Onkolooleessa 28, 2016 – QEERROO NEWS: Qeerroo_News , #FDG – Mana Hidhaa Qilnixxoo fi Mana Hidhaa Impayeera Itoophiyaa. Damee Boruu Qeerroo irraa Irraa

Onkolooleessa 28, 2016 – QEERROO NEWS: Qeerroo_News , #FDG – Mana Hidhaa Qilnixxoo fi Mana Hidhaa Impayeera Itoophiyaa.
Damee Boruu Qeerroo irraa Irraa

Namootni tokko tokko damaqinsaa fi hubannaa gad fagaate dhabuu irraa kan ka’e dhiphuu fi jireenyi salphinaa kan saba Oromoo itti dhufe waggaa diigdamii shanii as qofa itti fakkaata. Keessatti dhaloota qubee warri jennu kun dhalatanii kan dhidhiitamaa fi tumamaa guddatan Mootummaa TPLF jalatti waan taheef Mootummaa TPLF wajjin diddaan qaban kan hiikamuu fi araaramuu danda’u miti. Karaa biraa diddaan sabni isaanii Mootumaa Impayeera Itoopiyaa wajjin waggaa dhibaa fi shantumaa ol qabu kan hiikamuu fi araaramuu danda’u akka hin taane isaan hubachiisuun dirqama warra beeknu akka tahe hubachuu qabna.
Bara Mootummaan Habshaa tokko kufuuf ka’u akkaata itti mootummaa haaraa Impayeera Itoophiyaa tiksu haaroomu irratti namootni qaamaan Oromoo tahan gahaa guddaa qabachuu isaanii seenaatu raga baha.

Har’a illee dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaanii dhagalaasaa uummatni bal’aan Oromoo bilisa bahuuf dararamaa jiru irra tarkaanfatanii bu’aa lubbuu isaaniif argachuuf uummata Oromoo hidhaa Impayeera Itoopiyaa jalatti hambisuu wixxifachaa jiran arguun kan nama ajaa’ibu miti. Kan nama ajaa’ibuu qabu uummatni Oromoo akkasi dammaqee, mirga isaa fi dhima isaa hubatee ka’e yoo ayyaan-ilaallatota kanaaf gowwome mana hidhaa Impaayeera Itoophiyaa jalatti hafe dha. Gaafi sana hadheessamuu qabu Uummtni Oromoo humna TPLF cabsuu yoo qabaate harcaatuu Mootummaa Habshaa fi gantuu saba Oromoo cabsee abbaa biyyumaa isaa mirkaneefachuuf dirqama sabummaa qaba. Galami qabsoo godhamaa jiruu sadarkaa ol’aanatti abbaa biyyumaa irratti xiyyeefachuu irraa eegama.

Mee gara mataa duree koon deebi’a. Impayeerri Itoopiyaa uummata bal’aa Oromoof akkuma mana hidhaa Qilnixxoo ti. Uummatni Oromoo mirga isaa sarbamee , seeraa fi heera malee, samamaa, ajjeefamaa, dhiitamaa akka gad aantutti ilaalamaa waggaa dhibaa fi shantamaa ol fedhii isa ala mana hidhaa kana keessa jiraate Har’a immoo ibidaannis gubbachaa jiraachaa jira. Garatti keessaa baqatee bahuu hin qabu. Mootonni Habashaa yoo darbiin itti wal furan iyyuu kaayyoon isaanii tokkicha. Yoo danda’an sanyii uummata Oromoo lafa irraa duguganii balleessuu dha. Yoo dadhaban immoo akka mana hidhaa kana keessaa hin bane cancala itti jabeessanii maruu. Mana hidhaa Impayeera Itoopiyaa keessa uummata Oromoo maratu jirata. Baayyina isaa kana irraa kan ka’e guyyaa guyyaan suuta suuta gubatus, ajjefamus, biyyaa arhatamus irraa hafee as gaheera.

Mana hidhaa Qilnixxoo ilmaan Oromoo haqa saba isaanii ni dhaabbatu jedhee diinni hubatu funaamanii bakka itti ukkamamanii keessaa tokko. Mirga fi haqa akka ilma namatti qaban diinni kun isaan irraa sarbee jira. Irbaata gahaa fi nagaa dowwachuudhaan akka fayyaa isaanii dhibamu godha. Mana hidhaa keessatti gergoon, hinjiraanii fi tafkiin wal horee akka hirba isaan dhorkuu fi akka dhukkuba adda addaan dhuman isaan gochaa jira. Kunuu xinnaatee yaroo barbaaduu tokko tokkoon gad fudhee waxxala. Namootni yartuun ilmaan saba isaanii biratti kabajaa guddaa qaban reebichaan salphisu. Yaroo itti ilmi nama du’a hawwatu keessa akka jiran wal nama hin gaafachiisu.

Mootummaan TPLF mana hidhaa gubuu akka meeshaa waraanaa itti dhima bahaa jira. Akka namonin dhima mootumaa kana keessa isaa beekaan jedhanitti waan lamaaf. Inni duraa namoota hidhaa keessa jiran yaroo seeraa fi heera malee ajjeessuu barbaadan mana hidhaatti ibida ka’u. Yookan ibodatu ajjeessa yoo ibida baqatanii bahan immoo rasaasan akka’u. Kana waan biyyi lafaa ijaan argeef waan ragaa nama barbaachisu hin qabu. Inni lamaffaa mana hidhaa gubachuu sababa gochuudhaan namoota barbaadan ajjeessanii yaroo maatiin dubbisuu dhufuu bakka biraatti jijjiramanii jiru jedhu. Bakka itti jijjiraman immoo maatiin gaaffachuu mirga hin qabu.Isaanis hin himaniif. Maatiin mana hidhaa irra deemanii yaroo dadhaban ni dhiisu. Maatiin jaalallee isaaf boo’ee illee garaa kutachuu iyyuu hin danda’u.

Waan baayyee sammuun keenya fudhachuu dadhabe hammeenya Mootummaan TPLF uummata Oromoo irratti hojjetaa jiru miti. Yaroo hundaa mootummaan uummata humnaan bushu, uummata doorsisuuf ni yaala. Garuu warri hammeenya kana fakkaatu hojjetan dhugaan dhala nam irraa dhalatan immoo dhagaa gammoojii Tigray keessaa bahaan? Haadhaa fi Abbaa ni qabuu? Obboleessaa fi Obboleettii ni qabuu? Kun yoo hafe namuma jalatanii fi isaan jalatan jiraa? Utuu kan isaanii akkasi jalaa ajjeefamanii gaddi isaanitti dhagama laataa? Warri kun waan dhala nama irraa dhalatan tasa hin fakkatan. Warra kana maalummaa isaanii himuun nama rakkisa. Warri kun bineesa irraa iyyuu achi fagoo jiru. Waan warri kun gochaa jiran dhaguu fi arguun nama sukkaneessa. Mootummaan hunduu ni darba, kan hin dabarree seenaa fi uummata. Mootummaan Hitlerii fi Mosolonii biyya lafaa bituuf humna qabna jedhanii warra yaadanii iyyuu kufeera. Mootummaa TPLF kadhaa fi sobaan guyyaa dheerefatuu miti. Garuu seenaa maal fakkaatu uummata keessaa dhalataniif dabarsanii darbuu barbaadu?

Gubanii fi ajjeessanii akka kan lubbuun jiru illee hin waldhaanamne gochuu fi reefa maatii dhowwachuun waan takkaa biyya lafaa irratti argamees, tahees hin beekne dha. Ilmaan Ormoo warra har’a nuyi maqaa isaanii illee hin beekne mana hidhaa kana keessatti wareegaman, kan guyaa guyyaan karaa irratti fi dhagala keessatti ajjeefaman gootota keenya. Xinnaa fi guddaa Oromoo bilisummaa saba isaaf wareegaman seenaan saba Oromoo boqqonna duraa irra isaan kewwata. Yaroo baayyee goonti Oromoo yaadatamanii fi farfaman erga wareegamanii booda. Seenaan qabsoo uummataa gootoaa haara takkaa hin yaadamne ni uummata. Fayisaa Lellisaa figitii maraatonii irratti itti dadhabee, itti dafqee yaroo injifannaa fi badhaasa dhunfaa isaa argachuu qaqqabe saba isaaf dabrsee kenne. Lubbuu isaa dabrsee kennuu irraa adda miti.

Yaroo gabaabduu sana keessatti biyyi lafaa uummatni Oromoo eenyu akka tahe maqaa isaaf adda baasee hubate. Qabsoo ummata Oromoof illee fira hedduu hore.Ummtni isaas bakka jiru maraa kabajaa fi galata guddaan isa simata. Maqaa Fayisaan durbi ni weedifti goonni ni geerara. Artistonni Oromoos yaroo gababa kana keessatti sirba gootummaa isaaf baasaniif jiru. Kan saba Oromoof of keennee wajjin dhaabbate akkasi faarsamuu qaba. Kan lammii isaa gannee diinaaf dabarsee kenne immoo abaramuun karaa dha. Biyya ala kana keeassatti waan deemaa jiru fedhii numummaa irratti hirkatee deema malee kan fedhii subummaa irratti hirkatee deemu baayyee xiqqaa dha. Namni biyya irraa ala bahu dhafee haala kana hubachuu hin danda’u. Waan akka gaarerraa nama hundaa fakkatanii socho’anii yaada deemanii hubachuun ni jabaata. Fayisaa illee gatii isaa sukkumaa gara Itoopiyumaa sanatti warra dhiibuu yaalan ni agarra.Fayyisaan illee nama dammaqaa waan taheef seenaa saba isaaf tolche kana haree kositti hin gatu.

Har’a tokko tokkon qabsawwan Oromoo warri ofiin jennu essa akka dhaabnu murteefachuu qabna. Ummanti Oromoo Mootummaa TPLF kana humnaan of irra gate malee hammeenyi takkaa dhagamee fi argamee hinbeekne irratti raawwachuuf akka deemtu hubachuu qabna. Qabsawan Oromoo dhaabbii hin qabne yaroo Mootummaan Habshaa jiguuf ka’uu utubuu tahuuf warri hirira galan TPLF irra adda bahanii ilaalamuu hin qaban. Ummatni Oromoo warra abba biyyummaa isaa fi isa jidduu dhufan barbadeessuu malee filmaata biraa hin qabu. Galatni ABO kaayyoo bilisuumma saba Oromoo qaqqbsiisuu fi fudhachiisu. Uummatni Oromoo kayyoo bilisummaa kana fudhatee Kabaa amma Kibaa , Bhaa amma Dhihaa ka’ee jira. Kana booda hojiin ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo sabni Oromoo oofaa jiru qindeessuu, hoogannuu fi galma isaa akka gahuuf tooftaa fi tarsiimoo barbaachisuu haala yaroo wajjin diriirsuu dha.

.Biyya ala keessatti harcaatonni nafxanyaa biyyaa Itoopiyaa boontuu, afaan tokko, aadaa tokko fi alaaba tokko qabduu owwalaa TPLF irratti ijaara jedhanii ayyaan ilaalatoota Oromoo tokko tokko ofti qabanii mootummaa cee’umsaa ijaarra jedhanii wixxifachaa jiru. Yaroo haala kan argan namootni Oromoo tokko tokkoo gaaffii adda addaa kaasu. Gaaffii isaanii kana keessa : Gaaffiin Ummata Oromoo maal? Hegreen uummata Oromoo maal taha? Abbaan qabsoo kanaa eenyu? Gaaffillee kana namnuu akkuma fedhii isaa fi hawwii isaati deebifachuu yaaluun ni mala. Haa tahu malee dhugaa jiru dhoksuun hin danda’amu.

Dubbiin nama yaadeesssu madda dhugaa qabu irraa akka dhufaa jiru nuuf gala. Yaroo Impaayeeri Itoopiyaa jiguuf ka’uu kan dura utubuuf dhiyaatu namoota Oromoo ti. Warri kun uummata Oromoof jedhanii utuu hin taane fedhii mataa isaaniif jedhanii warra lammii isaanii guyyaa walkaa gabaa baasanii gurguratan. Yoo har’as warri kun hin jiran jenne dhugaa fagaachuu taha. Bareechanii jiru. Har’aan kana haala darban irraa maalitu adda godha yoo jennee dammaqinsaa fi murannoo uummatni Oromoo qabo bilisummaaf dha.

Gaaffiin Ummata Oromoo abba biyyummaa akka tahe karaa dogongora hin qabne ifa godhee jira. Abbaan qabsoo kanas Uummata Oromoo ti. ABO illee kan kaayyoo Bilisummaa kana uummata Oromoo fudhachiise irraa molqachuu hin danda’u. Kun dubbii dhume waan taheef keessa deebi’aanii akka madaa jaldeessaa xuxxuqaniin jijjirama hin fidu. Ummatni Oromoo abbaa biyyummaa isaa erga mirkanneefate sabootaa fi sab-lammii naannoo isaa jiran wajjin nagana jiraachuu irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Har’as diina waloo kana waliin dhabamsuu irratti hojii qabsoo baredaa deemsisaa jira.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!

14610869_749979358473629_2641280639026119660_n 14696854_1595472277133212_1987368484_n-1 14696854_1595472277133212_1987368484_n 14718841_751013871703511_7373528102553204872_n 14720429_1164384150296015_3683364682035139769_n 14793785_1594422547238185_608831423_n 14794078_1594586527221787_1683129887_n 14800804_1594455563901550_1222903450_n 14800845_1594715677208872_993857122_n 14801014_1595486097131830_1067498342_n-1 14801014_1595486097131830_1067498342_n 14805390_1598855353461571_571185745_n 14813699_1594709170542856_538749698_n 14825525_1595563617124078_814370394_n 14825691_1597873876893052_1698370583_n-1 14825691_1597873876893052_1698370583_n 14825731_751240171680881_2143868157_n 14825795_1595239513823155_1218466658_n 14826196_1596482330365540_2043345406_n14872410_1598009066879533_1588566048_n 14825691_1597873876893052_1698370583_n 14877257_1597892876891152_94853976_n 14885886_1598014033545703_471802611_n 12747921_958711487511681_960676889648578015_o 14877051_1596720817008358_1253468515_n 14877686_1596601050353668_625744428_n 14885783_1596741273672979_626566501_n 14886302_1596519503695156_477885547_n 14877057_1598034146877025_1950788297_n 14877012_1596576380356135_1205361093_n 14876393_751242021680696_530796886_o 14875080_1596687023678404_1470525973_n 14874836_1596518057028634_172604979_n 14872586_1595384230475350_1510028602_n 14872433_1596868360326937_538967429_n 14826465_1596830060330767_2133496903_n 14826196_1596482330365540_2043345406_n 14825795_1595239513823155_1218466658_n 14825731_751240171680881_2143868157_n 14801014_1595486097131830_1067498342_n 14801014_1595486097131830_1067498342_n-1 14800845_1594715677208872_993857122_n 14825525_1595563617124078_814370394_n 14813699_1594709170542856_538749698_n

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa