GARGAARSI NAMUMMAA GARA LAAFUMMAA IRRAA JALQABAA! (Saphaloo Kadiir’iin)-FAKKEENYUMMAA GAGGAARII KANA WALIIF DADDABARSAA MAALOO!!!

GARGAARSI NAMUMMAA GARA LAAFUMMAA IRRAA JALQABAA!
(Saphaloo Kadiir’iin)

“Amna dheertuu tarkaanfii takkaan jalqaban” jedha Oromoon. Eeyyee! dhugaadha akkuma isaan jedhan san imala jireenyaas tahee imala daandii eenyulleen tarkaanfii takkaan jalqaba. Ilmi namaa kamuu daa’imummaa irraa jalqabee hanga lubbuun ardii tanarra jiraatu amna jireenyaa kana keessa imaluun isaa dirqama. Namni danda’ee takka hin tarkaanfatin immoo lama tarkaanfachuun itti ulfaata. Daandiin jireenyaa tun akkuma xurree karaa namaa oloof gadoo, diriiraaf daba, labbaaf tabba, qileef gooyla qabaachuun isaa beekkamaadha. Ilmi namaa jireenya isaa keessatti osuma daandii jiruu irra imaluu gariin haala gaariin amna goolaba, gariis immoo dadhabee karatti hafa. Silaa namni marti xumura daandii jireenyaa arguu numa fedha garuu jireenyaatu wal qixa namaaf hin hayyamne malee. Namni qananii jibbu hin jiru garuu jireenyaatu carraa qananii kana wal qixa namaaf hin laanne. Jireenyi roga namni barbaadutti hin imalu waan taheef eenyulleen daandii jireenyaa kana kallattii ofiin barbaadutti maqsuufi dabsuu hin danda’u. Xurreen imala jireenyaa of dandeessee tan ijaaramte waan taateef ilma namaatu sarara eeggatee irra deema malee isiin nama jala hin marfamtu. Bakka isiin micciiramtutti jala micciiramaa, bakka isiin diriirtutti irra qajeelaa deemuun dirqama ilma namaati. Ilaalchaafi hubannaan namni tokko haala jireenyaa kanaaf qabuufi akkaataan inni itti keessa imaaluus garaagarummaa qaba. Kabajamtoota ilmaan Oromoo dhiifama! Arra gurbaan falaasama kana mara maaf minnaaga akka naan hin jenne qofa. Seenaan dhaga’e takkaatu garaa na nyaatee sammuu koottiis gaafii tahee na xaxe. Gara tokkoon gadduus saba waliif dirmatu kana qabaachuu kiyyatti gammadeen sammuu koo miira wal makaa guduunfatteen, “Waan kana obbooleeyyan koo addunyaarra jiraniif yoon qoode hoo” jedhee yaade. Bakkaan irraa kaasuufi eessatti akkaan xumuru wallaaleen ka’uumsaaf falaasama jireenyaa kanaan isin wareersuuf dirqame. Akkuma namuu daqiiqaa tokkoof illee taatu “Maali laata? Jedhee of gaafatuuf yaadeen barreeffama kana mara seensa dubbii godhadhe. Mee isiniis obsaafi gara bal’ina Oromummaatiin hanga xumuraatti daqiiqaa muraasa naaf laadhaa dubbisaa.

Mata duree barruu kooti kana irratti “deeggarsi guddaan gara laafummaa irraa jalqaba” jedhee yoon kaasu waa malee miti. Waa’ee hundeeffama dhaabbata tola oolaa dhimma guddisa daa’imman maati dhablee tahan barsiisuuf hundeeffame tokko bu’ura godhachuun seenaa isaa isiniif qooduu fedheeti. Dhaabbatichi kun maqaan isaa Hawwii Guddinaa Jijjiiramaaf ykn ‘Development Hope For Change’ (DHC) jedhama. DHC’n Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Burraayyuu keessatti bara 2011 hundeeffamee, Ministeera Haqaa Ixoophiyaa irraa hayyama seeraa argate. DHC (Devilopment Hope for Change) ilmaan Oromoo dhaloota qubee tahan, kanneen hojiif waajjira adda adda keessa jiran muraasaan kan hundeeffame yoo tahu, hoji gaggeessitoonni immoo Dr. Waaqtolaa Wakgaarii, Tashoomee Dagaa, Alamaayyoo Sanbataa, Zegeyyee Tekluu, Aster Anemee, Wasanuu Yashixilaafi Margeta Emmiruu jedhamaniin gaggeeffama. Hundeessitoonni DHC osoo deeggarsa biraa tokkollee hin qabne mindaa ofiif argatan qofa irratti hundaa’uun daa’imman kana gargaaruuf kutatanii ka’uun hojjatan. Sabboontoonni kun fedhii lammii isaanii gargaaruuf qaban bu’ura godhachuun, humna diinagdee xiqqaa dhunfaan qaban adda qoodanii gara tokkoon maatii isaanii deeggaraa, gama tokkoon immoo daa’imman kana tajaajilaa jiran. Kun immoo ilaalcha dhugaa qabaachuu, saba ofii jaalachuu, lammii ofiif bu’aa gudda buusuuf hawwuu, gara laafummaafi namummaa dhugaa qabaachuu, murannoofi kutannoon if kennuu, dhaloota dhufu xurii doofummaa irraa qulqulleessuuf hawwuu akkasumaas qabsooniis roga baayyeen finiinuu akka qabdu hubachuufi beekuu irratti hundaa’a.

Magaalaalee godina addaa naannawa Finfinnee kan akka Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Bishooftuufi kkf keessatti daa’imman maati isaanii sababa dhibee HIV, rakkoo uumamaa, faalama naannoofi dhibee biraatiin dhaban baayyachuun hundeeffamuu DHC’f bu’ura tahe. Yeroo ammaa immoo dhibbeentaa guddaan baayy’achaa dhufuun daa’imman kanaa sababa qonnaan bultoota maqaa guddina sobaafi investimentiin lafa isaanii irraa mootummaan buqqasuu waliin wal qabatee kan uumame akka tahe ragaan qorannoo ni ibsa. Waggoota kurnan dabran kana magaalaalee ollaa Finfinnee kanatti daa’imman maatii hin qabneefi maatii harka qaleeyyii kan qonnaan bultoota Oromoo lafa qotatanii itti jiraachaa turan irraa buqqaafamaniiti jechuu ni dandeenya. Akkuma beekkamu magaalaalee naannawa Finfinnee jiranitti sababa saaminsa lafaatiin wal qabatee hawaasni Oromoo 70% hoji dhablee tahuun jireenyi itti ulfaatee, maatii dhiisii ofiifuu of jiraachisuun itti hammatee, kaan maatii dhiisanii dhumuun, kaan daa’imman isaanii daandii irratti facasanii achi buutee tahuun, maatiin gariis osuma lubbuun jiranii ilmaan isaanii barsiisuu dadhabuun, kaaniis dirretti gad naqanii biyyaa irraa baqachuuf kan dirqamanii dha. Sababa kanaan daa’imman gargaarsaafi irkoo malee dirree irratti faca’an baayyachuuf sababa guddaa tahe. Badii malee maatii dhabanii, qabeenya isaaniis saamamanii gargaarsa tokko malee dirretti faca’anii jiraachuun ijoollee tanaa warreen maqaa isaanii olitti tuqeefi hundeessitoota dhaabichaa tola oolaa tahan kanaaf boqonnaa laachuu hin dandeenye. Kanumarraa ka’uun “maaliif obboleeyyan keenya abdii boruu tahan, kan arra ifni addunyaa itti dukkanaa’e kana waanuma dandeenyuun hin gargaarre?” Gaaffii jedhu irraa ka’uun yoo deebii barbaadan falli hanga humna isaanii haala mijjeessanii daa’imman kana walitti qabanii barsiisuuf muratan. Bu’urri hundeeffama dhaabbaticha guddisa daa’immanii ‘DHC’s kanuma ture.

Kaayyoon guddaan dhabbata ‘DHC’ ijoollee maatii isaanii sababa adda addaatiin dhaban roga barnootaafi jireenyaatiin deeggaruu dha. Daa’imman maatii isaanii lachuu yookaa gar-tokkee (haadhaafi abbaa keessaa tokko) dhabanii daandii irratti harca’an walitti qabuun carraa barnootaa laachuu, jireenya isaanii fooyyeessuu, rakkoolee jireenyaa hamaa kan akka araada adda addaaf saaxilamuu, hojii umrii malee hojjachuu, hannaafi saamicha irratti hirmaachuu, hanqina nyaataafi dhibeen (HIV) akka hin gaaga’amneef hanga danda’ametti balaa irraa baraaruuf akkasumaas maatii harka qalleeyyii ijoollee isaanii jiraachisuu hin dandeenye, sababa hiyyummaatiin mana barumsaatti erguun barsiisuus hanqatan waan adda addaatiin deegeruun akkaa isaan jirataniifi barataan godhuuf hojii jalqabe. Kanumarraa ka’uun dhaabbatichi kun yeroo ammaa daa’imman 65 kan deeggaraa jiru yoo tahu, daa’imman umrii waggaa 6-12 jiddutti argaman hanga isaan if danda’anitti keessummeessa. Fuula dura immoo dhaabbanni kun wiirtuulee isaa tan baruumsaafi dahoo daa’immaniis gara magaaloota adda addtti keessattuu naannawa Finfinneetti babal’isuun yoo xiqqaate ijoollee 400 ol walitti qabee gargaaruuf karoorfatee jira. Haatahuu malee harcaatiifi facaatiin daa’imman maatii dhablee fi maatii harka qaleeyyii tahan gandootaafi magaalaalee godina addaa naannawa Finfinnee jalatti argaman kanatti baayyaachaa dhufuun, hundeessitoonni dhaabbatichaas diinagdee isaanii qofa irraa dhaabbachuun ijoolluma harkaa qabanillee fedhii isaanii guutuu dadhabuun daran akka isaan dhiphise ni dubbatu. Dhaabbanni kun kaayyoo olitti ibsame kana dabalatee tajaajiiloota kunuunsa daa’immanii gahaa, sagantaa deeggarsa adda addaa, tajaajila ijoollee qaama hir’uufi rakkoo dhibaa’iinsa sammuu qabaniifiis kennuuf karoora qaba.

Garuu akkumaa beekamuu yeroo ammaa jiruufi jireenyi biyya keenyaa hammaachaa deemuu daran akka namnii of bira darbee namaa biraa hin gargarre godhaa jira. Kun immoo gargaarsa ijoollee tanaaf godhuu irrattiis dhiibbaa taasisuun hin oolle. Gama biraatiin dhaabbatichi kun galii diinagdee roga biraa irraa argatu hin qabu. Dahoon kun galiin isaa diinagdee hundeessitoota dhaabbatichaa qofarratti kan hundaa’e waan taheef, qaamni tokkolleen kan dhaabbaticha kana roga diinagdeen gargaaruus waan hin jirreef yeroo ammaa humni danda’amee ijoollee tana guutumatti deeggaruufi fedhii isaanii guutuun hin danda’amne. Gama biraatiin yeroon ammaa wayta ijoolleen mana barnootaa jalqabanii dha. Ijoolloota kana mana barumsaattii erguuf immoo wantoota barbaachisan kana akka uniform, meshaalee barnoota dabtarii, qalamaafi kkf isaan barbaachisa. Obboleenyan keenya kuniis waggaa dheeraa daa’imman sababa gara garaatiin maatiifi guddiftuu dhabanii daandii irratti faca’anii jiraatan hanga humni isaani hayyamu gargaaraa turan. Arrallee gargaaraati jiran. Nutiis immoo obboleeyyan keenya kan lafaa dhufaa jiru kana sabboontoota kanaa waliin harka qabnee kaasuuf gara laafummaa haa qabaannu. Kanaaf daa’imman Oromoo umrii malee harcan kanneen daandii irratti akka hin hafne dandamachiisuufi barnoota akka argatan godhuuf yoo xiqqaate namnii shan nama tokko illee taatu yoo gargaare bu’aa guddaa buusuu dandeenya jedheen yaada. Kuniis dirqama orommummaa fi jaalala lammii irraan kan ka’e ta’uus qaba. Qabsoo keessaa kuniis roga qabsoo isa tokkoofi hangafa akka tahe hubachuun gaariidha. Haa xiqqaatu haa guddatu namuu sumunii yoo gumaache ijoollee tana galmaan gahuu dandeenya. Dhaloota dhufu kan xurii doofummaa irraa qulqullaa’e oomishuun gahee keenya guddaadha. Kanaaf, ilmaan Oromoo addunyaa irra jirtan, kan garaa laafuufi lammii isaa jaalatu kamuu ijoolleen tun maal keessa akka jirtu gaafadhaa, waan qabdaniiniis deeggaraa jechaan mar’umaan roora’u, garaa boora’uufi ija imimmaan guduunfattuun dhaamsa koo goolaba. Waan dubbiftaniif galatoomaa.

14370064_1149332991828182_5212638699883893731_n 14355670_1149332938494854_2461446516258456144_n 14364673_1149332851828196_233729389564756145_n 14368890_1149332828494865_6048907784006743525_n 14355527_1149332775161537_5445999820029585893_n 14333851_1149332535161561_7989029050499044281_n
Warreen xiqqoo qabdan ijoollee tanaaf gumaachuu barbaaddan:
‘Oromia International BANK, development hope for change account number 427240’
– Warreen Qunnamuu Barbaaddan immoo:
Obbo Margeta Immiruu: General Manager (DHC)
Mobile Number: +251913421791
Email: marg421691@gmail.com
Facebook page: Development Hope For Change-DHC

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa