DARGAGGOONNI OROMOO WARAANA WAYYAANEE TAHUU HIN QABAN.-dHAAMSA bILCHINA QABU KANA HIDHAA KANA KEESSAA DUBBISAA..>>!!!

DARGAGGOONNI OROMOO WARAANA WAYYAANEE TAHUU HIN QABAN.

#OromoProtests
(Waliif dabaarsuun dirqamaa Oromummaati!)

(Saphaloo Kadiir irraa)

Ji’a dabre mootummaan wayyaanee tooftaa barnoota ogummaa sibiilaa barattan jedhuun dargaggoota oromoo dorgomsiisee raayyaa humna waraana wayyaaneetti dabaluuf beeksisa baasuu isaa dubbannee turre. Yeroo ammaa immoo dabballoonni Moottummaa wayyaanee Godinaalee fi Aanaale Oromiyaa gutuu keessa demuudhaan Beekksiisaa Qacaarrii warraannaaf baasee saniif akka dargaggoonni galmaa’uufi dorgomu dhidhiibaa jiran. Sababni yeroo kanatti mootummaan wayyaanee dargaggoota raayyaa ittisa biyyaatti dadaluuf deemuuf baayyee yoo tahu san keessaa muraasni:

1) Wal dhahiinsa (wal waraansa) lolaa mootummaa Eertiyaa waliin waan jalqabaniif,

2) Warraaqsa ummanni Oromoo taasisaa jiru kana humna waraanaa hanga qabuun to’achuu waan dadhabeef

3) Mootummaan wayyaanee kufuu isaa waan shakkeef, humni isaas waan dadhabaa dhufeef humna waraanaa baayyifachuun aangoo irra turuuf waan yaadeef,

4) Warraaqsa qabsoo ummanni Oromoo godhaa jiran waliin wal qabatee jaarmaya bilisummaa Oromoo irraa lolli qawwee isa mudachuu waan shakkeefi sodaateef,

5) Ajajoonni waraana wayyaanee irra baayyeen Tigroota yoo tahan fakkeessuuf immoo lamaaf sadi jeneraaloota, jeneraaloonni birgeedarootaafi ajajoota waraanaa muraasa saba biraa keessaa shuumamanii kan jiran waraana isaanii waliin wayyaanee ganuu hin oolan shakkii jedhuun yaaddawanii waan jiraniif,

6) Yeroo garagaraa nageenya ganfa Afrikaa eegsiisuu, shoorarkeessitoota akka al-shabaab baha afrikkaatii qulquleessuufi kkf sababeeffachuun waraana isii harka caalu gara Soomaliyaa, Ruwaandaafi kkf itti erguun beekkamti. Waraanni san yoo ergaman waggoota muraasaaf ergama isaanii xumuranii harki baayyeen biyyatti ni deebi’u jechuun abdiin eegachaa turtuus wanti isii qunname faallaadha. Waraanni garas geeffame deebi’uu caalaa duguugamanii haareyatti irratti dabaluuf wayyaanee dirqisiisaa turuun lakkoofsa baayyina waraanaa qabdu saffisaan waan jalaa gad buuseef,

7) Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa mootummaa kana jibbuu irraa kan ka’e, karaa ittiin waraana keessaa bahan (miliqan) dhabuun of ajjeessuun, maraachuufi dhibee biraan waan miidhamaniif baayyinni waraana isaa garmalee waan gad bu’ee jiruufi kkf irra ka’uun waraana isaa ol guddifachuuf yaadeeti.

Kun tahee osoo jiruu yeroo ammaa sababoota garagaraa irraa ka’uun dargaggoonni Oromoo raayyaa itti biyyaa kanaaf galmaawaa jiraachuu odeeffannooleen nu gaha jira. Sababoonni ilmaan oromoo raayyaa waraana wayyaaneef itti galmaawaafi dorgomaa jiran akka hubannetti sababoota muraasaatu jira.

1. Hawaasni keenya irra baayyeen isaanii gandoota baadiyyaa fagoo keessa waan jiraataniif baruumsaafi odeeffannoo gahaa dhabuun salphaatti sobamuun,

2. Hiyyummaa garmaleetiin abdii kutanii jiraachuuf onnee horachuu caalaa du’a filachuun akkasumaas hojjatanii if jijjiiruu daran waraana tahanii yoon lubbuun hafan immoo boru naaf darbuu hin oolu jedhanii karaa du’aa kana filachuun,

3. Gariin ilmaanuma Oromoo tahanii shira mootummaan kun saba isaa irratti raawwatu kana salphisanii ilaaluun, ykn danta dhabummaafi maal nadhibeen haguugamanii waraana wayyaanee tahuuf murtii dogoggoraa fudhachuun gara waraana wayyaanee seenuuf kan murteessan tahuu malan,

4. Gariin immoo dhiibbaa haalli naannoo itti dhalataniifi guddatan irratti godheen dhimma sabummaafi quuqama oromoo irratti hubannaa dhabaafiis tahee osoo beekanii kanneen Xoophiyummaa leellisan, biyya teenya diina irraa ittifna jedhanii gara waraana wayyaanee seenuu filataniis muraasni hin dhabaman.

5) Tooftaa wayyaaneen beeksisa isii irratti so”ogummaa sibiilaa barachuuf” jechuun fayyadamtu dhugaa sehanii, dhuguma ogummaa sibiilaa baranna jedhanii gara waraana wayyaanee seenuuf galmaa’an,

6) Garii immoo fedhii waraana seenuu qabaachuu irraa kan ka’e waraana bilisummaa Oromoof qabsaa’u haalli itti argatan mijjaa’aa tahuu dhabuu, sagalee waraana bilisummaa Oromoo fagaachuu, qaamni odeeffannoo dhugaa irraa argataniifi maadheeleen amanamtuun kallattiin odeeffannoo dhugaa laachuun gara mooraa waraana Oromoo qajeelchitu waan hin jirreef /waan dhabaniif,

7) Gariin hubannaa gahaa osuma qabanii, waraana wayyaanee tahuus osuma jibbanii, osuma shirri duguuggaa sanyii wayyaaneen saba isaa irratti raawwattu kuniis garaa gubuu mooraa isaaniitti eegan leenji’ee booda tooftaan hulluuqee bahee, wayyaanee ganee waraana qabsoo oromootti makamee saba kootiif falma jedhee yaaduuniifii sababoota kana fakkaatan kan biraa irraa ka’uun gara waraana wayyaanee seenuuf murteessuu malan jedheen yaada.

Akkuma beekkamu mootummoonni warra kaabaa kan eega Oromiyaa weeranii as, Minilik irraa jalqabii hanga Wayyaaneetti sababa garagaraatiin ummata Oromoo duguugaa, walittiis duulchisaa kan turan tahuu ragaan seenaa ni ibsa. Minilik ilmaan Oromo fixuu kan jalqabe gaafa Oromiyaa weeraru yo tahu inniis harka walakaa ol Oromoo oromoon fixaa ture. “Qoree qoreen baasan” kan jedhan san inni “Bariyan beras” ykn akka yaamicha oromootti ‘Balanbaras’ jedhee nu cabse. Hiikni isaa ‘gabra gabrumaan’ akka jechuuti. Gaafasii kaasee hanga arraa awwaannisni kaabaa Oromiyaa weerare kun saba guddaa biyyattii 1/3ffaa (40%) haguugu kanatti fayyadamaa jiran. Hailesillaaseefi Dergiiniis akkasuma. Haatahuu malee shira hamaan hunda caalaa kan hanga ammaa ilmaan Oromoo lafarraa duguugaa tureefi itti jiru, kan ammallee ilkee ciniinnatee sanyii nu gabaabsuuf tashatee jiru keessaa kan akka wayyaanee hin jiru yoon jedhe niin dhaadheessee laata?

Wayyaaneen sabaaf sablammoota biyyattii keessaa harka caalu ilmaan Oromootti fayyadamtee faaydaafi umrii angoo isii tursiifachuuf yeroo garagaraa ijoollee oromoo gara dirree waraanaa geessuun, gaafa waraanni hin jirrees waltajjii isaanii msna hidhaa godhuun, yo isaan gaaffii mirgaa kaasan immoo akkuma argaa jirru kana qawween fixuun duguuggaa sanyii irratti raawwatti. Yoo lolli biyyattii tana keessa hin jirre illee gara biyyoota biraa erguun kan fichisiiftu harki caalaan ilmaan Oromoo tahuun wal naman gaafachiisu. Kana malees wayyaaneen ajajoota waraanaa sadarkaa gurguddaa irra jiran saba Tigree gootee kan ibidda dura dhaabbatan saboota biyyattii keessaa, keessattuu harki caalaa ilmaan Oromooti. Jeneraaloonni waraana biyyattii keessa gara dirree lolaatti ergamaniis firii lamaan saba Oromoo keessaa bahan tahuu irraa kan ka’e wal waraansa wayyaaneen biyyoota biraa waliin taasisaa turte keessattiis Jeneraaloonni wayyaanee tokko osoo qeensi irraa hin caphin hanga ammaa aangoo irratti aangoo, qabeenya irratti qabeenyaan badhaadhaa jiran.

Kanaaf ragaa kan tahu akka bar-lakkooytuu Awrooppaatti bara 1998 keessa gaafa Mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti waraanni gaggaaffamaa ture Caamsaa 1998 hanga Waxabajjii 2000’tti, waggaa lamaaf walakkaa oliif lola gaggeeffame qofa irratti waraana Itoophiyaa irraa lubbuun 100,000 – 123,000’tti tilmaamamu kan macalaafame akka tahe seenaan ragaadha. Dargaggoota biyyattii kan waraana irratti du’an kana keessaa 40%’n saba Oromoo tahuun beekkamaa dha. Lafa kutii xiqqoo Badmeefi Shiraaroo jedhamuun beekkamtu tan gammoojjummaan marga tokko keessatti hin biqilchineefi carrankaa kattaa qofaa tan Itoophiyaafi Eertiraa jiddutti argamtu tanaaf ilmaan namaa kun marti dhumuun maal jedhama?

Eegaa kabajamtoota ummata oromoofi dargaggoota keenya akkuma beekkamu nuti dhimmii keenyaa ykn falmiin keenyaa waayyaanee irraattii malee ummata Eritiraa ykn saba biraa irratti miti. Wayyaaneefi Eertiraan dhimaa walii waan qabaniiif isaan achumatii haa fixatan. Kanaas tahu san, uti ilmaan Oromoo garuu gonkuma raayyaa Ittisa wayyaanee (waraana wayyaanee) taanee faaydaa wayyaanee eegsisuu hin qabnu. Kaanaaf ilmaan Oromoo hundi beekksiisaa Qaccarrii waraana isaanii irratti tokkoon keessaanuu akkaa hin hirmanee fi namoottaa hubbaano kana hin qabneef immoo dirqamaa akkaa hubataan godhuu dhaan lammii keenyaa baraaruun dirqamaa Oromummaati. Akkuma woyyaaneen ilmaan isaanii ajajoota gootee keenya lolchiistu, nutiis wallaalaa keenya barsiifannee, gowwaa keenya gorfannee, kan dagaman hubachiifnee osoo boruuf hambifannee badaa miti.

Walumaagalatti, ilmaan Oromoo wallaalaafi rakkinaan xaxamanii, wayyaaneefi dabballoota isiitiin sobamanii woraanatti guuraman, yoo dandeenye gorsinee irraa dhoowwuu qabna. Hundi keenya bakkuma jirutti haala dandeenyu maraan ittisuu qabna malee wal haa nyaattu jennee callisuun waraanni lolu kuni eessaa dhufee dagachuu ta’a. Woraana ajjeefamu hunda keessa Oromoon ni jira. Oromoonni hanga ammaa lafa namaa irratti sababa malee lubbuun gaaga’amaa turan kun osoo Oromiyaaf kan qabsaa’an tahee qaaxa bilisummaa gonfanne ture. Haatahuu malee kan kanaaf sababa tahe wayyaanee qofa osoo hin taane, nutiis dhaaba qabsoo waraana guddaa hidhachiisee qabsaa’u maqaa malee hojiin dhabuuniis sababa biraati. Kanaaf dhaabbanni qabsoo Oromoos yeroo ummanni Oromoo warraaqsa ajaa’ibaatti jiru kanatti bakka jiruu waraanaan sossoo’ee ummata harka duwwaa qabsaa’aa jiru kanaaf tumsa akka tahu dhaamaafi, nutiis dargaggoonniifi hawaasni Oromoo bal’aan ilmaan Oromoo kan waraana wayyaanee tahuuf sossoo’an haa hambifnuun dhaamsa koo xumuraati. Barruu koo waa’ee raayyaa ittisa wayyaanee irratti barreessees asumattiin goolaba. Isin immoo waan yeroo keessan wateegdanii na faana turtaniif galata Oromummaa argadhaa. Horaa bulaa!

“Qabsoon roga baayy’een taasifamtu cimnaan injifannoo karatti nu afaan dhufti!”

Saphaloo Ka12187706_185964605073876_5457299555444307206_ndiir |
Adoolessa, 2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa