“BARACHAA QABSOOFNA, BARACHAA BILISOOMNA!!”-[Saphaloo Kadiir irraa]- Dhaamsa Bira hindarbamne!!

“BARACHAA QABSOOFNA, BARACHAA BILISOOMNA!!”

Gariin namaa dhaadannoo wallaalummaafi doofummaa keessatti daran nama gombiftuufi ilmaan Oromoo gara duubaatti mucucaachiftu fayyadamuun qabsoo gaggeessuu barbaada. “Barnoonni bilisummaa booda” jechuun dhaadannoo sirgigaattuu akkanaa fayyadamuun qabsoo laamsheessuu fedhu. Jaarraa tokkoof walakkaa tooftaan alagaan ittiin nu gabroomse keessaa hangafni barnoota irraa ilmaan Oromoo dhoorkuun goda dukkanaa keessatti akka ukkaamaman godhuun, ykn immoo eenyummaa isaanii kan akka maqaa, amantaafi ilaalcha isaanii jijjiiruun osoo afaan Oromoo hin dubbanne, osoo eenyummaa saba isaanii hin himanne godhuun carraa barnootaa laachaa ture. Jeneraal Taaddasaa Birruutiis warreen haaluma akkanaatiin carraa barnootaafi sadarkaa aangootiis argatan keessaa isa tokoo dha.

Gootichi Oromoo Jeneraal Taaddasaa Birruu gaafa shira nafxanyootaam kana jalatti baru ilmaan Oromoo gara barnootaa naquuf sochii guddaa godhuun warraaqsa qabsoo jalqabe.
Dhaadannoolee inni itti fayyadamuun ummata barnootaaf kakaasaa ture keessaa muraasni:
• “Ummanni Oromoo barachuu qaba, namni barate mirga isaa gaafata”
• “Barannu malee hin bilisoomsu!”
• “Namni barate akka mi’aa karameellaatti dhandhamama!”
• “Namni barate kanaatu naaf gahe jedhee isin galateeffata, kanaatu na hanqate jedhee isin gaafata!” fi kkf jechuun ilmaan Oromoo barachuu akka qaban onnachiisaa ture. Wanti kana jedhuuf gabrummaa guddaan barnoota dhabuu irraa tan kaatu tahuu waan hubateefi. Bilisummaan immoo afaan qawwee qofaaniis osoo hin tahin qalamniis waliin jiraachuu qaba. Eeyyee! Namni hin baratin waan baayyee hin beeku, baayyees wal hin beeku. Qabsoon namni barateefi sammuun qaroome keessa hin jirre re’ee dhaltuu baayyee korbeessi keessa hin jirreedha. Dhaltuun kumni yoo korbeessi rimeessu keessa hin jirre masheenaan garaagarummaa hin qabdu jechuu dha.

“Barnootaa, barnootaa, ammaas barnoota,
Kana tahuu qabaa kaayyoon Oromootaa,
Barnoonni duraa of irraa eegalaa,
Aadaa hubachiisee seenaas si xinxalaa,
Of tuffii balleessa, hamilee kufte kaasa,
Ija jaamte bana, sammuu bilisoomsa…” jechuun hangaftichi artistii Dr. Ali Birraan, walaloo Leensaa Guddinaa barreessiteen wellise. Dhugaa dhugaa caaluu dha. Namni barate eenyummaa isaa beekee, yoo eenyummaan isaa mulqame immoo barbaaddachuuf wareegama barbaachisu mara kafala.

Kana malees aalimni, hayyuu, waloofi bocaan qubee afaan Oromoo Sheek Bakrii Saphaloo walaloo isaa keessatti:
“Namni baratee, qara’ee, dalage,
Biyyaa ol tahee adawwii buqqisaa,
Inni kaan osoo biyyasaaf baratuu
Oduu nadhoo bal’isee saffisaa,
Oduu haaya barachuun hamiluu
Achii taa’ee dubartii bakkisa…….” jechuun namuu akka barachuu qabu walaleesse. Kana malees qabsaa’oonni Oromoo kamiyyuu ilmaan Oromoo barnoota akka dhiisanii qabsaawan hin gorsine. “Barachaa qabsooyna, barachaa bilisoomna” dhaadannoo jettu onnachiiftuufi hamilchiiftuu onnee qeerroo malee, dhaadannoo hamile buuftuufi dagaagsituu doofummaa “Barnoonni Bilisummaa booda!” jettu tana eessaa, maaliifi eenyu akka fide beeku baadhuus garuu tun dhaadannoo diinaa natti fakkaatti.

Dhaadannoon “Barnoonni bilisummaa booda!” jettu tun tan diinaati jechuun koo bu’ura gabrummaa kaleessaa irraa ka’ee haa jedhuu malee garuu qabatamaan namoota dhunfaa tokko tokko dabalatee yeroo baayyee immoo saba-himaa qabsoo ummata oromoo, raadiyoo sagalee Bilisummaa Oromoo ( SBO) irraahiin yeroo takkaaf lama osoo hin tahin irra deddeebi’iin dhagayaa ture. Kana qofaa miti. Raadiyoon SBO hanqina biraatiis ni qaba. Oduu wal fakkaataafi jechootaan illee jijjiirama hin qabne, oduu tan waggaa 10 duraafi tan arraatiis wal fakkaattu baayyee dhiheessuuniis hanqina biraati. Haatahuu garuu jana yoon jedhu garuu SBO komachuuf osoo hin tahin dhaadannoo adeemsaafi haala qabsoo waliin hin deemne kana fayyadamuun sirrii miti jechuu kiyya. Addunyaa tana irratti biyyoonni gabroomaniifi qabsoo bilisummaa gaggeessaa turaniifi jiran baayyee dha. Nu qofaa miti namoota baayyeetu wareegama qabsoo kafalee biyya isaa bilisoomfate. Ani garuu dhaaba qabsoo keenya kana keessatti malee dhaadannoo “Barnoonni Bilisummaa Booda” jettu tokkolleen kan fayyadamaa ture waan jiru nattin fakkaatu.

Hundaafuu yoo qabsooynu adeemsa qabsoo bilisummaa fiduuf saffisnu keessatti wantoota dhaloota daranuu dhoqqee doofummaa keessatti hambisuufi goda dukkanaa keessatti hidhee ba’aa gabrummaa ulfaattuu gateetii irra tursiisuufi funyoo gadhawa alagaatti hidhee gaadi’u irraa of eeggachuun gaariidha. Kana mara dhaadannoo gabaabaa kanatti dhimmamee minnaaguun kiyya kun waa malee lafumaa ka’ee miti. Dhaadannoolee dhaaboonni qabsoo Oromoo fayyadaman hundallee tahuu baatu garri tokko qabsoo qofarratti xiyyeeffachuun ittiin dhaadachuuf malee dhiibbaa hegeree dhalootaa irratti fidduufi si’aa’ina dhaadannooleen san warraaqsa qabsoo keessatti uumtu tilmaamuun tan jedhamteefi moggaafamte natti hin fakkaatu.

Yoo arra dhaadannoolee onnee gootumsuu qofa malee sammuu qaroomsuu irratti humna hin qabne fayyadamne ykn jechoota yeroo gabaabaaf nama mirqaansan kan adeemsa keessa immoo sammuu doomsan kan fayyadamaa deemnu tahe ijoolleen barattu “barnoonni bilisummaa booda” ilaalcha jedhuun haguugamanii hanguma amma ajjeefamaa baratan kanaahu ni dhaabu. Kana jechuun immoo akkuma gaafa sirna nafxanyootaa ammaas ummanni keenya gabrummaa doofummaan haqaaramte keessa tursiisuuf sababa taha. Seenaa qabsoo addunyaa keessatti qaanqeen qabsoo yeroo mara dhaabbiilee barnoota ol’aanoo keessaa wanti qabattuuf barnoonni meeshaa qabsoo guddaa waan taheefi. Akka carraa lammiileen dhaadannoo maxaxxuu akkanaa fayyadamuun barnoota irraa yoo kan uggarru tahe gonkuma gabrummaa jalaa hin baanu. Yoo baane illee immoo gabrummaa takka jalaa bahanii gabrummaa biraa jala seenuun hafa hin qabu shakkii jedhuun qaba. Haala ammaa kanaan dhaadannoolee adeemsa keessa ija nama jaamsu, sammuu doofummaa keessatti hidhaa deemu kana fayyadamaa yoo kan bilisoomnullee tahe akkuma OPDO’ti miseensootaafi hoggantoota kutaalee gadii baratan (under 5) qofaan ijaaramnee bu’aa ummataa caalaa, sirnaan biyya hogganuu daran kijiba qofaan dachii dhiituun marfamuu taati.

Walumaagalatti hordooftoota kiyya kabajamoo! Ani yaada yeroo baayyee sammuu tana na hidhu keessaan tokko fudhadhee, ilaalchaafi hubannaa kiyya irra dhaabbachuun dubbadhe malee eenyullee qeequufi jeequufiis miti. “Wanti ‘aliif’ itti jallate, ‘aliif laam’ itti hin diriirtu”;jedhan Oromoonni amantaa mul’isaa hordofan. Kitaaba qur’aanaa ‘juuza’ ykn boqonnaa sodama qaba. Boqonnaa 30 kana barachuuf kitaaba xiqqaa irraa ‘aliif’n jalqabanii juuza 30 buusan. Juuzni 30 ykn kan xumuraa kun ‘aliif laam’n xumurama. Namni qubee (harfii) ‘aliif’ irraa jallisaa buuse ‘aliif laam’ittiis numa jallisa jechuu isaaniiti. Kanaaf nutiis gabaabdumatti jechoota, dhaadannoowwan, maakmaaksootaa fi kkf, kan waa ijaaruuf, onnachiisuuf, jajjabeessuuf fayyadamnu jalqaba adeemsaafi qabiyyee hubannoo isaa xinxaluun kan hamilee nama buusan keessaa baasuu nurra jiraata jechuu kooti. Akkuma dhaadannoo doofummaa afeertu tan “Barnoonni bilisummaa booda” jettu kanatti maakmaaksaafi jechamoonni dabeessummaa, abdi murannaafi sodaatummaa damboobsaniis hin dhabaman. Kanaaf ani gama kiyyaan dhaadannoo “Barnoonni bilisummaa booda!” jettu tana kana duraas fayyadamee hin beeku, yoomillees hin fayyadamu. Iddoo dhaadannoo tanaa “Barachaa qabsooyna, barachaa bilisoomna!” jettuttiin fayyadamuuf murteeffadhe. Isiniis dubbiin tun nu adeemsifti jettanii yoo yaaddan dhaadannoo ummata keessa doofummatti afaartu tana balleessuun tan ani fayyadamuuf murteesse tana fayyadamaa. Horaa Bulaa!

12187706_185964605073876_5457299555444307206_n______________Xumure____________

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa, 2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa