SOCHII DIDDAA GABRUMMAA SABA OROMOO-(Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)- Gaaromaa Waaqasaa’tiin-DUBBISAA WALIIF DADDABARSA

Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo
(Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)

Seensa
garomabwakessa2011_1Barreffamni kun kan xiyyeefate sochii saba Oromoo sababa moottummaan abbaa irree Itoophiyaa “Finfinnee Karoora Guddicha Oromiyaa waliin walitti dabaluu “Addis Ababa – Oromia region integrated master plan” jechuun base mormii bara 2014 baatii Eeblaa keessa eegale irraa kaasee hanga ammaatti sochiiwan bifa adda-addaatiin adeemsifamaa ture fi ammas kan itti jiru irrati dha.

Karoorri magaalaa Finfinnee diriirsuuf moottummaan Itoopiyaatiin bara 2014 keessa labse, magaala Finfinnee fi magaalaalee 36 naannoo Finfinnee jiran walitti dabaluuf kan aggaamame ture. Sababa kanaanis yoo xiqqaate qotate bulaa Oroomoo miliyoona lamaa ol ta’an qee abbaa isaanii irraa buqisuuf kan karoorfame yoo ta’u lammii isaanii gaaga’umsa irraa baraaruuf barattootni Oromoo yuunivarsitii karoora kana gufachiisuuf sochiii mormii eegalani. Sochiin barattoota yuuniversitii Ambootiin eegalame guyyoota yartuu keessatti gara man barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi gidduu galeessa akkasumas gara gandoota Oromoo maraatti babal’ate. Kunis ibidda hoongee ta’ee magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo waliin gahuun karoorri moottummaan abbaa irree baafate ibdatti shidame.

Loltootni moottummaa Itoophiyaa sochii diddaa saba Oromoo kana gara jabinaan tarkaanfiilee irratti fudhate, Oroomota 80 ol ajjeesani, dhiboota madeessani, kumaatama gara mana hidhaatti guurani. Humna waraanaatti dhimma bahuun yeroof dhaamsuu danda’ani. Yeroof human waraanaatiin ukkamsamee ganna tokkoof eega turee booda qophii fi qindoomina guddaadhaan Sadaasa 2015 keessa magaala Gincii keesatti sochiin bifa haarawaan eegalame. Fincilli diddaa saba Oromoo marsaa lammaffaaf magaalaa Gincii keessatti buruqe magaalaalee fi baadiyyaa Oromiyaa guyyoota yartuu keessatti waliin gahee hanga har’aatti itti baatiiwan sagal oliif osoo wal-irraa hin citiin gageeffamaa jira. Bareefamni kunis sochii diddaa saba Oromoo baatilee saglan dabran keessa ademsifamaa ture irratti kan xiyyefate dha.

Baatilee sagalan dabraniif haawaasni Oromoo sochii diddaa gabrummaa gageessaa ture fi itti jiru:
• Sochii mormiii haawaasota biyyota biroo wal-fakkaatan waliin wal cinaa qabuun ilaaluu yaalla
• Fincilli diddaa gabrumaa saba Oromoo keessatti leelisitootni, gaggeesitootnii fi hirmaatotni eenyu dha?
• Sochii diddaa gabrummaa saba Oromoo keessatti hawaasni Oromoo biyyaa ambaa keessa jiraatan irra maal tu eegama? maaltu raawatame? maaltu hanqata?
• Scochiin diddaa gabrummaa saba oromo yeroo barreefamni kun qophaa’e maal irra gahee jira? bu’aa maal galmeesise? maaltu hafe?
• Bifoota, gosootaa fi sadarkaalee sochii hawwaasotaa
• Hooggantoota, Leellistoota sochii hawaasaa Kan jedhaanii fi kan kana fakaatan bareefama kana keessati ka’anii jiru.

2. Dimishaasha – Sochiin Hawaasaa Maal Inni?

Sochii hawaasaa jechuun yeroo uumantni bal’aan, yookiin tutni (gartuun) jijjiirama argamsiisuuf yookiin ammoo jijjiirama dura dhaabachuuf qindominaa fi gamtaadhaan sochii taasifamu jechuu dha.
Sochiin hawaasaa waan lama irratti xiyeefata yookiin fuuleffata.
Isaanis:
• Sochiin hawaasaaan yookiin tutaan (gartuudhaan) karoorfame kun maal jijjiirruuf deema?
• Sochiin hawaasaan yookiin tutaan (gartuudhaan) karoorfame kun jijjiirama akkamii fiduuf deema?
Kan jedhan dha. Sochiin hawaasa a jijjiirama fooye’insa yookiin jijjiirama bu’uuraa argamsiisuu akka danda’u sochilee kanaan dura biyyoota adda-addaa keessatti ta’an ni mirkaneessu.

2.1 Gosoota Sochii Hawaasaa

Sochiin saba bal’aa yookiin gartuudhaan gageefamu gosoota jiran keessaa tokko filachuun dhimma itti bahuu danda’a. Gosootni sochii hawaasaa bakka afuritti qoodamu.
Isaanis sochii hawwaasaa:
• Sirna hojii irra jiru irraa fooyyaa’aa kan ta’e argamsiisuuf tattaafii kan taasisu (Alternative change)
• Sirna jiru bakkuma jirutti fooyyesuuf sochii taasifamu (Redemtive change)
• Sirna jiru irratti haarawaa dabaluudhaan akka itti fufu sochii taasifamu (Reformative change)
Qabsoodhaan sirna hojii irra jiruu bu’uuraan jijjiiruuf sochii taasifamu (Revolutionary change.

2.2 Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayyaa 2016).

Fincilli didda Gabrummaa yeroo ammmaa uummata Oromootiin gaggeefamaa jiru fi ABO’n hoogganamu:
• Guutummaa Oromiyaa keessatti, saba Oromootiin diddaa gabrummaa gaggeefamaa jiru dha
• Sochiin diddaa gabrummaa saba Oromoo, gaaffiilee, mirgoota bu’uura t irratti hunda’anii dha.
Isaanis:
• Gaaffii mirga eenyummaa/mirga sabummaa.
• Gaaffii mirga abbaa biyyummaa/bilisummaa Oromiyaa.
• Gaaffii mirga qabeenyaa/qabeenyaa Oromiyaa dhuunfatuu fi irratti ajajuu.
• Gaaffii mirga siyaasaa/bilisa ta’anii akeeka siyaasaa fedhan deggeruu fi mormuu, dhaaba siyaasaa fedhan ijaarratuu, deggeruu fi hooggana siyaasaa fedhan filatuu fi filamuu
• Gaaffii mirga aadaa ti/mirga aadaa Oromoo: qabaachuu, babal’isuu, kunuunsuu.
• Fincilli diddaa gabrummaa saba Oromoo yeroo ammaa gaggeessa jiru, gaaffiilee mirgoota bu’uuraa of keessaa waan qabuuf jecha, jijjiirama bu’uura kan barbaadu dha. Kanaaf , Fincilli diddaa gabrummaa saba Oromoo baatilee dabran sagaliif osoo wal irraa hin citiin gaggeefamaa jiru dha.
Sochiin diddaa gabrummaa saba Oromoo jijjiirama bu’uuraa qabsoo dhaan argamsiisuuf taasifamaa jiru dha (Revolutionary change) jechuun ni danda’ama

3. Sochii Hawaasaa Keessatti Leellistootni Eenyu?

Leelisitootni (Activists) namoota jijjiiramni akka dhufuuf: yeroo, humna,qabeenyaa fi beekumsa isaanii guutummaatti kaayyoo kanaaf dabarsanii kennaani dha.
Isanis:
• jijjiirama fiduuf hawwii guddaa fi mul’ata hegeree namoota qabani fi
• Namoota jijjiirama fiduuf dandeettii qaban, fi jijjiiramni dhufus haala jiru irra bu’uraan kan fooyya’e ta’uu isaatti kan amanani dha.

3.1 Fincilli Diddaa Gabrummaa Sabni Oromoo Yeroo Ammaa Gaggeessaa Jiru Keessatti Leelistootni Eenyu?

Sochiin diddaa gabrummaa saba Oromoo baatilee sagalan dabran keessa osoo wal –irraa hin citiin , saba Oromoo bali’inaan kan irratti hirmaachisaa jiru dha.

Fincilli diddaa gabrummaa saba Oromoo Sadaasa 2015 irraa eegalee hanga ammaatti itti fufee jiru kun sochilee hawaasaa biyyoota adda-addaa keessatti tasifaman irraa kan adda isa taasisu, bal’inaan hawaasa Oromoo hirmachisuu fi yeroo dheeraaf osoo wal-iirraa hin citiin itti fufuu isaa ti.

Leelistootni sochii diddaa gabrummaa saba Oromo kun:
• Barattoota Oromoo:
• Barattoota yuuniversitii fi koolajii.
• Barattoota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi tokkoffaa.
• Daa’imman mana barnootaa hin seenne ijoollee baadiyaa fi magaalaa, umurii ganna afurii fi ol.
• Ogeessota fayyaa fi hojjettoota waajjira hospitaala keessaa.
• Haadhoti fi abbootii , qotatee bulaa.
• Manguddoota Oromoo (Akkoo fi Akaakayyuu)
• Barsiistota mana barnootaa sadarkaa adda-addaa , artistoota.
• Hojjettoota fi daldaltoota Oromoo fi kkf.

4. Bifoota Sochii Hawaasaa

Sochiin hawaasaa jijjiirama akeekkate bakkaan gahuuf bifoota sochii armaan gadiitti tarreefaman keessaa yoo xiqqaate tokkotti dhimma bahuu ni danda’a
Isaanis:
• Seeraaf ajajamuu diduu (Disobedience). Kunis beekaa seera mootumma cabsuu, ajaja fudhachuu diduu fi kkf.
• Gaaffii ofii karaa nagaa ibsachuu (Non-Violent). Hiriira bahuudhaan yookiin ammoo wal-gahii taasisuudhaan gaafii hawaasaa karaa nagaa ta’een qaama dhimmi ilaalutti dhiyeessuu.
• Hojii dhaabuu (Strike). Hojii kam irraa iyyuu lagachuu, irra caalaa hojii mootummaa irratti finciluu, ittii fufinsaan hojii irraa hafuun madda galii mootummaa laamshessuu.
• Waan hundaa irraa fuula garagafachuu (Boycoot). Kunis hariiroo mootummaa waliin gama kamiinuu jiru irratti hirmaachuu irraa of qusachuu. Bittaa fi gurgurtaa dhaabuu, galii mootummaa kan gabbisu , kan argamsiisuu hunda irraa fagaachuu.
• Jeequmsa uumuu (Violence). Sochiin bifa akkasii, gaaga’umsaa guddaa, lubbuu fi qabeenya irratti fiduu kan danda’uu dha.
• Walumaa galatti sochiin hawaasaa galma isaa gahuuf bifa kamiitti iyyuu fayyadamuu ni danda’a. Sochiin hawaasaa tokko, bifa sochii filameen bakka galii isaa gahuun hedduu rakkisaa yoo ta’e, bifa sochii birootti cehuu ni danda’a.
Fakkeenyaaf sochiin hawaasaa gaaffii isaa karaa nagaa dhiheefatee deebii quubsaa ta’e yoo dhabe gara seeraaf ajajamuu diduu (disobedience) yookiin gara waan hunda irraa fuula garagalfachuutti (boycot) jijjiruun dirqama itti ta’a.

4.1 Bifa Fincila Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo Yeroo Ammaa (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)

Sochiin diddaa gabrummaa saba Oromoo baatilee dabran sagaliif gaggeessa ture, ammas itti fufee jiru, bifa ” Gaaffii ofii karaa nagaa ibsachuu (Non-Violent)” kan hordofee dha. Kunis, osoo wal irraa hin citiin hiriira bahuudhaan gaaffiilee qaban bifa dhaaddannootiin ibsachaa turan/ ibsachaas jiru. Dhaadannoolee akka: “ Oromiyaan ni bilisoomti !, Abbaan biyya Oromoo dha ! ABO’n nu haa bulchu ! Oromiyaan kan Oromoo ti !, Finfinneen kan Oromoo ti !, Lafti Oromiyaa kan Oromoo ti !, hidhaa fi ajjeechaan of booda nu hin deebisu !” dhageessisaa jiru.Gaaffileen kunis, mirgoota namoomaa kan bu’uuraa isaan qaban irratti kan hundaa’ee dha. Akkasummas, seerri Itoophiyaa fi seerri adunyaa mirga bilisaan: dubbachuu fi barreessuu, mirrga wal-gahuu,mirga hiriira bahuu, mirga quuqqaa ofii bilisaan himachuu kan eeyyamu irratti kan hundaa’e dha.

Haa ta’u malee, moottummaan Itoophiyaa, gaaffilee mirgaa karaa nagaa sabni Oromoo dhiheesseefi, karaa nagaa deebii kenuu irra, saba harka duwwaa hiriira bahe irratti waraana baneene Oromotni heedduun: ajjeefamaniiru, madaa’aniiru, gara mana hidhaattis guuramaniiru.

4.2 Gaaffi karaa nagaa dhihateef deebii moottumma Itoophiyaa irraa argame:

• Oromotni 700 ol rasaasa waraana Agaaziitiin ajjefamani
• Oromotni 50,000 ol to’annoo jala oolanii bakka add-addaatti, mooraa waranaa dabalatee hidhamanii zaliiliin irratti raawatamaa jira
• Oromotni kumaatamootatti lakaawaman biyya irra baqachuudhaan karaa irratti bineesaan nyaatamaniiru, doonii irraa galagalanii irbaata qurxumii ta’aniiru.

Bu’aalee Argamsiifaman:

• Sabni Oromoo Bahaa – Dhihatti, Kaabaa-Kibbatti wal – qindeessee quuqaa isaa sodaa tokko malee himachuu danda’eera
• Hawaasni adunyaa gaaffiin hawaasa Oromoo gaaffi haqa irratti hundaa’ee ta’uu isaa hubachuudhaan saba Oromoo cinaa akka hiriiran taasiseera,
• Sirni bulchiinsa Itoophiyaa sirna hacuuccaa fi diimokratawaa akka hin taane hawaasa adunyaa hubachiisuun danda’ameera
• Sirna bulchiinsaa Itoophiyaa diiguun danda’ameera
• Hawaasni Oromoo yeroo yartuu keessatti mirgoota isaa guutummaatti akka gonfatuu abdii guddaadhaan sochii itti jiru akka itti fufu karaan banameera

4. Bifoota Sochii Hawaasaa
Sochiin hawaasaa jijjiirama akeekkate bakkaan gahuuf bifoota sochii armaan gadiitti tarreefaman keessaa yoo xiqqaate tokkotti dhimma bahuu ni danda’a
Isaanis:
• Seeraaf ajajamuu diduu (Disobedience). Kunis beekaa seera mootumma cabsuu, ajaja fudhachuu diduu fi kkf.
• Gaaffii ofii karaa nagaa ibsachuu (Non-Violent). Hiriira bahuudhaan yookiin ammoo wal-gahii taasisuudhaan gaafii hawaasaa karaa nagaa ta’een qaama dhimmi ilaalutti dhiyeessuu.
• Hojii dhaabuu (Strike). Hojii kam irraa iyyuu lagachuu, irra caalaa hojii mootummaa irratti finciluu, ittii fufinsaan hojii irraa hafuun madda galii mootummaa laamshessuu.
• Waan hundaa irraa fuula garagafachuu (Boycoot). Kunis hariiroo mootummaa waliin gama kamiinuu jiru irratti hirmaachuu irraa of qusachuu. Bittaa fi gurgurtaa dhaabuu, galii mootummaa kan gabbisu , kan argamsiisuu hunda irraa fagaachuu.
• Jeequmsa uumuu (Violence). Sochiin bifa akkasii, gaaga’umsaa guddaa, lubbuu fi qabeenya irratti fiduu kan danda’uu dha.
• Walumaa galatti sochiin hawaasaa galma isaa gahuuf bifa kamiitti iyyuu fayyadamuu ni danda’a. Sochiin hawaasaa tokko, bifa sochii filameen bakka galii isaa gahuun hedduu rakkisaa yoo ta’e, bifa sochii birootti cehuu ni danda’a.
Fakkeenyaaf sochiin hawaasaa gaaffii isaa karaa nagaa dhiheefatee deebii quubsaa ta’e yoo dhabe gara seeraaf ajajamuu diduu (disobedience) yookiin gara waan hunda irraa fuula garagalfachuutti (boycot) jijjiruun dirqama itti ta’a.

5. Sadarkaalee Sochii Hawaasaa

Sochiin hawaasaa bakka tilmaamame dhaqqabuuf sadarkaalee sochii adda -addaa keessa dabruu yookiin qaxxaamuruu qaba.

Isaanis:
• Sadarkaa Jalqaba sochii ( Stage of Movement Emerge): Jalqabni sochii, yeroo namootni dhuunfaadhaan wa’ee rakkina yeroo dheeraaf irra gahaa ture of gaafachuu fi, fala barbaaduu itti eegalani dha.

• Sadarkaa walitti dhufinsaa ( Stage of Coalesce): yeroo namootni akka dhuunfaatti qofa osoo hin taane walitti dhufanii quuqqaa waloo mootummaa irratti qaban kaasuudhaan wal- marihatan, yeroo itti miidhaan isaan irra gahaa jiru seeraan ala ta’uu isaa ifatti walitti dubbatan, waliin dhaabbatanii mormuuf waliigalani fi kkf. dha.

• Sadarkaa mootummaa hawachuu (Stage of Bureaucratization): sadarkaan kun, yeroo qamooleen sochii hawasaa gaggeessuutti jiran walitti dhufuudhan tarkaanfii itti aanu irratti:
• Marii eegalan.
• Miseensota isaanii akka ogummaa isaaniitti hojii sochii hawaasaa keessatti ramadan.
• Wanneen irratti waliigaluu danda’an adda baasanii lafa kaa’an
• Mootummaa haarawaa ijaaruuf qaphii xumuratan fi kkf. dha
• Sadarkaa keessaa bahuu ( Stage of Decline); Sadarkaan kun, yeroo itti hawaasni sochii keessa bahu yookiin xumura itti taasisu dha.
Sadarkan sochii hawaasaa kun, diddaan bakka gahuu qabu hanqatee yeroo itti keessa bahamu qofaa osoo hin taane sababa adda-addaatiin yeroo sochiin hawaasa xumura irra gahu dha.

Isaanis:
• Milkoomina (success)
• Wal-dhabdeen ummamee diinatti wal-saaxiluu (Co-optation)
• Dhiibbaa diinaan sochii itti fufuu dadhabuu (repression)
• Kufaatii (Failer)

5.1 Sadarkaa fincilli diddaa GabrummaaSaba Oromoo Yeroo kanaa (Hagayyaa 2016).

Fincilli diddaa gabrummaa saba oromoo, baatilee sagal dabran keessa sadarkaalee adda-addaa keessa qaxxamuree sadarkaa amma jiru irra gahee jira. Kunis, sabni Oromoo akka dhuunfaatti miidhaa moottummoota habashaa darbanii waggoota dheeraaf irra gahaa ture dadhabachuun walitti dhufee furmaata waloo barbaadachuu eerga eegalee kunoo baatii sagal xumuree kurnafaa eegalee jira. Sochiii waliigaltee irratti hundaa’ee (Sadarka walitti dhufinsaa (Stage of Coalesce)) irraa eegale bakkaan gahuuf wareegamni gaafatame xiqqoo miti. Manguddoon, daa’imman, dubartiin ulfaa, irra caalaa dargaggoon Oromoo irratti wareegamaniiru. Sabni Oromoo wareegama hangas ulfaataa ta’e keessa dabree har’a sadarkaa mootommaa mataa isaa hawachuu irra gahee jira yoo jetne doggoggorra natti hin fakkaatu.

Fincilli diddaa gabrumma saba Oromoo bakka gahuuf akeekkate dhaqqabee sochii keessa bahuuf kan fuuldura isaa jiru irratti ciminaan hojjechuun murteessa dha. Sadarkaa sochii sadaffaa (Sadarkaa mootummaa hawachuu (Stage of Bureaucratization) yeroo amma kan irra gahee jiru irraa gara isa itti aanutti tarkaanfachuuf boololee giddu isaaniitti afaan bananii jiran ogummaa fi ciminaan irra dabruun xumuraa milkaawaatti nama geessa. (Caasaa sadarkaalee sochii, fuula 6 irra ilaali).

6. Gaggeesitootni Sochii Hawaasaa Eenyu Isaan?

Gaggeesitootni sochii hawaasaa namoota qaamaan sochii hawaasaa keessatti hirmaachaa jiran, namoota haawasa keessatti jijjiirama argamuu qabu hubatani bakkaan gahuuf gahee ol’aana qabani dha. Qaama hawaasaa itti gaafatamummaan itti dhagahamuu fi rakkinni hawaasaa, rakinna mataa isaanii ta’uu amananii karaa itti furmaata argatu irratti halkanii fi guyyaa kan hojjetani dha.

Geggeesitootni sochii hawaasa kan bahan leelistoota sochii hawaasa, bakka sochiin itti adeemsifamaa jiru keessa ti. Geggeesitootni yookiin hoggantootni sochii hawaasaa gahee isaanii raawachuuf kan armaan gaditti tarreefaman gad-fageenyaan namoota hubatan ta’uu qabu:
• Kan hawaasa sochiif kaase maal inni?:
• Fedhii hawaasaa hubachuuf qoratnoo adeemsisuu.
• Itti bahinsa qorannoo isaanii ibsuudhaan karaa hojii irra oolu fala barbaaduu.
• Tarkaanfii yeroo-yerootti fudhatamuuf deemu hawaasa sochii keessatti hirmachaa jiru hubachiisuu.
• Sagaleen hawaasichaa akka dhagahamuu taasisuu:
• Miseensotni hawaasni sochii keessa jiran karaa yaada isaanii ibsatan haala aanjessuu.
• Gaaffiin hawaasa karaa itti saba bal’aa dhaqqabu irratti hojjechuu.
• Haala diinaa halkanii guyyaa hordofuudhaan toftaalee adda-addaatti dhima bahuu yaalu.
• Leelisitoota bakka murtaa’e taa’anii (armchair advocate) haala jiru irraa odeefatnoo walitti funaananii hawaasa maraa yeroo-yerootti akka gahuu ramaduu, hojii irra ooluu isaa hordofuu
• Uummata gurmeessu, ijaaruu:
• Sochiin hawaasaa galma gahuuf karaa sirrii irra kan deemaa jiru ta’uu mirkaneefachuu.
• Sochiin hawaasaa karaa adda-addaa deegarsa kan taasisuufii argamsiisuuf hojjechuu.
• Wal-gahii miseensota hoggantoota sochii hawaasaa qindeessu, gahee hojii isaanii beeksisuu, hordofuu, murtilee adda-addaa dabarsuu, hojii irraa ooluu isaani hordofuu fi kkf.
• Sochiin hawaasaa gaggeefamaa jiru bal’inaan hawaasa keessaa fi alaa akka gahu irratti hojjechuu, mirkaneefachuu
• Karoora gara fuula duraaf qopheessuu.

6.1 Geggeesitootni Fincilli Didda Gabroma Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016) Eenyu Isaan?

Fincilli mormi Saba Oromoo baroota dheeraaf bifa hin qindoofneen bakka ada-addaatii taasifamaa ture milkaa’uu hanqachuun isaa fi miidhaan akka matayaatti Oroomota irraa gahaa ture suukkanneessaa ta’uu isaa qalbeefachuudhaan gara sochii walootti akka tarkaanfatu kan taasisan marti galata fi kabaja guddaa uummatta Oromoo irraa argachuu qabu.Seenaa qabsoo Oromoo keessattis bakka ol’aanaa qabu.

Baroota dabran keessa cunqursaa saba Oromoo irratti raawatamaa ture guutummaatti qaamaan argamee raga bahuu yoon hin dandeenye illee waggoota 25 dabran keessa dhiittaan mirga namoomaa saba Oromoo irratti raawatamaa ture hordofee gabaasuuf carraa gudda argadeen jira. Sarbama mirgaa uummata Oromoo wagoota digdamaa ol hordofuudhaan kalattiidhaan yookiin ammoo karaa birootiin ummatota biyya keessaa fi alaaf, irra caalaa ammoo, firoottan moottumma Itoophiyaa kanneen ta’aniif qaamota adda-addaatti gochaa suukkanneessaa moottummaan Itoophiyaa saba Oromoo irraan gahaa turee fi itti jiru saxiluun hanga tokko itti milkoofnnee jirra.

Gara ijoo dubbiitti yeroon deebi’u, haalli sochii diddaa waloo saba Oromoo baatii sagal dura eegalame yeroo ammaa kana sadarkaa ol’aanaa irra jiru milkaa’inaa isaa fi gara fuula duraatti kan isa mudatuuf deemu irratti yaadan qabu isiniif hiruun gaarii natti fakkaata.

Yeroo ammaa kana, fincilli diddaa gabrumma sabni Oromoo adeemsisaa jiru hordofuudhaan adunyaa guutuutti gabaasaa waanin jiruuf fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo eessaa ka’ee eessa akka gahe, maal tu hojjetame? maal tu ammoo hafe kan jedhu ilaaluu yaalla. Akka Oromoo tokkotis dhimmi isaa waan na ilaaluuf.

Galatni qabsoo bilisummaa Oromoof haa ta’uu, yeroo amma, qabsoo mirga eenyummaa fi abba biyyummaa Oromoo gadi fageenyaa fi babal’inaan uumata bira akka gahuuf carraaqqiin yeroo dheeraaf taasifama ture milkaawee jira yoo jetne dhara hin ta’u.

Har’a, dargaggoonni Oromo wal-qindeesuudhaan dhaaba Qeerroo Bilissummaa Oromoo jalatti hiriirudhaan mirga saba Oromoo jarraa fi wallakkaa ol moottummoota habashaatiin sarbamee ture deebsuuf itti gaafatamummaa ol’aanaa ofitti fudhachuun qabsoo hadhaawaa gaggeessaa jiru. Qeerroon Bilissummaa Oromoo , Adda Bilisummaa Oromootiin (ABO) deegaramu kun, bara 2011 keessa guyyaa dhaabate irraa eegalee sochii hawaasaa wali irraa hin citne qindeessuuf waggoota afuriif bu’aa bahii gudda keessa qaxxamuree sadarkaa murteessaa ta’e irra gahee jira (Sadarkaalee Sochii Hawaasaa lak 5 fuula 5 ilaali) .

Saba Oromoo bal’aa wagoota dheeraaf akka wal-hubatnoo dhabu diinni irratti hojjetaa ture diiguudhaan rakkina dhuunfaadhaan saba Oromoo irra gahaa ture walitti fidee furmaatni waloo akka barbaadatan taatsisuun danda’ameera. Qeerroon Bilissummaa Oromoo, mirgoota sabni Oromoo sarbamee ture bakkatti deebisuuf qabsoo hadhaawaa keesa dabree yeroo amma hawaasa adunyaa biratti gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa ta’uu isaa mirkaneessee jira.

Oromootni sababa adda-addatiin biyya isaanii keessaa bahanii adunyaa irra faca’anii jiran hark guddaan injifatnoo Qeerroon Bilissummaa Oromoo galmeessetti kan gammadanii fi kan boonani dha. Akka carraa ta’ee akkasumas, lakkobsaan yartuu kan ta’an, Qeerroon Bilissummaa Oromoo jiraachuu isaa dhagahuu kan hin barbaanes akka jiran nama jalaa kan dhokkate miti.

Osoo lapheen isanii beekuu, osoo hojii Qeerroo Bilissummaa Oromootiin raawatame ijaan argaa fi gurraan dhagahaa jiranii, maqaa Qeerroo Bilissummaa Oromoo jedhu waamuu lagachuu filatu. Gama biroon ammo, bu’aa lee yookiin injifatnoolee argametti yeroo boonan argama. Qaamotni maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo lagatan kun akka dhuunfaatis ta’e akka jaarmaatti jirachuun isaanii kan nama ajaai’bsiisu dha. Maaliifi garuu? Oromoon mirga isaa akka argatan hin fedhanii? Isaaniin yoo ta’e malee qaamni biroo Oromoof dhaabbachuu hin danda’uu? Deebii isaa isaanumaaf dhiisuu waya.

Fincila diddaa gabrumma saba Oromoo kan qindeessee fi hoogganaa kan jiru Qeerroo Bilissummaa Oromoo ta’ee osoo jiruu injifatnoolee argaman hunda akka abbaa hin qabneetti kan lakaawanis akka jiran namuu waan hubattan natti fakkaata. Yoo barbaadan saba Oromoo tu aariidhaan wal-kakaasee manaa bahee moottummaa raasaa jira jechuun biyya ambaa keessa jiraachaa bakka bu’aa yookiin ammoo hoogganaa ta’uuf karaa adda-addaa yaalii yeroo godhan argama.

Dhugaan jiru garuu, Fincilli diddaa gabrummaa saba Oromoo, Oromoo mara sossoosee jiru kun, Qeerroo Bilissummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromootiin ijaarameen kan gaggeefamaa jiru, caasaa fi hoogganoota jajjaboo kan qabu dha. Fincilli diddaa gabrummaa saba Oromoo osoo wal-irraa hin citiin baatilee sagal dabraniif kan itti fufuu dandeesise icitiin isaa kana dha. Hoogganaa maal akka hojjetu dhuunfatee beeku, fi mul’ata qabuun gaggeefamaa jiraachuu isaa hubachuun bilisummaa Oromiyaatiif dirqama natti fakkaata. Dhugaa kana irra tarkaanfachuu fi haqa jiru dabsuudhaan ,Fincila Diddaa Gabrummaa gara hin taanetti miiciiruu yaaluun yookiin Fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo hoogganaa hin qabu jedhanii yaaduun doggoggora guddaa fi dhiifama hin qabne dha. Karaa biros, ofiin of sobuu ta’a. Warri kun, keessa deebi’aanii, dhuga jiru sakatta’uudhaan of qeeqanii karaa dhugaatti yoo deebi’an gaarii natti fakkaata. 

Oromootni biyyoota ambaa keessa jirru, Adda Bilisummaa Oromoo keessan, karaa itti Qeerroo bilissummaa Oromoo cinaa dhaabbachuu dandeenyu carraa hedduu tu jiru. Isaan keessaas hangi tokko:
• Fincila diddaa gabrummaa saba Oromoof sababa kan ta’ee hawaasa adunyaa hubachiisuudhaan degertoota/quuqamtoota sochii saba Oromoo cinaa hiriiran horachuu yaaluu,
• Hojii kursii irra taa’anii hojjetamu (Armchair Advocate) irratti bobba’uu; Odeefatnoolee karaa marsaalee hawaasaa adda-adda biyyaa irraa walitti qabuudhaan deebsanii ummata biyya keessa fi biyya alaa akka gahuu irratti hojjechuu (baatilee sagal dabraniif namootni hedduun karaa facebookii irratti hojechaa jiran galata gudda qabu).
• Qabeenyaan gargaaruu: irra caalaa gargaarsa mallaqaa walitti qabuu irratti hirmaachuu fi kkf.
• Gaaga’umsa: ajjeechaa, reebitii, hidhaa, ukkaamsaa fincila diddaa Oromoo iratti sababa hirmaataniif Oromoo irra gahuu hordofuun hawaasa adunyaaf gabaasuu. (Addatti HRLHA ilaala)
• Sab-quunamtiin: hawaasaa, Raadonii, TV Oromoo yeroo yerrootti haala faan bu’anii odeefatnoo ummata Oromootiin gahuu fi kkf.

oromo-social-movement

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa