GOLA SAAYINSII KEESSAA-WAA’EE SEERA OFITTI HARKISUU FI ICCITICHAA WAAN AMMA YOONAATTI SITTI HIN HIMAMNE.

WAA’EE SEERA OFITTI HARKISUU FI ICCITICHAA WAAN AMMA YOONAATTI SITTI HIN HIMAMNE.

13690866_956170791162209_7303390347014377766_nAtii kan jirtu mana kitaabaa keessaa kutaa kitaabileen guddina jireenya dhuunfaa ykn ofiin of gargaaruu barsiisan itti argaman keessa namoota kitaabolee kana barbaadaniin marfamteedha haa jennu. Nama geggeesaa amantaa ta’e ta’uus dandeessa. Namni bakka kana lamaan jiraachuun jiruu jireenyaa itti ta’ee jiraatee arge waa’een seeraa offiti harkisuu(iccitichaa) mataduree guddaa waggotaniif ta’uu isaa hubataa. Waa’ee seera kana baay’een keessan beektu ta’a.Kan hin beeknes hin dhabamu.Akkasumas beektanii kan isiiniif hojjete akkuma jirtan bartanii isiiniif hojjechuu didnaan kan ofirra dhiistanis jirachuu maltu.Kanas ta’uu sanas barruu gabaabduu kana keessatti waa’ee seera kanaa kanaan dura waan isin hin beekin waliin ilaaluuf yaalla.

Hub:Ammaan booda seera ofitti harkisuu(icciticha) gabaabsee SOH jedhee waanan fayyadamuuf haala kanaan wal haa hubannu!

Duubbisa gaarii isiiniif kan hawwa jiru ana nama barruu kan gara Afaan oromootii hiikedha!

HIIKKOO SEERA OFITTI HARKISUU(ICCITICHAA).

SOH haala salphaa ta’een yeroo hiikamu seera waltawaa nama hundaaf hojjetu yeroo ta’uu namnii kamuu Sammuu isaa fayyadamuun yaadaaf qalbii isaan waan jireenya keessattii barbaadee harkaan gahachuu nii danda’a kan jedhudha. Namni tokko yaada gadhee yeroo hundaa kan yaaduufi kan itti amanu yoo ta’ee jireenya isaatti waanuma sana harkisaa jira jechuudha. Namnii tokko ammoo waan gaarii yeroo hundaa kan yaadu yoo ta’ee waanuma gaarii sana jireenya isaa keessatti harkisaa jira jechuudha.SOH fayyadamuun haalota, muuxannoo fi wantoota garaagaraa harkiisuun nii danda’ama.
Yeroo waa hunduu aannisaa akka keenuu hubattuu fi akka kuhaantaam Fiziksii keessatti ibsametti yeroo yaadniif qalbiin keenya dhugaa jireenya keenyaa uumuu irratti akka gahee qabu amantu SOH fayyadamuun waan barbaade argachuun salphaa siif ta’aa.

HAALA FAYYADAMA SOH.

Seera kana hojjiti hiikuun salphaadha. Namotni tokko tokko yaadaaf qalbii isaanii kana qofaa fayyadamuun wan barbaadan kan isaanii godhatuu.Yoo fedhiin kee jecha gaarii hin taanee, kan kufaatii faarsan jireenya kee irra hir’isuu ta’ee jechoota kana jechoota gaggarii jireenya kee ijaaraniin bakka buusii.Jechoota si ijaaran kana gabatee mul’ataa kee irratti katabu dandeessa.
Sababnii ati waan barbaaddu tokko irra deeddebiin jechuun ykn gabatee mul’ataa keetti katabuun bakka yeroo hundaa agartu keessuuf waan tokko irra deedebitee yoo jette ykn agartee suuta suutaan sammuu dhokataa kee keessatti waan kuusamaa deemuufi. Sammuun dhokaataa keenya ammoo ennaa nuun rafnulle waan hojiitti jiruuf waan yaadne sun dhugoomuuf shora olaana taphata jechuudhaa.
Seera kana ilaalchisee akka hojjitii hiikkatan kan dubbatan akkuma jiraan naaf hin hojjene kan jedhanis hin dhabamanii.

WAA’EE SEERA KANAA WAAN AMMA AMMAA SITTI HIN HIMAMIN.
Yeroon seera kana shaakalaa turee bu’aa nama hawwatu tokko bira gaheen jiraa.Hiriyootni koo heedduun seerri kun altokko tokko siif hojjeteera yeroo jedhan yeroo kan biraa ammo hin hojjene naan jedhuu. Akka ilaalcha kiyyatti garuu seerri kun yeroo hundaa akka anaaf hojjete turen amanaa.Maaliifan akkasiitti ilaalee? Sababnii isaas amantiin kiyya akka SOH keessatti yaada fi hawwii mataa keenyaan qabamuun sababoota nuun dhimma itti laatnee hin ilaalee waan jiraniifi dha. Salphadhummatti waan gudda dhabaa jirra jechuudha.

Gaffiin “yaadni keenya kun hawwii mataa keenya ta’uuf dhiisuu isaa akkamiin bara” jedhu isin biraa ka’uu danda’aa. Kana dafnee bira gahuu dandeenya.Muuxannoo kiyya irra ka’uun SOH fayyadamuun waanan barbaade yeroon kan kiyya itti godhe akkuma jiru yeroon itti dhabes nii jiraa.Maaliif? sababoota baay’eetu jira. Karaa waan sana dhugoomfatan baay’een yeroo jiran isa kam akka fayyadamtu bitaa sitti galuu danda’aa. Garuu yeroo fedhiifi yaada mataa keenyaan qabamnu maaliif waan yaadne dhugoomsuu akka dadhabne sababa sirrii dhabnaa.

Hundii keenya imala addaa kan dhuunfa keenyaatti irra imallu nii qabnaa. Waliinis guddiina dhuunfaa keenyaafi muuxanno argachuuf yeroo daandii tokko irra waliin itti imallus nii jiraa. Waa’ee imala keenyaa waan baruu qabnuu baruuf onnanee barbaadnaa. Kanaaf haalli kun walitti dhufeenya akkamii SOH waliin qabaa?
Fkn’f muuxanoo ta’e jireenya keetti harkisuuf yaadda haa jennu. Muuxanno jireenyaa kana ammo qabeenyaa horachuu(Sooromuu) jedhii fudhu. Garuu ammo sammuu kee irra osoo hin taane onnee keen ennaa yaaddu jireenya kee keessatti qarshii fi gammachuu adda baastee waan ilaaltuuf bakka qabeenyaa ati horatte kun itti gammachuu barbaaddu siif hin laatne jira jedhii yaadii. Kanaaf seera kanaan waan yaadde kana harkisuuf hammam cimtee kan hojjetu yoo ta’eyyuu waan yaadde kanaa ol dhimmi akka jiru waan bartuuf waan yaadde kun karaa ati yaadde ta’ee hin agartuu. Humna Kalaqa sammuu kee fayyadamuun jireenya kee to’achuun kan sitti ulfaatuuf akka nama onnee kee irra nama gudda jette of ilaaltu sana yaaduu to’attuti of to’achuun waan siif hin danda’amneefi.

Itti yaadiimee. Haalota jireenya kee keessatti jalqabumarra kaasuun utuu jibbituu guyya,ji’aa ykn wagga muraasa booda garuu jireenya kee waliin guddachuun muuxanno gaarii irra argatte hin jiruu? Mee waan sun maal akka ta’e yaadi. Waan kana jireenya keetti karaa namaaf hin galleen offitti harkistee. Waan bakka teessu teesse waan barbaadduf sii kennamu hin jiru. Humnaa gadifagoo keessoo keenyaan garuu waliin guddachuu dandeenya.

SEENAA DHUUNFAA AJAA’IBSIISAA TA’E KAN BIRAA.

Utuun kaampaanii kiyya hin hundeeffatin SOH dhimoota garaagaraa ittin ofitti harkisuuf niin fayyadaman turee. Qarshii ittiin ofitti harkisuun guyyaa tokko sooressa kaampaanii gudda qabuufi addunyaa irratti dhiibaa nama uumu ta’uufan fayyadama turee. Walii galtee hedduun minjaala fuldura koo irra jiran qarshii guddaa kanan silaa itti argadhu haa ta’aniyyudha malee hunda isaanii akka tasaan of harkaa dhabee. Yeroo sanattii waan nama aarsuu ana haa qunnamu malee jireenyii kiyyafi onneen kiyya daandii wal hin fakkane irra imalaa turee. Akkuma jireenyi dhuunfaa kiyya badaa dhufeen hanqinni maallaqaas ana quunnamee. Kaampaanii an amma itti jiru haala kana irra ittin of baraaruuf kan dhaabbate yeroo ta’uu amma yeroo guutuu kennen dalagutti jira. Amma qarshiis nii qabna. Pirojektii hojjenuuniis dhiibaa uumuun danda’ameera. Haa ta’u malee karaa an irra imaluuf ka’ee sanaan yaadni kiyya yeroo sana hin dhugoomnee.
Kana irra maalan fudhadhaa? Maalifan qarshii waan gaarii kana caalu argachuuf ofitti harkifachuu didee? Sababni isaas waanan dursa baruu qabu baay’een qaba waan tureef daandiwwan duraanii sana irra deebi’ee yeroon ilaaluu kanaaf kan hin hojjene natti fakkaatan amma. Ilaalchan qarshiif qabu, sirna amantaan ofii kiyyaa qabuufi gatii koon irra baradhee. SOH naaf hin hojjene osoo hin taane dursa waan murtaa’e an baruu qabutu jira ture. Waa hundaa ol waanan yaade hunduu haa milkaa’u malee karaan milkeessuf yaade sana irra hin turre. Utuun mallatoolee sana hubachuun daandii jireenyaa kiyya hin jijjiire ta’ee kaampaanii kiyya kana ijaaruu hin danda’un ture.

QAPHXILEE HAFUU HIN QABNE.

Yeroo SOH fayyadamnuu waan nuun harkisnu sun bu’aa tokko wajjin kan walqabatedha. Yeroon kun hunda keenyaaf baay’ee barbaachisaa muuxannoo adda ta’ee bu’aa sadarkaa sammuu keenyaa kanatti kalaqne kana kan darbee deemuu danda’u itti kalaqanudhaa. SOH kun karaa sammuun keenya waan yaade sana argamsiisuuf hin yaadne irra waan yaadne sana nu harka galchuu danda’aa.
Qaphxii biraan ammo yeroo waan tokko yaadnee xiyyefanoon waan yaadne sana milkeessuf imallutti xiyyefanoon yaduun keenya kun waan yaadne sana nuuf kenna. Gartokkoon shakka kan imallu yoo ta’e garuu shakkun keenya kun qofti dandeetti dhokataa qabnu hamma barbaachisu baasnee akka hin fayyadamne nu godha.

Dhuma irratti nutii aaniisaa lubbun jiru addunyaa aanisaan hojjettu keessa warra jiraatan enna taanuu SOH jireenya dhugaa jiraanuu kan nuuf argamsiisu enna ta’uu, atimoo ofii kee nama guddaadha jettee of yaaduu dandeessuu sana shakkii ofiirra baleessuun qajeeltootii of yaadii.Kan yaadee hunduu SOH jireenya ati jiraattu ta’ee waan agartuuf.

Horaa bulaa!
Afaan Oromoon kan isiniif dhiheesse Tamasgeen axinaafuti!
Madda:http://www.collective-evolution.com/2014/05/16/what-you-are-not-being-told-about-the-secret-law-of-attraction/
Oromiyaa,Shaamboo irraa.
15/07/2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa