“BORU IIDA!” – ASOOSAMA GABAABAA (Seenaa ijoollummaa irratti kan hundaa’e) == Kutaa 2ffaa === Barreessaan: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit “BUQQEE TIYYA..!”

“BORU IIDA!” – ASOOSAMA GABAABAA
(Seenaa ijoollummaa irratti kan hundaa’e)

== Kutaa 2ffaa ===

“BUQQEE TIYYA..!”

Fillicni gaaffiin an gaafadheef deebisaa hin laanne. Akka nama hin dhagayiniitti beeyladaan isaas waan biraa fagaataniif jala fiigaa kute. Anniis na sodaachiisuu isaa hubadheen onnee horadhe. Amma xiqqo qalbiin na wayyooyteen akka nama kan torbee guutuu harganuutti qilleensa gara somba kootii ol galfadhe.

“Galooyee galaa gahee,
Aduutu qarree gahee,
Mooraa nurraa humnaayee,
Jabbii marratee booyee….
Way! Galooye…..” jechaa beeyladaa tiyya faarsee kara gala fuula deeffachiise.

Beeyladaleeniis akkuma waan afaan beekanii morma isaanii ol qabanii, gurra dhaabanii gara kiyya mil’atan. Keessattuu ‘Daraniin’ ol godhattee, maala isii dheeraa yoo marga dheeddu akka sijaajaa lafarra shorroqu san raasaa takka ana, takka immoo gara beeyladoota kaanii laaltee mataa lulte. “Haa galluu” jettee waan ajajju fakkattii. Yoo isiin tarkaanfii jalqabdu akka waan “tole” jedhanii faana bu’an fakkaatan.

‘Daranii’n maqaa sa’aa guddaa bifaan diimaa kan loon warri keenya qabu hunda horee dha. Tan daraniin dhaltee ‘Daaloo’nuu jabbii amma golaa qabdu waliin shan horte. Daraniin immoo kudha lama dhaltuus ‘Daaloo’ waliin yoo wal biratti laalan ammallee goromtii fakkaatti. Aanan taatu baaldii elmamti. Isii hin gahin malee horteen isii marti akkasuma. Daraniin immoo amalaaniis, naamusaaniis, bareedinaaniis…. waa hundaan tokkoffaadha. Yoo elman koshoodha, hin finciltu. Keessattuu anaaf isiin walitti jaboo dha. Yoon barbaade mucha isii jidduu seeneen aanan irraa luuga. Yeroo gariis waan bishaan itti gaara geeyfadhuttiin elmadha. Hin dubbattu. Yoo rifeensi na nyanyaateef yayyaameen dura ta’a. Hoggaan isii arrabaan miicee, naaf filte na dhiisa.

Eegaan tiiysuu jalqabe Daraniin guyyaa tokko qofa na aarsitee beeyti. Akkumaan obaaf laga geeysetti, eegaan bishaan obaasee booda hiriyoota kiyya kan bishaan daakan arke. Beeyladaa tiyya dirree baxxallee laga cinaa takkatti achi qabeen aniis uffata firraa yaasee dhagaa tokko irra kaayee bishaan daakuuf itti if darbe. Yeroon bishaan daakee laga keessaa ol bahu Daraniin shamiziin ani firraa baase afaanitti alanfachaa jirti. Saniifuu shamiza eega bitamee hin turin, hoggaasitti isa malee waanin kaayadhu hin qabne nyaachaa jirti. Hoggaan fiigee afaanii fuudhu shamiziin gingilchaa ta’ee, ayaa irraa bahee jira. Yoon laalu uunkaan susuntuuree, shubamee, halluu jijjiirratee addaan dheeratee sabbata cirame fakkaata. Guyyaa san akka malee na aarsite. Akka waan beekaa histiif goote na fakkaata. Eega immoo nadhaaf nyaachuu isiin bare. Shamiziin san ittiin dafqa, yeroo gariin harkoo isaa waaniin funyaan irra if baasuuf harkoon isaa hayxuu furriiti. Dafqaaf furriin dhandhama soogiddaa waan qabaniif isiin nadhaa itti baate edaa!.

Beeyladaan teenya hundi maqaa qaban. Bifa, dheerina, naamusaafi mijjaan isaanii laalamee kan moggaafamuuf yoo tahu, isaan marti maqaa isaanii sirritti beekuun isaanii immoo arrallee waan ajaa’iiba na tahu irraa tokko. Yeroo hunda yoon bobbaasuus tahee yoon galchu Daraniitu dura deema. Daraniin dura buunaan Daaloon, Qulfiin, Ayyaan, Gaarree, Daammii…… jabbileen gama boodaa bu’anii, akkuma waan umriin hiriira seenanii wal faana karaa galaa qajeelan. Tartiiba beeyladaan itti deeman san amma yoon yaadadhu “Loon kabajaafi ulfina namni waliif dhabe, xiqqaan guddaa kabajuu dagate kana ni beekan edaa?” tan jettu na keessatti uumuun hin oolle.

Kaniin duraan hin jerjerfatin amma fuulaan gara manaa qajeellaan yaada lamaatu sammuu na lixe. Ededa xoosinnuu keessaa bahee yoon mataqomaan gad garagalu yaadni shakkii buqqee tiyyaa natti jabaatuus garuu kan salphumatti injifate ol’aantummaa qabate yaada ‘haqal-iid’ ture. Hangaan manatti galuu sammuu kiyya guututti namootaan boru ganamaan ‘haqal-iid’ irraa fudhachuu qabu tilmaammachuun kan qabame ture. “Eessumman kiyya lama, aayyoo tiyya, haboo xiqqoo, adaadaa tiyya, hiriyaa obboleessa kiyya hangafaa….. ” niin tartiibeesse.

Eegaan bara dheengaddaa iida soomanaa gammachuu hir’uun kabajee booda iidni arafaas dilas nan gammachiifne ture. Akkuma amala isaa baranaas kunoo soomanni naanna’ee dhufee iidni gahee jira. “Laata iidni baranaas akkuma kan bara dheengaddaa hir’uu tahinnaa laata?

Yeroo san ji’a soomanaa kan muuxannoofi yaadannoo addaatiin guutame waan taheef baayyeen jaaladha. Yeroo sanitti itti milkaa’uu baadhuus garuu, soomanaas tahee iidni hedduu natti tola. Iidni gahuu dura soomanni seenuutuu naaf iida ture. Gammachuun tiyya soomanni seenuu isaatiin dura qophii simannaa isaatiif maatiin koo godhan irraa jalqaba. Wantiin gammaduuf baayyeedha. Amma gad fageenyaan hubachuu baadhuus yoon tilmaamu garuu jijjiiramoota soomanicha waliin dhufan baayyeen isaanii kan yeroo biraatiin addummaa qabaachuu isaati. San keessaa tokko ibsaa maashooti. Mana keenya qofa osoo hin tahin baadiyyaa naannoo keenyaa guutuu hanga ijaan nutti mul’attu san ibsaan elektiriikii wanti jedhamu hanga ammaa abjuunuu hin jiru. Ani gaafas korrantii isaa ifu guyyaa tokko kan harmeen tiyya fira keenya kan biyya biraa jiruuf suuraa erguuf jecha walitti qabdee magaalaa Qobboo nu geessitee footoo kaane qofaan arkee beeka. (Qis…qis.. qis…! Mudannoo gaafasi taniin ibsaa kaameeraatiin baarage hanga arraa yoon yaadadhu kophaa koon akka maraataa kofla.)

Korrentiin ani beeku kan ifu osoo hin tahin muka korrantii kan magaalaa Calanqoo fi Qobboo jidduu diriiree jiru kan hamashaa sadi wal irraa jalaan qabu, hamashaa sadeenuu gubbaa macariin furdoon diriirtee jirtuu sani. Muka korrantii jennaan. Muka korrentii kanaahu gaara dabaa bakka beeyladaa tiksaa oolluttiin beeka. Mukni korrentii kun karaa adii (konkolaataa) irra deemaa dhufee karra irreessaa xiqqo as dabree meeyxuu Aw-Usmaaniin gad maqee gaara dabaa kan nuti beeyladaa tiksaa oollu kana keessaan ganda Haajiifi roobaa gad bu’ee achumaan ganda Erer’iin gara magaalaa Qobboo qaxxaamura. Bifuma muka korrentii saniin utubaa muka korrantii irra gabaabaa, kan macariin tan korrantii irra qal’oo afur wal tarree gubbaa irra diriirtuu yoo tahu inniis muka silkii jedhamuun beekna. Silkii jecha jedhu kanaas macarii kan jedhutti malee kan bilbila ittiin bilbilaniif fayyadu tahuu isaa yeroo san hin beeku ture. Kanaaf waan macarii tahe hunda maqaa ‘silkii’ jennee yaamna ture. Kana qofaa miti karaan naannoo saniituu karaa silkii jedhamuun beekkama.

Kanaaf ganda keenya korrentiin waan hin jirreef ji’a soomanaa guutuu maashoo ibsatan. Yoo soomanni bahu immoo lambatti deebi’uun waan hin oolleef silaa waggaa guutuu ifaa maashoo adii ‘faa..!’ jedhee mixii lafa deemtullee mul’isu san waliin turee gammachuun koo guddoodha. Aniis kanuma irraa maashoon qabsiifamuu kana waaniin baayyee jaaladhuuf, soomanni seenuuf guyyoota muraasa durfamee yoo gaaziin ykn boba’aan maashoo jarkaaniin liitira 10 bitamu irraa gammachuun kiyyaas jalqaba ture. Gammachuun kiyya kan biraa ‘atoorara’. Ani atooraree osoo hin taane namoonni gandaa mana keenyatti walitti dhufanii yoo atooraran baayyee natti tola. ‘Atoorara’ jechuun sirna abboottiin keenya halkan walitti dhufanii waliin jimaa qama’aa, rabbi kadhataniidha. ‘Atoo-raraa fi Axee-raraa’ waan jedhamuutu jira. Sirna ‘atoo’ fi ‘aaxee’ itti ofirraa darbuuf rabbi itti kadhatanii dha.

Yeroo atooraran kana maashoon qabsiifamtee, ‘manzuumaan’ teephiin yoo didichu, dabree hiraabni yoo gahu hedduu natti tola. Soomana kana duraa guutuu soomanee hin beeku. Kan baranaa immoo guutuun soomanetti maatiin na beekan. Keessattuu harmeen tiyya akkaan soomanu waan feetuuf guutumattiin soomanetti na beekti. Garuu ani….! “Niin hima moo dhiisu?” Waaniin irra dabreefi yaadannoo ijoollummaa waan taheef rakkoon qabu, niin hima. Ani soomanniin soomane yoo guyyaa kudhan tahe ni guddate. Yoon galu immoo soomanaan oolu kiyya na beekan. Dubbiin akkana.

Ani hiraaba nyaadheen hoggaa bari’e kara mana baruumsaa deema. Achii galeen beeyladaa gaaratti bobbaasa. Asrii yeroon galcheen zeeytuna ooyruu teenya keessaa jiru galgala hoggaa soomana fureen nyaadha jedhee guuree taguuga gola keessa jiru duubatti dhooysee kaaya. Isaan arra kaaye boru hoggaan beeyladaa bobbaasu fudhadhee waytaan mana irraa fagaadhe nyaadha. Yookaa immoo gaafaan akka carraa hin guurratin fiiltuu mixaaxis (lafa bara dheengaddaa mixaaxis irraa gara galchan mixaaxis lafa keessatti hafe irraa tan biqiltu) qonnee nyaanna. Galgala yoon galu hidhii tiyya riigee goggoosseen gala. Soomana jechuun yoo hidhiin nama goggooyde qofa natti fakkaata ture. Kanaaf yoo hidhiin jiituu na taate waan hin soomanne naan jedhan natti fakkaata ture. Kanaaf gaafa garii biyyee itti rigeen goggooysa ture. Kana mara maaltu si cinqe naan hin jettaniiree? Yoon soomanuu baadhe waa baayyeen dhaba. Kan duraa, wayta maatiin walitti galtee bakka takkaa ‘hafxiran’ san ergaatu natti baayy’ata. “Ati hin soomannee miti, mee booda nyaattaa waan san fidi, tana as kenni…..” joolleen narra xiqqoo marti na ergachuu feeti. Aniis akkana hin jaaladhu. Guutumattuu kabajaa hin argadhu. Tana dheefaan aniis mal’aa takkattillee taatu soomana oolchuu kiyya galmeessisa. Tan biraa ammaas waan soomana itti furan kan akka shorbaa, timiraa, hulbaafi kkf carraan argachuu kootii dhiphaadha. Gaafa iidaas yoon soomane waan iidaa ‘haqal-iid’ wayyaan argadha. Kanaaf soomanuu qofa osoo hin taane soomanuu kiyyaas beeksisuuf tooftaa adda addaattin fayyadama. Isa keessaa tokko halkan yoon hiraabbadhu harmee tiyyatti himeen “Soomana naaf hidhi” jedhee soomanuu kiyya beeksifadha. Galgalaas naamusa horeen adabaan akka nama soomanni laaffiseetti ta’a.

Iida baranaa wanti adda godhu yoo jiraate anaafi hiriyoonni kiyya lama magaalatti godhuuf karoorfannee jirra. Magaalaa Calanqoo dilas hin jedhamin malee xiqqo nurraa fagoo dha. Keessattuu yeroo sanitti magaalaan Calanqo irra guddoo waan Addunyaa irra jirtu nattin fakkaatu. “Namni moormoor hin arkin cuuncuuna dinqisiifata” jedhanii mitiiree? Kanaaf magaalaa Calanqootti iida godhuuf baasii nu barbaachisa. Waliigala baasii nu danda’u yoo tilmaamaan shaleeynu tokkoon tokkoon keenya qarshii 10 fi irraa ol qabaachuu qabna. Baadiyyaan ani itti dhaladhe san qilleensi magaalaa waan irra bahuuf xiqqo foolii baadiyyaa gurraattii san hin qabdu. Fooliin maagaalaa tan akkam akka taateefi garaagarummaa foolii baadiyyaa irraa qabdu immoo tan akkami? Ani hin beeku. Haatahuu malee yeroo sanitti magaalaan akka waan burqaa qaroomaa taateetti waaniin hubadhuuf foolii urgooftuu waan qabdu natti fakkaata ture. Yoon guddadhee carraa magaalaa sirritti baruu argadhu immoo akkaan ani sammuu ijoollummaa saniin yaadaa ture irraa faallaadha. Fooliin magaalaa keessattuu magaalaan teenya, Calanqo’ ajjooftuu, xirooftuu….. foolii wal makaa tan qilleensi isii waan danuun faalameefi funyaaniifuu maal akka taate addaan hin beekkamne tahuu eegasiin bare. “Tortora muxii, ajaa Calanqoo..” jechuu dhageessanii beeytuu? Anaafi hiriyoonni kiyyaas akka waan guddaatti yaannee yeroo jalqabaaf magaalaatti Iida godhuuf hamilee addaatiin karoora cimaa qabanne barana.

Fooliin baadiyyaa qilleensa qulqulluu funyaaniif akka xiibaa urgaa’u, kan sombi harganee hin quufne, qilleensa foolii danuu, wal makaa foolii habaaboolee adda addaa, foolii baalaafi hiddoota mukaa hedduu walitti makamee funyaaniif si’aa’ina addaa gumaachu tahuufi filatamummaa isaa eegaan magaalaa bare boodaan qooda kaayeef malee duraan gatii keessa hin galchine ture. Baadiyyaa akkasii tan roga maraan gaarrenii fi tulluuwwaniin marfamte keessatti dhaladheen umrii gammee gurguddaa keessatti argama. Gaara luxuu, dabaa, ededa xoossinuu, Irreessa, Dirree Shaggooyyee….. mara keessaatti taphachaa, utaalaa, foolii adda addaa suufaan beeylada tiksaa as gahe. Arrallee beeylada gaara oolcheen gara manaa galchaa jira.

Beeyladoonni kiyya tarree galanii hiriiraa karaa konkolaataa kan akaafaan tolchan irra ya’aa uuda bira gahan. Dirreen uudaa lafa hin qotamne bal’ina giddu galaa qabdu fuullee mana keenyaatti argamtu yoo tahu walakkaa ganda teessee tarree gamaa, tarree gamanaatti addaan moggaafteefi jirtuudha. Nuuf akka dirree kubbaa, gaantiraan moggaa uudaa jirtu guddoon immoo akka caayaa afooshaatti, gaafa oomisha galchan midhaan itti calleeysuuf, galgala galgala wal geettii dubraaf dardaraa…. tajaajiloota baayyeef oolti. Yoon uuda bira gahu Finiin’iin wal afaan dhufne,

“Jiisaa…!” Jedhee isaatu dursee na dubbise. Maqaan maatiin koo naaf baasan Abdataa dha. Mana keenya keessaas tahee ijoollee gandaa keessaa kan hoggaa muran jiisaa dammaa nyaatu ana qofa waan taheef, naan yaaman. Kan narraa hafu immoo Daraniitu nyaata, sa’aa keenya guddaa. Abbaan kiyya hoggaa gaagura ule hunda “jiisaan gaariidha, humna namaaf kenna nyaadhu” naan ja’a ture. Aniis ijoollee hunda qabsoo irratti kuffifachuu waaniin fedhuuf niin nyaadha. Yoo qabsoo wal qabnee kuffifadhu aniis jiisaan san akka waan na gargaarettiin yaada ture. Jiisaan kun Fillica irratti na gargaaruu dhabuun isaa na mufachiisuus kan biraa hunda moohadhee waan jiruuf homaa miti jedheen if jajjabeessa. Iccitii kana hiriyaa kiyya maqaa maasoo namaaf moggaasuun beekkamu tokko akka carraa tahee mana keenyatti dhaga’ee achuma irraa natti maxxanse.

“Milkee..!” Jedheen yaame aniis, maqaan isaa Milkeessaa dha. Yoo inni Jiisaa jedhee maasoon na yaamu aniis Finiin jedhee yaamuu niin danda’a ture. Garuu ani maquma isaatiin sababaan yaameefiin qaba. Iidni keenya kan boru magaalatti godhuuf karoorfanne isarratti hundaa’a waan taheef haaluma kamiinuu of eeggannoo godhuun qaba yaada jedhuun ture.

“Iidni boruu miti?” Jedhee gaafadhe.

“Ee..! Boru tahuun beekkamaadha” naan jedhe inniis.

Milkeessaan hiriyaa kiyya yoo tahu irra baayyee maqaa maasoo Finiin jedhuun yaamna. Umriin nu caalu baatuus jireenya bakka hedduu beeka. Keessattuu haala magaalaa sirritti nurra caalaa waan hubatuuf gaggeessummaa isaatiin magaalatti iida dabarsuuf kan karoorsinees. Fiinin magaalaa Calanqoo sirritti beekuu isaa ni hubanna. Nu martiis itti amanna. Sababniis adeera manaafi dukkaana guddaa magaalaa Calanqootii qabu waan jiruuf inniis yeroo baayyee iida achitti dabarsa. Guyyaa lamaaf sadi gaafa turee dhufu waa’ee magaalaa waan shorrooysee fidee nu dura bal’isee nutti mul’isaa jiru nutti fakkaata.

“Garuu…. sa’aa meeqatti yaana?” naatu gaafata. Inniis xiqqo akka nama itti yaaduutti dhibaa’eeti osoo sagaleen hin dubbatin dura qubbeen isaa wal bira qabee eega laale booda,

“Sa’aa 4:00 ….” jedhe qubbeen isaas abbaguddoo irraa gad qabee.

“Ni taati..” jedheen akka nama waa yaadatuutti xiqqo yaadee,

“… Nama tokkotti hin himin numa sadeen qofaa deema” jedhen sababoota namni biraa dhaga’uu hin qabneef lamaan sammuu yeroo sanii tan asqaaxilaa hin geenye san keessatti tartiibeessaa.

“Tole..! Silaahiis eenyuutu dhaga’a, akka nuti waliin yaanu namni beeku hin jiru” jedhe Fiiniin harka isaa kan yeroo hunda dhoqqee hin dhabne fi biyyee faa hin dhabne san waliin rigaa. Yoo inni deemuuf jedhu,

“Galgala kana Mahammadaaf walitti dhufna kaa?”

“Beekkamaadha mitii san!” Jedhee kara deemutti qaceele Finiin.

Yoo inni na bira dabru beeyladoonni kiyya xurree mana keenyatti ol goru bira gahanii jiran. Fiigichaan hanga liphuutti dhaqqabeen “Loon duraa waan ala jiru guuraa…!” jedheen ajaja kiyya yeroo maraa labse. Beeyladaa yoon galchu miidhaan, joolleen, fi kkf yoo ala jiraatan akka duraa fuudhaniif lallabuun qaba.

Eegaan manatti gale beeyladaa narraa hidhan booda yaanni buqqee tiyya laaluu na keessa xilamuus garuu ani ifiin dhoorkaa jira. Garuu naaf hin mijjooyne. Duraaniis dhooyseen kaaye waan taheef dhoorsee qofaan keessaa baafachuu danda’a. Yoo argan waa lamaatu uumama. Kan duraa maallaqniin ani achi keessatti kuufadhe kanumaan mana keessaa, deebisaan waa bitee hafte, bakka baarreetifi kkf walitti qabe waan taheef guututti saamamuun mala. Saamamuu qofa osoo hin taane adabamuus mala. Abbaan alagaa, abbaan seeraafi poolisiiniis harmuma tiyya waan taateef adabbii yakkaa guddaan na mudachuu mala. Kan biraa immoo maallaqni hangi duraan iidaaf naa kennamuus dhoorkamuun mala. Kanaaf akkaan kanaaf hin saaxilamne of eeggannaa guddaa godhuu na barbaachisa.

Arra waa’ee uffata iidaa hin yaadu. Duruu waa hundaan ofitti laallee kaayyadhe waan taheef kun nan yaadeessu. Garuu amma qarshii kudhanii ol akkamittiin argachuu qabaa dha yaaddoon tiyya. Dura immoo waaniin buqqee keessaa qabu yoon laale malee hangam akka naa hafu hin beeku. Osoo hin azaanne dura buqqee tiyya bakkaan an kaaye jiraachuu isii mirkaneeffachuun qaba. Yoo azaanan namuu walitti dhufa waan taheef laaluun naaf hin mijjaa-u. Qalbiin na dhaabbatte. Suuta jedheen osoon hin shokomsin miila kiyya fuudhaa deeraa keessa ol seene. Kutaa walakkaa mana jidduu waan taheef qaawa tokko kan ifni ittiin ol seenu hin qabu. Dukkana cilmaa dha. Hoggaa biraa deeraa san ifaa qabadheetuu ol seenuu niin sodaadha. Hantuunni waan jiruuf niin sodaadha. Osumaan miila kiyya takka suuta kaasaa suuta lafa kaayaa harkaan immoo dhaaba manaa qabachaa deemuun barmeelii sanduuqni irra taa’u tokko mataan dummucee kolkolee takka walitti qababse. Mataan na laalatuus yeroo jalqabaa nahee ‘waay’ jedhe malee sanduuqa yaadannaan hin dubbanne. Adda tiyya rigichaan dhaaba manaatti maxxanee xiqqo riphisee nama waa dudubbatu dhabnaan bakkaan sanduuqa itti dhawe irraa xiqqo gamas siqee akkuma reefuutti tarkaanfachuu jalqabe. Barmeela irraa maquuf harkaan dhaaba manaa gad lakkisuun qaba. Dhaaba gad lakkisee deemuu jalqabnaan ammaas madaallii eeggachuu hin dandeenye. Harkaan lafa qabadheen jilbaan deemaa taguuga duuba bakkaan buqqee tiyya kaaye tilmaaman dhaqee qaqqabadhe. Hin jirtu. Abdii hin murre. Itti naannaween harkaan maasasaa sakatta’e. Baabbuu… humaa hin agarre.

“Uuff…!” Maaltu fuudhe gaa?” Bakkumaan jiru taateen mataa qabadhee xiqqo taa’ee yaade. Ammaas harka kiyya kallattiin silaa kaayeen taguuga duubaan achi loosee qaqqabadhe. Onneen dhibba na rukutti. Dukkanaan duraan sodaa daqiiqaa tokko keessa hin teenye amma sodaa malee keessa taa’uuf dirqame. Hoggaan xiqqo achi siqee qaqqabadhu subbiin buqqee irratti haguuge ni jira. Dafeen achi siqee harkaan irra cehee qaqqabadhe. Humaa hin jiran….

“Allaahu akber…” azaanni dhagayame. Namuu soomana furuuf deema. Kanaaf aniis asii bahuun qaba, na yaamuun isaanii hin oolu waan taheef. Fuula haxaawwachaan suuta gad bahee kara mana kaanii seene. Namuu akkuma tokkotti fuula keessa na laalaa bakka takkaa natti koflan. Aniis rifadheen ija hiruu jalqabe. Abbaan kiyya bakka yeroo hunda taa’ee hafxiru ala hulaa dura, barandaa ta’aa jira. Mana keessa ijoollee teenya qofaatu jira. Fuula keessa na laalaa irra deddeebi’anij anumatti koflan. Niin aaree, niin rifadhees. Fuula isaan na laalaa natti koflan waan narra jiraa laata? Jedheen harka koo lamaaniinu yoon haxaa’u daranuu kofla natti dabalan. Aniis daran rifadheen battisaa harka koo laale. Yoon ifatti achi qabee laalu daaraa qofa. Edaanuu nooraa soomanaaf mana dibanii hafte takkaatuu deeraa keessatti gad naqamee jira. Aniis tana agarraan sardameen uffaatan ofirraa qabu ol qabee fuula kiyya haxaa’ee gad bahee harkaaf fuula dhiqadhee, soomana fure. Qalbiin tiyya ammallee deeraa keessa jirti. Nyaataan duraan akka wahiitti nyaadhu arra hamilee isaa hin qabu. Silaa nyaata kana itti dhiisee buqqee tiyya argadheen gammada ture. Malaan itti ibsaan laalladhu yaadaan nyaataas hamilee yartuu takkaan moggaan qiqimmiixaa geessine.

Eega hafxirree booda mala tokkootu naaf dhufe. Kallattiin gara siree abbaa kiyyaa deemeen dhaaba manaa fi firaasha jidduu harka loosee laale. Ni jira baatriin abbaa kiyyaa. Fuudheen osoo namni nan agarre halaw jedhee deeraa seene. Ibseen olii gadiin fiigee barbaade. Ol hiidhadheen taguuga keessa baatrii gad ibsee laale. Ija tiyyaan amanuu dadhabe. Buqqeen tiyya cabxee taguuga keessa teeysi. Kanaa ol obsaan dhabe. Baankiin isaa cabphee, saamamtee eenyuutu obsa qabaree?”

Uuuuuuyyyy…! Way buqqee tiyya!” takka eegumaan iyyeensa keessaa fuudheen ammaas of yadadhe. Baankiin hannaan ijaaran yoo hannaan saamamte eenyu irratti himannaa banan laata? Ardii tanaatu na dhiphate. Mataa qabadheen eenyu akka kana godhuu danda’u yaade. Harmeen tiyya osoo agartee hoggaan dhufeen fuula isii irraa beeka ture. Silaa takka jechoota isiin natti furgiftuuniin beeka.

“Duuba eenyuree?” Xiqqo itti yaaduuf yaaluus sammuun tiyya akka waan hojii dhaabdeetti argachuu hin dandeenye.

====== Itti Fufa ======

Barreessaan: S12187706_185964605073876_5457299555444307206_naphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa, 2016
Email: ak23873@gmail.com
saphalookedir@gmail.com
Facebook: www.facebook.com/saphaloo

*Hubachiisa: ‘share’ malee ‘copy paste’ godhuun dhoorkaa dha!!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa