RAAJIIN ARGEE!!..Lalisaa Indiris Adam- Waan Dubbifamuu qabudha..Ittiin Bohaaraa..waliif daddabarsaas!!!

Raajiin argee…!

Lalisaa PicturesFB_IMG_14438473964683612Hiriyaa maqaan isaa Xilaahuun jedhamun qaban ture. Yeroo hundaa waa’ee maqaa irratti wajjin dudubbachuu jaallanna. Maalif maqaa ergisaa kana deebistee isa siif eenyummaa kee ibsutti hin jijjiirrattun jedha. Innis yeroo dubbatu haalumtisaa akka jijjiirrachuu barbaadu ni beeksisa. Garuu maqaa kana harmeen isaa utuu duutee hin badin waan moggasteefiif jecha maqaa kana haadhasaa ittiin yaadachuuf jijjiirrachuu akka hin barbbaanne si’a hedduu irra deddeebi’ee natti himaa.

Har’a garuu sossobeeman akkas jechuun amansiisuu yaale “Maqaan harmee kee Iftuu dha mitii?” jedheen gaafadhe. Innis qaroo imimmaanni guguuteen na ilaalaa, sagalee gaddaan “eyyee” naan jedhe. Anis itti fufeen ijasaa keessa ilaalaa “Maarree Xilee koo erga yaadannoo harmee keetiif maqaa haati kee siif moggaaste kana jaallata ta’eeti, maalif maqaa kee maqaa haadhaa kee Iftuu isa jedhu gara Ifaatti hin jijjiirratturee?” Jedheen gaafadhe. Innis takka yaadee “dhuguma naan jette Laloo koo; bor mana murtii deemnee jijjiirrachuuf gaafanna. Silaayyuu Xilaahuun maqaan jedhu kun nan ibsu” yeroonni naan jedhu nan gammade. Utuu lafti hin sursuraa’inan bariihuu lafaa eeguu eegale.

Laftis dhiitee hin hafne ni bariite. Nutis akkuma amala keenyaa wal hammannee gara mana murtiitti qajeelle.
Warra raappoolii barreessan bira deemnee waan barraa’uu erga barreessisiifannee booda, gara mana murtiitti ol seenne.

Ani egaa amala kan naaf ta’e waan akka barreeffamaa kana arginaan ijikoo danda’ee bira hin darbu. Keenyan (Baaxii) mana murtii sanaatti barreefama jiru argeen dubbisuu eegalee; akkas jedhaa “ABBAAN DHIMMAA YEROO GABAABAA GIDDUUTTI MURTII ARGGACHUU QABA” ammas iji koo gad hin teenyee; manuma sana keessa naannofti. Barreefama afaan amaariffaan barraa’e tokko argeen silaa ijikoo saadisii fi saalisii kanaa wajjin waan walii hin galleef hiriyaakoo Xilaahun akka dubbisee hiika isaa natti himuufan gurrasaatti jedhee. Isan isatti himuuf jedhu dhiiseen waan iji koo argaa jiru qulqulleeffachuuf, agartuukoo teessoo namoota dhaddacha hordofuuf toora galanii ta’anirra qaxxaamurseen xiyyeeffadheen ilaale. Ni boossi. Imimmaanni maddii isheerra lola’u ana isa gara laafessa mitiitii bineensa caakkayyuu waan garaa moogessu fakkaatu. Intalli harqitee boossu kun mucaa daa’ima umurii 8 hin caallee tokkotu miilla ishee gidduu ijaajja.
Mana murtii ta’e malee utuun itti siqee rakkoosheen boossuuf gaafadhee baayyeen jaalladhan ture, garuu maalin godhaa? Miilla kootu gabaabbatee utuun dafee dhufe ta’ee gaarii ture.

Amm abbootiin murtii dhadachatti as ba’uuf toora galanii dhufuun teessumarra tata’aniiru. Uffati isaanii guggurraacha. Qaratti nama sodaachisa. Bakki ani jiru sun bakka abbaan dhugaa dhugaa jalaa badde itti barbbaaddachuuf dhaqu waan ta’eef nami mana sana keessaa hunduu ni bibirrataa. Maalin dhaga’a laata ? Jedhee hunduu gurra qeensa. Anii fi Xilaahuniin garuu shir shimbaa jechaa hin jirru. Garuu dubartiin fuullee kooti boossu sun garaa na nyaatteetti.

Abbaan murtii akkas jechuun haasaa jalqabee “Dhaddachi gaafa 29/06/ 2016 ganama har’aa banameera” jechuun burrusa fuuldurasaa fuudhee waa wayiitti rukute. Abbaan seeraa inni tokkos itti fufuun “Dhaddacha gaafa 25/06/2016 teenyeen dhimna Aadde Qabbannee Tolaa fi Obbo Jirruu Nagaroo har’atti beellamuun keenya ni yaadatama. Nutis akka heera maatii biyya keenyaa kan bara 19 97 irratti hundaa’un fedhii gama lachanuu gaafannee murtoorra geenyee jirra.

Obbo Jirruu Nagaroo fi Aadde Qabbannee Tolaa bara 2008 seera qabeessaan bultii dhaabbatani. Sirna mallattoo isaaniis waajjira bulchiinsa magaalaatti godhachuun seera guutanii wal fuudhan. Turtii ganna 8 wajjin dabarsan keessatti jaalalaa fi nagaa guutuun wajjin jiraachaa mucaa ilmaa maqaan isaa Hundee Jirruu jedhamu kan yeroo ammaa waggaa 7 godhatanii walumaan jiraachaa jiru. Erga ji’a 2 as garuu amalli duraan hin jirre maatii isaanii gidduutti argamaa dhufe.

Akka obbo Jirruu ykn Abbaan warraa aadde Qabbannee himatetti Haati warraasaa amala duraan hin qabne ganamaaf galgala sa’a hedduu hojii mana keessaa dhiistee Tiivii Qaanaa ilaalti. Sababa nyaata qopheessuu dhiisteef jecha mucaan isaaniillee beelaan akka miidhame ragaan mana yaalaa mirkaneesseera. Obbo Jirruunis amala ishee kanarraa akka isheen deebitutti si’a hedduu gorsee, jaarsoliis itti baasee dadhabee; Diishii manarraa buqqisee ture. Garuu Aadde Qabbanneen hammaattee diishii bituun mana irratti deebistee kan durii caalaayyuu ammammoo haga halkan qixxee tti teessee Qaanaa Tiivii ilaaluutti kaate. Yeroo kana Obbo Jirruun furmaata dhumaa hechuun kan murteessan ishee irraa adda ba’uu akka ta’e of amansiisanii himata itti banan. Nutis akka heera maatii biyya keenyaa keeyyata 1 cita 5 irratti hundaa’uun akkasumas ragaa ollaasaaniirraa qulqulleeffanneen murtoo dabarsineerra.

Kana booda Obbo Jirruu fi Aadde Qabbanneen akka gargar ba’aniif mirga guutu qabu. Qabeenyaa isaan waliin qaban jaarsoliin biyyaa loogi tokko malee akka gar gar qoodaniif. Mucaa isaan waliin qabanis waajjirri hawwaassummaa aanaa keenyaa dhimmicha ilaaluun bakka guddina mucaaf gaari ta’etti mirgi mucaa fudhachuu haa kennamuuf. Dhaddachi kanumaan goolabameera. Mana galmeetti dabarsineerra.” jechuun ammas burrusa fuul dura isaanii jiruun teessuma rukute.

Ani garuu yeroon kana dhaga’u dugdakootu na citee, nan rifadhee. Bara akkamii keessa akka jirrutu na dinqee. Bara teekinooloojiin maatii diigu. Muuuuu…. bara maaliti kun ‘buu aabbaako’ jedhe Obaamaanu jedhan garuu yoom jedhe akka naan hin jenne malee… Dadhachi isaanii yeroo raawwatu Obbo Jirruun ba’uuf kaanaan mucaa miilla dubartittii jalaa sax jettee kaatee harkasaa qabattee haxiixxe.

Aadde Qabbannee dha fakkaata sooftii dhaan imimmaan shee haxa’achaa bakka teessuu kaatee, anis dhimma dhufneef dhiiseen ishee faana lafa ka’ee gad ba’uuf tarkkaanfadhee. Xilaahuun haala kootti raajamee gadi na harkisee. Anis asaaseen “tur Xilee dubartii kana hasofsiiseen dhufaa” yeroon jedhu Xilaahuun quqummaadaa “maal taate abbee maa na qanessita? Taa’i gadi, silaas abbaa mana hiikteetu jettee itti fayyuuf moo? ” yeroonni naan jedhu of jalatti isa ilaalaan “Xilee hin qoosin” jedheen utaalee gad ba’e.

Qabbanneenoo rookketiima taate fakkaata. Qaqqabuu dadhabeen “Qabbannee, Qabbanne” jedheen guddisee ishee waamee. Isheenis na argitee dhaabbatte. Harkakoo gara isheetti diriirseen “Lalisaan jedhaman” jedhe. Ijakoo keessa ilaalaa “tole atimmoo maqaa kooyyuu beektakaa maalin godha sitti himee” naan jette. “Eyyee dhiifama waan si haasofsiisaan jedhe naaf hayyamtaan?” Jedhe. Yaada faffaca’aa wayiitiin “lakki nan ariifadha dhiifama. Lakkoobsa bilbilaa koo qabadhuutii guyyaa biraa xabannaa” naan hin jettu seetanii. Anis raajamaaman “dhiifama wanti jireenyakeef caalaa si ariifachiisu hin jiru. Maaloo na dhaga’i mucaama keef jedhiiti abbaa manaa kee kanatti araarami” yeroon jedhu, Qabbanneen faallaa maqaashee Abidda natti taatee “maal odeessita ati, Eenyuutu jaarssummaa si kadhate? ” yeroo isheen naan jettu rifadheetan “dhiifama siif jedhenii” ittiin jennaan “natti hin iyyin amma ani deemaan jira. Guyyaa biraa xabanna amma FIILMIIN XIQUR FIQIRII na darbaa jira. Chaawo” naan jette. Dhaabadhee takka yaadeen keessakootti “ammayyuu jaalallikee haa gurraachahu, nyaarra aaddattee wayii’ jedheen keessakootti gungumaa barreefam #Oroliyaanaa-Daani’el yaadadheen kolfe. Isanni Qaanaa Tiivii dhaan QABBANA’AA tiivii jedhe sana. Dhugumayyuu Qaanaan Tiiviin kun qabbana’aa waayiti.

Safuu bara barri bade, bara tiiviin maatii diigu. Muuuuu….. takka keessa kootti guguungumeen yeroon duuba kootti galagaluu “Xilaahuuniin maqaasaa gara Ifaatti jijjiirratee gad ba’ee na eegaa jira. Anis isaaf gammadeen waan ta’e itti odeessaa karaa keenyarra buune…

Itti fufaa…

Lalisaa Indiris Adam

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa