FAYIDAA GUYYUU KITAABA DUBBISUUN SIIF KENNU KESSA KUDHANAN

FAYIDAA GUYYUU KITAABA DUBBISUUN SIIF KENNU KESSA KUDHANAN

Yeroo dhumaaf kitaaba ykn barruu(Gaazexaa) kan ati dubbiste yoomii? Moo aadaan dubbisuu kee guyyuu maxxansaalee marsaa hawwasumma qofa? Yoo namoota kitalaan lakkaa’aman kan aadaa guyyuu dubbisuu hin qabne keessa tokko taate waan guddaa dhabaa jirta.Dubbisuun faayidaa danuu qabaatuyyuu achii keessa muraasa kaasnee waliin haa ilaallu.

1) Kakka’umsa(Si’ayina) sammuu keenyaaf kenna
Qorannoon akka ibsutti sammuu kakka’umsa qabu qabaachuun sammuun kee akka innii si’ataa ta’ee turu waan godhuuf dhukkuba dandeetti yaadanoo dhorkuuf akka salphaatti hin saaxilamneef gargaara.Akkuma qaamni keenya biroon sochii qaamaa gochuun barbaachisuun sammuun keenyas cimaafi fayya qabeessa ta’ee itti fufuun murtee fudhadhumoo dhiisu jedhu irratti dammaqinaan murteessuuf kitaaba dubbisuun barbaachisaadha.Hibboo garaa garaa deebisuuf tapha garaa garaa akka daamaa taphachuun sammuu si’aayina qabuu nuuf kennu nii danda’a.

2) yaaddo qabnu hir’isa
Dalagaa ketti,hariiroo namoota waliin qandu irrattiifi dhimma jireenyaa danuu keessa kamiinuu haa ta’u cinqamtee kan jirtu yoo ta’e, kitaabaa dubbisuun yeroo seenaa kitaabichaa keessa sokkituu yaaddon keessa sirra mulqama.Asoosamni seeraan barrefame adduunyaa kan birootti kan si fudhatee sokku yoo ta’u barruleen dhimma garaagaraa irratti katabaman yoo dubbiste xiyyefanoon kee hatamuun haala amma keessa akka jiraattu si gochuun, ergaa yaaddoo kee sirra godaansiisanii akka ati bohaartu si godhu.

3) Beekumsa
Yeroo dubbiistuu waan kanaan dura hin beekne waan odeeffattuuf sammuun kee beekumsa haaraan guutama.Yeroo beekumsaa baay’inaan qabaachaa deemtu ammo rakkoo jireenya kee fala ittiin hikkattu argachaa deemta.Mee yaadaa sooraaf taatu kana ilaalime.Haala hamaa keessa seentee beektaa? Mee yoo maallaqa, hojii ,taayitaa fi fayya kee dhabdee beekta yoo ta’eef yaadadhu.Waan qabdu keessa kan sirra hin fudhatamne beekumsa qofa.

4) Galmee jechoota kee gabbifachuuf
Kun yaada armaan olii wajjin wal qabata.Gaafa baay’inaan dubbisaa deemtu galmeen jechootaa kee waan siif baay’ataniif karaa itti guyyuu yaada kee ibsattu siif heddumaata.Haasawaa gaarii taasisuu danda’uun kee oggumaa keen guddachuuf barbaachisaa yeroo ta’u offitti amanamumman kees haalaan dagaagaa deema.
Guddina bakka hojiittiis waa’ee dhimma hundumaa kan irra beekuu fi haala addunyaan itti jirtu hubanno kan qabu warra barreefamaaf dhimma hin qabneen ol filatamuuf carra qabu.
Kitaaba warri barreesan jechoota filatamoo waan fayyadamaniif afaan kan biroollee baruuf kitaaba dubbisuun gaarumma qaba.

5) Yaaddanoo sammuu gabbisuuf
Yeroo kitaaba dubbistuu gahee taatota, seenaa isaanii,hawwiifi fedhii isaanii,amalaafi akka kitaabichi itti eegalee xumuramu nii yaadatta.Sammuun kees dhimmota ibsaman kana waliin jireenya kee keessatti wantoota wal qabatan qoosatti yaadatta.Waan ajaa’ibni ammo kitaaba haaraa hammuma dubbisaa deemtu dandeettiin yaadachuu sammuu keetii gabbachuun yeroo gabaaba keessatti waan barbaadde yaadachuun akka ati haala tasgabba’ee keessa jiraattu si godha.Akkam namatti tolare kun?

6) Dandeetti bal’isanii yaaduu
Kitaaba asoosamaa gaarii dubbistee utuu hin xumurin gaaffi jireenya keef deebii keessaa argatte hin beektuu? Yoo akkas ta’ee dandettii bal’isanii yaaduun yaadaa gadi fageenyaan achi keessatti ka’an qaphxii qabatte jijjiramaaf deemtetta jechuudha.
Dandettii akkanaa kitaabole barrefamaan ofii gulaaluun kan dhufudha.Yeroo waa’ee kitaaba tokko nama waliin mari’attu kitaaba sana ilaalcha keen waan ibsituuf dandettiin bal’istee yaaduu kee nii gabbata.

7) xiyyeffanoo kee gabbifachuuf
Addunyaa Internetiin maraatte kana keessatti qalbiin keenyaa karaa kitilaan bittinaa’uuf saaxilamaadha.Daqiiqa shan keessatti namnii harki caaluu xiyyefanoo isaa hojiitti, Email haaraa dhufeef ilaalutti, namootaa hedduu waliin beellama qabaachuun(Karaa skype fi kkf), ija isaa gara Tiwwiteritti deebisuun, bilbil sochii isaanii ilaaluunifi saayiba isaanii bakka hojii waliin dubbachuu irratti facaasu.Utuu hojii hin eegaliin ganama ganamaa daqiiqaa 15 hamma 20 utuu dubbisuu barsiifatte baay’ee dabaluu xiyyeffanoo keen ii ajaa’ibsiifatta.

8) Dandetti barressu fooyyeffachuuf
Kun kan wal qabatu galmee jechootaa gabbifachuu waliin.Namni baay’ee dubbiisuu carra barressitoota garaa garaa irra haala barreefamaa garaagaraa arguu waan qabaatuuf ofille barresuuf jechootaan durooma.Kun akkuma wallistootni kakka’umsa wal kessatti horanii fi oggesotni fakkii waan barsiisaan isaanii itti agarsiise ilaaluun irra deebi’anii kaasaa gara kan isaanitti dhufaniiti.

9) Nagaa qabaachuuf
kitaabaa dubbisuun Si boohaarsutti dabalataan nageenya keessoo si gonfachiisa.Kitaabilee afuuraa dubbiisuun dhiibba dhiigaa gadi buusuun jireenya tasgabbiin guutame kan fidu enna ta’u kitaabilee xiinsammu dubbisuun ammo nama haala gaarii keessa hin jirre fi sammuun dhukkubsachaa jiru nii gargaara.

10) Bohaartii tolaa
Baay’een keenya kitaaba kan bitnu ibsa garaa garaa irra argachuufi fulaa isaa dachaasnee gara fulduraatti dubbisuuf kan bitnu ta’uyyu qarshii xiqqoon waan nu bohaarsuu danda’u kitaaba qofa.Baasii yartuun yoo bashananuu barbaade mana kitaabaa nanno kee jiru deemuu kitaabolee heddu gosa barbaadde ilaali.Manneen kitaaba gosaa hundumaan kitaaba waan qabaniifi kitaabilee haaraa bahanis waan fidanii galchaniif yoo achi deemte rakkoon beekumsaa si hin mudatu.

Yoo nannoo ati jirtu manni kitaabaa hin jiru ta’e ykn jiraatee qaama miidhamaa waan taateef deemuu hin danddessu ta’e kitaabilee hedduu bifa PDF’n bufachuun bilbila kee irratti ykn komputara irra dubbisuu nii dandeessa.Maddootni hedduun internet irra waan haara itti dubbistuuf guutee waan jiruuf fayyadamuu nii dandeessa.
Horaa Bulaa!

Kan qopheesse dhiheesse ana Tamasgeen Axinaafuuti!
Madda:http://www.lifehack.org/articles/lifestyle/10-benefits-reading-why-you-should-read-everyday.htm

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa