KAROORA KABAJAA AYYAANA IRREECHA BARA 2009/2016/ Tooftaalee gurguddoo OPDO’n qophaa’eefi Sodaa Ayyaana Irreechaarratti isaan mudatuuf tarsiimoo baafatan..(Hooqqisa Goodaa dhufte Ilkaan deebisaare?!!!

Karoora Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2009
1. Seensa

Mootummaan misoomawaa fi dimokraatawaan keenya gama misooma dinagdee hawaasummaatiin akkuma injifannoo galmeessisaa dhufeefi ammas galmeessisaa jiru hunda gama Seenaa, Afaan, Aadaa fi Artiin ummata Oromoo akka guddatuufis hojiilewwan boonsaa tahe hojjechaa ture jira. Ammas hojjechaa jira. Sabaafi sablammootni biyya keenyaa mirgaa fi faayidaa heera mootummaatiin argatan hojiitti hiikudhaan akka biyyaatti bu’aan galmaayaa jiru akkuma jirutti tahee Mootummaan Naannoo Oromiyaas mirga ummanni Oromoo heera mootummaatiin argate dhandhamuu akka danda’uuf hojiilee misoomaa biroo wajjin wal simsiisee irratti karoorfachuudhaan hoojjechaa turee jira. Seenaan, Afaan, aadaa fi artiin ummata Oromoo waggoottan dheeraadhaaf gadi qabamaa fi awwaallamee ture ifatti akka bahee beekkamuu fi faayidaa hawaas dinagdeetiif akka ooluf hojjechaa turee jira. Ammas kanuma cimsuun hojjechaa jira.

Seenaan Ummata Oromoo osoo hin barreeffamin awwaallamee ture iddoo itti awwaallamee qotamee bahee akka bareeffamuufi ifatti bahuuf ogeessotni akka mootummaatti ogummaa kana irratti beekumsaafi muuxannoo qaban akka qaxaramaniifi hojjetan baajata gahaa ramaduun hojjetamaa turee jira. Kallattii ifa tahe fi nama hojjechiisu danda’u kan mootummaadhaan kaayyametti fayyadamuudhaan hayyootni Oromoo dhaabbilee barnootaa gara garaa keessa jiran akkasumas dhuunfaa isaanitiin dhimma kana irratti hojjechudhaaf kaka’umsaa fi fedhii qaban akkasumas dandeettii barreessuu qabanis balinaan kitaabbilee seenaa fi aadaa ummata Oromoo ibsanii fi calaqqisiisan dhuunfaa isaanitiin barreessuun ummata biraan gahuu danda’anii jiru.

Kuni ammoo seenaa fi aadaan ummata Oromoo akka guddatuufi anga’ee akka mul’atuuf gumaacha gochuu bira darbee afaan Oromoos akka guddatuuf gahee bakka buutee hin qabne taphateera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa seenaan Oromoo akka barreeffamu, aadaan isaa akka dagaaguufi ummanni Oromoo akka walii galaattii qabsoo jaarraa tokkoo oliif bifa bittinaa’eefi qindaa’een gaggeesseen bu’aa argate akka dhandhamachuu danda’uuf hojiileen inni waggoottan daraban hojjete boonsa dha yeroo jennu sadarkaa dheebuu ummanni Oromoo qabuun dheebuu isaa baasee jira jechuu hin dandeenyu.

Sababni isaas seenaan, aadaan, afaaniifi artiin jaarraa tokkoo oliif dhiibbaan gara garaa irra tureefi awwaallamee ture kurmaana jaarraa tokkootti waa hunda hojjetanii dheebuu ummanni qabu baasuun qabsoo itti fufiinsa qabu kan barbaaduufi yeroo kan fudhatu ta’uu isaa wajjin kan wal qabateefi gara biraatiin ammoo dhimmi guddina aadaa, afaanifi artii tumsa qaama hundaa kan barbaadu waan taheef qaamoleen hundi waliigalanii waliin hojjechuu irra yeroo dhimma kana siyaasaaf dhimma itti bahanis mul’achuu wajjin kan wal qabatuu dha.

Akka waliigalaatti aadaa fi seenaa ummata Oromoo guddisuun kan danda’amu namni hundiinuu iddoo jirutti gahee isa irraa barbaaddamu karaa sirrii fi ummata Oromoo fayyadamaa taasisuu danda’uun qofaa hojjechuu yoo danda’e akka taheefi mootummaan qofti kan hojjetu yoo tahe akka nama harka tokkoon hojjetuu waan taheef yeroo gabaabaa keessatti iddoo barbaaddamu gahuun hin danda’amu. Kanaafuu kana sirreesudhaan naannicha keessatti qabeenya aadaa, uumamaa fi nam tolchee hammaarramee hin dhumne kan misoomee hawwata turizimiitiif oludhaan guddina hawaas dinagdee naannichaa keessatti gahee guddaa taphachuu danda’u kana hojiirra yaa olchinu.

Mallattoowwan eenyummaa ummata Oromoo gurguddaa ta’an keessaa in tokko ayyaana Irreechaa dha. Ummanni Oromoo ayyaana Irreechaa waggaa waggaan malkaatti bu’ee ykn tulluutti bahee kabajata. Irreechi ibsitoota sirna Gadaa keessaa tokko waan ta’eef faayila kaadhimeessaa Sirna Gadaa Oromoo UNESCOtti Galmee Baka-bu’oota Hambalee Aadaa Kiliyaa Dhala Namaa (Representaive List of Intangible Cultural Heritage of Humanity) irratti galmeessisuuf dhiyatee keessatti ifaan ibsamee taa’eera. Barreeffamni kunis ayyanaa mallattoo ummata Oromoo ta’e kana bifa qindaa’eefi bifaa aadaa Oromoo caalmaatti mul’isuun haala kabajamuu danda’u irratti kallatti hordofamuu qabu fi karoora raawii isaa irratti kan xiyyeefate dha.

2. Kaayyoo
Ayyaana Irreechaa Hora Arsadee fi iddoowwan biroo naannicha keessatti bara 2009 kabajamu karaa nagaa fi tasgabbii qabuun kabajuun ayyaanicha ayyaana aadaan keenya sadarkaa olaanaatti irratti miidhageefi hawwatee mul’atuufi kabajamu taasisuun galmee sirni Gadaa UNSCOtti galmaa’uuf deemuuf haala mijaawaa uumuuf.

3. Galma
• Ummanni Oromoo abbaan aadichaafi sabaafi sablammootni biroo akkasumas turistootni biyya alaa iddoo gara garaa irraa ayyaanicha kana irratti hirmaachudhaaf dhufan lakkoofsi isaanii mil. 3tti tilmaamamu karaa tasgabbii qabuu fi hawwataa taheen karaa nagahaatiin ayyaanicha irratti hirmaatanii galan.

• Iddoo ayyaanni irreechaa itti kabajamu hundatti ummanni Oromoo hundi sabaafi sablammoota obboloota isaa wajjin wal tahee uffannaa aadaa isaatiin miidhagee, fi meeshaalee faaya isaa qabatee, tolfannaa rifeensaa isaa bareechifatee fi sirba aadaa Oromoo isaa weellifachaa lafa itti gammaduu fi aadaa isaa qofa itti gabbifatu tahe.

• Iddoon kabaja ayyaana irreechaa lafa qaamoleen siyaasaa gara garaa ergama siyaasaa isaanii itti dabarfataniifi itti gaggeeffatan osoo hin taanne lafa aadaan Oromoo qofti itti gaggeeffamuu fi hawwata tuuristii miidhagaa fi hawwataa tahee argame.

4. Barbaachisummaa Kunuunsa Hambaalee Aadaa Kiliyaa fi Ijannoo UNESCO’n Qabu

Ummatni Oromoo eenyummaa isaa kan ibsan callqqeewwan aadaafi seenaa hedduufi bal’aa ummata qabuu dha. Mallattoowwan aadaafi seenaa ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif ukkamamee dhiibbaa cimaa jala turullee, iddoo muraasatti akka laafu yoo ta’eeyyuu hin badne. Sirnootni cunqursaa dur turan hanga fedhan dhiibbaa daangaa hin qabne irraan gahanillee aadaafi mallattoowwan ummata Oromoo balleessuu hin dandeenye. Amaantaaleen adda addaas aadaa ummata kanaa balleessuuf toftaa adda addaatiin dhiibbaa guddaa godhaa turaniiru, Ammas gochaa jiru. Haata’uutii garuu isaanis aadaa ummatichaa akka laafu, akka dagatamu, ummatichi aadaafi amantaa isaa dhiisee kan jaraa akka fudhatu yaallii walirraa hin citne godhanis guutummaatti aadaafi amantaa ummatichaa balleessuu hin dandeenye.

Ummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif aangoo siyaasaafi dinagdee isaa dhabullee aadaa isaafi mallattoowwan eenyummaa isaa haala hamaa keessatti qabatee tooftaa adda addaatiin kunuunfatee dhaloota har’aatiin gaheera. Kanaafis qabsoo hadhaa’aa godheera, wareegama guddaas kaffaleera. Qabsoon kuniifi milkaa’inni kun seenaa ummata Oromoo kanneen biroorraa adda kan godhudha. Sababni isaas ummatootnifi sabootni Afrikaa hedduun dhiibbaa wal fakkaatu irra gahaa tureen aadaa, afaan, mallattoo eenyummaa isaanii akka dagatan, akka tuffatan, kan isaanii dhiisanii kan alagaa akka fudhatan ta’eera.

Aadaa eenyummaa ummata Oromoo callaqisan gurguddaa keessaa ayyaanni Irreechaa tokko dha. Ayyaanni Irreechaa aadaalee sirna Gadaa waliin walqabatanii raawwataman keessa tokko waan ta’eef faayila kadhimeessaa sirna Gadaa galmeessisuuf UNESCOtiif ergame keessatti ifaan sirriitti taa’eera. Irreechi sirna ummatni Oromoo Waaqa isa uume, Waaqa addunyaa kana uumee, Waaqa waan hundaa uume itti galateefatudha. Irreechi sirna galataati. Ummatni Oromoo Ayyaana Irreecha tulluuwwaniifi haroowwan/ykn lageewwan irratti waggaa waggaan kabajata. Nageenya, walitti dhufeenya namaafi uumamaa (man and nature), hormaata, fayyaa, callaa, beyillada, rooba, qilleensa, bosona, bineensa, ijoollee, maatii, qeyee, gosa, biyya isaatiif, akkasumas addunyaa fi dhala namaa maraf haala aadaa isaatiin Waaqa isaa galateeffata, ni kadhata, ni eebbisa. Galata isaas kadhaa isaas Waaqni ni dhaga’aaf.

Ayyanni kun waltajjii ummatni Oromoo Waaqa isaa waliin wal quunnamu qofa miti. Aadaa fi eenyummaan ummata Oromoo daangaa ilaacha siyaasaa fi amantii ykn saalaan hin daangeffamu. Ayyaana Irreechaa irratti Oromoon amantii adda addaa hordofu dhiraa dhalaa utuu hin jedhin hirmaata. Kanaaf Irrechi waltajjii ummatni Oromoo tokkummaafi obbolummaa isaa itti ibsatuufi itti cimsatu dha.

Heerri Mootummaa Itoophiyaa ummatooti hundi aadaa, afaan, seenaa isaanii akka eeggatan, akka guddifatan mirgaa qaban mirkanneesseera. Heerri MNOs mirga kana irra deebiin mirkanneeseera. Aadaa, afaan, mallattoo eenyumaafi seenaa ummata Oromoo guddisuu, kunuunsuu, dhaloota dhufuuf dabarsuu kaayyoo mootummaa kanaa akka ta’e heeraan mirkaneesseera.

Sirni Gadaa Oromoo Ulaagaalee UNESCOn baase ni guuta jennee hambaa addunyaa tahee UNESCOtti Galmee Hambaalee Aadaa Kiliyaa Dhala Namaa (Representative List of Intangible Cultural Heritage of Humanity) irratti galmeessisuuf sochii cimaa gochaa jirra. Galmaa’uun Sirna Gadaa murtee isa dhumaa waltajjii biyya keenya keessatti ji’a Sadaasaa bara 2009 keessa gaggeeffamuu irratti murtaa’a. Akka galmaa’us abdii guddaa qabna. Sochiin keenya kun milkaa’uu kan danda’u ulaagaalee dhabbatichan taa’an qabatamaan mirkaneessinee itti fufiinsaanis kunuunsa barbaachisaa tahe yoo goone qofa. Ulaagaa UNESCOn baasee keessatti hambaan kamiiyyuu qaama kamiinuu tajaajila siyaasaatiif ooluu akka hin qabne ifatti kaaya.

Waliigaltee Kunuunsaa Hambaalee Aadaa Kiliyaa UNESCOtiin bara 2003 bahe Mootummaan Itoophiyaa bara 2006 fudhatee mallateesseera. Bu’ura kanaan waliigalteen kun qaama seera biyya keenyaa ta’eera. Waliigaltee kanaanis biyyi keenya fayyadamaa taateetti. (ayyaana Masqalaa fi Fichee cambalala galmaa’aniiru). Waliigalteen kun ulagaale hambaaleen aadaa kiliyaa hambaa addunyaa ta’anii itti galmaa’aniifi kunuunsa hambaalee kana irratti gahee fi dirqama mootummaa fi qaamoolee adda addaa ifaan taa’eera.

Operational Directives for the Implementation of the Convention for the Safeguarding of the Intangible Cultural Heritage

Waliigaltee Kuununsa Hambaalee Aadaa Kiliyaa (Convention for the Safeguarding of the Intangible Cultural Heritage, 2003) bahee fi waliigaltee kana hojiirra oolchuuf qajeelfama bahe (Operational Directives) keessatti haalota deggarsi, kunuunsiifi kabajni hambaalee aadaa kiliyaa geggeeffamu ilaalchisee akkas jedha:- “hambaalee ilaachisee deggarsi godhamu faayidaa siyaasa, dinagdee ykn kan biraa argachuun kan walqabatee fi kan kaayyoo Waligaltichaan wal hin simne ta’uu hin qabu.” [“No political, economic or other conditions which are incompatible with the objectives of the Convention may be attached to contributions made….” Operational Directives section II.2.2.72]

Operational Directives (Chapter IV; section 1,102) dabaltaan akkas jedha:

Waltajjiiwwan hambaalee aadaa kiliyaa irratti qaamni kaamiyyuu gochoota armaan gaditti tarreeffaman irraa of qusachuu qabu.

a) Haala aadaa hambaaleen kiliyaa itti ibsaman, itti raawaataman, itti calaqisaniin ala gochoota hin taane raawwachuu [de-contextualize or denaturalize the intangible cultural heritage manifestations or expressions concerned;]

b) Gochaalee fuula gaarii haawasa hambaalee kiliyaa kana geggeessan miidhu. [mark the communities, groups or individuals concerned as not participating in contemporary life, or harm in any way their image;]

c) Gochaalee qaama siyaasaa, hawaasaa, saba, amantii, korniyaa, tokko faarsuu fi kan biraa abaaru. [contribute to justifying any form of political, social, ethnic, religious, linguistic or gender-based discrimination;]

d) Ogummaa fi beekumsa hawaasa hambaalee kiliyaa kanaan walqabatan busheessuu ykn faayidaa ofiif itti fayyadamuu. [facilitate the misappropriation or abuse of the knowledge and skills of the communities, groups or individuals concerned;]

e) Lead to over-commercialization or to unsustainable tourism that may put at risk the intangible cultural heritage concerned

Mootummootni waliigaltee kana mallatteessan akka mootummaatti hambaalee aadaa kunuunsuuf deggarsa barbaachisu hunda gochuuf; hambaaleee aadaa faayidaa dhaabbilee siyaasaa kamiifuu akka hin oollee gochuuf; mootummaanis haala mijeessuufi deggaruu malee fedhii ofiisa guuttachuuf jechaa dhiibbaa cimaa irratti akka hin uumne; dhaabbileen siyaasaa kamiyyuu sirnoota hambaalee aadaatiin geggeeffamu fayidaa siyaasa isaaniitiif akka hin fayyadamne; dhaabbileen mit-mootummaa (NGOs) deeggarsa kennan sababa deeggarsa kennaniitti da’woo godhachuudhaan garmalee dhiibbaa akka hin goone; kkf gochuuf waadaa galaniiru.

Ulaagaaleen UNESCOtiin kaa’aman kun yaada mootummaanis ta’e dhaabbileen siyaasaa ykn mit-mootummaa garmalee dhimmoota kana keessa yoo galan ta’e jedhamees ykn utuu hin yaadamin dhiibbaan hin eegamne hambaarraa ni geessisa yaada jedhu kan bu’ureeffatee dha. Beekas ta’e utuu hin beekin gara fedhii isaaniitti dhiibu ni danda’u jedhamee waan amanamuuf ulaagaan kuni dursamee taa’e. Hambaan tokko hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uuf yoo dhiyaate UNESCOn ulaagaalen kun hojiirra ooluu isaanii xiyyeeffannoon ni hordofa. ni to’atas

Mootummaan Itoophiyaas waliigaltee kana yeroo mallateessu dhimmoota kana hojiirra oolchuuf dirqama fudhateera. Dabalataanis akka mootummaatti sirna Gadaa dhiibbaa siyaasaa kamirraayyuu bilisa godhee haala aadaatiin qofa kunuunsuuf faayila kaadhimeessaa UNESCOf ergame keessatti waadaa galeera.

Kanaaf motummaan akka mootummaatti deegarsa barbaachisu gochuu fi haala mijeessuuf dirqama kan qabu yoo ta’u gama biraatiin immoo ayyaanota aadaa fi waltajjiiwwan hambaalee aadaa irratti fedhiifi ajandaa dhaabbilee siyaasaa kamiyyuu (dhaaba aangoo mootummaa qabate dabalatee) calaqisan kamiyyuu akka hin geggeeffamne to’achuu qaba. Waltajjii kabaja Irreechaa irratti qaamni mootummaa bakka bu’ee haasaa godhu akkuma kanaan dura taasifamaa ture hunda dhimma mootummaafi aadaa jiru jajjabeessu akka tahuu fi alaabaan qabatamus alaabaa biyyaa fi kan naannoo malee asxaa ykn alaabaa dhaaba siyaasaa biro qabatanii waltajjiiwwan akka kanaa irratti mul’achuun sirrii miti. Sababani isaas iddoon akkasii kuni iddoo aadaan Oromoo itti dagaaguufi anga’ee itti mul’atu malee idoo ergaan siyaasaa itti darbu waan hin taaneef.

Kanaafuu akka waliigalaatti yeroo ilaallu sirni Gadaa Oromoo mallattoo eenyummaan oromoo ittiin calaqqisu keessaa isa tokko ta’uu isaafi sirni kuni bulchiinsi hammayyaa akka har’aa kanatti addunyaarratti diriireefi hammayaa’ee osoo sadarkaa kana irra hin gahin sirna turee fi bu’ura dimokraasii addunyaa kanaas waan taheef, kuni ammo qaroomina addunyaan har’a irra gahe kanaaf oromoon gumaacha guddaa akka qabu kan ifatti ragaa bahu waan taheef aadaa fi siyaasa gar gar baasudhaan sirni gadaa keenya akka beekkamtii argatuuf hundi keenya tumsa nu irraa barbaachisu gochuu qabna.

5. Kabajni Ayyaana Irreechaa Maaliif?
• Ilmi namaa hawaasa waliin jiraatu keessaa fi aadaa isaa kan kooti jedhee duubarraa qabatee dhufeen ala tahuun jiraachuun isa rakkisa waan ta’eef ummanni Oromoo ayyaana Irreechaa durii kaasee aadaa kooti jedhee waan kabajatuuf;

• Aadaan mallattoo enyummaati waan taheefis sirna Gadaa keessatti aadaan waaqeffannaa Oromoon gaggeessaa ture enyummaa isaa wajjin waan wal qabatuuf kanuma akka duudhaa tokkootti dhaloota itti aanuuf dabarsuun barbaachisaa waan taheefi gara biraatiin ammo aadaan humanaa fi madda bu’aa hawaasummaa ykn ittiiquufinsa ayyaddaa (spiritual satisfaction) waan ta’eef

• Aadaan madda/tooftaa walta’insaa fi tasgabbii hawaasa waan taheef bara baraan kabajamuun ayyaana kanaa hawaasa siyaas dinagdee tokko uumuuf hojjechaa jirruufis iddoo guddaa waan qabuuf.

• Aadaan madda walqixummaa waan taheefi kunumti kabaja ayyaana irreechaa kana keessatti waan calaqqisuuf.

• Aadaan madda barumsaafi odeefannoo (Education and communication value) waan taheefi guyyaa kabaja ayyaana irreechaa kanas muuxannoowwan gaggaariin hawaasni naannoo kanatti argamu walirraa waraabbatuufi galee itti fayyadamu hedduun waan jiruufi kanuma dhalootni itti aanuus fudhatee akka itti fayyadamaa deemuuf haala waan mijeessuuf

• Imala haaromsaa qabanne galmaan gahuun kan danda’amu aadaalee eenyummaa keenya wajjin wal qabataniifi dhalootaa dhalootatti darbuu qaban barmaatilee adeemsa keessa aadaa tahaniifi miidhaa geessisan irraa adda baasudhaan akka isaan guddina keenyaaf gumaachan taasisudhaan irratti hojjechuun barbaachisaa waan taheef;

• Aadaan Humna Dinagdee Guddaa (Economic Driving Force) waan taheefi yeroo kabajja ayyaana kanaas sosochiin dinagdee uumamu guddaa waan taheef kanattis sirnaan yoo fayyadamne bu’aan as irraa argamu olaanaa waan taheef Isaa

Fakkeenyaaf:
Biyyootni akka Biraaziil, Jaappaan, Guwaatimaalaa fi kkf biyyoota hanbaa kiliyyaa isaanii (intangible heritage) misoomsudhaan faayidaa dinagdee guddaa irraa argachaa jiran keessaa isaan muraasa. Ummanni Oromoos qabeenyi hanbaa qabatamaa (Tangible) tahanii fi kiliyyaa (intangabile) tahan heddu kan qabu waan taheef kana irratti hojjechuun fayyadamummaa ummataa seektaricharraa mirkaneessuun barbaachisaa waan taheef;

Kanaaf hanguma tuuristootni yeroon turmaata isaanii naannoo keenya keessatti dheerateen Hootelotni, manneen daldalaa adda addaa kan biro, waldaaleen geejjibaa fi dhuunfadhaan geejjiba mataa isaanii kan qabaniifi ummata deddeebisan, ( yeroo kanatti lakkoofsi namaa hirmaatu guddaa waan taheefi lafa fagoo irraayis kan dhufu hedduu waan taheef), yeroo ayyaana kanaa namni baay’een uffata aadaa kan uffatu waan taheef namootni hojii kana irratti bobba’an uffannaa aadaafi meeshoolee faaya Oromoo omishaniifi gurguran balinaan fayyadamu dhuunffaan kan hojjetanis ta’e IMXdhaan kan ijaarraman), jala bultii isaa fi guyyaa ayyaanichaa namni gara ayyaanichaa dhufu hundi nyaata isa barbaachisa; fedhii kana guutudhaaf ammo daldaalaan omisha barbaada, qonnaan bulaan naannoo jiru yeroo kanatti omisha isaatiif gabaa balinaan argata.

Bu’aaleen Gama Aadaatiin jiran kanneen guutummaatti faayidaa irra olchudhaafii kabaja ayyaana irreechaa bara 2009 bara kana kabajamu miira adda taheefi miidhagina qabuun kabajuudhaaf hojiileen armaan gadii hojjetamuu qaban

6. Hojiilewwan Gurguddaa Hojjetamu qaban
6.1. Koree olaanaa kabaja ayyaana irreechaa ijaaruu
Ayyaanni irreechaa ayyaana Oromoo biratti kabajaa qabuu fi waggaa waggaadhaan namni hundi miira addaattiin kabajuuf eegu dha. Ayyaanni kuni waggaatti al lama kan kabajamu yemmuu tahu innis rooba gannaa cimaa fi dukkana tahe keessaa Oromoon nagahaan ifatti ba’uu isaatiif aadaa isaatiin kan walitti dhufee melkaarratti wal gahee waaqa isaa itti galateenfatu yoo tahu inni lammaffaa ammo irreenfannaa tulluu ti. Kunis yeroo roobni roobuu didee fa’a tulluurratti bahanii kan irreenfatani.

Ayyaanni irreechaa sirna Gadaa keessatti iddoo guddaa kan qabu waan taheefi sirni Gadaa ammo UNSCOtti galmeessifamuuf deemaa jiraachuu isaa wajjin wal qabatee aadaan Oromoon qabu kuni karaa miidhagaa fi hawwataa taheenifi turistootni heddu kan irratti argaman ta’uu isaa wajjin wal qabatee nageenyummaan isaa eeggamee fi iddoo aadaan keenya itti gabbatuu fi dagaagu qofaa tahee kabajamuu waan qabuuf, isuma kanas kutaa hawaasa hunda qabachiisuun hawaasichi uffannaa aadaa isaatiin miidhagee, sirbaa fi weelluu aadaa isaa ibsan weellifachaa gammaddee ayyaanicha akka kabajee galuuf koreen dhimma kana irratti abbummaan hojjetu sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga sadarkaa gandaatti ijaaramuu qaba.

Haaluma Kanaanis
A. Koree olaanaa sadarkaa Naannoo
1. Kab. Pirezidaantii MNO……………………………………….Walitti qabaa
2. Hoogganaa waajjira Dh.D.U.O. giddu galeessaa……………..I/A/walitti qabaa
3. Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaf Nageenyaa……………………. miseensa
4. Hoogganaa Biiroo dhimmoota Kominikeeshinii…………….. miseensa
5. Hoogganaa BBO…………………………………………… miseensa
6. Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa……………………….. Miseensa
7. Kom/Poolisii Oromiyaa………………………………………….. miseensa
8. Hooggantuu B/Dhi/ D/Ispoortii ………………………………… Miseensa
9. Hoogganaa BATO……………………………………………Miseensa
10. Hooggantuu BDhDfi Dubartootaa……………………… miseensa
11. Gaggeessitoota Jaarmiyaalee Dargaggoo sad. naannoo……. Miseensa

Gahee Koree olaanaa
• Koreewwan sadarkaadhaan ijaramaniif karoora qophaa’e irratti orrenteeshinii keennuu
• Mariiwwan kutaa hawaasa gara garaa kallattii taa’een gaggeeffamuu isaa hordofu
• Haala nageenyaa fi tireendii diinaa haala kabaja ayyaanichaa wajjin wal qabatee jiru hordofuu fi kallatti sirreeffamaa kennaa deemuu
• Koreen sadarkaadhaan dhaabbate hundi karoora haala qabatama isaatiin qopheeffachuufi hojii keessa galuu isaa mirkaneeffachuu
• Gabaasa Raawwii koree xixiqqaa dhaggeeffachuu fi kallatti kaa’uu
B. Koree Sad. Godinaa/Magaalaa
1. Bulchaa Godinaa/ Kantiibaa Magaalaa………………. Walitti qabaa
2. I/G/W/Dh.D.D.U.O…………………………………….. Itti aanaa walitti qabaa
3. I/G/W/A/Tuurizimii………………………………………. Miseensa
4. I/G/W/Dhi/Kominikeeshinii…………………………… Miseensa
5. I/G/B/Nageenyaa…………………………………………… Miseensa
6. Hoogganaa BBO…………………………………………… miseensa
7. Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa……………………….. Miseensa
8. Hooggantuu BDhDfi Dubartootaa……………………… miseensa
9. I/G/Waajjira Poolisii……………………………………….. Miseensa
10. I/G/Waajjira Dhimma Da/Ispoortii (Jaarmiyaalee Dargaggoo).. Miseensa
11. Abbootii Gadaa Iddoo jiranitti………………………………… Miseensa

Gahee Koree
• Haala Godinaafi Magaalaa isaatiin Karoora qopheeffachuu
• Koreewwan sadarkaadhaan ijaramaniif karoora qophaa’e irratti orrenteeshinii keennuu
• Mariiwwan kutaa hawaasa gara garaa kallattii taa’een gaggeeffamuu isaa hordofufi ofiifis gaggeessuu
• Haala nageenyaa fi tireendii diinaa haala kabaja ayyaanichaa wajjin wal qabatee Godinaafi Magaalaa isaa keessa jiru hordofuu fi kallatti sirreeffamaa kennaa deemuu
• Koreen sadarkaadhaan dhaabbate hundi karoora haala qabatama isaatiin qopheeffachuufi hojii keessa galuu isaa mirkaneeffachuu
• Qophiin iddoo, haalli qulqullina ykn miidhagina magaalaa haalaan eeggamuu isaa mirkaneeffachuu (iddoo ayyaanichi itti kabajamutti qofa)
• Gabaasa Raawwii koree xixiqqaa dhaggeeffachuu fi kallatti kaa’uu

C. Koree Sadarkaa Aanaa
1. Bulchaa Aanaa……………………………………………….. Walitti qabaa
2. I/G/W/Dh.D.D.U.O Itti aanaa walitti qabaa………………………. miseensa
3. I/G/W/A/Tuurizimii………………………………………………. miseensa
4. I/G/W/Dhi/Kominikeeshinii……………………………………… miseensa
5. I/G/B/Nageenyaa…………………………………………………. miseensa
6. Hoogganaa BBO………………………………………………….. miseensa
7. Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa……………………………… Miseensa
8. I/G/Poolisii…………………………………………………………. miseensa
9. I/Gaafataamaa Dhimma Da/Ispoortii (Jaarmiyaalee Dargaggoo)… miseensa
10. Hooggantuu BDhDfi Dubartootaa…………………………………. miseensa
11. Abbootii Gadaa Iddoo jiranitti…………………………………….. miseensa

Gahee Koree
• Karoora haala qabatamaa aanaa isaa qopheeffachuu.
• Koreewwan sadarkaadhaan ijaramaniif karoora qophaa’e irratti orrenteeshinii keennuu
• Mariiwwan kutaa hawaasa gara garaa kallattii taa’een gaggeeffamuu isaa hordofu fi ofiifis gaggeessuu, namoota gaggeessuu danda’anis ramaduu
• Haala nageenyaa fi tireendii diinaa haala kabaja ayyaanichaa wajjin wal qabatee aanaa isaa keessa jiru hordofuu fi kallatti sirreeffamaa kennaa deemuu
• Koreen sadarkaadhaan dhaabbate hundi karoora haala qabatama isaatiin qopheeffachuufi hojii keessa galuu isaa mirkaneeffachuu
• Gabaasa Raawwii koree xixiqqaa dhaggeeffachuu fi kallatti kaa’uu

D. Koree Sadarkaa Gandaa
1. Bulchaa Gandaa walitti qabaa ………… walitti qabaa
2. Itti Gaafatamaa Nageenyaa …………….. miseensa
3. Bakka bu’oota jaarmiyaalee dargaggoo …. miseensa
4. Abbootii Gadaa Iddoo jiranitti …………………. miseensa

Gahee Koree
• Karoora haala qabatamaa Ganda isaa qopheeffachuu.
• Koreewwan sadarkaadhaan ijaramaniif karoora qophaa’e irratti orrenteeshinii keennuu
• Mariiwwan kutaa hawaasa gara garaa kallattii taa’een gaggeeffamuu isaa hordofu fi ofiifis gaggeessuu,
• Haala nageenyaa fi tireendii diinaa haala kabaja ayyaanichaa wajjin wal qabatee ganda isaa keessa jiru hordofuu fi kallatti sirreeffamaa kennaa deemuu
• Koreen sadarkaadhaan dhaabbate hundi karoora haala qabatama isaatiin qopheeffachuufi hojii keessa galuu isaa mirkaneeffachuu
• Gabaasa Raawwii koree xixiqqaa dhaggeeffachuu fi kallatti kaa’uu

6.2. Koree Nageenyaa

Hojiin nageenyaa hojii qaama hundaan hojjetamu yoo tahes abbummaadhaan qaamni nageenyaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga sadarkaa gandaa (Milishaa) jiru kan hojjetu tahee koreenis sadarkaa naannoo kaasee hanga sadarkaa gandaatti dhaabbachuu qaba.
6.2.1. Biiroo/Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa ………………….. Walitti qabaa
6.2.2. Komishiinii/waajjira Poolisii…………………………………………miseensa
6.2.3. Waajjira milishaa (sadarkaa aanaatti)………………………… miseensa

Gahee Koree
• Haala qabatamaa jiru irraa kahee karoora haala nageenyaa kabaja ayyaana irrechaa hora arsadee fi iddoowwan gara garaatti kabajamuu ni qopheeffata
• Caasaa nageenyaatiif orrenteeshinii gahaa kennee ni bobbaasa
• Haala sochii nageenyaa kabaja ayyaanichaa wajjin wal qabatee jiru ni hordofa, ni xiinxala irratti hojjeta
• Jala bultii, guyyaa ayyaanichaafi ayyaanaan booda hojiile nageenyaa hojjetamuu qaban karoora isaatiin adda baafatee karoorfate yero yeroodhaan ilaalaa kallatti kaayaa deema.
• Abootii qabeenyaa mana nyaataa fi ciisichaa qaban Hooteela irraa kaasee sadarkaa hundattuu haala jiru ilaalchisee dursee ni mari’achiisa
• Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee karaa miidhagaa fi hawwataa taheen akka kabajamuufi nagaanis xumuramuuf hojiile barbaachisan hunda ni raawwata.

6.3. Koree Loojestikii fi qophii Iddoo
Iddoowwan ayyaanni itti gaggeeffamu hundattuu Godinni/Magaalaan/Aanaan haala isaatiin kan ijaarratu tahee gahee armaan gadii ni qabaata..

Gahee Koree
• Karoora mataa isaa ni qopheeffata
• Loojestikiiwwan barbaachisaa tahan hunda adda baafachudhaan yeroodhaan akka dhiyaatan ni taasisa
• Iddoon ayyaanichi itti qophaa’u akkasumas karaan gara iddoo ayyaanichaa geessu akkaataa ummata guyyaa ayyaanichaa argamu danda’an tilmaama kanaan duraa yaada keessa galchuudhaan karaa gahuu danda’uun bal’isee ni qopheessa,
• Qulqullinni magaalaa fi naannoo iddoo ayyaanichaa hawwataa fi miidhagaa akka tahutti dursee hojii hojjetamuu qaban ni raawwata.
• Taa’umsa keessummootaatiif haala ni mijeessa

6.4. Koree Kominikeeshinii fi dadamaqinaa (Kan hora Arsadee)
Koree armaan gadii keessatti seektarootni kallattiin dhimmi isaan ilaallatu kan magaalaa Bushooftuu kan hirmaatan yoo tahu sad. Naannoo irraa kanneen armaan gadii kan hirmaatan taha.
6.4.1. Biiroo/Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii sadarkaan jiran……walitti qabaa
6.4.2. Biiroo Dh/D/Ispoortii Oromiyaa…………………………………… Miseensa
6.4.3. BATO Damee Kominikeeshinii………………………………….….Miseensa
6.4.4. I/A/BATO dame Turizimii…………………………………………. Miseensa
6.4.5. D/Giddu Gala Aadaa Oromoo……………………………………….Miseensa
6.4.6. Biiroo/Waajjira Barnootaa Sad. Hundattuu jiran…………………… miseensa
6.4.7. Biiroo/Waajjira DhDD Sad. Hundattuu jiran………………………. Miseensa
6.4.8. Dhaabbata Raadiyoo fi TV Oromiyaa……………………………… Miseensa
6.4.9. I/G/Waldaa Weellistoota Oromoo………………………………….. Miseensa

Gahee Koree
• Hojiile komunikeeshinii ayyaanichaan duratti, guyyaa ayyaanaa fi ayyaanaan booda hojjetaman adda baasudhaan ni karoorsa
• Mariiwwan sadarkaa hundattuu jiran haala kallattii kaayyameen bilchinaan gaggeeffamuu isaa ni hordofa, kallattii hojii komunikeeshinii ni kenna
• Ergaa ijoo kabaja ayyaanichaa ni qopheessa
• Konsartii muuziqaa jala bultii gaggeeffamu haala itti gaggeeffamuu fiiddoo itti gaggeeffamu akkasumas qaama hirmaatu adda baasee ni murteessa kallattii ni kaaya,
• Paanaaliin akka gaggeeffamu ni taasisa
• Fiigicha karaa irraa akka Oromiyaatti guddaa tahe fi qaamoleen gara garaa irratti hirmaatan ni qopheessa, ni raawwachiisa.
• Aagarsiisa jila aadaa karaa irraa, kan daa’immanii, abbootii Gadaa akkasumas agarsiisa faradoo jala bultii gaggeeffamu haala itti gaggeeffamuu fi qaamolee hirmaatan adda ni baasa, ni hirmaachisa, ayyaanichi bifa hawwataa taheen akka gaggeeffamuuf ni hojjeta
• Guyyaa ayyaanichaa muuziqaalee dhiyaatan adda ni baasa ni qopheessa akka dhiyaatu ni godha
• Maxxansaaleen adda addaa guyyaa kabaja ayyaanichaatiif barbaachisan adda ni baasa yeroon akka maxxanfamu ni taasisa
• Midiyaaleen biyya keessaa fi alaa ayyaanicha irratti akka argamaniif dursee ni karoorsa, ergaas yeroon biraan gaha.
• Ardaan marii qaamolee adda addaa of keessaa qabu akka gaggeeffamuu fi ummanni hundi haala aadaa isaa itti dagaagfatuu fi kabaja ayyaana irreechaa ilaalchisee akkaataa itti qophaa’u kallattii ni kaaya, akka gaggeeffamus ni taasisa.
• Jala bultii ayyaanichaa, guyyaa kabaja ayyaanichaa fi ayyaanichaan booda ayyaanichi haala uwwisa miidiyaa itti argatu kallattii ni kaaya.

6.5. Koree Egzibishinii fi Baazarrii qopheessu
Koreen kuni sadarkaa Magaalaa fi aanaatti iddoo ayyaanichi itti gaggeeffamu qofatti kan hundeeffamu yoo tahu Magaalli ykn aanaan namoota ni tahan jedhu achumatti adda baasee kan ijaaru tahee sadarkaa naannoo irraa namootni armaan gadii miseensa ta’u.
6.5.1. Itti A/BATO dame Aadaa…………………………….. Walitti Qabaa
6.5.2. Itti gaafatamaa ykn I/A/ Ejansii IMX Naannoo Oromiyaa………. Miseensa
6.5.3. Waldaalee Artistoota Oromoo keessaa itti gaafatamtoota…… miseensa

Gahee hojii
• Meeshoolee fi hojii uumee ogummaa adda addaa agarsiisaaf dhiyaachuu qaban adda baasa
• Waldaalee hirmaachuu danda’an dursee adda baasee akka hirmaataniif ni mari’achiisa
• Iddoo egzibishiniifi baazarichi itti gaggeeffamu dursee akka qophaa’u ni taasisa. Qaamolee hirmaataniifis akka dursee kennamu ni taasisa.
• Hojiilee egzibishiniifi baazaricha gaggeeffamu miidhaksu kamiyyuu dursee adda baasudhaan irratti ni hojjeta.
7. Kutaa hawaasaa gara garaa waliin marii gaggeessuu
• Ayyaana irreechaa bara kana kabjnu adda kan isa taasisu sirni Gadaa UNSCOtti galmaa’uuf jala bultiitti (Ji’a lama) qofa yeroo isa hafu gaggeeffamuu isaa ti. Kanaafuu bifa ho’ina qabuun karaa hawwataa taheefi yeroo kamirraayyuu adda taheen gaggeessuun ykn kabajuun barbaachisaa dha. Kanaaf ammo hawaasni hundi kana beekee miidhaa aadaa isarratti dhufu qolachuudhaan mirga qabsoo isaatiin argateefi heera mootummaatiin wabii argatetti fayyadamuudhaan aadaa isaa karaa hawwataa miidhagaa taheen miira gammachuutiin kabajachuu qaba.
Kanuma dhugomsudhaafis waltajjiin marii qaamolee hawaasaa adda addaa armaan gadii wajjin gaggeeffamuu qaba.
7.1. Marii dargaggoota baadiyyaa fi magaalaa kan IMX dhaan ijaaraman dabalatee
7.2. Marii barattootaa
7.3. Marii abbootii Gadaa fi jaarsolee biyyaa
7.4. Marii jiraataa magaalaa fi dafqaan bulaa
7.5. Marii qonnaan bulaa/ horsiise bulaa
7.6. Marii Artistotaa
7.7. Marii Abbootii qabeenyaa
7.8. Marii hojjetoota mootummaa ( Barsiisaa, HMH,HEF, fi kanneen waajjira keessa hojjetan) fi kanneen biros dabalataan barbaachisu yoo jiraate haala qabatama Magaalaa fi Godinaatiin ilaallamee itti dabalamuun ni danda’ama.
8. Ayyaanicha Bifa Ho’aa fi Hawwataa ta’een Kabajuu
Akka aadaa Oromootti ayyaanni irreechaa kan kabajamu ji’oottan roobni itti hammaatu ykn ji’oottan gannaa roobni cimaan keessatti roobu, yeroo lagni itti guutuu fi firri laga gamaafi gamana jirani illee walitti dhufanii wal arguu hin dandeenye yeroo dhoqqeen ykn ganni gurraachi darbee yeroo birraan bari’u ji’a Fulbaanaa keessa taha.
Haaluma kanaanis sadarkaa naannootti irreechi hora arsadii fulbaana 23/2009 kan kabajamu yemmuu tahu kanneen hafanis ji’uma fulbaana kana keessatti wal duraa duubaan kan kan kabajaman taha.
Irreechi sirna Gadaa keessatti sirnoota gaggeeffaman keessaa tokko tahuu isaa wajjin wal qabatee akkasumas sirna Gadaa galmee UNSCOtti galmeessisuuf deemaa jiraachuu keenya fi kanumas jala bultii isaa irraa eegalee bifa ho’aa fi hawwataa taheen kabajuun barbaachisaa waan taheef akkasumas aadaan keenya hawwata turistiitiif oolee bu’aa as irraa argachuu qabnu sadarkaa olaanaatti argachuuf bara kana yeroo kamiiyyuu caalaa bifa ho’adhaan kabajamuu qaba.
Haaluma kanaanis jala bultii isaatti sagantaaleen armaan gadii kan gaggeeffaman taha
• Karaa aadaa ummata Oromoo Godinaalee hunda calaqqisiisuu danda’uun jilli aadaa ni jiraata. Jilli aadaa kunis agarsiisa aadaa karaa irraa fi magaalaa keessa naanna’uun kan gaggeeffamu taha
• Agarssifni Fardaa ni jiraata
• Agarsiifni Maarshi baandii Poolisii ni gaggeeffama
• Konsartiin muuziqaa ni jiraata
• Agarsiifni daa’immanii abbootii Gadaa waliin tahuun ni gaggeeffama
• Fiigichi guddaan karaa irraa namootni gara garaa keessattuu dargaggootni balinaan irratti hirmaatan ni jiraata
• Mariin Paanaalii qaamoleen gara garaa irratti hirmaatan ni qophaaya
• Ardaan Marii hayyoota waliin ni gaggeeffama
• Mariin abbootii Gadaa fi jaarsolee biyyaa ni gaggeeffama

9. Kallattii Raawwii
• Mariin kutaa hawaasaa gaggeeffamu irra caalaa Godinaaleefi Magaalota humni namaa balinaan keessaa ayyaanicha irratti hirmaatan irratti xiyyeeffata.
Fkn. Shawaa Lixaa, Horroo guduruu wallaggaa, Wallagga bahaa,Shawaa K/Lixaa, Sh/Bahaa/, GANF, Shawaa kaabaa, Jimma, Har/Lixaa, Arsii Lixaa, Arsii, Magaalaa Bushooftuu, Burraayyuu, Sabbata, Adaamaa, Dukam, Galaan, Asallaa, Shaashamannee, Baatuu,Mojoo, Sulultaa, Laga Xaafoo,Amboo, Naqamtee fi kkf ka’umsaaf kan caqasamanii dha.
Kana jechuun magaalotaa fi Godinaalee kanneen hafan keessatti mariin hubannoo uumuu hin gaggeeffamu jechuu miti.
• Godinaalee namni bal’inaan irraa hin hirmaanne Marichi balinaan dargaggoota irratti kan xiyyeeffate tahee kutaalee hawaasaa kanneen hafan karaa bakka bu’unsaatiin yoo mari’achiifneefi mariin hafe karaa ijaarsa raayyaa isaanitiin yoo tahe filatamaa dha.
• Godinaalee fi magaalota ummanni bal’inaan irraa hirmaatu kutaalee hawaasaa hunda adda addatti mari’achiisudhaan ijannoo tokko irraan gahuun barbaachisaa taha.
• Kabajni ayyaana irreechaa burraayyuu hora arsadeetti aansee baay’ina ummata hirmaatuu fi kabajuun sadarkaa lammaffaatti kan ilaallamu tahe abbummaadhaan Magaalaan burraayyuu of danda’ee kan gaggeessu taha.
• Kabaja ayyaanichaa irratti ummanni fedhii isaatiin bahee kan hirmaatu waan taheef yeroo mari’achiifnu iddoo ayyaanni itti kabajamutti namni hundiinuu naamusaafi safuu ummanni Oromoo qabu karaa muli’suun ta’uu waan qabuuf namni hundi kanuma kabajee akka hirmaatu qofa qabsiisu taha.
• Ayyaanni irreechaa bara kanaa Hora arsadeetti kabajamu yeroo kamiiyyuu caalaa bifa ho’aa fi hawwataa taheen kabajamuu qaba. Kanaafuu, Maanguddoon, hawwootni, ga’eessi, dargaggoon, (shamarranii fi dhiiras) dabalatee gara ayyaanichaa yeroo deeman uffannaa aadaa Oromootiin miidhaganii sabaafi sablammootni biros uffannaa aadaa isaaniitiin bareedanii sirba aadaa isaanii sirbaa gara iddoo irreeffannaatti akka deeman dursanii mari’achiisuun walii galuun barbaachisaa dha. Kuni ammo ayyaanichaaf miidhagina kennuu qofaa osoo hin taanne qalbii namaa harkisuun hawwatumaan turistiif aadaan keenya qabus olaanaa akka tahuuf haala mijaawaa uuma.
• Iddoon irreenfannaa iddoo aadaan keenya itti dagaaguu waan taheef uffannaawwan ergaa siyaasaa adda addaa dabarsan uffatanii ykn harkatti qabatanii deemunii fi sirboota ergaawwan siyaasaa adda addaa dabarsan iddoo sanatti sirbuun guddina aadaa keenyaatiif dhiibbaa mataa isaa danda’e waan qabuufi turistiin biyya keessaa fi alaa dhufus aadaa iddoo sanatti gaggeeffamuun gamadee deemu dhufa malee ergaawwan siyaasaa achitti darban dhaggeeffachuufi ilaaluuf waan hin taaneef dhimmoota akkanaa irraa of qusannee aadaa fi eenyummaa keenya beeksisuu (gurgurachuu) qofa irratti xiyyeeffachuu waan qabnuuf kana irratti hanga danda’ameen namni hundi akka kallatiitti akka qabatuu fi gochawwan faallaa kanaa deeman irratti akka qabsaa’uuf waliigaluu qabna.
• Aadaa fi siyaasni garagara yeroo jennu ulaagaa UNESCO’n kaa’e fi aadaan kan ummataa waan taheef qabeenya ummataa kan tahe kana gareen siyaasaa muraasa tahe sarbuun sirrii akka hin taane qabsiisuun barbaachisaa dha. Yeroo kana jennus Dh.D.U.O. mootummaa naannoo oromiyaa gaggeessuu siyaasa isaatiifi jedhanii gareen dhimma kana gufachiisudhaaf yaalu yoo jiraates akka dogogoraa jiru hubachiisuun barbaachisaa taha.
• Waliigala barreeffama marii keessatti qaamolee waliin mari’annu xumura irraan gahuu qabna jedhamee qabxiilee kaayyaman hunda milkeessudhaaf hojjechuu qabna.
• Fiigicha guddaa karaa irraa ilaalchisee Biiroon dhimma dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Biiroo Aadaa fi Turizimii waliin koree waliinii ijaaree waliin ni hojjeta
• Dhimmoottan biro BATO hojjechuu qabu of danda’ee kan hojjetu taha

10. Sirna Hordoffifi deeggarsaa
Galma gahiinsa karoora kanaatiif sirni hordoffii fi deeggarsaa cimaa tahe diriiruun murteessaa dha. Haaluma kanaanis
• Koreen sadarkaa naannoo irraa kaasee sadarkaa hundattuu ijaarramu hojii kana ji’a adooleessaa keessa al lama hagayya keessa torbe torbeedhaan Fulbaana bara 2009 keessa guyyaa sadi sadiin gabaasa gar jalaa dhufu fi hordoffii ofiif taasiserraa ka’uun ni gamaaggama kallatii itti aanus kaayaa ni deema
• Odeeffannoowwan jirus qaaman gadi bu’uun ni fudhata

11. Rakkooleewwan nu quunnamaniifi Furmaata isaanii
11.1. Rakkoolee
• Dhimmi aadaa dawoo godhachuudhaan naannoo hora arsadee fi iddoowwan biraattis calaqqisan kunneen hojii siyaasaa gahaa qofaan akka sirreeffamuu qabuu fi kuni tumsa nama hundaa keessattuu kan gaggeessaa akka barbaadu hubachuu dhabuudhaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa gahaa kennuu dhabuun nu quunnamuu danda’a
• Hojichi hojii qaama hundaa taahee osoo jiruu biiroo Aadaa fi Tuurizimitifi qaama nageenyaatiif qofa hojicha gatuun, hojiin nutti baay’ata jechuun hojii kana cinaatti dhiisuun rakkoo tahuu danda’a.
• Sababoota armaan olii irraa kan kahe hojiin gahaan hojjetamuu dhabuu irraa kan kahe ammas akkuma baroottan darbanii ilaalchotni tokko tokko carraa argatanii calaqqisuu danda’u.
• Qindominaan hojjechuu dhabuu
• Iddoon siyaasni itti gaggeeffamu iddoo aadaan itti gaggeeffamu irraa adda tahuu qaba yeroo jennu akka sirrii hin taanetti humni hubachu jiraachuu danda’a. kuni ammo ulaagaa UNESCO’n kaa’e waliin walitti waan bu’uuf deemsa galmee sirna gadaa keenya irratti dhiibbaa fiduu danda’a.

11.2. Fala Rakkoolee
• Hojiin kuni hojii diinni itti xiyyeeffatee irratti hojjetuufi ergaa siyaasaa isaa iddoo itti dabarfataa ture tahuu isaa wajjin wal qabatee qabsoo ilaalchaa cimaa kan gaafatuufi jijjiirama ilaalchaa fi hubannoo barbaadamu fiduudhaaf ammo qaamni hundi irratti waliigaluun irratti hojjechuun akka nu barbaachisuu fi balaa aadaa dawoo godhachuudhaan tarkaanfatu kana qolachuun aadaa keenya gabbisuu fi dagaagsuun gahee qaama hundaa akka tahe irratti walii galuun xiqidhaan irratti hojjechuu qabna.
• Qaamoleen hundi qindoominaan hojjechuu
• Miidiyaalee fi waltajii gaggeessinuun Ulaagaa UNESCO’n galmee hanbaaleetiif kaa’e siriitti qabachiisuu fi irratti walii galuuf hojjechuu.
• Yeroo raawwii
T/L Hojiilee Hojjetamuu qaban safartu Qaama hojjetu Iddoo itti hojjetamu Yeroo itti hojjetamu ibsa
1 Karoora qopheessuu Koree Hanga 10/10/08
2 Karoora qophaa’e irratti caasaa sadarkaan jiruuf qabsiisa kennuun karoora isaanii qopheeffatanii hojiitti akka galan gochuu Koree olaanaa sadarkaan jiru Sad. Magaalaa
Godina, Aanaa, Ganda Hanga 25/10/08
3 Marii gaggessuu
3.1 Marii dargaggootaa Caasaa sad. Jiru Sad. Magaalaa, Aanaa, Ganda 1/11/2008- 20/01/2009
3.2 Marii qonnaan/horsiise bulaa keessaa bakka bu’aa tahan Caasaa sad. Jiru Sad. Magaalaa, Aanaa, Ganda 1/11/2008- 20/01/2009
3.3 Godinaalee shawaa fi namni balinaan irraa hirmaatu keessaa marii qonnaan bulaa gaggeessuu Caasaa sad. Jiru Sad. Magaalaa, Aanaa, Gandaafi hanga tokko shaneetti 1/11/2008- 20/01/2009
3.4 Marii hojjetoota mootummaa (barsiisaaHMH,HEF,Hojjetoota waajjira keessa hojjetankkf) Caasaa sad. Jiru Sad. Magaalaa, Aanaa, Ganda 1/11/2008- 20/01/2009
3.5 Marii barattootaa Caasaa sad. Jiru Maneen barnootaatti Fulbaana 5- 20/1/2009
3.6 Marii dafqaan bultootaa naannoo ayyaanichi itti kabajamuu
Caasaa sad. Jiru Sad. Magaalaa, Aanaa, Ganda 1/11/2008- 20/01/2009
3.7 Marii Artistotaa Seektara AT sad. Jiran Sad. Biiroo, Godinaa
Magaalaatti 1/11/2008- 20/01/2009
3.8 Marii Abbootii gadaafi jaarsolee biyyaa Caasaa sad. Jiru Sad. Biiroo, Godinaa/aanaa
Magaalaatti 20-25/11/08
4 Marii paanaalii Koree komunikshinii Magaalaa bushooftuu 22/1/2009
5 Agarsiisa jila aadaa Koree komunikshinii Sad. Biiroo, Godinaa
Magaalaatti 22/1/2009
6 Fiigicha Irreechaa karaa irraa gaggeessuu Koree komunikshinii Magaalaa Bushooftuu 22/1/2009
7 Agarsiisa konsartii Muuziqaa Koree komunikshinii Magaalaa Bushooftuu 21-23/1/09
8 Qophii Iddoo kabaja ayyaanichaa xumuruu Koree Iddoo fi loojestikii Magaalaa Bushooftuu Hanga 20/1/09
9 Maxxansaalee barbaachisan xumuruu Koree komunik. 20/1/09
10 Ardaa Marii gaggeessuu,kabaja ayyaanichaa ilaalchisee hubannoo uumuu DHRTVO 1/12/2008/-25/1/2009
11 Egzibiishinii fi baazaarii gaggeessuu Koree Egz. Fi baazaarii Magaalaa bushooftuu 18/1/09/24/1/09
12 Ayyaana kabajuu Magaalaa bushooftuu 23/1/2009

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa