“BORU IIDA!” – ASOOSAMA GABAABAA (Seenaa ijoollummaa irratti kan hundaa’e) Barreessaa: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit

“BORU IIDA!” – ASOOSAMA GABAABAA
(Seenaa ijoollummaa irratti kan hundaa’e)

Barataa kutaa 4ffaatiin ture. Sa’aa dura mana barnootaa tureen sa’aa booda immoo beeyladaa gaaratti bobbaasa. Barri isaa akka lakkoofsa habashaatti 1984 tahuu isaati. Ji’a ramadaanaa goolabaa jirra. Soomanni baranaa xumuramee iidni gahuuf guyyaa tokko ykn lamaatu hafe. Amma dura addaan hin baane. Tahuus garuu ani gama kiyyaan qophii iidaa eegaan jalqabee tureetin jira. Osumaan iida baranaa haala addaatiin hiriyoota kiyyaa waliin kabajuuf qophii xumuree jiruu, garu xiqqo qophii gariitu naaf hafe. Bakkumaan beeyladaa eegaa jiruttiin yaadaan liqimfamee ta’aa jira. Kaleessa hiriyoota kiyyaa waliin akkamitti, eessattiifi maaliin akka kabajnu mari’annee turre. Karoora kabaja iida baranaa kun kan san duraa irra maallaqa wayyaa na barbaachisa. Kanaaf maallaqniin amma buqqee baankii tiyya keessaa qabu meeqa akka tahe hin beeku. Buqqee baankii jechuun iddoon maallaqa ji’a tokko guutuu itti qusachaa ture yoo tahu, tooftaan ittiin tolchees buqqee duudaa cinaacha irra hangi shilingiin seentu xiqqo uree qaawa saantimii shantam galchuu danda’u itti qopheessuun eegaan callaa saantima shan irraa hanga qarshii tokkoo itti guuruu jalqabee kunoo ji’aafi torbee lama gaheen jira.

Aduun lixuuf xiqqootu hafe. Gaara irraa xiqqo ol fagaattee tan teessu aduun halluu warqii uffattee, hoo’aas xiqqeeffattee jiraattuus arra akka duraaniitti beeltiis waan natti hin dhagayamiiniif dafee beeyladaa galchuus yaadachaa hin jiru. Arra hoggaan beeylada bobbaasu zeeytunaan duraan hannaan guuree manarraa fagaadhee nyaadhullee hin nyaanne ture. Garuu yaaddoo keessa waaniin seeneef, keessattuu dhimma iidaatiin waaniin qabameef hin beelooyne. Ededa xeessinnoo bakkaan beeyladaa tiiksu taa’eetiin waa’ee maallaqaan iidaaf walitti qabaa jiruu yaadaan lakkaa’uu jalqabe. Bakkumaan taa’uttiin ija tiyya guduunfadhee yaadan manatti galee buqqee tiyya guyyaan qarshiifi shilingii keessa naqe quba lakkaa’aa herreeguuf yaale. Guyyootuma muraasaan yaadadhe. Sirnaan hin yaadanne. Ammaas bakkumaan taa’uttiin harka kiyya lameen if duubatti deebisee shanacha barruu lafatti diree qaama kiyyaaf faxaa godhee, morma kiyya duuyda duubatti deebisee, fuula kiyya ol deebisee, ija tiyya samii lixaa gara bahaatti halluu dahabaa haphattuun haguugamte irratti dhaabee,

“Meeqa naaf gahe laata?” Jedhee ofumaaf irra deebi’ee if gaafadhe. Ammaas herreega sirrii hin beekne. Kanaaf immoo guyyaan iidaa kaniin duraan natti dheeratee jedhee hifadhee ture akka achi siquun hawwe.

“Iidni kun osoo iftan tahee.” yaadni jedhu sammuu keessatti na uumame. Hanguma liphuutti yaadni faallaa akka waan ifiif murteessuutti dhufee,

“Lakkii…! lakkii…! Boruma tahuu qaba iidni.” jedhee mormiifi murtii fidee yaada jalqabaa dura dhaabbannaa jalqabe.

“Maaliif boru taha.? Yoo boru tahe immoo maallaqniin an qabu iidaaf nan gahu kaa.” gaaffii sababaan deeggaramte fakkaattu tan alaan’alaas makatte takka dhiheessite, sammuun yaada iidni boru tahuu hawwituu dura dhaabbattuu irraa dhufe.

“Boru yoo tahe, karoorri iidaa kan siifi hiriyoonni kee qabattan san dafee galma argata kaa. Yoo iftaan tahe garuu isinitti dheerata. Maallaqni yoo siif hin geenye arraafi borutti eessaa fidda?!” jettee deebii qofa osoo hin tahin sababa gaaffii abboommi waliin naaf dhiheessite.

“Maal godhuun qabaree? Maallaqni nan gahu kaa!.” sammuun garri yaada jalqaba kaafteefi iidni iftaan tahuu hawwitu miira alaan’alaan wal makate tokkon guutamtee harka kennuus feete sammuu iidni boru tahuu hamiltu furmaata gaafattee.

“Akkuma galteen buqqee tee cabsitee maallaqni kee meeqa akka gahe laalta. San booda immoo yeroodhaan hiriyoota kee walitti qabdee ‘Mahammadaa’ irraa waan argattan addaan fudhattan. Ganama boruu immoo yeroon kaatee namoota itti amantuufi naaf kennan jettu bira dheeyxee ‘haqal-id’ gaafachuufi walitti qabachuu qabda. San booda immoo maallaqni ati qabdu magaalaa calanqoo qofatti osoo hin taane, bakka biraattuu iida ajaa’ibaa si goosisuu danda’u tahuu mala.” furmaata qofa osoo hin taane tartiiba sagantaatiis naaf tarreessite sammuun garri gola furmaataa taate tun.

“Oohhh…! Eeyyee! Dhugumattuu Iidni boru tahuu qaba.” sammuun garri ‘iidni boru’ jettu tan faallaa amansiifnaan, isiiniis guyyaa borutti murteessuu kanatti waliigaltee, boru tahuttiis gammadde. Tan gama kamii akka taate mooji malee sammuu gola furmaataa taate tana hedduun dinqisiifadhe. “Sammuun yaadoota hundaaf fala keessu tun tan gama bitaa moo tan mirgaati?” Ani hin beeku. Gammachuun guutumee if keessatti sesseeqaa osumaan sammuu tiyyaa tan yeroo mara yaada wal xaxaaf falaafi murtii laattu, tan hawwii tiyya akka waan naa dhugoomsiteetti onnee abdiin na guuttu tana garba dinqisiifannaatiin liqimfamee raajeeffachaa jiruu, osoon raajeeffannaa isii hin quufin;

“Boru Iidaa…..
Akkoo tee mataan iitaa..” sagalee jettuu dhaga’e, hoomacha hawwii keessaa dammaqee garaan sagalee irraa dhaga’e mil’adhe.
Fillica ture. Sagalee isaa tahuu dagadhee osoo hin taane gocha isaa mirkaneeffachumaaf jedheen gara isaa laale. Beeyladaa ‘luxu’ oolchee galchaa jira. Nuti hangi tokko keessattuu warreen ani irratti mootiifi ajaja kiyya fudhatan eega Fillicni naas moohate kana yeroo hedduu bakka inni loon oolchu hin oolchinu. Yoo inni luxu oolchu, nuti immoo ededa xoosinnoo, yoo inni buraantaa oolchu, nuti dabaa oolchuu eega jalqabnee bubbulle. Yoo isa waliin oolchine guyyaa mala addaa nu baasaa oola. Takka beeyladaa nu deebisiisa, takkaa walitti nu dira, takka oka na kaayyadhaa asii achi na geessaa ja’a….. uuffff..! Waa’een isaa himamee hin dhumu. Eessaa akka fidu mooji malee hogguu tooftaafi mala adda addaa kan ittiin nu ergatu, nuun gowwoomsu, nuun boochisu… haareya fida. Kanaaf aniis harka kennuu diddaa jara hangaan danda’u jalaa meeyseen ifii wajjiin oolcha. Inniis akkasumatti garee isaa tan sirnaan amansiifate if jalaan deema.

Fillicni maqaa moggee nuti baafneef yoo tahu maqaan isaa kan dhugaa ‘Yaadataa’ dha. Bifaan magaala, qaamaan haphii, hojjaan gabaabaa, yoo laalan qal’ina haqummee fakkaata. Ji’a torbatti dhalachuu isaa daran osoo ulmaa hin bahin harmeen isaa irraa duute. Harma osoo hin luugin jabo dhukkubsatee bakka du’a gahetti akkoon isaa fuudhattee, fadhiidawee haa lafa turuu malee boodarra rabbiin eewalee kan ka’e tahuu beektoota seenaa irraa dhageenyee jirra. Haatahuu garuu nuti maqaa ‘Fillica’ jedhu kana qaamaan haqummaa’uu, gabaabinaafi haphina, nigirtaawaafi birxaawaa tahuu isaa irraa osoo hin tahin, caasoo yoo qabsoo wal qabnu miila isaa washee san nutti maree lafatti nu maragu san irraa moggaafneef ture. ‘Fillica’ jechuun akaafaa dhumee, lafaan akaafuu hanqatee kan bakka loon buluu faltii lafatti maxxanteen soqanii dha. Nuti garuu yoo inni nu waliin nagaya taheefi wayta haasawa ho’aa keessa jirru faa yoo tahe malee maqaa ‘Fillica’ jedhu kanaan yeroo baayyee hin yaamnu.

Fillicni, amalli isaa finiinaa, haalli isaa qanyee dha. Birxee qabaachuu daran malaafi tooftaa adda addaa qabaachuun, haasawaa babbareedaa haasa’uun, faxinummaa sammuufi kkf niin nu hunda caala. Kana qofaa miti. Haphina qaamaafi A, B, C.. barreessuufi dubbisuu wallaaluu irraa kan hafe waan waan hundaan akka intalisheetti nutti taphata. Barnoota garuu hin baratu malee silaa akka sammuu qabu kanaan baratee nu qofaa miti ardii tana guutuu guba ture. Yoo kubbaa taphannu, utaalloo utaallu, dorgommii fiignu, gamagama baanee dhagaa walitti harru…. waanuma maraan dachaa nuuf deebi’a. Keessattuu qabsoon yeroo garagaraa nu hunda moo’atee, sagalee abboottii murtiitiin injifannoo ol aantummaa eega nurratti gonfatee bubbulee jira. Kan yeroo dheeraa dadhabee xumura irratti injifate ana ture. Yeroo hedduu qabsoo wal qabnee takka na kuffifatu, takkaan kuffifadha ture. Yookaa immoo laangichoo, wal cinaa kufna ture. Booda irra garuu wal jala na kuffifatee anaas injifate. Nutiis “Nuufi ati hiriyaa miti. Ati nurra guddaa dha” jennee hamilee teenya jajjabeessinee cal’ifne. Dhuguma! akka keessa beeytota irraa dhageenyettiis umriin nu caala. Abbaan isaa niitii biraa fuudhee ilmaan isa boodaa dhadhalatan isarra dhedheeroo waan tahaniif hangafa isaa fakkaatan. Kuniis umriin nu caaluu isaaf ragaa biraati.

“Boru iidaa…..
Akkoo tee mataan iitaa..” irra deebi’e ammaas, saniifuu ijaan gara kiyya mil’achaa. Na arrabsuu isaati. Yaa’ii na kadhachuu. Yoon bitaa mirgaa laalu hiriyoonni kiyya beeyladaa karaa buusanii jiran galchuuf. Ani garuu dhimma iidaa kanaatu kophatti dagee na hambise Beeyladaaleen kiyyaas akka carraa tahee akkuma kiyyaa osoo dheedanii moggatti kophaa bahanii turan. Hiriyoota kiyya, deeggartoota kiyya if biraa dhabuuniis na aarsite. “Akkoo tiyyaa moo?” Oohh..! Sanuu akkoo gara haadha kooti hin beeku waan taheef tan gara abbaa akka maleen jaaladha. Kanaaf yoo namni sagalee jabduun “akkoo tee!” naan jedhehuu waliin lolaan. Niin yaadadha guyyaa tokko mucaan hiriyaa kiyyaa osoo haasooynuu, ani waa irra deddeebi’ee gaafannaan,

“Akkoo tee Madiinaa Korree,
Tan ija burree…” waan naan jedhe qofaaf dhagaan mataa fottooysee jira. Madiinaa Korree jechuu malee eenyu akka taate hanga arraa hin beeku. Garuu akkoo tiyya ijji isii akkuma nama biraatti adii, agartuun gurraatti malee burree miti.

Fillicni irra deddeebi’ee “Boru Iidaa…” jechaa Akkoo tiyya arrabsuus humaa jechuu hin dandeenye.

“Maaliin godhuu danda’aree? silaa nama biraa taatee..” jedheen osoo akkoo tiyya tan mataan fayyaa iiteeysuu sodaadhee callise. Maaliif nama biraa hin tahin. Silaa osoo inni “Boru iidaa….. ” jedhee xumuruu miti jecha biraa itti hin daballeen mataa gubbaan baha ture. Way sodaa! Hammeenya isaa kan akkoo tiyya arrabsuu itti dhiiseen boru iida tahuu qofa irraa qabadhee if jajjabeessuuf yaaluus garuu inni irra deddebi’uun isaa kun sammuu koo tasgabbii dhoorkinaan,
“Maaliif nama biraa hin tahin?” jechaan waan biraa godhuu dadhabuus garaa kiyyatti guunguumee, dhooysatti hidhii ciniinnachaa. “Dhugumattuu silaa duruun gatii isaa laadheef ture Maaliin godha, Fillica na tahe. Garuu guyyuma tokko wal jala hoggu sadi na kuffifatee ol aantummaa natti gonfate malee dilas na moohe miti.

Yoon if duuba hiixadhee kallattii lixa laalu biiftuun guyya ho’aafi ifaaniis addunyaa tana irratti ol’aantummaa guutuu qabaachaa turte amma immoo yarattee, seensaaf afgaara gaara irra teessee ija ‘qulum qulum’ gooti. Yeroo sanitti dilas sammuun koo waa xinxaltee osoo hin taane lakkuma Fillicni “Boru iida….!” jedhuun miirri kiyya keessatti aaraa deeme. Sammuu gar tokkee yeroo mara yaadaan hin injifatamne sani walleenuu, Garuu Fillicniis guyyuma tokko qofa akka na injifate waan beekuuf hoggaa hiriyoonni keenya nu bira jiran natti hin dubbatu. Yoon akka tasaa moohe olaantumman isaa ni kufti waan taheef kophatti onnee na fuudhee injifannoo isaa mirkaneeffachuuf akka deemuu naaf galee jira.

“Fillicni kaleessa si injifateef arraas na injifata jettee yaaddaa? Ofin gowwoomsin osoo akkoo tee tan akkasitti jaalattu arrabsuu moo?” Yaada samnuu gara tokkoo ture. Utaleen saffisaan lafaa ka’e.

“Akkoo tiyya moo boo?” gaaffii diddaa makatte tan jalqabaa dhiheesseef.

“Ee..! Akkoo tee mataan iita!” yoo naan jedhe hoo? Osoo inni deebisaa hin laatin ofumaaf of gaafadhe. Osumaan yaada kiyya gartokkotti luucceeysee hin murteessin, Qalbiin tiyya garri tokko duruu buqqee baankii mana jirtu na yaadatte.

“Yoo siduraa keessaa baafatan hoo?” shakkii buqqee tahuu, sodaa Fillicaa miira wal makataa tokkootu na weerare. Soomanaa waliin beeltiis na laaffiftee jirti. Osoo inni deebii naaf hin laatin walaawwala keessa gale.

====== Itti Fufa ======

12187706_185964605073876_5457299555444307206_nBarreessaan: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa, 2016

Baga Guyyaa Iid-alfixriin isin gahe!
Kutaa 2ffaa galgala eeggadhaa.

*Hubachiisa: ‘share’ malee ‘copy paste’ godhuun dhoorkaa dha!!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa