DOOKTOROONNI FAYYAA OROMOO MAAL JEDHAN? …!!..HIDHAA KANA TUQAA DUBBIFADHAATI ISAAN EEBBISAA…!!!

DOOKTOROONNI FAYYAA OROMOO MAAL JEDHAN?

Kutaa kana jalatti dhukkhealth-is-not-a-condition-of-matter-but-of-mind-health-quoteuba garaagaraarratti ibsa garaagaraa dooktoroonni keenya kennan arganna. Fayyaa qabaatan waa hundaa qaqqabu; qaqqabsiifatus. Haaluma kanaan Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa dabalatee dooktoroonni keenyaa hedduun Afaan isaaniitiin odeeffannoo barbaachisuu sabaaf qooduurratti argamu.   Nus haamilee kennnaafiidha irraa barachaa, yaadas kennaa adeemuun nurraa eegama. Hojiin ta’aa jiru kunis jijjiirraarra darbee bifa qorannootiin haala qabatama naannoo jiruu duukaa akka walsimataa adeemuuf akka taasisan hayyoota kanarraa waan eegnu qabna. 

DHUKKUBBII DUGDAA (Back pain)
Akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa’aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kam hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa’aa ta’e yokaan ho’aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa’uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa’achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.
7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka’umsaa isaa baranii gagaarsaargachu
un gaariidha.


Nyaatamuu ilkaanii (Dental Caries) Maaliin dhufaa? Akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?

Nyaatamuun ilkaanii (dental caries ) kan nutti dhufu yoo ilkaan keenya asidii baakteriyaa ilkaan keenya gidduutti walhoraniin hubamudha. Kana ittisuuf maal gochuu qabnaa?

1. Saamunaa ilkaanii flouride of keessaa qabuun guyyaatti al lama ilkaan keenya ququlleeffachuu. Yoo kan altakkaa qulqulleeffannu ta’e galgala qulqulleffachuu qabna.
2. Bishaan uumamaa dhuguu. Kana jechuun yeroo hundaa highland (bottled water) dhugna yoo ta’e flouride hanga isa uumamaa waan hin qabneef miidhamuu dandeenya.
3. Nyaata sukkaara olka’aa ofkeessaa qaban fi miyaawaa ta’an baay’isuu irraa of qusachuu
4. Nyaata ammaa ammaa itti deddeebi’anii nyaachuu dhiisuu.
5. Ilkaan keenya gidduutti nyaata hartuu ilkaanii (tooth brush) dhokatee hafu waan akka fo’aa (kirrii) qal’oo ishiitiin of keessaa baasuu qabna (flossing).
6. Ogeessa ulkaanii (dentist) yeroo murtaa’e keessatti deemanii haasofsiisuu


FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA

**Dr. Nuredin Luke**
Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, kessattuu kan bobaa Jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun
ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa
keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.
.
Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:
.
Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko(Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha. Inni lamataa(Apocrine glands) ammoo googaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan pirootiiniif kemikaalota biraa qabu maddisiisa.
.
Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaata.
.
Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:
– Namoota Furdinna garmalee gudda ta’e qaban.
-Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin itti baay’ate
fayyadaman
– Namoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu
guddisan
– Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban.
.
Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:

-Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:
* Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu.
Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa
keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii
badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqeessa.
*Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu.
Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka hin hurkine
gochuun baakiteriyootaf saaxila.
* Saamunaa mana qorichatti gurguraman Kan
baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM
fa’a fayyadamuu.
* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn
“deodorant” adda adda fayyadamuu.
* Nyaata zayitiin itti baay’ate yeroo hedduu fayyadamuu
dhabuu. Foonii diimaas baay’isuu dhabuu. Kuduraaleef
fuduraalee fayyadamuu.
* Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn
hirdhachuu dide dhiheenyatti deemuun Doktora
mari’achiisuun barbaachisaa ta’a.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

HAMMATTUU HARMAA FI MIIDHAA ISAA
RISKS OF WEARING BRA
***Dr. Kiyyaa Daawwitee **(Dr.KD)

Akka aadaa biyyoota hedduutti hammattuu harmaa godhachuun ni dhorkama. Biyyota kaanitti immo ni jajjabeeffama.
Haa tahuutii shamarran maaliif hammattuu harmaa godhatu?
Bifa fiixee harma isaanii dhoksuuf
Harma kufe kaasuuf ykn immoo akka hin kufne eeguuf
Yeroo deeman harmi akka hin raafamne ykn hin sossochoone gochuuf
bareedinaaf


Dafqa harma jalaa dhorkuuf

HAMMATTUU HARMAA FAYYADAMUUN DHUKKUBA KAANSERII HARMAA FIDAA?
gaaffiin kun yeroo ammaa gaaffi guddaa tahuun qorattootni adda addaa yaada mataa isaanii kennaa jiru. Amerikaatti gurmuun qorattoota dhimma kaanserii(American cancer society) akka jedhanitti hanga ammaatti kaanserii harmaa fi hammattun harmaa walitti dhufeenya hin qaban.akkuma beekamu qorannoon yeroo yerootti jijjiiramaa deema, akkasuma beekumsi waahee dhukkubootaa illee fooyyahaa deema.

BALINNI HAMMATTUU HARMAA YOO SIRRII MITI TAHE RAKKOOLEEN ARMAAN GADII SIN MUDACHUU DANDAHU!!
Dhukkubbii dugdaa ;
hammattuun harmaa yoo garmalee dhiphoo taate dhiibba lafeewwan dugdaa fi cinaachaa irratti uumuun dhukkubbiin dugdaa sinitti dhagahamuu ni dandaha.
Dhukkubbii harmaa;
kun yeroo baayee kan uumamu hammattu harmaa dhiphoo godhachuun dhiigni akka sirriitti gara harmaa hin seenne dhorkuun dhukkubbii uumuu dandaha.
Dhukkubbii gateetti fi mormaa akkasumas
Hammattuun harmaa dhiphoon gogaa qaamaa madeessu ni dandaha.

BALINNI HAMMATTUU HARMAA SIRRII TAHUU AKKAMIIN BEEKNA?
Hammattuu harmaa bituun dura meetriin harma keessan naannoo isaa safaraatii bitaa.
Erga uffattanii yeroo gadi jettan yoo isin muddeera tahe isinitti dhiphateera
Yeroo baafattan gogaa keessan naannoo dugda keessanii, bobaa jala fi harma jala isin madeesseera ykn dirmammeessera yoo tahe isinitti dhiphateera.
Jia jahan(6) irra deebihaatii balina hammattuu harmaa isinitti tahuu safaraa. Guddinni harmaa ni jijjiirama waan taheef.

RAKKINA HAMMATTUU HARMAA FAANA WAL QABATANII DHUFAN AKKAMIIN HANBISNA?
rakkina hammattuu harmaa faana wal qabatee dhufu hanbisuuf hammattuu harmaa kana yeroo barbaachisu qofaatti fayyadamuun gaariidha.
Hammattuu harmaa yeroo mana teessan ykn boqottan ofirraa baasaa
Uffattanii hin rafiinaa
Yoo harma hoosiftu tahe guutummaatti osoo hin fayyadamtan tahe gaariidha.
balina harma keessan faana deemu qofaa uffadhaa.
hamma dandahametti hammattu harmaa fayyadamuu dhiisuun illee gaariidha.
Dhumarratti hammattu harmaa kanan jedhe afaan oromootiin jecha biraa sirrii yoo qabaate na ofkalchaa!!

Sayinsiiwwan babbareedoo ulfaan walqabatan:
**Lechisa Amena**
-Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa’amee ji’a 4-5 eegala.
-Mucaan garaa keessa jiru guyyaatti yoo xiqqaate si’a 12 socho’a.
-Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatina Kg 8-12tin dabalti.
-Ulfaatinni Obbaatii 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.
-Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi.
-Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda torban 2 keessatti yoo harma hoosisuu baatte ulfauu dandeessi.
-Harma hossisuun ulfa ittisuuf oola (Garuu ulfa ittisuuf ga’aa tahuuf sirriitti hoosisuu qabdi)


Of Eggannoo Dubartiin Ulfaa Gochuu Qabdu
**Lechisa Amena (MSF)**

– Ba’aa Ulfataa Kaasuu Dhiisuu
– Dugdaan Ykn cinaacha mirgarraan Ciisuu Dhiisuu
– Alkoolii Dhuguu Dhiisuu
– Tamboo Xuuxuu Dhiisuu
– Sportii ciccimaa Hojjechuu Dhiisuu
– Yoo da’umsa jala ga’an qunnamtii saalaa rawwachuu dhiisuun gaariidha
– dhugaatii bunaaf shayii hir’isuu
– nyaata sassalphaa madalamaa nyaachuu
– qorichoota ogeessa fayyan hin ajajamne fudhachuu dhiisuu
– sochii mucaa tohachuu
– yoo xiqqate ogeessa fayyaan yeroo 4 ilaalamuu

WAA’EE DHUKKUBA TB MAAL BEEKUU QABNAA?
Dhukkubni TB baakteriyaa Maayikoobakteeriyaa tuberkuloosis jedhamuun kan dhufu yoo ta’u baayyinaan kan hubu somba keenya. Dhukkubi kun somba keenya qofa osoo hin taane qaamota akka, xannachoota liimfii, sammuu, lafee, mar’umaan, onnee, ujummoolee fi qaamota fincaanii illee ni qabata (huba). Dhukkubni kun kan daddarbu karaa qufaa nama dhukkuba kana qabuutiin ta’a. Dhukkubni kun nutti darbus nama hundaa keessatti gara dhukkuba TB hin jijjiiramu sababni isaas qaamni keenya yeroo hedduu dhukkuba kana lolee mo’uuf ittisa ga’aa waan qabuuf.
Mallattoon dhukkuba kanaa
-Qufaa
-Halkan dafqisiisuu
-Ulfaatina hir’isuu
-Qaama ho’isuu
-Dadhabbii, nyaata jibbisiisuu
-Dhukkubbii laphee (qomaa)
Yaala
-Dhukkubni kun qoricha ji’a jaha ykn isaa ol (haala dhukkuba irrati hundaa’ee) kennamuun yaalamee fayyuu kan danda’udha!
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

Salphaadhumatti DHAABBII GAARII (Good shape) qabaachuu feetuu?
***Dr. Geleta***

Torban lamaa hanga sadii gidduutti mala ittiin ulfaatina hir’istanii Dhaabbii gaarii gonfachuu dandeessan:-
~ Sooranni keessan kuduraa fi muduraa( veggies) , firii mukkeenii ( fruits), burundoo (lean meats) bakka tokko tokkotti japan fruit jedhama
~ Bishaan guyyaatti liitira lamaa hanga sadii dhuguu
~ soorata akka ruuzii (rice), daabboo (breads), paastaa fi kkf soorachuu dhiisuu
~halkan sa’a 7 booda soorata hin sooratiinaa
~goonkumaa alkoolii hin fayyadamiinaa.
~ hanga danda’ametti dafaatii rafaa.
~toorbanitti guyyaa shaniif ganama obboroo ka’uudhaan sochii ispoortii daqiiqaa 30 hanga sa’aatii 1 taasisaa.
-Galatoomaa
FAYYAAN CULULLEEDHA jabeessaa qabadhaa

FOOLII AFAANII BADAA (BAD MOUTH ODOR OR BAD BREATH) MAALTU FIDAA? FURMAANNI ISAA HOO ?
1. Inni jalqabaa akkuma beekamu foolii afaanii badaa kan nutti fiduu danda’u qulqullina afaan keenyaa guyyaa guyyaatti eeggachuu yoo baanne nyaatni afaan keenya keessatti hafu ilkaan gidduu fi harraba irratti yeroo muraasaa booda baakteeriyaa horuudhaan foolii afaanii badaa kenna.
2. Dhukkuboota irga ilkaanii fi oorii ilkaanii. Keemikaalota baakteriyaa irraa gadi dhiifamaniin yoo ilkaaniif irgi ilkaanii miidhamanidha. Keemikaalotni baakteriyoota kana irraa gadi lakkifaman ilkaaniifi foon ilkaanii irratti bolla uumuun yoo yaalamuu baatan ittuma fufanii kan miidhaa geessisanii fi qulqulleessuu qofaan kan hin dhaabbannedha.
3. Goguu afaanii. Hancufni afaan keenya keessatti oomishamu afaan foolii gaarii akka qabatuuf gahee guddaa taphata. Kanas kan godhu asidii baakteriyootaan uumamu callabbeesuufi seelota du’an afaan keessaa dhiqee baasuudhaan. Afaan kan goguu danda’u sababa adda addaa kanneen akka side effect qorichoota dhukkuba biraaf fudhatamanii ( antihistamines, diuretics and others), yeroo dheeraaf funyaaniin dhiisanii afaaniin harganuu, dhuukkuba xannacha hancufaa fi kan biraa ta’uu danda’a.
4. Dhukkuboota qaama keessaa kanneen akka, infekshinii qaama hargansuu ( pneumonia, bronchitis), infekshinii saaynasii (sinusitis), toonsilii (tonsillitis), fi kkf.
5. Tamboo xuuxuu (smoking tobacco)

FURMAANNI ISAA MAALII ?
Inni jalqabaa ilkaan keenya akkamitti akka qulqulleeffachuu qabnu beekuudha.
1. Guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate altakkaa ilkaan keenya samunaa ilkaaniitiin qulqulleeffachuu qabna. Ganama ganama osoo hin taane galgala galagala osoo qulqulleeffannee gaariidha nyaatni guyyaa nyaatame halkan akka keessa hin bulle jechuudha.
2. Yeroo qulqulleeffannu brush nuti yeroo bay’ee itti fayyadamnu ilkaan irra keessa qulqulleessa malee ilkaan gidduu waan hin seenneef, fo’aa ykn kirrii qal’oo harka keenya lamaaniin gamaaf gamana ishii qabannee ilkaan gidduudhaa nyaata ittiin baasuu qabna.
3. Harraba keenya irraas qulqulleeffachuu dagachuu hin qabnu
4. Brush ittiin ilkaan qulqulleeffannu yoo xiqqaate ji’a lama keessatti altakkaa jijjiiruu qabna.
5. Afaan keenya akka hin gogne mastiikaa (gum) kan sukkaara of keessaa hin qabne alanfataa deemuu.
6. Yoo side effect ( miidhaa cinaa) qorichoota dhukkuba biraaf kennamaniitu fide ta’e osoo deemnee ogeessa fayyaa jalqaba qoricha sana nuuf ajaje hin haasofsiin qoricha addaan kutuun gonkuma sirrii miti.
7. Yoo kana hundumaa irraan ta’uu dide ammo mana yaalaa deemnee ilaalamuun gaariidha.


FOROFORII (Subhoerric dermatitis)

Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama, umurii hundaa huba, takka ni dhufa takka ni deema malee guutummaatti qoricha takkaan hin dhiisu.
1. Shaampoo qabiyyeewwan kana of keessaa qabaniin rifeensa dhiqachuu. Isaanis: Tar, antifungal antibiotics, Zinc pyrithione, selenium sulfide. Hunda isaanii qabaachuu baatus shampoon fayyadamnu tokko yokaan lamaan isaanii yoo ofirraa qabaate gaariidha.
2. Qorichoonni akka steroid scalp lotion fi anti-fungal garaa garaa kennaman ni balleessu.
3. Yoo wal’aannu haga mallattoon isaa badutti qofa ta’uu qaba. Sababni isaas erga nurraa badee booda itti fufanii yaaluun yeroof qarshii fixuu malee akka deebee hin dhufne waan hin ittifneef.
4. Qaama fi rifeensa keenya yeroo yerootti dhiqachuun waan akka zayitaa sebum kan qaamni keenya oomishu kan dhukkuba kanaaf haala mijeessu dhabamsiisuun hedduu gargaara.
5. Dhumarratti mana yaalaa deemnee yoo nurraa baduu dide qorichoota biraa fayyadamuun ni danda’ama.
6. Walumaa galatti foroforiin sirritti yaalamee fayyuu danda’a. Akka deebee namatti hin deebine gochuun garuu rakkisaadha.

DHULLAA (FURUNCLE)
[Dr. Nuredin Luke]
***
Dhullaan iitaa dhukkibbii qabu ka malaan guuttame kan gogaa keenya iddoo/qaawwa xixiqqoo rifeensi gogaa bahuu irratti, irra jireessaan, baakteriyaa gogaa keenya irra jiraatu kan “Staphylococcus aures” jedhamuun dhufa.
.
Yeroo hedduu Dhullaan yoo jalqabu gogaa naannoo sanaa diimeessuudhaan turti guyyaa muraasaa booda malaa guuree guddatee ufuma isaatii dhoohee ergasii gogee fayyuu danda’a.
Yeroo tokko tokko Dhullaan lamaa ykn sanaa ol ta’an kan woli biratti bahanii jiran wolitti dhoohanii/Wolitti dhufanii gar malee guddachuu danda’u. Yeroo kana hoo’i qaamaaf dadhabbiin taree taree jiraachuu danda’a.

Dhullaan gogaa qaama keenyaa hunda irrattuu bahu ni danda’a; garuu hedduminnaan tafa, bobaa, morma/qucee, fuula, luboo(eegee) irratti baha.

Dhullaan nama kamiinuu irratti bahuu ni danda’a, garuu yeroo baay’ee:
– Namoota Dhukkuba sukkaaraa qaban
– Uffata nama dhullaa qabuu uffachuun
– Namoota qulqullina qaamaa sirritti hin eegganne
– Namoota Alkoolii baay’isanii dhugan
– Namoota rakkinna/dhibee gogaa kan biroo qaban.
– Akkasumas namoota qaamni isaanii dhibee dandamachuu ykn dhibee halaan of irraa hin ittisne irratti hedduminnaan mul’ata.

Maal Gochuu qabna?

– Bishaan hoo’ifnee sooqidda xiqqoo itti qicuun woyaadhaan/huccuudhaan Dhullaa san irratti daqiiqaa 10-12 qabuu. Guyyatti yeroo 5-6 akkas gochuu.
– Dhullaa harka keenyaan dhosuu dhabu. Akkas gochuun malaan sun gogaa keenya kan iddoo biraa tuquun achittis Dhullaan akka uumamuuf sababa ta’uu danda’a.
– Woyaa/Uffata naannoo dhullaa tuqe san gogaa biraa akka hin tuqne of eggannoo gochuu. Akkasumas Uffata nama dhullaa qabuu uffachuu dhabu. Yoo danda’ame Dhullaa san uffata qulqulluun uffisuu.
– Gumaa boqollaa/baaqelaa adda cabsanii iddoo madaa irra kaayuu.
– Aanan sinii tokkoo danfisanii sooqidha moonqaa/fal’aana lama itti kuruun akka yabatuuf daakuu qamadii ykn garbuu erga itti goone booda iddoo dhullaan jiru sanatti godhuu.
– Qullubbii adii xiqqoo hoo’isnee iddoo madaa irratti guyyaan harka lama/sadihi gochu.
– Garuu dhullaan sun guddaa yoo ta’e (>5cm), otoo hin fayyin guyyaa 15 ol yoo ture, iddoo heddutti yoo baye, kan fuula irratti bahe, kan namatti deddebi’a dhufu ykn kan ho’a qaama qabu yoo ta’e mana yaalaa deemaanii yaala argachuun barbaachisaa ta’a.
—-

CIRRACHA HADHOOFTUU/ GALL STONE/ YE HAMOT TETER/
[Dr. Nuredin Luke]
******
Baattuun hadhooftuu qaamota bullayina nyaataf gargaran keessaa tokko yoo taatu, Garaa keenya gara mirgaatiin Tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammi fi bocni ishii Abukaadoo xiqqaa kan ga’u ta’e dhangala’aa bullaa’iinsa faatiitiif(nyaata akka coomaatiif) tajaajilu, erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda, gara mar’umaan xiqqaatti ujumoo hadhooftuutiin dabarsiti.

Cirrachi qaama kana keessati uumamu hammii isaaa gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda’a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta’uu danda’a.

Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaaku lama qaba:
1- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta’u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu argamuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay’inaan qaba.
2- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta’u innis piigimantii bilirubin Jedhamu kan dhigaa keenya kessatti argamuu irra uumama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
– Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fayyadamuu.
– Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
– Dhiira irra Dubraa irratti heddumaata.
– Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
– Furdinnaa qaamaa gar malee guddaa ta’e qabaachuu
– Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa ni heddumaata.
– Dhukkuba dhiigaa tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta’aniidha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:
* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta’u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda’u. Yeroo kana:
– Garaa keenya gara gubbaa gara harka mirgaatti ykn jidduu irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu. Dhukkubbiin kunis sa’aa muraasaf ture kan badu ta’uu isaafi yeroo biraas dhukkubbii akkasii namatti deddeebi’uu.
– Nyaata zayitiin itti baay’ate yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu.
– Dhukkubbii ceekuu mirgaa irratti namatti dhagahamuu.
– Dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin jiraachuu.
– Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee, Mallatooleen armaan gadii yoo jiraatan:
– Garaa kenyaa kan gara gubbaa kan gara mirgatti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahe.
– Hoo’ii qaamaa dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate
– Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta’e
Hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.
—-
Maal haa goonu?

*Dhukkubbii/mallatooleen armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaala deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nu ajaje (kan akka Ulitrasawuundii fa’a) gochu.
.
– Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba kana hin qabne yaala hatattamaa ta’e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta’u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha.
.
Yaalli cirracha hadhooftuu mallatoo/dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii, baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta’u mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji’oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin hojjachuu/ bulbuluu dhabuu danda’u kanaaf yaalli bu’a qabeessa ta’e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha.
.
Waan hundaafuu gorsa Doktora keessanii fudhaatanii haala inni jechuun deemuun waan hunda irra barbaachisaadha.
—-
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebana!

Kintaarotii (Hemorrhoids)
[Dr Nuredin Luke]
****
Kintaarootiin iitaa qaama taa’umsaa irratti mul’atu yoo ta’u innis hiddi dhiigaa kan dhiiga gara onneetti deebisu kan nannoo ta’uumsatti gurmuun argamu yoo iita’u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta’uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa’an baay’isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa’umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama siixilan keessa isaan ijoo ta’anii dha.
—-
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda’an:
– IItaa qaama taa’umsaa irratti mula’atu ykn iitaa qaama taa’umsaa keessaa gadi bahe mula’tu. Kintaarootiin keessa qaama taa’umsaa kessatti bahus waan jiruuf iitaan isa kanaa fagomaa ijaan mul’achuu dhabu mala.
– Yeroo bobbaaf taa’an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
– Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
– Naannoo ta’umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/
– Yeroo tokko tokko sagaraan to’annaa malee ofuma gadi bahuu.
-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda’uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda’a.
– IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo kana hatattamaan mana yaala deemuu qabna.
—-
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun Kintaarootii of irraa balleessuun ni danda’ama:
* Bishaan hoo’isanii sooqida moonqaa lama/sadihii itti naqanii daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin keessa taa’uu. Bishaan xiqqoma ha hoo’uu barbaadama malee nama gubuu hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta’uumsatti mul’atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.
* Cuunfaa loomii itti dibuu.
* Fuduraleef Kudurallee adda addaa nyaachuu.
* Cabbii qabanahaa ta’e iddoo taa’umsaatti qabuun. Guyyatti yeroo hedduu akkas gochuun iitaa san haalaan ni xiqqeessa.
* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe taa’uu, hanga inni nama muddu eeguu dhabuun ykn dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.
* Akkasumas mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan erga Doktoratti ykn ogeessa yaalatti himan booda qoricha ykn yaala biraa(Opireeshinis ta’uu mala) kan ogeessi namaaf ajaje haalaan fudhachuun gochuun hundaa caalaa barbaachisaa dha. —- Ulfaadhaa! Horaa, bulaa, deebanaa!

XURII LAGUU/DUGDA/FI RAKKOOLEE ISA WALIIN WALQABATAN GADI FAGEENYAAN!
***DR NUREDIN LUKE***
Xuriin laguu qophii jijjirama qaamni wol hormaata dubaraa hormoonota adda addatiin wol hormaataaf ji’a ji’aan godhu dha. .
√ Yeroo baay’ee kan inni itti dhufu guyyaa 28tiin yoo ta’u guyyaa 21-35 yoo turaa kan dhufu ta’es rakkinna akka hin qabnetti fudhatama. Garuu kana olis ta’e gadi yoo kan turaa dhufu ta’e rakkini jiraachuu mul’isa. Kana qofaaf otoo hin ta’an dugdi keenya yeroo inni itti dhufu(guyyaa jalqabaa) kan ji’a ji’a galmeessuun faayidaa hedduu qaba.
√ Dubarri takka jijjirama dargagguuma(saal lammeessoo) kan akka harmi guddachuu qabaatte dugdi ishee hanga woggaa 16 guuttutti yoo dhufuu baate ykn jijjiramni dargaggumma(saal lammeessoo) otoo hin jiraatin dugdi ishee otoo hin dhufin waggaa 13 yoo geesse rakkinni akka jiru waan muldhisuuf mana yaalaa deemtee ilaalamuu qabdi.
√ Dhufee guyyaa lamaa hanga torbaa turuu danda’a. Sanaa ol yoo ta’e rakkinni jiraachu mul’isuu mala.
√ Dhiigni/ dugdi bahu haphii ta’ee baha. Dhiigni ititaa bahu, guyyatti moodeesii sadihi ol kan nama fayyadamsiisu, ykn hamma ammaan dura dhufu irraa yoo daran heddumaate, wolumaa galatti dhufee 80 ml (sinii shayii) tokko ol kan ta’u yoo ta’e rakkinna qabachuu danda’a jechu dha. Kanaaf Doktora bira deemanii laallamuun bayeessa.
√ Yeroo dugdi dhufu dhukkubiin xiqqoo namatti dhagahamuu mala. Dhukkubbiin hamaan dalagaa irraa nama olchu ykn dalagaa nama hin dalagsiisne yoo jiraate laallamuun barbaachisa ta’a. .
√ Dhiigni xurii laguu lamaan jidduutti jigu/dhufu, akkasumas wol qunnamtii saalaa yeroo godhan dhiigni jigu yoo jiraate mana yaalaa deemanii ilaalamuun barbaachisaa ta’a. . Nannoo dubarri wol hormaata dhabuuf deemtutti dugdi xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jirata. Akkasumas woggottan jalqabaa dugdi dubra takka irratti mul’achuu calqabu sanittis haheddumaate, iqqaachuu, turaa turaa dhuufunis inuma jirata. — Ulfaadhaa! Horaa, bulaa deebanaa!

*Dr. KIYYAA DAAWWITEE (KD)*


NAMA GUBACHAA JIRU YOO ARGINE MAAL HAA GOONU?
*
NAMNI MAALIIN GUBACHUU DANDAHAA?
Bishaan bulluqeen.
Sibiila hoe qabachuun
Balaa Ibiddaan
Humna elektirikaan
Keemikaalotan ykn
Dhohinsa balaa uumamaan tahuu ni dandaha.
Karaa kamiinuu haa tahu namni gubate gargaarsa jalqabaa yoo kan argatu tahe balaan irra gahu ni xiqqaataaf.
Nama gubate yoo argitan haala armaan gadii jiruun gargaaraa!!!!!
Bishaan bulluqe, sibiila hoe ykn balaa abiddaan gubate yoo tahe
Dafaatii haala isiniin hin gubneen bakka gubachaa jirurraa baasaatii kaahaa. Ibiddi akka irraa dhaame mirkaneeffadhaa , Bishaan qorraa waraabaa itti naqaa, uffatni isaa irratti bobahaa jira yoo tahe irraa baasaa,
Harka,quba, miilaa ykn morma isaarra wantootni akka qubeelaa fi bareechituu garaa garaa yoo jiraatan irraa baasaa kaahaafi. Isaan kun yoo irra turan booda qaamni isaa yoo dhidhiitahe irra baasuun ni rakkisa. Osoo qubeelaan irra jiruu qubni yoo dhiitahe qubeelaan dhiigni akka gara qubaatti hin dabarre dhorkee tarii hamma qubni cituutti rakkina geessisuu nii dandaha. inni kaanis akkasuma.
Erga kana gootanii akka itti hin qorrinetti qabadhaatii dafaa gara mana yaalaa fudhadhaa. Namni gogaan qaama isaa gubate qorra hin dandamatu waan taheef akka itti hin qorrinetti qabadhaa.

KEMIKAALAAN YOO KAN GUBATE TAHE
Kemikaalli warshaalee adda addaa keessa jiru qaama namaa gubuu ni dandaha. kemikaalonni kunis tarii aciidii ykn immoo beezii tahuu malu. Kemikaalonni kun bifa dhangalahaa ykn immoo daakuu tahanii nama gubuu dandahu.
Yoo kemikaala dhangalahaa tahetu gube tahe bishaaniin baayisaa itti roobsaa yoo dandahame daqiiqaa 30 oliif bishaan itti roobsaa.
Yoo kemikaalli gube sun bifa daakuu qaba tahe jalqaba daakuu sana irraa haxaahaa erga irraa haxooftanii immoo akkuma isa dhangalaa saniitti bishhan itti roobsaa. Osoo daakuun kemikaalaa irra jiru yoo bishaan itti naqxan bulbulamee caalaatti akka gubatu godha.
Yeroo irraa haxooftanis tahe bishaan itti roobsitan ykn naqxan kemikaalichi qaama keessan akka hin tuqne of eeggadhaa isiniinis gubuu dandaha waan taheef.
Akka kana gootaniin osoo hin turiin dafaatii mana yaalaatti fudhadhaa

ELEKTIRIKII FI BAKAKKAAN KAN GUBATEEF
Isaan kun akka ibiddaa gogaa keenya madeessuun caalaaatti keessa qaama keenyaa miidhu fknf kanneen akka onnee, ujummoo dhiigaa fi kan kana fakkaatan. Kanaafuu gargaarsa caalaatti barbaadu .
Dafaatii ibsaa irraa gadhiisisaa. Akka irraa gadhiisistaniin lafaa haa ciisu. Lafa yoo ciise kaarentiin hammi tokko keessaa bahee gara lafaatti seena. You kan gubachaa jiru jiraate akkuma armaan olii san bishaan itti naquu hin dagatiinaa.
Osoo hin turiin mana yaalaa fudhadhaa. Gargaarsa ariifachiisaa barbaachisa waan taheef.

DHOHINSA BALAA UUMAMAAN KAN GUBATEEF
Dhohinsi balaa uumamaa ykn meeshaalee waraanaa gurguddoos tahuu ni dandaha. isaan kun qaama gubuun alatti balaa biro gurguddoo geessisuu ni dandahu. Fknf balaa kana jalaa bahuuf osoo fiiganii cabuu faa dabalata. Kanaaf haala armaan olii irratti dabalataan miidhama biros eeggachaa gara mana yaalaa fudhachuu qabna.

MATAA DHUKKUBBII ( HEADACHE) (PREV. POST)
Waggaa tokko keessatti hawaasni harki 50 (50%) mataa dhukkubbii yoo xiqqaate ni mudata. Hawaasa keessaa namni 90% tahu umrii isaa keessatti yoo xiqqaate altakkaa mataa dhukkubbiin ni mudata. Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii dhiiraa dhalaa; xiqqaa guddaa; adii gurraacha osoo hin jedhiin namoota hundaa kan ilaallatuufi namoonni hedduun hubannoo irratti argachuu kan barbaadanidha.
Mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama. Inni tokkoffaan “Primary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hin qabatiin ofumasaatiin of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha. Inni lammaffaan “ secondary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun ammo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubudha. Inni lammaffaan sababa dhukkuboota hedduu dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba ofdanda’e miti. Akkasumas gargaarsi godhamu dhukkuba jalqabaan jiru sanarratti waan hundaa’uuf waa’eesaa haasa’uun hubannoo addaa kennuun rakkisaadha. Kanaaf hawaasa keessatti yeroo baayyee “ mataa dhukkubbii” jennee kan haasofnu sun harki caalu “ primary headache” waan ta’eef waa’eesaa akka armaan gaditti ilaalla.
Mataa dhukkubbii kan “primary headache” jedhamu bakka hedduutti hiramee ilaalamus warren gurguddoon sadan; ka’umsi isaanii fi mallattoon isaanii gargaarsi godhamu kan armaan gadiiti.
1. Tension Headache: inni kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka paracetamol fi kkf ( ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uu faa waliin walqabata.
2. Migraine Headache: inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’ee namoota muraasa qofa muudatu yoo ta’u dhukkubbiin isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa armaan oliirraa adda kan isa taasisuu mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan zig zag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dhabbabuu fi kanneen biroo argisiisa. Dhukkubbiin isaa daqiiqaawwan ykn sa’atii muraasaaf qofa kan turuudha. Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee olga’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasnu beeknee irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisu dide hospitaala deemnee qoricha hakiimaan ajajamu fudhachuu qabna.
3. Cluster Headache: inni kun mataa keenya bakka lamatti qoodee gamtokko ykn bitaa ykn mirgaa qofa kan dhukkubu yoo tahu gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu fi funyaan cufuudhaan adda ta’a. dhukkubbiin isaa garmalee hamaa fi kanneen armaan olii lamaan kan caaludha. Yoo jalqabu suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaadhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’udha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko hirriba keessaa illee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasuma kan hin beekamne dha. Kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan ni darba jedhu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
GALATOOMAA.

KAAROTII HAA NYAANNU!
1. Qaroo keenyaaf hedduu gargaara. Keemikaala beettaa kaarootin jedhamu kan qaroo keenyaaf hedduu gargaaru of keessaa qaba.
2. Tiruun keenya xuraawaa qaama keessaa akka baasuuf ni gargaara.
3. Ilkaaniif afaan keenya sirritti akka ququllaa’uuf fayyaa akka qabaatu taasisa.
4. Carraa sammuu keessatti dhiiguu ni xiqqeessa
5. Keemikaalota antioxidant ta’an waan of keessaa qabuuf seelotni akka dafanii hin dulloomne taasisuun umurii dheeraa carraa jiraachuu namaaf kenna.
6. Vitaamina ga’aa waan of keessaa qabuuf gogaan keenya fayya qabeessaaf akka ta’uu fi bareedina akka qabaatu gargaara.
7. Kaanseriiwwan garagaraa keemikaala nama irraa ittisu (falcarinol) of keessaa qaba.
8. Dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onneen carraa qabamuu gadi buusa
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

‘KAANSERII’ HARMAA AKKAMIIN OF-IRRAA ITTISUUN DANDA’AMA!? (Dr. Dhinsaa Yoonaasiin)
*
‘Kaanserii’ harmaa of irraa ittisuun nii danda’ama! Kunis mala armaan gadii fayyadamuun dafanii waan harma keessaatti dhiita’u/biqilu bira ga’uun yaalii argachuudhaani!
1. Yero yerootti harma lamaanuu qaqqabachuun waanti jajjabaataan ykn waanti biqile (dhiita’e) keessa isaa jiraachuuf dhiisuu isaa of ilaaluu! “Breast self examination!”
2. Sochii qaamaa ykn Ispoortii hojjechuu!
3. Nyaata keenya keessatti wantoota faatii ykn “cholesterol” qaban hir’isuu!
4. Dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuu!
5. Tamboo xuuxuu irraa of eeguu ykn dhiisuu!
6. Furdina qaamaa hir’isuu!
7. Daa’ima godhatan sirriitti harma hoosisuu!
8. Maatii ofii keessaa haati yookiis maatiin firoota dhihoo haadhaa fi abbaa keessaa namni kanaan dura dhibee kana qabu yoo jiraate, hordoffiidhaan raajii ykn ‘mammography’ kan jedhamu ka’uun ilaalamuu!!
9. Qoricha hoormoonii ‘estrogen’ bakka buusuuf fudhatamu fudhachuu dhiisuu! (Baay’inaan ‘menopause’ ykn sirni marsaa laguu erga dhaabatee booda, hoormooniin kun (estrogen) qaama keessaa waan hir’atuuf, baay’inaan biyya guddatanitti, waanti isa bakka buusu qorichi nii fudhatama!)

SAMMUU KEESSAATTI DHIIGUU (STROKE)
Dhukkuba fay’isuun baay’ee ulfaatu garuu 80% ofirraa ittisuun danda’amu. Akkamiin?
1. Dhiibbaa dhiigaa keenya gad-buusuudhaan. Isa kana irratti namoonni baayyeen mana yaala deemanii dhiibbaa dhiiga isaanii hin ilalamne waan ofirratti hin beekneef dhiibbaan olka’ee yeroo dheeraaf turee erga sammuu keessatti dhiiganii booda akka dhiigni isaanii olka’e baru.
2. Ulfaatina hir’isuu fi sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu
3. Dhugaatii yoo kan dhugnu ta’e hamma isaa baay’isuu hin qabnu.
4. Onneen keenya yoo dha’atu yoo sirrii ta’uu baatee: rukkuttaa irra darbuu yokaan takka daddafee takka ammoo suuta dha’achuu ( osuma boqochaa jirruu) deemnee yaalamuu qabna.
5. Tamboo xuuxuu irraa of qusachuu
6. Nyaata dhiibbaa dhiigaaf dhukkuba kanaaf nu saaxilan akka coomaa irraa if qusannee bakka isaanii fuduraaf kuduraa baay’isuudha.

MALLATTOO ISAA
-Qaamni gama tokkoon yokaan gam lamaan socho’uu dadhabuu
-Akka tasaa iji arguu dhabuu
-Mataa dhukkubbii baay’ee hamaa ta’e akka tasaa namatti dhufuu.
-Of wallaalanii kufuu, balaqqamuu
-Afaan dubbachuu dadhabuu
-Fuulli gara bitaa yokaan mirgaatti jal’achuu
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

KAANSARII SOMBAA
AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA? MALLATTOON ISAA MAALII?
1. Tamboo tasuma xuuxuu irraa of eeguu. Namoota dhukkuba kanaan qabaman keessaa harki 90 namoota tamboo xuuxanidha. 10% qofa namoota tamboo hin xuuxne qabata.
2. Tamboo kan xuuxnu yoo ta’e ammoo dhaabuudha. Tamboo yoo xuuxuu dhaabne carraan isaan qabamuu baay’isee gadi bu’aa deema.
3. Namoota tamboo xuuxan irraa fagaachuu qabna. Kunis aarri tamboo qilleensa keessaan gara keenya dhufu illee dhukkuba kanaaf waan nu saaxiluuf.
4. Mana yaalaa yoo deemnu raajii (x-ray) hin baarbaachifne callisnee ka’uu irraa of qusachuu
5. Nyaata kuduraa fi muduraa of keessaa qabu (keessumaa vit E) guyyaa guyyaan yoo danda’ame nyaachuu.
6. Keemikaalota warshaa keessaa kan carcinogen jedhaman kessumaa asbestos fi arsenic kan jedhaman irraa fagaachuu.
7. Sochii qaamaa guyyaa guyyaan gochuu

MALLATTOO
-Qufaa yeroo dheeraaf namarraa hin deemne
-Erga qufa’anii booda haakitaa waliin dhiiga tufuu
-Laphee (qoma) dhukkubsachuu
-Ulfaatina hir’isuu
-Nyaata jibbisiisuu
-Maataa dhukkubsuu
-Dhadhabuu, afuuraa cituu
-Jiijiiramuu sagalee (hoarseness)

YAALA
-Sadarkaa fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’ee baqaqsanii baasuu fi yaala keemikaalaan (chemoterapy) kennamuu danda’a.
Fayaan faaya
Dr. Gurmeessaa

MOLUU (BALDING) OFIRRAA ITTISUU DANDEENYA!
1.Yoo mataa dhiqannu shaampoo sirrii ta’etti fayyadamuu qabna. Kunis kan antifungal ketoconazole jedhamu of keessaa qabu yoo ta’e filatamaadha.
2. Mataa jiidhaa tasuma hin filatiinaa. Haga danda’ametti yoo mataa dhiqannu ammoo kafanaan haxoofnee gogsuu irra qilleensan yoo goge filatama.
3. Nyaata sirrii nyaachuu. Nyaatota cooma hedduu of keessaa qaban nyaachuu dhiisuu. Nyaatni sukkaara hedduu of keessaa qabus haga ta’e hir’isuun barbaachisaadha. Bakka isa kanaa nyaata pirootinii garii of keessaa qaban nyaachuu qabna.
4. Aduu cimaa keessa warri oolan yoiiikaan yeroo dheeraaf deeman mataa isaanii “kuffiyyaan” haguuganii yoo deeman gaarii ta’a.
5. Zaayita hanqaaquu *kan keessa ishiitii dhangalaatu san* halka halkan rifeensatti dibachuun ganama ganama irraa dhiqachuu qabna. Yoo ganama dhiqannu shaampoodhaan altakkaa qofa dhiqanna al lama shaampoo itt godhachuu hin qabnu.
6. Cuunfaa qullubbii diimaa, qullubnii adii, zinjibila keessaa tokko ( walitti makuu hin qabnu) halkan rifeensa keenyatti dibannee bulchinee ganama ofirraa dhiqachuu.
7. Shayii magariisa (green tea) yoo argame bishaan waliin danfisnee rifeensa keenyatti naqannee sa’aa tokoo booda ofirraa dhiquun rifeensi akka guddatu gargaara.
8. Sammuun dhiphachuu ( stress ) irraa haga dadeenyetti of eeguu qabna.
9. Yoo kun hundi fiixaan ba’uu dide moluunis nu jibisiise qorichoota mana yaalaa kennaman illee fudhachuu dandeenya.

FOOLII BADAA MIILLAA ITTISUUN NI DANDA’AMA.
1. Erga miilla dhiqannee booda miila keenya kafanaan haxaawuu qabna. Kun seelotaa gogaa irratti dudu’anii hafan baakteeriyaa keessummessan waan balleessuuf
2. Miilla keenya shayiidhaan (tea) dhiqachuu (sukkaara osoo hin taane shayii). Kunis asidiin tannic acid kan shayii keessatti argamu waan gargaaruuf. Guyyaatti daqiiqaa soddoma torban tokkoof walitti fufnee miilla keenya keessa kaa’uu qabna.
3. Bishaan ashaboodhaan bulbullee miilla keenya ittiin dhiqachuun gogsinee osoo bishaan biraa itti hin dabaliin gogsinee dhiisuu.
4. Miilla keenya gogsuu qabna. Kunis baakteeriyaan jiidha waan jaallataniif akka carraa hin arganneef.
5. Antiperispirant kan dafqa ittisan kan yeroo baayyee bobaa keenyaaf fayyadamnu miilla keenyaafis fayyadamuudhaan akka hin dafqine ittisuu dandeenya. Kun jiidhina balleessuudhaan akka baakteeriyaan wal hin horre godha.
6. Daakuu (Powder) baking soda bishaanitti naquun ittiin miilla keenya dhiquu. Kun alkaline yokaan beeziii waan tahuuf baakteriyaa irraan miidhaa gaha.
7. Vinegar bishaan waliin walitti makuun miila keessa kaa’achuun asiidiin vinegar keessa jiru akka gargaaru taasisa.
8. Kaalsii yeroo yeroon jijjiirrachuu, yoo boqonnaa fudhannu kophee baaqqee (sandels) kaa’achuu, kophee yeroo yeroon dhiqachuu,

Dr. Gurmeessaa.
Fayyaan Faaya.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa