa ti.
2. Pooschuleetota Oromummaa
Bara durii nama Oromoo jedhamu tokko tu ture. Oromoonis ilmaan lama dhalchee qaba ture. Inni angafaa Boorana, inni quxisuu Baareentummaa jedhamu. Booranaa fi Baareentummaanis ijoollee horan. Ijoolleen isaanis ijoollee horan. Akka kanaan wal horuun ittuma fufee bara dheeraa keessatti sabni Oromoo jedhammu gaanfa Afrikaatti argamuu danda’ee jira.
Hiikoo 2.1. Hidda tartiiba Oromoon itti wal hore ibsu hidda hortee Oromoo jenna.
Hiikoo 2.2. Dachee gaanfa Afrikaatti argamu keessaa dagni (territory) sabni Oromoo bara dheeraatiif dhuunfaa isaa godhatee, irratti wal horee jiraachaa turee fi jiru walitti qabaatti Oromiyaa jedhama. Oromiyaa jechuunis biyya Oromoo jechuu dha.
Hiikoo 2.3.
a) Namni Oromiyaa keessa jiraachaa jiru tokko karaa hadha isa ykn karaa abbaa isaa yammuu duubatti lakkaa’amu hidda hortee Oromoo keessa kan jiru yoo ta’e Oromoo Dhiigaa jedhama.
b) Namni jireenyi isaa Oromiyaa keessa hin ta ‘iin tokko karaa haadha isaas karaa abba isaas yoo hidda hortee Oromoo keessa jiraate qofa Oromoo Dhiigaa jedhama.
c) Namni karaa haadha isaa ykn karaa abbaa isaa qofa hidda hortee Oromoo keessa jinu tokko Oromiya irraa ala jiraachaa turee yoo Oromiyaatti deebi’e, guyyaa Oromiyaa seenee qabee Oromoo Dhiigaa jedhama.
Hiikoo 2.4. Namni tokko yoo afaan Oromoo sirriitti dubbachuu danda’a ta’e Oromooo Afaanii jedhama.
Hubadhu:
a) Oromoon Afaanii hundi Oromoo Dhiigaa miti.
b) Oromoon Dhiigaa hundi Oromoo Afaanii miti.
Hiikoo 2.5. Namni afaanii fi aadaa hawaasa Oromoo sirriitti beeku tokko Oromoo Bilchaataa jedhama. Namni afaan Oromoo dubbatu tokko yoo aadaa hawaasa Oromoo sirriitti hin beeku ta’e Oromoo Dheedhii jedhama.
Pooschuleeta 2.6: Oromoo Bilchaata namni ta’e tokko Oromoo Afaanii ti.
Hubadhu:
a) Oromoon Af’aanii hundi Oromoo Bilcha:ataa miti.
b) Oromoon Dheedhiin hundi Oromoo Afaanii ti. Haa ta’u malee Oromoon Afaanii hundi Oromoo Dheedhii miti.
Mallattoolee Oromoo Bilchaataa
¬ Afaan Oromoo utuu jechoota afaan alagaa itti hin makiin qulqulleessee dubbata.
¬ Abbaa isaa irraa eegalee gara duubaatti akaakayyuu isaa yoo xiqqaate haga shaniitti lakkaa’uu danda’a.
¬ Hibboo, tapha ijoollee, sheekkoo, makmaaksaa fi sirboota adda addaa hawaasicha keessatti beekaman himuu danda’a.
Hiikoo 2.7. Namni Oromoo Dhiigaa ta’e tokko:
a) Oromummaa isaa akka jaalatuuf akka itti boonu haala adda addaatiin kan ibsatu yoo ta’e, Oromoo Sab-boonaa jedhama.
b) Oromoo sab-boonaa miti yoo ta’e, Oromoo Adoodaa jedhama.
Hubadhu:
a) Oromoon Sab-boonaan hundi Oromoo Afaanii miti; Oromoo Bilchaataas miti.
b) Oromoon Adoodaan Oromoo Afaaniis, Oromoo Bilchaataas ta’uu ni danda’a.
Mallattoolee Oromoo Adoodaa
a) Utuu afaan Oromoo beekuu afaan alagaatiin dubbachuu filata.
b) Maqaa isaas ta’e maqaa ijoolleesaa afaan alagaatiin moggaasa.
c) Kitaabota dubbisu, sirboota dhaggeeffatuu fi do’ii ilaalu irratti kan Oromoorra kan alagaa filata.
d) Hiriyyoota Oromoo irra kan alagaa filata.
e) Seenaa gabrummaa jaarraa tokkoof hawaasni Oromoo keessa darbe hin beeku; beekuus hin fedhu; yoo beekes itti hin dhaga’amu.
f) Mirga abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratti qabaachuuf malu hin beeku; beekuus hin fedhu; yoo beekes itti hin dhaga’amu.
Hiikoo 2.8: Oromoon Sab-boonaan mirga abbaa biyyummaa Oromootti amanu tokko
a) yoo tooftaa fi beekumsa ga’aa qabaatee fi abshaala ta’e, Oromo Qara jedhama.
b) Yoo Oromoo Qara miti ta’e, Oromoo Doomaa jedhama.
Hubadhu: Oromoon Qarri hundi Oromoo Bilchaataa miti.
Pooschuleeta 2.9: Namni tokko Oromoo Qara yoo ta’e:
a) Oromoo Dhiigaa ti.
b) Oromoo Sab-boonaa dha.
Hiikoo 2.10: Namni Oromoo Bilchaataa ta ‘e tokko
a) Mirgi hawaasa Oromoo tokko yammuu dhiibamu cal’isee ilaaluuf kan obsa hin qabne ta’uu isaa dalagaa gootummaa gaafatuun kan mirkaneessu yoo ta’e, Oromoo Goota jedhama.
b) Oromoo Goota miti yoo ta’e, Oromoo Qorraa jedhama.
Hubadhu: Qromoon Gooti hundi Oromoo Qara miti; Oromoon Qarri hundi Oromoo Goota miti.
Pooschuleeta 2.11. Namni Oromoo Goota ta’e tokko
a) Oromoo Sab-boonaa dha;
b) Oromoo Bilchaataa dha.

Hiikoo 2.12. Namni tokko Oromoo Guutuu dha jechuun himoota ja’an armaan gadi wajjiin wal madaala:
a) Namni kun Oromoo Dhiigaa ti.
b) Namni kun Oromoo Afaanii ti.
c) Namni kun Oromoo Bilchaataa dha.
d) Namni kun Oromoo Sab-boonaa dha.
e) Namni kun Oromoo Qara dha.
f) Namni kun Oromoo Goota dha.
Hiikoon Oromoo Guutuu himoota ja’an armaan oliitiin ibsameera. Haa ta’u malee himoota ja’an kana keessaa lama qofaan yoo guutaman, haalli “Oromoo Guutuu dha” jechuuf nu dandeessisu jira. Kunis tiyeeramii (theorem) armaan gadiitiin ibsama.
Tiyeeramii 2.13. (Tiyeeramii Qara-Goota)
Namni tokko Oromoo Qaraa fi Oromoo Goota yoo ta’e, Oromoo Guutuu dha.
Ragaa (Proof)
Dhugummaa Tiyeeramii kanaa mirkaneeffachuuf, himoonni ja’an Oromoo Guutuu ibsan (kanneen Hiikoo 2.12 keessatti kennaman) dhugoomuu isaanii mirkaneeffachuun ga’aa dha. Akka kanaan:
1) Namni kun Oromoo Dhiigaa ti. (Akka Pooshuleeta 2.9-tti)
2) Namni kun Oromoo Afaanii ti. (Akka Pooshuleetota 2.6 fi 2.11-tti)
3) Namni kun Oromoo Bilchaataa dha. (Akka Pooschuleeta 2.11-tti)
4) Namni kun Oromoo Sab-boonaa dha. (Akka Pooschuleeta 2.11-tti)
5) Namni kun Oromoo Qara dha. (Tiyeeramii keessatti kenname)
6) Namni kun Oromoo Goota dha. (Tiyeeramii keessatti kenname)
7) Kanaafuu, namni kun Oromoo Guutuu dha. (Himoonni Oromoo Guutuu Hiikoo 2.12 keessatti kennaman ja’anuu dhugoomuu armaan olitti waan mirkaneeffanneef )
3. Keessummummaa
Hiikoo 3.1. Namni Oromoo Dhiigaa hin ta’iin tokko yoo Oromiyaa keessatti argame, hanga guyyaa Oromiyaa keessaa ba’uutti , Keessummaa Oromoo jedhama.
Hubadhu: Namni Oromoo Afaanii ta’e tokko Keessummaa Oromoo ta’uu ni danda’a; Oromoon Bilchaataanis Keessummaa Oromoo ta’uu ni danda’a.
Hiikoo 3.2. Namni Keessummaa Oromoo ta’e tokko, mirga abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaarratti qabu:
a) Waan danda’uun kan deggersa kennu yoo ta’e, Fira Oromoo jedhama.
b) Waan danda’uun kan gufachiisuuf tattaafatu yoo ta’e, Diina Oromoo jedhama.
Hubadhu: Oromoon Afaanii tokko Diina Oromoo ta’uu ni danda’a. Oromoon Bilchaataan tokkos Diina Oromoo ta’uu mala. Haa ta’u malee Oromoon Dhiigaa Diina Oromoo hin jedhamu.
Hiikoo 3.3.
a) Keessummaan Diina Oromoo hin ta’iin tokko yoo karaa fuudhaaf heerumaa Oromoo Dhiigaa tokkotti michoome, Soddaa Oromoo jedhama.
b) Keessummaan Diina Oromoo ta’e tokko yoo karaa fuudhaaf heerumaa Oromoo Dhiigaa tokkotti michoome, Silmii Oromoo jedhama.
Pooschuleeta 3.4. (Pooschuleeta Diinummaa)
Keessummaan Oromoo meeshaa waraanaa hidhatee Oromiyaa keessatti argame tokko:
a) Yoo meeshaa hidhate sana mirga saba Oromoo kabajchiisuuf ykn diina Oromoo irraa ittisuuf akka itti gargaaramu dalagaadhaan mul’ise, Fira Oromoo ta’a.
b) Yoo meeshaa hidhate kanaan nama Oromoo Dhiigaa ta’e tokko irraan miidhaa geessise ykn geessisuuf yaalii godhe, ykn mirga Oromoo sarbuuf yaalii godhe, Diina Oromoo ta’a.

Hiikoo 3.5. Namni Oromoo Dhiigaa ta’e tokko yoo Diina Oromoo wajjiin ta’ee dalagaa diinummaa kan dalagu ta’e, Dhiiga Diinome jedhama.
Hubadhu:
a) Dhiigni diinome Diina Oromoo miti. Yoo gorfame ykn yaada naanneffate, dalagaa diinummaa isaarraa dhaabbachuu danda’a. Oromoo Guutuuttillee jijjiiramuu ni mala.
b) Namni Diina Oromoo ta’e tokko yoo gorfame ykn yaada naanneffate, gara Fira Oromootti jijjiiramuu ni mala.
Mallattoolee Dhiiga Diinomee
1. Seena saba Oromoo sirriitti hin beeku.
2. Silmii Oromootiin qabamee jira.
3. Diina Oromoo irraa dantaa xixxiqqaa tokko-tokko ni argata.
4. Sababa adda-addaatiin hawaasa Oromoo keessatti kan jibbame dha.
5. Sammuu nama biraatiin geggeeffama; of irratti amantee hin qabu.
6. Soba dhugaa fakkeessee dubbachuu baay’isa.
Pooschuleeta 3.6. Namni Dhiiga Diinome ta’e tokko, ulaagaalee afran armaan gadii keessaa yoo xiqqaate tokko guutuu qaba.
a) Namni kun Oromoo Dheedhii dha.
b) Namni kun Oromoo Adoodaa dha.
c) Namni kun Oromoo Doomaa dha.
d) Namni kun Oromoo Qorraa dha.
Hubadhu: Namni Dhiiga Diinome ta’e tokko haala adda-addaatiin yoo nama Oromoo Guutuu ta’e tokkotti michoome, Oromoo Guutuutti jijjiiramuu ni danda’a.
Hiikoo 3.7. Keessummaan Oromoo afaaniin Fira Oromoo fakkaatee harka wayyaa jalaatiin garuu dalagaa diinummaa hojjetu, Diina Lo’aa jedhama.
Pooschuleeta 3.8. Namni Diina Lo’aa ta’e tokko haala adda-addaatiin nama Oromoo Doomaa ta’e tokkotti yoo michoome, nama Oromoo kana gara Dhiiga Diinomeetti jijjiira.
Hubadhu: Diinni Lo’aan diina dhokataa dha. Kanaafuu, hawaasa Oromoo keessatti akka Fira Oromootti fudhatama.
Hiikoo 3.9. Himoota armaan gadii keessaa tokko yoo guutame Oromiyaan Bilisoomte jenna.
a) Namni Oromoo Dhiigaa ta’e hundi Oromoo Guutuu dha.
b) Namni Keessummaa Oromoo ta’e hundi Fira Oromoo ti.
c) Hawaasa Oromoo keessa namni Dhiiga Diinome ta’e hin jiru.
d) Keessummaan meeshaa waraanaa hidhate Oromiyaa keessa hin jiru.
Hubadhu: Akka Hiikoo 3.9-tti, Oromiyaa bilisoomte argachuuf himoota armaan gadii keessa tokko qofaan akka guutamu taasisuun ni ga’a.
a) Nama Oromoo Dhiigaa ta’e hunda gara Oromoo Guutuutti jijjiiruu.
b) Keessummaa Diina Oromoo ta’e hunda Oromiyaa keessaa dhabamsiisuu.
c) Nama Dhiiga Diinome ta’e hunda gara Oromoo Guutuutti jijjiiruu; kan jijjiiramuu dide Oromiyaa keessaa dhabamsiisuu.
d) Keessummaa Oromoo meeshaa waraanaa hidhate hunda hiiksisuu.

_______ E N D _____________

Akeekkachiisa:  Barruu kana akka waan barruu ofiitti fudhatani maxxansuun seera duratti nama gaafachiisa. Akka namni hubannoo qabaauuf waliif daddabarsani dubbisuun garuu eeyyamamaadha. Bifa kitaabaatti qindaa’ee sabaaf waan raabsamuuf maluuf mirgi abbeentaa seeraan eegamaadha!!

15050298_1614709008542872_1675295593_n 15046337_1614726988541074_1345844199_n 15045772_1613183288695444_869103112_n 15033799_1613091608704612_278099317_n 15058690_1624779327535840_1321274720_n 15086193_1626230230724083_1905141227_n 15086259_1627105297303243_1230249081_n 15086331_1624679504212489_635321023_n 15033679_1614849531862153_1087699789_n 15058022_1615661618447611_1976277024_n14971175_1612135685466871_139866522_n 14963091_1605439419469831_89762127_n 14962871_1605621876118252_305244063_n 14962511_1613109212036185_1929128437_n 14962500_1612838855396554_1492144414_n 14962353_1612837638730009_1549294553_n 14962336_1611722968841476_2061316513_n 14962305_1607787739234999_254020571_n 14962225_1606714106009029_753410186_n 14961514_1606714799342293_1610289400_n 14961472_1613031408710632_330747539_n 14961329_1605600922787014_733284889_n 14958841_1607600832587023_279477740_n 14958832_1612011998812573_454990368_n 14958653_1608221235858316_1464520600_n 14958637_1607996432547463_236650625_n 14958414_1612216018792171_1741416656_n 14937981_1612152148798558_1059720873_n14937841_1612118985468541_1081941402_n-2 14937841_1612118985468541_1081941402_n-1 14937007_1607648642582242_1069189903_n 14936988_1608182772528829_730351249_n 14915015_1606375456042894_840471364_n 14914622_1606467872700319_154517861_n 14914601_1606705626009877_1829621723_n 14914517_1606619899351783_1924795878_n 15151455_1628194127194360_1435076393_n 15151455_1628194127194360_1435076393_n-1 15139799_1624762647537508_37679741_n 15139542_1626061954074244_2053011617_n 15135717_1624770390870067_889382187_n 15135476_1626223010724805_1145952789_n 15134289_1627324513947988_317428252_n 15134236_1628519853828454_1798915989_n 15134236_1628519853828454_1798915989_n-1 15129845_1627291630617943_465917072_n 15129824_1626222907391482_295864490_n 15128657_1628560693824370_217994201_n 15128533_1627292083951231_1055928556_n 15128533_1627292083951231_1055928556_n-1 15087037_1624829514197488_1033131766_n 15087037_1624829514197488_1033131766_n-copy 15086948_1628597910487315_599094522_n 15086400_1627105363969903_1364340198_n 15086356_1624829264197513_1008314846_n15058690_1624779327535840_1321274720_n 15058022_1615661618447611_1976277024_n 15050298_1614709008542872_1675295593_n 15046337_1614726988541074_1345844199_n 15045772_1613183288695444_869103112_n 15033799_1613091608704612_278099317_n 15033679_1614849531862153_1087699789_n 15025248_1813006488972905_9221114773113084563_o 15025248_1813006488972905_9221114773113084563_o-1

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa