FAAYIDAA YEROO OFITTI SEERAAN FAYYADAMU.-Tamasgeen Axinaafuu!

FAAYIDAA YEROO OFITTI SEERAAN FAYYADAMU.

Yeroo ofiitti seeraan fayyadamuun (time management) jechuun maalii?

Yeroo ofiitti seeraan fayyadamuu jechuun qajeelfama bu’uuraa,bartee,dandeettii,meeshaafi tooftaa jiru fayyadamuun waan jireenya keessatti barbaaddu yeroo qabdu keessatti galmaan gahuu danda’uu jechuudha.

YEROO OFITTI SEERAAN FAYYADAMUUN MAALIIF BARBAACHISEE?

Yeroo keetti seeraan fayyadamuun milkaa’ina jireenya dhuunfaa keetiifi dalagaa keetiif waan baay’ee barbaachisaa ta’edha.Yeroo keetti seeraan fayyadamuu irra kan ati barattu yeroo kee bu’aa barbaadde irra olfachuufi yeroo kee irra hamma argachuu dandeessu akka itti argattudha.

Armaan gadditti sababawwan yeroo ofitti seeraan fayyadamuun barbaachiseefi akkamiin akka yeroo kee bulchuutuufi irra caalaa karaa bu’aa qabbessa ta’een fayyadamtu waliin ilaalla.

1) Yeroon qabeenyaa addaa ati yeroo boodde itti fayyadamuuf qusachuu ykn olkaawachuu hin dandeenyedha.Namnii hunduu guyyuu yeroo walqixa kennameef qaba.Yeroo seeraan utuu itti hin fayyadamin dabarte deebisnee hin argannu.

2) Namootnii baay’een akka waan hojjetan baay’achuu irran kan ka’e yeroo itti hojjetanii waliin gahan hin qabnetti fudhatu.Hanqina mallaqaaf, yaaddoo(Cinqamuu isaaniif),hariiroo badaa qabaniif akkasumas sochii qaamaa gahaa hojjechuu dhiisuu isaaniif yeroo dhabuu isaanii ceepha’u. Oggumaan yeroo offitti fayyadamuun garuu feedhii keefi waan hojjechuu barbaaddu hundaaf akka ati yeroo argattuuf si gargaaraa.

3) Jireenya irra waan barbaaddu cufa argachuuf yeroon si barbaachisa.Yeroo dabalataa akka siif kennamuuf kan eegdu yoo ta’e tapha jireenya keessa mo’atamta.Yerootti seeraan yoo fayyadamte garuu yeroo si barbaachiisu kana akka dhuufuuf eegda osoo hin taane nii uummatta.Yeroo keetti seeraan fayyadamuuf yoo oggumaan karoorsatte yeroo itti waan baay’ee hojjetu argatta.

4) Yeroo keetti seeraan fayyadamuun akka ati waan dursa laachuufi qabdu akka ati qajeelfattuuf si gargaaraa.

5) Yeroon guyyaatti sa’a 24’n waan daangeffamuuf jireenya kee oggumaan karoorfadhu.

6)Yerootti seeraan fayyadamuun akka atii si’aayinaan jireenya kee filattu waan si godhuuf yeroo kee waan barbaachisaa ta’eefi waan gatii siif qabu irratti akka fayyadamtuuf si gargaara.

7) Waan si barbaachisuuf yeroo argachuu danda’uu barrachuu dandeessa. Guyyaa ykn torban keessatti yeroo baay’ee xiqqoon isheelle gara galma keettii akka ati dhihaattu si gochuuf gahaa waan ta’eef saffisaan imala jireenyaa fuldurratti gootu akka sii ajaa’ibu si godha.

8) Dandeetti yerootti seeraan fayyadamuu qabduun irra caalaa bu’a qabeessa ta’uu kan dandeessu enna ta’u yeroo fi ifaajii muraasaan irra caalaa jireenyarra argachuu dandeessa. Yerootti seeraan faayyadamuun yeroofi humna akkasumaan lafatti silaa badu siif hambisa, akka ati irra caalaa bu’a qabeessaafi nama kalaqqa taatuu si dandeessisa, akkasumas waan sirri yeroo sirritti akka dalagdu si godha. Kun cufti jireenya walqixxateefi itti quufinsa qabu siif kenna.

9) Jireenyi har’aa waan xiyyefanoo hatan heddu qabatee waan dhufuuf gochaa hin barbaachisne irratti haala salphaa ta’een yeroon nu jalaa gubachuu danda’a. Sagantaa Tv kana ykn sana ilaaluun, jette jette nama gurra qeensitee dhageeffachuun ykn gochaalee garaa garaa keessatti hirmaachuun kee jireenya keetti waan barbaachisaa ta’e tokko akka inni dabaluu danda’u itti yaadi. Waa tokko dalaguu irratti yeroo ati fayyadamtee sun bu’aa argamsiiseramoo akkasumaan humnaaf yeroon kee lafatti bade?

10) Jireenyii filanoowwan hedduu guyyaa guyyaan fuuldura nama hundaa kaa’a.Gaafiin jiru garuu waan daandii gubbaatti si quunname hundaa faana buutamoo waan hojjechuu barbaaddu qofa filataa? Wantoota alaa xiyyefanno kee hataniif gurra laatte galma kee irra maqxamoo kutannoofi naamusa ofiif qabaatte gara galma keetti utuu yeroof humna kee hin ballesin imaltaa?

11) Hamma ta’e hamii namootni siif qabaniif dhimma qabaachuu dhabuuniifi nagaa keessoo qabaachuun yeroo ofii seeraan fayyadamuuf nii fayyadaa. Aannisaafi qalbii kee namootnii waa’eekee maal jedhuu yaaduu irratti akka ati hin ballesineef si gargaaraa. Wantoota xiyyeffanoo kee bittimsan ykn haala badaa yeroofi humna kee hatan tasgabbaa’uun irra maqxee gochaa bu’aa qabuufi si barbaachisu irratti akkati fayyadamtuuf si gargaara.

Yeroo kee seeraan fayyadamuuf waan gochuu qabduu hedduti jira.Guyyaa guyyaan yeroo silaa waan fooyya’e ittiin hojechuuf fayyadamnu heddutu lafatti nu jalaa badaa.Jijjiiramaa yoo fidde yeroo kee kana waan barbaachisuuf akka fayyadamtuuf si gargaaran jiraachuu maluu. Yaaduun, Karoorsuun,namootnii kan biroon haala akkamiin yeroo isaanii akka dabarsaan ilaaluuniifi kitaabileefi barruu gaggabaaboo yeroo ofii akkamiin akka fayyadamuu qabdu irratti barrefaman dubbisuun dandeetti kee guddisuun yaada gaarii siif kennaa.
Jijjiramnii ati gochuu qabduu keessa tokko ganama yeroon hirriba irra ka’uudha.Kana gochuuf halkan turte TV isa ilaaltu offiraa dhiisuun yeroo duraan raftu dursitee rafutu sirra eegama.Yoos ganama yeroon ka’uun salphaa siif ta’a jechuudha.

Daqiiqaa 15 kan baratameen dursitee irribaa ka’uun faayidaa qaba.Yeroo caallensaa ati dubbisuu, yaaduu, sochii qaamaa raawwachuu ykn waa’ee guyyaa kee itti karoorfachuuf si gargaaraa. Miira waan hojjetuu baay’achuu irran kan ka’ee hojjechuuf yeroo dhabuukee sitti dhagahamsiisu keessa bahuuf yeroo si barbaachiisu akka qabduu yaaduun keessa bahuu dandeessa.Haala kanaan yaaduun kee yaaddoo malee akka atii xiyyeffanookee kaayyoo kee irra godhattuf si gargaaraa.

Yeroo hundaa yeroo kee sirriitti karoorsuun waan hin taanetti ballesuu irra of qusadhu.Hojii boriif kaa’uu irra of eegachuun waa hundaa karaa fooyya’aa hojjechuu dandeessuun xiyyeffanoo guutuu kenniifi hojjedhu.


WAAN DUBBISTANIIF GALATOOMAA!
Madda:http://www.successconsciousness.com/blog/time-management/importance-of-time-management/
Afaan Oromootti kan hiike Tamasgeen Axinaafuu!
Shaamboo, oromiyaa!
27/07/2016(Roobii)

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa