DHAAMSAAFI GORSA GURGUDDAA- NAMA AADAA DUBBISAA GAARII QABUUF…Temesgen Atnafu Mulatu’TIIN

1. Miira Dubbisuu danda’uu: Waan ganna kana si barbaachisuu!

Yeroon isaa waktii gannatii. Ganna jechuun ammo nama biyyaa Spainiif yeroo ayyaani maatii ittii kabajamudha. Yeroon ayyaana jedhu ammo waan turban tokkoo qofaaf dhufee darbu mitii. Guyyaa keessa ho’i jiru baay’ee gad aanaa ta’uus Ispaanishootnii ayyaana aadaa isaanii waktii kanaa ayyaneffatamuu ayyaneefachuu irra hin deebi’aan.Waktii gannaa waxabajii dhumaa hamma haggayi eegaluutti ( ji’a Adooleesaa guutuu dabalatee), jechuuniis ji’a tokkoo oliif ayyaanefacha turu.

Waktiin kun kan hin baramneefi suukkaneessa fakkaatee namoota haala naannoo kana hin taanetti yoo bitaacha’eyyuu an garuu waan nama hawwatu tokkon keessatti argaa.Maalis dhufu maaliis Ispeenootaaf waktii kana haala kanaan dabarsuun tarkaanfii tokko fuldurratti imaluu isaanii agarsiisaa.

Araddaa xiqoo an keessa jiraadhuu kan gaara kaabaa Ispeen Kaabaa irratti argamtu keessa godoo ayyaanii waggaa kessattii kabajamu kan yerooo baay’ee cuufaattii calleensaan taa’u heddutu argamaa. Garuu waktii Gannaa kana maatii hedduu yeroo gaarii waliin bakkaa kanattii yeroo kamiin ol gaammaduun waliin dabarsanin argaa. Yeroo kamiin olituu namootnii naannoo kanaa sagaalee isaanii olkaasuun ennaa kolfanii taphatan akkasumaas gammachuu keessoo yoomiin olii enna gammadan argamuu. Garuu sagalee gaddafii bo’ichaa namootnii tokko tokko yeroo gaarii dabarsuu dhiisuu isaanii ibsulle nii mul’ataa. Karaa kana Ispeenonii waan tokko namootaa addunyaa irra jiraatan hundaa waliin qooddatan nii qabaatuu.

Biriteeniif Ameeriikaa keessaattis taanaan namootnii jiraatan yoo haala Ispeenotaan ta’uu baatellee yeroo maatii isaanii wajjiin imaluun dabarsan nii qabuu. Maatiiniis ijjooleeniis yeroo boqqonaa qabaachuun nii barbaachisaanii. Ijooleen kallatii maatii isaanii irraa adda ta’eefi bashananaa balaa geessisuu yoo filatanuu, maatiin garuu bakka calleensa qabuu filatuu.

Akkuma ayyaana irreechaa ayyaanii maatiis waan dubbatamuuf baay’ee qabaa. Garuu tempireecherrii yeroo kanaa olka’aa yeroo ta’uu Maallaqnii waktii kana bahuu hedduu qaaliidhaa. Egaa utuu ayyaana kana irrattii hin hirmaatin dura yaadnii jireenya kiyyatti yeroo tokkofille gochuun qaban turee jedhuu kan si miidhuu gaafa manni barumsaa banamuu waktiin birraa gahuudha.

Waggaa kana waan dachaan dabalee an arge tokkoo gaafii waa’ee miira ijoollee dubbisuu danda’uu akkasumaasa waa’ee miira maatii dubbisuuf naaf dhihaatedhaa. Haalli kun waan afuurri wahii jijjirama fidee ummata keessatti faacaasuun waan ta’uuf deemuu akka raajan isaan godhe fakkaataa. Maamiltootni kiyya hedduun isaanii akka jireenyii waan lama irra ijaarame waan hubatan fakkaatuu. Inniis kennuuf Fudhachuudha.

Utuu irratti waliin hin dubbatiin yaadni irratti walii galamee tokko walitti dhufeenyii (kan maatii waliinis ta’uu kan jaalalaa) akkasumaan waan ta’u mitii. Irratti hirmaachuunifi wal jijjiruuni argamudha. Kana jechuun humnii walitti dhufeenya kana keessatti akka wal hubannu godhuu kana waan argamsiisuu kun akkaa qoratamuu,xiinxalamuufi ibsamuuf nu kakkaasaa.

Maatiin miira ijoollee isaa dubbisuu baree haala kamiin akkaa ijjoolee isaatti dhihaatuu waan beekuuf yeroo gaarii bara jireenya isaa guutuu yaadatamuu ijjoolee isaa waliin dabarsuun itti hin ulfaatuu.Yeroo waa’ee ayyaana maatii kaasnuu walquunnamtiin keenya ijjolee waliin qofa hin ta’uu. Utuu hin beekiin yeroo keenya namoota gurguddoo akka keenya kan biraa ykn keessumaa waliin utuu dabarsinuu of arguu malla. Baay’een keenyaalle miirra hadhaawaa yeroo jaalalaa gaarii gaanna sana dabarsiine irraan kan ka’ee dhamdhamuuf dirqamna. Sababnii isaas nama kana irra enna adda baanuu miira nama gaammachiisuu ykn miira namaa aarsuu kan namaa sanaa jechuunis hawwii, abjuu , ciminaa, dadhabinaafi barumsa jireenyaa irra namnii sun argatee ennaa barruu dha. Haata’uu malee yoo nama miira nama kaanii hubatu miti taatee hamma kana gadi fageenyaan deemuu dhiisuu malta. Bakkaa kanattidha egaa kan miira nama biroo dubbisuun itti si barbaachisu.

Miira nama kaanii hubachuu irratti waan an siif kennuu danda’uu yoo jiraatee humnaa kee sirritii erga hubatte booda humna nama kan biraa(Maatiis ta’uu hiriyaa jaalalaa) hubachuu danda’uu akka qabdudhaa. Anii akkasumaan waan lamaan keessan walitti dhufeenya irraa barbaaddan ilaaluufi hubachuu niin danda’aa. Walittii dhufeenyii keessan garamiittii deemuu akka qabuu isa isiin barbaaddaniifi yoo maal gootan akka achii geessan niin beekaa. Jireenya irra maal akka baratte soqee biraa niin gahaa; eessaa akka jirtuufi maal barachuun akka sirra jiruu. Atiif namnii atii waliin walitti dhufeenya uumtee amala waliinii kan bara baraan tokko isin godhuu siif ibsuun fedha.

Waa’een waliitti dhufeenya dubbisuu yeroo ka’uu waan doggogoraan fudhatamuu tokko walitti dhufeenyaa jaalalaa qofaaf kan hojjetu godhanii fudhachuudha. Garuu wal dubbisuu danda’uun fedhii jaalalaa qofaaf kan dalagu mitii. Kanaaol baay’ee bal’aafi yaada nama hawwatuu kan walitti dhufeenya kamuu, kan dhirsaaf niitii, maatiif ijoolle, ittii gaafatamaafi hojjetaa fi kkf dubbisuuf kan itti fayyadamnuudha.Dhugaan jiru garuu waliitti dhufeenyaa dubbisuun jaalalaaf yeroo ta’uu jaalalli kun garuu bifa kamiinuu yoo ta’ee kan nu fayyadudhaa.

Ganna kana walittii dhufeenya gootuu hundaa keessattuu yoo yeroo jalqabaaf jireenya keettii kan boqoochuuf deemta ta’ees ta’uu yoo akka Ispeenotaa ganna hundaa kan gootu ta’ees namoota wal quunnamtuu hundaa miiraa isaanii gutummaa gutuutti hubbachuu danda’uun ta’uu qabaa. Mallatoolee garaa kee dhufan keessumeesuun hiikkadhu ergaa isaa bira gahii. Waan atii jireenya keetti afeeruun fudhatte kun walitti dhufeenya kee guddisuuf waan baay’ee si gargaaruu ta’uu qabaa. Yoo sitti cimee garuu gara oggesaa miiraa nama kaanii hubbatee sirritti siif himuu danda’uu quunnamii. Eegaa , gaanna kana maaliis hojjedhuu,eessaas jiraadhu, eenyu waliiniis jiraadhuu akkaa atii yaadannoo gaarii jireenya siif ta’uu jiraatte dabartuu abdiin qaba.

ABJUUN KEE DHUGAA WALIIN WALITTI DHUFEENYA AKKA HIN QABNEE YOO KAN YAADU TA’EE, DOGOOGORUU KEEN SIIF HIMAA!
~Ijolee abbaa tokkoo(wright brothers) kan ta’an obbolaan lamaan balali’uuf yeroo yaadan maraataa jedhamanii turan.
~ Lonardo Da Vinchiin, Thomas Edison , fi Bill gates yeroo fuldura isaanii ija mul’ataan ilaalan sana namoota guyyaan abjochaa deeman jedhamaa turanii.
~ Abjuun isaanii yeroo sana maqaa fedhe yoo itti baaseyyuu Mul’aatnii isaan Abjuu guyyaan abjootan sanaan argan har’a dhugaa lafa irra jiryydha.
Namootni hedduun abjuun isaanii dhugaa jireenya keessa jiru waliin walitti dhufeenya akka waan hin qabneetti yaaduu. Garuu abjuun dhugaa waliin walitti dhufeenya guddaa qaba.Dhugaa jireenya keenyaa akkamiin ilaaluu akka qabnu bocaa isaa ittiin agarra. Kanaaf jireenya keenya irra waan eegnuu fi abdii kenyaa borii akkasumas gochaaf amala keenya akka boocuu danda’aa.
Mul’atnii softwarii amala, tilmaamaa fi gocha keenya kan akka sagantaa qabaatuu godhudhaa. Kanaaf waa’ee waan yaadnuu kan nuun of eeggachuu qabnuuf waan nuun ija sammuu keenyaan ilaalu jireenya keenya borii waan ta’aniifi. Yoo waan gaarii kan hin yaadne ta’ee sammu keenyaaf sagantaa nutii waan badaa yaaduun baasnee turees ta’uu battalaan waan haamaan sun jireenya keenya irra gahee agarra. Faallan kanaas nii hojjeta. Waan garii yaaduun kee gochaaf amala kee irratti dhiibaa taasisuun jireenya gaarii yaadne sana akka jiraanuuf daandii nu bana.

WAAN SAMMU KEE KEESSA DEDDEBI’UU JIREENYA ITTI AANEE DHUGAAN JIRAATTU DAAWITII KEESSATTI ILAALUU WAJJIN TOKKOO!

Yoo ofii kee dadhabaafi hiyyesa taatee of yaadde jireenya akkasii ofiif uuma jirta. Yoo ofii kee cimaafi soorresatti of yaaddemoo kan yaadde inuma siif ta’aa. Waan hunduu kan eegalu sammuu keessatti bifa yaadaan ykn abjuunii. Yaadnii kee jireenya ati ammaan tana jiraachaa jirtuuf itti gaafatamuumma kan fudhatuu yeroo ta’uu jireenyi kee boriis yaada kee har’aan ala hin ba’u.
# Daldalli (business) kan egaluu yaadaa fi fakkii sammuu keenyaanii!
# Dursaa gosa konkolaata barbaaddu erga yaadde boodadha kana ati argachuuf waan sirra eegamu gootuu!
# Yoo ulfaatina(furdina hin barbaachiisne) ofirra hir’isuuf deemta ta’ee dura kan atii yaaddee boca akkamii qabachuun akka sirra jirudha jechuudha. Yoo yaadni kee kun ifaafi Xiyyefanoon barbachisu kan kennameef ta’eefi shakkii of irra hin qabdu ta’ee fiixaan ba’umsa isaaf yaada, oddefanoofi humna si dandeessisuu argatta.
# yoo ofii kee barsiisaa, Atileetii , ykn taatee filmii gochuun of yaadde; yaada kanamoo guyyaa guyyaan kan yaaddu yoo ta’ee, yaadnii kee kun gara gochaaf tarkaanfii fudhachuutti si galchuun dhugoomuu yaada keetii siif mirkaneessa.
# kun namootnii milkaa’ina gonfatan haala isaan ittii duroomaniidha.

SABABAWWAN ARFAN YAADNI KEE TAATEE JIREENYA KEE ITTI UUMAAN!

1) Yeroo waa’ee waan tokkoo irra deebiin guyyaa guyyaatti yaaddu waan sana irratti xiyyefanoon kee nii dabala. Haalli Kun ammo akka ati keessa keetti waa’ee waan yaaddu sanaa odeeffattu si gochuun carra jiran kakka’umsaan eeggachuun waan yaadde sana akka atii galmaan geessuuf si onnachiisaa deema.
2) yaada kee fayyadamuun fakkii sammuun kee waan barbaaddu sana kaasuu sammuu dhokataa (subconscious mind) keef erga. Battalumma kana sammu dhokataan kee humnaa ittiin waan yadde sana milkeeffattu siif kenna. Akkasumas carra abjuu kee kana dhugoomfachuuf fayyadamuu qabdu akka barbaaddatuuf daandii sii bana.
3) Yaadnii kee uumaa fakkii wanta, haala ,ykn namoota ati yaada jirtuu waan ta’eef karaa fedheenuu ta’uu naannawaa ( addunyaa kee ) keessa waan jiru tuquun isaa hin hafu. Irra deeddebi’uun waan kana yaaduun ilaalcha kee waan jijjiiruuf karaa biraa ammoo yaada namoota biroo irratti dhiibba uumee namoota akka keettii yaadan sitti waan harkiisuuf namootnii kun yaada kee dhugoomsuu irratti gahee gudda taphataniif shora olaanaa baha.
Guyyaa tokko tokko yeroo waan tokkoo baay’istee barbaadduu akka tasaa argattu, yeroo gaaffii sammuu kee jequuf deebii argattu , ykn yeroo namnii ati fardaan barbaadde dhabde ta asa bakka hin eegamnetti sitti dhufuu ni jiraa. Kun akkasumaan waan ta’ee mitii. Daandii ati irra waan sana yaaddetu siif kenne.
4) Ati karaa yaada kee jireenya kee uumaa jirta.
Yoo kan soddattu ta’ee, waan gaarii hin taane yoo kan yaaddu ta’ee fi yoo kufaatii eegda ta’ee yaada kee karaa haamaa irra fuutee imalaa jirta. Haaluma kanaan kufaatii jireenya keettii afeeraa jiraachuukees bari.
Yoo fuldurratti imaluu, guddinaa fi milkaa’ina kan yaaddu ta’e carra ofitti harkisuun gochaaf hojiitti seentaa. Carra ati agartu kun yoo daandii kufaatiitti yaada si geessu yaadde utuu hin argin haftaa. Haala kanaan waan yaadde argachuun milkaa’ina gonfatta.
~ ofiikeef waan gaarii keessa isa gudda yaadii.
~ Yeroo yaada kee ta’achuu itti bartu, Galmaa kee ga’uun salphaa siif ta’aa!


2. GEGGESITOOTA SIYAASAA 10 HARKA NAMAATTI AJJEFAMAN!
Ajjechaan kan nama irratti raawwatamuu sababawwan akka hinaaffa, siyaasa ykn amantii , qarshiin bitamuun, fi haaloo ba’uuf ta’uu danda’aa. Yeroon akkuma duratti deemuun yeroo ammaa kana irra dhufee gahee namoota barbaachisoo ta’an ajjesuun mala ittiin angoo argatan ykn angoo lafa irra dheerefatan ta’ee gargaaraa. Akka seenaan raga bahutti bara 1200 DH.K.D kaasuun namootnii siyaasa addunyaa keenya irra sababa garaagaraan akka ajjefamaa turanidha. Sababnii ajjechaa kanaa amatii, garaagarumma yaadaa ykn icitii waraanaa yoo ta’ees xiyyefanoon isaa garuu nama hawwasa keessatti fudhatama qabuu ballesuu ta’ee argina.Mee namoota bebeekamoo siyaasaa addunyaa keenyaa lubbum isaanii harka namaatti darbe waliin haa ilaaluu! Adaraa ana hin nuffinaa!

1) Benazir Bhutto(BB) : Pakistan
Geggesituu paartii ummata Pakistan (ppp) yeroo taatuu pirezidaantii dubartii 11ffa sirnaa soshaal Dimookiraasittin biyyatti geggesaa turtedha. B.B’n dubaartii yeroo jalqabaaf biyya amantaa Musiliimaa hordoftuu keessatti yeroo walitti hin aanne lamaaf (1988_90; 1993_96 tti) Mummitii Ministeeraa ta’uun filamuu dandeessedhaa. Biyya paakistaanitti dubartii mummee ministeeraa taate ishee qofaa enna ta’uu abbaa ishee Mumme Ministeeraa Zulfikar Ali Bhuttof mucaa hangaafaa yeroo taatuu haadha warraa Pirezidantii Paakistaan ammaa Ali Zardi turte. Seenaan akka isheen Dimookiraasii addunyaaf fiduu irratti gahee gudda taphattetii yeroo ishee kaasuu jarra darbe keessatti dhimma addunyaa kenyaa keessatti harkii ishee dheera akka turedha. Muddee 27,2007 duula filanoo bara 2008’tiif ppp’f bakka bu’uun dorgommi paarlamaa biyyatiif gara magaala Rawalpindii jedhamtuu keessa bakka giddu gala Liaquat Bagh jedhamutti ajjefamtee. Yeroo balaan kun irra gahee konkoolaataa Toyotaa ishee keessa bu’uun deebi’aa turte. Erga konkolaataa ishee rasaasnii uree hin galle keessa seentee booda morma ishee bakkee baasuun harka isheen uumata achitti walitti qabamaniif nagaa dhaamuuf morma ishee gadi baastee. Yeroo kana kan rasaasnii ishee rukkuchuun dhohiinsii achitti ta’ee lubbuu namoota 20 galaafate. Midhamnii guddaan irra gahuun gara hospitaala Rawalpiitti haa geeffamtuu malee halkanuuma sana lubbun ishee dachee kana irra darbuun isaa dubbatame.

2) JOHN F. KENNEDY : USA
Keenediin pirezidaantii Ameerikaa 35ffa yeroo ta’uu bara 1961 hamma du’asaa bara 1963 tti nama Pirezidaantumman biyya isaaf dalagedha. Yeroo waraana addunyaa lammafa raayya biyyatti keessatti koomandera markabaa naannoo kibba Atilaantik irraa ta’uun hojjechaa turee. Achiin booda kongreessii dimookiraasi Ameerikaa naannoo Boston ta’uun erga tajaajilaa turee booda bara 1953 gara Senaterrummatti ol guddachuu danda’ee turee. Haadha warraas kan inni fuudhe baruma kana ture. Bara 1955 erga waraana irra sirritti bayyaanatee booda seenaa jireenya isaa barruu ibsuu barresuun badhaafamuu danda’ee jiraa. Wagga tokkoon booda akka itti aanaa pirezidaantii ta’uuf karaa dimookiraatawaa ta’ee filamuun waggaa afur boodamoo sagaalee tokkofaan pirezidaantummaf filamee. Dorgomaa miseensaa Ripabilikaanotaa kan ture Richard M. Niksan waliin falmii inni godhaa namoota kitilaan lakka’amantu karaa fodda TV hordofe. Mo’umsii inni argatee garaagarumma xiqqoof haa ta’uu malee Pirezidaantii Ameerikaa amantaa kaatolikii warra Roomaa hordofuu kan Ameerikaa yeroo jalqabaatii Kenediin. Saddaasa 22,1963 yeroo kamiinuu ol yeroo dheeraa erga biiroo isaa keessatti dabarseen booda rasaasaan magaalaa Daallas kan Teksaasitti argamu irratti ajjefamee. Seenaa keessatti Kennediin nama ijoollumaan Pirezidaantii ta’ee umurii ijjollumaa isaan du’ee jedhamuun yaadatamaa.

3) INDIRA GAANDIIH: HINDII

Lammii biyyaa Hindii yeroo sadiif walitti aansuun (1966_1977) fi yeroo afuraffamoo (1980_84) M.ministeeraa biyyatti ta’uun nama geggesuu dandeessedhaa. Akkuma addunyaatti yeroo ilaalummo dubartii sadarkaa biyya geggesuu irra geesse yeroo lammaffaa ta’uun lammii siriilaankaa kan taatee Sirivaano Bandaraniketti antee argamtii. Hamma bara 2012 tti M.Ministeeraa ta’uun yeroo dheeraaf kan biyya bulchitee keessa sadarkaa lammaffa irratti argamtii. Biyya Hindiitti garuu M.Ministeeraa dubartii yeroo jalqabaaf taatedhaa. Mucaa tokkitti M.Ministeera Hindii Ofdandeessee Jawaharal Nehruutii. Walitti dhufeenya gaarii Soviet waliin gargaarsa isaan waraana Hindiin paakistaan waliin gootee irratti godhaniif sababeeffachuun uumteetti. M. ministeeraa hindii yeroo jalqabaaf dhimma ariifachiisaa ilaalchisee seera baasuu akka irra jiraatu labsiteefi ergaa angoo qabatte booda yeroo jalqabaaf nama mana hidhaa seentedha. Bara 1984 ture kan ishee mana jireenyaa m.ministeera keessa jiraatuu kan New Delhiitti argamutti ajjefamtee. Kan isheen ajjefamtes egdotaa(Body guards) lamaan turee.

4) MARTIIN LUUTEER KING JR. : USA

Namni kun luba ,warraqaa fi geggesaa beekamaa sochii mirga Afirikaanota Amerikaa ta’uun nama hojjetedha. Warraqsa karaa nagaan cabuu mirga dhala namaa ilaalchisee nama sochii cimaa godhedhaa. Martiin yeroo biliisumman akkas Ameerikaa keessatti dagaagee argamuu kanatti nama bakki guddaan kennamuuf dha. Bara 1955 keessa sochii Konkolaata Montgomery akka hin fayyadamne godhuu kan dura bu’uun geggese yeroo ta’uu bara 1957 ammoo konfireensii geggesummaa kiristaanota kibba argachuun Pirezidaantii jalqabaa waaldaa kana ta’uun geggesee jiraa. Warraqsa karaa nagaa sanyiin wal qooduun jibbinsa geggefamuu hanbisuuf nama gahee gudda taphate jedhamuun umurii ijjoolummaan badhaasa Nobelii nama argate isa jalqabaatii. Bara 1968 qalbii isaa hiyyumaa hir’isuuf lola Vetinaam hambisuuf sochii kan biraa eegalee. Ebla bara 1968tii rasaasaan rukkutamuun ajjefame. Ajjefamuun isaa kuniis magaalota biyyatti 100 ol keessatti goolii akka kaasee turee seenaan nii eeraa.

5) ABIRAHAM LINKOLN: USA

Linkoln bara 1961 hamma ajjefamuu isaa bara 1965tti Pirezidaantii Amerikaa 16ffa ta’uun nama geggeseedhaa. Yeroon inni itti geggesaa ta’ee kun yeroo wal waraansii waliinii biyyattiti baduu ba’ee yeroo ta’uu daangaa biyyatti keessa daldalli garbaa akka hafuuf gahee olaana taphateera. Kabajaa namaaf kennufi haaqa qabaachuu isaan nama kabajamu ture. Dadhaabbi isaa inni guddan wal waraansa waliinii dhabamsiisuu irratti hojjetee jiraa. Lolaa hamaa Biritenii wajjiin taasifamuus ture kan silaa balaa gudda qaqqabsiisuu fashaaleessun seenaa jabduu hojjetera. Haasawaa isaan onnee ummataa boji’uu nama danda’ee yeroo ta’uu hasawaa isaa bara 1963 irrattimoo antumma ummataaf qabu mirkaneesseraa. Dhuma wal waraana waliinii irrattii biyya Ameerikaa tokkomsuuf hojji bal’aa qabatee ka’ee. Yeroomaa sana beektotaan Pirezidaantii Amerikaa guddicha jedhamuun waamamuu jalqabe. Ebla 1964 enna waraanii waliinii biyyatti dhumachuuf deemutti ajjefamee. Ajjechaa Andrew jakson irratti wagga 35 dura yaalamee hin milkaa’in hafetti aanuun yeroo jalqabaaf Pirezidantii Amerikaa ajjefamee akka ta’ee seenaa isarra nii dubbifamaa.

6) Liaquat Ali Khan: Pakistaan

Abbaa paakistaan ammayaa jedhamuun beekamuu. Biyyaa isaaniif geggesaa, abba seeraa , siyaasaan, ministerumma raayya waraanaa ta’uunifi bakka garaagaraatti nama hojjetedhaa. Bekkamtii siyaasa kan argatee sochii ligii musilimaa hindii irratti dhagahamumma qabuun turee. Of danda’uu Hindiif Paakistaanif gahee gudda taphateeraa. Bara 1947 m.ministera paakistaan ta’ee. Riwalditti walgahii ummataa utuu geggesuu laphee isaa irra rasaasaan rukkutamuun ajjefamee. Polisiin yerooma sana nama isa ajjesee haa ajjeesuu malee maaliif akka inni akkas godhee amma ammaatti hibboo hiika hin argatin ta’ee jiraa.

7) MOTIICHA FAAYISAL : SAUD ARABIA

Barii inni mootii ta’uun bulche 1946_1975 tti. Hojii hojjete keessa kan inni itti galatomfatamuu rakko mallaqaa keessa biyya isaa baasuu fi polisii ammayyumaa baaseen isaan yeroo ta’u karaa hariiroo dhimma alaan polisii inni hordofu kan pan Isilaamuumaa, mormituu Komuunizimiifi deggaraa jaalala biyya akka warra Palestaayin turee. Ka’uunsa bu’aa gudda waan buuseef ummata biraa fudhatama guddaa qabaa. Bara 1975 obboleessa isaa gartokkoon ajjeefamee. Erga ajesees akka aadaa biyya sanaatti angoo qabatee haadhaa manaa isaa fudhuuf yeroo inni bagga gammadden dhungatuun ishiin ammo ajjesaa abba mana ishee shugguxiin dhuftee ajjestee.

8) Thomas D’arcy McGee : kaanaadaa

Namni kun sabbonaa ayirish, dubbii himaa amantaa kaatolikii fi gaazexeessa yeroo ta’uu abbaa confidireshinii kaanadaa jedhamuun beekamaa. Ayirishotniifi kanaadonni tokkomuun akka sabbonumman itti dhagahamu gochuu irratti nama gahee olaana taphatedha. Hamma ammatti sadarkaa Federalaan bulchaa biyya kanaada ajjefamedha. Guddina misoomaa kaanadaa keesaatti waan gudda hojjeteera. Manaa isaatti diina isa eegeen rasaasaan rukutamuun bara 1868 ajjefamee.

9) RAFIK HARIIRII : LIBAANOON

Namaa bizineesii fi m.ministeeraa lebanoon kan 1922_1998tti irra deebiin ammo 2000_2004 tti nama biyya isaaf hojjetedha. Lolaa waggaa 15’ni booda bizineesiif siyaasaan nama lebanooniin geggesee yeroo ta’uu Berutiin irra deebiin ijaaruu irratti gahee gudda baheera. Bara 2005 ture kan inni ajjefame. Sababiin ajjechaaf isa gahee amma ammaattille qoratamee kan bira hin gahamnee dha. Mootummaan siriyaa harka keessa qaba jechuun kan dubbataniis nii jiru. Ajjefamuun isaa jijjirama gurgudda akka warraqsa seedaariifi loltoonii siriyaa libaanoonii baahuu fidee dhufee.

10) Mahaatama Gahaandii : Hindii

Sochii siyaasaa isatiifi geggesaa amantii ta’uun kan beekamuu mahatama Gahaandiin geggesaa sabbontotaa Hindii kolonii Ingiliz irratti karaa nagaa godhamuu turee. Karaa nagaan warraqsii inni godheefi wal danda’uu qabaachuu amaantaa hunduuf Isilaama irratti sochii inni taasisaa turee akka addunyaattuu beekamtii kan isaaf kennudha. Nama amantaa hinduu hordofuun bara 1948 kadhaataaf utuu deemuu ajjefamee. Sababnii ajjefamuu isaaf kanfaltii Paakistaaf akka ta’uuf kakkaasa tureen Hindii dadhabsiistetta jechuun turee.
Horaa bulaa!

13466357_941305519315403_2639794379611392353_nKan hiike:Tamasgeen Axinaafuutii!, Maddi (Internet)

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa