HAROORESSA QABSOO UUMMATA OROMOO: TARKAANFII; QUBA WALITTI QABUURRAA GARA QUBA OFITTI QABUUTTI-Barasaa Abera’tiin- Dubbisuun Dirqamadha!!

HAROORESSA QABSOO UUMMATA OROMOO

TARKAANFII: QUBA WALITTI QABUURRAA GARA QUBA OFITTI QABUUTTI…

Seensa

Barreefamni kun kan fudhatame, maxxansa (journal publication) koo kan afaan English dhaan “Addressing the Benign and Malign Factors of Oromo Struggles” jedhu irraa fudhatame. Amman danda’etti madaala barreeffama qoranno saayinsaawaa (scientific research) ta’e eeguuf yaalera, garuu kan Afaan Oromoon barreeffame kun irra caalan isaa yaada dhuunfaa kooti. Kanaaf dubbiftoonnis akkasitti naaf hubachuu qabu.

Lufinsa Qabsoo Oromoo
Qabsoon uummata Oromoo bifa qindaa’aa ta’een Jaarmiyaa siyaasaa jalatti ijaaramee ergu finiinuu jalqabee har’a kurnan shanii ol lakkoofsisee jira. Qabsoon uummatni Oromoo akka uummataatti gaggeessaa ture, har’as itti cichee gaggeessaa jiru kun wiirtuun isaa kan ijaarame MIRGA ABBAA BIYYUMMAA mirkaneessuurrattidha. Kun kanan ani afaan jaarsa Gadaa Oromootiin, HAROORESSA jedhee waamudha. Harooressi muka qal’aa solooloo ta’ee ijoo (kormammuu) hedduu toora galanii irratti argaman kan qabudha. Akka aadaa Oromootti, jaarsi raage ykn Gadamoojjiin ulee Harooressaa kana guyyaa dilbataa fi Garafansaa qabata. Uleen kun kabaja qaba, kanumarraan kan ka’e moora itti dibamee qooxii (haraatii) gubbaatti ol kaa’amee yemmuu inni bifa magaala baasee akka sootala Bosonuutti cululuqu, jaarsaaf siimboo fi ulfina dabalataa kenna. Uleen harooressaa dhalootarraa dhalootatti bifa dhaalaan daddarba. Yoo abbaan du’e ilmatu dhaala. Qabsoon uummata Oromoo ulee Harooressaa kana waliin waan isa fakkeessu hedduutu jira.
Oromoon mirga abbaa biyyummaasaa mirkaneeffachuuf gaaffiilee siyaasaa, diinadgee, aadaa fi eenyummaa of duratti qabatee kallattii garaagaraan falmachaa har’aan gahuun isaa dhalootarraa dhalootatti daddabarsuudhaani. Seenaan qabsoo Oromoo bifa qindaa’ee fi bilchina qabuun barreessu fi gulaaluun barbaachisaa ta’ullee, har’aaf kanan jalqabu bakkuma amma gaherraati.

Haaluma kanaan qabsoo Oromoo [uleen Harooressaa] su har’as dhaloota amma jirutti kan namoonnii tokko tokko ‘Dhaloota Qubee’ jedhanitti darbee jira. Xiinxalli koo gad fageenya qabaachuu baatus, ani ‘Dhaloota Qubee’ kana bakka sadiitti qoodeen ilaala:
1. Dhaloota Naaffate (the Complacent generation)
2. Dhaloota gubate/bade (the wasted generation)
3. Dhaloota Murteessaa (the critical generation)

1. Dhaloota Naaffate (the complacent generation): kan inni of keessatti haammatu dargaggoota hammeenya saba isaaniirratti ta’u osoo arganii fi balaa hammeenya sanaa osoo hubatanii, ijaa fi gurra isaanii qabatanii warra taa’anidha. Jarreen kun sammuu isaanii keessatti akkuma fedhe ta’ee jiraachuun qaba jedhanii waan of amansiisaniif, badiis haa ta’u tolli jiru akkuma jiruun osoo itti fufe jaallatu. Jijjiiramni jiruu fi jiraanya isaanii waan jalaa jeequ itti fakkaata. Kanaaf maxxantummaas filatu.

Kanumarraa kan ka’een, sirni (system) isaan keessa jiranis isaanitti hin bu’u; sirumaayyuu fedhii of eeggannoo (self-protection) gama lamaniif murteessaa waan ta’eef sirni jiru isaan tiksa, hojiitti ramada. Akkasumas gochaalee namoonni sirna sana gaggeessan irratti bobba’aan raawwachiiftuu ta’anii dalagu. Kun immoo akka isaan raftuu ta’aniifi ragada sirnichaa duwwaa ragadan isaan gargaara. Dargaggoonni kun, siyaasni hojii namoonni bu’aa muraasa qofa (pure business enterprise) argachuuf itti hirmaatan isaanitti waan fakkaatuuf, bu’aa inni karaa warra sirna sana gaggeessuu fidu (yeroo baay’ee saamicha qabeenya uummataan) qofa hirmaachuuf yaalu. Kunimmoo xiin-sammuu isaanii naafisee jira. Kanaaf dhaloonni garee kana keessatti ramadaman bilisummaa fi haaromsa saba isaanii haa hafuutii sabboonummaan iyyuu isaanitti hin dhagahamu.

2. Dhaloota gubate/bade (the wasted generation): Jarri kun ammoo warren siyaasaa fi shira biyya sanaa guutummaan guutuutti nuffee, atakaroo siyaasaa jalaa miliqee jiraachuu barbaadudha. Haqa dubbachuuf, dargaggoonni gartuu kana jalatti ramadaman, adeemsa qabsoo Oromoo keessaatti gumaacha guddaa kan gochaa turan yemmuu ta’u, amma immoo abdii kutannaadhaan of duuba deebi’anii imaltoota lafoo daandii guddicha siyaasaa (passive pedestrians on the political high way) irra tirachaa jiranidha. Amaloota gartuun kun calaqqisiisan keessaa tokko, gara manneen amantaatti baqachuun, qabsoo jalaa miliquudha.

3. Dhaloota Murteessaa (the critical generation): Dargaggooni gartuu kana jalatti ramadaman ammo warreen hiraarsaa fi du’a jalaa oolanii ammallee qabsoo irraa duubatti hin deebi’iin jiranidha. Jara kana dhaloota murteessoodha jedheen waama; sababni isaas jarri kun fuldurri isaanii fi kan saba isaanii guutummaatti kan walitti hidhatedha jedhanii waan amananiif, qabsoo saba isaaniif sagalee isaanii ol kaasanii dubbachuu irraa yoomillee duubatti hin jedhan. Garuu yeroo hedduu yaada ijaarsaa qabanillee baasanii akka dhiyeessaniif carraa hin argatan.

Faallaa gartuuleen lamaan duraanii, dhaloonni murteessaan kun dararaa isaanirra gahuuf furmaatni mul’ata jabaa qabaatanii qasootti cichuudha jedhu. Xumurri qabsoos yemmuu sabni isaanii wal-qixxuummaa fi haqummaa argatu dha. Wiirtuu qabsoo isaanii keessa, Oromummaa fi sabboonummaati jira. Kanaaf, dhaloonni gartuu kana jalatti ramadaman seenaa boonsaa kaanneen galmeessisaa jiran jedhamanii waamamu.

Xiinxala Qabsoo Oromoo Yeroo Ammaa (The Analysis of Current Oromo Struggle: Birds eyes view)
Erga sirni Gadaa jalaa ugguramee kolonii Absiiniyaa jalatti kufee kaasee qabsoon uummanni Oromoo gaggeessaa ture wareegama qaqqaalii gaafatus injifannoowwaan boonsaa lama fideera:
1. Akka barbaadametti ta’uu baatus, uummanni Oromoo aadaa fi afaan isaatti deebi’ee jira.
2. Ilaalcha tuffii fi walxaxa gaad-aantummaa (inferiority complex) kan irratti fe’ame ofirraa fonqolchee eenyummaasaa gonfatee jira
Garuu injifannoowwan dhiigaan galmaa’an kun akkuma dorrobanittu jiru malee firii hin godhanne. Qabsoon Oromoo doorrobe kun fuuldurrisaa waa lama ta’uu mala. (1) Ija ayyaantummaan (optimistically) yoo ilaalamee fi kunuunsu barbaachisu yoo taasifameef, firii gaarii godhachuudhaan gaaffii bara dhiibbaaf deebii quubsaa laata. (2) Ija farristuudhaan (pessimistically) yoo ilaalamee fi qabsoo dorrobe kanaaf kunuunsi barbaachisaan yoo godhamuudhaa baate, osoo firii hin godhatiin coolloga.

Ilaalchi kan jalqabaa (optimistic view) hawwii fi dheebuu uummata Oromoo kan ta’e Bilisummaa waliin waan wal simuuf uummata birattis tahe jaarmayoota siyaasaa mirga uummata Oromoo falmuuf ijaaraman biratti osoo ija hin sukkuumachiisiin fudhatama argata. Garuu kun ammaaf sadarkaa hawwiittidha qalbii nama coomsaa jira malee, qabatamaan bira gahuun dadhabamee jira. Maaliif dadhabamee?? Gaaffii jedhuuf deebiin kallattii garagaraatiin kennamaa ture.

Deebii #1: Jaarmiyoonni Oromoo kan qabsoo hidhannoo fi karaa nagaa irratti bobba’anii jiran amma humnii fi dandeettiin isaanii eeyyameef gaaffii kana irratti yeroo mari’atanii fi deebii laatan, cuunfaatti, akkana jedhu: “shira diinni xaxee fi saaphana diinni diriirsetu qabsoo keenya akka hin sochoone hudhee qabe” jedhu.
Fakkeenyaaf, finiinsitoota qabsoo Oromoo kan ABO durfamu keessaa tokko kan ta’ee fi amma bu’ereessaa ADO, obbo Leencoo Lataa kitaaba isaa ‘Peace Keeping as State Building: Current Challenges for the Horn of Africa’ fi kan biro keessatti akka ibsanitti, “ijaarsa sabummaa kan humna warra aangoo qabaniirratti irratti bu’uureffate bu’uura walitti bu’insaa ta’uurra darbeeyyuu qabsoo siyaasaa mormituuf iillee danqaa guddaadha ” jechuudhaan ibsaniiru.

Gama biraatiin, hooganaa paartii KFO fi hundeessaa qabsoo Oromoo kan karaa nagaa kan ta’e Dr. Mararaa Guddinaa barreeffamoota isaa keessatti (‘The Elite and the Quest for Peace Democracy and Development in Ethiopian: Lessons to be Learnt Grand failure’ jedhu keessatti yemmuu ibsu biyyi Itoophiyaa bara mootummaa ammayyaa shan argite keessaatti dandeettii walkeessumeessuu fi uummata biyyaattii ijaaruu dhabuu aanga’oota (Elite) biyya bulchaa turanii fi jiran irraa kan ka’e si’a shananuu kufteetti (The five Grand Failures) jedha. Kanas yemmuu guduunfu,
“[…] the summation of Ethiopian history of the last quarter of the 19th century and the whole of the 20th century clearly indicates, a lack of political will as well as the existence of little sense of history by the country’s dominant elite of the day, its determination to play a zero – sum game politics to the endgame, its lack of the art of compromise, its blurred vision of the future regarding the larger societal goals, its propensity for hegemony, its vanity of grandeur, and above all its successful failure to learn from past mistakes and history are all the hallmark of the succeeding generations of Ethiopian elites” (Merara, 2001:13).

Itti dabalees, kitaabota isaa kan afaan Amaraan barreesse kanneen akka ‘Ye Ithiopia Politica Miskilkil Guzo na Ye Hiwote mestaweshawoch fi Ethiopia na Ye buda Politica jedhaman kessatti, Dr. Mararaan, baroota dhufaa darbaaf daddaaqamnii fi kisaaraan siyaasa biyya Itoophiyaa mudate sababa gahumsa dhabuu fi ofittummaa hoogantoota biyya bulchaniiti jedhee lafa kaa’a.

Deebii #2: Xiinxaltoonni siyaasa Oromoo fi warren mirga ilman Oromoof falman (Oromo activists) akkasumas hayyoonni Oromoo qarqara qabsoo dhaabbatanii qeeqas ta’e gorsa gumaachanimmoo deebii #1 tti dabalataan akkas jedhu: “Rakkoo hamtuun hooggansa jaarmayoota siyaasaa keessa jirti”

Fakkeenyaaf, Activist ilma Oromoo beekamaa kan ta’e Jawar Mohammed barreefama isaa bara 2012 ‘Failure to Deliver: The Journey of OLF in the Last two Decades’ jedhee maxxanse keessatti, rakkoo hooggantoota siyaasaa irraan kan ka’e ABO’n kufaatii ka’uu hin dandeenye kufee jira jedha (‘OLF is the failed political organization beyond repair’). Guulala qabsoo Oromoo ABO’n durfamu kan kurnan lamaan darbanii yemmuu cuunfaatti lafa kaa’u, ABO’n dhaaba gahumsa hin qabnee fi tarkaanfii qabatamaa fudhachuu hin dandeenye yemmuu ta’u, maddi rakkoo kana gahumsa dhabuu hooggantoota dhaaba kanaa ta’uu hubachiisa. Kanaafis sababoota kan ta’an hedduu tarreessee, xiinxalee jira.
“[…] OLF is an inefficient Organization that lacks action….. So far, the problem brews only within active members. However the dissenters, overpowered by institutionally backed establishment, leak the information in order to expose the leaders. They do so to gain support and sympathy for their side” (Jawar, 2012:2).

Haaluma wal fakkaatuun, qabsaa’aa fi hayyuu beekamaa Oromoo kan ta’e Professor Aseffa Jaallataa, maxxansoota isaa heedduu keessaatti uummata Oromoo fi Dhaabota siyaasa Oromoo gidduu fageenyi hin barbaachifne jiraachuu erga tuqeen booda, qabsoo fi qabsaa’onni Oromoo bilchina akka hin qabaannes qeeqa. Keesummattuu maxxansa (journal) isaa bara 2007 “Oromummaa” jedhu keessaatti akka ibsetti, Sabboonummaa fi Oromummaan qabsaa’otaanis tahe hooggantoota Jaarmiyaalee siyaasa Oromoon bifa bilchina qabuun hin hubatamne. Kunis yoommiyyuu caalaa dargaggoota ammaaf (kan gariin ‘Qubee Generation’ jedhan) Oromummaan ykn sabboonummaa sirriitti baratamee barsiifamuu qaba jedhu. Sabboonummaan kun, akka yaada Professor Asaffaatti, ijaarsa haaromsa tokkuumaa hawaasa oromoof “a new Oromo national Community” bu’uura waan taheef wiirtuu qabsoo ykn sochii uummata Oromoo ta’uu qaba (Jalata, 2007: 72- 75). Itti dabaluunis, qindaa’ina yaad-amantaa dhabuurraan kan ka’e, gurmaa’innii fi Jaarmiyaaleen Oromoo lafaadha (“The Oromo are organizationally weak becauise they are ideologically incoherent” (Jalata, opt.cit p. 90)). Kanaaf furmaata kan ta’u hubannoo Oromummaa fi Sabboonummaa cimsuudhaan hooggansa gahumsa qabu akka oomishuu danda’u gochuudha jedhu.

Deebii #3 Deebii Uummataa (barattoota, hojjettoota, daldaltoota, qonnaan bultoota, barsiiftota): Deebiin uummatni bal’aan kennaa ture yoo cuunfamu: “(i) Osoo uummanni wareegamaa gahaa ta’e kanfaluu Jaarmiyaa siyaasaa jabaa dhabuu irraan kan ka’e, dhaamaatiin keenya urgaa bishaanii ta’e; (ii) hooggantoonni Jaarmiyaalee siyaasa Oromoo kan hordofan dhahannaa laphee isaanii malee dantaa uummata kan bu’uureffate waan hin turreef, gaafa barbaadan ijaaramaa yoo jibban digaamaa ooluun garbummaatti nu hambisani.”

Dimshaashumatti, deebiin qabsoo Oromoo hadhaba galteef kallattii garaagaraatiin deebiin kennamaa ture, quba namatti qabuu jedheen bira darba. Hunduu wal komachuu malee rakkoo isa bira jiru feccee miciraanshee baasuuf yaalii hin goone.

TARKANFII QUBA OFITTI QABUU

Qaamolee armaan olitti quba namatti qabaan turan dhihoo kana (waggaa 3-5 asitti) qubuma duraan nama birootti qabaa turan gara ofiitti garagalchanii yemmuun isaan qabsoo quucarteef mandhee rakkoo ofuma keessa barbaadanitu mul’ata. Mee tokko tokkoon haa ilaallu.

Jalqabarratti, Xiinxaltoonni siyaasaa fi Activistoonni Oromoo kan duraan uummanni Oromoo bilisummaa argachuu kan dadhabe Jaarmiyaalee barri itti darbe jalatti kurfaa’ee qabsoo bishaan tumuu gaggeessaa waan tureef jechuudhaan Jarmaayoota saboota birootti siqachuun qabsoo Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf yaalaa turan, dhihoo kana qalbiitti deebi’anii yemmuu isaan ‘raaga sobootu nu sobe’ (we were speculative) jedhan argina. Fakkeenyaaf, Jawar Mohaammed duula ‘I am Oromo First’ booda yemmuu sagantaa fi tarsiimoo qabsoo jijjiiree qabsoon uummanni Oromoo gochaa jiru kan saboota cunqurfamoo biro irraa adda isa taasisu waan jiruuf, tooftaa addaa akka isa barbaachiisu hubatetu jira. Kanaaf ammoo Jaarmayoota siyaasaa fi uummata oromoo waliin hojjechuun murteessaa akka ta’e kora adda addaa irratti hubatee hubachiisaa ture.

Lammeessoo, Jaarmayoonni Siyaasa Oromoos (keessumattuu kan qabsoo hidhanoorra jiran) dhihoo kana yemmuu isaan ‘rakkoon shira diinaa duwwaa osoo hin taane (inni akkuma jirutti ta’ee) hoogansa irraa kaasee tarsiimoo dhaabaatu qabsoo sabichaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf gahumsa hin qabu’ jedhanii of komatan argina. Of qulqulleessanii haroomsa barbaachisu gochuuf yemmuu yaalanittis walii galtee dhabuudhaan yemmuu gargar bibittinaa’anis mul’ateera. Garuu waanti bu’uurri asirratti hubatamuu qabu, namoonni dhaabota kana keessa jiran sadarkaa hooggansarraa kaasee hanga mandhee fi seeliitti, quucaruu qabsoo Oromootiif bilchina dhabuun tarsiimoo dhaabaa fi hooggansa jabaa dhabuun qaama rakkoo akka ta’an wal hubatanii jiru.

Itti dabalataanis dhaabbilee qabsoo karaa nagaa gaggeessan rakkoon hooggansaa akka jiruu fi fedhii uummataa waliin akka barbaadamutti tarkaanfachaa akka hin jirre, Dr. mararaa Guddinaa dhiyeenya dubbii biyya Amerikaatti dubbatanirratti irra deddeebi’uun kaasaniiru. Sirumaa Jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo qabsoo uummatichi bara 2014 irraa kaasee gochaa turerraa waan hedduu barachuu akka qabu kaasanii turan.

Sadaffaa, uummanni bal’aan kan duraan qabsoon Jaarmiyaa siyaasaatiin gaggeeffama, milkaa’innii fi fashalachuun isaas Jaarmiyachummarratti hundaa’a jedhee komii isaa ofirraa achi haqaaqaa ture, dhihoo kana yemmuu ofii itti darbee qabsoo finiinsu argina. Keessumattuu #Oromo Protest jedhamuun kan waamamu erga bara 2014 tii as jabaatee xumura bara 2015 rratti ammo bifa guutummaa Oromiyaa himaachiseen wareegama qaalii kanfalchiisaa sirna mootummaa bara kamiyyuu caalaa kan hundeedhaan sochoosaa jiru, jaarmiyaa siyaasaan durfamee osoo hin taane uummatichumaani. Kuni kan mul’isu, uummannis quucaruu qabsoo keenyaaf sababni dabalataa diina amma dandeenyu ofirraa haggachuu dhabuu keenya jechuudhaan of komatee murannoodhaan ka’uu isaati.

Amma, hundumtuu quba ofitti garagalchee mandhee rakkoo of keessaa feccee baasaa jira. Sanarra darbeeyyuu hafuura tokkummaa kan sabboonummaan urgaawe jalatti yaadaa fi humna qabu gara tokkotti luuccefatee sochii hanga har’aatti hin argamiin agarsiisaa jira. Garuu ammallee taanaan qabsoon dorrobde firii gaarii sana argamsiisuuf tarkaanfiin muraasni hafa. Ammahoo eenyutu komatamuu qabaa? Quba keenya eenyutti qabna? Sadarkaa kanatti eenyullee waan komatamuuf hin qabu, garuu muuxannoo argamerraa rakkoolee jajjaboo ta’an sadii fi yaada furmaataa ta’uu danda’u kan jedhaman cuunfaadhaan lafa kaa’uun ni danda’ama.

Rakkoolee jajaboo sadii amma jiran

1. Jaarmiyaaleen Oromoo kan qabsoo karaa nagaas ta’e hidhannoo adeemsisaa jiran sochii uummata bal’aa (#Oromo Protests) kana akka faayidaa kuufamaatti (potential advantage) ilaaluudhaan shoora qindeessummaa fudhachuu dadhabuun rakkoo hamtuu amma jirtudha.

2. Ummanni Oromoo ji’oota muraasaan asitti aarsaa jabaa kanfaluun injifannoowwan boonsaa hedduu galmeessisuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaadha. Garuu, wal dhageeffachaa socho’uun, har’a godina tokko boorummoo godina biraarraa ta’uun, qabsichis ta’e qabsaa’onni salphaatti akka to’annoo jala ooluuf saaxileera.

3. Hayyooni Oromoo kan biyya Ambaa (Diaspora) yeroo hedduu sagalee mormii keessan dhageessisuu fi walga’ii mootummaan Itoophiyaa biyya Ambaatti isiniif godhu fashaleessuu kayyoo jaraa gufachiiftanis, hojiin gama diplomaasiitiin hojjetamuu qabu amma deemuu qabu hin deemsifamne.

Furmaanni Jiraa Laata? / The Way Forward

1. Hayyoonni fi Xiinxaltoonni siyaasa Oromoo uummataa fi Jaarmiyaalee gidduutti riqicha cimaa ta’anii gorsaa fi wixinee fuuldura Oromoo irratti gummaacha barbaachisu kennuu danda’uu qabu.
2. Jaarmiyaaleen oromoo yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan keessaan amma waan barbaachisuuf, wal-ijaaruudhaan tarsimoo qabsoo dorrobe kana gara firii gaariitti jijjiiruu danda’urratti cichanii hojjechuu qabu.
3. Uummanni Oromoo hamilee amma qabu kana cimsatee yemmuu jaarmiyaaleen siyaasaa of-ijaaranii tooftaa qabsoo galma gahinsa kaayyoo dirsiisan, jala hiriiruudhan sochii ijibaataa gochuuf qophii ta’uu qaba.
Qabsoo Oromoo fi Rincica Siyaasa Itoophiyaa (itti fufa)

11391132_496104973871325_2011987057578551089_n

Barasaa Abera’tiin

(Barreessicha Argachuuf As Tuqaa)

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa