Xinxala Haala Qabatama Yeroo Ammaafi Sadrkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo Irra Ga’e gaggabaabinaan!

Xinxala Haala Qabatamaa Yeroo Ammaafi Sadrkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo Irra Ga’e Gaggabaabinaan!

Ummatin Oromoo Sabaa /Nation/ Ganfaa Afrikaa keessatti guddaa fi akkasummaas Afaansaa Hausa fi Zulutti aane Afrikaa keessatti sadarkaa 3ffaa irraatti kan argamudha. Kana malees akka biroon lakkobsa ummata Itoophiyaa mataa isaattin amanutti ilee yoo fudhatame ummata biyyatti keessa 35% ta’uusa ilaala. Kana malees Sabnni bal’aan kun lafa bal’aa fi gaarii kan hamaate yeroo ta’uu wirtuu biyyaati gama hundaan qabatee kan jiruf gama dinagdeettins dugugguruu biyyatti ta’ee argama. Saba bal’aa kanatu egaa Biittoota Habashaattin waan hundaa keessa dhiibame daraan miidhamafi kan itti roorriirfama jiru. Garuu yeroo amma ummatin keenya haala kana jijjiiruf akkasumaas diinoota isaa duraa dhabaatee bilisummaa isaa qabsoon gonfaachuun biyyatti keessaattis ta’ee ganfaa Afrikaa keessaatti qooda isaa tabachuuf tokkumman ka’ee tocho’uu egaleera. Diinoota isaas keessaf alaan raasuu kan egalee yeroo ta’uu firoota isaa gammachisaa ilamaansaa ammoo gamtoomsaa jira.

Egaa kana irraa kaane yoo ilaale yeroo amma qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa olaanaa irra ga’aa jira. Damaqqinsii ummata keenya kan yeoo hundaa irraa daraan waan jabataa dhufeef Addunyaa birattis dhageetti argaachuu egaleera. Ta’uus ammas dhageettin kun baayyee xiqaadha. Kana malees diinna irraatti sodaa gudda umuun kan raassuu egalee yeemmuu ta’au keessatu baratoonni ilmaan Oromoo bakka hundatti sagalee tokkoon yeroo itti wal hubannoon mormii isaani dhageesssisaa jiran fi humni Di’aasporaas Oromoos wal hubannon rakkoo biyyaa keessatti mul’aatu irraatti sagalee dhageessiisuu egaluun amma tokkoo dhimma Ummata Oromoo Adduunyaatti dhageessiisuuf carraa gudda umuunsaa diina baayyee kan mogooleetti bishaan naqeedha jechuun nidan’amaa.

Egaa kana irra dhabaachuun haala jiruu ilaaluun fuula duraatti mal godhamuun akka qabau akeekuun fardii waan ta’ee argamef xinxalaa kana dhiyyeessuun yaalameera. Integration Development Master Plan jedhuun magalaawwaan Oromoo naannoo Finfinnee jiraan magalaa Finfinneetti dabaluudhan baballiffaanna fi lafa Oromoo qotee bulaa irraa molquun gurguraachuuf yaalli godhma jiruu duraa dhaabaachuun Oromoon keessaa fi alaan sagalee tokkoon dhaabaachuun mormi guddaa dhaggeesiisuun isaa guddiinna qabsoon Oromoo irraa ga’ee firaa fi diinaatti agarsiisuunsaa baayyee hammilee Oromoo olkaasee argama. Kana jechuun qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa kana irraa ga’aa jira yeroo jedhamuu hoogganna argatee utuu hintane sochii guddiina baratoota Oromoo Yunversitti adda addaa fi dhalootni haaraan Ormoo keessa fi alaan godhaan irraa ka’eeti jechuun hindanda’amaa. Ammas sochiin kun hooggana hargateera jechuun hindanda’aamu.Hoogganna dhabuun kun akka sochiin qabsoo kana gara boodaatti hindebneef wabiin hinjiru. Hoogganna dhabuu irraa kan ka’ee ammas qabsoon dhiigan as ga’ee kun deebi’ee akka hiriph’iine baayyee sodaachisaadha.Hoogganna dhabuu qabsoo kanaf kan guufuu olaanaa ta’ee bara dheeraaf furmata hinargatiin jiru ammo addaan fafaaca’uu dhabbillee Oromoo fi tokkummaan dhaabaachuu fedhuu dhabuu isaani irraan kan ka’ee akka ta’ee ifaatti mul’aata Gaaffiin ummata fi dargaggoo dhaloota haaraa biraa ka’aa jirus kun akka hattatamn furamu kan ibsuudha.

Xinxalli kun haala waliigala, dhaabbille Oromoo, Ummata Oromoo, Mootummaa wayyanne / OPDO / fi haala dhaabbille mormitoota biyyatti keessa jiranni keessatu haala dhaabbille Oftultoota, haala biyyoota nannoo ganfaa Afrikaa, fi haala addunyaa kan xinxaleef hiikkaa isaan qabsoo keenyaaf qaban akeekeraa.. Kana malee xinxalli kun falaaf wan godhamu qaban ni akeeka. Xinxallich garee kamuu xuquu yookiin qeequu hinyaalu, garuu rakkoo mooraa Qabsoon bilisummaa Oromoo hudhaani yeroo xuxuquu dhaabbillee fi hooggana biraa rakkoo jiru waan akka waligalatti xuquuf hunduu keessatti of ilaalu qabaan. Kana malee qabsoon kun kallatti qabachuu qabu akeeka. Hawwii fi fedhiin qabsoo bilisummaa Oromoof qabu yoomu na keessa jira dhaaba keessa jiradhees dhisees utuun garee hinqabatiin waan nati mul’atu fuula durattis dhiyyeessu yaaluun koo hinoluu. Akka dhala Oromootis sochiin amma biyyaa keessatti dhaloota haaraan itti jiramu waan hundaa keenyaa ilaaluuf xinxalli kun qooda koo ba’uus kan giddu galleessa godhateedha Kana malees xinxalliich kan dhumeef miti, gabbaachuu fi yaada hundaas dabluuf banadha..Kana irraa kaa’aamee hunduu yaadan gaabbisuun waan Oromoo fayyadu irratti kan as irratti ka’aameen allattis cimsuun qabsoo kanaf yoo bu’aa kan latu ta’ee dhimma itti ba’uun gaariidha.. Kana yaada keessa galchuun xinxallicha akka armaan gadiiti dhiyyeessuun yaalamera.

1.Haala dhaabbiillee Oromoo: dhabillee Oromoo bakka sadiitti qodduun ilaaaluun barbachiisadha,
A. Dhaabbiillee biyya keessatti karaa seeraa fi nagaan qaabsaa jiraan
B. Dhaabbiillee qabsoo hidhannootti amanaan
C. Dhaabbiillee biyya alaa keessatti tocho’aa jiran jechuun nidanda’ama.

A.Dhaabbiillee Oromoo biyya keessa jiran:
Isaan kun warra qabataman ummata keessa jiranif mootummaa abbaa irree wayyanne karaa nagaan falmani tayyitaa irraa buusuu yalli godhaa jiraanidha. Isaan kun rakkoo ummata biraa jiraachuun waan argaanif amma humnni isaaani hayyamefiti rakkoo qabatama ummata keenyaa kana kaassudhan diina irratti cimiinaan qabsoo godhaa jiru. Humnni kundiinaan dararaan ammana hinjedhamnne kan irraa ga’uudha. Du’uun,hidhamuun, hojii irraa hari’aamun, diinaa jedhamani ifaatti daraamufi gidiiraan ammana hinjedhamne kan irraa ga’uudha.

Ta’uus garuu humni kun kanumaa keess ta’ee hojii boonsaa hojjacha jira. Kanaafis ragaan sochii dhimmaa magaloota naanno Finfinnee gara Finfinnetti dabaluun lafa Oromoo saamuuf godhamee irratti mormiin adda durumaadhan godhaan fakkeenya olaanaadha, kana malees yeroo diinni baratoota Oromoo Yunvirsitii Finfinnee keessaa gara 300. ol ta’aan hari’eettis humni kun ga’ee olaana tabateera. Humni kun qabsoon Oromoo humnoota biroo waliin walqabatee akka deemuf qophaatti rukkutaa diinaaf akka hinsaxilamne gochuuf qabsoo bilisummaa Oromoof firaa baayyisuu irratti gaarii deemera, gamataa Medirek keessatti humnoota sabafi sabalamoota waliin ta’uun fuula duraatti hariiroon gaariin akka jiratu gochuu irratti bu’aa gaarii argamsiiseera. Kanaf humni kun biyya keessati cimaa deemuun buu’aa gaarii fi dubee qabsoo bilisummaa Oromoo gudda waan ta’eef ijaa gaariin ilaaluun baayyee barbachissadha.

1.Cimiina fi hir’iina humana biyya keessa
1.1. Cimiina
a.Ummata keessa tocho’uu ummata waliin walitti hidhaata qabachuu
b Rakkoo ummata irra ga’uu irraatti diina saxiiluu
c.Tumsaa humnoota biroo waliin qabachuu
d. Dhageetti diplomacy amma tokko qabachuu
e.Dubee qasoo bilisummaa Oormoo ta’uun hojjachuu
f. Seeraa fi Heeraa irraatti hunda’uun tocho’uun utuu diini itti roorrisuu hidhuu fi ajeessuu hojjachuu danda’uu.
g. Qawwaa heera fi seeraa tti fayyadamuun hir’iina diini heeraa irrattai agarsiisun diina saxiiluu

2.Hir’iina
a. Casaa jabaa ta’ee gad dhaabuu hanqaachuu
b. Bakkaa Oromiyaa maraa ga’uu hanqachuu
c.Hooggana cimaa ta’ee dhabu

B.Dhaabbiillee Oromoo qabsoo hidhanootti jiran
Dhaabbilleen Oromoo qabsoo hidhanootti amanaansocho’aa jiraan nijiru, kun Oromoo irratti kan abdii umee fi boonsedha..Dhaabbilleen qabsoo hidhanoo irratti hojjatan qabsoon kun akka gonkumaa gara boodaatti hindeebine gochuu irratti ga’ee olaanaa qabu. Garuu rakkoo guddaan naanno kanattis mul’atu qabsichaa ummata keessatti gad dhabuu dadhabuudha, fi qabsichi yeroo fudhaachu saatti. Qabsoon hidhanno yeroo fi haala keessatti, ummata qabsa’aanif sana tochosuun ijaaruun, hidhaachisuun ummatich keessatti gad of dhabuun diina irratti cinqqii umuu fi of irratti hirkanoo qabachuu gaaffata.Hojii diplomasii cimaa ta’ee ofuu waliin walqabata, Toftaa fi Tarsimoo yeroo gaaffatu yeroo yerootti baasuun diina fi firaa addaan baasuun hojjachuu gaaffata. Humna hidhatee fi ummata walsimsiisuun dubee cimaa ijaaruun roorroo ummata irraa ga’uu faciisuun ummata madda humna waraana fi dinagdee godhachu gaaffata. Humna ofi guddisaa sadarkaa sadarkaadhan diina buqiisaa deemu gaaffata.Kana irraa kane yeroo ilaaluu cimiina humna hidhateera hir’iinisaa daraan gudda ta’ee mul’ata.

2. Cimiinaa fi hir’iina humna kana;

A Cimiina
2.1. Waan itti manautti cichee as ga’uu
2.2. Rakkoo Ummata Oromoo irraa ga’uu karaa sabqunnamtti adda – addaattin addunyaatti dageessisuun mirga ummatichaaf falmu
2.3.Oloola diinni irraatti ofuu dandamatee as ga’uu
2.4.Yoo xiqatee humna hidhatee of harkaa qabachuu
2.5. Sabbonummaa Oromoo jabeesuu fi olkaasuu
2.6. Darbe darbe diina aleeluun soda itti umuu

B,. Hir’iina humna kana
4.5. Toftaa fi Tarsimoo haala yeoo waliin deemu akeekuu dadhabuu
4.6. Ummata keessatti gad of dhabuu dadhaabu.
4.7. Caasaa cimaa fi ititta ta’ee ijaaruu dadhabuu
4.8.. Hojii diplomasii irraatti dadhabaa ta’uu
4.9. Biyyoota Ollaa ganfaa Afrikaa keessatti gad of dahbuu hanqaachuu
4.10. Hoogganna ittiitaa qabchuu hanqachuu fi Hoogganna ummata keessatti cichee hojjatu dhabu
4.11. Duubee qabsoo amanisiisaa ta’ee dhabu

D. Dhaabbille Oromoo biyyaa ambaa/ alaa/ qabsoo hidhanoon alaa jiran.
Dhaabbileen kun yoo ilaalee hedduudha,isaan kun maqaa qabsoo bilisummaa Oromootti ka’uun fi amma humni isaani danda’eetti diina Oromoo irratti falmii gochuun isaani baayyee boonsaadha, garuu ammoo fafaca’oo fi ummata keessatti ga bu’uu irratti dadhaboodha. Caasaa cimaa fi tarsimoo qabsoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin wal simatee qabsoo kana achi butuu danda’uu kan mula’tu baayyee hinqaban. Hoogganna cimaas hinqaban jechuun nidanda’aama. Hojiin diplomasii isaani dadhaba ta’uu qabatamaatti argina.

1.Cimiinaa fi Hiriina isaani
A.Cimiina
1.1.Qabsoo bilisummaa Oromootti cichu isaani
1.2. Amma humni isaani danda’eetti gochaa diina balaleefachu, saxiluu
1.3. Dhimma fi rakkoo ummata Oromoo irra ga’uu naannoo jiran keessatti dhageessiisuu yaalu
1.4. Sabbonummaa Oromoo jabeessuu

B.Hir’iina isaani
1.5.Toftaa fi Tarsimoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin deemu dhabuu
1.6.Ummata irraa fagaachuu
1.7.Caasaa qabsoof ta’uu diriirisuu dadhabuu fi namoota dhunfaa irratti raraa’uu
1.8. Hojii diplomaasii irratti dadhaaboo ta’uu
1.9. Hoogganna cimaa dhabuu

C.Rakkoo/ hir’iina/ waloo dhaabbilee Oromoo
Cimiinaa fi hir’iina dhaabbillee Oromoo hundaaf kenyee akka jirutti ta’ee amma ammo hir’iina fi rakkoolle waliigala/ waloo / dhaabbille Oromoo keessaa isaan gurguddoo ta’aan kaa’uun furmata yaadamuuf murteessaa waan ta’eef kuno akka armaan gadiitti kaa’uun yalameera. Qabxiiwwaan kun hundaaf kan waloo waan ta’aanif furmata yaadamu akkeekuu irratti nigargaruu jedheen yaada.

a. Tokkummaa umuuraa rakkoo walii afarsuu
b. Caasaa cimaa diriirsuu dadhabuu
c. Fedhii namoota dhufaa dursuu fi ofitummaan jiraachu
d. Toftaa fi Tarsimoo Oromoo humneesuu basuu dadhaabu
e. Hojii diplomasii irratti dadhaboo ta’uu
f. Humnoota biroo, keessatu humnoota ummatoota kiibba hawwachuu dhadhaabu.
g. Halaa yeroo waliin of qopheesuu hanqachuu fi yeroo waa dhalatu ka’aanii fiiguu
h. Hooggana mul’ata qabuu fi toftaa qabsoo fi tarsimoo umuu dadhaabu
i. Dargaggoota haogganna keessatti horaachuu irraatti fedhi dhabuun rakkoowwan jajaaboo dhaabbille hundaatti Oromootti jechuun ni danda’ama.

D. Fala falamu qabu
1. Jechaa fi mamaaksaa Oromoo tokkoo irra dhabachuun yaada kooti ce’aa. ‘’Walii galan laga galuu’’ jedha Oromoon. Kun Ummata Ormoo biraatti hiikka gudda qaba..Kana irraa dhaabaachuun ,Waltajii guddaan kan dhaabbilee Oromoo, Hayyoota, Jarsoolii, Abbootti amaantii fi dhabbillee hawwaasa Oromoo adda addaa, Dhaloota haaraa / Dargaggoota/ namtokkee qabsoo kana keessatti ga’ee qabatan kan biyya keessa fi alaa hirmachiisuu hattataman wamamee mariin dhimma tokkummaa irraatti godhame araaraa buusuun dirqama ta’aa.

2.Walatjiin kun haalli amma dhalatee kun kan gara boodaatti hindeebine ta’uun isaa hubatame amma dhaabbillen Ormoo gamtoomani hoogganna Ga’aa keenanitti wal hubanoon Koreen dhimma Sochii biyyaa keessaa fi kan Di’aasporaa qindeesituu fi hojii diplomasii hojjatu akkasummas dhimmi araaraa kun essa akka ga’ee kan hordofu hattataman dhabuun dirqama lachu qaba.

3. Gaafii ummata biraa hattatama ka’uu kanaaf Tarsimmoo fi Toftaa qabsoo akeekuun dhaabbillee Oromoo gamtaa umaani waltajiin / Korri / wamamu akeekuu qaba.

4 Hojii Diplomasii guddaa gochuuf kan gargaruu himamata hariiroo alaa fi biyyoota ollaa qabachu fardii waan ta’eef waltajiin kun waa jechu qaba.

5. Dhaabbillee saba fi sabalamtoota, kan kiibba, kan Somalee, kan Afariifi kunneen biroo hawaachuuf kan gargaruu karoora fi himaamatni akka jiratu akeeku.

6. Oromoon biyyaatti akka Hooggannu fi ganfaa Afrikaa keessatti akka humnoomu karoora qubsaa tokko akeekuun diinnoota keenyaa mataa gad caabsuu, firoota olla keenyaa ammo ofiti qabuuf hojjachuun fardii ta’aa waan dhufeef as irratti waa akeeku qaba.

7. Humna diina lafiisuuf OPDO keessaa ilmaan Oromoo jiraachuuf jechaa siriniicha tajajiilaa jiraan hooggannota warra olaanoo irraa qooduun irraatti hojjachuuf karoorfamu qaba.

8. Hojiin Propaganda cimaa ta’ee barbachisaa ta’uunsaa hojii OMN irraa hubatamee jira, kanafu media kana cimsuu cinatti kan biraas itti yaaduun ijaaruun barbachisaa waan ta’uuf karooraan hogganamu qaba. Ukamsaa/ Jamming/ diini OMN irratti godha jiru caabsuuf karaa hundaa falli barbadamu akka qabu akeeku

9. Hojiin qabsoo bilisumma kun dhimma hojii Oromoo maraa yoo ta’ee ilee haala amma keessa jiru kana keessatti dhalootni haaraan / New Generation/ qabsoo kana akka hooggannuf haalli dhiibee dhufee jira, kanafu dargaggoota hegeerii Oromoof caarraan keenamufi qaba, qoodni isaani beekamu qaba, kanafu waltajiin kun ga’een Dhaloota haaraa kun bakka olaana akka qabatu gochuu irratti marii cimaa gochu qaba. Dhalootin haaraan kun yoo hoogganna kana qabatee qabsoon keenya kan yoomu caalaa safiisuu akka ta’uu shakkun hinjiru waan ta’ee hirmaana humna kana gudaa ta’uu akka qabaatu gochuu keessatti akeeku qaba waltajich.

2.Halaa Ummata Oromoo
2.1. Haala ummata Oromoo biyya keessa
2.2 .Haala Di’aaspooraa

A. Haala ummata Oromoo biyya keessa
Ummani Oromoo biyya keessaa ergaa wayyannen to’atamee kaassee guyya guyyaatti giddiira argaa jira, maqaa dhaabbiilee Oromoottin diina tokkaffaa jedhamee ajeefama, biyya fi qe’eesaa irraa hari’ama, hidhama, dararama fi samamaa jira. Rakoon kun yeroo amma mormaa isaa ga’ee yeroo itti diina isaa irratti tokkummaan ka’uu isaa dandeessisuu irraan isaa ga’ee jira. Keessatu baratooni Oromoo sadarkaa olaana amma gadittii jiran kanaf fakkeenya guddaa ta’uu. Mormii isaan Yeroo adda-addaatti godhaan dhisne isaa dhiyyoo kanaa ilaaluun ga’aadha. Baratooni Oromoo baatii Camsaa 2014 dhimma magalawwaan naanno Finfinnee magalaa finfinneetti dabaluuf karoorii maqaa Integration Development Master Plan jedhamuu Wayyannen bafate mormuun aarsaa lubbu gaaffatu basuun diina cinquun isaani ragaa guddaa dha.

Humni kun utuu hoogganna dhaabbille tokko ilee hinqabatiin diina duraa dhabaachuun adda isaani rasaasaaf keenuudhan kutannoo qabaan agarsiisuun firaa keessaa amma amabaatti tochoosaan, diina ammo riiffachisuun akka fedhasaatti kana booda Oromoo irraatti akka roorriisuu hindandeenye itti agarsiisuun seenaa keessatti maqaa isaani galmeessaniru. Hojii boonsa isaan dalagaan kun yommu kan hindagatamne ta’uu isaa irra iyyuu ilamaan Oromoo addunyaa maraa irra jiraan waltajii tokkootti sasaabuun sagalee tokkoon akka dubataan godheera. Sochiin baratoota Oromoo kun media addunyaa baayyee irratti ilee sagaleen Oromoo akka dhaga’aamuuf karaa saquu cinatti diinis kana booda akka yeroo lama itti yaaduu godheera. Kanaf kana irraa ka’uudhan cimiina fi hir’iina sochii biyya keessa irraatti mul’aatan akka harmaan gaditti kaa’uun fuula duraaf irraa barachuun barbachiisaa ta’aa jedhamee yadama.
– Cimiina
– Kutannoo fi of irraatti amantaa qabachu
– Kaka’uumsaa qabachu
– Tokkummaa qabachu
– Diina xireeffachu fi roorroon lubuu keenuun akka deebitu baruu
– Sabboonummaan jabachaa dhufuu
– Dargaggoota hegeerii Oromoo hedduu horaachuu
– Duubee qabsoo jabaan umaamuu
– Qasoon keessatti jabatee alaa deegaarsa akka argatuu ta’uu akka qabu barsiisuu
– Hoogganna dhaloota haaraa gad baasuu danda’uu
– Hir’iina
– Ummataa hawwachuu, keessatu maatii damaqffaachuu hanqaachu
– Bakka hundaatti walhubachuu dadhaabu fi sochiich irraati wal bubuusuu
– Hoogganna dhabuu
– Baratoota ummatoota biroo hawwachuu dadhaabu
– Diini sochii isaanitti fayyadamee rakkooni umuu danda’uu hubaachu dadhabu
*Sochii baratoota Oromoo kana irra barumsii argamee hedduu fi guuddadha
-Tokkummaan akkam akka barbachisaa ta’ee
-Dhaabbille Ormoof ergaa cimaa dabarsaa,yoo tokkomtani hindhufnne kana booda
isiin abdaacuu fi eguun yeroo hinfixnnu kan jedhu
-Qabsoon kun dhalootaa haaraa kan fedhu ta’uu isaa
-Di’aasporaan Oromoos bakka gaarii ta’aani ummata akka hindagatne dhamsa dabrsuu isaa
-Humna diina irraa annun kan danda’uu biyyaa keessaatti akka ta’ee.
-Kutanoo fi of irraatti amantaa qabaachuun barbaachiisaa akka ta’ee
-Sabbonummaa fi dhimmi Oromoo waan hundaa caalaa kan dursuu akka t’ee
-Hoogganni qabsoo kana biyyaa keessatti biqqilaa jiraachuu isaa irraa barana.

B.Di’aas poraa/Diaspora/
-Haalli yeroo amma Di.’aasporaa Oromoo keessattu mul’acha jiru daran boonsaa fi tokkummaa Oromoo calmaatti kan mul’isee ta’ee argama. Di’aas poraan Oromoo hiriiraa baa’uu, nyaataa laggachuu/ Hanger Strike/,mallaqaa walitti buusuun maatii midhamani gargaruu fi sagaleesaa mootummaa biyya keessa jiraatutti dhageessiisuun akka isaan rakkoo Oromoo hubataan gochuu cinaatti diina saxiiluu irratti ga’ee olanaa tabateera tabatas jira. Humni kun yeroo kamuu caalaa sabboonummaasaa caalamaatti agarsiisuu danda’eera. Garuu ammas naanno humna kanatti rakkoowwaan wal harcaasuu hinjiru jechu miti, kunneen walqoodisaa dhaabbiillee Oromoo irraa kaa’aani ammas sochii di’aaspooraa kana laffisuuf yaalan xiqoon jirachunsaani mirkana.Kana malee hojii fi jireenyaa dhunfaa isaanif dursaa keenuun namoni yaartuun hirmanaa kana keessaa hafuun nijira. Inni kaan ammoo ilaacha fi hariiroo diina waliin qabu irraa ka’ee kan sochii ummata keenya kana duraa dhabataan mul’taaniru.

Sanas ta’ee kanas garuu humni di’aasporaa Oromoo harkii 90% olii kan yeroo kamuu caala kaa’uu isaattini diina biratti soda, firaa biraatti ammo abdii umuun ilmaan Oromoo biyya keessatti sochii godhaa jiraan hamileeseera. Kun caalamatti Momentum isaa egatee akka itti fuufu gochuuf hojiin karooraan hojjatmu fi kan humna kana qindeesee hooggannu jiraachuun fardii.ta’aa jira. Kanaaf nanno kanaatti hojiin karooraan hojjatamu akka jiratuuf humna waltajii kana akka addunyaatti qindeesee hojjachisu di’aasporaa keessa, dhabbilee hawwaasaa / Civic Association/ adda – addaa keessa namoota beekamo fi hayyoota dandeetti adda – addaa qaban Dargaggoota// new generation/ keessa ijaaruun hojjachuun barbachisaa akka ta’ee fardii ta’aa jira.

1.Cimiinaafi hir’iina Di’aaspooraa
– Cimiina
* Tokkummaan dhabaachuun sagalee tokkoon dhimma Oromoo addunyaatti dhgeessisuu danda’uu
*Wal dhaga’uun addunyaa maraatti yeroo tokkoon ka’uu
* Kutannoon dhaabaachu
* Qabeenyaa fi waan qabuun midhamtoota biraa dhabaachu
*Gama diplomaasittin ga’ee isaa ba’uu fi tocho’uu
* Xaxaa walqooduu fi guufuu garee cabsee Oromummaan dhabaachuun sabbonummaa cimsuu.
* Sagalee ummata Oromoo kan ta’ee TV OMN jabeessuun akka TV kun ga’eesaa tabatu gochu irratti qooda gudda tabachu
* OMN qamaa Di’aaspooraa ta’ees calmaatti sagalee Oromoo addunyaatti waan dhageessisee diina cinqeef humni OMN hooggannu sagalee ummata Oromoo fi abdii keenya ta’uunsas cimiina tokkoo akka ta’ee utuu hin ibsiin darbuu hinbarbachiisuu.

– Hir’iina
• Wal harcaasuu fi qinda’iina dhabuun darbee darbee mul’aachu
• Gara hojii dhunfaa fi jireenyaa ofitti cilaanffachu
• Fedha garee fi dursaa keenuun garaa guutuun hirmachuu dhabu
• Fedha garee calaqqiisuu yaalu
• Wadda galamee hanqisuu qooda ufii guutuumaati lachuu hanqaachun darbee darbee ni mul’aata
Kun kana ta’ee egaa sochii di’aaspooraa keenyaa kana irra kan baraanu kunneen armaan gadiitti.
– Yoo tokkomne ammam akka sagalee guddaa qabnu irraa barna
– Damaqqinisi Di’aas pooraa ammam akka guddate argina
– Dhimma Oromummaa malee dhimmi garee kana booda akka bakka hinqabne irraa barana
– Diinootni keenyaa kana booda Oromoo irraatti akka roorrisuu hindandeenye agarsiisuu irraa barna
– Di’aaspooraan keenya ammam akka dandeetti qabaan diinaa fi firaatti agarsiisuu isaani irraa barna.
– Sabbonummaan Oromoo daraan akka guddacha jiruu irraa barna.
– Walqabne akka bakka yaadne geenyuu irraa barana.

C.Haala Diina/ Wayyanne/
Mootummaan wayyaanne garee saba bicuun durfamu waan ta’eef yeroo hundaa kan irriibaa isaa dhorkuu baayyina/ Majority/ ta’uu Oromootti. Kun humna kana dhisnaan Habashoota hundaa fi baayyee hadhooftuudha. Kanaaf duraa dhabachuuf gama hundaan jechhuun gama dinagdeen, gama siyaasan , gama nageenyaa fi diplomasiittin duulaa wal irraa hincine godha jira. Oromoo fi qabeenyaa isaa irratti duuluuns dirqama isaatti. Oromoo diina isaa tokkoffaa godhatee mataa gad qabsiisuuf irraatti duulaa duggugaa saanyii ofaa jira. Kun himaamata biittoota habashota hundaa yoo ta’ee iyyuu kan kana garuu kan adda godhu, Oromoo irratti duuluuf dhaabbaa kitiilaayyoo/ puppet/ OPDO qabatee akka ta’ee ifaatti argaa jira.Kana malees humni kun qabenyaa Oromoo saamee lafa isaa gurguratee har’aa ilamaan Tigiree biyyatti keessatti Durreeyyi/ Tujaroota/ godha jira, Oromoota qabeenyaa qabaan ammo ajeessuu, hidhuu , qabeenyaan isaa akka saamamu gochuu cinatti sodachisee akka hojiin ala ta’aan godha jira..Kanaan alaa jiraachuu hindanda’uu waan ta’ee kana godha jira.

Hundaa caala ammo Oromoo irraa qabeenyaasaa saamuu fi ummaticha akka diina tokkoffaatti irratti duuluun kaayyoo isa isaa olaannadha. Hojii propaganda sobaa ta’ee irraa deedeebi’ee ofuun ummata jonjeesuun hojii isaatti. Maqaa motummaa Misomaattin / Developmental Government / afanfaajii umaa jira utuun misooma ofaa jiru mirga demokraasii fi namooma gaaffachuu hin qabdaan yeroo ce’uumsaa irraa jira maqaa jedhuun propogandaa ofaa jira. Kana males hojii diplomasii irratti ciminaan hojjata, human waraan, plisaa fi kan tikaa/ nageenyaa/ gutummaatti to’aata. Kana malee Media biyyatti gutuummaatti to’aata, mana murtee fi caasaa parlaamas hundaa of harkaa qaba.. Caaasaa mataa isaatti fi birokrasii gutummaatti to’aata. Kana males Dubee cimaa maataa isaatti Tigirayyitti umachuu isaa argina. Kana malees misooma mumul’aato tokko tokko hojjachusaattin mootummaa misomaa waanaan ta’eef enyuu iyyuu akka kootti hin hojjatu, tokkummaan biyyatti sababan jiruf jira dhadnoo jedhu qabatee afaanfajii umuu yaala Hidhaa laga Abbaayyaa irratti hojii egaluunsaas isaa diinummaa humnoota oftultoota xiqoo irraa cabseera.

Mirggi namoomaa fi dimokarsii misoomaa hin caaluu, caalisaa jechuudhan humna isaa mormuu hundaa fixuuf murteefate hojjacha jira. filanno2015 keessatti ammas biyyatti guutuumaatti to’aachuuf waan yaada jiruf humna kaamuu balleessuu irraa hindeebi’uu. Kanafu fara ummata ta’uunsaa calamaatti ifaatti mul’acha jira jechuun nidanda’aama.Gareen kun meshaawwaan ukkamsaa gurguddoo armaan oliti ka’aaman kana harkaatti qabateetu egaa Oromoo lafa irraa balleessuuf kan hojjata jiru.

Garuu ammo humni kun rakkoo hedduun marfamee jira, ummatatoo biyyatti hundaa biraatti jibamaadha kana booda umuurii dheeraa kan qabu hinfaakkaatu, sabainsaas yeroo isaa fixaachuu cinaatti ummatni gama hundaan isaa nufee mirga nama fi dimekrasii falmu egaleera., Kana malees humni kun corruption falamaadha, loggii fi kan sabaasaa duwwaaf dhabatee fi akkasumaas dhaabbiilee mormitootaa hojiin alaa gochuu fi medi’aa bilisaa ta’ee kan hinfene,diinaa gazeexisootaatti. Gochaa isaa kanaaf yeroo amma sodaa gudda keessatti seene jira. Kana irra, darbee ammo dhiibaan biyyoota gara lixaa gargarsaa keenaanif mirga nama fi demokarsiif falmani irraa gaa’aa jira. Kana irraa kaane yoo ilaalee humni kun kan Umuurii dheeraa qabatu hinfaakkatu jechuun nidanda’ama Kun garuu hojii keenya cimaa ta’ee irraatti rara’aa..Humna kana duraa dhabaachuuf haalli mijataa akka ta’ee arguun nidanda’ama. Keessatu sochiin ummata baayyee isaa sodaachisaa jira, karaan ittin humna kana gara qilleetti darbatanis karaa inni guddaan yeroo amma akka falatti ilaalamus fincilaa fi sochii ummatan akka ta’ee haalli baratootin Ormoo amma godhaan daraan ifa godheera. Kanaan alaa humna kana karaa biran falmuus akka jirutti ta’ee ficiilaa humna ummatattin duraa dhabaachuun umuurii isaa gababasutu ammatti filtamadha. Kanaf ammo gurmuun Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo baayyee barbachisaa fi murteessa ta’ee argama. Oromoon yoo gurmuu isaa jabeefate as baa’ee humna ta’ee waan barbadee irraatti murteesuu nidanda’aa. Kanaf gaaffii bilbiltuun yeroo amma diina irraa annuuf Ummata Oromoo biraatti ka’aa jiru dhimma gamtoomu mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti.

Cimiina fi Hir’iina diina
– Cimiina
– Dinagdee biyyaatti to’aachu isaa
– Humna waraana polisaa fi tikaa to’aachu isaa
– Media biyyatti akka jirutti to’achu isaa
– Birokirasii to’aachuu fi caasaa ofii to’aatu bal’aa qabaachuu isaa
– Dubee mataa isaatti Tigirayyi qabachu
– Qooqodee biituuf haala mijeefatee kan jiru ta’uu isaa
– Gama diplomasiittin ciminaan kan hojjatu ta’uu isaa
– Misoomaa mumul’aato ta’aan tokko tokko hojjachuu isaa
– Afanfajii umuun cimaa ta’uu isaa
– Hoogganna cimaa kan qabu ta’uu isaa
– Hir’iina
– Umatoota biyyatti biraatti sababa logittin baayye kan jibamaa ta’uu isaa,
– Ummatoota hundaa kan dhiigsee ta’uu isaa
– Corruption kan falamee fi laqamee ta’uu isaa fi nannoosaa qabeenyaa biyyatti kan
ijaaree ta’uu isaa
– Mirga nama fi diokrasii kan dhiituun ta’uu isaa galmee gadhee kan qabuufi jibamee ta’uu isaa-
-Waan hundaa humnaan hikkuuf kan yaaduu fi qawweetti kan amanu ta’uu isaa
– Gadantumaan kan marfamee waan ta’ee yeroo hundaa sodaan guutamuu isaa
– Keessaa isaattis wal qoodnis kan jiru ta’uu isaa
Hawwaasa addunyaa biraatis jibama kan dhufee ta’uu

E. OPDO/ Dhduo/
– OPDOn qamaa caasaa wayyanne keessaa isaa naanno Oromiyaa wayyanneen akka garaa isaattiti saamsisuuf meshaa diina ta’ee kan hojjatu akka ta’ee kan wal nama gaaffachiisuu hinjiru. OPDO keessatti ammo kan fedha diina galiin ga’uuf gannamumaa ijaarsaa OPDO irraa kaasaani namooni kaa’aamani ilamaan Oromoo diinaaf meshaa godhan ni jiru. Isaan kun maqaadhaf Hooggana haa jedhaman malee waan wayyanneen ajaajee raawwaachu malee of ta’aani hojjachu hin beekan ta’uus hindanda’aan. Egaa isaan maqaaf hoogganna jedhamani jiraan kana duuba ilamaan Oromoo jiraachuuf jechaa caasaa ergamtu kana keessatti senaan heddun ni jiru. Isaan kun kan harkaa 80% ta’aanidha. Isaan kana fi warra maqaa hooggannan kaa’aamani ilamaan Oromoo ficisiisuu fi Oromiyaa saamsiisuuf ergmaa isaani bahaa jiraan addan baasuun mooraa diina kana haphiisuuf hojjachun dirqama ta’aa. Mooraa diina keessa humna kana hawwaachuun achumati hojjcha akka deegaraa qabsoo bilisummaa Oromoo ta’aani keessan diina duraa akka dhaabaatan gochuun nidanda’ama siriidhas. Firoota qabsoo Oromoo fi diinoota qabsoo addaan baasuun mooraa keenyaa gaabbisuu qabna.

– Ilmaan Oromoo jireenya fi jechaa mooraa diina keessa jiratanilee karaa adda addaa hooggannota isaani irratti ta’ee waan diini naanno Oromiyaa irratti godhuu falmuu irraa dhaabaatani hinbeekan, falmiin isaani kun ukkamfamu irraa darbee hidhaa hojii irraa harii’aamuu fi amma lubbuun isaai darbutti kan ga’aan ni jiru.. Kanaf isaani kun diina ummata Oromoo kan ta’ee wayyanne irratti ka’uuf dubee fi humna isaan jabeesuu arganan boodatti hindeebi’aan. Kana malee caasaa diina keessaatti bakkaa fi sadarkaa adda- addaa irra waan jiraanif yoo sirnaan qabaani irraatti hojjatamee humna guddaa qabsoo keenya ta’uu danda’uu.OPDO akka naanno Oromiyaatti miseensotaa 5.000,000 kan qabu ta’uusaa beekuun gaariidha, kun deegaaraa hindabalu, sochii bartootni Oromoo amma godhaan kana keessaatti humna OPDOn ijaaree miseensaa godhatee maneen barnoota olaano fi sadrkaa adda addaa heduutti keessatti argamu. Egaa kana irraa dhaabaachuun humna bal’aa OPDO keessa jiru kana akkamitti dhimma itti ba’uu qabna kan jedhuu ilalamu qaba. Kana ilaalichiisees akkamiti fayyida qabsoo kanaf oluu qabu kan jedhuu karooraan deebi’uu qaba xiyyeefanoons keenaamufi qaba.

*Cimiina fi hiriina caasaa OPDO.
– Cimiina
– Hooggannota ergamtoota irratti jibaa qabachu
– Diina / Wayyanne/ waliin dugdaa fi garaa ta’uu
– Caasaa mootummaa adda- addaa fi bakka baayyee qabatee humna jiru ta’uu isaa
– Sochii baratoota amma keessatti ilee baratoota irra harkaa qabuun mul’aachuun
– Humna mii’dhaa fi loggiin irra ga’uu waan ta’eef dubee arganaan diina irratti ka’uuf kan boodaatti hindeebine ta’uu
– Harkii caaluu dargaggoota fi baratoota ta’uu, ogummaa adda- addaa kan qabu ta’uu
– Oromiyaa maraa gandaa amma naannootti humna jiru ta’uu

*Hir’iina
-Oloola diinafi saxilamaadha
– Fayyidaa xiqoo hatatuu malee corrupition xuxuqameera
– Hojii hojjatu irraa ka’ee Oromiyaan akka gudateetti ilaaluun nijira.
– Waan gidiiraan diinaan irraa ga’ee argeef ni sodaata.
– Humna qabsoobilisummaa Oromoos nishakka.
– Abdii isaa boorii irra ni ilalata

F.Haala Dhaabbilee siyaasa Itoophiyaa
Dhaabbilee siyaasa Itoophiyaa bakka lamatti qooduun ilaaluun barbachiisadha, isaanis dhaabbilee siyaasa maqaa tokkummaa dachee fi Itoophiyaa dulaattiti amaanan fi kan Mirga sabaa isaanif qabsa’aan dhaabbilee sabaa fi sablamoota jedhaani ka’uun nida’aama. Isaan kana addaan baasaani ilaaluun enyummaa, ideology fi siyaasa isaan hordofaan irra dhaabaachuun diinummaa fi firuummaa isaani sirnaan kaa’uun dirqama ta’aa. Iaaan kana addaan baasuun hojii qabsoo fixaa baasuu keessatti ga’ee olaana qabata, Firaa fi diina addaan baasuun yeroo qabsoon godhamu kan waliin hiriiraan fi kan irraa of qusaatan jiraachuu irraatti gargara. Karaa biraattin diina Tarsimoo fi Firaa Tarsimoo yoo addaan basaan malee wal makkatee bakka yadamee ga’uu irratti guufuu waan umuuf isaan kana akka kanaan gaditii addan baasa mee kaa’uun yaalameera.

*Dhaabbilee siyyasaa oftultoota/ Idelogy/ Tokkummaa duloomee fi Itoophiyaa dulaatti ofaan, akkasummaas Olantummaa sabaa tokko kan abjootanidha.

-Humi kun hundaa caalaa kan diina godhatee karoofatee itti deema jiru inni angaaftin Oromoo fi Oromiyaadha.Humni kun sadarkaa kamituu Oromoon akka tayitaatti ba’uuf biyyaatti keessaatti akka baayyiinsaatti akka qodaa qabatu hinfedhu, Afaan Oromoo akka baduu fedha, adaan Oromoo fi seenaan, safuun, keenyaa akka badu barbada. Hundaa caalaa ammo lafa Oromoo maqaa lafti qotee bulaaf ta’uu qaba jedhuun lafa Ormiyaa Qabeenyaa qabuun biite to’aachuu falma jira. Sidaa Harmaa muraa fi Harkaa muraa mormu calaatti atamitti kan booji’ameef sidaan tolfama kan hojjatamufi qabu isaa Oromoo fixeef ta’uu qaba jedhee ifaatti falama jira. Legacy Minelik fi akkasummaas Sidaa isaattif mudhii isaa hidhatee falamu cinaatti, kan nafaxanyooni hin hoogganne biyyi jiraachuu jechuun salphinna akka ta’eettihumna ilaaluudha

Naanno Oromiyaa fi kuuneen biroon ijaaramuun of bulchuu qabu kan jedhu sirna Federala ni morma./ as irraatti/ sirni wayyaanne sirna federalaa siriidha jechu miti. Ummatoota laman Oromoof Amaraa wal duraa dhabee walficiisisuuf karaa hundaan labsii godhaa jira. Falmii baratoota Oromoo amma duraa dhabaachuun Oromoon Amaraa lafarraa fixaa jira jedhee oloola ofuu irratti jira. Dhimma Finfinnee irrattis ta’ee naanno Oromiyaa kan Oromootti yaada jedhu gonkumaa hinfudhatu.

Humni kun qabeenyaa Oromoo irraa bara dheeraaf samee tulatee gudda of harkaa qaba, Birookirasii motummaa keessatti yeroo dheeraaf Amaroota hojjatan hamateera, diplomatoota heddu kan hojii dplomasii hojjata turan biyyoota ambaa keessa qabu boobbaasuun addunya maraatti hojjacha jira. Meshaa Propaganada guddaa of harkaa qaba.

Naanno Oromiyaa fi sabafi sabalamoota Kiibba keessatti Amaroota karaa dhoksaan galchuudhan qubaachsaa ture ammas itti jira, kana malee Meshaa waraana hedduu nAanno Oromiyatti Amaroota qubatani jiraan hidhachisee jira.Loola tarsimoof humna qopha’aa jirudha jechuun nidanda’aama. Humna kana gidduutti garuu wal ta’uumsi baayyeen hinjiru, humna Haaraa fi dulummaa waliin jedhuun wal baqatu, wal shakku. Taayyita qabachuu irrattis bakka tokko hinjiran, kana malee naftanyoota kana keessa humni moderate ta’ee kan deemsaa karaa duloomaa kana hinfudhane ni jiru. Isaan keessa kan diina jala kukuruus nijira.

Humni kun isaan armaan gaditi.
1. All Ethiopian Orginazition/ Alla Amhara Orginaztion.
2. Unity for Justice and Democracy
3. EDPP/ Ethiopian Democartic People’s Party/
4. Bule party/ partii semayawwii/yemuu ta’aan
-Cimiina humna kana
-Qabeenyaa fi dinagdee guddaa of harkaa qaba
-Hojii diplomasii irratti jabaadha
-Propaganda afanfajii ofuu danda’a
-Birookirasii baayyee qaba
-Oromiyaa fi naannoo biyyatti hedduu keessa nafaxanyoota dubee heddu qaba
– Humna ilaalchasa baachuu danda’aan yaartu hinqabata.
*Hir’iina humna kana
– Humni kun mirga sabaa fi sablamoota morumuunsaattin ummatoota kana biraa
deegaarsa hinqabu
-Dhaabbillee sabaa fi sablamoota jibee qophaa isaa dhabatee jira.
-Deegaarsaa biyyoota lixaa cimaa hinqabu
-Ummata Amaraa hundaa biraas deegaarsaa cimaa hinqabu
-Gareen kun walii isaa giddutuu tokkummaa hinqabu.
-Heeraa mootummaa ni morma, tokkummaa dulmtuu abjoota

Egaa akka waligalatti humni kun akka amma deema jiru kanatti guufuu fi diina qabsoo keenya waan ta’eef gama hundaan qophaatti isaa dhaabuuf hojjachun barbachiisaadha. Kana malees mormii nuti diina irratti ofnu duraa dhaabaachuun isaa mirkana. Yoo humna taane tokkomne fi humnoota sabaafi sabalamoota biroo hamaachuu dandeenye humna kana irraa annu nidandeenya. Ummatoota biraa biraatti akka bulguu ta’ee ilaalamuuf hojii propaganda irratti ofuun gaariidha, Ummata Amaraa irraas addaa baasuun mogeessuuf irratti hojjachu qabna. Kana malee humna kana keessa warra Modrate ta’aan irraatti hojjachuuns barbachisadhaa. Yeroo kana goonu garuu diina keenya isaa angafaa ta’ee irraatti waan hojjachu qanu utuu hindagatiin ta’uu qaba. Humni keenya fi hojiin keenya ; karoorii keenya yeroo yadamu akkamitti diina keenya irraa akka annuu qabnuuf humna kana ammo akkamiti akka lamsheesuu dandeenyu ta’u qaba Karoorri yaadamus akkata lamaniuu irra annu dandeenyutti qopha’uu qaba. Humni kun ammatti yoo diina isaa duraa ta’uu bate ilee isaaf garuu diini inni duraa akka nu ta’ee beekne irraatti qophii gochuun fardii dha.

G/ Haala Dhabbillee sabaa fi sablamoota biroo gama ilaaluun
Isaan kun yoo nuti humna taane olbane humna Oromoo gudda akka ta’aan shakkiin hinjiru, sababinsaa humna nafxanyoota irraatti jibaa buu’uuraa waan qabaanif yoo yeroof ta’ee malee miiltoo isaani ta’uun amma dhumaatti deemu hinfedha, sababa nuti boodatti haafne yeroof nafaxanyoota waliin tirachu malee firumaa garaarraa hin qaban. Mootummaa wayyanne keessattis bakka hinqaban. Kana malee Oloola diina irraan ka’aanis Humna Oromoos baayyee nishakku, Oromoon nuuliqimsaa sodaa jedhu qabu.Kana duraas gama keenyan waan irraatti hojjane shakkii isaani of irraa salphifne kan hinjire yoo ta’uu amman booda garuu kana kan haquu qabnu nu maataa keenyaadha. Kana malee ummatni Oromoo hundaa caala ummatoota isaani waliin gama adaa, hawwaasumma , amantaa, fudhaa fi herumaa, daldalaan, dangaan hariiroo gaarii qaba, Kun hojji keenya fuula duraaf haala mijuu kan umuu waan ta’eef ciminaan irraatti hojjachu qabna.

*Cimiina fi hir’iina humna kana
– Cimiina
– Ummata hiree Oromoo waliin wal fakkatu keessa ba’uu isaani
– Humnoota nafxanyoota waliin firummaa fi miltoo waaraa ta’uu qabachuu kan hindandeenye ta’uu
– Mootummaa amma jiru irraas jiba kan qaban ta’uu
– Ummata keessa ba’aan irraa yoo xiqoo ta’ee ilee deegaarsa qabaachuu
– Sabbonummaa maataa isaani qabu adaa fi seenaa isaani guddisuu fedhu, kan kana isaan dhabsisuu hinfedhaan.
* Hir’iina
– Humni isaani xixiqaa fi fafaac’aadha
– Caasaa cimaa hinqaban
– Hoogganna cimaa hinqaban
– Fayyidaan xaxxaamuu danda’uu
– Dhaabbilee Oromoo irratti shakkii qabu,
– Oromoon isiin liqqimsaa kan jedhu oloola diina ni qabu

H. Haala Ummatoota Itoophiyaa
Akka waliigalatti haalli ummatoota Itoophiyaa baayyee walxaxaadha. Sababinsaas ummata ilalacha siyaasaa tokko jala jiru miti.kana cinaattis ummatoota bara dheeraaf ukamsaa jala jirantu heddumata. Kana irra darbe Ummatooni Itoophiyaa rakkoo siyaaasaa , dinagdee, akkasummaas dhiitaa mirga nama,kan dimookraasii fi sababa looggii wayyannen godhaa jiruu irraa mootumma kana irraatti jiba gudda qabu.. Karaa biraatin ammoo dhaabbille Oromoo irratti amantaa hinqaban nishakku nisodaatu. Kana cinaatti diinis afaanfajii itti umeera. Oromoo foxoqsuuf hojjatu, yoo tayitaa qabatan isiin balleessuu jedhee nasiseera. Dhaabbille Oromoo akka gollesituutti dhiyyeesse sodaachisuu yaalera ammas itti jira. Gama biroon keessatu ummata Amaraa keessatti humnootin of tultoota oloola ofaniin Amaarii naanno Oromoo jiru Oromiyaa keessa ta’ee har’aas akkuma kaleessatti akka yaadutu hubatama.Ummatooni biroonis Oromoon yoo foxooqee esaa gala kan jechuun yaadoo qabu, nuliqqimsaas kan jedhaani kan sodaataan baayyeedha. Waluma gala oloola diini ofuun ummatootni Itoophiyaa dhaabbille Oromoo fi ummata Oromoo baayyee sodaatu, gama keenyaanis kanaan duraa rakkoo kana cabsuuf hojiin hojjatamee waan hinjireef yeroo diini Oromoo irratti roorriisuu caalisaani ilaauun kan barameedha jechuun nidanda’ama. Egaa kana booda kana caabsuuf irratti hojjachuun fardii ta’ee as ba’eera, sababinsaas diini Oromoo irraatti duulaan godhu ummatootin biroon akka qoodatan fi Oromoof dirmataan gochuun barbachiisaa waan ta’uuf.

*Cimiina ummatoota
• Diina kan ta’ee wayyannee ni jiba.
• Yoo hoogganna argatee diina duraa dhabaachuu irraa hindeebi’uu.
• Ummatin akka ummatatti jiba wal irraa hinqabu.
*Hir’iina
– Wal qooda dha
– Damaqqinsa walfakkatu hinqabu
– Oloolaa diinaf saxilamadha.diinas nisodaata
– Bara rabiin nurraa kaasuu egna kan jedhu abdii kutanoos qaba.
– Misomaa diini afarsuun afanfajii keessa jira. Keessatu hidhaa laga abbayya

I Haala biyyoota Ollaa
Haala Biyyoota kana ilaalun nuf baayyee barbachisaadha.Innis qabsoo goonu kana yeroo gabaabaa keessaatti fixaa baasuuf karaa diplomasittin dhimma itti ba’uu cinaatti hariiroo Oromoon fuula duraatti biyyoota olla kana waliin qabatu akeekuuf waan gargaruuf faayyidaa olaanaa qabata. Kana malees Oromoon biyyoota olla kana keessatti baayyinaan bakka itti jiratuuf akkasumaas baqaatumaan baayyinaan kan keessa jiratudha, Kanafu haala biyoota olla kana sirnaan ka’uun faayyidaa inni nuf qabu keessa ilaalachuun fardiidha. Ega kunoakka armaan gaditti dhiyyesuun yaalamera.

1.Keniiyaa
Biyyi kun biyya ganfaa Afrikaa keessaatti daraan guddacha jirtu keessaa ishee tokkodha. Biyya fedhaa fi fayyidaa ishee egsiisuuf yeroo amma humna waraan ishee gara Somaliyaatti dulchistee Alshebabiin waraanuu irratti argamtudha. Sodaa shoroorkkesitootan marfates jirti midhaanis dadabalame irraa ga’aa jira. Itoophiyaa waliins gama dinagdeen, gama nageenyaa fi daldalaan hariiroo gaarii qabdi. Humna ibsaa galffachuuf waliin hojjcha jiru Ummani Oromoo kan baayyinaan keessatti argamu fi lafa bal’aa qabatee jiru keessaa jiru ta’uu isaa hubana.Bara 1989 akka namin barreessan Baraukamper jedhamu Keniiyaa irratti qormata godhetti Ummani Keniiyaa milii’ona 20 akka ta’ee ibsee, yeroo sanatti Oromoon Keniiyaa 3.4% akka ta’ee ka’aa. Kun har’a yeroo ummatin Keniiyaa gara Milii’ona 40tti siqu kanatti Oromoon Keniiya keessa jiratu gara 8% amma 10% ta’uu danda’aa. Egaa Oromoon Keniiyaa keessa jiratu qamaa ummata Oromoo bal’aa Oromiyaa fi ganfaa Afrikaa akka ta’ee ifaadha. Kanafu Keniiyaa waliin hariiroon ummamu qabu hariiroo ilmaan Oromoo lamanuu walitti hidhuu ta’uu irraa darbee Keniiyaa Firaa godhachuun baayyee barbachiisaa akka ta’ee gaaffii hinqabu. Haala dhimmoota Fayyidaa Itoophiyaa waliin gama dingade fi nageenyaan qabdu cinaatti qabsoo bilisummaa Oromoo irraa sababa ummata Oromoo Keniiyaa jiru waliin wal qabsiftee baayyee sodaa qabdi. Oromoon yoo humna ta’ee ummata kana waliin lafa koo qabata sodaa jedhus irraas kati. Nutis duraanis ta’ee amma ammatti akka gaariitti karaa diplomasittin irraatti hin hojjane waan ta’ee Keniiyaaf sodaa taane akka tureef jiru beekun barbaachisdha. Ammattti biyyi kun deegaarsaa qabsoo bilisummaa Oromoof gochuuf gonkumaa hinfetu, sababinsaas sodaa guddaa waan nurraa qabduf . Egaa kana beekne hojii hariiroo gaarii umuu fuula duratti hojjachuf qophii gochuun amumaa itti yaadamu qaba.

2. Jibuuttii
Biiyyi kun biyya baayyee xiqoo dha, Garuu biyya bakka tarsimoo Galanii dimaa fi Galanii Indii waltii dhfuuf ulaa waan tateef baayyee barbachiistuudha.Gama dhiyyeessii jimaa fi kuduuraa fi fuuduuraan kan raraatee jirtu Itoophiyaa irraa kan ergamuu irratti. Kunis hunduu naanno Oromiyaa irraa madda. Kana malee har’aa bufaata galanaa isheetti kan fayyadama jiru mootummaa Ithophiyaatti kana irraas galii guddaa argaacha jirti, kana cinaattis Hydro Electric Power waan hinqabnef Itoophiyaa irraa harkistee galchatee fayyadama jirti, Dhimma dinagdee, nageenyaa fi waan hundaa irratti Itoophiyaa waliin hariiroo guddaa qabdi.Humni galanna Amerikaas maqaa Shoroorkkesitoota to’aachu jedhuun to’aate jira.Faransaanis ni to’aatti Wayyannees nisodaatti. Kanafuu Oromoota baqatoota qabdee wayyanef lachaa turte itti jirti. Faayidaa fi sodaa kana irraa katee qabsoo Oromoo bifa kamminuu hindeegartu. Yoo humna taane
baane garuu biyyatti kana fayyidaa keenyaf Olchuu nidandeenya .Sababinsaas waan jireenyaa dhala namaf ta’uu kan argatuu Oromiyaa irraa waan ta’eef fedha keenyaf olfachuu nidandeenya. Kanafu hariiroon qabanu akka fuula duratti Oromoon ganfaa kana keessatti humna ta’ee ba’uu danda’uutti hubaachiisuun irraatti hojjatamuf ilaalu qabna . Amma ammatis gama hariirroottin humni qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hin hojjane waan ta’ee ammaan booda siriitti hojjachuuf itti karoorfachuun firummaa horaachuun barbaachisaa ta’aa.

3 Sudaan Kabbaa fi Kiibbaa
3.1. Sudaan Kabbaa
Biyyi kun Ofi isheetti iyyuu biyya jequmsaa keessa bara baayyeef turte ammas gama tokkoon keessa hin ba’iin jirtuudha, Dhimmi Darfuur rakkoo mormaa ishee qabee jirudha. Dhimma Sudaan Kiibbaa waliin qabdu irrattis rakkoon qoodaana boba’aa fi dangaa amma iyyuu furmataa waaraa kan argatee miti. Biyyootin kun wal jequuf humna wal irratti ijaarani wal irratti hojjacha jiru, biyyoota akka Keniiyaa fi Ugandaa waliins hariiroo gaarii hinqabdu.Kana mlee Wayyanne waliin hariiroo cimaa qabdii, Dhimma Hidhaa Abbaayaa irraatti tumsaa gaarii qabu, kana cinattis Itoophiyaa irra Hydro Electric Power galchatee fayyadamu egalteetti. Lafa bal’aa Itioophiyaa irraa fudhachuufis foolata jirti. Ummatooni biyyoota lamanis walkeessa deemu, karaan biyyoota laman walitti hidhuu Gondor irraa amma Darfuuritti diriiree jira .Gama biroottin dhimma nageenyaa, dingadee fi daldalaa hawwaasummaa irrattis tumsaa gaarii qabu, Ertiraa waliins tumsaa gaarii gama hundaan qabdi.Oromoota baqaan biyya ishee jiraan qabdee Itoophiyyatti latii tiikii wayyannes keessa fiigaa ola.Corruption baayye hamaataadha biyyatti keessati. . Kanafu biyyaattin kun fayyidaa fi bu’aa argatu irra dhabatee sochii qabsoo bilisummaf godhamu tokko ilee yeroo amma kana deegaaruuf fedha hinqabatu, wayyannes nisodaatti. Kana irraa dhabaane biyya olla kana waliin fuula duratti hariiroon qabaachu malu xinxalaa ga’aa ta’ee irraatti hunda’ee ta’uu qaba. Humna taane ba’uun keenyas kanaf murteessadha deemsaa keessas akka humna taane baanu hubachisaa firummaa jabeefata deemun fardiidha.

3.2 Sudaan Kiibbaa
Biiyyi kun biyya dhiyyeenya kana bilisummaa ishee labasteedha. Garuu yeroo amma kana akka hintanee tattee gosaan wal qoodee dhummattin hamaa ta’ee keessatti kan raawwaatama jirtuf mootummaa tasgaba’aa kan hinqabnedha. Gosoota Anyu’aak fi Dinkaa giduutti sababa wal dhabdee Hoggannoti Presidenti fi Itti annasaa gidduuti dhalateen gosti laman walfixaa jiru. Kanafu yeroo amma kana rakkoon biyyaatti kana gagaa’ee salphaatti waan dafee furamu ilee hinfakkatu. Suuta ilaala deemun gaarii ta’aa malee ammatti kanatu ta’uu danda’aa jedhaani tilmamuun nama dhiba. Biyyooti ollaas kan akka Itoophiyaa fi Ugaandaas fayyidaa isaani irraa ka’aani rakkoo biyyaatti kana keessatti dhalee irraatti wal gareerfacha jiru garuu ifaatti dubaachuu hinfedha, Ugaandaan kallatidhan humna waraana ishee galchuu ishee Itoophiyaan hin jalatne fuula duraa maltu dhufu mala ilaaluun gaariidha, Kana males Misiriinis biyyaatti kana keessa harkaa galfachuuf yaada jirti garuu rakkoon maataa ishee waan ishee hudhee qabeef akka yadamee ta’uu hindandeenye. Kanaf ammatti biyyaattin kun nuuf faayyida qabdi jedhamee hin ilaalamu, gaga’uumsi biyyaatti kanas biyyoota olla irrattis dhiibaa gudda qabata. Gama keenyaan haala ishee hordoofa irratti hojjachuuf karoorfachuun dirqama ta’aa. Ilamaan Oromoo hedduun hojiif jecha biyya kana keessa jiru.

4. Somaliyaa
Biyyi kun ammas rakkoo yeroo dheeraan gagaa’amtee gidiraa argaa jiriti, Harkaa itti naqaachuun biyyoota olla baayyee jequmsaa biyyatti keessatti ga’aa jiruuf gaa’ee olaanaa qaba. Kanas kan dubaan Ofaan biyyoota gara lixaa Amarikaan durfaman waan ta’eef fuurmatin tasgaba’uu biyyatti kana yeroo gababaa keessatti fala waan argatuu hinfakkatu. Mootummaa lamsha’aa kaa’aani ajaajaan ofuun haala qabatama biyyatti waliin kan wal hinsimee waan ta’ee jiruf furmata argachuun baayyee rakkiissadha, waan hundafuu gaga’uumsi Somaliyaa rakkoo nageenyaa ganfaa Afrikka hundaa kan xuquufi ammas balaa hordosisaa kan jiru waan ta’eef dhukkasaa yeroo dheeraaf owwaalamee kan ganfaa Afrikaa akka ta’ee turu hubachuun yoomu dagatmau hinqabu.
. Kana malee humni shoroorkkesaa Alshebab rakkoo ganfaa Afrikaa kana ta’uu irraa darbee kan Addunyaa ta’ee dhufaa jira. Alshabab biyyoota waraan isaani Somaliyaa galchaan , Keniiyaa, Ugandaa, Ruwwandaa Jibuutti fi Ithiophiyaa irraatti haalloo ba’uuf gudda hojjacha jira, Keniiyaa fi Ugandaa baayyee gaga’eera, kaanis akkasuma. Ammatti Itoophiyaa irraatti waa hingone garuu waan gochuu irraa deebi’uu hinfakkatu. Rakkoon Somaliyaa caalmaatti Itoophiyaa keessatti kan dafee gaga’uu danda’uu Oromiyaa ta’uunsaa jala muramu qaba. Waan hundaafu itti ba’aa rakkoo biyyaatti kana suuta ilaala deemuun waan godhamu qabu itti yaada deemun barbachisaadha.

5..Ertiraa
Biyyi kun biyya yeroo dheeraaf dhimma dandgaa irraatti Itoophiyaa waliin furmataa irraa ga’uu hindandeenyedha.Ammas furmata argachuun dhimma kana harkaa Amerikaa akka jirutti ilaalama jira. Amerikaan biyya kana Economic Sanction warra lixaa hiriirsitee midhaa guddaa irraan geesseetti, ammas kan itti jirtuudha. Kun garuu warra lixaaf akka yaadameetti hintane, mootummanif Ummatni Ertiraa kana keessa darbaa waan jiraan fakkata. Biyyi kun Qabsoo Oromoofs deegaarsa keena kan jirtudha

. Hariiroon biyyaa kana waliin fuula duratti qabnu faayyidaa gama hundaan argamu qabu irratti hunda’ee hojiin firummaa jabeessuu fi walgargaruu jirachu qaba. Biyyi kun bakka tarsimoo galana Dimaa irratti waan argamtuuf baayyee barbachisudha.Ganfaa Afrikaa keessatti walicina dhabaachuun cimiina ganfiicha fis ta’ee gama nageenyaa fi tasgabbittin waliin tumsuun barbaachisaa waan ta’uuf hariiroon fuula duraatti biyya kana waliinqabanu dhimmoota kanaa fi kan biroo irratti hunda’uun ta’uu qaba.

6.. Haala addunyaa
Haala addunyaa yeroo jedhamu, biyyoota Adunyaa kana of harkaa qaban Goftoolii addunyaa waliin wal qabatee ilaalu jechu keenya. Dhimmi dingadee addunyaa , dhimmi nageenya Terrorist waliin walqabtuu fi dhimmi Globalizatin, fallamni qilleensaa fi dhimmii falmii bilisummaaf godhamuu fi kunneen biroon fayyida gooftooliin addunya kun argataani waliin wal qabatee waan ilaalmuf waan gochuf deemnu hundaa irraa ilaalachuuf baayyee murteessadha..Har’aa Yeroo itti dorgoomiin dinagdee fi meshaa waraana hammayya’eef falmiin godhamu lafa qophaa irratti utuu hintane Hawwa/ Space/ keessatti ilee ta’aa jirudha. Kana malees dhimmi IT fi dorgoomin dingadee fi babal’iifana fi homishiin meshaa waraana daraan jabatee argama.

Yeroo amma lollii qabana’aan bakka isaa duraanitti deebi’ee goftooliin addunyaa kan lixaa Amarikaan durfamu fi Russiyaa giduutti godhamu Soriyaa irratti egalee kuno amma ammo Ukuraaniin giddu galeessa godhate deema jira. Har’aa mirggi dimokarsii, mirggi dhala nama Garbummaa jalaa ba’uuf qabsoon bilisummaaf godhamu hunddu Fayyida/ Interst/ goofta addunyaa kan higutne yoo ta’ee akka bakka hinqabne ilaala.

Kana malee humna fedhe yoo qabaatee fayyida goofta addunyaa kana yoo higuutin enyuu iyyuu bakka hinqabu.. Kana ragaa sababa Ukuraaniin tarkanfi fi duula Amarikaan Russiyaa irratti ta’aa jiru irraa argaa jira. Lolli har’aa Ukuraan keessatti godhama jiru lola bakka buu’uumaa gama tokkon Amarikaa warra lixaa fi gama biroon ammo Russiyaa gidduutti ta’aa jirudha, lolli kun Soriyaa keessattis bifuma walfakkatun deema jira.

Russiyaan Dureetti fi meshaa waraana Neuclear olaanaa qabatee utuu jirtu sababa globalization addunyaan walitti hidhamtef Qoqoobbii/ Sanction/ dinagdee irra kaa’uun dinagdee Russiyaa lamsheessa jiru. Kana mlees yoo fedha isaani hinguutu ta’ee ummani mirga isaa irratti mataa isaattin murteefachu fi.Abbaa biyyummaa isaa gonfaachuu hindanda’uu, Qabsoon Palestine kanaf ragaadha, yeroo dhiyyoo asittis Ummatin Kiremiyaa Ukuraani irraan foxoqee Russi’aatti makkama yeroo jedheetti kan adda durummaan duraa dhabatee Amarikaa fi kunneen isheen hoogganaman biyyoota nuuti abbaa / fakkii/ Dimokaraasiitti jedhani dhadataan warra lixaatti.. Waluma gala har’aa yeroo gooftaan Addunyaa bulguu tokkicha jalaatti kuftee jirutti fi bakka filanno biraa hinqabneetti fi faayyidaa guddaa humni kun kan siraa hin argane yoo ta’ee qabsoo hidhanoo gochuun yoo cufaa ta’uu baate ilee garuu ofumaa umuurii fixuu ummata Ofii irratti midhaan akka jabaatu gochu ta’a jira. Kanafuu kana irraa dhabane qabsoo keenya galamaan ga’uuf karaan ilalachu qabnu haala keessa jiru keessati ta’uu qaba, Silaa qabsoon keenya yeroo Goftoollin addunyaa mooraa lama keessaa turaanntti utuu ta’ee yoo tokko didee tokkootti hirkane bakka barbadne ga’uu nidandeenya ture.

Kun har’aa kan yeroon irraa darbee waan ta’ee fakkaata. Kun maliif ta’ee yaada jedhuuf qormaataf dhisne biraa darbuudhan haala keessa jiru amma kana keessatti akka miti akka deemu qabanu fi bakka yaadne ga’uu qabnu irra ilaalachuun fardii ta’ee argama yeroo amma. Humnootin Lixaa har’aa Amarikaan durfamaan gochaa mootumaan Wayyanne ummatoota biyyatti irraan ga’aa jiru keessaatu ummata Oromoo fixaa jiru utuu argaani meshaa waraanaa inni itti fixuu keenuu, mallaqa bili’oonaan lakka’amuu keenufin akkani fayyidaa issaani tiiksu gochuu irratti hojjachu filatani jiru. Maqaa shoroorkkesitoota waliin to’aachuu jedhun utuu mootummaan kun ummata mataa isaatti shorrookkessuu callisaan fayyada issaani guutaacha jiru. Mootummaa kana qabsoo hidhanoon humnaan buusuuf sochii godhamu sababa fayyidaa issaani xuquuf gokumaa hinhayyaman. Kana yeroo jedhamu humnooti gama lixaa irraa heyamaan bilisumma keenya argana jechu miti, garuu amma addunyaa to’aatanitti waan isaan hin hayyamne fi hin eebisne akka esaanu nama hingeenye qabatamati waan argaa jiruf karaa ittin bakka yadnu gaa’uu qabnu ilaalachuun humna of gochuuf hojjachuun filatama ta’aa jira

Kanaf haala kana keessatti akkamitti qabsoon keenya fi fedhiin keenya galii isaa rukkutu danda’aa kan jedhuu irra ilaalacha deemuun fardii ta’ee mul’aacha jira waan ta’ee tofta fi Tarsimoon qabsoo kenyaa kana walin wal simatee deemu qaba, Bakka humna taane hinjireetti garri deemamu waan hinjiref Danbalii ficilaa ummatattin mootumma kana of irraa buuqsuuf karaa ilamaan Oromoo biyya keessa egalan filatama fakkaatee as ba’aa jira. Ficilli ummata keessatti godhamun bakka yaadne gaa’uuf yeroo amma filatam ta’aa as ba’unsaa gaaffii fi fedhii ummatni biyyaa keessaa kaasaa fi agarsisaa jiru ragaadha. Silaas ummatin keenya caallisees yoo ta’ees dhumaa jira waan ta’eef fincilaani duu’aa qabsoo bilisummaa keenyaa galmaan gaa’uuf hojjachuun yaada eebifama fi karaa siriidha.

A.Haaloota qabsoo keenyaaf mijaatoo ta’aan
-Mootummaan wayyanne mormii ummata maraan qabamusaa qabatamatti sochii fi mormii baratootni Oromoo biyyaa keessatti hoogganna malee godhaan irraa argaa jira.
-Hoogganna cimaan akka umamuu fi dhabbillee Oromoo gargar baqataani qophaa qophaa deema jiran akka tokkommaani hoogganna yeroon gaaffatu lataan haallich dhibaa kan jiru ta’uunsaa.
-Ficilli egalamee kan yeroo kamuu caalaatti tokkummaa Oromoo jabeesse ta’uu isaa
-Sochiin amma baratoota Oromoon egalame kun sagaleen Oromoo akka Addunyaatti dahgeetti aragtu kan godhee ta’uusaa
-Mootummaa wayyanne kanaa Heeraa / Consititution/ inni harkaa qabuu irraa dhabaachuun falmuu fi ficiilaa ummatan mo’uun akka danda’amuu haalli mijaata ta’uu .
-Mootumaan sabaa bicuu kun akka duraani biyyatti qophaa isaa ofee deemu akka hindandeenyee fi haallich to’aanna isaan alaa bahaa kan jiru ta’uu isaa.
– Sochii dhaabbilleen Oromoo biyya keessatti godhaan duubee ta’uu isaa
-Caasaa mootummaa kana keessaatti, keessatu ammo OPDO keessatti dhimma
Oromoo irraatti ta’aa jiru irraatti tokkummaan kan hinjiree ta’ee mul’aachu isaa.
-Mootumaan wayyaanne kan malamatummaa/ Corruption/ xaxamee ta’uu isaa.
-Wayyannen fedhaa naanno tokkoo guutuu irratti kan of ijaaree waan ta’ee keessa isaatu kan rakkoon fi mormiin guutamee ta’uu isaa
-Heeraa ofi baassee kan hinkabajene ta’uun isaa.
-Mootummaa kun dhimmi mirga namomaa fi dimokrasii irratti galmee gadhee kan qabu ta’uu isaa
-Hojiin propaganda OMN godhaa jiru meshaa keenya guddaa ta’uu isaa.
-Sochii kun kan dhaloota haaraan ofaama jiru ta’uusaa
-Diaasporaan Oromoo kan yeroo kamuu caalaa ka’ee jiru ta’uu.
-Tokkummaa fi damaqqinsi Oromoo kan yeroo kamuu caalaatti cimaa kan dhufee ta’uunsaa.
-Sochiin kun dhaloota haaraa keessa hooggana cimaa fi kan qabsoo kana baatuu kan umee as baasee ta’uu isaa .
-Sochiin amma kun amma tokko ilee wa’ee qabsoo bilisummaa Oromoo addunyaa kan guraa buusee fi hojii diplomasii fuula duraatti yaadnnuf kan karaa saqee ta’uusaa
– Ilamaan Oromoo diina duraa gootummaan dhabaachuun kan hammille Ormoo jabeessee ta’uusaa

B. Haaloota qabsoo keenyaf guufuu ta’uu danda’aan
-Walqoqoodu dhaabbilee Oromoo giddu jiru
-Hoogganna qabsoo kana qindeesee utuu momentum kun hinqabaana’iin
hammilesee ofuu danda’uu kan hinjire ta’uu
-Diree sochii ummata irraa fagaachuu fi humni keenya fafaca’aa ta’uusaa
-Sochiin kun hooggannummaa dhaabbillee siyaasan alaa ta’uun
-Qindoomina dhabbuu dhaabbille Oromoo biyyaa keesssa fi kan alaa jiraachuu
-Wal tufaachuu fi oloola wal irratti ofuu dhaabbille Oromoo
-Sirnni jiru ummata irratti garaa jabeenyaan tarkaanfi kan fudhatu ta’uu
-Hojii kabeessaa ummata gara dubaatti deebisuu diini hojjachu irraa kan hindeebine ta’uu fi propaganda afanfajii maqaa misooma fi dhimmaa nageenyaa humna Oromoo irraatti hojii shorrorkkesummaa ofuu diina caalmatti kan itti fuufu ta’uu isaa.
-Oromoo fi ummatoota biroo walitti buusuun sochi kana gara dabarsuuf hijjachuun diina kan dhufuu ta’uu
-Oloola humnootin oftultoota ofaanif nu duraa dhabaanna isaan godhaan.
-Caasaa cimmaa fi qulquluu ta’ee kan ijaaramee kan hinqabne ta’uu.
-Rakkoo dinagee fi logistic
-Gama diplomacy ttin qaawwii guddaan jiraachu isaa.
– Dhaabbiileen Oromoo gaaffii ummata biraa ka’aa jiruu irraa of dursuun kan itti fuufu ta’uusaa.

9.Hojjiiwaan hojjatamu qabani fi kallaatti hordofuu qabnu.
9.1.Kallaatti hordofuu qabnu.
-Yeroo hundaa hojiin keenya kan propagndaa, dimlomasii, siyaasaa fi kunneen biroon kallatti Oromoo onneessaaniin raawwaatamu qabu.
-Sabboonummaa Oromoo kan caalaqqisuu fi jabeessuu ta’uu qabu
-Adaa seenaa, hodaa, safuu fi jagnuummaa Oromoo kan ibsaan ta’uu qabu.
-Oromoon Ummata guddaa ganfaa Afrikaa, hundeensaa fi biqqiltuunsaa / Indigenious/ Afrikaa ta’uusaa ibsuun seenasaa waliin wal qabsisaani agarsisuun ta’uu qabu
-Oromoon Afrikaa keessatti Sabaa gudda / Nation/ ta’uu fi sadarkaa 3ffaa irraa kan jiru ta’uusaa
-Ho’iini / Momentium/ qabsoo / sochii keenya akka gad hinbune karaa godhuun ta’uu qabu.
-Yeroo warera Mineliks mirga keenya kan humnaan molqamnes sababa gargarsaa biyyoota lixaan akka ta’ee fi seenaa Anoollee fi Calanqoo, Abbichuu fi kunnen biroo kaasuun falmi Ormoon diina isaa irratti godhe karaa ibsuun ta’uu qaba. Oromoon kan mo’ames meshaa hamayaa warra lixaa fi gargarsaa gorsitoota waraana Minelik argateen akka ta’ee ragaan qabsisaani ibsuun ta’uu qabu
-Oromoon yeroo laftisa qabamee kaasee qabsoo godha kan har’aa ga’ee gootota hedduu kan qabsoo kana keessaatti dhabee tauu isaa ibsuun Gootota keenyaa farsuun ta’uu qabu-
– Oromoon yeroo mirga isaattif falmu mirga saboota biroos kan kabaajuu fi tiksuu ta’uu isaa
-Diini ummata Oromoo biitoota Habashaa malee ummata [ deleted ] akka hintane ibsuun ta’uu qabu
– Kallaatti humna diina haphiisuun firaa qabsoo bilisummaa baayyisuun ta’uu qabu.
-Kallaattin ittin hojii keenya hojjanu kallaatti gadantummaa agarsiisuu irraa kan fagaatee, calmaatti ammo karaa Oromoo Onneessuun fi majority ta’uu keenya Itophiyaa keessatti dhisnaan ganfaa Afrikaa keessatu majority ta’uu keenya fi humna taane bau’uun kan hin oolee fi yeroonsaa kan dhiyaate ta’uusaa, humna taane baane kan raajii hojjachuuf deema jiru ta’uu keenya agarsiisuun ta’uu qabu.
– Kallaattin qabsoo bilisummaa Oromoo hordoofu qabu sochii dhalooni haaraan Oromoo keessa fi alaan egaalee ol kaasuun onneessuun ta’uu qabu.Keessatu Sochii fi danbalii ummatati / People’s Movement/ mootummaa ummata keenyaa irraatti roorriirsaa jiru maqsuuf akka ta’ee
-Du’uun hidhamuun, biyyaa hari’aamuunif dararamuun fi roorroon yoomu kan nuuf hin olee waan ta’eef karaa qinda’een sochii ummatattin mootumma kana umuurii gabaabasuu.
Kanafu kallaattin hordofu qabnu qabsoon keenya keessaaf alaan kan jabeesse ofuu yoo ta’ee filatama akka ta’eefi qawwaa jiruun fayyadamuun diina irraa annuf hojjachun fardii ta’aa. Kallaattiwwaan kana gidduu galleessa godhane hojiiwwan hojjatamu qaban kunnen kana gadiitti.

9.2. Hojiiwwaan yeroo gabaabaa
9.3.Konfaraansii gamataa fi tokkummaa dhaabbillee siyaasa Oromoo, dhaabbilee hawwaasa Oromoo/Civic Organization/ Haayyota Oromoo biyya keessa fi alaa, abbooti amantaa keessaa fi alaa,dargaggoota dhaloota haaraa hegeerii qabsoo Oromoo fi namoota dhunfaa hirmaachisuu walitti fiduun gaaffii ummatni Oromoo dhimma tokkuummaa irratti dhiyyeessa jiru kanaf furmata Soquun isaa duraatti.
9.4.Konfaraansii kana irratti kan hundaa keessa ba’een amma dhaabbilleen Oromoo tokkomaani hojiicha hooggaannuf ga’aanitti walii galtee hundaan Qamaa Yeroo tokko gad dhabuun sochii fafaaca’aa biyya keessa fi alaa, akkasummaas dhimma Diplomacy fi hojii siyaasa, Propganda fi diplomasii , qawwaa gama dinagdeen jiru cuufu utuubuun dirqamaa isaa akeeku.
9.5.Hojiin yaadame kun kan fixaa ba’uu hojii propaganda fi siyaasa cimaa hojjachun
ta’aa. Kanafu Konfaraansii qamaa kana hojjatu kan akka OMN jabeessuu irratti dirqama keenu qaba, kana malees Media kana cinaatti jiraachu malaan kan akka raadiyoo fi televion fi barruullee yeroo fi gaxeexaa barbachisoo ta’aan gad dhabuu irratti hojjachuun barbachisaa ta’uusaa jala muree ka’uu qaba..Hojiin kun propaganda diina cabsuu cinatti Ormoo keessatti tokkuummaa, sabboonummaa fi ennyummaan cimsuu fi Oromoo Onnessuu irratti hojjachuun mooraa diina kan mataa gad caabsuu ta’uu qaba .

10.Ho’iinsi /Momentuim/qabsoo keenyaa egsiisuu.
10.1.Ho’iinsi / Momentium / sochii keenya kun akka gara boodaatti hindeebine yeroo gabaabaa kana keessatti dhimmoota kana gadi irraatti xiyyeeffatni hojjachuun gaarii ta’a.
-Wayyanne mormaa hudhaani qabuun kan danda’amu Heeraa mootummaa inni of harkaa qabu keessatti qabxiwwaan jiraan irratti ta’uu qaba. Dhimmoota / Qabxiwwaan/ inni rawwachuu hanqatee fi kan inni utuu beekuu, cabsaa jiru irraatti ta’uu qaba

1. Dhimmaa Finfinnee irraatti Oromoon mirga addaa qabatu fi hojiitti hiikku diduu isaa saxiiluun akkasummaas mirggi Oromoo nanno kanatti qabu ifaatti kaa’uun ta’uu qaba.
1.1 Finfinneen magalaa guddiitti Oromoo, tatee kan Fedderalaas ta’ee kan Afrikaa akkasummaa teesuummaa dhaabbillee Idil Addunyaa ta’uu akka qabduuf dandeessuu ibsuun ta’uu qaba. Bulchiinsi ishees Oromiyaa jala ta’ee ta’uu akka qabu.
1.2. Finfinneen kan guddachu qabduu lafa Oromoo samuun qotee bulaa Oromoo buqqisuun utuu hintane ol/ Vertical/guddachu malee dalgaa/ Horizontal/ tauu hinqabu Guddiin Finfinnee babal’iiffanna fi samichaa lafaaf ta’uu hinqabu. Kana malees bulchinsaa Oromiyaa jalatti utuu Oromoo hinbuqqisiin, adaa fi seenaa, enyummaa Oromoo karaa egaamuuf eggiitiin itti godhamun.
1’3. Magalaawwaan naanno Finfinnee jiraan gonkummaa finfinnee jalaa galuu hinqabaan kanas kan murteesuu danda’uu mootummaa ummata Oromoo maraa akka ta’uu.Sababinsaas Finfinneen hadhuuraa Oromoo fi Oromiyaa waan tateef waan as irratti kaa’uu Oromoo hundaa waan ilaaluf. Kana malee OPDOfi mootummaan/ Caffeen/ ergaa diina raawwaatu kana irratti murteesuuf mirga akka hinqabane..
1.4. Magalawwaan Oromoo biroon federala jalaatti fedha fi murtee ummata Oromoo alaatti wayyanneen irraatti murteesite Oromoo irraatti roorriifama jiru baayyina ummata issaani yoo ilaalee

Fakkeenyaaf
Magalaa Haararii, keessatti akka stastics lakkobsaa Ummata Itoophiyaa agarsisuutti
Oromoon 52.3% Amaarri, 32.6%, Hararriin 7.1% Gurageen 3.2% dha kana irraa kanne yoo ilaalee Oromoon isaan kana hundaa irraa caalee argama.

-Diree Dawwaa keessattis yoo ilaalee Oromoon 48% Amarrii 27.7% Soomaliin 13.9% Guraageen 4.5% dha . Kana malees magaalaan Diree dawwaa kalaatti hundaan Oromoon marfamtee jirti as irrattis kan Wayyaanneen raawwate heeraa fi seeran alaa ta’uu isaa irraa iyyuu galii achiirraa argamuu saamuu irratti kan hunda’ee dha
. Kan biraa dhisanaan Awwadaayyin yoo fudhanne magalaa Oromoon 95% keessaa jiratuudha, ulaagaan ittin Awwadaayyi mootumma federalaa jalaa galuuf gonkumaa hinjiratu, kunnis kan ta’eef galii caatiii/ Jimaa / Awwaadaayyi nitiin Malsa to’aattee saamtuu irraa ka’aame Malas kan murteesseedha, kanas Hoogganni OPDO caalliisani ilaan . Kun hattataman Oromiyaa jalaatti deebi’ee galiinsaas nanno Oromiyaa fi guddina Annaa kanaf ta’uu qaba. Tigiray keessa naanno Amaaraa keessa magaloota isaan kaamtu Federalaa jaala jiraaaaa?? Kana kaasaani gochaa diina kana saxiiluun barbachisaadha.

1.5. Dangaan Finfinnee fi magaloota Oromiyaa naanno Finfinne jiraani kan yeroo Kantibaa/ mayor/ Alii Abdoo fi mootummaa nannoon Oromiyaa wali galaanituraan
suun hattatama akka hojii irraa oluu kaasuu.
1.6. Gidduu galleessii adaa fi seenaa Oromoo /Oromo Cultural Center/ magalaa Finfinne keessaatti ni hojjatama jedhamee wadda galamee akka xumuramee hojii egaluu fi Zonota 10 keessatti akka ijaraamans kan wadda galaman akka iaaraman, fi Annoota 106 finfinnee keessa jiran keessattis Oromoon akka gama hundaan bakka argatuu dhiibu.Kana cinaattis mannee barnnoota afaan Oromoo barsiisaan akka bakka Zonoota 10 keessatti ta’ee annoota 106 keessatti bakka barbachiisaa ta’aanitti akka ijaaramani ilmaan Oromoo akka itti baratan gochuu kan jedhu dhiibu. Afaan Oromoo Afaan biyyoolleesaa isaa Lamaffaa ta’ee akka ifaatti labasamu gaaffachu.
1.6. Baratoota Oromoo Humna Agazii Wayyanneetti sababa mirga Oromoo fi gaaffi kaasaanif dhumanif beenyaan /Gumaan/ Compensation/ akka keenamu, kan mani fi meshaan jalaa gubateefi manca’eefs akka beenyaan keenamu. Kan hidhamaan akka hiikkaman, kan daraaraan irraa ga’ees kan qamni hir’aate akka beenyaa argataan, Qaamnni kana qoraatu bilisaa ta’ee dhabaatee ergaa qoratee booda motummaan akka ummataf ifaa godhuu dhibuun mootummicha mudama keessa galchuun dirqisiisuuf irratti hojjachu..Humni Agazii gochaa kana raawwaate akka seeraatti dhiyaatu dhiibuu
1.7.Oromoon ummata guudda ta’ee utuu jiru humna ittisaa biyyatti keessatti gama hundaan bakka dhorkamee jira baayyinaan waraana keessatti ilee sadrkaa 4ffa irra jira.Gama hogganoota Waraanatti Tigirooni 98% to’atani yeroo jiranitti, Amarrii ammo baayyina Lolotuuttin 1ffaa Umatttin kiibba ammo baayyiinaan 2ffa Tigirooni baayyiinaan 3ffaa Oromoon baayyinaan 4ffaa iraatti gatame jira. Kana kaasuun falmii gochuun ilamaan Oromoo achi keessa jiran akka damaqaan gochuun barbachisaadha.

11..Rakkoowwaan Gurguudoo / Main challenges/ nu egaatan.
Yeroo yaadin kun dhiyaatu guuffuuwwaan jiratan ifaatti ka’uun falli isaanis mal akka ta’uu qabu akeekuu yaada keessa galeetti. Kanafu rakkowwaan gurgudoo fi isaa achii keessa ammo furtuu ta’ee ka’uun fala isaas akka kana gaditti akeekuun yaalamera.
11.1Rakkoowwaan gurguudoo
11.2 Addaan qoodamuu mooraa qbsoo Oromoo
11.3 Rakkoo hoogganummaa
11.4 Tarsimoo fi tooftaa ifaa ta’ee gama hundaan kan hojjachiisu dhabu
11.5 Caasaa cimaa fi qulquluu ta’ee dhabuu
11.6 Yaada dhaloota haaraa keessumsisuu dadhabuu
11.7 Ofitummaa fi fedhii ofii dursu
11.8 Rakkoo dinagdee fi fayinaansi
11.9 Sochiin dhaabbilee Oromoo hunduu diree qabsoo irraa alaa ta’uu
11.10.Dabaa diini keessaf alaan xaxuu fi dhiibaa goftooli addunyaa
11.11.Rakkoo Furtuu fi furamat isaa

**Rakkoo furtuun Moraa qabsoo bilisummaa Oromoo Rakkoo tokummaa dhabu dhaabbille Oromootti . Kun ammo hoogganni cimaaan akka hinjirane guufuu ta’ee, kanafu yoo rakkoon kun furamee Hoogganna cimaa baasuun qabsoo kana fuula duratti tarkkanfachisuun nidanda’ama. Furmaati isaas Walatjii dhaabbille Oromoo tokkomsuuf wamamuu irraatti dhaabbilleen kun tokkomaani dhabaachuun rakkoo kanaf deebii qubsaa keenuun fardii ta’aa . Tokkumuu dhaabbille Oromoof kan akka ulagaatti ilaalamu qabu Oromummaadha, ilaalchaa fi karaa ittin qabsoo kana galiin ga’uuf godhamu irratti dirqama tokko ta’uu dhisuun nijirata. Kun hubatameeamma danda’ameetti gaaffii ummata keenyaaf deebiin keenamuun fardii ta’ee as ba’aa jira.

11. 12. Furmata rakkoowwaan biroof yaadaman
*Rakkoowwan/ Challenges/ kana furuuf qorrichi isaa Oromoof Oromoota duwwaadha. Kana malees sochii cimaa ilamaan Oromoo biyyaa keessatti godha jiran fi waammichi ummatin Oromoo dhaabbille Oromoof dhiyyeessa jiraudha.Dhaabbin Ormoo hunduu gaaffi ummata kanaf guraa keenu qaban. Haala waliin of simsisuu malee alaalaa dhabaatni akka kanaan duraa ilaaluun kan yeroon itti darbeedha. Kana malees yeroo ilamaan Ormoo dhumaa jiraan kanatti ibsaa baasuun hidhii xuxuuxuun yoo gaaffi kanaf hindirmane buu’aa hinqabu.“ yaa soggida yoo ofi jetee minya’ii,” jecha Gudda Oromoon jedhu yaadachisaa fala yaadame akka kana gadiiti ka’uun yaalmera.
11.13. Konfaraansii araaraa kana irratti dhaabbilee Oromoo walitti dhufaan
mari’aatani gaaffii ummata Oromoo biraa kaa’aa jiru, dhimmaa tokkumma kana irratti fala kaa’uu qaban .
11.14.Sochii Ummata biraa ka’ee amma kana gargaaruuf furmataa hattatama gochuun barbaachisaa waan ta’eef hoogganna yeroo kan dhaabbille hundaa fi dhaabbillee hawwaasa fi hayyoota, dargaggoota keessa ba’ee dhabuun hoogganna keena deemu
11.15.Hooggnni yeroo kunnis akka hojii siyaasa, diplomacy, caasaa hawwaasa fi sochii biyyaa keessa hordofe humnoota biyyaa keessa waliins wal hubanoo umma hooggannu fi hoogganna haaraa fuula duraaf ta’uu ijaaruuf haala akka mijeessuu konfaraansi kun akeeku qaba
11.16..Dhalootin haaraan duguugruu qabsoo kana waan ta’ee Hoogganna kana keessattis ta’ee hoogganna fuula duraa keessttis yaadamu keessati akka qooda bal’aa qabatu akeeku
11.17..Hooggannotin dhaabbillee amma jiraani heedduun isaani kan qabsoo keessatti dhama’aa as ga’aan waan ta’eef umuurriins deemera, dhiibee adda-addaas qabachuu malu, kanafu kan gadamoojamu qabaan gadamoojamani akka kabajaan qabsoo kana dubaan gargaaraan gochu, kaan isaani ammo hoogganna haaraa keessatti hamatamaani humna haaraa kan taa’aan dargaggootaf Ogumma qabaan qabsiisaa baalli suuta suuta dabarsaa qabsich akka cimaa deemu gochuun gaarii ta’a.
11.18..Guufuun fedha ofii dursuu fedhaa ummata Oromoo fi sabaa oliitti waan bakka hinqabnef hoogganni hundu Oromummaa fi dhimmaa Oromoo dursuu akka qabaan hubachisuun ana malee ilalchi jedhu akka butuutu waltajiin kun cimsee hubachiise hunddu akka ga’ee isaani tabatan amansisuu.
11.19.Rakkoo dingdee fi fayinansi fuuruun kan danda’aamu yoo tokkummaa irratti walgalameedha, yoo kun ta’ee tokkummaa umuun labsamee ummatin Oromoo, abbootin qabenyaa Oromoo, Diaasporaan Oromoo fi kunneen biroon ni diramtu nigumaachu yaada jedhuutu jira. Kana malees gargarsaa argachuuf hojjachuun akka sumaas resource dhaabbileen qabaan qindeesuun qusanoon fayyadamuun of irratti hirkanoon qabsoo kana sochosuun nidanda’aama.
11.20.Oloola diinni keessaf alaan ofuu duraa dhabachuuf hojii siyaasa fi propaganda cimaa wali irraa hincitne hojjachuun fardiidha. Gama biroon ammo hojii diplomasii cimaa hojjachuun duraa dhabachuuf koree kana fixaa bastu gamannumaa utuubuun tochosuu, Media Oromoo kan akka OMN humna nama fi qabeenyaan jabeessu, kan biraas ijaaruuf hojjachu kunnen biroo dhaabbileen of
harkaa qabaan dirqama isaani haala yeroo waliin sileesuun hojjachisuun duraa dhabaachu nidanda’aama.
11.21.Hoogganni diree qabsoo fi sochii ummatni godhuun alaa jiraachuun gaaffi hinqabu, kanafu rakkoo kana furuuf humna biyyaa keessa keessatu dargaggoota humna haaraa gara hoggannatti butuun qawwaa nanno kanatti jiru caabsuuf hojjachu, kana cinaattis dhaabbillee biyyaa keessa jirani waliinis walti hidahata umuun gargaruun qooda akka tabatan harkaa lafa jalaan gochu. Ammaa danda’ameetti hoogganni karaa itti keessaatti seene hojjatu gochuu,yookin biyyoota ollaatti dhiyyate, dhiyeenyaan akka hordofuufi hooggannu gochuuf haal mijeesuu..
11.22.Waluma gala haala fi fedhii ummani keenya amma fedhaa jiru, haala biyyatti keesstti jiruuf fi ganfaa Afrikaa fi kan addunyaan fedhu karaa yaada keessa galcheen qabsoo bilisummaa Oromoo fixaa baasuuf hoogganni fuula duratti dhufuu qabu tarsimoo fi toftalee Oromoo akka biyyattis ta’ee akka ganfaa Afrikaatti humnnesu danda’uu akeekuun hooggannun fardi ta’ee jira. Ummatin Oromoo ummata baayyee/ Majority/ waan ta’eef nam tokko sagalee tokko/ One man One vote/ amantaa jedhuu ummata keenyaa keessatti qabsiisuun biyyaatti hooggannu irraa darbee ganfaa Afrikaa hooggannu akka qanbu hojjachuun hojii keenya isaa yeroo dheeraa ta’uusaa beekun gannamumaa itti deemun fardiidha.
11.23. Kanfu furmatin qasoo bilisummaa Ormoo fuula duratti tarkanfachisuu danda’uu Ficilaa ummata qindeesuun hojiitti seenamuun furtuu rakkoo qabsoo Oromoo bara dheeraa takkalee ture ta’aa Kana fixaa baasuuf keessaaf alaan tumsuu qabna.

Xumura/ conclusion/
1. .Haalli ummata Oromoo biyya keessa irra jiru daraan diina irraatti mormii qabu karaan ittin ibsatu karaa ficilaa fi diddummaa akka ta’ee sochiin baratoota Oromoo caamsaa 2014 keeaatti jalqabee amma ammatti itti fuufe jiru ragaa ta’uu isaa. Kana maleessochiin Di’aasporaa Oromoos kan kana jabeessuuf deegaru ta’uu isaa hubana.
2. Ummatin Oromoo bal’aan fedhii fi dheebuu tokkummaa mooraa qabsoo bilisummaa ittita fi hoogganna cimaa irree qabsoo jabeessee Oromoo onneesuu akka ta’ee argina. Kana malees tokkummaa kabeebsaa fi kan hundee hin qabneen ummaticha sobuun kana booda akka bakka hin qabne sochii kanaan duraa godhaman irraa waan baratef kun akka dabalamus kan hin feene ta’uusaa hubana.
3. Dhimmaa yeroo amma gaaffii bilbiltuu ta’ee tokkummaa ilaalchisee ummatich keessaa fi allaan ka’aa jiru kanaf deebii qubsaa fi qabatamaa ta’ee keenuun Oromoo Onnesuu fi irreemsuu dha. Gama biraan ammo kan diiina maataa gad qachiisuuta’uu isaa
4. Qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo amma humna isaa baatu, humna dhaloota haaraa kan horateefi hoogganna humna kanas daraan kan gaaffata jiru ta’uusaa argina.Humni qabsoo kana umuurii isaa itti fixee asiin ga’ee kan gadamooja’uu qabu gadamoja’ee kabajaan jiraachu, kaan ammo humna haaraa kanaatti makamuun gorsaa fi ogummaa qabaan dabarsaa qabsoon bilisummaa Oromoo akka fuula duraatti tarkanfatu gochuu akka qaban agarsiisa.
5.Qabsoon bilisummaa Oromoo Vision, Ummata Oromoo humnagodhuu fi akkasummaas ummata biroo kan sodaa keessa hin galchine,firaa qabsoo Oromoo furddisuu, mooraa diina haphiisuu fi Oromoonbiyyatti keessattis ta’ee ganfaa Afrikaa keessatti baayyee waan ta’eefhooggannummaa isaa ttin Oromoon biyyatti ta’ee ganfiicha ofuu akkaqabu. Gama kanaan humna taane ba’uuuf tokkummaan mooraa qabsoobilisummaa Oromoo murteessaa akka ta’ee agaraa
6.Qabsoon bilisummaa Oromoo haala amma keessa jiramu, kanbiyaatti, kan ganfaa Afrikaa, kan addunyaa yaada keessa galchuun yoogodhame kan milka’uu ta’uu isaa
7.Wal irratti olooluu fi walduraa dhabaachuun wal diinneffachuun kanyeroon itti darbee waan ta’eef dhaabbillen Oromoo fi namonidhaabbille kana keessa jiraan hundi haala kana hubataani,dhimmahawwaasumma, fi Oromummaa irratti bakka jiraan hundaatti waliintumsuu fi hasaa’uun, mari’aacha deemuun barbachisaa akka ta’ee
8.Haalli mijataan yeroo baayyee soch qabsoo goonu kana keessattisababa wal qoqoodne jiruuf baayyen nu jaladarbaaniru, ammas haalamijataa damaqqinsa ummata keenyaa irraa maddee as ba’ee kana utuuitti hinfayyadamni yoo hafne badii guddaa akka ta’ee ilaala.
9.Qabsoo bilisummaa Kenya kana galiin ga’uuf hojiin propagndaabaayyee barbachisaadha, garuu inni duwwaan ga’aa miti, kanafu hojiindinagdee qabsoo kana baachuu danda’uu umuun dirqama ta’ee asba’eera kanafu dinagdee qabsoo kana baachuu danda’uu argamsiisuunmurteessa ta’uu isaa argina. Kana cinaattis hojiin propagndaa keenyasakka jabatee maannii isaa rukuutu gochuuf caalmaatti hojjachu akkaqabnu argina.
10.Hojiin diplomasii keenya amma ammaatti turefi jiru baayyeedu’aadha,haalli amma umaame kun kana keessa akka banuuf kan karaanuf saqee fi itti yaadnu gochuu isaa.
11.Diini humna fi dinagdee sirna isaa ittin egsisuu daraan gudda akkaqabu dagachuu akka hinqabne fi hojiin hojjanus kan kana yaada keesagalchu ta’uu akka qabu ilaala.
Dhadanoowwan Dhimma itti ba’uu qabnu
1..Tokkuummaan humna !
2.Oromoo Humnnessuuf Qooda keenya habannu!
3 .Injifannoo Ummata Oromoottif!
4 .Ilmaan Oromoo bilisummaaf dhiigaa isaani dhangalasaan yoomu hindagannu!
5..Oromiyaan kan Oromooti!
6.Finfinneen wirtuu siyaas fi enyummaa Oromootti!
7.Mirga keenya dhigaan malee kaadhaan hingonfanu!

Russiyaan Dureetti fi meshaa waraana Neuclear olaanaa qabatee utuu jirtu sababa globalization addunyaan walitti hidhamtef Qoqoobbii/ Sanction/ dinagdee irra kaa’uun dinagdee Russiyaa lamsheessa jiru. Kana mlees yoo fedha isaani hinguutu ta’ee ummani mirga isaa irratti mataa isaattin murteefachu fi.Abbaa biyyummaa isaa gonfaachuu hindanda’uu, Qabsoon Palestine kanaf ragaadha, yeroo dhiyyoo asittis Ummatin Kiremiyaa Ukuraani irraan foxoqee Russi’aatti makkama yeroo jedheetti kan adda durummaan duraa dhabatee Amarikaa fi kunneen isheen hoogganaman biyyoota nuuti abbaa / fakkii/ Dimokaraasiitti jedhani dhadataan warra lixaatti.. Waluma gala har’aa yeroo gooftaan Addunyaa bulguu tokkicha jalaatti kuftee jirutti fi bakka filanno biraa hinqabneetti fi faayyidaa guddaa humni kun kan siraa hin argane yoo ta’ee qabsoo hidhanoo gochuun yoo cufaa ta’uu baate ilee garuu ofumaa umuurii fixuu ummata Ofii irratti midhaan akka jabaatu gochu ta’a jira. Kanafuu kana irraa dhabane qabsoo keenya galamaan ga’uuf karaan ilalachu qabnu haala keessa jiru keessati ta’uu qaba, Silaa qabsoon keenya yeroo Goftoollin addunyaa mooraa lama keessaa turaanntti utuu ta’ee yoo tokko didee tokkootti hirkane bakka barbadne ga’uu nidandeenya ture.

Here is the Source

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa