”Anaa fi Ana”- Asoosama Kumsaa Buraayyuu tiin

Anaa fi Ana
Kumsaa Buraayyuu tiin

index…..“Hindubbatiin!” jedhee erga ajaja naaf dabarsee bubbuleera.‘Dubbii keessaa faayidaan tokko illee waan hinaragamneef afaan kee qabadhuu ta’i’ jedhee guyyuu natti lallaba. Rooba keessa inni na dafqisiisu, aduu saafaa inni na ollachiisu, utuun nyaadhuu inni na huqqisu, inni guyyaa na juurtesse halakan samii gurraachatti ija baasisaa na bulchu ajaja kana ta’uu mirkaneeffachuuf Qaalluu ganda keenya haara-galfii dhorku na barbaachisu. Walii-galtee dhabuu anaa fi qalbii koo jiddutti dhalateef sababni inni guddaan ajaja kana ta’uu isaaf nuti lachuu shakkii hinqabnu.

Erga ajajni ugguraan kun natti kennamee anii fi qalbiin koo gaafii wal hoodna, gaafii ammo wal dubbifna, gaafii wal lolla, gaafii ammo walitti araaramna, gaafii wal deggerraa gaaffii ammo wal danqaa olla. Inni ana, anis isa ta’uu koo yeroo barbaannu qofa waliif fudhanna.

Qaamaan walitti hidhamoo ta’uu keenya warri argan garuu akka waan jiruu fi jireenyaan tokko taanneetti nu hafuusu. Keessa keenya – dhoksaa keenya – icitii keenya hinbeekan. Isaan kun warra utuu hinbeekiin ofumaa halaalatti tilmaamaa oolan sana. Warra osoo hinargiin ragaa bahan, warra shakkiin geggeeffaman – gowwaa gowwoota ta’uu isaanii tasa waan beekan natti hinfakkaatu. Anaan akka nam-tokkeetti kan na ilaalu – garuu ani nama hedduudha. Isaan ana qofa suuraa kaasanii eenyummeessaa isaanii natti maragaa oolu malee jiruu fi jireenya qalbiin koo na malee labsate tasa quba hinqaban. Isaan beekanis dhiisanis, anii fi qalbiin koo addunyaa adda-addaa keessa jiraachuu erga eegallee barri isaa dheerateera. Nu lachuu yaadaan bakka adda-addaa ollee galla, kallattii adda-addattiin bobbana, waan adda-addaa habju’anna. Mul’ata tokkicha irraa dhaanquu wal danqaran tolfannee ittiin wal haleellaa oolla. Jireenyi keenya wal-dhabbiin waan handhurame fakkaata. Ani dhimma koon jiraadha – qalbiin koos dhimma isaa jiraata. Kan nu jidduutti rakkatte qaama xiqqoo bantii keenya irratti teessoo ijaarratte sana – isheen dhihee bari’u haara-galfii hinqabdu – maqaa ishee sammuu jedhanii waamu.

Anii fi qalbiin koo waan hedduu irratti wal mormuu malee walii-galtee erga lagannee gadaa xumuruuf deemna. Calleensa keessa wal waraanna – yeroo nuti lola walitti bannu dhuka’uu rasaasa namni hindhaga’u. Qaamni weegamee ciisu yokaan ammoo madaa’ee rakkamu hinmul’atu. Dhiigni konyeen tokko lafa bu’ee dachee hin diimessu. Namoota naannoo keenya jiraataniif qe’een waan nagaa waaraa qabu fakkaata. Nuti garuu fucha argannee maraan wal gofocaa oollee bulla. Nu lachuu da’annoo golgaa hinqabnetti qaama gatannee ulullee waraana walitti caraansifna. Yeroo ani taa’u qalbiin koo ni deema. Yeroo inni ta’uu ammoo ani gofla/baallee baasee balali’uun barbaada. Wal-danquun hamilee nuuf kenna. Wal abaruun keessa keenyatti angoo nu badhaasa. Wal qeequun sadarkaa beekumsa keenya calaqqisa.

Ofii wal danqinee warra nu irratti rarra’anii jiraatanis dalagaa dhorkna – harki fuula hindhiqan, lafa hinqotan, dalaa hinjijjiran, rakkaataa hingaragaan – bu’aa tokko malee gatittiitti rarra’aa oollanii galu. Iji mana cufatanii addunyaa irraa dhokachuu isaanii labsu. Hidhinis kaarruu awwalu, nyaarri gudunfamanii dirree lolaatti bobba’uu isaanii mirkaneessu. arrabni sagalee hadhaa oomishaa oolti…..

……Yoo akka tasa ta’ee dhimma tokko irraatti wal-taane ammoo; samii fi dachee walitti dhiheessina – gammachuun lafti nutti dhiphata. Wal hammanna, wal shooshilla, wal faarsina, waliif baamsina. Murtee waloo dabarsuu keenya mallatteessuuf harka lameen nutti rarra’anii jiraatan sana walitti rukkuchiifne, wacinee waccisiifnee gammachuu keneya labsina. Afaan kofalchiifna, ija burraqsifna….. Abdii uumnee abdii horra! Abdiin rafnee abdiin kaana! Abdiin qonnee abdiin nyaanna. Ni dhiichifna, ni ragadna – mararreedhaan wal kafanna.

Ta’us …. ta’us, nagaan keenya hanga lola keenya hinwaaru. Dafnee dafnee wal lolla. Waan xiqqootu anaa fi qalbii koo walitti naquu danda’a. Kan naaf bareedaa isaa fokkisa, kan naaf tabbaa isaaf dirreedha. Kan isaaf gootaa anaaf luyna, kan naaf beeka isaaf walaalaadha. Eyyee, waan hundumaa caalaa wal-dhabdeen keenya olaantumma yaadaa nu lachuu ulfoofne irraa madda. Inni na moggeessuuf hirriba dhaba, anis isa ugguruuf abballaa oollee bula.

Dubbachuun mirga koo ta’u isaa qalbiin koo ni haala. Isa malee kanan ani godhu hundi waan gatii hinbaafne fakkeessee na irratti ololaa oola – galgalaa ganama na xiicha. Sodaan mo’amee, afaan qadaddadhee biddena nyachuuf qofa jiraachuu akkan qabu naaf akeeka. Marii isaa malee kanan ani godhuu hundumaa badii madaala hinqabne fakkeesse ittiin na qeeqaa. Sodaa keessa koo guutuuf guyyaa hojii irraa halkaan ammoo habjuun na wareersuu imaammata godhateera. Waan inni dubbii afaan kootii ba’u mara abaaruuf, anis xiiqii facaaseen xiiqii haamaa oola. Guyyaan xiiqii, halakaan xiiqii, mariin xiiqiii, yaadni xiiqii, nyaanni xiiqii, kafanni xiiqii, manni xiiqii……xiiqiin mallattoo jireenya keenya ta’eera!

Anii fi Qalbiin koo wal ilaaluu malee ala ilaaluu kan toobbanne utuu Dhakaa Araaraatti nagaa hindhaamiin dura ture. Nu lachuu wal aboomuuf fiigaa oola malee haalota nu abboomaa jiran irraatti humni nu qabnu akkaan murtaawaa ta’uu isaa qalbeeffachuu hinfeenu. Biiftuu dhoksuu, bona roobsuu, ganna gogsuu hindandeenyu. Kan nu dandeenyu waan tokko qofa – baroota dhufanii darban keessatti wal danquu!

Qalbiin koo olaantummaa of-mogaasee irratti cichee jira. Anis ergan ‘siif hinjilbeefadhu’ jedhee kakadhee bubbuleera. Gaaddisa sodaa jalatti haara galfachuu akkan hinbarbaannee addeesseefin jira.

‘Dubbii afaan koo keessaa bahuuf eyyama si hingaafadhu’ jedhee itti dhaameera. Milli ergaa koo kana isa haa dhaqabsiisuu haadhiisu quba hinqabu.

Garuu ‘Muummicha teessoo keettiitti hinwaaqeffadhu!’ jedhee qalbii kootti dhadachuu koo na yaadadha. Yoo inni na malee kan jiraachuu danda’uu ta’e, anis jireenya koof sababan isa sooruuf hinqabu yaadni jedhu keessa koo guutee dhikkisa. Nu lachuu tokko taanuyyu adda-addummaan keenya xombora caalaa ifaa dhufeera.

“Waliin jiraachuun qofti tokkummaa hinmirkaneessu” jetti sammuun isheen nu jidduutti rakkamaa jirtu.

“Uumamaan walitti hidhamuun qofti dirqiin qaamaa fi qalbii walitti hintaliigu” dabaltee daddabaltee yeroo alaanaltu waan nu waliin uumamuu ishee abartu fakkaatti.

“Egaa kunoo isa kana kan firroonni koo naaf hubachuu dadhaban ” qaanii tokko malee qalbii koo qequufan ragaan qabu hundaa hiriira naqadhe.

“Dhugaa kana osoo sirriitti hinhubatiin ‘maraaticha’ jedhanii quba natti qabu … mashataa naan dhugu” dabaleen lallabe.

“Himata ani qalbii koo irraatti dhiheeffadhu namni ta’ee madaala irra kaa’ee naaf ilaale hinjiru. Duunyaadhumatti gabaa maraatuutti na ramadanii, har’a moo boru kafana gatee qullaa isaa Gabaa Qeelloo keessa fiiga jedhanii na eegaa jiru” … qofaa kiyyaa ta’een harka facaasaa sagalee dheekkamsaan guutameen lallaba. Qalbiin koo garuu burqaa angoo maratummaatti na ramachiisee kana of-fakkeessitee ol hiixachuu barbaaddi.

Jaarsoliin “isin qaama tokko, isin lafee fi foon tokko, adda-adda jiraachuu waan hin dandeenyeef, waliif goomuu qabdu” jedhanii nu araarsuuf dhufan sunis gaaddisa haqaa illee osoo sirnaan hinuumuu bittinfaman. Inumaayyuu akka anii fi Qalbiin ko wal irraa godaannuuf sababa ta’anii laata jedheen shakka. Iyyanii nu iyyisiisanii furmaata tokko malee bakka dhaabbannutti nu gatanii deeman. Anii fi qalbiin koo akka nama himata dhiheeffatuti harka raasaa, kan nu keessa danfu ittisa tokko malee futtaafachiifnuyyu jaarsi nu dhageeffatee furmaata nuuf akeeke hinjiru. Hundumtu nutti kolfaa gara silaa akeekkatetti sussuke.

Qunnamtiin anaa fi qalbii koo jidduu jiru guyyaa irraa guyyaatti jijjiiramaa oola. Gaafii calleensaan dhuufatama – anis innis jechaan hamaa waliitti hindubannu. Garuu nagaa waliif laannee hiree fi dandeettii qabnuun qaama nu lachuu keessa jiraannu sana hintajaajilu. Kaleessa irratti wal ooduuf waan murteeffanneef boru irraatti mariyachuuf dandeettiin keenya xiqqaadha. Eelaa kaleessaa dhidhiibuu irratti waan bobbaaneef qophiin nuti boruuf qabnu bitintiraadha. Kaleessii har’aa fi boru caalaa keessa keenya dhuunfateera. Kaleessa, kaleessa, kaleessa! ….. kaleessaaf wal abaarra, kaleessaaf wal shakkina, Kaleessaaf wal lolla, kaleessaaf jiraanna!

Nagaan keenya kaleessa irratti hunda’e, haaraarri keenya kaleessa irratti rarra’e, mariin keenya kaleessa irratti borcame – abdiin keenyas kaleessa irratti hidhamuuf laataa? – na yaadassa!

…“Maraatuun yaada’ees dhiisees maal dabala? “ qalbiin koo ammas dabaltee dubbiin na waraante.

“Yaaddoo maraatuu eenyu beeka – Yaadaa maraatuu eenyuti hubata?” qalbiin koo ofii kolftee nama natti kofalchiisuuf miixatti.

“Maraatuun qoosaaf umame – kolfanii bira darbu malee waan isa maraache qorachuun gowwumaadha” jette na saaxilti.

“Maal haa baasuuf maraatuu qoratu?” akkan ani of jibbee guyyaa saafaa galanatti of darbuuf na dhiibdi.

Gaafii ammoo toftaan lola keenya akeekkachisaa tokko malee jijjiirama. Olola ukkamamaa sana bira tarree lola toftaa hinqabne walitti banna. Iyyinee wal iyyisiifna. Keessaan wal goolla, keessaan walitti dheekamna, keessan wal jala dhaabbanna, keessaan wal danqina.

Yoo namootni wal lolan ollaatu dirmata, maanguddooti araarsa. Yoo namni of lole, yoo sabni of lole eenyutu araarsa? Isa of jibbu, isa of inaafu, isa of morkatu, isa of hadheessu attamiin araasita? Eenyuttiin qalbii koo himachuu danda’a, eenyuti dhugaa naaf muur?

Safuu …… nama of lolu ilaaluun akkam nama ajaa’iba! Harki miila abaara, funyaan ija hamata, garaan dugda qeeqa, arrabni gurra hadheessa – qalbiin koo na moggeessa!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa