BEEKUMSAAFI ODEEFFANNOO FAYYAA KEENYAA- DOOKTOROOTA KEENYAA jahaniin -Dr. Gurmeessaa, Dr. Dhinsa, Dr. Gutaa, Dr. Ibroo Dr. Nuredinfi Dr. Kiyyaa Daawwitee–Hojii Hayyoota keenyaa kana hidhaa kana keessaa argattu!! , .

HAWAASNI FAYYA BULEESSI ABJUU AGGAAMATE BIRA NUMA GAHA!!

Jiraachuuf fayyaan dhimma bu’uuraati. Fayyummaa keenyaa eeggachuuf ammoo gorsaafi beekumsa ogeeyyii keenyaa nubarbaachisa.  Oromoon dhaloota qubee dhimmoota fayyaarratti leenji’an hedduu qaba. Dhimma fayyaarratti leenji’uu qofa utuu hintaane afaan sabichi beekuuf dhaga’uun itti himuun mataansaa dawaa dabalataati.  Dooktoroota keenyaan galatoomaa jennaan. Dhimmoota qabatama haala fayyaa Oromiyaa keessa jiruu qorannoofi qo’annoo qabatamaan hanga as nuuf ba’anitti odeeffannoo beekumsa fayyaa keenyaa kan ta’u isaan fuula miidiyaa hawaasaan sabaaf raabsaa jiran keessaa muraasa al tokichatti as keessati isiniif aammachiisneerra; dubbisa gaarii!

DHIIBBAA DHIIGAA YKN “SILENT KILLER” AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA?

1.ISPOORTII ykn SOCHII QAAMAA. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hajjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a.

2.ULFAATINA HIR’ISUU. Haala nyaataa sirreessutiin, sochii qaamaa gochuun hirisuu dandeenaya.
3.NYAATA DHIIBBAA DHIIGAA HIR’ISUUF GARGAARAN NYAACHUU. Nyaanni qabiyyee sodium tiin xiqqaa ta’eefi qabiyyee potassium fi magnesium olka’aa ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa. Nyaatawwan kunnenis kan akka midhaan callaa; qamadii, garbuu fi kkf. Dinnicha ( keesummatti potassium olka’aa waan qabuuf). Fuduraalee fi muduraalee bifa garaagaraatiin qophaa’an. Nyaata coomaa qaban irraa ofqusachuu
4.ASHABOO BAAY’EE NYAACHUU DHIISUU. Yoo ashaboo (sodium chloride) baay’ee nyaannu dhiibbaa dhiigaa olkaasuu irraattti gahee guddaa qaba. Keessumaa namoonni umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an, namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban, namoonni dhukkuba kalee qaban, namoonni kana dura akka dhiibbaa dhiigaa qaban itti himame, nyaata ashaboo irraa of qusachuu qaban.

5.ALKOOLII YOO KAN DHUGNU TA’E XIQQEESSUU QABNA. Dhiirotaaf guyyaatti safara lama ( 2 unit ) ol dubartootaaf guyyaatti safara tokko ( 1 unit) ol dhuguu dhiisuu. HUB: safara jechuun kan alkoolii sanaaf murtaa’e jechuudha. Eg. Beer in bottle, …… yoo amma jedhame kanaan qofa fudhatame hamma ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.
6.YOO KAN TAMBOO XUUXNU TA’E DHAABUU QABNA.
7.HAMMA DANDA’AMETTI DHIPHACHUU (STRESS) HIR’ISUU.
8.HORDOFFII YEROO YEROOTTI TAASISUU. Inni kun kan baayyee barbaachisaa ta’eefi uummanni keenya yeroo hedduu dagatudha. Dhukkubni dhiibaa dhiigaa haga sadarkaa guddaa irra ga’utti yeroo baayyee mallattoo tokkollee hin argisiisu. Kanaafuu “silent killer” ykn “ kan dhokatee ajjeesu “ jedhama. Meeshaan ittiin dhiibbaa dhiigaa safaran baay’ee salphaafii buufata fayyaa hospitaala kellaa fayyaa ….. bakka hundatti argamudha. Dhuunfaatti illee bitachuuf ulfaataa miti. Haa ta’u malee hawaasni keenya bartee dhiibbaa dhiigaa isaa safarachuu waan hin qabneef miidhamee erga dhukkuba biraatti ce’ee booda dhufa.

HANQAAQUU/BUPHAA/EGG

1. Hanqaaquun qabiyyeen isaa waa hedduu of keessaa kan qabuufi kan altakkaan hanqaaquun tokkichi;
-Vitamin A: 6% of the RDA.
-Folate: 5% of the RDA.
-Vitamin B5: 7% of the RDA.
-Vitamin B12: 9% of the RDA.
-Vitamin B2: 15% of the RDA.
-Phosphorus: 9% of the RDA.
-Selenium: 22% of the RDA.
nuuf kenna. RDA Jechuun haga guyyaa takkichatti barbaachisu jechudha.
2. Gosa cholesteroolii kan HDL (Good cholestrol) jedhamu sana qaama keessaa akka olkaasa.
3. Madda protiina gaarii ta’uun amino asiidota hedduu bifa maadalawaa ta’een of keessaa qaba.
4. Osoo hammaan hin baayyatiin humna ga’aa nuuf kennuudhaan ulfaatina keenya nuuf hir’isa.
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Dhukkuba Toonsilii (Tonsilitis)

Toonsiliin qaama keenyaa keessaa waan akka gumaa foonii ulaa qoonqoo keenyaa keessatti argamu yoo ta’u, xuraawaa fi jarmoonni garaa garaa akka gara ujummoo qilleensaa keenyaatti hin seenne kan calaalee qabee (trap) godhee hambisuuf gargaarudha. Itti dabalees farra jarmootaa illee oomishuun kan jarmoota nurraa lolu keessaa toonsiliin isa tokko. Yeroo tokko tokko garuu osuma loluu harka kenna, ofumasaatii iyyuu infekshiniin isa qabata. Yeroo kana kan dhukkuba toonsilii ( tonsillitis) jedhamu.

Dhukkubni toonsilii (tonsillitis) jedhamu kun kan nama qabu micro-orgaanizimoota xixiqqoo keessattuu baakteriyaa fi vaayirasii irraa yoo ta’u dhukkuba kana namatti fiduudhaan baakteriyaan sadarkaa tokkoffaa irratti argamu baakteeriyoota streptococcus jedhaman dha. Dhukkubni toonsilii baayyinaan nama ga’eessa caalaatti daa’imman kan hubudha.

Dhukkubni toonsilii yoo nama qabu mallattoolee hedduu argisiisuu danda’a. kanneen keessaa: dhukkubbii qoonqoo (harsassee), mormi yoo tuqame dhukkubuu, yoo afaan bananii ilaalan harsasseen garmalee diimachuu, mataa dhukkubsuu, dhagna gubuu, nyaata jibbisiisuu, gurra dhukkubsuu, foolii afanii balleessuu, xannacha hiitessuu fi kkf. Hubachiisa: daa’imman irratti mallattoowwan kana hundaa eeguu hin qabnu, balaqqamsiisuu fi garaa dhukkubsuu qofaan of ibsuu danda,a waan taheef.

Yaala isaa ilaalchisee sababa ka’umsa toonsilis sana irraatti hundaa’uudhaan qoricha barbaachisuu dhiisuu ( fkn yoo vaayirasii qufaan namatti dhufe), qoricha liqimsamuun yaalamuu, haga tonsilii kutanii baasuutti kennamuu danda’a. Inni kun gahee ogeessa fayyaati. Hawaasni waalgochuu qabaa?
Dhukkubni kun garmalee waan daddarbuuf namni dhukkuba kanaan qabame haga mana yaalaa deemee fayyutti warra kaanitti qufa’uu, haxxiffachuu, osoo harka sirriitti hin dhiqatiin waliin qodaa garaagaraa irraa fayyadamuu dhiisuun miseensota maatii ka biraatti akka hin dabarre gargaara, keessumaa daa’imman. Qoricha mana yaalaa nuuf kenname guutummaatti fudhannee fixuu baannaan rakkoo biraa irra nu buusa. Kanaaf seeraan fudhannee fixuu qabna. Rakkoo toosilii irra darbee qaamota biraa akka onnee fi kale irra miidhaa waan geessisuuf gara mana yaalaa deemuun dirqama.

Dhukkuba Saayinasii (Sinusitis)
Saayinasiin maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkooti. Saaynasiin baayyinaan afur kan tahan qaamota keessi isaanii qullaa qilleensaan guutame jiru lafee naannoo funyaanii keessatti argamanidha. Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko dhangala’aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasii fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana sinusitis yokaan sinusiin keenya kulkule jenna.
Allergic sinusitis kan jedhamu garuu sababa alerjiin kan dhufudha. Baakteeriyaa yokaan vaayirasiidhaan miti. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha.
Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka’uu danda’a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa.
Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta’ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda’aniif mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo jiraatan rakkoo biraa irra nu buusu. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu illee fiduu danda’a. Sinusitis sababa alerjiin dhufu garuu ofumaa qoricha gargaraa fudhachaa yeroo isaa eegee mallattoowwan isaa kun dhabamu.

NAMOOTA HIRRIBNI DIDEEF

1. Sa’atii walfakkaataatti gara siree ba’aa
2. Ciisuu keessaniin dura aannan ho’aa dhugaa
3. Bishaan ho’aan qaama dhiqadhaa ciisaa
4. Kitaaba dubbisaa ciisaa
5. Sa,aatii ammaa ammaa hin ilaaliinaa
6. Nyaata baay’ee yokaan ulfaataa ciisuu keessaniin dura hin nyaatiinaa
7. Muuziqaa waan sagalee qaban of irraa fageessaa
8. Warri muuziqaa jaallattan ammo classical dhaggeefataa ciisaa
9. Bakkeewwa hedduu jaallattan suura isaanii maxxanfadhaa
10. Ifa mana ciisicha keessaa balleessaa
11. Bunaa fi waantoota isa fakkaatan ciisuu dura hin fudhatinaa
12. Rafuun dura sochii qaamaa taasisaa.
Dr. Gurmeessaa
Fayyaan Faaya

Alkoolii Fi Ulfa

Alkooliin Wantoota Hidda Handhuuraa Keessa Derbuun Mucaa Ykn Miciree Guddachaa Jiru Miidhan Keessaa Isa Tokko.yeroo Ulfaa Alkoolii Dhuguun Dhorkadha. Innis ulfa Sana Baasuu Irraa Darbee Mucaa Sana Rakkoolee Armaan Gadiif Saaxiluu Danda’a.
– qancaruu
– ulfaatinni xiqqachuu
– dandeetti waa yaadachuu dhabuu
– herreega hojjechuu dadhabuu
– qaama hir’uun dhalachuu
– raatuu ta’ee dhalachuu
– ija xixiqessuu
– rakkoo dhageettii
– rakkoo dubbachuu
-rakkoo hirribaa fi kanneen biroo hedduuf saaxiluu danda’a.

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain)

Akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?
1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa’aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kam hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.
2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.
4. Waan dilallaa’aa ta’e yokaan ho’aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa’uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.
5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa’achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.
6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.
7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka’umsaa isaa baranii gagaarsaargachu
un gaariidha.

Nyaatamuu Ilkaanii

Nyaatamuu ilkaanii (Dental Caries) Maaliin dhufaa? Akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?
Nyaatamuun ilkaanii (dental caries ) kan nutti dhufu yoo ilkaan keenya asidii baakteriyaa ilkaan keenya gidduutti walhoraniin hubamudha. Kana ittisuuf maal gochuu qabnaa?
1. Saamunaa ilkaanii flouride of keessaa qabuun guyyaatti al lama ilkaan keenya ququlleeffachuu. Yoo kan altakkaa qulqulleeffannu ta’e galgala qulqulleffachuu qabna.
2. Bishaan uumamaa dhuguu. Kana jechuun yeroo hundaa highland (bottled water) dhugna yoo ta’e flouride hanga isa uumamaa waan hin qabneef miidhamuu dandeenya.
3. Nyaata sukkaara olka’aa ofkeessaa qaban fi miyaawaa ta’an baay’isuu irraa of qusachuu
4. Nyaata ammaa ammaa itti deddeebi’anii nyaachuu dhiisuu.
5. Ilkaan keenya gidduutti nyaata hartuu ilkaanii (tooth brush) dhokatee hafu waan akka fo’aa (kirrii) qal’oo ishiitiin of keessaa baasuu qabna (flossing).
6. Ogeessa ulkaanii (dentist) yeroo murtaa’e keessatti deemanii haasofsiisuu
GALATOOMAA!

SAMMUU KEESSAATTI DHIIGUU (STROKE)

Dhukkuba fay’isuun baay’ee ulfaatu garuu 80% ofirraa ittisuun danda’amu. Akkamiin?
1. Dhiibbaa dhiigaa keenya gad-buusuudhaan. Isa kana irratti namoonni baayyeen mana yaala deemanii dhiibbaa dhiiga isaanii hin ilalamne waan ofirratti hin beekneef dhiibbaan olka’ee yeroo dheeraaf turee erga sammuu keessatti dhiiganii booda akka dhiigni isaanii olka’e baru.
2. Ulfaatina hir’isuu fi sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu
3. Dhugaatii yoo kan dhugnu ta’e hamma isaa baay’isuu hin qabnu.
4. Onneen keenya yoo dha’atu yoo sirrii ta’uu baatee: rukkuttaa irra darbuu yokaan takka daddafee takka ammoo suuta dha’achuu ( osuma boqochaa jirruu) deemnee yaalamuu qabna.
5. Tamboo xuuxuu irraa of qusachuu
6. Nyaata dhiibbaa dhiigaaf dhukkuba kanaaf nu saaxilan akka coomaa irraa if qusannee bakka isaanii fuduraaf kuduraa baay’isuudha.
MALLATTOO ISAA
-Qaamni gama tokkoon yokaan gam lamaan socho’uu dadhabuu
-Akka tasaa iji arguu dhabuu
-Mataa dhukkubbii baay’ee hamaa ta’e akka tasaa namatti dhufuu.
-Of wallaalanii kufuu, balaqqamuu
-Afaan dubbachuu dadhabuu
-Fuulli gara bitaa yokaan mirgaatti jal’achuu
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Dhukkuba vitiliigoo

Dhukkubni vitiliigoo jedhamu halluu gogaa namaa kan addeessudha. Kunis seelonni gogaa keenyaa kan halluu oomishan yoo dudu’an yokaan yoo hojii dhaabanidha. Dhukkubni kun namarraa naatti HIN DADDARBU! Lubbuu galaafachuuf kan ga’u miti, garuu miidhagina balleessuudhaan ofitti amantummaa namaa miidhuu danda’a. Dhukkuba kanaaf mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuun akkasumas gorsa ogeessa fayyaa hordofuun barbaachisa. Sana biratti gama ofiitiin waantootni armaan gadii ni gargaaru jedhamanii kan lafa kaa’amanidha.
1. Papaya kukkutaa bakka addaatee jiru sanatti sirriitti rigaa.
2. Cuunfaa paappayaa guyyaa guyyaatti dhugaa.
3. Suphee diimaa (red clay) zinjibila waliin waliin makuudhaan bakka addaate sana yoo dibne qabiyyee coopparii olaanaa waa qabuuf halluu jalqabaa akka deebi’u gargaara.
4. Dhiphinni sammuu dhukkukkuba kana akka namatti hammeessu keessumattuu dubartoota irratti waan bira ga’ameef stress irraa fagaachuu qabna.
5. Hir’ina vit B9 fi B12 ofirraa ittisuu qabna. Kunis tiruu, aannan, hanqaaquu, fi qurxummii nyaachuudhaan ni argama.
6. Nyaata copper ga’aa of keessaa qaban nyaachuu qabna. Chokoleetii, tiruu, zinjibila fi kkf 7. Shayii, bunaa fi alkoolii ofirraa dhiisuu yokaan xuqqeessuu
8. Sunscreen yokaan waatoota aduu nurraa dhorkan ykn dibata sanaaf oolan fayyadamuu qabna. Fayyaan faaya Dr. Gurmeessaa


PSORIASIS

Dhukkubni kun dhukkuboota gogaa hedduu keessaa tokko dha. Dhukkubni kun kan dhufu yoo seelonni gogaa keenyaa haga guddaachuun isaan irraa eegamuu ol al judhan (10×) guddatanidha. Yeroo hedduu jilba, ciqilee fi gogaa mataa huba. Dhukkuba kana guutummaa guutuutti fayyisuun hin danda’amu. Haa ta’u malee mallattoo isaa hir’isuun ni danda’ama. Kanas inni jalqabaa mana yaalaa deemanii yaaliwwan fi qorichoota gara garaa fudhachuudhaani. Itti dabalee ofii keenyaaf ammoo mana yaalaa deemuu irratti dabalee maal gochuu qabnaa?
1. Gogaan keenya akka hin gogne qilleensa keessa hojjannu humidify (jiisuu) qabna.
2. Qaama daddafanii dhiqachuun gogaa keenya waan gogsuuf gargar fageessaa dhiqachuun gaariidha.
3. Haala nyaataa ilaalchisee foon diimaa fi nyaata zayita olka’aa ofkeessaa qaban soraachuu hir’isuu qabna.
4. Alkooliin mallattoon dhukkuba kanaa akka itti hammaatu taasisa waan ta’eef irraa fagaachuu qabna.
5. Tamboo xuuxuun illee akkuma alkoolii waan ta’eef irraa of eeguu qabna.
6. Dhiphina sammuu yoo danda’ame xiqqeessuu qabna. Dhiphinni sammuu dhukkubni kun akka hammaatu godha.
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

FOOLII BADAA MIILLAA ITTISUUN NI DANDA’AMA.

1. Erga miilla dhiqannee booda miila keenya kafanaan haxaawuu qabna. Kun seelotaa gogaa irratti dudu’anii hafan baakteeriyaa keessummessan waan balleessuuf
2. Miilla keenya shayiidhaan (tea) dhiqachuu (sukkaara osoo hin taane shayii). Kunis asidiin tannic acid kan shayii keessatti argamu waan gargaaruuf. Guyyaatti daqiiqaa soddoma torban tokkoof walitti fufnee miilla keenya keessa kaa’uu qabna.
3. Bishaan ashaboodhaan bulbullee miilla keenya ittiin dhiqachuun gogsinee osoo bishaan biraa itti hin dabaliin gogsinee dhiisuu.
4. Miilla keenya gogsuu qabna. Kunis baakteeriyaan jiidha waan jaallataniif akka carraa hin arganneef.
5. Antiperispirant kan dafqa ittisan kan yeroo baayyee bobaa keenyaaf fayyadamnu miilla keenyaafis fayyadamuudhaan akka hin dafqine ittisuu dandeenya. Kun jiidhina balleessuudhaan akka baakteeriyaan wal hin horre godha.
6. Daakuu (Powder) baking soda bishaanitti naquun ittiin miilla keenya dhiquu. Kun alkaline yokaan beeziii waan tahuuf baakteriyaa irraan miidhaa gaha.
7. Vinegar bishaan waliin walitti makuun miila keessa kaa’achuun asiidiin vinegar keessa jiru akka gargaaru taasisa.
8. Kaalsii yeroo yeroon jijjiirrachuu, yoo boqonnaa fudhannu kophee baaqqee (sandels) kaa’achuu, kophee yeroo yeroon dhiqachuu,
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Dhukkuboota hatuutaa irraan nama qaban keessaa;

1. Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas hantuuta duute harkaan tuquudhaan kan namatti dhufu dhukkuba baakteeriyaan nama qabudha.
2. Leptospirosis: Baakteeriyaan kan dhufuu fi nyaata fincaaniif bobbaa hantuutaan faalame nyaachuudhaan akkasumas waltutuqqaa bishaanii fi waantoota biroo hantuuta kanaan waltuqaniin kan darbudha.
3. Plague: Kunis dhukkuba baakteriyaan dhufuu fi tafkii hantuuta ciniintee nama ciniintuu fi kallattumaan hantuutaan illee kan darbudha.
4. Salmonellosis: Nyaataa fi dhugaatii bobbaa hantuuta kanaan faalameen kan darbuufi kunis baakteeriyaan kan dhufudha.
5. Hanta virus polmunary syndrome: Dhukkuba vaayiresiidhaan dhufu kan ta’ee fi dhukkee bakka hantuutni itti fincoofte yokaan bobbaate irraa ka’uun yokaan kallattiidhumaan hantuuta tuquudhaan kan darbudha.
6. Hemorragic fever with renal syndrome: Kunis vaayirasiidhumaan ka darbuufii tuttuuqqaa, ciniinnaa hantuutaa, bobbaa fi fincaan hantuutaa fi nama irraa namatti illee kan darbudha.
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

EEGGANNOO IJA KEENYAAF

1. Nyaata ija keenya gargaaran kan baala magariisaa qaban akka raafuu nyaachuu, kaarota, hanqaaquus yoo argame nyaachuu.
2. Ija keenya boqochiisuu. Daqiiqaa digdamaa oliif walitti fufanii waan tokkicha ilaaluun waan ija miidhuuf daaqiiqaa 20 yoo turre altakkaa bakka biraa ilaaluu qabna
3. Yoo aduu keessa deemnu ija keenya eeggachuuf fuullewwan sunglasses jedhaman godhachuu
4. Yoo bakkeewwan balaa ijarraan ga’an hojjanna ta’e ija keenyaaf safety eye wear godhachuu
5. Koompuutera yeroo dheeraaf ilaaluu dhiisuu.
6.Tamboo xuuxuu dhiisuu: dhukkuboota akka kataract fi narvii waan ijatti fiduuf.
7. Ogeessa fayyaa bira deemnee yeroo yerootti ilaalamuu
Dr. Gurmeesssaa.
Fayyaan Faaya

Utaalloo ( Common cold) irraa dafnee fayyuuf:

-Boqonnaa gahaa fudhachuu
-Bishaan ashaboon bulbulanii afaan fi gorooroo lulluuqqatanii (gurgle) godhanii tufuu
-Dammaa fi qullubbii adii nyaachuu
-Waan ho’aa funyaan gararraa ykn Adda keenyarra kaa’achuu
-Decongestan kan jedhaman kan funyaan cufame nuu banan mana qorichaa irraa fudhachuu
-Loomii xuuxuu
-Dhangala’aa sirriitti dhuguu
-Yoo rafnu boraatii (pillow) dabalataa mataa keenya jala kaa’achuu
-Waan ho’aa dhuguu
-Yoo funyaan keenya keessaa dhangala’aa baafnu, qaawwa funyaanii lamaan isaa altakkaatti yoo qabne gurri keenya ni miidhama. Kanaaf dabaree dabareedhaan baafachuu qabna.
Dr. Gurmeessaa
Fayyaan Faaya

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)

Namoonni baay’een yoo konkolaataa koran ni balaqqamu. Namoota kana qabaniif waan ittiin of gargaaran:
1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay’ee, nyaata zayita qabu, nyaata foolii cimaa qabu fi alkoolii irraa of qusachuu.
2. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun ni gargaara.
3. Loomii xuuxaa yoo deemne garaacha keenya tasgabbeessuuf gaarummaa qaba.
4. Konkolaataa keessa bakka sochiin itti xiqqaatu ( kara fuulduraa) taa’uu.
5. Yeroo hunda kallattii fuula duraa irraa itti deemnuun taa’uu.
6. Namooti rakkoo kana qaban wal bira akka teenye fi akkasumas isaan biratti waa’ee waan kanaa haasa’uun akka dafee itti dhufu taasisa.
7. Qorichi dukkuba kanaaf ooluuf sirritti fayyadu waan jiruuf dursanii bitachuudha.
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

‘KAANSERII’ HARMAA AKKAMIIN OF-IRRAA ITTISUUN DANDA’AMA!?

Kaanseriin harmaa yeroo hedduu mallattoo inni argisiisu waanti jajjabaataan akka hiita wayii harma keessaa nama quqquuquu dhaani. Kanas yoo qaqqaban kan namatti dhaga’amu yoo ta’u, Namni biraa (fakkeenyaaf jaalallee dhiiraa) tiin argamuu danda’a. Akkuma turtiin yeroo dabalaa deemeen hiiti kun guddataa deema. Dho’ee foolii badaa baasuu illee ni danda’a gara boodatti yoo dafee yaalamuu baate. Asirratti waanti jajjabaataan harma keessaa hundi kaansarii harmaati jechuu miti. Garuu deemabii laboratooriin adda baafachuun dirqama.
Dafanii gara mana yaalaa deemuun fayidaa guddaa qaba. Kunis firiin yaala dhukkuba kanaa sadarkaa dhukkubichaa irratti waan hundaa’uufi.
Kaanserii harmaa of irraa ittisuun nii danda’ama! Kunis mala armaan gadii fayyadamuun dafanii waan harma keessaatti dhiita’u/biqilu bira ga’uun yaalii argachuudhaani!

1. Yero yerootti harma lamaanuu qaqqabachuun waanti jajjabaataan ykn waanti biqile (dhiita’e) keessa isaa jiraachuuf dhiisuu isaa of ilaaluu! “Breast self examination!”
2. Sochii qaamaa ykn Ispoortii hojjechuu!
3. Nyaata keenya keessatti wantoota faatii ykn “cholesterol” qaban hir’isuu! 4. Dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuu! 5. Tamboo xuuxuu irraa of eeguu ykn dhiisuu!
6. Furdina qaamaa hir’isuu!
7. Daa’ima godhatan sirriitti harma hoosisuu!
8. Maatii ofii keessaa haati yookiis maatiin firoota dhihoo haadhaa fi abbaa keessaa namni kanaan dura dhibee kana qabu yoo jiraate, hordoffiidhaan raajii ykn ‘mammography’ kan jedhamu ka’uun ilaalamuu!!
9. Qoricha hoormoonii ‘estrogen’ bakka buusuuf fudhatamu fudhachuu dhiisuu! (Baay’inaan ‘menopause’ ykn sirni marsaa laguu erga dhaabatee booda, hoormooniin kun (estrogen) qaama keessaa waan hir’atuuf, baay’inaan biyya guddatanitti, waanti isa bakka buusu qorichi nii fudhatama!)

Tamboo Xuuxuu

TAMBOO XUUXUUN MIIDHAA AKKA FIDU HUNDI KEENYA NI BEEKNA TA’A! GARUU MIIDHAA HAMAA AKKASII TA’UU ISAA
HUBANNEE, HUBACHIIFNE HAWAASA KEENYA HAGA DANDEENYE HAA BARAARRU!
Tamboo xuuxuun hammi isaa walcaalaa tahus qaama keenya hundaa irratti miidhaa garmalee hamaa geessisa. Akka
dhaabbatni National institute for drug abuse jedhutti namoota dhukkuba kaansariin du’an keessaa harki 30 % tahan
sababa tambootiin kan ka’edha. Biyya keenya keessatti qoratamuu baatus akka CDC jedhutti biyya ameerikaa
keessatti waggaatti yoo xiqqaate namootni 480,000 sababa tamboo xuuxuutiin lubbuun isaanii darba. Sirna qaamaa
keenya keessatti dhiibbaa dhufan keessaa warri hangafni fi muraasni:
• kaansarii sombaa (namoota kansarii sombaan qabaman keessaa harki 87% warren tamboo xuuxanidha)
• dhibee sombaa kan somba akka hin arganneef ukkaamsu (obstructive lung disease),
• dhukkuba asmii warra duraan qabutti cimsuu,
• dhukkuba onnee ( heart attack),
• dhukkuba sammuu keessatti dhiiguu (stroke),
• kaansarii qaamota biro akka afuuffee fincaanii, kaansarii ulaa gadameessaa, kaansarii rajiijii, kaansarii
garaachaa, kaansarii tiruu fi kanneen biro.
• Dubartoota ulfaa daa’ima dhalatu iratti rakkoo garaagaraa fida
Namootni tamboo xuuxuu addaan dhaaban carraan dhukkuboota sababa tamboo xuuxuun dhufanii baayyee gadi bu’aa
deema. Kanaafuu tamboo xuuxuu dhiisuu keenyaa fi tambooo xuuxuu dhaabuu keenyaan ofii keenya, maatii keenya,
hawaasa keenya rakkoo fi miidhama guddaa irraa oolchina
GALATOOMAA!

FANGASII MIILLAA (TINEA PEDIS or ATHLETE’S FOOT)
**Dr. Dhinsaa Yoonaas**
Fangasiin miillaa (mimi’oon) kan inni ittiin namatti dhufu fangasii garee ‘Trichophyton’ jedhamuun yeroo ta’u, irra caalaatti quba miilla gidduu kan hubu yoo ta’u, barruunii fi gogaan miillaa illee miidhamuu danda’a. Haalotni dhibee kanaaf nama
saaxilanis:-
1. Kophee, huccuu miillaa ykn ‘kaalsii’ fi fooxaa fangasii kanaan hubame waliin fayyadamuu.
2. Miilla jiidhaan yeroo dheeraaf turuu.
3. Miilla dafqu.
4. Luqqa’a ykn miidhama miilla irraa qabaachuu dha.
*Mallattoon isaas:-
1. Hooqsisaa quba miillaa gidduu, gubaa fi madaa’uu.
2. Luluqqa’uu barruu fi gogaa miillaa.
3. Foolii miillaa badaa ta’e .
*Akkamittiin ittisu?
1. Qulqullina miillaa eeguu fi jiidhina miillaa ittisuu.
2. Kophee banaa ta’e ykn ‘siliipperii’ kaawwachuu.
3. Yeroo mana oolan ‘kaalsii’ kophee malee kaawwachuu
4. Kaalsii kophee waliin kaawwachuu fi kaalsii ofii immoo guyyaatti si’a lama jijjiirrachuu.
5. Kophee yeroo ofittii baasanis, lafa inni qilleensa akka gaariitti argachuu danda’u kaa’uu.
6. Daakuu ykn ‘paawudarii’ dhibee kanaaf fayyadu bitannee miillatti dibuun; akkasumas yaala isaatiifis qoricha ‘Topical Atifungal Medications’ jedhaman, kan dibataman, fayyadamuun dhibee kana ofirraa ittisuun nii danda’ama.
*Hubachiisa:-
Yeroo miilla ofii qabatanii xumuranis, dhibeen kun akka inni nafa iddoo biraatti hin daddabarreef, harka ofii bishaan hoo’aa fi ‘saamunaa’ dhaan
dhiqachuun baay’ee barbaachisaadha!!
*
Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsa Yonas

FAAYIDAALEE KOLFUU!!
*
Barreeffamoonni tokkoo tokko, faayidaalee kolfuu karaa garaa garaatti hiruun lafa kaa’u! Isaanis:-
1. Fayyaa Qaama keenyaaf barbaachisaadha!
– Akka ofirraa buunu nu godha! (Relaxation)!
– Dhukkubarraa kan nu ittisan seelonni garaa garaa akka jabaatan godha!
– Hoormooniin ‘Indoorfiin’ jedhamu akka inni maddu taasisa. Kunis, akka fayyummaan nutti dhaga’amu kan godhuufi yeroo muraasaaf dhukkuubbii qaamaa irraa nu fayyisa!
– Fayyummaa onnee keenyaa eega! Hidda dhiigaa, dhiiga gara onnee geessan, hojiisanii utubuun dhiigni gara onnee haalaan akka dhaqu taasisa!
2. Fayyaa Sammuutiif, kolfuun:-
– Gammachuu nuuf dabala!
– Bibir’annaa fi sodaa nurraa fageessa!
– Dhiphina sammuu fura!
– Haala keenya ykn ‘Muudii’ keenya fooyyessa!
– Rakkoo, gadda ykn gidiraa keessatti illee akka dandamannu nu taasisa!
3. Jireenya hawwaasummaa keessatti, kolfuun:-
– Walitti dhufeenya keenya jabeessa!
– Namoonni akka basha’an godha!
– Hojii gareedhaan hojjetamu jabeessa!
– Walitti bu’iinsi akka fagaatu taasisa!
– Ciminni tokkummaa garee tokko gidduu jiru akka inni jabaatu taasisa!
*Akkamittiin carraa kolfuu uumna!?
1. Wantoota kolfa ta’an Tv ykn ‘fiilmii’ isaa ilaaluun,
2. Namoota qoosan waliin yeroo dabarsuu ykn ooluu,
3. Waata nama kofalchiisan dubbisuu, suuraa nama kofalchiisan ilaaluu ykn bakka nama kofalchiisu deemuun,
4. Hiriyoota waliin wal arguun qoosaa beekan waliif hiruun,
5. Ijoollota faana yeroo qabaachuu fi kkf dha!
Kanaafuu, walumaa galatti, kolfuun:- fayyaa qaama keenyaatiif, fayyaa sammuu keenyaatiifi jireenya hawwaasummaa jiraannu keessatti ga’ee guddaa waan taphatuuf HAA KOLFINU!! ….. Garuu akkamiin haa kolfinu!?
*
Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsaa

RAAMMOO KOOSOO (TAPEWORM)!
*
Raammoon koosoo akka garaa keenya keessaatti uumamu haalli taasisu ykn akka inni nama qabu kan godhu, FOON DHEEDHII ykn kan hin bilchaatin yeroo nyaannudha!
*Mallattoon isaa maal fa’i!?
Dhibeen kun mallattoo agarsiisuu dhiisuu nii danda’a garuu, yoo mar’imaan keessatti baay’atee jedhe:-
1. Raammoo adii, kan battee ta’e, bobbaatii waliin ykn akkanumatti dhufee ba’uu,
2. Garaa ciniinnaa/dhukkubbii,
3. Haqqisiisaa/balaqqamsiisaa,
4. Dadhabbii (General weakness)
5. Fedhiin nyaataa baduu fi kkf dha.
*Akkamiin ofirraa ittisna!?
1. Foon akka gaariitti bilcheessuun soorachuu!
2. Foon gogsuun ashaboo/amoolee/ itti firfirsuun yeroo dheeraaf yoo kaa’ame, raammoo sana kan fidu nii du’a!
3. Yoo ‘Firiijii’ (refrigerator) keessa kaa’ames, raammoo sana kan fidu nii du’a! Akkanaan raammoon koosoo akka nu hin qabne gochuun nii danda’ama!
*
Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsaa-

DHIITA’UU HIDDA DHIIGAA LUKA IRRAA (VARICOSE VEIN)

***Dr. Dhinsa Yonas**
Dhiita’uun yookiin guddachuun hidda dhiigaa, kan yeroo baay’ee luka irratti mul’atu, rakkina ‘vaalvii’ jedhaman, kan hidda dhiigaa, dhiiga gara onneetti deebisan keessaatti argamutii dhufudha. Faayidaan Vaalvii kanaas, dhiigni gara duubaatti akka hin deebine kan dhorku dha. Vaavliin kunis fayyuummaa isaa gaafa dhabu, dhiigni gara Onnee deemuun irra jiru dudduubatti deebi’uun hidda dhiigaa sana nii dhiitessa. Luka sana irrattis, bifa cuquliisaa fi gurraacha’aa ta’e qabatee mul’ata.
*Maalfaatu dhibee kanaaf nama saaxila?
1. Saalan dubara ta’uu,
2. Furdina garmalee,
3. Ulfaa’uu,
4. Umuriin dabaalaa deemuu,
5. Yeroo dheeraaf dhaabbachaa turuu. Kunis, yeroo baay’ee namoota hojiidhaaf jecha dhaabachaa turan fakkeenyaaf barsiistonni,waardiyyaan, ogeessonni fayyaa fi kkf dhibee kanaaf nii saaxilamu.
*Qaama keenya keessaa eessa eessatti mul’achuu danda’a?
Dhiita’iinsi hidda dhiigaa kan dhiiga gara onneetti deebisan kun bakki/lafti inni itti mul’achuu danda’u:-
1. Luka irratti,
2. Ujummoo nyaata afaan irraa gara garaachaatti dabarsu kan “Esoofagasii” jedhamu irratti,
3. Gadameessa irratti,
4. Qaama saalaa dubaraa irratti,
5. Hooffaa ykn kan ‘pelvisii’ jedhamuun beekamu, qaama keenya kan garaadhaa gadii fi sarbaa dhaa olii keessatti,
6. Lafa bobbaatiin hanga ba’uttii keessatti kuufamee taa’u kan ‘rektamii’ jedhamu irratti illee nii mul’ata.
*Mallattooleen isaa maali? (Kan luka irraattiif)
1. Dhukkubbii luka keessaa dhahatu (Aching leg pain)
2. Ulfaatina luka irrattii erga sochii ga’umsa qaamaa hojjetanii xumuranii booda namatti dhaga’amu.
3. Dhiita’uu luka gara gadii (ankle swelling)
4. Cululuquu fi jijjiirama gogaa naannoo dhiita’aa hidda dhiigaa biratti argaman.
5. Madaa’uu luka irrattii.
6. Kantaruu dhiigaa fi kkf illee dhufuu nii danda’u.
*Akkamittiin yaalama?
1. Hidhaa luka irratti godhamu kan deddeebii ykn marsaa dhiigaa fooyyessu (compression stockings)
2. Baqaqsanii yaaluu
3. Hidhuu (ligation and stripping)
*Akkamittiin of irraa ittisna?
Dhiita’uu hidda dhiigaa kana harka dhibba keessaa dhibba (100%) ittisuun yoo ulfaataadhuma illee ta’e, garuu deddeebii dhiigaa (circulation) fi cimina maashaa lukaa jabeessuun dhufaatii dhibee kanaa hir’isuun nii danda’ama.
Haalotni armaan gadiitti barreeffamanii jiranis, dhiita’uu hidda dhiigaa kana mallattoo isaa fooyyessuutti dabalatee, dhibeedhuma kana iyyuu nurraa ittisuun nu fayyadu.
1. Sochii ga’umsa qaamaa hojjechuu (fkn sussukuu).
2. Furdinaa qaamaa hir’isuun.
3. Yeroo dheeraaf bakka tokko dhaabbachuu irraa of qusachuu.
4. Luka waliin maranii ykn wal-irra kaa’anii yeroo dheeraadhaaf taa’uu amaleeffachuu dhiisuun.
5. Gaafa rafan luka ofii jala carqii xiqqoo kaa’uun olkaasanii akka dhiigni gara onneetti deebi’uuf gargaaru (Inni kun keessumaa namoota dhibeen kun irratti mul’ateef nii gorfama.)
*
Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsa Yonas

ABJUU (DREAM)!
*
Haqa abjuun baatu kanneen armaan gadii kana mee ilaalaa!!
1. Namoonni baay’een abjuu abju’atan gaafa hirribaa ka’anitti haa irraanfatan iyyuu malee, namni hundumtuu halkan tokko keessatti abjuu si’a 3 hanga 6 abju’ata jedhamee amanama!
2. Abjuun tokkoon tokkoonsaa immoo daqiiqaa 5 hanga 20 tura!
3. Harka dhibba keessaa 95 (95%) abjuun abju’atames gaafa namni sun hirribaa ka’utti nii irraanfatama!
4. Abju’achuun dandeettii waa barachuu fi dandeettii waanta yeroo dheeraa dura ture yaadachuuf nii gargaara!
5. Dubartootni dhiira caalaa waa’ee maatii, ijoollee (daa’immanii) fi waa’ee mana keessaa abju’atu!
6. Abjuun nuti yeroo haalli ciisichaa/rafiitaa nuuf mijatu abju’annuu fi haalli ciisichaa utuu nuuf hin mijaa’in rafnee abju’annu garaagarummaa qabu!
7. Namoota abjuu sana keessatti mul’atan keessaa harki 48 (48%) isaanii namni abju’achaa jiru sun nii beekaani!!
8. Namoonni iji isaanii hin argine qaamota miiraa hafan fayyadamuun abju’ata!!
9. Waanta torbee tokko dura abju’atanii irraanfatanii turan tokko deebi’anii yaadachuun “dream-lag effect” jedhama! Kunis lafarra butamuu yeroo abjuu sun deebi’ee itti yaadatame agarsiisa!!
10. Hirribas ta’e abjuunis, dhugaatii alkooliitiin jeeqamuu danda’u!!

DHUKKUBA TETAANASII (Dr.Guutaa Gurmeessaatiin)
*
Dhukkubni tetaanasii baakteeriyaa kiloostiridiyeem tetaanii kan jedhamuun dhibee dhufu dha. Namoota saalaan ykn umriidhaan hin daangessu, daa’ima reefu dhalattu irraa kaasee hanga jaarsaa fi jaartiitti qabuu danda’a. Dhibeen kun narvoota maashaalee qaama keenya ajajan kan miidhuu fi maashaaleen keenya akka garmalee kottoonfatan kan godhuu dha. Maashaaleen keenya yoo garmalee kottoonfatan socho’uu, harganuu, nyaata liqimsuu fi kkf ni dhorku/hanqisu.
Baakteeriyaan dhibee kana fidu addunyaa mara irratti kan argamu yoo ta’u, yeroo hedduu biyyee, dhoqqee loowwanii fi darbee darbee bobbaa namaa keessatti argama. Baakteeriyaan kuni haala ykn naannoo tokko tokko keessatti waggootaaf jiraachuu danda’a. Gosni baakteeriyaa kanaa jiraachuuf oksijinii hin barbaadu.
Dhibeen Tetaanasii yeroo hedduu namoota talaallii dhibeef kanaaf kennamu kan hin fudhatiin irratti mul’ata. Haa ta’uutii garuu namoota talaallii dhibee kanaa guutummaan hin fudhanne irrattis ni mul’ata. Biyyoota guddatan keessatti sababa talaalliin dhibee kanaa seeraan kennamuuf ykn kennamaa tureef dhibeen tetaanasii akkaan hir’ateera. Fkn: biyya Ameerikaa keessatti bara 2001 hanga 2008 tti namootni dhibee kanaan qabaman 233 qofa turan. Sababa yaaliin olaanaan biyya sanatti kennamuu danda’uuf carraan fayyuu namoota kanaa kan biyya keenyaarra olaanaa dha. Biyya keenyatti qorannoon ifa gochuu baatus dhukkubsattoonni Tetaanasii akkaan hedduu dha. Namootni yaalii osoo hin argatiin dhibee kanaan lubbuun isaanii darbus tokko lama miti.
Wantootni dhibee kanaaf nama saaxilan:
– madaa waan qara qabuun uumame,
– infeekshinii baakteeriyaa kan biraan uumame,
– tishuu dhiiga ykn soorata gahaa dhabuun du’aa jiru …..
Haalli dhibeen kun itti dhufu:
Baakteeriyaan dhibee kana fidu yoo gogaa banaa jiru wajjin walquunname dha. Bakka madaan jiru faa dha. Madaa yoo jennu waan balaatiin (trauma) dhufe, waan balaa ibiddaan (burn) ,waan ciniinnaa bineensaa ykn ciniinnaa namaan uumame ta’uu danda’a.
Yeroo da’umsaa daa’imni yoo meeshaa qulqullina hin qabneen handhuuramtu baakteeriyaan dhibee Tetaanasii fidu karaa hidha handhuuraa seenuun daa’imni sun akka dhibee kanaan qabamtu godha (Neonatal Tetanus). Inni kun biyyoota guddatan keessatti hin mul’atu.
Bakki madaa sanaa ykn bakki baakteeriyaan sun itti qaama seenu turtii dhibeen sun itti mul’atu murteessa. Turtii dhibeen kun itti mul’atu kan murteessu fageenya bakki madaa sanaa sammuu irraa qabu dha. Fkn : yoo bakki madaa sanaa gara sammuutti dhihaate dhibeen sun dafee mul’ata, yoo makki madaa sanaa mataa ykn sammuu irraa fagaate dhibeen sun dafee hin mul’atu. Madaan yeroo baay’ee miilarratti uumama, mismaarri ykn wanti qara qabu yeroo baay’ee miilla argata. Namootni keenyas miilla qullaas waan deemaniif yeroo baay’ee madaa miilaaf saaxilamu. Akkuman armaan olitti ibsuuf yaale, bakki madaa miilarra yoo ta’u dhibeen sun turtii booda mul’ata jechuu dha. Madaa sanayyuu irraanfachuu ykn dagachuu malu Bakki madaa ykn bakki baakteeriyaan seene fuularra yoo ta’e immoo nama sanarratti dhibeen Tetaanasii turtii torban tokkoo gaditti ykn dafee mul’ata.
Wanti kanarraa adda ta’u, dhukkubsattoonni dhibee kanaa kan dhibbeentaa 15 hanga 25 ta’an madaa yeroo dhihoo ofirraa qabaachuu dhiisuu isaaniiti. Madaan biyyeetiin faalamee fi madaan sibiilota danda’aniin uumame immoo akkaan balaafamaa dha.
Mallattoolee dhibee Tetaanasii:
– afaan ykn madabii ilkaanii gargar banuu dadhabuu (trismus or lock jaw)
– nyaata liqimsuu dadhabuu (dysphagia)
– maashaan fuulaa garmalee kottoonfachuu irraa kan ka’e ilkaan dhokfachuu dadhabuu
– maashaaleen mormaa,gateettii fi dugdaa garmalee kottoonfachuu ykn goguu
– duubatti cillaakfachuu ykn keessatti goophachuu (arched back)
– qaamni darbee darbee walitti bubbutamuu; innis yeroo namni sun socho’u itti cima.
– bakka maashaan qaama walitti bututti dhukkubbiin dhagahamuu….
Dhibeen Tetaanasii bakka murtaa’aa qofa, mormaa ol qofa akkasumas guutummaa qaamaa dhuunfachuu danda’a.
Sababaa hin beekamneen dhibeen Tetaanasii yeroo sochii, bakka sagaleen ykn wacni jiruttii fi bakka ifni jirutti cimina horata. Kanaafi egaa dhukkubsattoonni akkasii bakka dukkanaa fi calleensa qabu akka ciisan kan godhamuuf.
Dhibeen Tetaanasii gaggabdoo ykn of wallaalchisuu hin fidu. Dhukkubsataan Tetaanasii of beeka jechuu dha. Harkii fi miillis yeroo baay’ee nagaa dha. Sababni isaas summiin baakteeriyaa dhibee kana fiduu gara sammuu seenuu waan hin dandeenyeef.
Ittisa dhibee Tetaanasii:
– Kophee godhachuun balaa miilla keenyarra gahu hir’isuu
– yoo qaamni keenya madaahe, yoo sibiilotni daanda’an nu waraanaan mana yaalaa deemuu
– wayita hordoffii ulfaa talaallii dhibee Tetaanasii fudhachuu
– Ijoollee seeraan talaalchisuu
– manatti ykn bakka qulqullina hin qabnetti dahuu dhiisuu – daa’imni dhalatu/ttu dhibee Tetaanasiif akka hin saaxilamne (Neonatal Tetanus).
– yoo mallattoon dhibee Tetaanasii mul’ate dafanii mana yaalaa ykn bakka yaaliin dhibee kanaa itti kennamuu danda’u deemuu.
Galatoomaa!
By Guta Gurmessa (MD)

TOXOPLASMOSIS
***Dr. Ibro DVM***
√Adurree mana keesaa qabduu?
√yoo qabaattan akkaataan itti kunuunsitan maal fakkaata?
√adurreen dhukkuba garaa garaa namaatti akka dabarsitu hoo beektuu?

GAAFILEE KANNEEN KAN KAAFNE WAA MALEE MITI

adurreen mana keesa yeroo jiraattu dhukkuba toksoplasmoosis jedhamu kan pirotozuwa toksoplasma gondi jedhamuun dhufu gara namaatti dabarsiti. dhukkubichi kan daddarbu udaan (bobbaa) adurree tuttuquun yoo tahu, dubartiin ulfa qabdu hunda caalaa dhukkubicharraa of eeguu qabdi, sababni isaas dhukkubichi karaa hidda handhuraatiin gara ulfa garaa jiruutti waan darbuufi. daa’imni haala kanaan dhukkubichaaf saaxilame rakkoon fayyaa adda addaatu isa mudatuu dandaha. fkn:
-mataan garmalee guddachuu (hydrocephalus)
-rakkoo sammuu (mental problem) fa’aaf ni saaxilama.

AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNA?
1.Adurreen mana keesa kan jirattu yoo tahe qulqullina isii sirritti eeguu
2.bakka bultii adurree guyyaa guyyaan qulqulleesuu
3.dubartiin ulfaa adurree tuttuquus ta’ee mana isii qulqulleesuu irraa of qusachuu qabdi
4.erga bobbaa adurree qulqullesinee booda harka keenya sirriitti samunaan dhiqachuu.
“OF YAALURRA OF EEGUUTU CAALA “
GALATOOMAA!!!
DR.IBRO –DVM

MAASTIKAA ALANFACHUU( CHEWING GUM)
**Dr. Kiyyaa Daawwitee**
Maastikaan gosaa fi qabiyyeen isaa hedduu tahus faayidaa fi miidhaa isaa keessaa hamman beeku isiniifan qooda!
FAAYIDAA ISAA
Muddamuu(stress) hirisa. Muddama keessa jirru irraanfannee yaada keenya akka sassaabbannu godha. Qorattootni baayeen barattootni yeroo qormaata qoraman osoo mastiikaa fayyadaman yaadni isaanii akka sassaabamu gargaara jedhu. Biyya keenyattillee daree barnootaa fi qormaatarratti yeroo baayee mastikaan hin eeyyamamu.
Fayyaa afaanii fi jabina ilkaaniif, inni kun maastikaa qabiyyeen isaa sukkaara hin qabnedha. Yeroo maastikaa alanfannu sossochiin afaanii buusaawwanii fi maashaalee afaan keenyaan walqabataniif ispoortii waan taheef ni jabeessa. Hancufni baayyinaan akka maddu waan gargaaruuf qulqullina afaan keenyaaf gaariidha.
Ulfaatina ykn furdina hirisuuf; maastikaa alanfachuun sa^aatii tokko keessatti aannisaa kaaloorii kudha tokkoo ol gubuu ykn fixuu ni dandaha.
Suusii tamboo dhaabuuf ni gargaara. Mastiikaan qabiyyee tamboon walitti dhiyaatanii qophaahan namoota tamboo dhaabuu barbaadaniif ni fayyadu.
Dammaqnee akka hojjennuuf nu gargaara
Foolii afaanii foolii mastiikaatti jijjiira
Maastikaan qabiyyee vitamin –C akkasumas baakteeriyaa afaan keessaa hirisu of keessaa qaba.
MIIDHAA ISAA
Maastikaan qabiyyeen isaa sukkaara of keessaa qabu ilkaan keenyaaf balaa ta^uu ni dandaha. Sukkaarri baakteeriyaa waan harkisuuf salphaatti akka baakteeriyaan ilkaan keenyarratti walhoru taasia.
Maastiikaa yeroo hundaa keessumaa karaa tokko qofaa alanfachuun karaa ittiin alanfannu jabeessee karaa ittin hin alanfanne faana wal caalchisuullee ni dandaha.

KAANSARII FIIXXEE GADAAMESSAA!
(By Dr. Nuredin Luke)
*****
Kaansariin Fiixxee Gadaamessaa (KFG) kaansaroota
dubartoota huban keessa isa tokko. Biyyoota guddataa
jiran keessatti kaansariin kun kaansaroota qaama
wolhormaataa huban keessaa sadarkaa jalqabaa irratti
argama.

Uumamuu Kaansarii Fiixxee Gadaameessaatiif ga’ee
guddaa kan taphatu vaayirasii maqaan isaa “Human
Papilloma Virus (HPV)” jedhamuu dha. Vaayirasiin kunis
akaakuu dhibbaa ol kan qabu yoo ta’u isaan keessaa
muraasa isaanii qofatu kaansarii Fiixee
Gadaameessaatiif nama saaxilu.

Wontoota Kaansarii kanaaf nama saaxiluu danda’an:
√ Vaayirasiin jenne sun wol qunnamtii saalatiin kan
daddarbu yoo ta’u, jireenya isaanii irratti al tokko yoo
xiqaate namoota wol qunnamtii saalaa godhanii beekan
hunda qabu danda’u. Yeroo hedduu qaamni keenyaa
vaayirasiin kun akka dhukkuba hin fidneef to’annaa jala
olchuu kan danda’u ta’uuyyuu dubartoota tokko tokko
irratti yeroo dheeraan(woggaa 15-20) booda seelii
Fiixee Gadaamessaa gara seelii kaansarii kanaaf nama
saaxilutti jijjiruu danda’a.
.
√ Inni biraa ammoo hiriyyaa wol-qunnamtii saalaa
wojjiin raawwatan heddu qabaachuu. Hiriyyaa akkasii
heddu qabaachuun carraa Vaayirasii kanaan (HPV)
qabamuu dabala haaluma kanaan carraa Kaansarii kana
horachuus ni dabala.
.
√ Umirii xiqqeenyaa irratti wol qunnamtii saalaa
raawwachuu. Wontoota carraa kaansarii kanaan
qabamuu guddisan keessa tokko umrii yeroo jalqabaaf
itti wol qunnamtii saalaa raawwanne dha. Yoo Umrii kun
xiqqaa ta’e carraa kaansarii kanaan qabamuu guddaa
ta’a jechuu dha.
.
√ Dhukkuboota wol qunnamtii saalaatiin daddarban kan
akka cophxoo, fanxoo fa’a qabaachuu. Dukkuboota
kanniin qabaachuun carraa nuti vaayirasii Human
papilloma jedhamu kanaan qabamuu guddisa.
.
√ Dukkuboota dandeetti qaamni keenya dhukkuba akka
haalaan hin dandamannee ykn of irraa hin ittisne
godhan. Fkn kan akka HIV-AIDS fa’a carraa kaansarii
kanaan qabamuu ol kaasu. Kana jechuun namoonni
kaansarii Fiixxee Gadaamessaa qaban hundinuu HIV
qaban jechuu miti. Isaan HIV qaban hundinuu Kaansarii
kana qabaatu jechuullee miti.
.
√ Sigaaraa/Tamboo fi kkf aarsuu. Sigaaraa aarsuun
akkuma carraa kaansaroota tokko tokko qabaachuu
guddisu San carraa kaansarii Fiixee gadamessatiin
qabamuus ol kaasa.
.
Mallatoolee KFG:
———-
Wolumaa galatti Kaansariin kun yomuu jalqabus ta’ee
achi booda yeroo jiraniif mallatoo kan hin mul’isne yoo
ta’u, erga turee booda(hidda godhatee) booda
mallatoolee armaan gadi kanneen mul’isa:
*Yeroo wol qunnamtii saalaa godhan dhiiguu/dhiigni
bahuu ykn mul’achuu.
*Yeroo wol qunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti
dhagahamuu.
* Yeroo Xuriin dugdaa tokko dhufee kun hamma dhufu
jiru jidduutti dhiigni gadaameessa keessaa jiguu. Kunis
hanqina dhiigaa fiduu danda’a.
*Akkasumas worroota wolhormaata dhaaban kan xuriin
laguu isaanii yeroo dheeraaf dhabbatee jiru irrattis
dhiigni gadaamessaa as bahu jiraachuu.
* Dhangala’aan akka bishaanii jiru ykn kan dhiiga
makatee foolii qabu jiraachuu.
*Dhukkubiin garaa gara gaditti( nannoo gadamessatitti)
namatti dhagahamuu.
*Mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin, qaama
huqqachuu, fedha nyaataa dhabuu, fi dadhabiin
mul’achuu fa’atu jiraata.
.
*** Kaansarii kana akkamiin of irraa ittisuu dandeenya?
√Wontoota isaaf nama saaxilan kan armaan olitti
ibsaman irraa of qusachuun. Fkn Hiriyoota wol
qunnamtii saalaa wojjiin raawwatan xiqqesuu, Sigaaraa/
Tamboo arsuu dhiisuu/dhabun.
√ Biyyoota guddatan keessatti talaalliin vaayirasii
Human papilloma kan dhufaati Kaansarii kanaaf shora
gudda taphatu, otoo wol-qunnamitii saalaa hin jalqabin
naannoo woggaa 9-13 jiraniif ni kennama.
***Umrii woggaa digdamii tokko irraa kaasee qorannoo
woggaa sadihi sadihiin godhamu kan ‘pap smear’
Jedhamu Fiixxee gadamessaa irraa fudhamaa waan
namaf godhumuuf qorannoo kana godhuun baay’ee
baay’ee barbaachisaa dha. Qorannoon kun jijjirama
seeliin Fiixxee Gadaamessaa gara kaansariitti jijjiramuuf
deemaa jiru waan agarsiisuuf otoo kaansarii hin ta’in
ykn otoo kaansarichi hin jabaatin waan mul’atuuf yaala
isaaf godhamu irratti faayidaa guddaa qaba. Kanaaf
Qorannoo ‘pap smear’ kana yero yeroon (woggaa sadi
sadiihiin) gochuun baay’ee barbaachisaa dha.

=> Akkaataan yaala Kaansarii kana sadarkaa inni irra
jiruun ilaalamee takkahu Opereeshiinin, fi/ykn
Qorichaan/keemooteerapii/ fi/ykn Carariin/¬
raadiyeeshiinin ta’uu mala.

Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

BAARRILEE/BACCARROO (By Dr. Nuredin Luke)
***********
Baarilee Ykn Baccarroon wontoota gogaa nama irratti
bahan kan maqaa Afaan Oromoo qaban keessa isa
toko. Innis faangasii gogaa keenya irra jiraatuun kan
dhufu yoo ta’u, tuttuqqiidhaan ykn uffata nama isa
qabuu uffachuun nama san irraa gara nama birootti hin
darbu. Yaalamuu dhabuunis lubbuu namaa balaaf kan
saaxiluu miti. Sanyiin/firaan/dhiigaanis hin daddarbu.

Faangasiin rakkinna gogaa kana fidu gogaa nama
hundaa irra kan jiraatu/argamu yoo ta’u, sababni inni
namoota tokko tokko irratti rakkoo akkasii fiduuf
guutumaan guututti kan beekamuu miti. Maqaan
faangasiichaa “Malassezia” jedhamuun beekama.
Rakkinni gogaa kuni ammoo maqaa “Pityriasis
Versicolor” jedhamuun beekama.

Faangasiin kun fayyaa namaa kan hiin miine(miidhine)
ta’uyyuu yeroo tokko tokko haala malee baldhachuun
morma, quceefi dugda gara gubbaa jiru dhunfachuun
argaa bareeda nama miidhuu danda’a. Darbee darbee
hoqxoo xinnoo qabaachuu mala. Baccarroon yeroo
tokko ofuma isaati qaama irraa badaa yeroo kaan
deebi’uu danda’a. Yeroo baay’ee Namoota qilleensa
hoo’aa jidhaa keessa jiraatan akkasumas baay’inaan
dargaggoota Umrii digdamanii keessa jiran irratti
mul’ata.
—–
Baarrilee/Baccarroo yoo of-irratti argine mala ittiin
balleessu dandeenyu keessa:
*Qullubbii adii tuttumnee bulleesuun jiidha ishee san
iddoo gogaa rakkina kana qabuutti dibachuu. Daqiiqaa
soddoma booda bishaan qulqulluun dhiqachuu. Yoo
xiqqaate guyyatti al lama akkas gochuu.
*Cuunfaa Loomii bishaan dachaa isaatiin Wolitti maknee
dibachuu. Ergasii guyyaa tokko bulchinee dhiqachuu.
*Nadhii dammaa (damma uumamaa) haphisnee gogaa
hubame san irratti dibuu. Yoo xiqqaate dhiqachuu
keenyaan dura sa’a lamaaf turu qaba. Kanas guyyaa
guyyaadhaan torbaan lamaaf gochuu.
*Shalalaa haphifnee daqiiqaa soddomaaf dibachuu san
booda qulqullessinee dhiqachuu.

Karaaleen armaan olitti eeramaniin yoo baduu dhabe:
* Doktoraaf rakkina gogaa kana kan biroo irraa addaan
baasuuf salphaa waan ta’uuf deemanii laallaamuun
barbaachisaa ta’a.
-Haala rakkinna gogaa keessanii erga ilaalee booda
Doktorri keessan Shampoo ittiin miicatan kan qoricha of
keessaa qabuu, ykn qoricha gogaa irratti dibatamu, ykn
qoricha liqimfamu isiinf ajajuu mala.
—-
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Dr. Kiyyaa Daawwiteetiin

Dhaqna qabaan dhiirotaa maaliif fayyadaa?

  1. Qulqullina qaama saalaa eeguuf; Gogaan irra keessaa yoo hin citne duuba deebisanii dhiquun ni rakkisa ykn xuriin jala kuufamuu dandaha.
  2. Carraan dhukkuboota wal-quunnamtii saalaan daddarbaniin qabamuu ni xiqqaata; Qaamni saalaa dhaqna hin qabamne keessi isaa lallaafaa waan taheef salphaatti dhukkuboota hedduuf saaxilama.
  3. Rakkoowwan qaama saalaa mudachuu dandahan ni hir’isa. Gogaan kun duuba deebihee achumaan hafuu ykn immoo fulduratti walcufee duubatti deebihuu diduu ni dandaha.
  4. Kaanseriin qaama saalaa namoota dhaqna hin qabanne irratti baay’ata.

Maarree dhaqna qabaan mana yaalaatti qofaa akka tahes hin dagatiinaa!!

Dr. Kiyyaa Daawwitee

DAFQA HAMAA

HYPERHIDROSIS BY Dr. KD

Dafqa hamaa kan jennu kun dafqa baayee kan yeroo fi haala hin filanne ykn immoo hamma duraan qabnu irra baayee tahedha. Namootni rakkoo akkasii qaban yeroo boqotanille ykn yeroo qilleensa qabbanaahaa keessa jiranillee ni dafqu. Dafqi jiraachuun fayyaa qaama keenyaaf barbaachisaadha. Wantoota qaama keenyaaf hin barbaachisne baasa akkasumas tempireechara qaama keenyaa tasgabbeessa. Yeroo nutti ho’u yoo dafqine tempireecharri qaama keenyaa nuuf hir’ata. Osoo qorruu yoo dafqine garuu rakkina armaan olitti ibse tahuu mala.

Qaamni namoota tokko tokkoo ho’a xiqqoof baayee dafqa gariin immoo xiqqoo qofa dafqa inni kun uumama waan taheef rakkoo nurra geessisu hin qabu. Dafqi hamaan kun qaama keenya bakka tokko qofaatti mulachuu dandaha. Fknf

  • Bobaa jala(axillary hyperhidrosis);
  • Barruu harkaa(palmar hyperhidrosis)
  • Quba fi miila jala(plantar hyperhidrosis) faa tahuu dandaha.

kana malees qaama guutummaan illee dafquu ni dandaha.

MAALIRRAA NAMA QABA

Dafqa hamaa kana karaalee ittiin nama qaban irraa kaa’uun bakka lamatti qoodnee ilaalla.
Inni duraa dafqa hamaa sababni isaa beekamu yoo tahu. Sababootni ykn dhukkubootni dafqa hamaa fidan

  • Dhalootaan namoota qaamni isaanii garmalee guddatu(Acromegaly)
  • Dhiphuu ykn muddama(Anxiety conditions)
  • Kaanserii garaagaraa kanneen xannachoota dafqaa waliin wal qabatan
  • Qorichootaa garaagaraa
  • Dhukkuboota onnee
  • Dabaluu hormoonii taayirooyidii(Hyperthyroidism)
  • Dhukkuboota sombaa kanneen akka daranyoo sombaa(tuberculosis) fi kanneen biroollee tahuu dandahu.

Namootni rakkina akkasii qaban yoo dhukkubni isaanii yaala argate isaan dhiisuu dandaha.

Inni lammataa immoo sababoota armaan olii irraa bilisa tahanii dafqa hamaa warreen qabanidha. Dafqi akkasii kun uffata jijiisee ykn foolii qaamaa jijjiiree of jibbisiisuu ni dandaha.

NAMNI DAFQU YOOM MANA YAALAA DHAQUU QABAA?

  • Dafqa yeroo dheeraaf walirra hin citne fi haala hin filanne yoo qabaattan
  • Dafqa waliin walqabatee hargansuun keessan yoo jijjiirame ykn lapheen yoo isin dhukkuba tahe

. • Ulfaatinni qaama keessanii yoo hirachuu jalqabe

  • Irra caalaatti halkan halkan yoo isin dafqisiisa tahe
  • Yoo amalli keessan sinitti jijjiirame ykn of sin jibbisiisa tahe.
  • Yoo isin dadhabsiisa tahe.

Mana yaalaa deemuun alatti kanneen armaan gadii gochuun rakkoo dafqaan dhufu hiri’isuun ni dandahama.

  • Guyyaa guyyaan qaama dhiqachuu
    •Kophee fi arraba kophee gogaa irraa tolfaman fayyadamuu
    •Kaalsii guyyaa guyyaan jijjiiruu akkasumas miicuu
    •Miila keessan qilleensa gahaa argachiisuu fknf mana keessa yeroo jirtan kophee baafachuun qilleensa galchuu.
    •Uffata haala yeroo keessa jirtan faana deemu uffachuu fknf yeroo ho’u uffata haphii uffachuu

Itti dabalataan maxxansa duraa irratti kan waahee foolii bobaa jedhu dubbisaa!!

Dr. Kiyyaa Daawwitee

MUUZIQAA FI FAYYAA
(HEALTH BENEFIT OF MUSIC)! DR. KD

Akka gamtaan dhimma fayyaa adunyaa (World health organization) jedhutti namni tokko fayyaa guutuu qaba kan jennu yoo guutummaan qaama isaa, sammuu isaa akkasumas hawwaasumman isaa fayyaa tahe qofaadha. Wantoota fayyaa samuu jajjabeessan keessaa immoo boqonnaan sammuu isa guddaadha. Sammuu keenya boqochiisuuf muuziqaan gahee guddaa qaba

Mee faayidaalee isaa keessaa xiqqoosheen isiniif hima!

Muuziqaan qaama kakaasa; Muuziqaa jaallannuu yeroo dhaggeeffannu qaamni keenya ni kaka’a. Faayidaan kun kan argame atileetota irratti. Atileetotnis tahe taphattootni kubbaa miilaa yeroo shaakalan ykn qaama ho’ifatan gurra isaanii irraa muuziqaa hin dhaban. Muuziqaan kun dandeettii hormoonii adrenaalin jedhamu akka burqu godhuu qaba. Hormooniin kun qaamni keenya akka kaka’u godha.

Dhukkubbii hir’isa; Namootni dhukkuba cimaa taheen muddaman muuziqaa jaallatan yeroo dhaggeeffatan dhukkuba isaanii hamma tahe ni irraanfatu.

Muddama(stress) hir’isa; Namootni yaadaaf haalota baay’een muddaman muuziqaa jaallatan yoo dhaggeeffatan muddama isaanii irraa tasgabbii argatu.

Hirriba gaarii akka rafnuuf nu gargaara; Muuziqaan sagaleen isaa hir’atee yaada namaa tasgabbeessun akka hirriba rafnu nu gargaaruun alatti hirriba gaariillee akka rafnuuf nu gargaara.

Dandeettii Waa yaadachuu ni dabala.

Dandeetti yaada ofii bilisaan ibsachuu ni dabala.

Yeroo ammaa kana qorattootni baay’een muuziqaan akka yaalii tokkootti (music therapy) fayyadamuuf qorannoo adeemsisaa jiru!

Muuziqaa yeroo dheeraaf sagalee garmalee olkaasnee ykn earphone gurra keenya irraa godhannee yoo dhaggeeffana tahe gurra keenya irratti rakkoo fiduu ni dandaha.

Muuziqaa kanan jedhe kun sirba qofaa osoo hin taane muuziqaa mana amantaalee hundaa keessa jiran dabalateeti

Dr. Kiyyaa Daawwitee
Dhibamuuf dhiitamuun nama hin raffisu! horaa bulaa!!!

DURBUMMAA FI ILAALCHA KEENYA!

(VIRGINITY VS OUR BELIEFS)
Dr. Kiyyaa Daawwitee

Namootni garaagaraa durbummaaf hiika garaagaraa kennu. Gama ogeessotaanis tahe gama amantaatiin durbummaaf hiika hedduutu kennama. Gariin durbummaan akkuma maqaa isaa dubartii qofaaf taha jedhu gariin immoo dhiirotas ilaallata jedhu. Aadaa biyya keenyaattis tahe kan biyyoota hedduu keessatti durbummaan mallattoo dubartiin akka dhiira faana quunnamtii saalaa hin raawwanne itti beekan jedhamee yaadama. Lakki dubartootni uumamumaan durbummaa hin qabne ykn balaa adda addaan durbummaa dhaban jiru waan taheef hiikaa durbummaa quunnamtii saalaa qofaan walqabsiisuun sirrii miti kan jedhanis jiru. Dhiheenya immoo durbummaan erga badee karaa garaagaraan deebisanii argachuun ni dandahama kan jedhanis jiru. Mee isiniif durbummaan maali? Namni durbummaa isaa dhabe kan jennu yoomi? Mudannoo barsiisus tahe kan bashannansiisu yoo qabaattan ykn kan dhageessan nutti himaa!! Irratti haa mariihannu!
Dr. Kiyyaa Daawwitee

MAASTIKAA ALANFACHUU( CHEWING GUM) Dr. KD

Maastikaan gosaa fi qabiyyeen isaa hedduu tahus faayidaa fi miidhaa isaa keessaa hamman beeku isiniifan qooda!

FAAYIDAA ISAA

Muddamuu(stress) hirisa. Muddama keessa jirru irraanfannee yaada keenya akka sassaabbannu godha. Qorattootni baayeen barattootni yeroo qormaata qoraman osoo mastiikaa fayyadaman yaadni isaanii akka sassaabamu gargaara jedhu. Biyya keenyattillee daree barnootaa fi qormaatarratti yeroo baayee mastikaan hin eeyyamamu.

Fayyaa afaanii fi jabina ilkaaniif, inni kun maastikaa qabiyyeen isaa sukkaara hin qabnedha. Yeroo maastikaa alanfannu sossochiin afaanii buusaawwanii fi maashaalee afaan keenyaan walqabataniif ispoortii waan taheef ni jabeessa. Hancufni baayyinaan akka maddu waan gargaaruuf qulqullina afaan keenyaaf gaariidha.

Ulfaatina ykn furdina hirisuuf; maastikaa alanfachuun sa^aatii tokko keessatti aannisaa kaaloorii kudha tokkoo ol gubuu ykn fixuu ni dandaha.

Suusii tamboo dhaabuuf ni gargaara. Mastiikaan qabiyyee tamboon walitti dhiyaatanii qophaahan namoota tamboo dhaabuu barbaadaniif ni fayyadu.

Dammaqnee akka hojjennuuf nu gargaara

Foolii afaanii foolii mastiikaatti jijjiira

Maastikaan qabiyyee vitamin –C akkasumas baakteeriyaa afaan keessaa hirisu of keessaa qaba.

MIIDHAA ISAA

Maastikaan qabiyyeen isaa sukkaara of keessaa qabu ilkaan keenyaaf balaa ta^uu ni dandaha. Sukkaarri baakteeriyaa waan harkisuuf salphaatti akka baakteeriyaan ilkaan keenyarratti walhoru taasia.

Maastiikaa yeroo hundaa keessumaa karaa tokko qofaa alanfachuun karaa ittiin alanfannu jabeessee karaa ittin hin alanfanne faana wal caalchisuullee ni dandaha.

HAMMATTUU HARMAA FI MIIDHAA ISAA
RISKS OF WEARING BRA( Dr. kD)
Akka aadaa biyyoota hedduutti hammattuu harmaa godhachuun ni dhorkama. Biyyota kaanitti immo ni jajjabeeffama.
Haa tahuutii shamarran maaliif hammattuu harmaa godhatu?

Bifa fiixee harma isaanii dhoksuuf
Harma kufe kaasuuf ykn immoo akka hin kufne eeguuf
Yeroo deeman harmi akka hin raafamne ykn hin sossochoone gochuuf
bareedinaaf
Dafqa harma jalaa dhorkuuf

HAMMATTUU HARMAA FAYYADAMUUN DHUKKUBA KAANSERII HARMAA FIDAA?

gaaffiin kun yeroo ammaa gaaffi guddaa tahuun qorattootni adda addaa yaada mataa isaanii kennaa jiru. Amerikaatti gurmuun qorattoota dhimma kaanserii(American cancer society) akka jedhanitti hanga ammaatti kaanserii harmaa fi hammattun harmaa walitti dhufeenya hin qaban.akkuma beekamu qorannoon yeroo yerootti jijjiiramaa deema, akkasuma beekumsi waahee dhukkubootaa illee fooyyahaa deema.

BALINNI HAMMATTUU HARMAA YOO SIRRII MITI TAHE RAKKOOLEEN ARMAAN GADII SIN MUDACHUU DANDAHU!!

Dhukkubbii dugdaa ;
hammattuun harmaa yoo garmalee dhiphoo taate dhiibba lafeewwan dugdaa fi cinaachaa irratti uumuun dhukkubbiin dugdaa sinitti dhagahamuu ni dandaha.
Dhukkubbii harmaa;
kun yeroo baayee kan uumamu hammattu harmaa dhiphoo godhachuun dhiigni akka sirriitti gara harmaa hin seenne dhorkuun dhukkubbii uumuu dandaha.
Dhukkubbii gateetti fi mormaa akkasumas
Hammattuun harmaa dhiphoon gogaa qaamaa madeessu ni dandaha.

BALINNI HAMMATTUU HARMAA SIRRII TAHUU AKKAMIIN BEEKNA?

Hammattuu harmaa bituun dura meetriin harma keessan naannoo isaa safaraatii bitaa.
Erga uffattanii yeroo gadi jettan yoo isin muddeera tahe isinitti dhiphateera
Yeroo baafattan gogaa keessan naannoo dugda keessanii, bobaa jala fi harma jala isin madeesseera ykn dirmammeessera yoo tahe isinitti dhiphateera.
Jia jahan(6) irra deebihaatii balina hammattuu harmaa isinitti tahuu safaraa. Guddinni harmaa ni jijjiirama waan taheef.

RAKKINA HAMMATTUU HARMAA FAANA WAL QABATANII DHUFAN AKKAMIIN HANBISNA?

rakkina hammattuu harmaa faana wal qabatee dhufu hanbisuuf hammattuu harmaa kana yeroo barbaachisu qofaatti fayyadamuun gaariidha.
Hammattuu harmaa yeroo mana teessan ykn boqottan ofirraa baasaa
Uffattanii hin rafiinaa
Yoo harma hoosiftu tahe guutummaatti osoo hin fayyadamtan tahe gaariidha.
balina harma keessan faana deemu qofaa uffadhaa.
hamma dandahametti hammattu harmaa fayyadamuu dhiisuun illee gaariidha.

Dhumarratti hammattu harmaa kanan jedhe afaan oromootiin jecha biraa sirrii yoo qabaate na ofkalchaa!!

DHUKKUBA KOLEERAA {CHOLERA} BY Dr. KD

Dhukkuba koleeraa kana jiraachuu isaa kan argate ogeessa Filippoo Pacini jedhamu ture. Bara 1854 jaarraa hedduun dura. Dhukkubni kun sadarkaa addunyaatti dhukkuba yaaddessaa waan taheef dhukkuba xiyyeeffanna guddaan itti kennamee akka baduuf carraaqqiin godhamudha.
Dhibeen kun baakteeriyaa ijaan hin muldheennen kan nama qabu yoo tahu guutummaa guutuutti fayyuun ni dandahama.
Baakteeriyaan kun erga qaama keenya seenee saa’aatii muraasaa hanga guyyaa muraasaa gidduutii mallattoo dhukkuba koleeraa mulisuu jalqabuu dandaha.

DHUKKUBNI KOLEERAA KARAALEE ARMAAN GADIIN NAMA QABUU NI DANDAHA.

Karaa bishaan baakteeriyaa kanaan faalameen
Karaa nyaata baakteeriyaa kanaan faalameen
Kuduraa fi muduraa hin dhiqamiin ykn immoo bishaan faalameen kan dhiqamen
Nyaatawwan maddi isaanii bishaan keessaa argaman
Harka baakteeriyaa sanaan faalame qabachuu .

Walumaa galatti baakteeriyaan kun karaa nyaataa ykn dhugaatii gara qaama keenyaa seenee kara boolii ykn bobbaa qaama keenya keessaa baha. Erga karaa boolii ykn bobbaa qaama keenya keessaa bahee keessumaa yeroo roobaa kana lolaan gara bishaaniitti dabalama. Bishaan kana yoo dhugne battaluma dhukkubichaan qabamuu ni dandeenya. Nyaatni nuti nyaatnu illee yeroo qophaahu, yeroo kuufamu ykn yeroo dhiyaanaa yoo qulqullinaan hin qabamne baakteeriyaa kanaan faalamuu ni dandaha fknf mana fincaanii seennee osoo harka hin dhiqatiin yoo nyaata bilcheessuu ykn dhiheessuu deemna tahe.

MALLATTOOLEEN DHUKKUBA KOLEERAA

Garaa kaasaa; garaa kaasaan kan koleeraa isa kaanirraa kan adda isa taasisu akkuma jalqabeen baayee nama mudda ykn walirraa hin citu. Bifti isaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeeltan fakkaata. Akkasumas gara jalqabaa foolii kan qabu tahee boodarra garuu fooliin isaa badaa deema qabiyyeen isaa garuu bishaanahaa deema. Garaa kaasaan kun kan walirraa hin citne ykn baayina kan qabu waan taheef dafee ni dadhabsiisa. Iji keessa seena; lafeen fuulaa bahanii mulachuu jalqabu akkasumas afaan keessi ni gogaga.
Itti aansuun hoqqisiisuu ni dandaha. Dhibeen koleeraa yeroo baayee qaama hin ho^isu.

NAMOOTNI ARMAAN GADII DHUKKUBA KANAAF HAALA SALPHAATTI SAAXILAMU

Namoota gartuun dhiiga isaanii ‘O’ tahe . sababni isaa guutummaati beekamuu baatus jarreen kun dhukkuba kanaaf salphaatti ni saaxilamu
Namoota aciidiin garaachaa isaanii hirate; Keessumaa namootan aciidii garaachaa hirisuuf qoricha fudhatan. Inni kun sababni isaa baakteeriyaan kun aciidii keessa turuu hin dandahu kanaaf aciidiin garaacha keenya keessa jiru ni ajjeesa.

AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUUN DANDAHAMA

Karaalee ittiin daddarban irraa sirriitti of qusachuu.
Qulqullina qaamaa eeggachuu; harka keenya erga qaama dhiqanneen booda, mana fincaanii erga fayyadamneen booda, nyaata qopheessuuf yeroo jennu akkasumas yeroo dhiheessuuf jennu sirriitti dhiqachuu.
Qulqullina nyaataa eeguu
Kuduraaf muduraa sirriitti bilcheessuu ykn immoo sirriitti dhiquu
Bishaan kamiyyuu danfisanii dhuguun ofirraa ittisuun ni dandahama.

Namni mallattooleen armaan olii irratti argame hatattamaan gara mana yaalaa dhaquun dirqama.
Hammuma mana yaalaa gahutti immoo bulbula wantoota armaan gadiirra qophaahan obaasuun baayee fayyada.

Bishaan qulqulluu litira tokkotti sukkaara fal^aana jaha fi ashaboo fal’aana walakkaa walitti bulbullun kennaafii.

Dhibeen kun kan turtii namaa kenuu miti yoo yeroon hin yaalamne yeroo gabaabduu keessatti lubbuu galaafachuu ni dandaha.

Horaa bulaa !!!!!

NAMA GUBACHAA JIRU YOO ARGINE MAAL HAA GOONU( immediate care for burn patient)
by Dr. KD

NAMNI MAALIIN GUBACHUU DANDAHAA?

Bishaan bulluqeen.
Sibiila hoe qabachuun
Balaa Ibiddaan
Humna elektirikaan
Keemikaalotan ykn
Dhohinsa balaa uumamaan tahuu ni dandaha.

Karaa kamiinuu haa tahu namni gubate gargaarsa jalqabaa yoo kan argatu tahe balaan irra gahu ni xiqqaataaf.

Nama gubate yoo argitan haala armaan gadii jiruun gargaaraa!!!!!

Bishaan bulluqe, sibiila hoe ykn balaa abiddaan gubate yoo tahe

Dafaatii haala isiniin hin gubneen bakka gubachaa jirurraa baasaatii kaahaa. Ibiddi akka irraa dhaame mirkaneeffadhaa , Bishaan qorraa waraabaa itti naqaa, uffatni isaa irratti bobahaa jira yoo tahe irraa baasaa,
Harka,quba, miilaa ykn morma isaarra wantootni akka qubeelaa fi bareechituu garaa garaa yoo jiraatan irraa baasaa kaahaafi. Isaan kun yoo irra turan booda qaamni isaa yoo dhidhiitahe irra baasuun ni rakkisa. Osoo qubeelaan irra jiruu qubni yoo dhiitahe qubeelaan dhiigni akka gara qubaatti hin dabarre dhorkee tarii hamma qubni cituutti rakkina geessisuu nii dandaha. inni kaanis akkasuma.
Erga kana gootanii akka itti hin qorrinetti qabadhaatii dafaa gara mana yaalaa fudhadhaa. Namni gogaan qaama isaa gubate qorra hin dandamatu waan taheef akka itti hin qorrinetti qabadhaa.

KEMIKAALAAN YOO KAN GUBATE TAHE
Kemikaalli warshaalee adda addaa keessa jiru qaama namaa gubuu ni dandaha. kemikaalonni kunis tarii aciidii ykn immoo beezii tahuu malu. Kemikaalonni kun bifa dhangalahaa ykn immoo daakuu tahanii nama gubuu dandahu.
Yoo kemikaala dhangalahaa tahetu gube tahe bishaaniin baayisaa itti roobsaa yoo dandahame daqiiqaa 30 oliif bishaan itti roobsaa.
Yoo kemikaalli gube sun bifa daakuu qaba tahe jalqaba daakuu sana irraa haxaahaa erga irraa haxooftanii immoo akkuma isa dhangalaa saniitti bishhan itti roobsaa. Osoo daakuun kemikaalaa irra jiru yoo bishaan itti naqxan bulbulamee caalaatti akka gubatu godha.
Yeroo irraa haxooftanis tahe bishaan itti roobsitan ykn naqxan kemikaalichi qaama keessan akka hin tuqne of eeggadhaa isiniinis gubuu dandaha waan taheef.
Akka kana gootaniin osoo hin turiin dafaatii mana yaalaatti fudhadhaa

ELEKTIRIKII FI BAKAKKAAN KAN GUBATEEF

Isaan kun akka ibiddaa gogaa keenya madeessuun caalaaatti keessa qaama keenyaa miidhu fknf kanneen akka onnee, ujummoo dhiigaa fi kan kana fakkaatan. Kanaafuu gargaarsa caalaatti barbaadu .
Dafaatii ibsaa irraa gadhiisisaa. Akka irraa gadhiisistaniin lafaa haa ciisu. Lafa yoo ciise kaarentiin hammi tokko keessaa bahee gara lafaatti seena. You kan gubachaa jiru jiraate akkuma armaan olii san bishaan itti naquu hin dagatiinaa.
Osoo hin turiin mana yaalaa fudhadhaa. Gargaarsa ariifachiisaa barbaachisa waan taheef.

DHOHINSA BALAA UUMAMAAN KAN GUBATEEF

Dhohinsi balaa uumamaa ykn meeshaalee waraanaa gurguddoos tahuu ni dandaha. isaan kun qaama gubuun alatti balaa biro gurguddoo geessisuu ni dandahu. Fknf balaa kana jalaa bahuuf osoo fiiganii cabuu faa dabalata. Kanaaf haala armaan olii irratti dabalataan miidhama biros eeggachaa gara mana yaalaa fudhachuu qabna.

FOOLII BOBAA AKKAMITTIIN ITTISUUN DANDAHAMA?

?

KABAJAMTOOTA hiriyyoota koo gaaffii kana namoota hedduutu na gaafate mee akka armaan gadiitti yaada koon siniif hira!!

Fooliin bobaa kan jaqabu naannoo umurii dargaggummaatti waan taheef yeroo baayee fooliin bobaa namoota baayee biratti akka mallattoo dargaggummaatti fudhatama. Garuu foolii babaa maaltu fidaa?
QULQULLINA QAAMAA

yeroo dargaggummaa dafqi ni baayyata dafqi kun yeroo yerootti yoo hin dhiqamne baakteeriyoonni bobaa jala jiran haalaan walhoranii akka baayyatan taasisa. Baakteeriyoorni kun yoo baayyatan foolii bobaa keenyaa gara foolii namatti hin tolletti jijjiiru. Dafqi qaama keenya keessaa bahu foolii hin qabu qulqulluudha garuu qaama keenyarraa dhiquu yoo dhiisne yoo ture baakteriyaan foolii itti uuma jechuudha.

Egaa kanaafi namootnis foolii bobaa akka mallattoo dargaggummaatti kan fudhatan.

FOOLIIN BOBAA SABABA GARBIRAA HEDDUUN DHUFUUS NI DANDAHA

FOOLII BOBAA BALLEESSUUF MEE WAAN ARMAAN GADII FAYYADAMAA

1 qulqullina qaamaa eeggachuu
2 qaama erga dhiqattanii bobaa jala sirriitti hamma qoorutti uffata hin uffatiinaa
3 bobaan keessan qilleensa gahaa akka argatu godhaa uffata bobaa qullaa taasisu ykn immoo yeroo haalli mijatu hunda bobaa keessan qilleensi akka argatuuf kafana baafachuu
4 rifeensa bobaa jala jiru hin haadinaa. Waan hunduu sababa malee hin uumamne rifeensi bobaa jalaa foolii bobaa akka hirisu qorannoo baayyeen ni mirkaneessu.

GORSA ARMAAN GADII IMMOO dhukkubsattoota koo ittiin gargaaree ittii gammadanii dhufanii na galateeffatanii jiru isinis mee itti fayyadamaa ilaalaa

BOBAA KEESSAN ERGA SIRRIITTI DHIQATTANII BOODA ALCOHOLIITTIN IRRA DEEBIHAATII DHIQAA. ALKOOLII KANA AMMA DAQIIQAA 5{SHANII} BOBAA KEESSANIRRA TURSAATII DHIQADHAA. ALKOOLII KAN ARGATTAN MANA QORICHAATIITI MALEE ALKOOLII ISA DHUGAMU JECHUU KOO MITI.

Horaa bulaa DR. KD!!

NAMA DHIIGAA JIRU YOO ARGINE DAFNEE MAAL GOCHUU QABNAA?
(how to control active bleeding) by Dr. KD

Dhiigni dhangalahuun rakkina qaama keenya keessaa madduun ykn immoo balaa alaa qaama keenya irra gahuun nama mudachuu ni dandaha. Sababa kamiinuu haa mudatu garuu dhiigni kamiyyuu yoo dafee hin dhaabanne yeroo xiqqoo keessatti lubbuu dabarsuu ni dandaha.

Keessumaa dhiigni ujummoo dhiiga raabsu(artery) irraa dhiigu dhiibbaa onnee irra darbameen waan dhufuuf yeroo xiqqoo keessatti ajjeesuu ni dandaha. Inni kun yeroo dhiigus fagootti facahuu fi baayinaan dhangalahuun yeroo xiqqoo keessatti miidhamaa sana dadhabsiisa.

Nama dhiigaa jiru yoo argine gara mana yaalaa fudhachuun dura kanneen armaan gadii dafnee raawwachuu yoo dandeenye miidhaa qaama irra gahu hirisuu fi lubbuun tursuu ni dandeenya .

  1. Miidhamaan dhiigaa jiru yoo meeshaan ittin waraaname ykn rukkutame keessaa hin buqqaane tahe, keessaa hin buqqaasiina. Yeroo keessaa buqqistan dabalee madeessa waan taheef osoo ogeessi fayyaa buqqiseef gaariidha. Keessuma wantootni qara qaban yeroo keessaa harkiftani dabalanii ni madeessu.garuu akka asiif achi sochoee hin miineef of eeggannoon qabaaa.
  2. Huccuu argattaniin dafaatii bakka dhiigaa jiru qabaa. Achumaan akka hin dhiignetti hidhaa.
  3. Biyyoo ykn wantoota xuraawaa biros dhiiga dhaabuuf itti hin fayyadamiina. Isaan kun jarmiilee dhukkuba fidan gara dhiigasaatti dabaluun booda madaan akka hin qoorree godhu. Dhukkuba adda addaas ni fidu. Fknf dhukkubni tetaanasii karaa kanaan nama qabuu dandaha.
  4. Buusaan qaamaa wal darbeera yoo tahe ykn lafeen cabeera yoo tahe akkuma jiruun akka hin sochoonetti qabadhaa malee bakkatti deebisuu yoo yaaltan miidhaa dabalataa uumuu ni dandaha keessumaayyu narvii naannoo sana jiru miidhee guutummaatti hojiin ala gochuu dandaha. Lafeen cabe ykn buusaan waldarbe kan sirrattu mana yaalaatti ykn immoo ogeessa leenjii saa qabuun tahuu mala.
  5. marimmaan ala bahee jira yoo tahe akkuma jiruttii hucuu itti uffisaatii garaatti ol maxxansaa hidhaa. yoo bakkatti deebisuu yaaltan gudunfamuu ykn miidhaamuu dandaha. kunis kan deebihu mana yaalaatti tahuu qaba.
  6. Dhiigni dhabannaan qaamasaa bakka miidhame akka hin sossochoonetti qabadhaatii gara mana yaalaa fudhadhaa!!
  7. Dhiignisaa hidhamee dhaabateera jettanii mana yaalaa deemuu hin turiinaa dhiigni bahe dafee yaala argachuu qaba.
    Dr. Kiyyaa Daawwitee

KAN LAFEE CABSUUFI DHIIGA DHANGALAASU ISINIRRAA HAA QABU!!!(Dr. KD)

DHUKKUBOOTA WAL QUUNNAMTII QAAMA SAALAN DADDARBAN BY DR. KD

Dhukkubootni walquunnamtii qaama saalaan daddarban kan jennu dhukkuba yeroo walquunnamtii saalaa qaama nama dhukkubichaan faalame irraa gara isa fayyaatti daddarbani dha. Dhukkubootni kun baayee akkuma tahan sadarkaan daddarbuu isaaniis(virulence) garaagaraa qabu.

DHUKKUBOOTNI KUN EENYU FAADHA

Dhukkubootni kunneenis

Kan qaama saalaa madeessan
Dhitahuu qaama saalaafi mudaamuddii
Kan dhangalahaa qaama saalaa fidanii fi
Dhukkubbii qaama saalaa fidanidha

Isaan kun jajjaboo yoo tahan kanaan alattis dhukkubootni hedduun karaa quunnamtii saalaa daddarbanii garuu qaama keenya bakka biraa hubuu ni dandahu. Fakkeenyaaf HIV karaa quunnamtii qaama saalaa haa daddarbu malee kan hubu guutummaa qaama keenyaati.

Dhukkubootni kunneen jarmoota xixxiqqoo ijaan hin mulanneen daddarbu!!!!!!!

MALLATTOOLEEN ISAANII MAALI

Yeroo fincaahan qaama saalaa nama guba
Madaan qaama saalaarraa fi naannoo isaa yoo jiraate

Dhangalahaan qaama saalaa keessan keessa bahu kan dura beektanirraa adda yoo tahe, yoo baayyate ykn foolii yoo godhate akkasumas bifa yoo jijjiirrate

Dhukkubbiin garaa keessan gara gad aaanu yoo sinitti dhagahame(shamarraniif)

Naannoo qaama saalaatti ykn mudamuddiileen jiranitti yoo sin dhiitahe

Mallattooleen kanaafi kanatti dhihaatan mallattoolee dhukkubichaa tahuu malu.

MAAL GOCHUU QABNA

Namootni mallattoolee armaan olii ofirratti argitan ogeessa fayyaa mariisisuun qoricha gahaafi gorsa ogeessa yoo argattan bayeessa.

Akkamiin ofirraa ittisuun dandahama

Inni jalqabaa quunnamtii saalaarraa of eeguudha. Kun guutummaatti dhukkubicharra nu ittisus garuu quunnamtii saalaa dhiisuun yeroo murtaaheef malee murtoo isa dhumaa tahuu dhiisuu dandaha. Kanaaf mee filannoowwan kanneen dubbisaatii isa sin baasu filadhaa!!

Jaalallee waliif amanamanii jiraachuu. Kana yeroon jedhu jaalallee ykn haadha manaafi abbaa manaas tahuu dandeessu tokko qofaa qabaattanii waliif amanamtanii yoo jiraattan dhukkubichi karaa isinitti dhufu hinqabu. Dhukkubichi abbatu itti deema malee ofii namatti hin deemu.
Kun tahuu baannaan condomiitti fayyadamuun filannoo biraadha.

DHUKKUBICHI NI FAYYAA

Dhukkubni kun baayyinaan ni fayya. Kanaaf yeroon mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Garuu gaafa deemtan hiriyyaa keessan waliin osoo yaalamtan guutummaatti akka fayyitaniif isin gargaara. Garuu ofii yaalamtanii yoo hiriyyaan keessan hin yaalamiin hafte/fe deebihee deddeebihee sin qabachuu dandaha.

HORAA BULAA HAMAAN ISIN HIN ARGIIN DR KD!!

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa