AARTII OROMOOF QUUQAMA QABDUU?-Xiinxala gabaabaa-Galaanaa Kiisii’tiin

AARTII OROMOOF QUUQAMA QABDUU?
——–\

Egaa akkuma baay’een keessan hubattanii na argitanitti ana-#‎yoom_eessi‬ koo hin beekamu. Yoon dubbachuu fedhu yoom akkan dubbadhu, yoon argamuuf jedhus eessatti akkan mul’adhu ana malee namni biraa hin beeku. Seexanniyyuu ‘ta’uu hin ooluudhaan’ na barbaacha dhufee guyyaa meeqa achii na dhabnaan amma nuffee dhiise fakkaata. Dhugaa qaba innis, yoo #‎latitude‬ koo argate, ‪#‎longitude‬ kootu jalaa bada; yooma lachuu isaa takkaa argates yeroonni achi dhufu argamni koo jijjiiramee isa eega yeroo wajjin. Namni ogummaa GPS suphuu qabu yoo jiraatemmoo gargaaruunii danda’a.

Ani waan sirrii natti fakkaate ifatti dubbachuuf jennaan namoonni akka Hayilamaariyaam faa iyyuu na hin sodaachisan. Hinuma natti fide. “Har’ammoo maal dubbachuufiree?” hin jettanii? Dhimma aartii Oromoo kanatu waa na dubbachiisuuf ka’eetii warri garaa qabdan dubbisaa! Yaadichi yaada ka’uu qabu natti fakkaata. Beeksisa ispoonsaroota keenya lameenii dhageenyee walitti deebina.

1. ‪#‎Aartii_Oromoo‬ __ “Ani isin malee, isinis na malee (wal malee) jiraachuu hin dandeenyu. Hariiroon nu lamaan gidduu jiru maxxantummaa utuu hin ta’iin waliin jireenya faayidaa gam-lamee ( ‪#‎mutualism‬) dha; na abdadhaa, wal abdanna!” kan jedhu Aartiin Oromoo, jaallatamummaa fi hawwannaa isaa daran dabaluuf ofii rasaasa, ijoollee Oromoo kana ammoo qawwee godhatee bifa kitaabaan, fiilmiin, tiyaatiraan, weelluun ykn faaruun dhuka’uu itti fufee jira. Aartiin Oromoo yaada amma ka’uuf jedhu kana kabajaan ispoonsar yoo godhu gammachuudhaani!

2. ‪#‎Dhaloota_Qubee‬ __ Seenaa Oromoo keessatti sabboonummaa fi warraaqsa sadarkaa olaanaa irra ga’e kanaaf utubaa kan ta’e Dhaloonni Qubee, abdii bilisummaa fi egeree saba guddicha biyyattii ta’ee shoora dhuunfaa ba’aa, hojii garee bu’uureffatee kalaqa sadarkaa sadarkaan jiru hunda meeshaa dheedhii godhatee, omisha qabatamaa ta’e aadaaf, siyaasaaf, diinagdeef ykn jiruu hawaasummaaf oolchuuf manaa ba’ee karaa jira. Dhaloonni Qubees yaada kana gammachuu guutuun ispoonsar godhee jira.
Lameenuu guddaa galateeffanna!!
— – — – — – — – — – —
Yaad-rimeen dubbii keenya har’aa qulqullina aartii Oromoo fi gumaacha Dhaloota Qubee ta’a. Akkuma beeknu aartiin kan ummataati_ ummatatu mul’isa, ummatumattimmoo mul’ata. Jiruuf jireenyi saba tokkoo, aadaan isaa marti aartii of keessaa hin dhabu. Isaan kun hamma jiranitti aartiin ni jiraata jechuu dha. Aartiin mul’atu jira, kan hin mul’annes. Isuma hin mul’annetu fooyya’ee bifa qindaa’een mul’ata. Aartii dhokataa mul’isuun immoo hojii dadhabsiisaa dha; yeroo gaafata, humna namaa bu’uureffata; maallaqa hedduus fixa. Maatiin aartii ummata waan jenneef, ummaticha keessaa gariin shoora kallattii, kaanimmoo al-kallattii taphatu. Wantoota aartiin ittiin mul’atan kanneen akka kitaabota afaanii, fiilmiiwwan, tiyaatiraa fi muuziqaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, nama dhuunfaa ykn garee nama muraasa hammateen gumaachamee hawaasa bal’aatti ba’a. Warreen gumaachan kun shoora kallattii, ummanni itti fayyadamu immoo shoora al kallattii bahu jechuu dha. Hariiroon jarreen lameenii garuu baay’ee murteessaa dha. Yoo aartii hawwataan dhiyaate, ummatichi dhimmee itti fayyadama; qulqullinni aartii gadi buunaan garuu aartichi fayyadamaa dhabaa adeema. Fayyadamaa dhabnaan ammoo abbaa dhabe jechuu dha. Abbaa aartii ta’uu barbaanna mitii?
Mee gara aartii Oromoo kanatti deebinee waa haa marii’annu. Kitaabonni afaan Oromoon barreeffaman ammaa kunneen aartii keenyaaf hawwannaa dabalaa jiruu? (Ifa taanee haa dubbannu!) Akka namoonni hedduun qeeqanitti, kitaabonni baay’een qabiyyee fi ergaa wal fakkaatu qabu. Oromoon baay’ina waan qabuuf kitaabota hedduu maxxansuufii barbaannee? Moo dhimmichatu baay’ee barbaachisaa ta’eeti? Anillee aartii keenya kana qeequutti gaggabee miti, akka alagaatti nan ilaaliinaatii, mee inni kaan yoo hafe kitaaba tokko fuula tokkorratti dogoggora qubee 10 argina taanaan kun aarticha hawwachiisaa? Kan biraammoo, yaadan kitaaba tokkorratti arge tokko kitaaba biraarratti yoon arga ta’e irraan baradhe moo ofumaan maallaqa itti baase? Yaada walirraa ergifachuun rakkoo hin qabu, garuu xiqquma itti dabalanii, fooyyessanii akkuma jirutti yaada nama biraa barreessuun aartiidhaa? Aartii jechuunmee sirumayyuu kalaqa addaa ykn bifa addaan akka nama hawwatutti dhiyeessuu dha malee…
Isiniif haa galu hundaan miti kanan komachaa jiru; babba’eessis jijjiru, baay’een garuu akkasi.
“Hinuma qeeqxa malee atimmoo maal fidderee?”, naan jechuu hin ooltani. Otuman fideeyyuu akkam abbaa koottan fidaa?

Mee erga waggaa lamaa as kitaabota meeqatu Afaan Oromootiin barreeffaman? Isaan kanneen keessaa meeqa dubbiftan? Utuun isin gaafadheemmoo kitaaba kam akkan dubbisu na gorsitu? Kanaafuu amma ani kitaaba tokko gabaarra oolcheera utuun jedhee meeqan keessantu “Yaa Waaqayyo siif haa galatu; amman dhaqee kitaaba kana harka keessa galfadha!” jedhee gammadee manneen kitaabaa barbaacha dhaqa? Ergaa kitaaba koo keessa jiru mul’ataan argitanii moo maaliif bituuf kaka’umsa dhabdaniree? Nan amana amma utuun kunoo isiniif gumaacheera jedhee, namni hedduun ” ‪#‎taadiyaaBirqNaw‬ ?” naan jedha garaasaatti. kkk… Yeroon yaadu jiila qabdu isinis. Bittanii dubbistanii yoo itti quufuu baattan “ayii, maallaqa koo bishaantu nyaate!” jettu ta’innaa? Maal qabdi qarshiin 100 abbaa qabduuf qabdi malee. Ani gama kootiin hattuun kiisii koo keessaa qarshii 5 fudhachuurra, kadhattuu karaarraaf 50 kennuun filadha. Isattan irra quufakaa! Waa’een qarshiiyyuu hammana qixxee miti, waan baay’eetu jira. Fiilmiinis, tiyaatirris, sirbis, faaruunis, kan biraas bifuma wal fakkaatuun rakkoo mataa isaanii hin dhaban. Maalan jechaa jira beektuu? Namni godheef hin godhiinaa, waan nama barsiisu ykn bashannansiisu nuuf gumaachaa; kitaaba barreessuun wantoota bu’uura jireenyaa ta’an arfan sanatti hin dabalamne hanga ammaa; ykn itti dhimmaa bareechaa hojjedhaa, ta’uu baannaan dhiisaan jechaa jira! Kana ta’uu baannaan, manneen kitaabaa baay’achaa adeemu, kitaabonni humnaa ol heddummachaa adeemu; namni dubbisu garuu daran xiqqaachaa dhufa; aartii keenyatu kufa. Kana kana ana qofa miti, nama hedduutu jedha.
Kanaafuu, aartii kana haa oolfannuun dhaamsa koo yeroo yerooti.

Itti fufa…

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa