MAQOOTA JAALAALAAF KENNAMAN?!-Keenyamoo keenya mitii? -Lalisaa Indiris Adam (Nuuressaa) Dhidhiibba@gmail.com

MAQOOTA JAALAALA!?

20160623_124613Akkuma namni hunduu beeku wantoonni ija fooniin argaman martuu maqaa qabu. Maqaan isaanii gargar ta’us lubbu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyiin hunduu maqaa ittiin waamamu dhuunfaatti qaba. Fakkeenyaaf gosoota maqaa jiran keessaa mee maaqa dimshaashaa haa ilaallu Nama, Bineensa, Beelada fi Bineelda jechuu ni dandeenya. Garuu maqaaleen Dimshaashaa kun tokkoon tokkoon isaanii of jalatti maqaa heedduu qabaachuu malu. Nama jechi jedhu ofiima isaayyuu maqaa ta’us kan isa jala jiru korniyaa (saalaan) gargar erga baafnee booda maqaa dhuunfaa tokko tokkoon diddiriirsuu ni dandeenya. fknf, Tolaa, Dureettii, Mootii, Biiftuu, Leellisaa fi Aannanee jechuun maqaa dhuunfaa diddiriirsuun ni dandaa’ama.

Egaa waa’ee maqaa kana waanan dubbadheefan qaba. Oromoon maqaaf iddoo guddaa kenna; keessumaa maqaa Namaaf. Jifuu fi heeda hedduu booda ayyaanaa ilaalee maqaa moggaasa. Waa’ee moggaasa maqaa dhalootaa ilma Oromoo guyyaa biraatti amman beeku katabuuf gamanumaanin waadaa isiniif gala. Gara dubbii ijoo kootiittan deebi’a.

Wanti ani barreessuu yaade maqaa dhalootaa fi maqaa kabajaa kan moggaasa firaa fi hawwaasa gidduu jiraatan irraa argataniirratti. Sababni ani barreessuu yaadeefis waatu marruummaan na bobeessinaani. Innis maali beektuu? Mee barreefamakoo isa kana gadii dubbisaa !

Bara durii jechuun na rakkisaa; maalif beektuu, dhi’ooma kana waggaa 3 durayyuu jechi ‘Maamii, Daadii’ jedhu biyya hin weerarre. Namni yaada qancareen gocha kaleessaaf har’aa xinxaleyyuu dubbii baraa kanaan ‘magan’ jechuu hin hafuu.

Yeroon itti yaadu nan aaraa, ‘maalif?’ gaaffii jedhutu natti nammaa. Kan keenya kan eenyuu gadi taanaan keenya akka boodatti hafaatti ilaallee, kan ormaaf dibbee reebna.

Namoota durii qofa miti amummayyuu naannoo tokko tokko safuu abbootaa keessatti of tiksanii kanneen haadhaafi abbaa isaaniif maqaa hin jijjiirre ni jiru. Akkuma durii sana haadha ofiin ‘Harmee, Ayyoo, Imammaa, Da’ee’ kan jedhu, Abbaa isaatiinis ‘Abbaa, Abboo’ jechuun kan ulfina maatiisaatii eegu hin dhibu. Kan maqaa waliinsaa hin beekamne haadha isaan ‘Mamy, Maamaa, Iteetee fi Itiyyee’ jechaa Abbaa isaatiinis ‘Dady, Daad, Gaashee’ jechuun waammatus ni jira.

Waan nama dhibu ilmi, intalli erga guddattee afaan ofiitti qaana’uun kan ormaatiin maatiisaanii waaman kun warreen utuu dandaa’ameefii silaa lamummaa kana gara Biyya hawwan sanaatti jijjirrachuu warra yaadaniidha. Garuu, hin dandaa’amukaa. Yoo ta’es lamummaa biyyaa qarshiin bitatu malee dhiiga lammummaa jijjiiruun ammaaf hin jalqabne.
Isa qofa miti wanti nama raaju. Maatiin tokko tokkos maqaa ijoollee isaanii akkaataa isaan ittiin waaman nama raaja.

Dur dur yeroo safuu fi aadaan jiru sana hunduu toora qabataadha. Maqaan dhala ofiillee sirna addaa addaan erga dabaalamee moggaasa argata. Maqaa mucaan ittiin waamamu (ttu) cinatti maqaa manaas moggaasuuf. Fknf, yoo maqaan isaa/ishee/ Daddafoo, Jireenyaa, Bantii, Camadaa, Biuftuu, Nagaashee, Ayyaantuu fi kkf ta’e, maqaan manaa immoo Cuucaa, Chuuchaa, Culaa, Cuuchee, Culee, Bucuree, Bixxoo faa jedhanii maggaasu. Amma egaa kan moggaasaa mitiiti namni maqaa kana qabuyyuu nama hedduu biratti akka maqaa boodatti hafaatti ilaalama. Garuu aadaa Ormaa ta’e malee ofiisaaniis maqaa isaanii cinatti moggaasa Abbee, Abbittii, Abbush, Baabii, Beebi jechuun waamamu.

Taajjabbiinkoo kana qofa miti. Dur Oromoon yeroo ilmi isaa fuudhu haadha manaa isaaf maqaa dabalataa moggaasa. Durbi duriis maqaa moggaafamuuf kun gammachuudhaan fudhatti. Itti waamamuus hin qaanoftu. Yeroo ilmi angafaa fuudhu, gosa isaatu yaa’ee Soorettii (Iftuu) jedhee moggaasa. Akkuma angafummaaf quxusummaa isaaniitti moggaasa argatu. Fknf haatii manaa angafaa Soorettii (Iftuu) kan isa lammaffaa Ortuu. Kan isa sadaffaa Owwaattuu, kan isa arfaffaa Dandeessuu. Kan isa shanaffaa Beektuu dha. (Gamanumaan isheen kankootii Ortuu akka taates yaadadhu kkkkkkkkkk…..)

Shamarranni barasiis maqaa kana nii jaallatu, itti waamamuu barbaadus. Warri bara har’aa garuu utuu ittiin waamanii nama dhahuu (arrabsuuf) si’ahuu. Intallis ta’u gurbaan ishee fuudhu maatii isaafis kan isheefus safuu toora eeggate qabu. Isheen akka inni ittiin waamutti waamti. Innis akkasuma.

Isaan qofa miti soddaa ykn namni qomoo ofii keessaa inatala fuudhes kabaja ni qaba. Hin tuffatamu. Akka aadaa Oromootti maqaasaa dhahuun ni safeeffatama. SODDAA ittiin jedhu; maqaasaan hin waamani. Kanaafiyyuu mammaaksi Oromoo ‘Soddaafi surree wajjin kufanii kahuu’ jedhaa. Nama dhiba kan keenya yoomuma jaallanna laataa? Waan ofii balfuun kun amala warra seenaaf siidaa seenaa hin ijaarreeti. Nutimmio akkas miti; seenaa qabaachuufi hojjechuun addunyaan waan nu beektuuf haa sirroofnuun dhaamsa kooti.

Lalisaa Indiris Adam (Nuuressaa)
Dhidhiibba@gmail.com

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa