WAA’EE BARREESSAA BEEKAMAA BIYYA AMARIKAA TOKKOO…Kan Hiike Tamsgeen Axinaafuu’ti

WAA’EE BARREESSAA BEEKAMAA BIYYA AMARIKAA TOKKOO…


mark-twainMark Twain (1885_1910) barresSaa kennaa guddaa qabuu, hasawaa taasisuu nama danda’u fi nama qoosaa beeku ta’uunsaa hojii isaa keessan nama callaqqisudhaa. Akkuma barrefamootnii isaa jaallatamaa deemeen beekamtii fi fudhatamumma inni Amerikaatti qabu dabalaa dhufe. Yeroo sanatti Ameerikaan biyya reef hundeeffamtu ta’uu irraan kan ka’ee Aadaa himatu hagas mara waan hin qabneef awuropaanotnii maqaa masoo warra fokkatoo jechuun waamuun isaanii waan barame ture. Mark Twain yeroo beekamtiin isaa guddatu gara biyyoota garaa garaa deemuun dhaggeffatoota isaa dandeetti qabuun afaan qabachiisaa ture. “Paaris keessatti yeroon afaan Faransayiin itti dubbadhuu callisaanii afaan anatti banuu. Goowwota sana akka isaan afaan isaanii hubatan gochuu irratti naaf milkaa’ee jira” jedha.

Namni kun kan inni guddate Hannabil, Missori yeroo ta’u bakka kanatti ture hojii isaa gurguddo lamaan “Huckleberry Finn” fi “Tom sawyer” jedhu eegale. Hojjiwaan akka wirtuu gaazeexaaf Tayippi sirreesuu, Pirenteraa irra , Doonii oofuu fi Warqee baasuu irratti hojjetee jiraa. Achumaan kana hundaa of harkaa gatuun xiyyefannoo isaa gara Gaazexeessumaatti naannesse. Yeroo kana ture kan inni addunyaa barrefamaatti seene.

Oggumaan isaa addunyaa barrefamaa kan isa sooromse yoo ta’eyyuu isa ofirraa dhiisuun fuula isaa gama Investmen’tiitti jijjiruun isaa hiyyumaa itti fidee. Bu’aa barrefama irraa argatee fi dhaala haadha warra isaa gara investimentiichaatti dhangalaasuun ,Maallaqa yartuu kan inni irratti baasee mashinii Tayippi irratti qofaatu xiqqo kan abdachiisee turee. Mashinichii bu’aa kan argamsiisu ta’ullee ammaa ammaa waan cabee hammaateef gabaa inni gama sanaan qabu jalaa kufe. Rakkoo maallaqaa isa quunname kana irra kan inni dandamatee gargaarsa nama maqaan isaa Henry H.Roggers jedhamuun turee. Sanaan booda suuta waan kasaaraa isaa irraa dandamachuun gara barrefamaa isaatti waan deebi’eef liqii isaa cufa offirra baasuu danda’ee jiraa.

Mark Twain jechamoota isaanis nii yaadatama. Jechamoota isaa keessaa muraasa waliin haa ilaallu!
# Dhugaan gati jabbeesa. Kanaaf kunuunsii!
# Sammuu ofi qaroomsuun hammam baay’isnee waa’ee keenya akka yaadniifi dhimma nama biroo ammo baay’ee akkaa dhimma itti hin qabne mul’isuuni.
‪#‎Jireenya‬ keessatti waan nu barbaachisu dhimma qabaachuu dhiisuufi offitti amanamumma qabaachuu dha. Milkaa’inni haala kanaan ofiin dhufa.
# Midhamuu yoo barbaadde hiriyaafi diinaa kee waliin hojjechuutu si barbaachisa. Yeroo dinni kee maqaa kee xureessu hiriyaan kee ammoo akka dhufee siif himuuf.
# Wantootnii xixxiqoo hedduun kan isaan guddatan beeksisnii sirriin hojjetamuuniniifi.
# Yeroon ijjolee turee yoo ta’ees ta’uu baatees waa hundaa niin yaadadhan turee.
‪#‎Akka‬ gowwaa turteettis ta’u akka miseensa koongireesii turteetti of yaadii. An garuu waanan sitti himu ofii kiyya akkan turetti.
‪#‎Addunyaa‬ keenya irratti gootummaan cimina qaamaan baay’inaan jira. Gotummaan sammunii garuu yartuudha.
# Oddesitee waa’eekee shakkii namootnii qaban dhabbamsiisuu irra Afaan kee cufachuun namootnii gowwaadha jechuun akka siyaadaan gochuutu caala.
‪#‎Yoo‬ saree beela’ee kaastee nyaata yeroo hundaan duroomsitee deebi’ee si hin ciniinu. Garaagarumman namaaf saree kanaa.
‪#‎Battalumaan‬ gaafii deebisi jedhanii yeroo ana gaafatan natty tola. Hin beeku waanan jedhuuf.
# Namaa wajjin waldhabuu hin barbaadu. Yoo namnii sun sirra hin deebi’u jedhe kabajaafi dhifamaan fudhee ergan bakka dhoksaan gahadhee boodaa niin ajjeesaan.
‪#‎Yeroon‬ mana barumsaa koo akka innii barumsa koo waliin na jalaa maku hin fedhu.
‪#‎Awwaalcha‬ irratti hin hirmaadhuu. Garuu xalayaa baay’ee bareedu du’ii sun ta’uu akka qabu mirkaneessu koo kan ibsu barreseen ergaa.
‪#‎Dursaa‬ dhugaa jiru barbaadii argadhuu. Achiin boodadha kan ati hamma itti quuftutti jallisuu dandeessu.
‪#‎Barnootnii‬ : oggesootaaf nii ifa, dadhaaboota jalaamoo nii dhokata.
‪#‎Namnii‬ Ingilizii kan inni waa dalaguu hojjetee waan beekuufi. Namnii Ameerikaa ammo kan inni hojjetu hojjete waan hin beekneefi.
‪#‎Yeroo‬ hundaa badii saaxiluuf ifaajii. Kana gochuun kee warra aangoo irra jiran itti gaafatamumma irra darbatamaan gochuun akka atii irra caala hojjettu si godha.
#Yeroo hundaa waan sirri hojjedhu. Akkas gochuun kee namoota yartuu akka isaan si galatomfattan gochuun warri hafan ammo akka isaan si dinqisiifatan godha.
‪#‎Oggesaa‬ baankii jechuun nama uffata bokaa isaa yeroo aduun jirtu siif ergisuun yeroo roobnii eegalu ammo akka ati deebistuuf nama barbaadudha.
‪#‎Sobnii‬ dhugaa qophee isaa keessa kaawwachuun addunyaa nanna’uu danda’aa.
‪#‎Jannata‬ ykn si’ooliinan dhaqa jedhee filachuu hin fedhu. Sababni isaas bakka lamaan isaatiyyu hiriyaa waanan qabuuf.
‪#‎Jaalala‬ biyya jechuun biyya kee yeroo hundaa gargaaruu yeroo ta’uu motumma garuu yeroo inni gargaaramuu qabu gargaaruudha.
‪#‎Iccitiin‬ dura bu’aa ta’uu eegaluudhaa.
#Yeroo yaadnii kee kan argumuun ol fagaatee deemuu ija kee amanuun nii ulfaata.
‪#‎SODAAN‬ DU’AA SODAA JIREENYAA IRRAA MADDA. NAMNI JIREENYA JIRAACHUUF UUMAME JIRAATEE DU’I MATAA DHUKKUBBI ISAA MITI.
‪#‎Kabaja‬ qabaachuun sagalee duudaan dhagahuufi jaamaan arguu danda’udha.

13516408_944807245631897_3713602070774446263_nKan Hiike Tamsgeen Axinaafuu’ti

Madda:https://americanliterature.com/author/mark-twain/bio-books-stories

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa