ARRAAS BORUUS GOOTOONNI WARRAAQSA QABSOO OROMOO QEERROO BIYYA KEESSAATI! (Saphaloo Kadiir irraa)

ARRAAS BORUUS GOOTOONNI WARRAAQSA QABSOO OROMOO QEERROO BIYYA KEESSAATI!
(Saphaloo Kadiir irraa)

Gariin namaa ilaalchaafi yaada akkam akka guduunfatee deemu yoon hubadhu na gaddisiisaas, yeroo gariis immoo na aarsa. Dhugatti nama tulluu guddoo mul’attu qeeydii hanga shanachaatiin haguuguuf yaalu tokko yoo agartan maal jettaniin isin? Ani gama kiyyaan osuma akka maraataatti na ajaa’ibsiisuuti, akka gowwaattiis na aarsa. Gowwaan maaliif si aarsa akka naan hin jeennee hadaraa. Naan jettaniis gowwaan waanuma nama aarsu malee waan nama gammachiisu hanga firii xaafii hojjachuu hin beeku waan taheef nama aarsa. Nama aarsuu malee nama araarsuu hin beeku kaa gowwaan. Waa malee gowwaa kana hin balaaleeffadhu bar yaa ambayyoo. Yeroo mara gowwuma keenya kan daafanaa ambaa jala eegee wix-wix godhuutu nu galaafachaa ture waan taheefi. Mata duree barruu kootii kana “Arraas boruus gootoonni warraaqsa qabsoo qeerroo biyya keessaati!” jedhee yoon jalqabu waa hedduun argeefi dhagaye irraa ka’eetiin filadhe. Gariin namaa (kan akka kiyyaa) sodaaf zaraaraa manaa jalaaa fagaatee, abaada qaxxaamuree bakka biraa osoo jiruuti warraaqsa biyya keessaa kana akka waan inni bu’uree, ijaaree, sochoosaafi kabaatiis jiruu of fakkeessuuf dhuundhum torba ol hiixata. Arraba isaa hanga karabaatii of keessaa harkisa. Ani kan jedhu, barana namni hojjaafi dandeettii isaa malee ol harkifachuu maaf jaalataa? Ofii ol hiixachuun mudhii nama kuttiin gurra isaaniirra bahee hin beekuu fakkaata.

Haa tahuuti garuu maali immoo namni ilaalchaaf yaadni miila miilaa maaf baayy’ata bara keenya kana keessa? Kan hojjatu kan biraa,kan ittiin faarfamuufi ittiin mul’achuuf akka re’ee kolkolee jala darbaniitti fiigu kan biraati. Saniifuu osoo namni biyya keessa jiru illeen anaatu itti abbaadhaan batachee naman aarsuu beektaa. Osoo qabsoon eessaa kaatee akka eessatti dhaabbatte illee irraa hin beekne, kan imaamaafi faaga warraaqsaa hin hubanne abbaa qofa tahuu fedhuus meeqa agarre. Maaliif abbaa tahuuf maraatan tan jettu osoo hin tahin dhimmi kiyya osoo ulaagaa abbummaa hin guutin abbaa tahuun akkamitti danda’amaa dha? Gaaffiin tiyya ifa isiniif tahuu isii hin shakku. Gariin namaa waanuma namni qotee, oomishe akka warra nafxanyoota duritti diriirfatee taa’ee nyaachuu fedha. Dhugaa jiru liqimsee waan wal hin fakkaanne walitti erbee waa fakkeessuuf yaaluun kun dur irra amma waan baayy’ate natti fakkaata yeroo garii. Meeshaa fakkaattuu hatanii hojjachuu waan chaayina jalaa baraniis natti fakkaatu. Eegaa! Dhiifama yoon akkana jedhu of irraa hambisee miti. Yookaa immoo komiifi koomaa qofaaf mudhii hidhadhee adafaanyii tahuuf miti. Garuu waan hin hojjatin ittiin if dhaadheessuun qooda silaa waliif kaayuu mallu akka waliif illee hin quuneefi waliif hin keenye nama taasisa. Waan tokko tan namni biraa itti dhiigeefi itti dhukkaa’e ani immoo maqaa itti argachuuf yoon shakaru xiqqo natti ulfaachuu qaba. Kan carraaqu kan biraa kan itti carroomuuf anfariiru kan biraa. Ajaa’ibaa bar dubbiin bara kanaa.

Ani kan na dhibe namni geengoo qabsoo tan ibidda wajiijaa keessa taa’ee wareegama qaalii kafalaa dhiigaaf lubbuun bu’aa galmeessaa jirulleen osoo maqaan hin kaafamne kan halaala fagoo jiru, kan adeemsa qabsootuu irraa hin hubanne akka nama qaphxii gaarii galmeesseetti yoo harka ol qabee maraatu maal jedhama? Maraatuu jedhama edaanuu! Dhiheenya kana immoo qaadhimaan sobaa baayy’achaa dhufuun kun daran nama danfisu bira dabree nama affeela. Hundinuu garuu qaadhimaa isaan hin malle abuurrachuuf yoo wixifatu mul’ata. Gariin immoo akka waan bilisummaan maqaa kiyya qofaan haa dhuftu jedhuu fakkaata. Osoo hin facaafanne asheeta nyaachuuf hawwuun immoo yoo hannaan taate malee hin yaadamu. Maaliree kan osoo firii lafa hin buufne asheeta tuttufachuu qofaaf akkas ilkee qaratu kun maaf baayy’ate? Yoo kan dhugaa walitti himnu tahe immoo warreen daangaa warraaqsaa ala jirru marti dubbuma dhandhaaruu, tarkaanfii wal dhoorkuufi kokkee wal danqaruu qofaaf waan hiriira dhaabbachaa jirru fakkaata dubbiin keenya. Keessattuu warri diyaasfooraa kun wal haqooquu, wal qeequufi wal jeequu malee amma taatu dhiisaa jirra waan biraa. Dhiirtii onnee qaraan kaatee, dhiiga facaasaa qabsoon injifannoo galmeessaa jirti. Nuti immoo gama teenyee akka ruummicha foon irrtti wal nyaatuutti dhiiga isaanii irratti baacna. Namni gariifaan inumaa waan qoosu fakkaata. Nuti osoo qabsoof harka hin laatin sabboonummaafi hayyummaa bilisaan lafaa yoo hammaarannu warri itti capheefi itti baqee bu’aa injifannoo boonsaan qabsoo faayaa jiran immoo qoodallee dhabaa jiraachuutu namatti mul’ata.

Nuti namoonni daangaa warraaqsaa keessaa achi utaallee jirru maqaa nuun hin malle gonfachuuf beexaluun keenya kun anfariirummaa maqaa qofaaf kan sakaraa jirru tahuu ragaa malee nutti mirkaneessa. Yoon kana jedhu xurree imala warraaqsaa keessaa gahee hin qabnu jechuu koo miti. Gaheen nuti qabnuufi bahaa jirru hantuuta tahee osoo jiruu maqaafi gita arba gahu haguugachuuf kaachuutu bal’inaan nurraa calaqisa jechuu kooti. Adeemsi qabsoo qooda malu waliif kaayaa deemuun dirqama taha. Nuti warri biyya keessa hin jirre kun si’eessitootaafi mirqaansitoota taanee fayyaa dayaa jechuun hamilee warraaqsitootaa cimsu, yeroofi bakka barbaachisaa tahetti immoo gaafa hanqinaafi rakkinni diingdeeisaan qunnamu waan dandeenyuun dirmatuufi gorsaaf yaadaan jajjabeessu, hanga waa hubannutti akeeka deemsa qabsoo tilmaamuu irra kan dabre qoodni akka isaanii kan hanga wareegama lubbuu kafalaa jirru hin jiru. Kunillee deeggartuufi tarkaanfachiiftuu qabsoo tahullee qabsaa’oota bakka of buusuuf nun dandeessisu. Eeyyee! Qabsaa’oonni kan dhiiga dhangalaasaa, lafee facaasaafi lubbuu ofii wareegaaf kennaa jiru saniin ala abbaan tokko hin jiru. Miila wal qixxeessanii diriirfataniituma barcuma irra ta’aa saniifuu biyya fagoo jiraachaa bu’aa qabsoon argamu saammachuufi maqaa ittiin cululuqsiifachuuf hamomoochuun kun ani akka kiyyaatti sirrii nattin fakkaatu. Saniifuu maqaa irratti wal xureessaa bu’aa ijoolleen biyya keessatti dhiiga dhagaa raphaa galmeessitu irratti wal nyaachuu feetan. Hundaafuu qeerroo xiiqiin warraaqsaa sossoose kana akka waan ofiif irratti hojjattanii qabsotti seensiftanii fakkeessuu dhiisaa. Qeerroo waliin osoo wal quban qabne qubaaf qeensa taanee hojjachaa jirra jettanii kijibuu dhiisa. Yoo waliin hojjachaa jiraattan immoo hoggaa isaan isin yaammatan eessa jirtan? Ani hangaan beekutti abbaan qabsoo ummata Oromooti. Loltuun qabsoo isaanii immoo qeerroo ilmaan isaaniiti kan isaanuma keessaa bahee harka duwwaa waraana agaazii gombisaa jiru. Warri bahar gama teessanii arrallee dubbii waliin dha’uufi qabsoo Oromoo laaquu kajeeltan marti dhaabbadhaa nurraa. Kanaaf jaalattaniis jibbitaniis gootoonni isaan dhiira dhugaa tahuun harka duwwaa biyya keessaa diinatti lubbuu sardaa jiru kanneeni malee nama biraa eenyullee miti. Ittiin daldaluufi ittiin dallaaluus lakkisaa.
“Jaalattaniis jibbitaniis Oromiyaan qeerroo goototaan ni bilisoomti!”


Saphaloo Kadiir / Abdulbasit
Onk. 2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa