MAAL IRRAA BARANNAA? – SOCHII GIDDUU KANA UMMATA AMAARAAN NAANNOO GOONDAR KEESSATTI TAASIFAME IRRAA UMMANNI OROMOO MAAL BARANNA? -Muhaammad Namoo Muddaa (MA, Kaadhimama.PhD)-

MAAL IRRAA BARANNAA?

SOCHII GIDDUU KANA UMMATA AMAARAAN NAANNOO GOONDAR KEESSATTI TAASIFAME IRRAA UMMANNI OROMOO MAAL BARANNA?
  –

Woyyaaneen seera bara 1968 ALA baafatte keessatti, kaayyoon qabsoo isaanii inni hinikkaa ummata Tigraay waanjoo gita bittaa Amaaraa jalaa bilisa baasuun Rippaablika Tigraayii guddittii ijaaruu akka ture ifatti beekamaadha. Kunis, kan ta’u lafa naannoowwan olla Tigraay jiran irraa muruun akka ta’e seericha kana keessatti ifaan lafa kaa’amee jira. Fkn: Naannoo Amaaraa Goondar irraa Humaraa, Walqaayit, Tsagadee, Tsallamtiifi kkf, Oromiyaa irraa Raayyaafi Asiibuu, Afaar irraa Xalxaliifi Eretiriyaa irraa Baadimmee, Shiraaroo, Zaalanbassaafi kkf muruudhaani. Haata’u, malee, akka mootummaan Dargii kufeen suduudaan akka Eretiriyaa fottoquu irra maqaa tokkummaa Itoophiyaa eegsisuu jedhuun kaayyoo isaanii galmaan ga’achuu tokko jedhanii eegalan.

Kunis, Goondar irraa naannoowwan armaan olitti maqaan dhahame guutumatti muruun bulchiinsa naannoo Tigraay jala galchuun qabeenya ilmaan Tigraay godhee jira. Akkasumas, naannoo Oromiyaa irraayis Raayyaafi Asiibuun muree fudhachuun tattaaffii gosgaloomii isaanii cimsanii itti fufanii jiru. Inni lafa Eretiriyaa murachuun qaama Tigraayii guddittii gochuus guutumaa guutuutti haa milkaa’uu baatu malee yaalii bara 1991-1992’tti gaggeeffameen gara Itoophiyaatiin lubbuun ilmaan biyyattii 100000 ol ta’an galaafachuun isaa yaadannoo yeroo dhihooti.

Haata’u malee, ummattoonni Oromoos ta’ee kan Amaaraa, kan wayyaaneen fedhii isaanii malee lafa isaanii wajjiin muree Tigroomsuuf fudhate guyyaa gochi suukaneessaan kun isaan irratti raawwatamee kaasanii dugda isaanii shirreessanii taa’anii hinbeekan. Gaaffiiwwan mirgaa ummattoonni kuneen yeroo adda addaatti kaasaa turan maqaa gara garaa itti baasuun ukkaamsaa turanii jiru; namoota hawaasicha keessatti dhageettii guddaa qaban hidhaafi ajjeesaa turanii jiru. Ta’us, gaaffiilee ummattoota kanaa dhabamsiisuun waan hindanda; aminiif, bara 2015 keessa ummanni Amaaraa lafa isaanii wajjiin boortaan muramanii bulchiinsa Tigraayii jala waggoota 25 turan mirga heera mootummaatiin isaanii kennametti gargaaramuun sagalee isaanii akka dhageessisaniif koree isaanii ijaaratanii gara Mana Maree Federeshiiniifi Caffee Bakka Bu’oota Ummataatti ergan.

Ta’us, koreewwan ummataan filatamanii Finfinnee deemanii turan; gaafa galan kan isaani eeggate hidhaa, ajjeechaa, doorsisaafi dirqanii ‘ani Tigreedha’ jedhanii akka mallatteessan gochuufi kkf ture. Isaan keessaa, turban dabarsine kana keessa, namoota koree ta’an kanneen guutumaa guututti qabanii gara Tigraayitti geessuuf yeroo isaan sochii godhanitti ummanni Magaalaa Goondariifi Naannoo ishee meeshaa isaa hidhatee waraana mootummaa wayyaanee kan ilmaan Tigraayiin durfamu fuuldura dhaabbachuun hedduu ajjeesee hedduu madoo taasisuun diina irratti kisaaraa siyaasaa, diinagdeefii xiinsamuu geessuun, harki isaanii micciiramee akka warwaattu taasisanii jiru. Adeemsa kana keessatti, wanti nama ajaa’ibu tokko poolisootaafi loltoonni dhalootaan Amaara ta’an ummata mirga isaaf falmachuuf ba’e irratti dhukaasuu dhabuun isaanii gocha fakkeenyummaa qabuufi kan nama boonsu yoo ta’eyyuu, afaan qawwee isaanii gara diina ummata isaanii qe’ee isaaniitti ajjeesuuf dhaqeetti naannessuutu irra ture. Kun, kan inni agarsiisu waraanni Saboota, Sablamootaafi Ummattootaa wayyaaneen waggaa dhibba ummata Itoophiyaa dhitee bulchuuf yaadaa jiru akka hindanda’amneedha.

Akkasumas, ummanni Goondariifi naannoo ishee iyyee iyya dabarsuun walitti labsee gamtaan diina fuuldura dhaabbachuun qabeenya wayyaaneen waggoota 25 keessatti ummattoota Itoophiyaa irraa saamuun walitti qabatee ummattoota mirga isaaniif dubbatan ittiin ukkaamsaa tureefi jiru barbadeessanii jiru. Isaan keessaa ‘Salam Bus’ dabalatee konkolaatonni wayyaaneen dhimma itti bahaa turte 10 ol ta’an gubamanii jiru. Hooteelotaafi dhaabbileen wayyaanee Magaalattii keessa jiran hedduu irratti tarkaanfiin fudhatamee jira. Kanumaan walqabatee, yeroo darbe Tiraanisfoormarii yeroo mootummaa Dargii dhaabbatee ture buqqisanii gara Tigraay geessuuf yeroo isaan yaalii godhanii turanitti, meeshaa isaanii irraa buufatanii konkolaattota isaan saamicha ittiin raawwatuuf fidanii dhufan barbadeessuun isaanii yaadannoo yeroo dhihooti.

Akkuma saba Amaaraa, Ummanni Oromoos, erga kiyyoo gabroomfattuu nafxanyaa jalatti kufee kaasee bifa gurmaa’eefi bittinnaa’een qabsoo hadhaawaa taasisaa akka ture beekamaadha. Fincilli Xumura Gabrummaa bara kana Sadaasa 12, 2015 magaalaa Ginciitti eegalame Oromiyaa guutuu walga’ee erga gaggeeffamuu eegalee ji’oota saddeetii ol lakkoofsisee jira. Sochii hanga ammaatti taasifameen, mootummaan abbaa irree woyyaanee qaamni guutuun laamsha’ee arraba qofatti akka hafu isaa dirqisiisee jira. Yeroo ammaa kanas, arrabnis wal hidhee waan wal dhiitu xibaaruu erga eegalee oolee bubbulee jira. FXG kana keessatti sochiin qaamoleen hawaasaa adda addaa fkn kanneen akka poolisoota Oromiyaa, Oromoota humna waraanaa keessa jiraniifi namoota sadarkaa itti gaafatamummaa gara garaa irra jiran taasisan kan daran nama boonsu qofa otoo hintaane umrii bittaa wayyaanee kan gabaabsuudha. Haata’u malee, hanga silaa qabsoon barbaadduun taasifamee jira jechuun rakkisaadha. Waan ta’eefis, seenaa boonsaa yeroo darbe waraanaafi poolisoonni dhalattoonni Amaaraa raawwatan irraa barannee qawwee diinni akka ummata keenyaa ittiin ajjeesaniif itti kenne isaanumatti deebisanii gateettii ummataa irraa buusuun qabu.

 gAMACHU

Gama birootiin, sochii FXG hanga ammaatti guutuu Oromiyaa keessatti taasifameen Oromoonni harka duwwaa sagalee isaanii dhageessisuuf daandiitti bahan 600 ol ta’an waraana Ag’aaziifi poolisoota Federaalaatiin gara jabeenyaan ajjeefamanii jiru; kumoota dhibbaan kan lakkaa’aman manneen hidhaatti guuramaa jiru. Eegaa, kana booda, ummanni Oromoo harka qullaa ajjeefamuu irraa gara ajjeessuutti cee’uun dirqama yeroon amma gaafachaa jirtuudha. Sochii gidduu kana Magaalaa Goondariifi Naannoo isheetti taasifamee tureen mootummaan wayyaanee ummata Amaaraa wajjiin karaa nagaan taa’ee mari’achuuf kan isa dirqisiise waan biraa otoo hintaane qawwee isaan baatanii deeman isaanis hidhatanii waan isaan fuuldura dhaabbatan qofaaf akka ta’e ifa galaadha. Namni qawwee baatee deemu nama harka duwwaa jiru wajjiin karaa nagaan mari’achuuf wanti isa dirqisiisu hinjiru. Waan ta’eefis, ummanni keenya bakka jiruu qundhoo isaa kutachuun qawwee bitatee diina ganda isaa keessa asiifi achi labee ijoolleefi dubartii isa jalatti ajjeessaa jiru kana fuuldura dhaabbatee gumaa Oromoota bilisummaa ummata isaaniif jecha wareegamanii baasuu qabu!mckay_a

Cunqursaa warroonni adiin gurraachota Afrikaa irratti raawwachaa jiran mormuun walaloo Claude McKay (1889-1948) namni jedhamu barreessee ture, Dr. Zalaalam Abarraa Afaan Ingiliizii irraa gara Afaan Oromootti jijjiiree yaada armaan olitti caqafame wajjiin wan wal qabatuuf akka dubbuftan kabajaan isin affeera.

Claude McKay (1889-1948)

________________________________________
Duuti keenya eega hinoollee
Duuti keenya eega hinoollee
Lakkii, akka booyyeetti hinduunu ijoolle
Du’a iddoo salphina keessaa, akka booyye adamsamnee, waraanamaa,
Dunna saree beeloftee maraatteen du’i keenya marsamaa
Carraa keenya abaarameetti kolfamaa, qoosamaa.
Akkasitiin lakkii hinduunu, duuti keenya eega hinoollee
Du’a guddaa, du’a dhiiraa, duuna ijoolle
Hinlola’u dhiigi keenya gatii malee
Bulguu nu nyaate qalbii goole
Nu kabajuuf haa dirqamu, dhiigi keenya isa takaale!
Yaa lammii koo diina walootti haa bobbaanu
Hanga gurraatti hidhateera, nuyi onnee keenyaan haa boonnu
Al dhibballe nu abboote, al tokkolle haa abootnu!
Boolla reeffaa nu fuulduraa hinsodaannu
Albaadhessa bulguu kana haawaraannu
Marsamneyyuu lolaa duuna, ciisnee hindhumnu!
Duuti keenya eega hinoollee
Kottaa, akka booyyeetti hinduunu ijoolle.
Gadaan Roobaa nagaa!
Barri Quufaa Gabbina!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

578559_375791295889362_1945144925_n

Muhaammad Namoo Muddaa (MA, Kaadhimama.PhD)-

 

Read More Here

 

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa