DIINAGDEE QABSOOF MADDU KAMUU SIRNA ITTI GODHUUN DIRQAMA! (Waliif dabarsaa) (Saphaloo Kadiir’iin))

DIINAGDEE QABSOOF MADDU KAMUU SIRNA ITTI GODHUUN DIRQAMA! (Waliif dabarsaa)
(Saphaloo Kadiir’iin))

Qabsoon gaggeeffamu kamuu humna namaa, diinagdee, tooftaafi tarsiimoo siyaasaan yoo hin deeggaramne carraan galma gahiinsa isii xiqqaa dha. Keessattuu diinagdeen humna qabsoo guddaa dha. Diinagdeen warraqsa gaggeeffamu maraaf qirixxee duugdaati. Ummanni keenyaas dur irraa qabsoof sabbata hiikkachuufi saaqa qaban warraaqsaaf hiixachuu irraa of duuba deebi’anii hin beekan. Haa tahuu malee diinagdeen qabsoof dhangala’u hanqinoota adda addaa irraa kan ka’e sirnaafi seera adeemsa eeggate, yaa’iinsa sirnaawaa qabaatee waan deemaa hin turreef namni waan qabu xiqqaatuu guddatuu qabsoof gumaachan hoonga isii hordofuuf rakkachuu bira dabree maddi diinagdee kun eessatti dhangala’aa akka jiru wallaaluufi qabsoof ooluu isaa ragaa qabatamaan waan hin arginiif adeemsa keessa shakkiin seentee harki duraan qabsoof hixaatuus gunnuufatee, sabbanni dur hiikaatiis waan guduunfameef deenagdeen qabsoof barbaachiftu cuuncuunatti deebite.

“Akka firaatti waliin nyaadhuu, akka alaagatti walitti herreeggadhu” jechuun maakmaaksa kaleessa lafa jiruudha. Waan gumaachu xiqqaattuus yoo bu’aa isiin gitu hin argine eenyulleen mirqaanaan waan qabsoof humna tahu ni laata jechuun hin danda’amu. Namni tokko sumunii akka harreetti lafarra butamee, dafqa soogiddaa xuruursaa argate takka irraa if qabee, garaa isaatti agabee yoo qabsoof laatu akkasuma jijjiirama arguus fedha. Yoo bu’aa hojii xiqqaa tokko kan diinagdeen inni gumaache san hojjatte arguufi dhaga’u daran waan danda’u gumaachuuf mirqaana. Sumuniin gatii malee baatu eenyullee aarsuu bira dabree akka nama okkotee jalaan uraatti bishaan waraabuutti abdii nama kutachiisuun hin oolu. Ummanni Oromoo arjummaan isaa akka bishaan garbaati. Qabsoo sabaatiif dhiisii Oromoon waanuma maraafuu qusannaafi leeccalloo malee arjummaa hoonga dabarteen diinagdee qabu gumaacha. Garuu saaqaaf suldiin isaan dhaaboota qabsoo oromoof kaaloo dhawaafi gumaata laachaa turan harki caalu achi buutee miila Bakar tahuu daran caaseeffamaafi kallattiin dhangala’iinsa diinagdee kuniis ifatti kan hin beekkamne tahuun baroota muraasaaf deeggarsa qabsoof godhaa turan irraa akka qocaatti mataa deebifachuu hin oolle. Haala kanaafi sababoota biroo baayyee irraa ka’uun humni galii diinagdee qabsoof taasisaa turan baayyee gad bu’uu malees ‘gumaachi keenya maaf gumaa baasuu dadhabe?’ gaaffii jettu keessatti kalaquun mamii keessoo isaaniitti biqilchuu hin oolle.

Akkuma qabsoon Oromoo dur gootota Oromoo qaqqaliin gaggeeffamaa turte san jiddutti ligiddeetti, akkuma adeemsi qabsoos guyyaa keessaa akka jibrii qasamteetti funyaan isii wallaalamee turte san diinagdeen qabsoos xiqqaachaa dhufuun dirree qabsoo caamsaafi dheebichaan halawwachiisuun ni beekkama. Arra immoo qabsoo kaleessa qabbanoofte san qeerroon gootoonni haareyatti akka ‘volkaanoo’ riphaatti tasa dhoo’uun, akka kanniisa orratti itti jiguun mootummaa gabroomfataa kana eega raasuu jalqaban kana boodaa harki qabsoof hiixachuu irraa kottoonfatee ture haareyatti diriirfamuu jalqabuun gumaacha qabsoof tinnisa laachaa jiraachuu isaa argaa jirra. Gur’uun madda galii qabsoo Oromoo tan baroota dhihoo gogdeefi muchi diinagdee sabbata hawaasa Oromoo gu’uu bira ga’e, hameessi dhalee jabbiif siila birriqiifi cirriqii illee hanqatee areera qabsoo waakkatee ture marti hamilee horatee haareyatti cophee dacha dachaan kunoo ammaas elmamuu jalqabee jira. Garuu ammallee hanqina bal’aatu jira. Gumaachi qabsoo gama diinagdeen hawaasni keenya taasisuu jalqabe kan nama ajaa’ibsiisuufi ummanni keenya alaaf keessaan hangam akka bilisummaaf dheebotees namatti mul’isuu dha.

Haatahuu garuu arrallee rakkoofi qaawni diinagdee qabsoof hawaasni gumaachu kun kallattii qajeelaafi sirriitiin hojiirra oolaa hin jiru. Akkuma kaleessa deeggarsaafi gumaachi diinagdee akka galaana hunquftuu hin beekkamnetti yaa’uutti nyam tahaa ture san arraas akka hin taaneen shakkii guddaa qaba. Sababniis bo’oon yaa’insa diinagdee qabsoof maddu kana walitti xuruursitee iddoo tokkotti galii barbaadamu sanitti geessitu sirnaan diriirfamtee waan hin jirreefi. Gama kaaniin immoo geeyriifi raammoo baala biqila qabsoo coruufi qoqoruuf kaayyeeffattee baayy’een waan jirtuufi. Eeyyee! namoonni bu’aa hawaasaa dura qochumaa isaanii guuttachuuf anfariiran maqaa qabsoo jalatti dahachuun roga adda addaa kan hin beekkamneen caasaa diriirfatanii gumaacha diinagdee ummanni Oromoo godhu kana quncisuuf tarreefi gareen qophaa’an akka jiran beekuutu nurra jira. Biyya keessaas tahee biyyoota ollaafi alaas kan jiraatan namoonni tokko tokko kijiba maqaa qabsootiin, sabboontoota qeerroo ykn kan hariiroo jabduu qeerroo waliin qaban fakkaachuun akkasuma tooftaafi sababa adda addaa baafatanii namoota dhunfaa qabsoof quuqaman irraa, ummata keenya kan dheebuu bilisummaa qabuufi warra qabsoo godhamaa jirtu kanatti mirqaanee waa gumaachuuf sardaman mara irraa waa cunfatanii xuruurfachaa turaniifi ammaas itti fufan baayyeen jiraachuutu dhagaa’amaa jira. Kana yoon kaasuufi baasee dubbadhu akka namni qabsoof waa hin gumaachine godhuuf osoo hin taane diinagdee qabsoof godhamu of eeggannaafi adeemsa sirriin godhuu akka qabnu isin yaadachiisuufi.

Rakkoolee jiran baruun furmaata barbaaddachuuf nama gargaara waan taheef hanqinootaafi qaawa gama diinagdee qabsoof burqu kana sirnaan hojiirra oolchuun wal qabatee nu mudatu kana furuuf tooftaalee jiran baayyee keessaa muraasa armaan gadii kana fayyadamuun hin hammaatu. Isaaniis:

1) Beektoonni Oromoo kan ogummaa dhimma kanaan wal qabatu qabdan gumaata diinagdee Oromoon sadarkaa addunyaatti jiran godhan kana caaseeffama adeemsa sirnaawaan wixiname, sirna bahiifi galii seera herreega addunyaawaa eeggateefi tooftaa qisaasama diinagdee hir’isuufi to’annaaf hordoffiifiis mijjaa’uu diriirsuun dirqama taha.

2) Namoota hin beekne ykn kanuma fuula interneetii irratti bartaniis tahee kan duraan beektanitti haal-dureefi qorannaa tokko malee maqaa qabsootiin maallaqa namatti ergitan dhimma kana gad buutanii itti yaaduu qabdan. Nama tokko waanuma sabboonaa fakkaatee nutti dhihaate qofaaf fedhiifi hamiilee warraaqsoota qabsoo gargaaruuf qabdanirraa kaatanii maallaqa inni maqaa qabsootiin isin gaafatu itti erguu dura roga adda addaan qorachuun maalummaa nama sanii mirkaneeffachuun dirqama taha. Maallaqa qabsootiif oolu gumaachuu qofa osoo hin taane eega gumaachan boodaas haala danda’amuun faana bu’anii hordofuun barbaachisaadha.

3) Maallaqni nuti qabsoo keenya itti finiinsuufi qeerroo jajjabeessuuf goonu kun yoo akka tasaa kallattii sirrii irraa maqe numatti nutti as deebi’ee gaaga’ama hamaa akka fiduu danda’uus hubachuun gaarii dha. Kanaaf of eeggannoo guddaa godhuu madditti tooftaafi mala ammayyaawaa salphatti adeemsa diinaatiif hin saaxilamne beeknee itti fayyadamuun gaariidha.

4) Biyyoota alaattiis tahee biyya keessatti jaarmaalee garagaraa keessattuu gurmiifi waldoota hawaasummaaf diinagdee kan qajeelcha sirnaawaa, adeemsa sirriifi jabaa tahe qabu, kan yaa’iinsa diinagdee irratti biyyaafi biyya alaa jidduu diriiree waan dantaa Oromoo eegsisuu danda’u carraaqu ijaaruun dirqama taha. Fknf, dhaabbilee daddabarsa maallaqaa kan akka’hawaalaatti tajaajilu.

5) Namoonni maqaa qabsoo sababsatanii qochumaa isaanii guuttachuuf gorora anfariirummaa cophsu takka dhaabbatee of ilaaluu qaba. Cileen adeemsa qabsoo keessatti dhuubamtee namatti haqamtu tun xurii seenaa keessatti dhiqan hin baane akka tahe yaadachuu qaban. “Ofii jedhii na dhugi siifiin dawaa qaba” jedhe dhadhaan. Akkasuma eenyulleen kan Oromoo tahe marti qochumaa arra beela’eef osoo hin taane sammuu bilisummaa beela’eef dhimmamuutu nurra jiraata. Quufni garaa guyyaa tokko qofaaf fayyada, quufni bilisummaa immoo umrii guutuu akka tahe yaaduu qabu. “Bololaan namaa hiraata ofii hata” akkuma jedhamu beela arraaf jettee seenaa kee umrii guutuu xureessuun fafa tahuu yaadachuun maallaqa maqaa qabsootiin nyaachuu irraa of qusadhu.

6) Namoonni biyya alaa jiran kan sochii sassaabbii diinagdee qabsoof oolu irratti hojjatan dhunfaan (tokko tokkoon) fiiguu osoo hin taane koree seera qabeessaafi beekkamtu takka ijaaruun ‘community’ keessan irraa bifa iftooma taheen diinagdee eega sassaabdan booda of eeggannoon diinagdee bakka barbaadamuun gahuuf wa’ada seenuu qabu. Dubbii akkuma afooshaa darreetti buxa dhabnee, saansakkaa yartuufi wal amantummaa kijibaa bu’ura godhachuu amaleeffannee qabnu takka of irraa hambisuu qabna. Wal amantaan keenya Oromummaa giddu-galeeffachuu qaba malee diinagdee qabsoo irratti hin hojjatu waan taheef “Akka obboleessaa waliin nyaannee, akka alagaa walitti herreeggachuu haa barruu.”

7) Namoonni akka dhunfaattiis tahee akka gareefi jaarmayaattiis maqaa qabsoon diinagdee hawaasni dafqa sooggiddaa xuruursee argatu irraa ofii agabee qabsoo sabaatiif gumaachu faaydaa dhunfaaf oolfatu, tooftaa adda addaa sababsatee namoonni qabeenya qabsoof madde dhimma biraaf oolfatu mara itti dhiheenyaan qorannee eega hattuu tahuu mirkaneeffannee booda saaxiluu. Namoonni garaa isaanii qofaaf yaadan arraas tahee boruus nun fayyadan waan taheef, warra dhiiga obboleeyyan keenyaa xuruurfachaa jiran keessaa hangafoota tahuu barree tarkaanfii irratti fudhachuus qabna.

8) Oromoon sadarkaa addunyaa irra jiru marti haala itti galiif gumaacha qabsoof jecha oolu irratti hojjachuun tooftaa herreegni maallaqaa qabsoof gumaatamu haala akkaawuntii tokkotti kuufamuu danda’u mijjeessuun namuu waan danda’u sumuniif shilingii qabu itti darbuun gumaacha irraa eegamu akka bahuu danda’anitti haala mijjeessuun gaariidha. Beektoonni keenyaas dhimmoota akkanaa haala danda’amuun irratti hojjachuun sirna herreegaa saayinsaawaa qopheessuu qabu. Keessattuu namoonni oggummaafi mala fooyya’iinsa herreegaa (businnes) qabdan roga kanaan waan baayyee carraaquun fafaafi hanna gama diinagdee qabsootiin deddeebi’ee nu mudatu furuun ummata keessaniif seenaa akka ibsitaniif afferrraa kooti.

9) Namni kamiyyuu osoo sirnaan hin beekkamne kophaa isaa ka’ee maqaa qabsoo jalatti dahatee diinagdee sassaabuu irratti hirmaachuu irraa of qusachuu, akka carraatti maallaqni maqaa qabsoon guurame yeroofiis tahu harka namoota dhunfaa yoo seene, koree keessatti qabduu maallaqaa tahuun kan mudaman bira diinagdeen yoo jiraate akkasumaas hanga qaama dhimmi barbaachisuuf dabarsinutti maallaqni isaan harka jiru of bira kaa’uu dhabuu ykn kiishii isaa keessa kaa’uu irraa of qusatee sirnaan mana baankiis tahee, dhaabbilee qusannaa maallaqaa bira seeraan yoo kaa’aan gaariidha. Maallaqni tokko yoo kan nu harka taa’u tahe namni niin baasa jedhee osoo hin taane tasa harkatti hir’achuu mala waan taheef iddoo seera qabeessatti yeroof illee taatu kuusuun gaarii dha.

10) Diinagdee warraaqsa qabsoo keenyaa dabaluu madditti diinagdee warra nafxanyootaa, kan warri wayyaanee rasaasaan bitatee nuun laboobu kana jalaa gad xiqqeessuuf tooftaalee adda addaan fayyadamnee hiyyummaa saffisaan itti buusuun gaarii dha. Hayyoonni biyya alaa jiraatan tooftaa salphaan hariiroo biyyoota guddataniifi fiinxaleeyyii adda durummaan wayyaanee maallaqaafi liqiin gargaaran akka dhaaban taasisuuf, oomishoota adda addaa alatti erguuf ykn alaa galchuuf biyyoota baayyinaan irraa bitaniifi itti gurguran waliin tahuun akka sirni daldalaa isaan jidduu jiru laamsha’u godhuufi qabeenya wayyaanee biyya teenya keessa jiran saamuun qaama qabsoo Oromoo gaggeessuuf laachuuniis tooftaa diinagdee qabsoo nu horachiisuu danda’an keessaa kan daaddaa hin qabnee dha.

Gabaabumatti tooftaafi maloota salphaa armaan olitti tuqees tahee maloota kanneen diinagdee qabsoo keenyaa madda irraa hanga qaama qabsoo gahutti qisaasamaafi gatii malee dhangala’uu irraa nu eewaluu danda’a jedheen yaada. Kana malees tooftaaleen kun humna diinagdeetiin of cimsuu keessatti haala salphaan nu gargaara. Kun tahuu baannaan immoo nuti yeroo mara mallaqa qabsoof jennee walitti baasuu malee bakkaafi qaama qabsoo biraas osoo hin geenye jiddu tanatti dhidhimamee hafuun humna warraaqsa qabsoos osoo hin taane namoonni muraasni akka itti duroomaniifi fandalaalaniif haala mijjeessa. Adeemsi diinagdee qabsoo yoo sirna hin qabaanne jalqaba sumarratti diina tahuu akka danda’u namuu hubachuu qaba. Kanaaf diinagdee qabsoof maddu mara sirna itti godhuun gaariidha jechaan ergaa koo goolaba. Horaa Bulaa!


Saphaloo Kadiir
Onk. 2016

14825677_1595663730447400_153002470_n 14875421_1600232373323869_1420917444_n 14914864_1600158856664554_1762858522_n 14914708_1600337733313333_706158879_n 14604834_10102641693551743_5618315487110967382_n 14826196_1596482330365540_2043345406_n 14825795_1595239513823155_1218466658_n 14825731_751240171680881_2143868157_n 14825691_1597873876893052_1698370583_n 14825525_1595563617124078_814370394_n 14825691_1597873876893052_1698370583_n-1 14813699_1594709170542856_538749698_n 14805390_1598855353461571_571185745_n 14801014_1595486097131830_1067498342_n 14801014_1595486097131830_1067498342_n-1 14800845_1594715677208872_993857122_n 14800804_1594455563901550_1222903450_n

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa