QUBA QABDU LAATAA? – AMANTAAN ORTOODOOKSII AFAAN OROMOO GUDDISUUTTI JIRAN.

QUBA QABDU LAATAA?

AMANTAAN ORTOODOOKSII AFAAN OROMOO GUDDISUUTTI JIRAN.

Seenaa Guddina Afaanii tokko keessatti manneen amantaa gahee mataa ofii qabu. Keessumattuu akka Oromootti yoo ilaalle akka amantii Isilaamaatti Shek Bakirii Saphaaloofi Dr. Mohaamad Rashid Abdullee, Akka amantii Pirotestaantiittiitti Abbaa Gammachiis (Onesmos Nasib) fi Aster Gannoo, Dr. Hayilee Fidaafi kkf maqaa dha’uun nidanda’ama. Yeroo ammaatti kan lubbuun jiranis hedduudha. Bifuma walfakkaatuun amantaan warra Ortoodoksii Tewuidoos guddina Afaan Oromoof gumaacha taasisaa jiran haala saffisa qabuun itti jiru. Manni amantaa kun Oromiyaa keessatti bal’inaan waan argamuuf Afaan Oromootti tajaajilamuu dhabuusaatiin qeeqa jala ture. Haata’u malee yeroo ammaa kanatti sabboontonni amantaa kanaa muraasni Afaan isaaniitti gargaarramuurraan kan ka’e gatii barbachisaa ta’e kaffalaatti jiru. Obboloota akkasii kana cinaa isaanii akka jirru dubbachuuru nurraa eegama.

Yeroo ammaa kanatti barruuwwan xixiqqooniifi faaruuwwan amantichaa afan Oromootti hiikamanii mul’achaatti jiran. Kitaabonnis maxxanfamuurra jiru.

Yeroo jalqabaaf ilmaan Oromoo Amantaa Ortodoksii hordofan gaaffii Afaanii dhiueessaniin bara 1990 ALHtti “Galati Maariyam” Afaan Oromootti hiikameera.

Bara 2007 GCtti Godina Wallaggaa Lixaa Goorii Sillaaseetti Qees Mitilkuu Takkoolla Malkaa F/taa D/n Soorii Guddatoo faan Qiddaasee Afaan Oromoo jalqaban.

Baruma kana magaalaa Gimbii Lubi Badhaasaa Tolaa gaaffii afaanii kaasaniin dambii bataskanna Ortodoksii cabsuun himatamnii waggoota lamaaf mana hidhaa Gimbii turan.

Waggoota lama booda barkumee Habashaatti, Shawaa Lixaatti #Siisay jahan kan jedhaman Diyaaqonoonni jaha Siisay Guddataafaa wajjin,Digaafee Daanyaachaw faa Horroo irraa tajaajila Afaan Oromoo jalqaban Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamteetti  Abbaa Gabra Maaram Oromoo waan ta’aniif Bataskaana Giyoorgisii Naqamteetti fulbaana 1 bara 2000tti qiddaasee Afaan Oromoo taasisuun himatamnii filmaata phaaphaasotaa irrattis sababa kanaaf muudamarraa dhorkaman.

Achuma Wallaggaa Bahaa Nuunnuu Qumbaa,Waamaafi Saasiggaatti fincilli hordoftoota amantichaa itti fufuun Wallagga Bahaa Sibuu Sireettis Lubni Mitikkuu jedhamu gabaa sanbataarraa tajaajila Afaan Oromoo kennuun itti fufe.

Bara 2002 keessa  phaaphaasiin Wallaggaa Bahaa Bataskaana Sibuu Siree dhaqee uummati Oromoos phaaphaasi dura dhaabbachuun gonkumaa afaan keenyaan tajaajilamuu qabna jechuun fincilan phaaphasichis uummataan wal dhabee sokke.
Yeroo  kana Dn. Garramuu Baayisaa illee kutaa lallabaa Harargee tajaajilaa ture.

Lubi Misgaanuu Aagasaa,Lubi Balaay Mokonniin fkkkf dhalattoonni Oromoo amanticha keessa jiran uummati Oromoo amanticha keessa jiru afaan isaan akka tajaajilamuuf sochiin geggeessan kan galateeffamuu qabudha!. Keessumattuu Lubni Balay Mokonnin kitaaba isaanii Seena Oromoofi Ortoodooksii’ mata duree edhuun maxxansan garri kooppii 20, 000 olii battaluma maxxanetti dhumeera. Kitaabni kun seenaafi duudhaa Oromoo gadi fageenyaan kan ilaaleefi sirni Habashootaa amantaa kana dawoo godhachuun saba Oromoo cunqursaa turte ifatti kan addeessedha.

Afaan keenyaan tajaajilamna waan jedhaniif qofa Abuna Heenook/Abbaa Gabra Iyyasuus Bultoosaatiin(itiyoophummaatti waan amananiif,gi’iiziin afaan waaqaatii wasn’t jedhaniif) isaaniin himatamanii waggoota lama isaan guddina afaan Oromootiif quuqaman kana wayyaaneen waggoota lama hiitee turte. Kanaafis Lubni Badhaasaa(?) Lubi Mitikkuu Takoollaa Malkaa (?) “Ortodoksiifi Oromoo” jechuun barrio/kitaaba tokko barreessanii dhiibbaa amantichi uummata isaaniirratti fe’aa jirus uummataaf saaxilan. Uummati Oromoos gaaffii afaanii jabeessee itti fufuun “kitaaba qiddaasee” utuu hin fedhin phaaphaasichi eebbisee ture!

Diyaaqonota, luboota, phaaphasotaafi faarfattoota Oromoo amantii Ortoodooksii yeroo ammaa kana sababa Afaan isaaniitiin waaqeffachuu barbaadaniifi guddina dhorkaman, mana hidhaatti darbataman hundaa cina uummanni Oromoo dhaabbachuudha qaba. Yeroo kamuu caalaa yeroo itti uummanni Oromoo Afaansaa Afaan hojii biyyoolessaafi federaalaa akka isaaf ta’uuf falmataa jiru kanatti amantii saba hundaa kabajuudhaan qixa isaan itti afaan kana guddisuu danda’anirratti gumaacha keenya taasisuun nurraa eegama.

Biyyi Oromiyaa biyya sabaafi sablammoonni nagaan keessa jiraatan, biyya amantaan marti walqixa keessatti kabajamu, biyya Afaan Oromoo qixa baay’ina uummatichaatiin kabajaa argatee keessatti leellifamuufi ittiin hojjetamu taasisuudhaaf halkaniif guyyaa waliin taanee nihojjenna!!

Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa

Kutaa 1

                                              Waasihuun Amanuu

Dandiirra dhaabadhaa ilaalas, dandii ishee duraas gaafadha, daandiin ishee gaarrii kam akka taate beeka ishee irras deemaa lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu.” Erm.6:16.

 

Wangeela Maatiwos boqonnaa 24 irratti barreeffamee akkuma jirutti jalabultii bara dhumaati addunyaa kanaatti daandiwwan/amantaaleen/ gaarii faakkatanii garuu kan gara dogongoraa fi badinsatti nu geessan hedduun yerootti maqaa adda addaatti dhaabbatanii jiranidha. Daandiiwwan kunis daandii ishee duraa fi dhugaa irraa yeroo adda addaatti kan foxxoqanii fi falaasama namootaan kan hundaa’an yoo ta’an yeroo ammaa baayyina isaanii irraan kan ka’e lakkofsa isaanii illee seeran beekuf baay’ee nama rakkisa (maqaa kiristoosiin kan socha’an lakkoofsisaanii 3000 ol ni ta’u jedhama). Kan kiristaana ofiin jedhanillee yommuu ilaallu yeroo ammaa kanatti  maqaa hedduutiin kan hundaa’an, karaan dhugaa kan kiristaanummaa ishee jalqaba Kiristoos hundeesse fakkeessanii kan nama karaa dhugaarraa kaachisan hedduun ni jiru. Daandiin gara jireenya bara baraa fi boqonnaa barabarraatti nama geessituu fi karaan isheen dhugaa garuu tokkodha.Akkuma amantaa tokko, cuuphaa tokko, Gooftaa tokko jedhee Qulqulluun Phaawulloos barreesseetti. (Efe. 4:5)

 

Kanaan alatti daandii haaraa hundeessuunis ta’e irra deddeebi’uun sirrii akka hin taanee fi mootummaa Waaqayyoo akka nama dhabsiisu Qulqulluun Phaawolos barreesseera. (Hundee daballee hin hundeessinu..Ibr 6:2, 1Qor 3:10, Bifa amantii qabu garuu humnasaa gananiiru…2Xim.3:5). “Sossobbaa Diyaabiloos mormuu akka dandeessaniif meeshaa waraanaa Waaqayyoo uffadhaa, lolli keenyi dhiigaa fi foon waliin miti.” jedhee kitaabni Qulqulluun nu akeekkachiiseera (Efe 6:11).

 

Akkuma mul’achaa jirutti, namoonni muraasni walitti qabamanii habjuutiin nutti mul’ate jedhanii maqaa moggaasanii amantiin keenyi isa dhugaadha Kiristoos nubira jira jedhanii kan dandiirraa nama kaachisan hedduun ni jiru. Gooftaan keenyi Iyyasuus Kiristoos dursee waan kana beekuuf “Hanga dhumaatti kan cimee dhaabbate … inni ni fayya” Mar. 13:13 jedhee kan dubbatee tures akka of eeggannuufidha.   

 

Waan ta’eefis yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti dhabbannee itti yaaduuu qabnu, yerootti daandii ishee dhugaa fi duraa itti gafannu,  isheenis garam akka turte yeroo itti  gaafannu akkaataa hundi keenyaa beeku qabnu dha. Daandii dhugaa kan jedhamte amantaa ishee dhugaa gara jireenyaa fi fayyina  barabarratti nama geessituu fi mootummaa Waaqayyoo  nama dhaalchiftu dha. Barri keenya bara gosni amantaa garmalee itti baayatan ta’uu isaa irraan kan ka’e dhaalonni kun amantaa filatuu fi qabatu wallaalee yeroo itti dhiphaachaa jirudha. Kanaafuu, daandii ishee dhugaa fi jalqabaa kan Waaqayyoo hundeesse hubannee itti jiraachuun furmaata yeroonsaa gaafatu dha.

 

Kanaafuu akka bara abbootii keenyaatti “amantaan kee maalidha?” yommuu jedhamnee gaafatamnu “amantaa abbaa fi haadha kooti” jennee  deebisuun qofa gahaa miti. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos jedhetti, yeroon kun yerootti waa’ee amantaa keenyaa sirriitti hubannee namoota kaaniif ibsuu danda’uu qabnurraati argamuutu nurraa eegama. Sababni isaas bara kanatti namoonni kitaaba Qulqulluu kaayyoo addadaaf jedhanii yerootti dubbisanii nama dogongorsiisuu barbaadan waan ta’eefidha.

 

Egaa dhimmi armaan olitti ilaalle kun Mana Kiristaanaa Kiristoos hundeesse, amantiin ishee dhugaa kam akka taate hubachuuf seenaan Mana Kiristaanaa gumaacha guddaa waan godhuufidha. Seenaan, kaleessa hanga har’aati kan jiru waan nu hubachiisuufidh. Ta’iiwwan adda addaa bara addaatti maal akka ta’n amantaa waliin akkamitti akka walitti dhufan kan hubachiisudha. Dhaabbileen amantaa amma jiran hundi yoom, eenyuun, akkamitti, akka hundaa’an, kaayyoon isaaniis maal akka ta’e kan nu hubachiisudha. Manni Kiristaanaa keenyi, Ortodoks Tawaahidoon akkamitti Kiristoosiin hundooftee, maqaa kanaan waamamuu akka dandeesse, qormaatilee hedduu dabarsitee akkamiin akka as geesse,akka addunyaatti biyyoonni Ortodoks Tawaahidootti amanan warra kam akka ta’anii fi kkf kan itti eeraffamu dha.   

 

Seenaa irraa hubachuun akkuma danda’amuun Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo yeroo hundooftee  egalee baroota dheeraa kan lakkoofsifte waan turteef dheerina umurii isheen kan ishee maadalu hin qabdu. Biyyi keenyi Itoophiyaa baroota sadan hundaa keessatti jechuunis bara seera laphee, bara seera oriiti fi bara seera wangeelaaa keessatti Waaqa waaqqeefachaa kan turte dha. Barreeffama kana keessattis Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo Itoophiyaa amantaa ishee duraa fi ishee dhugaa akka turte haala gaariin hubachuun ni danda’ama jedheen nan abdadha.

 

Barreeffamni  kun of keessa qabiyyeewwan gosa adda addaa kan of keessaa qabu yoommuu ta’u haalli dhiiyenya isaas duraa fi duubaan kan dhyaatudha.  Kana jechuunis, amantii ykn daandiin ishee Waaqayyo dhallii namaa ittin jiraate mootummaa Isaa ittiin dhaalan, akkamittii fi yoomii kaasee akka eegalte, walitti dhufeenyi Waaqayyoo fi dhala namaa maal akka fakaatu kanitti ibsamu dha.  Waluummaagalatti barreeffama kana keessatti barootan sila caaqafne keessatti seenawwan Mana Kiristaanaa keenya gaababsinee kan ilaalu yoo ta’u bu’awwan afuuraafi foonii isheen biyyaaf argamsiftees ilaaluuf ni yaalla. Barreeffama kana kan adda isa godhus seenaa Manni Kiristaanaa akka Oromiyaatti qabdus qoronnoorratti hundaa’udhaan dhiyeessuuf yaalusaati. Sababni isaas, Oromiyaa keessatti Gadaamiwwan hedduun nijiru, seenaan hedduun ni jira, garuu walitti qabamee uummataaf hin dhiyaanne. 

 

Walumaa galatti, namni seenaa Mana Kiristaanaa isaa kan hin beekni calliseetu oofama jechuudha. Yeroo qilleensi shakkii kallatti adda addaan itti dhufu dafee raafama, dhumnisaas dhaabbata amantaa isa dura shakkaa ture keessatti argamuu ta’a. Kunis akkuma namicha manasaa chirracharratti ijaarrateetti fakkeeffama. Namni seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatemmoo, qilleensi shakki garamiinuu otuu qilleensa’ee, qormaanni hedduun otoo itti dhufee yeroof dhiphata malee daandii ishee dhugaarraa kan isa kaachisu hin jiru. Kunis, namicha manasaa isa kattaa/dhagaa irratti ijaarrate fakkaata.

 

Egaa kaayyoon barreeffama kanaa, namoonni hundumtuu seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatanii dhugaa fi soba addaa baafatanii, daandii ishee duraa taate beekanii akka ittiin jiraataniif gumaacha guddaa akka qabu nan amana. Yaada qabaattanis bakka yaada itti kennuuf qophaa’e irratti akka nuuf ergitan nan abdadha. Waaqayyo, daandii dhugaarra deddeebinee lubbuu keenyaaf fayyina akka argannuuf nu haa gargaaru.

 –

Galanni Waaqayyo Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf haa ta’u. Ameen.

Source

308cdc2251684dd96caa0ae895cbd2df_xl baata ethiopiannativityicon2 hawire2 kidus-ephrem timthumb

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa