MOOTUMMAA WAYYAANEE QABSOON GATANTARSIIFNE KUFFISUUN SALPHAA DHA! (Obsaan dubbisaa waliif dabarsaa) =Kutaa 2ffaa= (Saphaloo Kadiir irraa)

MOOTUMMAA WAYYAANEE QABSOON GATANTARSIIFNE KUFFISUUN SALPHAA DHA!
(Obsaan dubbisaa waliif dabarsaa)

=Kutaa 2ffaa=

Kutaa tokkoffaa barruu kiyyaa keessatti mallattoolee mootummaan tokko darrachuufi kufuuf dhiyaachuu isaa mul’asu, diigamuu gahuu isaa mirkaneessu isiniif tuqee tooftaa yeroo ammaa mootummaa kana ittiin diiguu dandeenyu immoo kutaa 2ffaa keessatti akkaan isiniif dhiheessu isin beellamee turuun kiyya ni yaadatama. Kutaa 2ffaa kunoo akkumaan jedhe qabadhee isiniif dhihaadheen jira. Garuu dhibaa’uu koof dhiifama isin gaafachaa, hanga xumura barruu kootti na faana bu’aan afeerraa kooti.

Akkuma beekkamu qabsoo saba tokkoo kan fiinxa bahiinsa gonfachiisuu danda’u maloota baayyeetu jira. Keessattuu tooftaan yeroo ammaa mootummaa wayyaanee kan qabsoon gatantarsiifne kana ittiin diiguufi kuffisuu dandeenyu walitti qabaan lama. Isaaniis humna hawaasa bal’aa roga tokkoon ijaaruufi humna waraana hidhannoo gama kaaniin walitti qindeessuun qabsoo haftee hin qabne gaggeessuun injifannoo cululuqaa galmeessuun danda’ama. Tooftaan kun lamaan walitti qabaan malee bifa bittinnaa’aan ykn adda addaan fiigee kan bu’aa guddaafi saffisaa galmeessisuu danda’uu miti. Haatahuu malee gara qabsoo hidhannootti seenuu dura humna hawaasa bal’aafi qabsoof dugugguruu duuydaa tahe bifa qindoomina qabuun bocanii gara warraaqsa qabsootti naquuf qopheessuun gaariidha. Yeroo ammaa hawaasni keenya sadarkaa gara qabsootti naquu kana ofumaaf irra gahee jira. Haatahuu malee ammallee waan nuuf hafuutu jira. Mee hundaafuu tokko tokkoon dhilliyyinee haa laallu.

1) HUMNA HAWAASAA BAL’AA QABSOOF JABEESSUUFI CIMSUU.

Tooftaan kun geengoo bal’aa fi qabsoo kamiifuu dugugguruu duuydaa kan tahee dha. Qabsoon hawaasa guutuu hin hirmaachifne immoo okkoltuu dha. Akkuma beekkamu qabsoon ummanni keenya yeroo ammaa gaggeessaa jiru guututti hirmaannaa hawaasaa irratti kan hundaa’e tahuus kutaa hawaasaa mara bifa wal fakkaataan kan hirmaachise akka hin tahin beekkamaa dha. Qabsoon harka duwwaa fi bifa bittinaawaan hawaasa qofaan godhamaa ture kun injifannoo danuu galmeessisuu danda’ee jira. Haatahuu malee injifannoon baayyeen galmaa’anillee hanqinoonni tokko tokko keessattuu humna hawaasa bal’aa bifa wal fakkaatuun dammaqsuufi hirmaachisuu irratti ni mul’ata. Hanqina kana furuuf haala itti hawaasa keenyaa bifa wal fakkaataan hiriirsinu gad fageenyaan beekuu qabna. Sochii keenya gad jabeessinee iddoolee mara dammaqsuutu nurra jiraata. Kana tahuu baannaan immoo humni hawaasa keenya gargar faca’uun kun tirachuu imala injifannoo, laamsha’uu akeekaa akkasumaas deemsa dheeraa keessa kufaatiin qabsoo akka nu mudatu taasisa. Kanaaf hawaasa keenya fiinxaa fiinxatti bifa wal fakkaataafi si’aa’ina qabuun dammaqsinee qabsotti galchuun injifannoo keenya saffisuuf nu gargaara. Tooftaan hirmaannaa hawaasa guutuu gara qabsoo dabaluu nu dandeessisuufi nu gargaaru keessaa:

1.1) Hirmaannaa Hawaasaa Bal’aa Daran cimsuu:

• Namoota hawaasa bal’aa keessa jiraataniifi amaloota salphatti hawaasaan waliif galuu qaban, kan hawaasa mariisisee amansiisuu danda’an, kanneen qabeenyaafi humna diinagdee qaban, kan dhageettiin isaanii hawaasa biratti ol aanaa tahan hirmaachisuun gara qabsootti galchuun, hirmaannaa isaanii roga maraan dabaluun dirqama. Manguddoota, dubartoota, dargaggoota, sheekkoota, luboota, qeessoota, imaamootaafi kkf warra dhiigaan Oromoo tahaniifi miidhama Oromootiif quuqaman mara akkaataa itti gama warraaqsa qabsoo Oromoo bal’inaan fiduun danda’amu irratti bifa iccitaawaan hojjachuun gaarii dha.

• Bu’urri sabaa maatii waan taheef qabsoon sabaatiis mana irraa gad jalqabdi. Mana manatti miseensoota maatii irraa jalqabuun kan Oromoo tahe marti gumaata qabsoo keessatti roga danda’uun akka hirmaatan taasisuun gaariidha. Yeroo ammaa namni tokko sadarkaa maatiitti kan hin baratin waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf namuu sadarkaa maatiitti mana isaanii keessatti abbaafi haadha isaa irraa jalqabuun maatii isaa kan umriin deeggarsa qabsoo godhuu malu keessa jiran mara dhimma kanaaf mariisuufi amansiisuu qaba. Barbaachisummaa qabsoo Oromoo irratti ilaalcha isaanii gabbisuu, miidhaaleefi shira mootummaa wayyaanee guddisee itti agarsiisuun onnachiisuu danda’uu qaba. Tooftaan baayyeen miidhaa diinaaf kan nu saaxilu tahullee maatiin tokko hangamuu yoo hammaate dabarsee alagaaf wal hin kennu. Kanaaf tooftaan maatii ofii irraa hojjachuu jalqabuu kun qaawa balaa diinaatiif nu saaxilu illee kan nurraa duuchuu dha. Kanaaf tooftaan kun qabsoo keenyaaf hedduu barbaachisaa waan taheef itti fayyadamuu qabna.

• Warraaqsi Oromoo ji’oota sagaliif finiine kun kutaalee Oromiyaa harka caalu keessatti kan gaggeeffamaa tureefi jiru yoo tahu iddoolee muraasa keessatti immoo ammallee rincicaatu mul’ata. Yeroo ammaa garri tokko ka’ee garri kaan riphisuun kun immoo warraaqsa qabsoo ummanni Oromoo mirga isaatiif taasisaa jiru kana buburreeysuufi humna gargar bittinneessuun akkasumaas sagalee keenya xiqqeessuun injifannoo guutuu silaa salphatti gonfachuu dandeenyu nu duraa dhibeeysa. Kanaaf, godinoota, Onoota, magaalootaafi gandoota fincilli keessatti ukkaamamee jiru irratti hojjachuun, kaka’uumsa keessatti uumuun, tokkoon tokkoo ilmaan Oromoo roga hundaan bifa wal fakkaataafi si’aa’ina qabuun kakaasuun warraaqsaaf hiriirsinee Oromiyaa guutuu keessatti ibiddi diddaa akka wajiijamu godhuun gaarii dha.

1.2. Hawaasa Oromoo Sadarka Sadarkaan Ijaaruu:

Hojiin kamiyyuu keessattuu warraaqsi qabsoo hawaasa diigameefi faca’aa qofaan deeggaramee galma barbaadamu san gahuu ni danda’a jedhanii eeguun rakkisaa dha. Akkuma bishaan guddaan yoo gargar faffaca’e kullooda gangalchuu hin dandeenye san hawaasni bal’aafi guddaan fedhe yoo hin jaaramne tahe warraaqsa isaa hangamuu finiinsuus dibaa gabrummaa gangalchee injifannoo barbaadu fiduu danda’uu keessatti karaan itti dheerata. Yeroofi bakka barbaadutti injifannoo fiduuf immoo jaarmaya mataa walitti qabu qabaachuun dirqama. Karoorafi sagantaa waytaawaa hojiirra oolma mirkaneessu baafachuun raawwii bu’aa hojichaas kan faana bu’u yoo hin qabaanne warraaqsi bittinnaa’insaafi qisaasa’ina baayy’ata. Kanaaf, qisaasamaafi dhibaa’iinsa injifannoo warraaqsa qabsoo keenya irratti amma mudachaa jiruufi fuul-duraas nu qunnamuu malu kana hambisuuf immoo karoora giddugaleessa baafachuu nu barbaachisa. Yoo karoora hin qabaanne hojiin kamilleen walitti fufiinsaan adeemsa eeggachaa deemuufi sirnaan hojjatamuu hin danda’u. Hojii mara karooraafi sagantaan deeggaruuf immoo ijaarsi hawaasa tuuttoo walitti qabu jiraachuu qaba jennee jirra.

Jaarmayni yoo hin jiraanne immoo karoora baafachuus tahee sagantaan hojiirra oolma karoorichaa eeganii bu’aa argamuus madaaluun hin danda’amu. Keessattuu yeroo amma qabsoon Oromoo sadarkaa ol aanaafi finiinaa irra jira. Sadarkaa amma irra jiru kanatti dirqama karoora bal’aafi hunda galeessa adeemsa ammaan boodaa jiru tilmaamuufi warraaqsa kana haala hoo’aafi hunda hirmaachiseen itti fufiinsu barbaachisa. Kanaaf, warraaqsa keenya fuuldura akka furgifamu godhuufi deemsa warraaqsa keenyaa hordofuufiis tahee bu’aa argamu madaaluuf kan nu dandeessisu yoo jaarmaya qabaanne qofa waan taheef karoora ijaarsa hawaasaa cimsu baafachuun yeroo gabaabatti hawaasa sadarka sadarkaan ijaaruun dirqama. Eenyuutu ijaara jechuuf immoo kanuma bayyanatee miidhaa saba isaarra gahaa jiru kana jibbu maraan kan ijaaramuu dha. Hawaasni hin ijaaramne wal dhageettiifi quba wal qabaatiinsi isaa dhibaawaadha. Kanaaf hiriyyummaa, walitti dhiheenyaafi firummaafi ollummaan wal ijaaruu haa jalqabnuu.

1.3. Jaarmalee Hawaasummaa Adda Addaa Gara Warraaqsaa Galchuu.

Akkuma beekkamu hawaasni tokko sadarkaa adda addaatti haala jireenyaa, hawaasummaa, diinagdee, aadeeffata, amantaafi siyaasummaa isaa gaggeeffachaa jiraata. Keessattuu sabni Oromoo dur osoo sirni gadaa isaa hin diigamin dura ijaarsi isaa kan waan mara keessatti gaggeeffatu ture. Ijaarsi sirna gadaa kan sadarkaa umriitiin addaan qoqqoodamee jiru waan taheef silaa yeroo ammaa kana jiraate hedduu barbaachisa ture. Yeroo dur gaafa sirni gadaa qulqulluun turetti ummanni Oromoo guutuun amantaa, aadaa, siyaasaa, bulchiinsa, jaarmayafi kkf mara iddoo tokkotti qabachaa waan tureef diigamiinsi hagas mara hin hammaatu ture. Hawaasni ijaaramee jiru roga qabsoofi warraaqsaatti galchuufiis nama hin rakkisu ture. Haatahuu garuu arra san marti sababa adda addaatiin waan buburraa’eef dhaabbiileen hawaasummaa geengoo takka keessa hin jiran. Sabni Oromoo yeroo ammaa amantaa, siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee adda addaa keessa kan jiraatu tahullee, ilaalchoota biraa wal fakkaataa qabaachuu baataniis Oromummaa irratti ilaalcha walitti dhihoo qabaachuun beekkamaa dha.

Kanaaf kan oromoo tahee jaarmaya hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa fedhe keessa jiru haaluma keessa jiruun gama warraaqsa qabsoo Oromoo fiduun amna galma ga’iinsa keenyaa baayyee saffisa. Jaaramaya waliin jireenya hawaasummaa gaggeeffatan keessaa humnaafi dhageettii guddaa kan qaban kan akka afooshaa (iddirii), walda’oota amantii, gareelee hojii fi kkf guuza qabsoo akka tahan mari’achiisuun deeggarsa isaan irraa barbaachisu roga hundaan akka godhan taasisuun barbaachisaa dha. Ilmaan Oromoo waldaaleefi dhaabbiilee amantaa, diinagdeefi hawaasummaa keessa jiran mara gara qabsoo dabaluun humna warraaqsa keenyaa guddisuu qofaaf osoo hin taane fuul-duree Oromiyaatiif murteessummaan isaa guddaadha. Amantiin, ilaalchaafi falaasamaan garagara taanuus nuti ilmaan Oromoo dhiiga Oromummaatiin tokko. Dhiiga Oromummaa waliin qabnu kana bu’ura godhannee tokkummaan qabsoo Oromoo finiinsuun salphatti injifannoo guddaa galmeessuun akka danda’amu diinatti garsiisuufi qaama gamtummaa Oromoo facaasutti gammadu mara hamilee cabsuun barbaachisaa dha. Gama dhaabbiilee amantaa waliin wal qabatee sochiin dhaabbanni amantaa garagaraa barana godhan fakkeenya gaariidha. Keessattuu sochiin hawaasni Oromoo muslimaafi kiristaanaa sabboonummaafi adeemsa amantaa isaanii haala hin faalleessineen naannoolee muraasatti yeroo garagaraa taasisaan humna warraaqsaa tahuun bu’aan galmeessisee guddaadha. Muuxannoolee sochii akkanaa roga hundatti babsl’isuun, dhaabbiilee mara qabsoof hirmaachisuun gaariidha.

1.4. Qaama Mootummaafi Hayyoota Oromoo qabsotti makuu.
A) Hojjattoota Mootummaa (Civil Servant) Qabsotti Fiduu.

Akkuma beekkamu hojjattoonni manneen hojii mootummaa keessatti qacaramanii hojjatan humna mootummaa diddiiguufi qabsoo hawaasaan godhamu finiinsuu keessatti shoora guddaa taphatu. Qabsoo hanga ammaa hawaasa Oromoon godhamaa tureefi bu’aa guddaa galmeessise kana keessattiis gaheen hojjattoonni mootummaa sadarkaa gadii irraa hanga oliitti gumaachaniis baayyee gaariidha. Odeeffannoo iccitaawaa dabarsanii kennuu irraa jalqabee hanga ragaalee qaama bulchiisa wayyaanee ol aanaa baasuu, xalayaa qoruumsa biyyooleessa kutaa 12ffaa dabalatee odeeffannoo biraas aktiivestoota #Oromoprotests’iif kan dabarsaa turan qaamuma mootummaa kana keessa hojjachaa jiran akka tahe beekkamaa dha. Barsiisoota, bakka bu’oota ummataa, ogeeyyii fayyaa, qaama seeraatiifi ogeeyyoota ogummaa adda addaan mootummaa kana keessatti qacaramanii hojjachaa jiran kun ammaas tahee fuulduraas sirritti Oromoofi Oromiyaafiis kan barbaachisan waan taheef maxxanfachuu, hariiroo jabaafi hidhata cimaa waliin uumuun gumaacha isaanii akka dabalan taasisuun qooda qabsoo guddisuun humna humna mootummaa kanaa dhawanii akka caaseeffama isaa diigan godhuun gaarii dha. Hirmaannaa sadarkaa gadiitii hanga qaama ol’aanaatti hojjattoonni mootummaa kun warraaqsa qabsoof taasisan kana irraa ka’uun wayyaaneen ragaa qabatama malee shakkii qofaan kumaatama hojii irraa ari’uun beekkamaa dha. Gara adeemsa qabsoo kanatti akka hin dhufnees uggura addaatiin daangawaa jiran. Daangaaleen kun immoo caccaphuu qaba.

Hojjattoota mootummaafi ogeeyyoota akkasumaas caasaalee araddaafi kaabinoota aanaa dabalatee hanga hoggantoota Oromiyaatti sabboontoonni warraaqsa qabsoo keessa kallattiifi alkallattiiniis hirmaachaa turaniifi ammaas itti jiran haa jiraatan malee garuu muraasa. Keessattuu sadarkaa caasaalee gadiitti kan wayyaaneen aangeeffaman Oromiyaa keessatti Oromo waan tahaniif irratti hojjatanii gara qabsoo fiduun ni danda’ama. Isaan kun of wallaaluuniis tahee hubannoo dhabaan kallattiin ummatarra miidhaa geessisuu kan dandahan waan taheef irratti hojjatamnaan sababni warraaqsa qabsootiif tumsa hin taaneef hin jiru. Gama biraatiin immoo shakkii garagaraan wayyaaneen hojjattoota sabboonummaa calaqqisaniifi gaaffii mirgaa gaafatan mara walitti qabaan akeekkachiisaa jirti. Inniis haa akeekkachiisuu, hojiirraahiis haa gaggeessuu nuti gara qabsoo keenyaa fiduu danda’uutu nurra jiraata. Hanga ammaa qaamni gahuumsaan irratti hojjatu waan hin jirreef bifa wal fakkaataa fi itti fufiinsa qabuun gumaanni hojjattoonni kun qabsoof laatan hanga barbaadamu sanii gadi. Kanaaf akka ofitti amantummaan humna isaanii jabeeffatanii qabsoof wareegama barbaachisu kafalan godhuuf tinnisa yaadaafi qalbii laachuufiin gaariidha.

B) Ilmaan Oromoo Qawwee Hidhatanii Wayyaanee Tajaajilaa Jiran Gara Warraaqsaa Fiduu.

Dhalootaan Oromoo tahanii kan humna waraanaa keessatti hirmaatanii qawwee alagaa ba’atanii mootummaa wayyaanee tajaajilaa jiran baayyeedha. Bakka guddaafi ol’aanaa qulfii taate irra tahuu hin baddin malee milishaa araddaa, humna eeggataa, humna furgaatuu, poolisii Oromiyaa, poolisii addaa (liyyuu poolisii), poolisii federaalaa, kora bittinneessaa, raayyaa ittisa biyyaafi kkf keessatti hirmaachuun shiraa wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti wixineessitu raawwachuuf kan ajajaman keessaa ilmaan Oromoo hin dhabaman. Muraasni isaani shira wayyaanee kana kan didaniifi morman tahullee humni ibidda harkaa qabufi qabsoo Oromoof murteessaa tahe kun harki caalu sababa adda addaatiin tumsa alagaa tahuun qabsoo teenyaa irraa daangawani jiru. Gariin hubannaa dhabuun, garii immoo tarsiimo sobaa diinni dhuubee obaase fudhachuun, kaan dhiibbaa ajajoota isaanii irraa itti godhamuun, gariin maal na dhibeefi danta dhabummaan golgamanii quuqama sabummaa keessa bahuun, gariin immoo eega takka tarsiimoo alagaatiin najifamne warraaqsi qabso Oromoo kuniis nun fudhatu shakki jedhuun xaxamani warraaqsa irraa moggaa dhaabachaa jiran.

Isaan kanaafi kana fakkaatan warra humna dhabuun qawwee harkaa qaban gara saba isaani deebisanii jiran kana irratti hojjachun afaan qawwee gara diinaa akka deebisan tahuu baannan ilmaan sabaa irratti osoo hin tahin akka lafatti gad qaban godhuun dirqama. Iddoo takka takkatti sabboontoonni Oromoo poolisii Oromiyaa fi federaalaa keessa jiran afaan qawwee gara diinaa deebisuu baatanillee ajaja wayyaaneetiin rasaasa obboleewwan isaanii irratti dhukaasuu didanii lubbuu qeerroo hedduu eewalanii hojii gaarii hojjataniis ni jiran. Haatahuu malee sababa kanarraa ka’uun ijoollee Oromoo hojii irraa dhaabuun waraana Agaazii jedhamu, humna amanamaa wayyaanee kan ijoollee Tigraay qofa irraa ijaarameefi waardiyaa TPLF tahe Oromiyatti bobbaase mootummaan. Oromiyaan eega humna waraanaa kana jalatti buluuf dirqamte booda ilmaan Oromoo irratti duguugaa sanyii hamaa raawwachuun lubbuu oromoota qulqulluu 500 ol macalaasan. Kanaaf nuti immoo ilmaan Oromoo qawwee alagaa baadhan kana daran irratti hojjachuu nu barbaachisa. Oromoo tahanii kan qawwee alagaa harkaa qaban kun yoo irratti hojjatanii sabboonummaa isaanii guddisaniif sababni gara keenya hin deebineef tokkolleen hin jiraatu. Jarri kun yoo gara keenya deebi’an warraaqsa ammaa qofaaf osoo hin taane abdii fuula duraatiif illee akka nu barbaachisan beekuun salphaadha. Kanaaf nutiis bifa tarsiimawaafi siyaasawaan balbala teenya banaa godhuun isaan ofitti harkisuu qabna. Keessattuu sabboontoota qoraan ibbidda alagaa dirqiin ba’atanii jiran kanaan hariiroo wal quba qabeenya keenya cimsuun hin hammaatu.

C) Hayyoota Oromoo Baayyinaan Qabsotti Fiduu.

Qabsoon hayyoota saba ofii hin dabalanne gaaga’ama baayy’atti. Gama biraatiin beektoonni saba keessaa bahaniif roga barbaachisuun tinnisa yaadaafi qalbii yoo hin gumaachine qabsoon tirachuu qofa osoo hin taane injifannooniis ni qancarti. Keessattuu immoo hayyoonni keenya, beektoonni Oromoo irra baayyeen durii hanga ammaa qabsoo irraa moggaa dhaabbatanii akkuma qaama biraa mudhii qabatanii qabsoo sabaa akka diraamaatti daawwatu. Kun immoo gaarii miti. Hubadha! Hayyoota hunda jechuu koo miti. Harka caalu jechuu kiyya malee. Oromoon hayyoota hin dhabne. Hayyoota sabaa danuu qabna. Hayyoonni Oromoo gurguddaafi ciccimoon addunyaafuu gahu kan biyya keessaas tahee biyyoota alaa jiraatan harki caalu garuu saba quba hin qaban yoon jedhe dhaadheessuu natti hin fakkaatu. “Wallaalaan nutti kolfee, beekaan beekumsaan nu fure” jedhe Dr. Ali Birraan, walaloo Dr. Gammachuun barreesseen. Dhugaadha! Kan beekuumsaan saba furuu danda’u beekaa dha. Garuu beektoonni keenya kan geengoo warraaqsa Oromoo keessa jiran lakkoofsa qubaati. Kanaaf maali rakkoon hayyoota keenya baayyee durii hanga ammaa qabsoo irraa moggatti dhiibe, isaaniitu nurraa qoorrifate moo nuutu jala deemuu dide laata? jennee of gaafachuutu nurra jiraata. Akeeka keenya fuul-duraatiifiis tahee warraaqsa qabsoo keenya arraatiif hayyoonni keenya nu barbaachisan. Isaan furtuu furmaata rakkoo maraati. Beektoonni keenya qoricha dhibeewwan keenyaati. Doktoroota wal’aansa keessoo Oromooti. Hanguma isaan nu irraa qoorrifatan injifannoon teenyaas fagaachaa deemti. Hanguma nuti isaan maxxanfachuu barbaannu, isaaniis nutti maxxanuuf fedhii qabaachuun barbaachisaa dha.

Kanaafuu, nutiis isaanitti siqnee mala rakkoo keenya itti furannu baafannee hayyoota keenya haa iyyaafannu. Hayyoonni keenya immoo akka qaama sadaffaatti qabsoo Oromoo irraa handaaratti bahanii daawwachuu osoo hin taane, saba isaanii kan gabrummaan waggaa danuu mudhursite kanaaf dafanii fala laachuuf qophaa’oo tahuu qaban. Ummata bal’aa cittoon gabrummaa burreeysite kanaaf qoricha bilisummaa heesabuu qaban. Iyyaafannaa qaama biraa irraa eeggachuu osoo hin taane, afeerraa jaarmayoota siyaasaa irraa osoo hin kajeelle saba kanaaf qarayyoo ijaa tahuu hubatanii iyyeensa keenyaaf dirmachuu qaban. Nutiis kabajaafi tajaajila isaaniin malu laachuufii nurraa eegama. “Sa’aa mucha jallaa abbaatu akka itti elmatu beeka” akkuma jedhamu san nurraa dheeysan jennee hayyoota keenya komachuufi irraa fagaachuu osoo hin taane hooysinee, dhidhiibnee copha beekkumsa isaanii irraa conachuu qabna. Yoo qaawa nuu fi hayyoota keenya jidduun qilleensa nutti naqu kana hin duuchine yoomillee bohara bilisummaa argannee hawwii keenya dhugoomsuu hin dandeenyu. Nuti dhaloonni qubee kuniis hunda ni beeyna, ni beeynaa tana xiqqeeffannee hayyoota keenya irratti xiyyeeffannee waan beekan irraa guduunfachuuf qandii teenya bal’ifachuutu nurraa eegama. Sabni hayyuu isaa hin qabanne, kan beekaa isaa irraa hin baranne, kan goota isaa jala hin deemte, kan eenyummaa isaa hin kabajne, kan wallaalaa isaa hin barsiifne, kan gowwaa isaa hin gorfanne… yoomillee saba injifatu hin tahu. Sabni wal hin qabne daandii jireenyaa irra imalee amna hin xumuru. Hangam saffisaan tarkaanfatuus deemee bakka hawwe hin gahu. Osoo walakkaa karaa hin geenye meelatee karatti hafa waan taheef, hayyoonni keenyaas haa dirmatanii, nutiis hayyoota keenya qabsoof haa dirmachiifnu. Arraaf hangana eegaan jedhe waan hafe kutaa itti aanu keessatti eeggadhaa. Waan na faana turtaniif galatoomaa.

=Itti Fufa=

“Waliin gabroomne waliin bilisoomnaas!”

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa