SEENAA GOOTICHA SALAALEE AGARII TULLUU -Lammii Girmaa Tasammaa

SEENAA GOOTICHA SALAALEE

AGARII TULLUU EENYUU?

13697184_545169382336160_5504886568165123990_n

AGARII TULLUU qabsaawaa mirga oromooti.Bara sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata oromorra gahu balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe.Qabsoo irra guddaa gochaa kan ture naannoo SALAALETTI ture.Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii guddaa gochaa ture.

AGARII TULLUU gidduu galeessa Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam Bakka Leemman Silaalee Jedhamuutti bara 1934 tti dhalate.Agariin dhaabbanni isaa baayyee gabaabaafi diimaa magaalaa.Yeroo baayyee fuula isaa irraa gammachuutu dubbifama.Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin baayyee maadoofte.

Gootichi AGARII TULLUU umurii ijoollummaatin bara 1950tti leenjii looltummaa fudhachuun Kubur Zabanyaa jedhamuun mana mootummaa eegu keessatti qaxaramuun FINFINNEEtti hojii jalqabe.Yeroo Looltuu Kubur Zabanyaa ta’ee hojjechaa jiru loogii sanyii Itiyoophiyaa keessatti dagaagee jirufi cunqursa uummata Oromoo irra gahaa jiru kana arguudhan garaan isaa caalatti qabsoo hidhannoo gochuuf murteesse.OSUMA kana dalaga jiru miseensa WALDAA MACCAAFI TUULAMA tahuudhan sochii sabboonumma Oromoo Waldichaan jalqabame keessatti qooda fudhachaa ture.Waldaa kana keessatti Jeneraal Taaddasaa Birruun wal baree.

Bara 1959 tti hooggantoonni Waldaa Maccaafi Tuulama mootummaa Hayila sillaasetiin mana hidhaa galan, AGARIIN immoo hojii Kubur Zabanyaa dhiise meeshaa waraanaa hidhatee jiru fudhachuun gara Bosona Salaalee Qajeele.
Qabsoo irratti bobba’ee sodaa tokko malee Uummata Fincila Diddaa Garbummaatif Akkam akka kakka’an barsiisaa ture.Uummanni abba lafaa akka hin gabbareefi Abbaan lafaa ammoo uummata irra irboo akka hin fudhanne akkeekkachisaa ture.

Agariin akka shii13775382_545170355669396_1302109831293292779_nftaa qabeenya namaa kan saamu osoo hin taane rakkoo hiyyeessaaf nama falmuu.Agariin bosona keessa dhokaate osoo hin taanee baadiyyaadha hanga magaalatti uummata barsiisaa ture.Agariin baayyee abshaala waan ta’eef tooftaa adda addaa fayyadamuudhan uummata amansiisaa akka ture ni himama.Agariin hordoffii mootummaa abbaa irree waan itti baayyateef yeroo hunda of jijjiire qabsoo adeemsisaa ture.Yeroo tokko qeesii….yeroo biroo kadhatuu fakkaatee deemaa.Yeroo biraa immoo qotee bulaa fakkaate waan garaa isaa hojjechaa ture.

Nammoonni oduu funaananii qaama mootummaaf geessaan “Agariin qeesii fakkaatee amma as I in darbee agarree ture” yoo jedhan Yeroo biroo immoo kadhatuu fakkaate yoo deemu Agarii argachuu hin dandeenye. AGARIIn gaafa ofii isaati barbaade malee qaama nageenyatti hin mul’atu, garuu isaanuma waliin wajjiin oolun kanuma barame.Uummanni SALAALEE akka AGARIIn harka mootummaa abbaa irree ( oftuulaa) sanatti hin kufneef akkas jedhanii sirbaan waaqa kadhatuuf,
=Kuyyuu hin roobin yaa cabbi
=Hurufa kuyyuu hin roobin yaa cabbi
Nabseetti Faradanii Agarii Tulluu baasi yaa rabii.

Gaafa Nafxanyoota irratti tarkaanfii fudhachuu barbaades tasa osoo hin taane..

Gaafa nafxanyoota irratti tarkaanfi fudhachuu barbaades tasa osoo hin taane akka qopha’anii eegan dura ergaa itti dhaameetuma dhaqa.Fakkeenyaf guyyaa tokko Bulchaa Aanaa Dagam yeroo Sana kan tahetti akka dhaquu ergaa itti dhaame.Guyyaa jedhame yoo gahuu namichi wardiyyoota isaa qabattee meeshaa isaa hidhatee loltoota isaa hidhachiisee dhufa AGARII eegutti ka’e.Osumaa eegaa jiru kadhataan uffata baayyee moofa’e uffatee kadhachaa deemu tokko mana bulchaa kanaatti goree kadhate. Hojjettoonni isaa kadhataa kanaaf miidhan kennaniif nyaachisan.Kadhatichis “Aduun waan itti dhiittef bakkan ani deemu immoo bosona keessa darbeeti waan taheef shiftaan na Reeba akka gooftan keessan na bulchuuf naaf kadhadha ” jedheen. Hojjettoonis goofta isaani kadhataniif yaa ciisu jedhee hayyameefi.Kadhatichi bakka bultee argate.Sana booda dhufa AGARII eeguu itti fufan.Sa’aati beellamaa darbus AGARIIn dhufuu waan dideef Bulchaan Aanaa Dagam suni “Duraanu erga yoomi tikseen na fuldura dhaabatee naan lolti ” jechuun turtii AGARII f qabu mullisuun laphee ofii dhiittessee tahee.

Yeroo kana kadhataan baaxii jala ciisu sun waan namni kun jechaa jiru hunda sirriitti dhagaha.Ergaa obsaan xiqqoo turee booda kadhatichi bakka ciisuu ka’ee shugguxii qanqalloo itti kadhachaa ture Sana keessaa baase gurraa bulchaa Sana irratti qabee akka harka kennatu gaafate.Namichis naasudhan qawwee isaa lafa godhatee harka itti kennate.Edaa kadhaatan bakka bultii gaafatte sun Agarii Tulluuti.Sana booda AGARII namichas wardiyyoota isaan walitti hidhee erga garafaa turee booda mana tokkotti galchee balabala itti cufuudhaan meeshaa waraanaa isaanii fi qarshii fudhatee deemudhan waan tahee kana akka Bulchaa GODINICHAATTI FIICHEE deemudhan itti himu ajajee yoo himuu baate garuu Yeroo biroo deebu’uudhan akka ajjeessu akkeekkachiise.

Gochaan AGARII kun kan rifachiisefi baayyee aarse bulchaa Aanaa Kuyyuu Yeroo sanii kan ture Fitawurarii Muluu Asanuu …anuu AGARII nan qaba jedhee dhaadachuudhan bulchaa Godinichaatif waadaa galee, Akka ittiin qabuuf qawwee Domoftorri Ameerikaa shan kennameef.Qawween kunis ashkarootasaati hiruun barbaacha Agariitif Aanaalee Kuyyuu…Warra jaarsoo…Giraar jaarsoo….Dagam…..Hidhabuu abooteefi Yaayyaa Gullallee ……lafa kana dura Agariin keessa socha’uun qabsoo geggeessa ture keessa ka’an.Barbaacha baayyinaa keessa lafa dhaloota AGARII kan taate bakka leemman sillaasee jedhamuun beekamtutti AGARII argatanii itti marsan Sana booda Agariin dhaabachuudhan INJIFANNOON seenaan hin daganne galmeessisuu danda’ee jira.Namoota qabuu dhufan kaan isaanii ajjeessee, ka’an immoo nadeesse, kanneen hafan immoo dheessanii gara dhufanitti Akka deebi’aniif dirqisiise.

Sana booda Uummanni salaalee gootummaa kana dinqisiifachuudhan Akka muluu of fakkeessanii Agariidhaf sirba armaan gadi kana sirbaniif:
Ana rabbitu na baasee
Dabalee gurrarra yaadee
Burruusee dheefatu baasee
Qawwee awurajjaa gachisiisee
itti dabaluudhanis Akka armaan gaditti weeddisu:-
Yaa Burruusee
Ashkara koo yaa Burruusee
Ni lolla naan jettaniitoo
Sintu rakkoorra na buusee …..jechuudhan salphina Muluu sirbaan Agarsiisaa turan.Burruuseefi Dabaleen ashkaroota Muluu turan.

Guyyaa tokko bakka Agariin jiru kan dursee hubate Asmaarin duraanii Agarii wajjiin deemee faarsa ture qaama nageenyatti( mootummaatti) hime.Asmaariin kun kan AGARII ganeef namni bakka AGARIIN jiru home lafa gaashaa lamaafi qarshii kuma kudhan(10,000) badhaasa Akka argatu mootunmaan abbaa irree sun waan labseef.Sana booda humni dafee qaqqabaa Mana AGARIIn keessa jiru Sanatti marsanii yemmuu Agariin bahuu ajjeessuuf eeguu jalqaban.Humni waraanaa dafee qaqqabaa itti marsuu waan dhagaheef tooftaa itti harka bahu barbaaduu jalqabe.sana booda qamisii dubartii kaawwatee, kophee durbaa godhatee, shaashii hidhatee durbaa bareeddu fakkaatee karuma balbalaati bahee deeme.Yeroo kana waraanni iddoo qabatee eegaa jiru ilaale Sanyoon isaa baate inni itti aanee dhufa jedhanii ofeegannoodhan eegutti ka’an.Agariin duubatti darbuudhan jaallewwan qabsoo isaa wajjiin bombiifi rasaasa itti roobsuudhan loltoota baayyee ajjeessee kaan immoo madesse warri kaan immoo gara dhufanitti Akka deebi’an godhe.Gama Agariitiin jaallee qabsoo tokko qofatu wareegame.

Sochiin Agariin jalqabe kun hirriba kan dhoowwe mootummaa HAYILA SILLAASEE loltoota baayyinan gara SALAALEE naannoo Agariitti qabsoo hidhannoo geggeessaa jiru sanatti bobbaasee, Agarii bakka jiru nutti himaa jechuun uummata daraaruu fi hidhuu itti cimsan.Baayinni loltoota Bobba’ee SULULTAA hanga QARRE GOHAATTI kan lafa dhiiphisee ture.yaa tahu malee uummanni naannoo Sana namni tokkoyyuu Agarii dabarsanii kennuu irraa ofumaa dararaafi gidiraa irra gahu fudhachuu filatan.Qabsoo Agariin godhus SALAALEE keessaa Aanaa ja’a jechuun Aanaa Dagam,kuyyuu,Warra jaarsoo,Hidhabuu abootee, Giraar jaarsoofi yaayyaa Gullallee tahuu fi …..SHAWAA DHIHAA keessaa immoo AANAA MEETTATTI.Kanaaf Agarii eessa Akka oolufi bulu hin beekamu.Har’a bakka tokkitti yoo argame bariisaa immoo iddoo biraatti argama.
itti fufa.
– KUTAAN XUMURAA,QABAMUU fi FANNIFAMU AGARII TULLUU…..ITTI FUFA.

QABAMUUSAA:Dhumarratti qabsoo hidhannoo kana gara kutaa Oromiyaa biraatti babballisuufi iddoo jijjiirachuudhan umurii qabsichaa dheeressuuf yaadee gara dhiha OROMIYAA WALLAGGAATTI bobba’ee.Gaafa gara Wallaggaatti deemuu FINFINNEE naannoo Qacanee Madalaniyalemi jedhamu bakka duraan itti boqatutti goruudhan jaallewwan qabsoo isaatiif gara magaalaa NAQAMTEETTI deemuu isaa fi isaan illee Akka isa hordoofuun garas deeman xalayaa barreessef dubartii haadha manichatti kenneef deemee.Xalayaa kana irratti Hoteela keessa qubatullee barreesseture.Isumaa bakka Sana bahee qaamni nageenya mootummaa abbaa irree AGARII barbaachaf iddoo Qacanee Madaniyalemi kana dhaquun mana Agarii boqotusana seenuun haadha mana Sana dirqisiisani bakka Agariin jiru gaafachuun Xalayaa Sana dabarsitee Akka kennitef SEENAA irraa hubanneera.Bakka Agariin boqotu kana kan hime namum Agarii wajjiin Dirree qabsoo galee booda maallaqan mootummaan sun bitate Akka tahee qorañnoo SEENAA godhame irraa hubannee jirra.
==
Erga Xalayaa AGARII jaallewwan isaati katabe sun harka diinatti kuftee booda Gurraandhala 8 bara 1962 tti Magaalaa NAQAMTEE hoteela keessaa boqote keessatti gootichi Oromoo AGARII TULLUU harkaa warra oftuultotaatti kufe.Sana booda gammachuudhan Agarii fudhatanii gara SALAALEE geessanii Magaala FIICHEE tti hidhan.Sana booda Uummanni qabamuun Agarii aarse sodaa tokko malee dirreetti bahanii Agariidhaf sirbuu jalqaban.Fakkeenyaf gaafa qabamuu isaa dhagahan :-
Yaa hoolota oborii
Hoolota Hamdee gugurraa sanii
Shiboo irra maranii
Harka Agarii ibiddoo sanii ……jechuudhan dhaamsa dabarfachaa turan.Dhaamsi sirba armaan olii kanaa dhaamsa guddaadh.Hamdee Abarraa Nafxanyicha uummata SALAALEE irraa lafa fudhatee biyyaa isaanirraa Akka baqatan godhee yoo tahu,Hoolota Hamdee jechuun immoo wardiyyoota Hamdee jala kaachuudhan uummata isaanii rakkisa jiran jechuu isaaniti.

Agarii erga hidhame turtii ji’a tokkoo keessatti Akka duuti itti murteeffamu godhan.Sana booda Ebkaa guyyaa wiixata BARA 1962 magaala Hambisoo Aanaa Dagamitti obboloota isaa JIMAA TULLUU FI HIRKOO TULLUU wajjiin bakka uummanni baayyinaan jirutti fannisaani ajjeessan.Jimaa Tulluufi Hirkoo Tulluu obboleewwan AGARII tahuu qofaaf fannifamanii ajjeeffaman.

Duuti ijoollee Tulluu kan baayyee aarse Uummanni Oromoo SALAALEE Akka armaan gadii kanatti sirbaan Gadda isaanii ibsachaa turan.
=== Yaa haadha too yaa Tarrafuu
=== Tokko du’ee lamat hafuu
=== Lama du’ee tokkotti hafuu
=== Sadii du’ee maalitti hafuu …….jechuudhan aarii isaanitti dhagahamu ibsachaa turan.
AGARII TULLUU seenaa qabsoo uummata Oromoo keessatti goota BARA baraan kabajafi jaalalaan yaadatamaa jiraatufi sochiin sabboonummaa Oromoo inni godhee laphee ilmaan Oromoo keessaa kan hin baanedha.

13770350_545169035669528_4842615828334020341_n

Lammii Girmaa Tasammaa

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa