KAAYYOO JIREENYAA( SEENAA GABAABAA)-Kan Afaan Oromootti hiikee Tamasgeen Axinaafuuti.

KAAYYOO JIREENYAA( SEENAA GABAABAA)

Arradaa xiqqoo tokko keessa namicha oggeesaa tokkotu jiraata turee. Geggeesaa bulchiinsa naannoo sanaa yeroo ta’u ilaalchaafi yaada dhimmoota garaagaraa irratti qabuun jaallatama turee. Namootni yeroo gorsa dimma isaan quunname irratti barbaadan isa bira deemuun gorsa waa’ee jireenyaa isaanii jijjiiru irraa fudhatuu.
Garuu akkuma walfaana tolee hin tolu jedhan mucaa dadhabaa yeroo isaa nyaata, hirribaafi hiriiyoota isaa waliin oolmaa gaarii hin taane irratti balleesu tokko qaba turee. Mucaa isaa kana gorsaan mitii dullaan sirreesuun hin danda’amnee. Yeroon akkuma fuldurratti deemuu ishee itti fufteen dullumni balbala oggeesa kanaa rurrukutuu waan eegaleef lafa dhihee bari’u yaaddoon isaa waa’ee dadhabina mucaa isaa kanaa ta’e. Utuu hin du’in dura mucaa isaa akka ittigaafatamummaa ofii isaaf maatii irraa fuudhuuf waan tokko gochuu barbaadee.
Guyyaa tokko tokkicha mucaa isaa ofitti waamuun “ dhala koo, amma guddattee jirta. Ammaan booda jireenya hubachuun itti gaafatamummaa kee ofiin bahachuu qabdaa!” jedheenii.Ciinqiin abbaa isaa mucaa waan dhibeef “ Abbaa, yeroo hundaa daandii anatti agarsiisuuf gama koo jirtaa. An simalee baduu kootii…” jedheenii. Abbaaniis mucaa isaa kana ofitti qabee hammachuun “ an wanti an sirraa barbaaduu kaayyoo jireenyaa kee isa dhugaa soqxee akkaa bira geessuudhaa. Erga argatte yoo yeroo hundaa kan yaadattu ta’ee jireenya gammachuun guute jiraachuu dandeessaa” ittiin jedhee.Mucaaniis barumsii dhibee jireenya isaa kanatti isa fayyisu maal akka ta’ee barruuf hawwii guddaan keessa isaa bulee.
Guyyaa ittii aanuu abbaan isaa qalqalloo tokko itti kennee. Mucaan yeroo qalqalloo itti kenname kana banuu uffata cimdii waktii afuransaaf barbaachisan, galaa nyaataa, Midhaan , Misiraa ittoof ta’uu, qarshii muraasaafi Kaartaa keessatti arguun isaa isa ajaa’ibee. Waan qalqalloon isaa baate kana maal gochuu akka qabu utuu yaadaa jiruu abbaan isaa “ akka ati qabeenyaa gati jabeessa kee soqxee bira geessuun barbaada.Bakka qabeenyichi itti awwaalamee jiru kaartaa harkakee kana irratti waanan kaaseef deemtee barbaadutu sirra jira ” ittiin jedhee. Ahaa, waan abbaan koo sila dubbachaa ture kana jechuudhaa? Kaayyoon jireenya kiyyaa inni dhugaan qabeenyaa gati jabbeesa rakkoo jireenya kiyyaa hunda furu kana barbaadee argachuudha jedhee waan yaadeef waan abbaan isaa jedhe gammachuun fudhatee. Guyyaa itti aanu imala isaa gara qabeenyaa gati jabbeesa kana barbaachuutti godhu eegaluuf barii obboroon ka’ee Imala isaaf qophaa’uu eegalee. Bakkii kaartaa irratti akka dhaquuf kaa’amee baay’ee fagoo fagoo yeroo ta’uu achi gahuuf gaara, laga , bosonaa fi irraangadeen isa quunnamu kan itti baay’atu turee. Erga galma isaa gahee qabeenyaa sana harkaan gahatee boodaa abbaa isaatti deebii’ee agarsiisuu akka danda’uf abbaa isaaf umurii rabbiin kadhatee.
Imala isaa akkuma eegalee itti fufeen guyyaa, torbanniifi ji’oottan hedduu fulduratti deemuu irratti dabarsee. Daandii isaa gubbaatti namoota hedduun walquunnamee. Namootnii tokko tokko nyaataa,kaan ammoo da’oo kennuf turee. Akkasumas namoota qabeenyaa isaa hatuufi saamuu barbaadan waliin wal argee. Yeroo imala isaa kana teessuma lafaa garaagaraa keessa godhu kanattii suuta waktiileen wal jijjiiruu eegalanii. Birraan gara bonaatti, bonni ammo gara gannatti jijjiiramee. Yeroo haallii waktii hammaatuu deemsaa isaa irra yeroof dhaabachuun deemsa gara galmaa isaa itti fufee. Qabeenyaa isaa kana namni kan biraan utuu bira jalaa hin gahin argachuuf onnatee imala xiiqii deemaa jiraa.
Yeroo dheeraa erga deemee boodaa dhagaa guddaa qarqara galaanaa dhaabbatu tokko kan abbaan isaa lafa qabeenyaan gati jabeessi sun itti argama jechuun kaartaa irratti kaasee itti kenne bira gahee. Abbaan isaa muka naannoo dhagaa sanaa kan qabeenyaan sun jalatti argama jechuun eereef sana oliif gadi fiigee yeroo ilaaluu waan muka jedhamu naannoo sanaatti arguu hin dandeenyee. Guyyaa lamaaf muka naannoo sanatti argamuu barbaadee qabeenyaa isaa achi jalatti awwaalame baafachuuf ifaajee waan dadhabbeef gaafa guyyaa sadaffa deebi’uuf murteessee.
Soba abbaa isaa amanuun ergaa hamma kana dadhabee booda gara manatti deebi’uuf imala isaa eegalee. Daandii isaa irratti akkuma yeroo dhufee waktii jijjiramuufi taa’umsi lafaa addaa garaa isa quunnamee. Alana garuu illilli birraa reefuu dhootuu fi simbirroo masqalaa bokkaa roobu keessa raggadu ilaaluun ajaa’ibsiifachuu eegalee. Aduu kabajaan dhiitu ilaaluun galgalli gannaa naga qabeessa ta’uunsaa isa bohaarse. Nyaata isaa adamsee argachuu, uffata isaa ofii hojjetachuufi haala qilleensaa hamaa irraa of eeguu baratee. Ifa aduun yeroo isaa herreguun imala isaaf karoora baasuu baree. Akka itti bineensa hamaafi biqiltoota qoree qaban irraa itti of eeguus baree.
Namootni isa gargaaran akkuma duraanii ennaa isa quunnaman dhaabbachuun yeroo isaan waliin dabarsuun waan danda’een erga isaan gargaaree booda galata isaa ibsatee bira darbuu eegalee. Nama isaaniif keessumaa ta’ee kan daandii sana irra darbuu irraa utuu deebii hin eeggatin gargaaruun isaanii akkam nama gaarii ta’uu isaanii akka ibsu irraa baree.
Yeroo mana gahu waggaa lama guutuu akka manaa_ala jiraate hubatee. Akkuma mana gaheen gara kutaa abbaa isaatti darbuun abbaa isaa boqochaa jiru arguu isaatti gammadee.Gara abbaa isaattis suuta akka hirribaa irraa isaa hin jeeqne ta’uun qaxxisee “ abbaa…” jedhee sagalee asaasuun walirra hin jirren. Abbaan oggeesii kun haala inni hin eegneen ija isaa banuun akkaa mucaa isaa argeen ka’ee dhaabbatee naasiseenii.
“ Akkam ture imalli kee dhala koo? Qabeenyaa kee sana argattee?” jechuun gaafateenii.
“Imalichii kan nama hawwatu turee. Garuu dhiifama naaf godhi abbaa koo! Akkan yeroo hundaa si aarse niin beekaa. Garuu qabbenyaa koo sana bakka ati kaartaa irratti anaaf himtee argachuu hin dandeenyee. Namnii kan biraan ana dura achi gahuun waan fudhaten se’aa” jedhee deebiseefi. Silaa aaruu kan qabu tasgabbiin abbaa isaa dhiifama gaafachuu isaatti baay’ee of dinqisiifachaa jiraa. Abbaan isaa fuula nama hawwatuun erga seeqee booda akka inni isa bira gadi taa’uuf afeereenii.
“ Qabeenyaan gati jabbeesii waan achi hin jirreef dhabdeem dhala koo” ittiin jedhee ammas seeqaa.
“ Garuu maalif akkaan barbaaduuf ana ergiterre?” jechuun gaafatee mucaan. Abbaanis deebisuun “Maalif akkan ergee booda siifan himaa. Dursa imalli ati qabeenya gati jabbeessa sana barbaaduuf goote akkam akka ture naaf deebisii.Waktii fi teesuma lafaa jijjiramuun bohaartee? Ofiikeen of dandeessee namootaa haara waliin jiraachuu shaakalteetta? Daandii gubbaatti hiriyyaa gaarii baafateetta?” jechuun gaafateenii.
“ Lakkii abbaakoo. Hamma libsuu ijaallee xiyyefannoo koo imala koo irraa hin kaasne. Kana hundaa gochuuf yeroo hin qabun ture. Sababni isaas xiyyefannoon kiyya inni guddaan utuu namni kan biraan achi gahee qabeenyaa kiyya sana hin fudhatin achi gahuu irra waan tureef kan ati jette hundaa ilaaluuf yeroo hin argannee. Eyyeen yeroon achii as deebi’u kan ati jette hundaa godheera. Kan an sii himuu barbaaduu imala kiyya achii as deebii irratti bohaareen jira. Dandeetti haaraa hedduun baradhe. Oggumaa ofiin of jiraachisuun irraa baradhe. Kana irraan kan ka’e ture kan an midhama qabbenyaa sana argachuu dhabuun anatti dhufe irra dandamachuu danda’ee.” Jechuun deebiseefi.
Abbaan isaas harka isa qabuun “ Dhugaan jiru akkamiin jireenya kee geggesuu akka qabdu baruu waan barbaaddeefi kaayyoo jireenya kee barbaacha imaltee…Garuu kaayyoo jireenya kee faana bu’uun imala jireenya jedhamu kana utuu kan imaltedha ta’ee kaayyoo kee sana bira gahuuf waan deemtuuf qabbenyaa dhugaan gati jabbeeyyi ta’aan utuu hin argin hafta turte. Dhugaan ati baruu qabdu tokko jireenyi jiraachuufi guyyaa guyyaatti isaa waliin guddachaa deemuu irran kan hafee gutummaa guututti kaayyoo biraa hin qabu” ittiin jedhe.
Seenaa kana irraa maal baranaa? Yeroo kaayyoo jireenyaa baafannu yoo hiikkaa ykn waan guddaa irraa hin eegnu ta’ee qabeenyaa gati jabbeessa isa dhugaa kan ta’ee gammachuu yeroo qabnu hunda isaatti argannaa.
“ Nama ta’uuf uumamte ta’uuf ykn ga’umsa qabdu guutuumma guututti fayyadamuuf guyyaan hundaa kaayyoo jireenyaa keessa jiru isa tokkicha”


Horaa bulaa
Kan Afaan Oromootti hiikee Tamasgeen Axinaafuuti.
Madda:http://www.theeurekalife.com/the-purpose-of-life-a-short-story/
08/07/206, Oromiyaa magaalaa Shaamboo irraa!
Yeyis , Moti , Lalisaa , Ximqataa, Eebbisaa, Yoomiyyuu, Oroliyana , Lalise, Yibeltal , Fayyiftuu, Aboma,Beekan, Marsiimoy, Bilisummaan, Derara, Kanaol, Eliyas Atnafu, Siikoomaando, Sanyii Bal Aachoo

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa