EDAA GUYYAAN AKKA HAR’AAS JIRAA-Temesgen Atnafu Mulatu

Edaa guyyaan akka har’aas jiraa

Waaktiin keessa jirru kun waktii ganna ta’uun isaa irran kan ka’e magaalaan shaamboo roobnii cimaan torban lamaa ol irra ol hin jenne.Ganama yeroo bakka hojii deemnuulle bookaa yandoo waan buusee roobuuf sa’atii hojii maaliif kabajuu didde jedhee namni namatti dubatu hin jiru.Garuu guyyaa kana lamaan aduufi samii huurrii irra biliisa ta’e malee waan biraa hin argamu.Maamilootnii baankii an keessa hojjedhuus akka durii baay’inaan dhufanii baankii fuuldura ganamaan hin dhaabbatan. Kun sababa sadiif waan ta’en se’a. Innii duraa maamilootni nuun qabnu harkii caalaan hojjetaa mootumma ennaa ta’uu isaan keessa harki caaluu barsiisota aanaa horroo waan ta’eef isaan ammo barumsaaf waan Yunibarsiitii biyyatii garaagaraa irra jiraniif ta’an jedha akka yaada kiyyaattii.Utuu jiru ta’ee akka mindaan jiruuf hin jirre naaf ilaalii jechuun isaanii hin hafu ture. Silaa anuma kana dabalatee qarshii hojjetaas haa ta’uu kan isa kaanii eebba hin qabuu. Innii lamataa ammoo baratootnii yuunibarsiitii wallagaa damee shaambuu gara maatiitti deebi’uu isaaniiti.Silaa utuu isaan jiraatanii nama sagal kudhan ta’anii qarshii nama tokkoo fudhachuu waan dhufaniif ganama sa’a lama dura namni baay’een hiriiree ana eega ture.Qarshii maatiin tola nyaatta,tola baratta, tola bakka ciisichaa argatta jechuun erguuf xinnoo taatus qaarshiin yeroo isaan miindeffaman waan tola jedhaman kana hundaa fayyadamuu isaaniif irra citu sun waan suutaa miti. Kunoo anuu naannoo wagga sadii hojjedhuus liqiikoo bara sanaa ofirra baasee fixuu mitii hin walakkeesinan jira. Sababii kiyya inni sadafaan ammo Mashiniin ATM dhufee dhaabachuu isaatii. Innis hojii nama hedduu nurra hir’isee jira.

Kana hundaa sababa haala qillensaa magaalaa shaamboof jechan kaase malee waanan ka’eef waan biraa ture. Inniis duubii biyya keenya kanaatii.Biyya sabaaf sabalammiin keessa jiraatan keessa jirtu waan jedhaniif kunoo magaalaa shaambuu keessas ummatni naannoo kan biraa nii jiru. Jarren har’a an wajjiin walii galuuf mataa cabaa oolee dhimma hojiif dhufanii jiru. Hojii ijaarsa yunibarsiitii wallagaa keessa hojjetu namootnii lamaan yeroo baay’ee mana obbo daawudeetti wal aggarru kunneen.Jarri kun warra gama Aksumii dhufanii turan. Maarree har’aa mana obbo Daawudee teenyee haasofna turre. Mana kana taphnii kubba waan agarsiifamuuf namni hedduun nii deddebi’aa. Anaaf jara kana lamaan kan nu michoomse garuu buna jabaanaa mi’aawaa qixa hin qabne bunni Dongoroo waan jiruuf jaalala buna kanaa ture.Dhagaa dubbachuf buna mana kanaa namnii dhugee arge magaalaa biraa irra isaaf jedhee dhufa.Waa’ee dhandhama buna Dongooraa kan dhugee beekuu raga naaf haa ba’uu. Maarree, buna kana irra teenyee haasa dabaree hin qabneen mataa wal cabsina. Dhimmi nuun irratti walii gallu yoo jiraatee dhimma biyya alaatti.Kan kanaan achii waa hundi dubbii keenyaa waliif faalladha. Jarrii kan isaan olaantumma oduu qabaachuu barbaadan paarlamaafi EBC keessatti qofaa osoo hin taanee bakka bunaattilee dhibbaa dhibba dhagahamuudha.Ofii jibba facaasaa Zaraagnaa jedhu. Waan har’a dubbatan keessa kan nuun irratti wal dhabnee dhimman kaasuuf deebii akkasii naaf kennuu isaanii irra kan ka’edha.

~ Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta’uu hin qabu jedhan. Maaliif jennaan eenyutuu ittiin walii gala jedhan.Guddina afaan kana fagoo hin deemuus jedhaniiruu.~Irreen kun kan keenya waan ta’eef eenyuyuu aangoo nurra hin fudhattu jedhaniiruu.Yeroon kan cunqurfame irree baasuu danda’aam jedhuun deebii Impaayerii Roomaa aangoo wagga 500’ii oliif akka qabatee ture naaf himan. Yoo kan dubbatuu taate akka keenya irree baasii dubbadhu naan jedhee. Dubbii isaa keessa silaa waa’een aangaawota raayya ittiisa biyyaa Itoophiyaa isaanitti akka caaluu hin dhabamuu.

~Qubee Afaan Oromoo qubeessuuf Fidalii gi’iizii guutudha naan jedhe. Garuu Afaan Oromoo Qubee akkamii akka qabuu waan beeku hin qabu.

~Mootumman keenya sabaaf sablammin Ministeeroota faayaman qaba naan jedhe.Angoon garuu isaan harka akka jirtu laphee dhiibee dubbata.

~Ganna kana Finfinne deemuun kiyya hin hafu jennaan finfinnee waan jedhamtu hin jirtu jedhan. Addis Ababaa malee.

~Ilaalchi kiyya dhiphaa akka ta’es naaf himeera.

Kana hundaa yeroo dubbatuu akkan dubbadhuuf waan dabaree naaf hin laatneef useen dhaggeeffadhe.Maal abbasheetii? Oddesaniif dhugaa harkaan hin gahatani silaa.Maaliifan nama dhugaan maal akka ta’e utuu beekuu sobu amansiisuuf dadhaba jedheen itti dhiise.Garuu waan ana gaddisiise tokkotu jira.Inniis biyya tokko keessa jira jedhamaa haasaanille walii galuu dadhabuu keenya.Gaafa innii oduu isaa marsaa shanaffaf eegaluun haasawaa Devid Kaameruun dhuma irratti taasise tokkon FB iirra argeen bane itti laadhe.Isa ilaalee gaafa ka’uu innii ammo waa’ee Hilaary kilintoniif Doonaald Tiraamp fide.Hiriyaan isaa ammo waa’ee Turkii kaasee.Kunoo amma irra caalaa walii galle. Kan silaa waa’ee biyya keenyaa irratti walii galuu qabnu dhimma biyya alaa irratti walii galle.

Egaa Olmaan akkasiis jira jechuufan jedhee. Oduu innii dubbate lafa kaa’een dhimma innii ittiin isin caallaf kaasee irrattii deebii hojiin deeggarame kennuufiin barbaadee.Waliin jirra waan ta’eef arguu jiraa.

Isin Naaf jiraadhaa!

17/07/2016

Temesgen Atnafu Mulatu

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa