DUGDA DHIIRAA- Asoosammoota gaggabaaboo akka ajaa’ibaa-Daboo Al-Kush’ /Dabalaa Jireenyaatin – Dubbisaa, daddabarsaa, yaada kennaa…!!!

DUGDA DHIIRAA
Asoosaama Dheeraa
Dabalaa Jireenyaatin
Boqonna Tokko
Kutaa 1ffaa
….
13256357_959169304201848_4044630818979043822_nKitaaba guddaa kutaa ciisichaa ko keessa utuu hin xuqamin yoo xiqqaate waggaa tokkof taa’uu fuudheen bakkan taa’ee yaadaa gudunfee hiika ooletti deebi’ee hirkadhe. Dhugumaan fedhii kitaaba dubbisuu qabaadheef natti hin fakkaatu, garuu taateen sammuu ko keessatti dabaree wal jijjiiran marti of nashakkisifnan fayyummaa sammuu koo mirkaneeffachuuf gola kitaaba kanaa keessatti of ilaaluf yoo ta’ef malee…. Maalummaa wantan dubbisaa jiruu utuu naf hin galin fuula sadaffaan eegale. Waa’ee maali hodeessa kun? heci.. jedheen cufee bakka turetti isa deebisuf yeroon ka’u ” dhalli namaa bu’aa bayii fulduratti isa eeggatu sodaa hin tayin hin hafu kan inni bo’aa dhalatuuf” jedhu yaada koo gad-dhiisuu dide akkan kitaaabicha walitti dachaasee qabetti yaadni koo of duuba nafuutee imalte. Bo’aa dhalachuu koo yoon beekuu baadheyyuu kolfaan dhaladhe jechuu garuu hin danda’u shakkii maalii qabaree????

Bakki dhaloota ko Godina wallagga bahaa Magaalaa Naqamteeti. Umurii koo hanga harratti lakkoofsise keessaa irra caalaa isaa magaalatti kanattan dabarse. Kanaafis natti fakkaata egaa dhalli namaas ta’e biyyis Naqamteetin ala kan jiru natti fakkaatee kan hin beekneef. Haa xiqqaatusimmo malee gaariis ta’e gadhee nabarsiisuuf gargaarsa namaas ta’e biyyaa ishee hin barbaachifne bu’urri ko harraa magaalatti fi hawaasa magaalatti qofa turan.

Hundee Magarsaan jedhama. Of ibsuu baayyifte nan hin jedhinaa malee maqaa ko baayyeen jaalladha, Maqaan koo hiika maqaa ta’uun ala hawwii fi fedhii abba kootii qabaachuu isaa hin beeku. Maqaa qofa ta’uun isheemmo naqaanessa, imaanaa nyaachuu natti fakkaata. Kanumaafi laata geeraraan “Akka maqaa ta’aree marqaan galaa ta’aree kan inni jedhee geerareef?”. Hin tayin hin oolu.

Haatii koo dhaladhee umuriin kiyya utuu wagga sagal hin xumurin abba fi obboleetti ko quxisuu dhiistee abba ko hiiktee deemte achiin hafte. Guyyaa kan ture egaa sheexanni amala badaa abban ko barateen da’atee maatii ko seenee haadha ko biyyaa baasee affeerraa jireenyi harka qabdurra akkan hirmaadhuuf nakaadhimee deeme. Kolfa qofaa utuu hin taane booyichas akkan baruuf, tapha fi gammachuu malee kanan hin beekne sodaa fi gadadoo waliin akkan wal baruuf tokko jedhee harka kan wal naqabsiise,Ho’a fi urgaa haadha ala qorra fi qofummaan akka natti wal jijjiiruuf dirqama isaa kan fudhate, quufa qofaa miti ilkaan beelaas baruu akkan qabu sagalee guutuun kan murteesse. Seeraa ganaman uumaan katabe eenyutu mormuu danda’aree? humnasaas onneesas eessaa fuudha?? iccitii guddaa dha.

Dhugaan kaleessaa darbanii qaama seenaa ta’ani. Haalli fi amalootni keessummaa ta’an jiru fi jireenya keessatti mula’atanii hin beekne wal-duraa duubani balbala rukutanii ol-seenani miseensa maatii ko ta’uu itti fufan. Jireenya qofaarratti utuu hin murta’in abba kootif hiriyaa haaraa harka qabatanii ol-lixan. Kaleessi geddaramuusa qofa miti bor yaaddoo qabaachuusaa, quufi kaleessaa beela dhufuuf jiru akka quba hin qabne irra deeddebi’een shaakale. Murtiin keenya harraa dhugaa bori mula’tu ta’ushee kanan hubadhe garuu ergan akka kubbaa teenisii bor fi kaleessa giddu deddeebi’ee kakkabalame booda ture. Ho’ii fi jaalalli haadha kootii fedhii ko malee of-duubatti na’ofee nadeebisa, machii fi jeequmsi abban ko halkan maraa harka qabatee galummoo halkan fidee nafuldura dhaabee narifaasisa. Guyyaa gara guyyaatti wantootni sodaachison narratti wal-jijjiiranii abdi nakutachiisuu jalqaban……
.Itti fufa…..

DUGDA DHIIRAA.
Asosama Gabaabaa
Dabalaa Jireenyaatiin
Boqonna 1ffaa
Kutaa 6ffaa

Kutaa dhippoo sana keessa qofaa ko taa’ee godaannisa gola jireenya koo irratti waggaa kudha hafur harraa sararamte keessa yaadaan lixee dhidhimee deebi’ee ba’uf karaa dhabe keessaa kan butee nabaase rukutamuu balba kutatti ture. Hunde…ku’a ku’a ku’a…..Hundee…sagalee Abdii ture. Harkan balbala natti reebaa sagalee ol fudhatee nawaamaa balbala banatee ol lixee bakkan kitaaba guddaa banee ta’ee yaadaan kan biraa kan kitaabicharratti hin katabimin dubbisutti narra dhaabbate. Hanga yoonaa bilbila cufattee kan ati teessu maali biyyatu nagaa mitimoo? jedhee ija natti babaase. Yaada ko keessaa wareeren gogee hafe. Mee afachu, haalli ke gaarii natti hin fakkatu waanuma fedheefuu mee kayi uffata kee geddaradhu jedhe Abdiin miilla hanga mataa kootti irra deddebi’ee na ilaalaa. Yaadaa nafudhatee of duuba haxiixe sana deebisee tasgabeessuf yeroo dheeraa waan nafudhateef deebii kennuf jechi tokko afanii naba’uu didnan humnan harkifamee ka’een sobuuf yalee. Ehe..ehe… eeyyee xiqqoo matatu nadhukkubnan ka’u dadhabeem amma nagaa kooti jedheen kitaabicha bakkasaa duraatti deebiseen sa’atii ilaaluf bilbila moobayila koo fuudhe. Bilbilattinis baatirii fixxee cufamtetti. Sa’atiin meeqa ta’e jedheen gara Abditti garagale. Yaadni ko haasattis geddarsiisuf ture. Inni garuu haalan waan nahordofaa tureef, mee dhiisi sobi guyya tokkotti hin baramu, jedhe sa’atii harkasarra ilaalee ja’a fi digdama nan jedhe. Karoora keenyayyuu dagattetta fakkata mee daddafi haa deemnu jedhee hangan uffata geddarudhutti ta’e.

Abdiin mucaa wallaga lixaa yommu ta’u dhalatee kan guddate magaala Najjoo jedhamtutti. Isa waliin kan wal-barre wagga sadiin dura yeroon waajjira Albuuda fi Ineerjii magaala Shashmanneetti, inni immoo ogummaa Farmaasitin achuma Shashmannee Hospitaa Kuyeeraati qacaramee hojjetuu ture. Turtii wagga lama fi ji’a ja’a keessatti baayyee walitti siqne. Gadda fi gammachuu walif qoodneerra. Dhimmoota muraasa ani ofi kiyyafillee dhoksachaa jiraadhun ala wanti Abdii hin beekne waan jiru natti hin fakkatu.Kanaaf jijjiiramni xiqqon yoo narratti argame kan inni na’uuf.

Ergan ani ogumman itti leenji’e ogummaa saayinsii Ji’olojiitin dhaabbata Mit-Mootummaa ‘Chaayina maayining Korporashinii'(CMC) jedhamutti qacaramee Shashmannedha gara Lixa Wallaggatti dhufu Abdiin immoo yeroo xiqqoo booda hojii mootummaa Hospitaala Kuyeeraa dhiisee erga inni Faarmasii dhuunfasaa banatee carraan hiriyyumma keenya deebistee ijaarte. Wiirtuun wajjira koo magaala Naqamtee yommu ta’u ani garuu irra caalaa Aanoolee Godina wallaga lixaa kannen akka Yuubdoo, Mandii, Daalattii, Gujii Geettaree, Biqqilal fi kkf magaalota fi baadiyyaa tuullan Warqee,pilatiniyeemi, dhagaa adii, fosfeetii, aayirenii fi dhagaan kasalaa akkasumas albuudotni gati jabeessi jiranirra naanna’een qoranno fi qo’anno dhabbaticha oofa. Gabaasa fi kaartaa dirree tuullaan albudota kanaa jiru funaaneen Wirtuu wajjira CMC Naqamteetti fida. Abdiinis qorichoota Faarmasii isatif barbachisu magaalaa kanaa deddebi’ee bita. Egaa wanti guyyaa sadiin dura walitti nufides kanuma ture.

Anatu barfateeti malee silaa akka karoora keenyatti yoona Gimbii geenyee anis gara Mandii deemutu narra ture. Ariitiidhaan uffata koo geddardheen uffatan ofirraa baasee fi kan biroo dadachaaseen shaanxaa kootti naqeen kutattii cufnee baane. Laaqana Hoteela Shaggari nyaannee konkolaataa Miini baasii Abdiin qoricha itti fe’ee jiruun gara magaalaa Gimbiitti gulufne. Daandiin asfaltii magaalatti keessa darbee hanga Asoosatti qaxxamuru haaraa waan ta’eef konkolatan keenya akka xiyyaaraa fiiga. Anis gidduu giddutti ariitii konkolatichaa caaleen yaadaan Gimbii ga’a, Gimbii ga’eenimmoo manditti darba, deebi’een konkolatattidhaan immoo didicha. Abdiin konkolachisaa Miini baasiicha wajjin dhimmoota adda adda kaasee hudeessa. Giddu gidduttimmoo bilbili Abdii inni boqonnaa hin qabne haasaa isanii addan kuta.Kun bilbilee komata kan biraan bilbilee beellamaf ittin morka. Hello…helloo….natti hin dhaga’amuu deebisee sif bilbiluu? akkas jedhee bilbila cufee kolfa. Konkolachisichis harka fuudhee ho’isaf. Ani immoo sammuu ko keessatti amala Abdii kana wajjin gaaffii jalqabeen deebi’emmo dhiisa…..Utuu akka kanan jirruu magaalattitti dhihaanne. Abba seenaa ga’uf fageenya muraasa qofaatu jira. Egaa abba seenaa dabarran Gimbiidha malee maalii……jedhu kun garuu amma miti. Dur ture bara abban seenaa oftuulee mul’atu. Bara abba seenatti sadii afur marsanii darbuun gootummasaa afaan asmariitin ga’e. Inni kun seenaa ta’eera.

Oftuulumman abbaa seenaa yoo asmariitif ta’e malee Injiineroota Chaayinatif haasayyu miti garaa isa baqaqsitee asfaltii chaayinootni keessa dirirsite lixnee keessa fiigne. Abdiin akka nama wanti tokko ajaayibeetti fuula kolfuuf qixa’e tokkon natti kolfaa mee turimee abban seenaa waan tokko nayaadachiise jedhee natti qasaye. Maal inni jedheen miira fuulasarra dabaree dabareedhan of-mul’isuuf sardamani ilaalaa. Itti fufe erga kolfa dheeraa natti kolfe booda, Abdiin, anaan wanti nadhibu Hunde, iji kee inni albuuda gaaraa biqqilal jala jiru argu kun bareedduu magaalaa Gimbii waan hunda caalaa faarsisan homaa bareedduu Gimbii sana akkamitti arguu dadhabde jedhee hanga ijisaa immimman roobsutti qasayee natti kolfe. Dhuguman sin jedhaam kaleessa galgala yeroo ati waa’ee albuudota gatii jabeessa gaaraa fi lageen magalattii fi naannoshee isa jarri qorquuf haala mijeeffacha jirtu natti himtu aareen boba’e. Ergan manatti galees yaadadheen dhumarratti yaadii tokko ‘Turimee mucaan Hundee jedhamu sun waan nama aarsu malee kan nama gammachisu harguu hin danda’u laata?’ jedhe natti hasaase aari ko dagadheen kolfaa bule jedhee itti dabalee konkolachisa fi gargartuu isa natti kofalchiise. Konkolachisichis harka fuudhee Gimbiin albuuda qabdii?? akka hooda wayii dhaga’etti Abdii fi ana dabaree dabaree ilalaa ??Anoo kan magaalattitti nafiigsu kunoo warra kana jedhee ija isaa karaa foddaa baasee durboota suutaa jedhani dandiirra deemanirratti ija hirranfate. Mee yoo dandeesse yeroo itti aanutti warra chaayinootaf maqaa fi baayyina sibiila tullu biqqilal yeroo fiddu anaaf immoo barreedduu magaalaa Gimbii kumatamni lakka’ee fixuu dadhabe keessaa waa’ee ishe tokko harkatti qabadhu naf kottu jedhe.
…..itti fufa…

DUGDA DHIIRAA
Asoosaama Gabaabaa
Dabalaa Jireenyaatin
…….kutaa 2ffaa…..
waqtii isaa waan ta’eef bokkaan halkan fi guyyaa rooba. Haala qilleensa magaalaa Naqamteetti ida’amee qorri gannaa sanaa lafee seenee nama adoocha. Qofummaa yeroon nabadhaastetti dabalamee qorri fi dhaamochi gannichaa waan mara natti jijjiireera. Lola fi dhoqqeen mandara Kaatangaa keessa darbee mooraa mana keenyaa dura didichu sun yeroo
kamiyyuu caalaa foolii badaa funyaanitti nanaqee darba. Ganni dheeraa doofan sun darbee birraan
bareedinasheetin farfamtu sun kan dhuftu natti fakkaachuu dide.

Mo’icha qofumman lubbu ko irratti gonfatte dabalatee hanga lafeetti seenee kan naadooche sun, ho’a fi miidhagina birran kan bakka bu’u danda’u natti fakkaatee hin beeku. Dirqama itti taanan ganni hanga harraa dheerinan dorgomaa hin qabne sun bakka gad-dhiisee birraan bakka qabachuuf deemsa jalqabde. Uumama akka ko ganni itti jabaatee rifaasise maraaf tokko jedhee ifni abdii calaqqisuu eegale. Halluun gaarren fi lageen magaalattii marsanii ta’an wal-faana qalama adda addaatiin faayamuu jalqaban. Shimbirrotni miidhagina isanitiin hawwatama turan qe’ee qofummaan ooltee naduukaa bultu sana seenani sagalee misirachoo dhageessisu jalqaban Urgaan abaaboo mukeen mooraa guddaa ana fi obboleetti ko Meetii nana’ee mana keessatti eegaa oolu sana keessa jiru daraaree kannisota si’essuun ga’ee isanii ba’uu itti fufan. Uumamni marti gaabbii tokko malee kutaa jireenyasanii itti aanutti tarkanfatan.

Guyyaa dilbataa ganama ture, abban ko siree ciisichaa ana fi Meetiin irra ciifne jirru cina suuta jedhee erga ta’ee booda uffata halkanii fuula ko irraa fuudhuuf utuu inni natti hiixatuun harkasaa dursee fuulaakorra uffata halkanii kaasee
waan itti aanu dhaga’uuf ija isaa keessa ilaaleen hafe. Hu…Hu…Hunde, ati maaliif hin raftu? jedhee, sagalee ciccitaa dhaga’uf nama rakkisu tokkon maqaa erga nawame booda. Utuu deebiikof yeroo hin kennin itti fufee; ilaa ani amman deebi’ee dhufa hanga ani deebi’utti asuma siree irra turi, Meetinis yoo dammaqxe akka kutaa kanan ala hin deemne jedhee ba’ee deeme. Eessa deemta? hin jenne calliseen tole jechuu kiyya mataa ko olif gadi raasee itti hime. Innis yeroo utuu hin balleesin ariitidhan cufaa kutaa ciisicha cufee deeme. Harra dhimmi bariidhan isa deemsisu kun maal
ta’uu danda’a jedheen gaaffi fi deebii mataa ko wajjin jalqabe. Utuu hin turin tilmaama sa’atii tokkoo booda sagaleen namootaa fageenyarra natti dhaga’amuu jalqabe. Sagalee eenyuu yookan waa’ee maali akka guungumaa deeman hin dhag’amu. Utuu hin turin sagaleen namootaa fageenyarra dhaga’amaa ture sun gara mooraa mana
keenyatti dhihaachaa dhufe. Giddu gidduutti sagalichi wal faana bada.

Deebi’e immo hanga jechoota muraasa dhaga’amutti ol ka’ee dhaga’ama. Sagaleen mooraa mana keenyaa dura al-tokko ol ka’ee al-tokko gadi bu’ee dhaga’amu sun kan eenyuu akka ta’e sirriitti addan baasuun natti ulfaatee jennan yaada ko
dirqaman walitti sassabeen gurra ko ta’uuf yaale. Sagalee jaarsaa kan fakkaatu akka jiru sirritti adda baaseera. Namni biraan callisa muraasa booda haasaa jalqabuf sagalee cirate. Inni kun eenyu?…adda baafachuuf garuu naf hin milkaayin hafu kan goodhe sochii Meetin akka nama birzaaza badaa keessa dammaqutti utaalte nadhageessifte dha. Maal taate
Meeto ko? jedheeni harka kootin lapheeshee gadi qabee ijashee keessa ilaale isheen garuu waan dhageesse hin fakkaattu hirribasheetti deebitetti. Maal yaadaa akkan ture sammutti utuu naf hin deebi’in daqiiqa muraasni darbe. Ol seenaa obbo Caala…. Ol seenaa… sagalee abba ko ta’u yeroon dhaga’u nan ajaayibne garuu obbo Caalaan
maalif akka barii kanan gara mana keenyaa dhufantu gaaffi natti ta’e.
Itti fufa…

DUGDA DHIIRAA.
Asosama Gabaabaa
Dabalaa Jireenyaatiin
BOQONNA-6
Kutaa 3ffaa
….Galaanicha qofa miti egaa boora’u fi xalaluun hiree kiyya jedhee boora’aa, xalaalaa, guutaa, hasaasaa, dheekkamaa kan yaa’u. Hireen galaanichaa Hawweniif erga qoodamee oolee buleera. Kanumaaf natti fakkata isheenis nomootarra addan baatee handaara galanichaa iddoo oolmashee kan godhatteef. Jiru fi jireenyashe keessatti hiriyootashee caalaa kan ishee fakkatu galaana kana. Isa waliin ooluun jaalala Hundee isa waggaa tokko duraa caalaa itti ho’e. Handaara galanichaa teessee galanicha walin bora’aa , xalalaa ,hasaasaa ooltee galti. Yoo isa arguu dadhabdemmoo kutaa ciisichashee keessan cufattee akka bofa mataa dhahamee sireesherra gangalchaa oolti. Waan hundumaa
caalaa gaaffii fi hidhii xuuxuun namoota mana abbashee dhufan maraa rakkoo guddaa biraa waan ishetti ta’uf mana oolun du’a caalaa ishee sodaachisa.

Harra garuu fedhiin adda ariitiidhan siree isherraa butee ishee kaase. Daawwitii guddaa xaraphezarra jiru kaaftee fuulashee ilaalte. Fuulashee ta’uu shakkitee harkan fuulasheerra deemtee qaqqabde. Fuulasherratti umuriin waggaa kudhanii kan dabalame fakkaata. Qalamni gurrachi ijashe gurguddaa sanatti marsee jiru daggala gubataa fakkateera. Hidhiin burtukaan bilchaataa fakkatu sun goggee qoonxaa haaraa abiddarratti rarra’e fakkaata. Ilkaan adii hoomacha
aannanii fakkatu sun amma bifa isaa walakkadhaan geddaranii bifa bunaa uffataniiru. Daawwiticha darbattee sireerra buuftee balbala banattee baate. Deemsa yeroo xiqqoo booda sagaleen galanichaa itti dhaga’amaa dhufnan kottee ol fuutee haxiixxe. Dhufeera…dhufeera….dhufeer a….na eegi waan jettu fakkatti harka dura fi duubatti facaasaa fiigdi.
Bishaanicha bira akka geessen hanga bishaanichi sarbashee ol darbutti ijashee dunuunfattee keessa lixxe dhaabbatte. Kunoo dhufeera, walin deemna. Harra qofaa kee deemuu hin qabdu kan jettu fakkatti. Galaanichi ni huursa ni hasaasa, Hawwen ni gungumti ni hasaasti garuu wal-dhaga’aa hin jiran.

Galaanichi guutera, boora’eeras, Onne fi qalbiin Hawwenis akkasuma. Wanti ishee hafe hin jiru. Abdi kutattetti. Dungoon abdiishee ifuu dhiisee mukukkula fakkateera.Gamm achuu fi ho’i kaleessa jala onneesheti burqee guutummaa qaamashee siree jannatarra bulchu, fedhi fi hawwi biyya lafaa kana mara miillashee jalatti dabalee dawwachiisa ture harra buqqa’ee badee iddosatti haramaan gaabbii fi abdi dhabuu biqilee ishee liqimsuf halkani fi guyya itti roorrisa. Ho’i jaalala dhugaa isheen Hundeedhaf qabdu darbee harra galaana hanga sarbashetti ishee liqimsee jiru caalaa onneshetti dhaamota. Surran bareedinaa kaleessa Hundee fi dargaggota magaala Gimbii hirriba dhorku sun harra seenaaf waan dhiisee darbe hin qabu, yoo gaabbii qofaa malee…Dhugaa fi bu’a bay’iin jaalalan duubaa sagalee bishanichaa waliin hanga gurrishee dhaga’uu dadhabutti wal-faana itti iyyanii of ishee walalchisani. Garuu kana
caalaa yeroo kenniteefii isan dhaggeeffacha turu hin barbadne.

Yeroo dhumaatif walakka galanichatti of darbachuuf murteessitee dhagaa guddaa bishanicha keessa jiru tokkorra ol-
baatee ijaajjite. Hawween ni mo’amte, bu’a bayii jireenyaa wal’ansoo qabuu hin dandeenye….ic citidha dhoksaa jireenyaa
…..Itti Fufa….

DUGDA DHIIRAA.
Asosama Gabaabaa
Dabalaa Jireenyaatiin
…..Kutaa 4ffaa…

Namootni barii sanan manatti walitti qabaman marti yaadan kan fagaatan fakkaatu. Wanti dhaga’amu boo’icha fi xirqansuu Caaltuu qofa. Meetiinis naasuu haa ta’u gammachuu, Caaltuu jalaa qabdee iyyiti. Namni dhiisi jedhu hin jiru. Akka kanaan yeroo dheeraan erga darbe booda namtichi magaalli dheeraa fuula qallatu tokko bakka taa’u ka’ee gara dinqatti ol-darbee Caaltuu erga tasgabbeesse booda harkashee qabatee gara jaarsolitti deebi’e. Caaltuunis Meetii akka sirerra fuutetti baattee jarsolii fuldura namicha magaala dheeraa cina teesse.

Ee…egaa..yaa jarana ijoo dubbii walitti nuqabeetti seenuudhaf hundumti keenya obsuu qabna jedhan obbo Caalaan erga sagalee ciratanii namoota mara ijan kiphani booda. Itti fufan, akkuma hundi keenya beeknu dhimmi barii kanan walitti nufide dhimma obbo Magarsa fi aadde Caaltuu akka ta’e beektu. Innis karaa mana murtii xumurameera, haa ta’u malee wantootni karaa keenya rawwatamuu qabani fi raawwii isaa manni murtii beeku qabu dhimmota gurguddo lamatu jira. Inni duraa dhimma qoodiinsa qabeenyaa yommu ta’u inni biraan immoo waa’ee ijoollee maatii kana gidduti argaman, Hundee fi Meetii ilaalu ta’a jedhani ijan namil’atan. Waa’ee qoodinsa qabeenya ilaalchisee manni murti xumureera garuu obbo Magarsan waan jedhan qabu jaarsolii kana duratti. Meeti fi Hundee ilalchisee, Meetiin umuriin ishe wagga torba gadi waan ta’ef akka seeratti haadhashe adde Caaltuu walin akka jiraattu manni murtii murtesseera, haa ta’u malee rakkoo fayyaa ishe waliin wal-qabatee yeroo dheeraaf Hospitaala Xiqur Ambassa turtee kunoo galatni kan waaqa haa ta’u fayyitetti. Hundeen garuu umuriin isaa wagga torba ol waan ta’ef fedhii isaatin abba isa yookan haadhasa walin jiraachuu akka filatuf manni murti ni ayyama innis abba isaa obbo Magarsaa waliin jiraachuu akka barbaadu filateera. Egaa asirratti kan hubatamuu qabuu ijoollen kun lamaan sa’atii barbaadanitti abba isaanis arguu akka danda’an seeraan ayyamama ta’uu akka yaadattani dha. Haa ta’u malee adde Caaltuun guyyaa muraasa booda gara maatii fi firootni ko jiraatan gara magaalaa Mandii deemuun barbaada waan jedhanif Meetiin ishe walin akka deemtuf akkasumas dhimmi qabeenyaa qooddachu sun akka murtii seeratti akka xumuramuf nugaafataniru kunis harra kan xumuramudha jedhanii yaada dabalataf gara namootatti dabarsanii ta’an, obbo Caalaan.

Guyyaan dilbataa sun guyyaa Magarsaan maatii ijaaruf daboo waame hin turre, guyyaa inni bultii isaa diiguuf jarsolii waamee gidduu isani ta’u ture malee.Harra akka isaa gaafa maatii ganaman namoota duratti gargar facaasuf sa’ati fi daqiiqaa eegu kana dhaabeetti bareedee, miidhagee hin jiru. Harra magarsaan daalacha’ee, uffata pijaamaa ganaman uffatee hirriba ka’e sanarratti fooxaa daalacha’a dabalatee waldiigessa fakkaatee bantii mana fi dagalee mannarra ijan deema nanna’a.

Dilbata farroon sun Caaltuus akka gaafa cidhashee harra awwalamuf kafanamaa jirtu sanaa rifeensa matashee luuccaa dheeraa dugdasherra ciisu sirreffatte bareeddee hin jirtu. Gurraachoftee cilaattii dhidhessaa fakkattee mucaa dhukkubi itti wal-geddaree kininin fi marfeen doktorota Xiqur Ambassaa bifa ijoollumma irra fixe hammattee mataa susukkumaa murtoo jarsolee dhaggeeffatti.

Rakkoo wal-dhabdee isanii namni kaase hin turre. Manni murtii xumureera waan jedhanii darban natti fakkata. Ani garuu, ofi kiyya abba alangee ta’ee, Magarsa fi Caaltuu seera dura isaan dhaabee, Abba seeras ta’ee rakkoo isanii ifatti ilaalun hawwe.

Magarsaan gaafa Caaltuu saba duratti haadha manaa isaa godhachuf waadaa galeef sana akkamitti akka dagatee dubartii biraa, isayyuu dubartii qomoodhaan isa hin fakkannetti michoome, Kanarra darbees mana haati ko keessatti ulfoftee, ji’a sagal guutuu garatti nabattee keessatti cininsifattee miixatte nadessee handhura ko awwalte dubartii maalumman ishee hin beekamne, kan ciraanshee ciraasatif hin tolle, kan jaarsi oromoo walitti isan hin eebbisinif, kan amaamotni itti naanna’e horaa dagaagaa jedhee dhiichisee hin sirbin sanaf qoodudhaf shira dabaa hanga kana ga’u yaaduu yommun madaalu murtiin du’aa xiqqaa ta’ee natti mul’ate. Garuu akkam godheen danda’as? aangoo isaa utuun argadhes onnee fi gara jabina isaa eessan fida? walakkan dhiiga jaalala hormatin summa’e sanaa guutuu qaama ko keessa utu dhangala’uu…. Caaltuus yoo ta’e guyyaa harka waaqa guddatti ol qabdee haadha manasaa ta’uf saba duratti; Rakkoon kee rakkoo kiyya, gammachuun ke gammachu kiyya, dadhabinni kee dadhabina kiyya, sin ganu, sin geddaru… jette waadaa galte sana dagattee waan darbuu jiru tokko sodaa kan darbuu hin dandenyee dogoggora amma kanaa murtoo gaarii gootee filatti?? Wanti biraa yoo dagatame ani haadha fi obbolettii malee akkan hin bareedne maalif yaaddee hin obsine??… utuun al tokko abba alangaa, al tokkommo abba seeraa ta’ee dhaddacha yaada ko irratti isanin falmuu Magarsan dhiifama gaafatee ka’ee gara golatti darbe. Hin turre, waraqaa adii barreeffama qabu tokko harkatti qabatee dhufee namicha dheeraa magaala Caaltuu cina ta’utti kenne taa’e.
……..Itti fufa…..

12038757_827514497367330_8195433264092890800_oDaboo Al-Kush

TEESSOO BARREESSICHAAF AS KANA TUQAA

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa