BARA DUUTI OROMOOOF DHIYAANA GUYYUU TAHE-Taammanaa Bitimaa irraa’

BARA DUUTI OROMOOOF DHIYAANA GUYYUU TAHE

Taammanaa Bitimaa irraa

13925118_635057526652990_7746212866499181497_n 13902732_635057386653004_6580733550156286375_n 13891820_635057043319705_1323428927187360676_n 13938498_1100502663350831_5823776468345039604_n

Kunoo, erga Fincilli Diddaa Gabrummaa inni otoo walirraa hin cintin, ji’oota sagal guutuu lakkoofsifate kun amma caalayyuu jabatee itti-fufee jira. Fincilli baranaa kun gaafa 12. 11. 15 magaalaa Oromiyaa Waltajjii keessatti argamu, Giincii irraa ka’uun Oromiyaa guutuu dhuunfatee muldhata. Fincilli kun kaabaa-kibba, bahaa-lixa, mandaroota fi magaalaawwan bira kutuun gandeen Oromiyaa cufa waliin gayee argama. Fincilli seena-qabeesichi kun Dhaloota Qabeetiin yoo jalqabamellee amma dargaggeeyyii fi shamarran, ijoollee fi magnuddoolee, dhiiraa-dubartii, quteebulaa fi hojjateebulaa, barataa/ barattuu fi barsiisaa/ barsiiftuu, sheekii fi qeesii, abbootii gadaa fi ayyaantuuwwan hunda nagaan nagaaf hiriirsisee ammas garuma fuulduraatti tarkaanfachaa jira. Uummanni Oromoo guddichi abbaan nagaa, nagaaf nagaan ka’ee warra nagaa booressuun kumaatamaan galaafatemee argama. Barana dhiigni Oromoo akka galaanaatti gad-lolayee, lafeen Oromoo akka qoraaniitti urreefamee jira. Kun marti Oromoon akka mirgaa fi haqa isaa isa uumaan qabuuf waltahuun tarkaanafatu taasise malee, waan tokkollee isa duubatti hin deebifne. Barana Oromoon waan sodaa jedhamu boolla qotee awwaaluun, bilisummaa fi walabummaa ofiitiif garuma fuulduraatti tarkaanfachaa jira!

Baatiiwwan saglan dabran kana keessa wanneen suukanneessoon ginni-bittee Tigraay kan Wayyaanee jedhamu uummata Oromoo irratti gara-jabeessummaa fi bineessummaan raawwate, kan lakkaawamee dhumuu miti. Barana Oromoota fi uummatoota biyyoota alaa irraa dureewwan Wayyaanee fi loltuuwwan isaanii kunneen: “namoota moo bineeyyii dhaa?”, jechuun akka qotee (jirraa) walqabatan taasisee argama. Warri Wayyaanee yaada akkanaa kanatti nama geessan jechaa dha. Oromoonni fi namoonni biroo otoo waan akkanaa wal-gaafachaa jiranuu, kunoo “hiriirri Oromiyaa guutuu” keessatti, gaafa 06. 08. 2016 fiixan bayee oole. Hiriira seena-qabeessicha kan magaalaawwan Oromiyaa 200 keessatti adeemsifame kana irratti namoota kitila (miliyoona) sadii oliitu hirmate. Hiriirri kun magaalaawwan guguddoo kanneen akka Finfinnee, Dirree Dhawaa, Adaamaa fi Jimmaa faa irraa hamma magaalaawwan xixiqoolee kanneen akka Awadaay, Dheeraa, Caancoo fi Mooyalee faa kan hammate ture. Oromoon akkanatti dursee otoo walirraa hin citin baatiiwwan sagal guutuu fincila, ittaansees gaafa tokkicha magaalaawwan 200 keessatti olka-ka’a jedhee namni yaade tokkollee hin turre. Amma karaa kanaan Oromiyaan teenya, guyyaa Bilisummaa fi walabummaa-tti dhiyaattee jirti jechuu dandeenya.

Hiriira nagaaf, Oromoon keenya nagaan buqqayee mana baye kana irratti warri nagaa Oromoo fi Oromiyaa booressuuf qawween biyya keenya qabate, guyyaa tokkicha keessatti lubbuu Oromoota 75 galaafatee jira. Kanneen kuma hedduun lakkaawaman immoo madayaanii jiru. Manneen hidhaa impaayerittii kan durii caalaa hidhamtoota Oromootiin dhipphachaa jiru. Yaadachuuf, ji’oota saglan dabran kanneen keessatti dhiigni Oromoo akka galaanaatti loloyee, lafeen dhalawwan Oromoo akka qoraaniitti hurraawee argama. Ji’oota saglan kanneen keessa dhalawwan Oromoo 750-ni faashistoota Wayyaaneetiin galaafatamani. Kan biraa hafee dubartiin Oromoo ulfi baatii saddeetii, mucaan waggaa sadiyii fi jaarsi waggaa 80 loltuu Wayyaanee kan Agaazii jedhamuun galaafatamanii jiru. Baatiiwwan saglan kanneen keessa Wayyaaneen nama hiriiraa fi fincilaaf baye callaa otoo hin taane: nama gabaadhaa galu, hamaamoota cidhaaf deemu, ijoollee horii tiksitu, daa’imman oddoo (dhayii) keessaa taphattu faa itti-dhukaasuun galaaffattee jirti. Bineessummaa fi gara-jabina dureewwanii fi loltuuwwan Wayyaanee kana arguu dhiisiitii, dubbachuufillee kan hedduu nama suukanneessu. Mee yaa Waaq ilmi namaa akkanatti gara bineensaatti of-geeddaraa? Akkanatti sammuu isaa kan Waaqni akka ittiin-yaaduuf isa badhaase kana gara horii sammu-maleeyyii tahaniitti jijjiirrataa? Amma jarreen kun akkanatti: Oromoos, Somaalees, Amaaras, Anyuwaakis, uummatoota Laga Omoo fi uummata Sidaamaa faas gorra’aa, dhiiga isaanii lolaasaa “wajjin jiraanna” nuun jedhuu?

Dur, eeyyee waggaalee 130 dura naazichi gurraachi kan Minilik Lammaffaa jedhamu, meeshaa waraanaa kan ammayyaa humnoota Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaliyaa fi Rusiyaa irraa tuullaa-tuullaan argachuun, dabalees leenjiftoota fi gorsituuwwan Faranjii fidachuun waraana ofirraa-ittisaa Oromoon waggaalee 30 guutuu adeemsise booda biyya keenya qabachuu dandaye. San booda lafa lafee Oromoo tahe, uummata keenya irraa sarbachuun Oromoo fi uummatoota kibbaa gabbaarii taasifate. Gabbaarii fi gabrummaan obbolaa lakkuu tahani. Kan nama dhibu warri Wayyaanee kun hardhaa lafa lafee keenya tahe kana fudhachuun bulguuwwan addunyaa kanneen inbastaroota jedhamaniif hiree, kaan ofiif fudhachuun uummata keenya gabbaarummaa warra Minilik sanallee dhoowwate. Gabbaartichi durii sun lafa abbaa ofiirraa hin buqqifamuu, achuma irraa taa’etoo nafxanyooota gabbara. Amma garuu, Oromoon qawween araddaa ofirraa buqqifameeti hariyama. Kana malees, hardha laggeen, haroolee fi harawwan Oromiyaa summeeffamaa jiru. Daggallii fi bosanni Oromiyaa ciramanii mancaafamuun biyyi Abbaa Gadaa fi Haadha Siiqqee lalisaa fi jiidhaan sun gara adaala-tti (“desert”) geeddaramuuf deema. Uummanni Oromoo fi kanneen biroo isaan magaalaawwan Oromiyaa keessa jiraatan gixaananii, dhamayanii manneen isaan ijaarratan buldozaraan daakamanii argamu. Ginni-bittee Tigraay kun isaan akkanaa kanaan misooma jidha. Impaayerittii uummanni kitila 20 (20 000 000) tahuu beelaan harcawu keessatti: “guddina dhibbayyaa 11 (11%) galmeessine” jechuun addunyaa sobaa jira. Biyya warra Wayyaanee kanatti sobatu, misooma fi guddinaa tahuun dhibbayyaa hedduun guddachaa jira jechaa dha!

Uummanni Oromoo abbaan firaa fi abbaan nagaa kun daangaa ofiirra tarkaanfachuun biyya namaa hin qabanne. Mirgaa fi haqa namaa hin sarbine. Yeroo ginni-bittee Habashaa uummata Tigraay beelaan ficcisiisu san Oromoo keenya afaan ofii irraa fuudhuun waan qabuun isaan gargaaraa ture. Yommuu faashitichi Habashaa kan Mangistuu Hayila-Maaram jedhamu uummata Tigraay beelaa fi waraanaan lafarra harcaasaa: “wanni Tigraay irraa argamu chookii takkallee nuuf bituu hin dandayu” jechuun, uummata Tigraay arraba isaa addaggee saniin madeessuyyu uummanni Oromoo aariin waxalamaa waan qabuun Tigroota deegaraa ture. Maarree, hardha dubbiin garagalchoo taatee, dureewwan Tigraay waciitii itti-nyaatan caccabsaa, harka laateef san nyaachaa jiru. Obsis daangaa qabaa, uummanni Oromoo obsa-qabeessi fi abbaan keessummaa kun dhiibamee, dhiibamee hallayyaatti darbatamnaan karaa nagaatiin oljechuun baatiiwwan sagal guutuu fincilaan dachee sochoosaa jira. Qabsoo bilisummaa fi walabummaa isaa karaa nagaatiin adeemsisuun addunyaa irratti of-beeksisee argama. Qeerrolee fi qeerrantiileen Oromoo harka ishii lamaan addaa ofiirra kaawuun, qoma ofii diriirsitee qawwee agaazii dura dhaabbattee jirti. Maali Oromtittii baddaa Barentuu (Harargee) san, ishii agaazicha ishiitti afaan qawwee qabe san quba-ofii itti-qabaa: “yoo dhiira taate, lappheen tiyya kunootii xiyyiitii-tee itti-roobsi” jetteen san agarree mitii! Intala Oromoo-woo ishii muka-mooyyetiin rukuttee agaazii irraa kilaash hiikkatte san ni beeknaa mitii? Kunoo, onneen Biiftuu Hamoosaa fi onneen Warqituu Liiban faa deebiyaa jirti. Baatiiwwan saglan guutuu qabsoo isa karaa nagaa adeemsisuun biyya-lafaa irratti of-beeksifnullee, dhumaatiin namoota keenyaa inni gaafa 06. 08. 16 tahe kun, akka qabsoodhuma isa karaa nagaa callaa adeemsisuun nu hin baafne sirriitti ifa nuuf taasisee argama.

Warri Wayyaanee sammu-dhabeeyyii fi gara-bineeyyiiwwan kun dirqiidhumaan gara qabsoo hidhannootti nu dhiibaa jiru. Erga isaan qawwee fi eeboo barbaadanii sabni Oromoo kana isaan badhaasuu malee, filmaata biraa hin qabu. Kana jechuun garuu, qabsoo keenya isa karaa nagaatiin adeemsisaa jirru ni dhaabna jechuu miti. Qabsooleen karaa lamaaniin adeemsifaman kun wal-jajjabeessu malee, kan wal-laaffisanii miti. Amma uummanni Oromoo waan sodaa jedhamu san boolla qotuun awwaallatee jira. Karaa maraan walgargaaruu fi walirratti du’uuf kakuu waliif seenee jira. Addaan-qoodamuu fi walitti-ka’uu biyya irraa hariyatee argama. Maarree, amma nuti bosonaa fi daggala Oromiyaa cufa manneen hin taasifannuu-ree? Leencotaa fi qeerransoota Oromiyaa hiriyoota hin godhannuu-ree? Kakuu dhaa; laguu dhaa otoo nuti lubbuun jirruu Oromiyaan: biyyi Bakar Waaree fi biyyi Leenjisoo Diigaa, biyyi Ilaansoo Halloo fi biyyi Abbishee Garbaa, biyyi Waaqoo Guutuu fi biyyi Taaddoo Birruu, biyyi Maammoo Mazammirii fi biyyi Magarsaa Barii, biyyi Elmoo Qilxuu fi biyyi Garasuu Dhukii faa warra waayee qawwee callaa yaadaa buluu kanaan hin fudhatamu. Tokkummaa keenya alaa-manaa akka sibiilaatti cimsachaa, Oromummaa keenya akka odaatti lalifachaa, kan ammaa caalaa ijaaramnee wal-ijaaraa, hidhannee wal-hidhachiisaa karaa qabsoo bilisummaa keenyaa sirriitti qabannee garum fuulduraatti xuruurra! Akkuma jagnichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa jedhe san: bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa “akka du’aa waan ooluu dandayuu mitii”, gaaraa dakaaa oljechuun haa sochoonu!

=== // ===

Taammanaa Bitimaa irraa

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa